Telegram Web Link
MO'AMEERA!

Mo'ameera of laadhee jaalalakeef bitamee
Qalbiinkiyyas sikeessa yaadni kiyyas hidhamee!

Agartuun koossumarraa
onneen kiyyas simalee
Suurakee hin argiin oollaan lafalaaluu didamee!
Siif laadheera bakkicha isagatiinsaa mi'aa
Urjootaa fosuu hin taane
isa eeggatu ji'a!

Yaalakeen wal'aanamte onneen koo sakaalamte
Biqiltuun jaalala koo harkakeetiin dhaabamte!
@dera_zreal
Yaadaaf @dinnedid_bot
JOIN
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
OROMIYAA❤️❤️!

Qe'ee gidiraan xuuxee
Hammeenyi irra fiige
Qe'ee qawwee diinaatiin
Gootni meeqa itti dhiige

Qe'ee aadaafi safuu
Kan sirna gadaafi heeraa
Qe'ee dhugaaf harcaase
Imimmaan woggaa dheeraa

Qe'ee moggaatti ba'e
Kan qaburraa dhiibamee
Qe'ee utubaansaa cabe
Araddaansa diigame

OROMIYAA ijaaruuf
Dammaqaa tokko ta'aa
Wal qooduufi wal harcaasuun
Inni darbe nu ga'aa

Kan koo haacaaluu dhiisaatii
Ija seenaan of laalaa
Inni ummatni jedhu
Isa isin jettan caala!!!!
@dera_zreal
Yaadaaf:@dinnedid_bot

@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
Adii koo!

utuu beektuu keessa kiyya
maaliif yaada na dhokfatta
sin barbaada guutuu biyyaa
eessa seentee na dhokattaa?

nan dheessinii
natti deemi
an sin ganne adii
shurrubbee koo
abjuun dhiisii guyyaa
koottu manan jiraa!
karaa bot kan nuuf ergame
isinis @dinnedid_bot nuuf ergaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
MEE ATI NAAF TA'I
DHAABAA FI DAGALEE
ANIS SIIFAAN TA'AA
HUMNAA FI SAGALEE!

@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
bot:@dinnedid_bot
Ani kun...

Kan utuu hidhii xuuxuu
Firii jiruu hin xuuxne
Ani kun hawwaadha
Hawwaa hawwiin hin guunne
Kan utuu 'bor' eeguu
Qaroo ijaa dhubbe
Ani kun qilleensa
Obboleessa bubbee...
Takka na waxala
Takka ammoo na waada
Ani kun- huummoodha
Bulee ka'een aada
Ani kun hafteedha
Haftee gobaa fi gufuu
Kan takka dhaabbachuuf
Si'a dhibba kufu
walo_lataa

@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
Amalaaf naatoo keen
qalbii kiyya mootee
onnee koo bantee seentee
mana dhuunfaa kee goote

Akkan si jaalladhu
ragaa kootu kumaa
jalqabaaf dhumni koo
guduunfaan koo suma
@dera_zreal
Isinis jaalallee keessaniif barreessuun karaa @dinnedid_bot tiin nuuf ergaa qilleensarra isiniif oolchinaa.
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
Forwarded from ARDII__JÃALALAA🌏♥️ (Fileebar Umaree)
Kaleef kaleen kootis
Arriif barri kootis
Kotteef onneen kootis
Hanga du'a kootti
Keeti marri kooti
Jireenyi koo marti
Joorii onnee kootti
Moorii keessa kootti
Akka Giiftii mooti
Saari keessa kootti
Baroodi akka mooti
Lubbuu keetu kooti

✍️ @fileebar18

JOIN 👉 @hacefunny
JOIN 👉 @hacefunny
Forwarded from ARDII__JÃALALAA🌏♥️ (Fileebar Umaree)
Akkamiin haa bulu
Sirraa addaan behee?
Yaada keetin guyyaan
Natti golgolaahe
Marrumaan jaalalaa
Kiyya si beela'ee
Garaachi jaalalaa
Madaaye Iita'ee
Kulkulchee na guba
Yoon ciises Yoon ke'e


Jiruun boquu dhabee
Jireenyi bushaa'e
Mee naaf dirmadhu yoo
Garaan Kee naaf nahe
Ayaa naaf qabaatte yoo
Kan na jaalattu tehe
Utubaan Mana Koo
Diigamee faca'ee
Iftuun too si taatee
Tan jiruu dukkanaa'ee


Dhangaan jaalala tee
Onnee too barsiifte
Soora waggaa tokkoo
Caala naaf sifooyte
Jaalalaan hakkamtee
Onnee too naaf soorte
Tan akka tee naaf taatu
Hin jirtu uumamte
Iji too eeysattuu
Hin gartu barbaadde
Gubbaa tanaa mitii
Torban dachii buute



JOIN 👉 @hacefunny
JOIN 👉 @hacefunny

✍️ @fileebar18
Forwarded from ARDII__JÃALALAA🌏♥️ (Fileebar Umaree)
Addunyaa tanarraa namnnin an jaaladhu maqaan isii Biiftudha.
Osoo isiin jiraatuu baatte silaa an arra hin dubbadhuu hin guddadhu.
Sababnisaas:- FAGEENYA isheerra bu'aasheetu naaf dhiheenya.
XIQQEENYASHEERRA ifa isheetu naaf BIDDEENA

ISHEENIS NAN SALACHAATU
SA'AA (12) NA YAADDI

SA'AA (12) NAAF YAADDI

TANAAFUU 👉 ANI BIQILTUUDHA

👉 ISHEEN ADUUDHA

✍️ @fileebar18

JOIN 👉 @hacefunny
JOIN 👉 @hacefunny
Forwarded from ARDII__JÃALALAA🌏♥️ (Eskender Boruu)
Rooba kan roobsu rabbi
Akkamiin ati roobsita
Roobni kan kee rasaasa
Duumessi kee kilaashi
Kana kan sitti himte
Harmee teeti moo zinaashi
Kuni sirraa hin bareedu
Abjuun akkasii bilaashi
Bara addunyaan si jibbitee
Deemtu mandara keessa
Bara fincaan si didee
Teesssu mana keessa
Fuula minilik laaltee
Nuun jatta duumessa
Yaa gowwaa gowwaa
Sammun miila keessaa
Sin dhiisu si kaasa
Imimmaan haadha hiyyeesaa
Abjuun harmee teetii
Biyyetti si geessa


Iskee 🥕🥕🥕


JOIN 👉 @hacefunny
JOIN 👉 @hacefunny
Forwarded from ARDII__JÃALALAA🌏♥️ (Fileebar Umaree)
Jireenyi addunyaa
Isiin wohuma lama
Takkaa arkachumaa
Takkaa rakkachuma
Tanaaf gariin keenya
Jaalala borcinee
Gabaa gubbaa dhaabnee
Gurguruu haweinee
Akka carraa tehee
Tokkon gurguranne
Inni irra buutef
Gurguratee nyaatee
Miskiina boochisaa
Jiraachuu filate
Maqaa itti laate
Jireenya dhuubbatee
Cubbuu bulbulatee
Garaa wajjiin kalee
Nyaatan San dagatee
An jiraadhe ja'a
Jireenya fakkaate
Hiyyeessa baqatee
Madditti lagatee
Wayyoo yaa jireenya
Waa meeqa baadhate
Dudda kankee gubbaa
Fiddee na ariitee
Waa meeqa garsiifte
Meeqas na barsiiftee
Galatoomi atoo
Kan firra naaf ciiftee
Badheesa naaf iftee
Gaaris na nyaachifte
Hamttus na baachifte
Gabateedhan maletti
Barsiisaa naaf taate
Qubsuma naaf laatte
Galatoomi anaaf
Boruun Koo yoo jiraatte
Nattuu ballifattee
Tohuu baannan marxifattee
Nattuu jallifatte
Rakkinaan na nyaartaa
Humaa rakkoon godhin
Martuu lamaaf kaataa
Jiraadhu naan kaattaa
Du'u naahu nyaattaa
Abshiir ni dabartaa
Akka dhiiten yoom hafta
Dirqama bariitaa
Yaa jiruu addunyaa
Busheeysaf hadheeysa
Dandii abdiinqabne
Raafuu dachee keeysa
Yookaan nuuf dabarta
Yookaan nuun dabarta
Waanuma lamaaf jiraattaa
Maaf natti dhaamotta


✍️ @fileebar18


JOIN 👉 @hacefunny
JOIN 👉 @hacefunny
Forwarded from ARDII__JÃALALAA🌏♥️ (Fileebar Umaree)
Kaayyoo lama baadheen
Badaa lamarraa gubadha
TOKKOON jaalala keen
Eeletti guggubadha
TOKKOON rakkoo sabaafin
Daggalatti qubadha
Abshiir numan baadha
Ulfinni Koo lakkuudha
Tokkoon ulfina keef
Sabaa ijaan arkuudha
Tanaaf hanga kana
Hubadhu naan wallaaltuu
Nyaaphee haadha kooti
Gubeetin gubadhaa
Waa'ee yaada keetii
Dhufeetin dubbadha
Ragaa jaalala keetiif
Abjuurraan dubbadha
Rakkoo sabaaf je'een
Ibidda fafakkaadhe
Malee jaala tantoo
Yoomin si irraanfadhe
Jabeenya sabaaf je'een
Areeda alanfadhe
Jaalalti tiyyaaf tee
Guutudha Yoon jiraadhe
Diina koonjifadhee
Yoon biyyatti deebi'ee
Jaalli kee qaalidha
Onnerrattin kaa'ee
Miira wajjiin qajeele
Diina faana dhehee
Tanaafu Wal argaan
Yoo rabbirraa tehe
Abshiir siifin dhufa
Jaalala kankee tehee
Abdii samii gubbaa
Duumeysa siif tehee
Akka ji'aa seenee
Akka biiftuu behee
Siif ifuufin jira
Samii irraa baqee
Bakka dhaqi jette
Ergaa teetin dhaqee
Bakka hafi jette
Gorsa keetin hafee
Tanaafin dhaamsa koon dafee
Obsiin si hangafee
Tanaafuu naaf obsii
Guyyaan hedduut hafee
Kan gammachuun nu keeysaa
yaa'u akka caffee
Tanaafuu jabaadhu
Obsaan cabsi lafee
Warqii onnee teetii
Garaadhan siif laafee
Carqii aahdii teetii
Onnerran siif afe


✍️ @fileebar18


JOIN 👉 @hacefunny
JOIN 👉 @hacefunny
"Barumsi qabeenya nuti abbaa isaa bakka kamittuu hordofnuudha ":- Jechama Chaayinaa
____________________
🖋️@Jechamoota🖊️
" Fuula kee gara aduutti naannessi, gaaddidduun kee si duuba oola(ta'a)":- Jechama Maori
___________
🖋️@Jechamoota🖊️
"Dhageeffataa garii ta'i. Gurri kankee yoomiiyyuu si hin rakkisu( si hin dogongorsu)":- Frank Tyger
_________________
🖋️@Jechamoota🖊️
"Ilaalcha namoota biraa irratti hundooftee jireenya Kan keef ka'umsa hin godhatin":-Stevie Wonder
__________________
🖋️@Jechamoota🖊️
"Nama garii hin barbaadin;Nama garii si taasisu malee":-Ralph Waldo Emerson
_______________
🖋️@Jechamoota🖊️
"Nama akka boru du'uutti jiraadhu. Akka nama hin duuneetti baradhu":-Mahatma Gandhi
_______________
🖋️@Jechamoota🖊️
"Bakka jirtuu eegali. Waan qabdu fayyadami. Hamma humna keetii dalagi" :- Arthur Ashe
_________________
🖋️@Jechamoota🖊️
Sababa adeemsi koo isa biraa irraa gar gar ta'eef ani moo'ame jechuu miti.
__________________
🖋️@Jechamoota🖊️
2024/06/20 12:23:10
Back to Top
HTML Embed Code: