Telegram Web Link
#Humnaa_ol.....!!

Sadarkaa Sababa gahaa namaaf ibsitee... sababni kee isaan biratti fudhatama dhabee jennaan... dhumarratti uf dadhabbii irraa kan ka'e, badii kankee hin taane keessatti boqattee/afattee raftee beektaa....!! 🤔

@tafak_or
Kan na madeesse hunduu na jabeesse....!!


Haa galatoomu inni


@tafak_or
Hiriyyaan gaariin dasii ijaa fi qalbiiti....!!
«الصّاحب الصالح، قُرَّة للعين والقلب.»🫀
Tafakkur family ummata Tasgabbii qabu, ummata bilchaataa..., Ummata jaalalaa.. baay'ee galatoomaa... yeroo hundaa naanusa kana isinirraa barbaada...

Galatoomaaa...
🌷 Nama fayyaan kee isaaf dhibeettu jiraa beeki...🫵
Arabni akkana jette:

مصائبُ قومٍ عند قوم فوائدُ .
Balaan/miidhamni nama garii, nama gariidhaaf bu'aadha...
👉 Nutis asumarraa qabsiifannee: Gammachuu fi guddinni nama garii, nama gariidhaaf gaddaa fi salphinna tahee muldhata....
Namni gariin, kan keeyrii tantee dhagahuun isa maraachitutu jira wlh...isin hin garree hanga hardhaa...!

Balaan isaa guddaan simaa gammadaa deemtu, simaa keeyrii irra jirtuu fi haala gaarii keessa jirtu arguudha...
Kanaafuu gammachuu keessan nama hundatti hin himatinaa...akkuma kan siif gammadu jiru, kan sitti gammadus jira waan ta'eef...!!

https://www.tg-me.com/tafak_or
✍️ Dubartoota Rasuulaa keessaa (Sallallaahu aleyhi wasallam) , dubartiin maandhaa tami___?
Anonymous Poll
28%
A) Safiyyaa (Radiyallaahu anhaa)
52%
B) Meymunaa (Radiyallaahu anhaa)
31%
C) Zeynabaa (Radiyallaahu anhaa)
#Xuweysiin beektu mitii ?!






Booda isinitti himaa Mee namicha falfalaa kana... 😁
🫵 Ibsa gabaabaa waa'ee dubartiin qur'aana laguudhaan osoo jirtu harkaan tuquu dandeessi moo hin dandeessu jedhu irratti .

بسم الله الرحمن الرحيم
Assalamualaikum warahmatullaahi wabarakaatuh jechaa....
https://www.tg-me.com/tafak_or
Jalqabas akkuma isiniin jechaa ture... irra deebiidhaanis baga gammaddan ijoolleen shamarranii jechuu barbaada.
👉 Dubartiin islaamaa takka yeroo xuriin laguu irra jirutti qur'aana tuquun ragaa qur'aanaa fi hadiisarraa qabsiifameen dhoorkaa akka hin taane isiniif ibsuu barbaada. Ragaan mataduree kanaan Wal qabatee haraamummaa ibsu Ragaa laafaa tahuu isiniif hima.
Tafsiirri Aayata xahaaraan malee hin tuqan jettuu...
لا يمسه إلا المطهرون
Tafsiirri inni dhugaa
akkuma Aayata salaatatti hin dhihaatinaa jettuuti...
#1ffaa:.... Qur'aana xahaaraadhaan qara'utu irra filatamaadha waan jedhuun wal qabsiisee...wal dhibdeen takkas hin jirtu... Qur'aana kalaama Rabbiitiinis kan malu xahaaraadhaan dubbisutuu irra bareedaadha...
Akka Rasuula irraa nu dhaqqabetti (Sallallaahu aleyhi wasallam) Rasuulli maqaa Rabbii "Salaam" kan jedhamu xahaaraa malee maqaa dhahuu
didanii jiru....
Rasuulli akkuma fakkeenya qullubbii nyaachuu hin jaalanne, kanas didan... qullubbii nyaachuu diduun isaanii haraamummaaf osoo hin taane.. hafuura saniin Rabbiin maqoo bahuu diddaadhaaf...!!
Kuni Istihbaabaaf... ykn waan jaalatamaa fi filatamaa wahii tahuu isaa ibsa malee waan biraa miti.
#2ffaa: Dubartii laguun jirtuu fi dhiiga dhalaatiin jirtuuf qur'aana harkaan tuquun Haraamaa ?! isa jedhuuf....
#Deebiin...
Haraamaa miti.. qur'aanaa fi hadiisarraa ragaan haraamummaa kennu hin jiru waan ta'eef....
Amma waa'ee qur'aana qara'uu osoo hin taane, harkaan tuquudhaati kan dubbataa jirru...
#3ffaa: Warroota Aayata qur'aanaa
لا يمسه إلا المطهرون
Jettuun ragaa godhatanii, qur'aana heydiidhaan tuquun dhoorkaadha jedhaniin hoo maal jenna.

#Deebiin....
#1) Aayanni jalqabumarraahuu waa'ee qur'aana gidduu keenya jiruu tuquu fi tuquu dhabuu osoo hin taane... kitaabal-maknuun/ Kitaaba dhokfamaa ykn Rabbiin biratti tikfamaa, samii keessa jiruu sana haasahaa jirti..
في كتاب مكنون.....لا يمسه إلا المطهرون
jedhaa jirti....
Kanaafuu aayanni qur'aana Rabbiin bira jiru san irraa haasawaa jirti....
Sahaabaan guddaan Abdallaa binu Abbaasis Kitaaba samii keessa jiru tahuu isaa nuuf hime.
عن ابن عباس : ( لا يمسه إلا المطهرون ) قال : الكتاب الذي في السماء .
#2) Qur'aana keessatti Muxahharuun/مطهرون jechuun warroota wuduu'a qabanii fi hin qabne jechuu osoo hin taane... ummata qulqulluu #Malaa'ikaa jechuudha...
Kanas warroonni gurguddaan Abdallaa binu Abbaas irraa eegalee hiika kanatti hiikanii jiru..Akkuma sana Anas, Mujaahid, Ikrimaa, Sa'iid binu Jubeyri, Dahaak, Jaabir fi Abdurehmaan binu Zeydi binu Aslam fi fakkaattonni isaanii hedduun akkana jedhanii jiru.
عن ابن عباس : ( [ لا يمسه ] إلا المطهرون ) يعني : الملائكة . وكذا قال أنس ، ومجاهد ، وعكرمة ، وسعيد بن جبير ، والضحاك ، وأبو الشعثاء جابر بن زيد ، وأبو نهيك ، والسدي ، وعبد الرحمن بن زيد بن أسلم ، وغيرهم .
Kanaafuu Mushafa Lowhal-mahfuuz keessa jiru san malaa'ikoota keessa warroota Rabbitti dhiheenya qaban qofatu tuqa jechuudha...!!
#3) Aayanni tun Kabariyya/خبرية jedhamti... Rabbiin murtee dabarsaa jira osoo hin taane... qabatama haala yeroo keessa jiran irraa haasahaa jira...
Hin tuqinaa jedhee murtee kennee osoo hin taane, ummata qulqulluu San malee namoonni biroo hin tuqanii bar jedhee nutti himaa jira.
hin tuqinaa jechuu miti... nama hedduu akkas itti fakkaatee dogongora keessa seeneera.
👉 Rabbiin Aayata tanatti ilma namaa hin banne walumaagalatti...
Imaamu maalik akka gabaasanitti aayanni tuni akkasuma fakkeenya Aayata Suuraa #Abasaa keessa jirtuudha jedhan...
كلا إنها تذكرة....فمن شآء ذكره.....بأيدي سفرة...كرام بررة....
Safaraan bakka kanatti malaa'ikoota qulqulluu sana.. warroota Kitaaba San tuqaniidha jedhe...
@Ibroo

Share👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
#4) Rabbiin Muxahharuun/مطهرون wayta jedhu.... Ilmi namaa sadarkaa kanatti qulqullinni kennameefii jiraa...
Hanga fedhe sadarkaan keenya guddatus ilmi namaa qulqulluu hin jedhamu...
Ilma namaa tahee qulqulluu kan tahe hin jiru.. Qulqulluu warri jedhaman warroota akka malaa'ikoota fi Anbiyaa, Rusultoota...
Ilmi namaa Muxahharra/مطّهر osoo hin taane Mutaxahirr/متطّهر
فيه رجال يحبون أن يتطهروا....
إن الله يحب التوابين ويحب المتطهرين....
4ffaa: Kanaafuu cuunfaa dubbii Ragaan jiru qur'aana hadasa xiqqaa qabaattee guddaa... qara'uu fi tuquus akka dandeessu asirraa argannaa jechuudha...
Garuu kan filatamaadhaa... ykn irra caalaan Xahaaraadhaan tuquudha....

Kun cuunfaa Imaama Muhaddistootaa.... Sheeka Allaamaa Naasiraddiin Al- lbaanii (Rahimahullaah)

Waan dubbistaniif galatoomaa ulfaadhaa.... kabajamaa....
✍️@Ibroo keessaniin

Chanala keenya Share gochuu hin dagatinaa👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
Live stream finished (9 minutes)
Rasuulli ( Sallallaahu aleyhi wasallam ) dubartoota/haadha manaa meeqa qaban ?
Sababaan isaan dubartii heddummeeasaniif maali ?





comment 👇
Haasaan bareedaan kan qubee xiqqaatu, kan firiin isaa heddummaatu, kan qalbii namaa keessa gadi fagaatuudha...!!

Kanaafuu barreeffama gabaabaa ergaa dheeraa qabu waliif barreessaa yeroo hedduu...
guddateef dubbii fardatti hin fe'an jedha oromoon...!!

Oolmaa gaarii....
https://www.tg-me.com/tafak_or
#Dubrummaa.....🙈
(Rabbiin haqarraa hin saalfatu)

Shamarran dubrummaan jiran fuudhuu fi gursummeettii fuudhuu keessa garaagarumman gidduu jiru maali_?

1) Isheen jaarsa jalqabaa sana malee hin jaalattu... jaalalli jabaan kan jalqabarratti jaalatan sana...!
2) Abbaan manaa ishees akka malee ishee jaalata, irraa hin dheessu,... Adaamatti ilmi namaa waan tokko keessatti durfamuu hin jaalatu...
Nyaata tokko irraa nyaatanii osoo siif kennanii, qalbiin tee hagam fudhatt!?
3) Tan dubrummaan heerumte, amala abbaan manaa ishee qabu hundaa almost ni fudhatti, namni isheen jalqaba bartes, namni isheen itti boohartes isuma waan taheef...
Tan yaalii gootee argite garuu, Amala kan duraa irraa baratte sana kanarraa yoo dhabde hin jaalattu....!!
4) Tan dubrummaan jirtu sanatu gursummeettii caala Abbaa manaa ishee jaalata....
5) Rabbiinis warroota dubrummaan jiran qur'aana keessatti faarsee jira...
6) Garaan ishees hin faalamne qulqulluudha...
7) Ajriinis kan dubraattu irra caala...
8) Ergamaan Aalamaa (Sallallaahu aleyhi wasallam) Maaliif tan Durbummaa qabdu, tan taphattee si taphachiistu hin fuune jedhaniin Jaabiriin (Radiyallaahu anhumaa)...
9) Dubartiin dubrummaan jirtu homa xiqqotu ishee gammachiisas... Tan mana hedduu baratte... ka duraa Suni bar akkana naa tahaa jetti...
10) Kabajaa fi ulfinni isheen siif qabdus.....dachaa gursummeettiiti....
🖌@Ibro

Share our link 🖇️ 👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
Forwarded from Nasiha mohammed

اَلسَلامُ عَلَيْكُم وَرَحْمَةُ اَللهِ وَبَرَكاتُهُ‎♡♡
Yaanni kiyya gaarii ta'uu danda'a ta'uu dhabuu dand'a yoo sirrii ta'e fudhachuu ykn naaf sirreessuu isin gaafadha.
Ee dhugaadha dubrummaa maal akka ta'e haala garii fi ifaa ta'een nuuf ibsitan.
Garuu yeroo amma kana akka yaada kiyyaatti dubartoota baranaa fuudhuu irra dubartoota asiin duraa gursummeettii fuudhuu wayya.
#DUBARTOONNI isin miidhuuufii miti.... akkasitti nan hubatinaa wahiif jedhee
wanni akkas jedheef: -
👉 Dubartoonni ammaa fi dhiironni ammaa osoo hin heerumin, heeruman.
Osoo hin fuudhin , fuudhan.
👌 Kana jechuun irra hedduun dubartootaa isii rabbiin rahmata godheef malee.....
👉 Dubartoota dhiirota ajnaba isaaniif tayan waliin haasawani akkasuma kophaa bayan.
👉 Dhiironnis akkasuma.
Akkan ani dura ofitti himee eegasii isinii himmutti jecha rabbii hin dhageennee nuti: -
📖{ قال الله تعالى ولاتتبعو خطوات الشيطان ،ومن يتبع خطوات الشيطان فإنه يأمر بالفحشاء والمنكر۔۔۔۔۔۔۔۔}
Sheeyxaanni edaa takkumaan nu hin dagu step qabaa jennee maa of eegui dhabne.....
Hin dhageennee jecha ergamaa rabbii s. a. w.
📝{ قال ﷺ .......لا یخلون رجل بمرءة فإن الشیطان ثالثهما..}.
hadha hedduun keena dagama jirra .
Jecha kana hoo
📖{ قال الله تعالى............. والطيبات لطيبين والطيبون لطيبات...... }
🫵 Nuti hadha eessaa haadha manaa gaarii barbaadaa jirra akkasuma abbaa manaa........ ????!!! 🤔🤔
🙏🙏Dhiifama haala beekumsa hin qabneen harki kiyya adbachuu didee carraa tanatti fayyadame.
Afwan lillaah. 🙏🙏🙏
2024/09/24 17:23:19
Back to Top
HTML Embed Code: