Telegram Web Link
#Afaan_kee.....🤫

Nama baadiyaa tokkoon yeroo tokko akkana jedhamee gaafatame:

Sila ati maaf intala hin fuune (Don’t you get married?)
👉 Badiyichis akkas jedhee gaafateen:
Obboleetti bareeda Diinii qabdu qabdaa (Do you have a religious and beautiful sister?)
Namichi gaafates lakki ani obboleetti akkasii hin qabuu jedheen ..

#Baadiyichis: Ergasii maaf afaan Kee hin cufne ree narraa (Then close your mouth... 😂) jedheen jedhama.

Akka waan namaa waa qopheessitee yoo nama gaafattu.... hin saalfattuu.... hhh

Share👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
#Share.....

Maanaajarri Baankii Abisiiniyaa Alam Ganaa,jibbba Amantii islaamaatiif qabu ifatti argisiisee jira,Baankiin tarkaanfii hatattamaa fudhatuu dhabe taanaan,wanti Akkawuntiin muslimaa jara bira taa’uuf tokkolleen hinjiru.
Nama karaa irra dhaabbatee da’waa godhu,karaa irra dhaabbatee daangessuuf mirgi isaa laatame hinjiru.
የአለም ገና የአብሲንያ ባንክ ቅርጫፍ በግልፅ ሙስሊሙን ማህበረሰብ ይቅርታ ሊጠይቅ ይገባል፡ባንኩ የወሰደውን ርምጃም ሊያሳውቅ ይገደዳል፡አለበለዝያ መነገጃ ልንሆን አይከጀልም።

https://www.tg-me.com/tafak_or
#Dhiirti_tana....

Irra collee fi qaroon Abbaa warraa... isa haadha manaa isaa irra jalaatamaa fi irra filtamaa maqaatiin yaamuudha....!
‏أذكى الأزواج ، الذي ينادي زوجته بأحب الاسماء .‌‌

👉 (በጣም ብልህ ባል ሚስቱን በጣም ተወዳጅ በሆኑ ስሞች የሚጠራው ነው)
The smartest husband is the one who calls his wife by the most beloved names.‌‌

(Ija tiyya fa'i jedhaan.. 😁)
https://www.tg-me.com/tafak_or
Qur'aana keessatti bakka heddutti jechi Asbaaxa/والأسباط jedhamu ni dubbatama. Asbaaxa jechuun____?
Anonymous Quiz
22%
A) Ilmaan Nabiyyallaahi Yuusuf (Aleyhissalaam)
58%
B) Obboleewwan Nabiyyallaahi Yuusuf (Aleyhissalaam)
20%
C) Ilmaan adaadaa Nabiyyallaahi Yuusuf (Aleyhissalaam)
Amma maaltu hirriba si dhoorge____?
Anonymous Poll
22%
A) Jaalala
31%
B) Barnoota
62%
C) Yaada
Wanti hunduu ni dabra... garuu hundi hin dagatamu.....!!

@tafak_or
🫁 Qalbiin tee maaliin guutamte laata____?

Qalbiin ilma namaa tuni akka fakkenya kubbaayyota bishaaniiti. yeroo garii waan mi'aawaadhaan, yeroo tokko tokko immoo waan hadhaawaadhaan guutama. yeroo tokko tokko duwwa taa'a....
Nama qalbii isaa zikrii Rabbiitiin guute malee... namni akkasii qalbiin isaa yoomuu qullaa hin taatu....!
*💠 القلوب كالكؤوس تُملأ بأشياءٍ حلوة و أشياءٍ مُرة وأحياناً تبقى فارغة إلا من ملأ قلبه بذكر الله فإن كأسه لا يفرغ أبداً.*

*💠 Hearts are like cups.
They are filled with sweet things and bitter things, and sometimes they remain empty. Except for the one who fills his heart with the remembrance of God, his cup will never be empty.*

*سبحان الله والحمد لله ولاإله إلا الله والله أكبر..*
✾•🌹💦🌼💦🌹•✾‌‌

👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
Arkaanni/Rogoonni Wuduu'aa meeqa______?.... Isaanis
Anonymous Poll
34%
A) Arkaana 3
17%
B) Arkaana lama
45%
C) Arkaana 4
23%
D) hin beeku...
#Furmaanni_tasa_dhufa...

Beellama dhaabbataa hin qabu; bakka dhaabbataa fi bifa addaa hin qabu...osoo ati hirribaa hin kaane Rabbiin oofee furmaata sitti fiduus danda'a.
Sihii dhimma biraa keessa seentee busy taatee jirtuu dhufuu danda'a.
Furmaanni sitti himee osoo hin taane, osoo ati quba hin qabne surprise waan si godhuudha..
Mu'imina bubbeen furmaata yeroo kamuu onnee isaa keessa bubbisti...!

👉 Kanaafuu Rabbiin yeroo kamuu furmaata gaafachuu hin dagatinaa...
Gaafiin teeysan hundi deebii haa argattu inshallah...!

Share👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
#Duniyaa_fi_bishaan
(Iccitii guddaa qur'aana keessa jiru....)👇
( وَاضْرِبْ لهم مثل الحياة الدُّنْيَا كماء أَنزَلْنَاهُ من السماء فَاخْتَلَطَ به نبات الْأَرْضِ فأصبح هَشِيمًا تَذْرُوهُ الرياح ۗ وكان الله على كل شَيْءٍ مُّقْتَدِرًا)

Rabbiin qur'aana keessatti jiruu duniyaa tana bishaanitti fakkeeyse, maaliif beektuu____?
Imaam #Alqurxubiin (Rahimahullaah) akkana jedhan, Rabbiin iccitii armaan gadiitiif duniyaa bishaanitti fakkeeyse. isaanis:

1) Bishaan bakka tokko gadi hin dhaabatu... akkuma sana haalli jiruu duniyaa kunis oli gadi...!
2) Bishaan ni deema.... ni dhumata... akkasuma duniyaan tunis waan dhumataa wahiiti.
3) Namni bishaan keessa seenee, osoo bishaaniin hin jiine keessaa bahu inuma hin jirre... akkasuma namni duniyaa tanarra dhufee osoo hin qormaatamin asirraa deemus inuma hin jirre.
4) Bishaan yoo likkitti itti fayyadaman bu'aa namaaf buusa... humnaa ol taanaan garuu qilee nama buusa/ halaaka... haalli duniyaas...

Maddi isaa👇
📚: الجامع ﻷحكام القرآن - القرطبي

Share👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
📞 Qur'aana keessatti Suuraan qubee Afaan Arabaa hundaan barreeffamte suuraa kami____?
Anonymous Quiz
30%
Suuraa Asrii
21%
Suuraa Dukaan
49%
Suuraa Fathii
Jum'aa hawwii fi hamilee keessan hunda keessatti argattan Rabbiin isiniif haa godhu.
لَعلها جْمعة قـبول أَلأمنيات.
𝒎𝒂𝒚 𝒊𝒕 𝒃𝒆 𝒇𝒓𝒊𝒅𝒂𝒚 𝒂𝒄𝒄𝒆𝒑𝒕 𝒘𝒊𝒔𝒉𝒆𝒔.

@tafak_or
#Sochii .....!
Kaayyoo fi hamilee hawwitutti gahuudhaaf socho'uu qabda... yoo sochii goote garuu tarii kufuus dandeessa... yoo kan Kufaatii sodaattu taate immoo socho'uu hin dandeessu... yoo hin sochoone bakka yaadde hin geessu.....
Kanaafuuu bakka yaadde gahuuf sochiin dirqama....!

Share👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
#Islaamummaan_badhaadhuuf..
Dhaloota dubartootaa keessaa... dubartii kaayyoon ishee Aakiraa; dubartii role modeliin isheetii fi namoonni isheen fakkeenya godhattu, dubartoota Rasuulaatii fi dubartoota sahaabaa (Radiyallaahu anhum) taate barbaada...!
Bakka yaannee gahuuf, dubartii fiilmii dalagdu; tan bakka hundaa sirbituu fi tan sa'aatii 24 TikTok gubbatti dabarsitu nun barbaachisu....!
Dubartoota barnoota shari'aa islaamaa baratanii... ijoollee isaanii keessatti Aqiidaa qulqulluu facaasan barbaanna..!
Dubartii kaayyoon ishee faashina hordofuu; magaalaa keessa zooruu; bakka cidhaa fi oduun itti baay'atu fi...kkf deemuu jaalattu osoo hin taane...
dubartii kaayyoon ishee islaamummaan ijaaramtee; islaamummaan faayamtee.. kaayyoo ishee islaamummaa barsiisuu fi shari'aa islaamaa hujitti hiikuu godhatte barbaada shari'aan islaamaa....!

This is where it starts..... iddoon inni irraa eegalu kunoo as irraahi....!!
👇
« The well-being of a women means the well-being of the nation.... »
👉 Dubartiin islaamummaa keessatti gatii hangana hin jedhamne qabdi....
Rabbiin isaan haa qajeelchu...

Share👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
#Yeroo_raftu_kamuu_yaadadhu

Yeroo hunda yeroo rafuudhaaf gara firaashaa deemtu waan tokko akka naaf yaadattu barbaada....!
Namticha tokko kan keeyrii hedduu dalagatee lafaa hin qabne... garuu warra Jannataa tahuu isaa ragaa bahameefii ture....
Sahaabichi sun nama keessi isaa qulqulluu ture.... yeroo rafu kamuu qalbiin isaa jibbaa fi Waanyoo ilma namaa irraa bilisa haala taateen rafa....!!

Share👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
Sha'abaanni kunoo tokko jedhee jira..... mee waa'ee baatii kanaa maal beektu laata____!!



#nu_eegaa...
#Baatii_heexoo/Sha'abaana...

1) Akka lakkoofsa hijraatti baatii 8ffaadha ...
jidduu baatii Rajabaa fi Ramadaanaatti argama...
Moggaasa kanaan wanti beekkameef....
Ummata Arabaattu baatii kana keessa bishaan barbaadaaf olii gadi faffaca'a ture.
Yookiin wanti sha'abaana jedhameef.... waan inni Rajabaa fi baatii Ramadaanaa giddutti muldhateef....!
2) Baatiin Kuni baatii baatii barakaati, garuu baatii namoonni hedduun keessatti uf dagataniidha .. baatii isa keessa sooma heddummeessuu qabnuudha...!
Usaamaan guyyaa tokko Rasuula Rabbii akkana jedhee gaafate....:
Hanga baatii Sha'abaanaa keessa sooma heddummeessitu, baatiiwwan hafan keessa hin heddummeessituu... maaliif yaa Ergamaa Rabbii ?
Ergamaanis (SAW) akkana jedhaniin:

"Baatiin Suni baatii Rajabaa fi Ramadaana gidduutti namoonni hedduun irraa dagamaniidha... baatii isa keessa dalagaan ilma namaa gara Rabbii Aalamaa ol fuudhantuudha. Osoo Ani soomaan jiru akka dalagaan too ol fuudhamtu barbaada... " Sallallaahu aleyhi wasallam....
3) Ergamaan Aalamaa sooma sunnaa hanga baatiiwwan biroo keessa hin heddummeessine, baatii tana keessa heddummeessa. harka caalu baatii kana soomaan dabarsa.
4).... @ittu fufa....

Share👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
#Baatii_heexoo/Sha'abaana... 1) Akka lakkoofsa hijraatti baatii 8ffaadha ... jidduu baatii Rajabaa fi Ramadaanaatti argama... Moggaasa kanaan wanti beekkameef.... Ummata Arabaattu baatii kana keessa bishaan barbaadaaf olii gadi faffaca'a ture. Yookiin…
#Heexoo/sha'abaanaa...

4) Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wasallam) baatii lama walitti aansanii soomanii hin beekan... yoo sha'abaanaa fi Ramadaana taate malee...Hadiisa Aa'ishaan (Radiyallaahu anhaa) gabaaste keessa jira.
Irra hedduu goyyoota sha'abaanaa ni sooma... Ramadaanas achumaan itti sufa.
5) Namni hedduun baatii kana ni dagata.... maaf yoo jettan___?
Baatiin isa dursua baatii kabajaa, kan ulfinnaa; kan keeyrii hedduun keessa dalagamuun beekkamu... baatii afran kabajaa keessaa isa #Rajab jedhamutu afoo jira...baatii Rajabaa qofa addatti baasuun osoo hin taane... baatiiwwan Ashhural-hurum jedhamuun beekkamtu keessa soomuun sunnaadha...
Irra as kutee ammas baatii ulfaataa baatii kana Ramadaanatu jira....Ilmi namaa baatiiwwan tana lamaaniin busy tahee... sha'abaanaa keessa keeyrii dalagatuu baay'ee dagata.
6) Rasuulli keenya (SAW) :
« Jiini suni ji'a. namni hedduun keessa dagamu/Gaffalu... " jechuun ergaa dhokattuu wahii uf keessaa qaba. innis:
👇
Yeroo ilmi namaa uf dagate keessatti ati ibaadaadhaan dabarsuu qabda; yeroo akkasii ibaadaa irratti jabaachuun wantoota jaalala Rabbitti nama geessaa irraahi.
Maaliif salaanni halkan walakkaadhaa salaata biroo Irra caalte....!? waan yeroo sana namni hedduun dagamuuf....
7)... #itti_fufa....

Share👇
https://www.tg-me.com/tafak_or
Sha'abaanni buufata leenjiiti....
2024/09/28 13:23:17
Back to Top
HTML Embed Code: