Telegram Web Link
#Beektuu_laata...!
(Smoking ๐Ÿšญ)

โœ Kaamphaaniin Sigaaraadhaa kan Ameerikaa keessatti argamu, wantoota Tanboon irraa ittiin dalagamutti sukkaara akka dabalu.
Sababni isaas ?
Akka namoota Sigaaraa xuuxaniif seeraan mi'aauu fi akka namni Sigaaraa xuuxu addaan hin kunneef....
โœ Wanti sana caala nama gaddisiisu immoo.... Sukkaara tanbootti dabaluu jechuun... Summiin qaama keessa garmalee akka dabaluuf Sababa ta'a jedhan qoratyoonni... akkasuma dhukkuba kaansariitiin saaxilamuufis Sababa ni taha....!
โœ Fitnaan kuni hanga biyya keenya keessa hin jirre, biyyoota Arabaa fi biyyoota Europe, akkasuma biyyoottan hafan keessa garmalee babaldhatee jira....!

Share
https://www.tg-me.com/tafak_or
#Gammachuu....

โœ Wanti guddaan gammachuu barbaannutti gahuu nu dhoorke... gammachuu guddoo eeguudha....!!
Waanuma qabdutti gammadi..

@tafak_or
๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
โœ The great obstacle to achieving happiness is waiting for great happiness.
โœ แ‹ฐแˆตแ‰ณแŠ• แˆˆแˆ›แŒแŠ˜แ‰ต แ‰ตแˆแ‰ แŠฅแŠ•แ‰…แ‹แ‰ต แ‰ณแˆ‹แ‰… แ‹ฐแˆตแ‰ณแŠ• แˆ˜แŒ แ‰ แ‰… แŠแ‹แข ๐Ÿ’ก
โœ Namni waa isinitti jajjabaatan, kan keessi keessan isin dhiphate.... jecha tana akka heddummeessitan isiniif dhaama....๐Ÿ‘‡








โ†ู„ุง ุฅู„ู‡ ุฅู„ุง ุฃู†ุช ุณุจุญุงู†ฺช ุฅู†ูŠ ฺชู†ุช ู…ู† ุงู„ุธุงู„ู…ูŠู†.
" Laa ilaaha Illaa anta subhaanaka innii kuntu minazzaalimiin....
"

Share๐Ÿ‘‡
๐Ÿƒ๐ŸŒป๐ŸŒธโ€ขโ”ˆโ”ˆโ€ข โ€ ๐ŸŒด โ€ โ€ขโ”ˆโ”ˆโ€ข๐ŸŒธ๐ŸŒป
https://www.tg-me.com/tafak_or
#Xinsammuun_caccabuu...๐Ÿง 

โœ Irra hamaa wantoota gammachuu namaa balleessanii keessaa inni tokko keessi kee dadhabuudha....!!

#keessaan_dadhabuu jechuun;
๐Ÿ‚ Daftee rifatuu, daftee yaada keessa seenuu....!
๐Ÿ‚ jechi/haasofni namaa dafee Keessa keetitti dhagahamuu..!
๐Ÿ‚ Namuma kamitti irkattee jiraachuu...
๐Ÿ‚ Waa hunda keessatti/bakka hundatti daangaa dabruu...!
๐Ÿ‚ himataa fi hifannaa, akkasuma nama qeequu heddummachuu...!
๐Ÿ‚ Waan dinqisiifate hundaan daftee booj'amuu....
โœAkka kanatti nama keessaan caccabaa.... galabaa namaa .. kan keessi isaa miidhame taatee argamta...

โœ Furmaanni isaa #Xiinsammuun_jabaachuudha....(psychological strength).
Keessi kee jabaachuudha jechuun;
๐Ÿƒ Hamilee fi fedhii jabaa, akkasuma ufitti amanamummaa guddaa qabaachuu jechuudha.
๐Ÿƒ Balballi addunyaa tanaa guutuun sitti dhiphatte... osoo qaawwa bahiinsaas dhabdee... harka kennachuu dhabuudha...!
๐Ÿƒ Abbaan fedhe si ganee; si gurguratee... namaaf bakka kennuu dhabuudha...!
๐Ÿƒ Yaa Rabbii ati gahaa kooti jechuudha....!!
@Ibroo keessaniin....

Nama jaalattuuf... ๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
Suuraawwan qur'aanaa keessaa, kan jalqabni isaa Suuraa jedhee eegalu suuraa kami___?
Anonymous Quiz
22%
A) Suuraa Hajjii
62%
B) Suuraa Nuuri
15%
C) Suuraa qalam.
#Hunduu_hireedha....
โœ Mallaqni qofti qabeenyaa miti. inumaayyuu;

๐Ÿ‚ Keessi kee tasgaabbaahuun,
๐Ÿ‚ Sammuu beekkumsaan ifte qabaachuun,
๐Ÿ‚ Fayyaan qaama keetii....,
๐Ÿ‚ Qulqullinni qalbii keetii (fayyaalummaan)...,
๐Ÿ‚ Sammuu hin faalamin qabaachuun kee ...,
๐Ÿ‚ Du'aa'iin haadhoo keetii....,
๐Ÿ‚ Gara laafinnaa fi marartuun abbaa keetii...,
๐Ÿ‚ Obboleessa gaarii qabaachuun kee....,
๐Ÿ‚ Ilmoo fuuldura keetii seeqattu Rabbiin siif kennuun....,
๐Ÿ‚ Hiriyyaa siif dhiphatuu fi dhugamaan si jaalatu qabachuun kee....,
๐Ÿ‚ Nama imala wajjiin deemtu qabaachuun kee....
๐Ÿ‚ Namni si jaalatu affeerraa siif gochuun..... fi kkf hedduun isaa qabeenya guddaadha ....

๐Ÿ‘‰ kanaafuu Rizqiin tee mallaqa qofaa miti....
@Oolmaa_gaarii

Share๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
Alhamdulillaah Rabbil Aalmiin/
ุงู„ุญู…ุฏู„ู„ู‡ ุฑุจู‘ ุงู„ุนุงู„ู…ูŠู†
Jechi kuni qur'aana keessatti yeroo meeqa dubbatame ? Suuraa kam keessatti?
Anonymous Quiz
34%
A) Yeroo 2
26%
B) Yeroo 4
40%
C) Yeroo 6
โœ Sadarkaan kankee kan laalamu bakka ilmi namaa si dhaabe osoo hin taane... bakka ati uf dhaabdeedha... ilmi namaa Wal qixxummaa dalaguu fi waa madaaluu keessatti hirdhinna guddaa waan qabuuf....!

@tafak_or
#Toltuu_1000......
(Alhamdulillaah)

โœ Guyyaa tokkotti toltuu 1000 hojjattee ooluun dalagaa ulfaataa sitti hin fakkaatin.
๐Ÿ‘‡
Guyyaa tokkotti keeyrii 1000 hojjachuuf yeroo 100 qofa #Subhaanallaah jechuu si gaafata.
ู‚ุงู„ ๏ทบ:
โœ Ergamaan Aalamaa (SAW) akkana jedhan:
"ุฃูŠุนุฌุฒ ุฃุญุฏูƒู… ุฃู† ูŠูƒุณุจ ูƒู„ ูŠูˆู… ุฃู„ู ุญุณู†ุฉุŸ ูŠุณุจุญ ู…ุฆุฉ ุชุณุจูŠุญุฉุŒ ููŠูƒุชุจ ู„ู‡ ุฃู„ู ุญุณู†ุฉุŒ ุฃูˆ ูŠุญุท ุนู†ู‡ ุฃู„ู ุฎุทูŠุฆุฉ"
" Isin keessaa namni guyya guyyaan toltuu 1000 dalagachuu hin dandeenye ni jiraa ?
Yeroo dhibba tokko
#Subhaanallaah jedha, toltuu 1000 isaaf galmaaha ykn dilii/dogoggora 1000 irraa harca'a. "

Muslimtu gabaase...
- ุฑูˆุงู‡ ู…ุณู„ู….

Share godhaa๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
๐—ง๐—”๐—™๐—”๐—ž๐—ž๐—จ๐—ฅ /ุชููƒุฑ
#Toltuu_1000...... (Alhamdulillaah) โœ Guyyaa tokkotti toltuu 1000 hojjattee ooluun dalagaa ulfaataa sitti hin fakkaatin. ๐Ÿ‘‡ Guyyaa tokkotti keeyrii 1000 hojjachuuf yeroo 100 qofa #Subhaanallaah jechuu si gaafata. ู‚ุงู„ ๏ทบ: โœ Ergamaan Aalamaa (SAW) akkana jedhan:โ€ฆ
Share ajrii qabdi nama Niyyaa toleef....?

โœ Amma Hadiisuma kanallee share gochuun garaa isin nyaataa....
๐Ÿ‘‡
Mee namni Hadiisa kana nama 10f share godhee.... ajrii 11000 argachuu barbaadu.... ?
hirmaadhaa.... hardha keeyrii waliin haa dalagannuu.

Nama tokkoof keeyrii yoo dabarsine.... ajrii namni sun argatuun qixa arganna.
#Akhlaaq.....

๐Ÿ‚ Qabeenyi hiriyyaa malaaf malaan jiraatu sitti fida...!
๐Ÿ‚ Bareedinni immoo hiriyyaa fedhii lubbuutiif qofa si wajjiin jiraatu guuree sitti fida..
๐Ÿ‚ Amalli kee garuu hiriyyaa jiruu fi jireenya kee keessaa hin baane siif fida.

Join๐Ÿ‘‡
@tafak_or
#Suusii_bilbilaa....

โœ Facebooka yoo baate TikTok seenta, Imo keessaa yoo baate telegrama seenta... irra guddaan yeroo keetii gidduu kanatti dhumataa jira.... ati imala fuuldura kee jiruuf hangam takka qophiidha laata? hanga yoomii akkanatti itti fufta?
โœ Si malee namoonni biroo yeroo aakiraadhaaf waa siinqeffatu.... ati bilbila kee wajjiin hirriba malee gurzaa bulaa jirta...!
โœ Ati wagga yeroo kankee bakka hin taanetti gubdu kana... akka umrii kankee gubaa jirtu siif galee jiraa..!, umriin kankee kan gubataa jiru kun uf duubatti siif deebi'aa laata ?
โœ Ati kaayyoo kankee isa sirrii inumaa waan dagatte natti fakkaata.... eennu ati ? maaliif gara addunyaa kanaa dhufte ?
โœ Maaltu beeka osoo guyyaan ati addunyaa tanarraa imaltu amma gahee jiraatee... ati hangam takka qophiidha..?, Mee maal qopheeffattee harkaa qabda !?
โœ Siinqiin ati addunyaa tanarratti qopheeffatte...belbela Ibidda Jahannam irraa si fageessuuf gahaadha jettee amantaa?
Mee osoo buro duutee ati hangam takka qophiidha....!
โœ Obboleessa/obboleettii umriin kankee akka malee gabaabaa... hirdhinna ati keessatti uumaa jirtu kana akka hin baanne dagachuu hin qabdu...
Osoo addunyaa tanarraa hin godaanin yeroo kee saamadhu... hanqinna qabduu fi jabeenya Ibidda Jahannam sana walbira qabii laali meee....!!

๐Ÿ‘‰ Share godhuun ajrii dalagadhaa..... ๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/tafak_or
2024/09/28 15:31:50
Back to Top
HTML Embed Code: