Telegram Web Link
☆☆﷽☆☆

#HIN #AARIN?! .....😡

#لا تغضب.....😡؟!
Ahbaabii jechi tun jechuma qaldii fakkaatti garuu...
faayidaa guddaa qabdi... nama itti fayyadameef...
miidhaa guddaa nama miiti.. nama itti fayyadama isii wallaalee..
#aaraa ooluuf....
Mee seenaa tana na waliin bohaaraa......
°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
■Gaaf tokko Namni akkaan aaru tokko... keessummaa ta'ee mana namaa dhufe. "Marhaban😊"jedhanii qeebalaniinii.. iraanni qophaa'e sana booda .... Abbaa manaa , haadha manaa, fi keessummichi waliin iraata nyaatutti seenan... osomaa nyaatanii haadha manaatiifi abbaan manaa xiqqoo afaan walitti badan( wal arrabsan.. /wal lolan) eegasii abbaan manaa ka'ee haadha mana isaa tumuu eegalee( abbaa irree fakkaata😁) .. sana booda keessummichillee nyaata irraa ka'ee abbaa manaa waliin isii tumuu eegale🤔.
Haaaa..." ani silaa jaartii tiyya tumaa jiraa ... ati addaan nu qabuufuu.. na waliin isii tumtaa????!!!"jedheen abban manaa....
keessummichis deebi'ee akkana jedheen..... "bar obboleessoo... waan kana harka, harkaan fixnee.. nyaata keennaatti
deebi'uufi😄😄!! jedheen....
kanaaaf ati bakka deemtuu fi teettu maratti tasgabbaa'aa namaa ta'i..... ykn kunoo akkanatti jaartii namaa tumta... 😁
Ee miskiina wlh... kanaaf

💎hin aarin .... Aarin bakka hintaane si dhaabdi...
💎
#hin aarin aariin gad aanaa namaa si gooti.
💎
#hin aarin... Aariin nama biratti jibbamaa namaa si gooti...
💎walumaa galatti....
#AARIIN... gocha nabiyyiinﷺ irraa si dhooggee fi waan jiruu teetiitti gufuu ta'u irraa si fageessani....salawaatu rabbii wasalaamuhuu alyhi...
share👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
✍️ Qabeenya ilma namaa keessaa inni mataan ykn guddaan sammuudha….!!
☆☆☆﷽☆☆☆
#کل الناس یغدو......
Namni martuu ni bariisifata....
●gariin lubbuu isaa bita..jahannam jalaa..hojii gaggaarii dalagee...
●gariin lubbuu isaa halaaka..jahannamitti..
eega bariisifatee hojii hamtuu taate dalagee.....
kanaaf lubbuu tee bitaa jirta moo halaakaa jirta..eega bariisifattee...ammuma of laali....

https://www.tg-me.com/tafak_or
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
✍️ Post kankee; suuraadhan kankee; text fi xalayaadhan kankee; haasaa fi barreeffama kankee…akkasuma sagalee yaamicha bilbila kee irra deddeebi’ii toohdhu mee….!?
Wanti hunduu si ilaallata…wanti hunduu jireenya kankee kan boruun wal qabata….!!

Ergasii jecha hayyuu keenyaa Imam Ashaxibii xiinxlli…;
« Nama erga inni du’ee badiin isaa isuma wajjiin duuteef jannatatu jira…Azaabni dheeraan nama erga inni du’ee, badiin isaaa isa booda waggaa 100 ykn 200 turuudha…isimaan qabrii keessattis qixaatama…hanga isiin asirraa baddutti irraa gaafatama….»
"طوبى لمن مات وماتت معه ذنوبه، والويل الطويل لمن يموت وتبقى ذنوبه مائة سنة ومائتي سنة، يعذب بها في قبره ويُسأل عنها إلى انقراضها.

Keessattuu warri Facebook; TikTok fi YouTube qabdan…warroonni Chanala adda addaa qabdan dhaamsi kun keessatti isin ilaallata……galatoomaa

Share👇🏻

https://www.tg-me.com/tafak_or
✍️ Qabeenya, haala jiruuf jireenyaaa fi fayyaa keessatti nama sii gadi jiru ilaali…!
Diinii, beekkumsa, haalaa fi amala keessatti nama sii ol jiru ilaali….
✍️ Nama sirraa uf dhiibutti dhihaachuuf hin kajeelin…salphinnaa fi xiqqeenyaan biraa deebita waan taheef…!!
Nama si barbaadurraahis uf hin dhiibin…gosoota dhala namaa miidhan keessa ooltaa…Nama sitti kalaahurraa fagaachuun gaarummaa dhabuu kee muldhisa…!!
✍️ Iccitii silaa sirritti dhoksuun sitti dirqamaa…obboleewwan kankeetis taatu kan biroottis baastee hin facaasin…maaf nama iccitii koo naaf eega jettee yaaddu..nama nama hundaa ol sitti dhihaatus hin tahin….!!
✍️ Seera “dirqama yaanni koo fudhatamuu qaba " jedhuunis nama hin gorsin..!
Seera yaamichi koo awwaatamuu qabaanis manguddummaa hin deemin…Seera galata namarraa argadhaatiinis baastee namaaf hin kennin….

Garuu isa caalu fayyadamuudhaan deemi…hanguma dandeesseen xiyyeeffannoon kee guddaan ergaa dabarsuu, nama walitti araarsuu fi gaarii hawaasa keessa faffacaasuu haa tahuu…
✍️ Yoo nama tokko gorsuuf yaadde, ol baastee osoo hin taane iccitiidhaan gorsi…hawaasa keessatti dirree baaftee osoo hin taane, mana keetitti affeerii gorsi…kallattii kanaan deemtee yoo galuufii dide garuu quba itti qabuunis, badheetti wal baasuunis bareeduma….!!

Galatoomaa….!!
Share👇🏻

https://www.tg-me.com/tafak_or
Gaazaa keessatti hanga hardhaa…..👇🏻

October7 irraa kaasee hanga hardhaatti…:
Namoonni 40786 shahiidaniiru…kan miidhaan itti qaqqabe immoo 94224….
Kan biyyaa baqatee fi kan bineensaan nyaatame…kan beelaan dhume hoo meeqa laata?!

Allaah….Birmannaa kee🤲🏿
Aljeziraa irraa
https://www.tg-me.com/tafak_or
#Way_Fayyaa
Qaadii Huseen Lafeen Dugdaa Isaa Miidhamtee Bakka Ciisetti Aadaara.

#Way_Duniyaa
Kalee Akkuma Kiyyaa fi Kee Fiigee Utaalee Taphatee Jiraata ture. Jireenyi kana Qabdi.

Yaalamuuf Qarshii Miiliyoona Afurii ol gaafatame #Nabiraa dhaabadha_Nadhaqqabaa Jedhaara Ilmi Biyyaa Qaadii Huseen.

Waan Qabdaniin Bira Dhaabadhaa, Waliin Taanee Haa yaalannuu.

#Gumaacha_Keessan Itti haa fufuu

Kadi Husen Girii
CBE:- 1000265788762
COOP:- 1000083311766
Awash:- 014251309456800

Odeeffannoo Dabalataaf
+251988770707

https://chat.whatsapp.com/KYtKyLmxTRj6fEQBcynA3E

https://www.tg-me.com/gargaarsa_abbaa_jabal

#AMALOOTA.....#NAMA BOONUU.....
Namni boonu haqa hin fudhatu.....
Kan isaa malee wanti gaariin namootaa itti hin mi'aawu.....
Namarraa barachuufii
#haqa fudhachuun itti ulfaata.....
Baay'isee galata jaalata....
Yoo dongongorri isaa itti himamu ni dallana/aara...
Tola namootaaf godheen of dhaadata.....
yoo amala kanneen qabaatte....of laali
🔸
#ABSHIR immoo qorsa/dawaa boona balleessullee siif hima insha allh....

https://www.tg-me.com/tafak_or
✍️ Abjuu kankee kan ajjeesus, kan jiraachisus sima…osoo jireenya hamaa keessallee jiraattee abjuu kankee gad hin lakkisin…!!

#tafak_or
✍️ Salaanni fajrii yoo si jala dabre…Erga subhii salaattee salaata duhaa boodaan salaati.
👉🏼 Salaata shanan keessaa takka yoo si jala tarte…salaatii boodaan sunnaadhan salaati…!
👉🏼 Ganama badii wahii yoo dalagde,…hamma dandeesseen halkan kaatee salaatuu yaali..
👉🏼 Yoo azkaarri ganamaaf galgalaa si jala kute….fuula lamaas taatu qur’aanarraa qara’i…
👉🏼 Badii takka yoo dalagde…duubaan dafii keeyrii wahii dalagadhu…!

Rabbiin (Subhanahu wata’ala) akkana jedha…:
" إن الحسنات يذهبن السيئات" ❤️
” Toltuun hamtuu namarraa haqxi/deemsisti…."

Share👇🏻

https://www.tg-me.com/tafak_or
✍️Waan siif Kenname Yoo Beeyte Waan Dhabdee ni Irranfatta.

-> Kan Dhibame............ Osoon Fayyaa qabaadhee.

-> Kan Miskinaaye ...... Osoon mallaqa argadhe.

-> Sooressi......... Osoo Aangoo Qabadhee

-> Dadhabaan..... Osoo humna argadhee.

👉Osoo jedhuu Dalagaa Kheeyrii meeqa dabarsaa. Waan Nuuf hin kennamin osoo lakkooynu, Waan guddaa Allahaan nuuf kennen isaa galaatonfachuu dhiisnee gabrootaan isa gaarii tahu nu dhorgee jira.

Yaa Allah Warra Tola ati nutti Oolte beeke si Galatonfaturraa nu godhi.🤲🤲
🌹الحمد لله يا الله على كل الخير الذي فعلته لنا🌹
✍️ Yeroo hundaa filannoo lama qabda:
Takkaa rakkoo sanaaf furmaata kennuu…ykn daftee bira kutuudha…
Bira dhaabbattee ilaaluun garuu waa takkaafuu sin qarqaaru….!
✍️ Jaalala sirbaa onnee kee keessaa baasuu ni barbaaddaa…!?
Tartiiba armaan gadii hordofuu qabda. Isaanis:

1) Salaata shanan yeroo isaa eegdee kushuu’aan salaatuu qabda..
2) Sirboota bilbila kee keessatti fe’atte ykn waraabde hundaa dursitee haquu qabda…
3) Qur’aanaa fi Nashiidaalee islaamaa tan seera shari’aa islaamaa guuttatte ganamaa fi galgala dhageeffachuun..
4) Bakka sirbaa sana qur’aana ykn Nashiidaa bakka buusuudhaan..
Araada tokko yoo dhiiste..bakka sana araada biraa bakka buusuun wantoota sanitti akka hin deebineef si qarqaara….
👉🏼 Suusii sirbaa irraa gara suusii Nashiidaa fi qur’aanaa ol siiquu qabda…!

👉🏼 Yeroo hundaa yaadadhu: Qur’aanaa fi sirbi qalbii takka keessa yoomuu wajjiin jiraachuu hin danda’an…takka keessaa filadhu…
5) Nama biraatiifis ergaa tana dabarsi maaltu beeka…atis fayyadamtee nama biraas fayyaduu dandeessaa…
Gaafa ergaa tana namaaf dabarsitu…namni sun maal naan jedha jechaafuu irraa uf qusatta…

Share

https://www.tg-me.com/tafak_or
✍️ Imaamu Ahmadiin (Rahimahullaah) beektuu….!!?


👉🏼 Guyyaa tokkotti Raka’aa 300 salaata…erga tumaan laaffistee booda immoo wayta dhibee isaa keessa guyyatti raka’aa 150 salaata….

Ilma isaaniittu seenaa tana nuuf hime….
Imaama Ahlussunnaa fi waljamaa’aa(Rahimahullaah)…
Anaaf ati garuu guyyaatti raka’aa 17n waajibaatuu salaatuun gaara caala nutti ulfaata…!!

Garuu Jannatuma isaan hawwan sana hawwinaa laata….Yaa Allaah Rahmata kee….!!

https://www.tg-me.com/tafak_or
2024/09/23 15:26:56
Back to Top
HTML Embed Code: