Telegram Web Link
Maatii jechuun waa'ee DNA qofa miti. Namni haala kamiinuu keessatti si jaallattu hundumtuu maatiidha.

@abdi_megersa
Yeroo tokko yoo dadhabina kee ofitti fudhatte, Namni tokkoyyuu deebisee ittiin si miidhuu hin danda'u.
_______________________
📖@abdi_megersa
Humnaan yoo si caale beekumsaan caali
Beekumsaan yoo si caale jaalalaan caali
Jaalalaan yoo si caale garuu isa hordofi.

@abdi_megersa
Ani akka namoota hedduu jireenya akkasumaanii jiraachuu hin barbaadu. Ani nama faayida-qabeessa ykn nama namoota hundaaf gammachuu fidu ta'uun barbaada, namootan wal hin qunnamneef illee yoo ta'e. Ani akkuma lubbuun jiraadhettin turuu barbaada Du'a kiyya booddees.

:- Anne Frank
_______________________
@abdi_megersa
Waan feeteyyuu yoo namootaaf kennite deebii isaa waan tokkollee irraa hin eeggatin!

@humnajaalalaa
@humnajaalalaa
Wantoonni lama maalummaa Kan kee adda baasu:- innis

1. Yeroo homaa hin qabnetti obsi ati qabduu fi
2. Yeroo waan hunda qabdutti ilaalcha ati qabdudha.
________________
🖋️@abdi_megersa🖊️
Jireenyi gabaabduu dha waan taateef jireenya nama kan biraa jiraachuudhaan hin qisaasessin.
___________________
@abdi_megersa
Namni kan si duuba haasa'uuf waan ati isa dura jirtuufidha.

@abdi_megersa
Jireenya namoonni siif Uuman irratti hirkattee jireenya gammachuu dhugaa qabu jiraachuu hin dandeessu.
___________________

@abdi_megersa
Milkaa'inni akkamiin
Dhufa?
═══════════
➊. Dhiibbaa Uumuu (Struggle)
➋. Shaakaluu (Practice)
➌. Yaaluu fi Dogogoruu (Trial & Error
➍. Barachuu (Learn)
Fuuldura kee raaguudhaaf malli filatamaan; fuuldura kee uumuu dha.

:- Alan A
___________________________
@abdi_megersa
Eenyumtuu hamma imimmaan keetii gatii siif hin qabaatu. Gatii ni qabaata yoo ta'e immoo si boossisuu hin danda'u.

:-Unknown

@abdi_megersa
Forwarded from ͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸 (꧁S͜͡e͜͡y͜͡f͜͡a͜͡l͜͡ I͜͡s͜͡l͜͡a͜͡a͜͡m͜͡꧂)
◆ ▬▬▬▬▬▬ ❴✪❵ ▬▬▬▬▬▬ ◆

Maqaa fi Bifni gonkuma eenyummaa kee ibsee hin beeku ...hin ibsus...kanaafuu maqaa kee beektef of beekte jechuu miti...bifa kee beekunis akkasuma of beekuu miti...Bifa kee beekuuf daawwitii qofa si barbaachisa....Eenyummaa kee beekuf garuu daawwitii osoo hin taane Ija 👀 kee gara keessaatti fayyadami keessa kee ilaali...of waliin wal barii

Of Arginaan....Of barte Eenyummaa kee beekte jechuudha.

Guyyaa Gaarii🥀


◈ ━━━━━━━ ⸙ ━━━━━━━ ◈
@A4mulaa_jireenyaa
@A4mulaa_jireenyaa
◈ ━━━━━━━ ⸙ ━━━━━━━ ◈
Forwarded from ARDII__JÃALALAA🌏♥️ (Fileebar Umaree)
Jaalala guduunfee
Onnee Koo na fuudhe
Ati quban qabdu
Dhibee Qalbii fuudhe
Gama Kee na oofu
Miila natti fuudhe
Ani numan dhabe
Hayyama gaafadhe
Onnee kankoo irraa
Si dhiisuf muradhe

Naaf dhugoomu didee
Si dhiisee jiraachuun
Si wajjis dhaabbadhee
yaada Koo ibsachuun
Hedduma na dhibee
Hanga gaaraa tokko
Haaluma kanaa wajjiin
Jiraadhes Lubbuun Koo
Eyyamttee naan fudhattu
Bishaan tehees qoonqo
Atis naaf hin beeyttu
An illimee rakkoo
Rabbumtti jaalalaan
Onnee Koo kulkulche
Sanyii jaalala Koo
Si keessan biqilchee
Naaf si haa taasisu
Gama hundaa fiilchee
Ilillii jaalalaa
Si duubaa facaasee
Qilleensatti fe'ee
Foolii Kee tamsaase
Si keessa na haa kaayu
Onnee Kee tarsaase
Akkan si jaaladhuuf
Walaloo Faacaasee
Onnee kankoo irraa
Si malee mancaase
Yeedaloofi weeddun
Caalatti badhaase
Onnee kankootirraa
Miindallee siif baase
Si wajjiin jiraachuuf
Qophii fixeen jira
Atis Koo qubadhuu
Joobiraan na biraa
Dhibee Koo hiradhu
Rakkoo keef si bira
Hudhadheetin jira
Koofis cinaa kiyya
si qofaatu jira


JOIN 👉 @hacefunny

✍️ @fileebar18
Forwarded from Online market
Ilma Galmaa Abbaa Gadaa
፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣፣
ኢልማ ገልማ
አባ ገዳ ርቱእ ጀማ
ብፁእ ጀማ
ለካ አንተ ነህ
አባ ገዳ ኢልማ ገልማ
ያደ ኦሮሞ ሻማ
ዋቃ ገዲ ነማ ኦሊን ሱማ
አከ ሱማ
የተሰኘዉ እንደ አክሱም
የተባልከዉ ፍፁም ጀማ
ለካ አንተ ነህ
አገ ኦጋ
ጂገ ሎጋ
አባ ሰርዳ
አባ ገዳ
አባ ፈርደ ነበልባሉ
እም ቅድመ ኦሪት ባህሉ
ያኢ ቢያ አባ ቃሉ
የማይቀለበስ ቃሉ
ለካ አንተ ነህ
ሴራ አርካ ኦገ ገዳ
የአድባር ዋርካ
ያዴ እናቴ
ያዴ እስቴ
ያዴ አተቴ
ያዴ እቴቴ
ያቴ ሆራ የኩሽ ነዶ
አባ ቦኩ አከም ኢዶ
በአናትህ ፀሃይ ከለቻ
የምትጠልቅ አንተ ብቻ
የካም ኢደ ኢዶ ምድር
ተነባቢ የአስር ሚስጥር
አባ ወሮ አባ ወራ
አባ ባሮ አባ በራ
የጅቡቲም ጀበ ዲሾ
የመቅዲሾም መቀ ዲሾ
የነሙንቴሳ ካም በልአ
እንደ ብራቡ ከምፐላ
መነ ደላ አከ መንደላ
መቀ ደላ አከ መቅደላ
የፊላኒ ካኖደላ
የምትሰኝ የምታሰኝ
የጎና ቤት አባ ወራ
የላሊ ቤት ላሊበላ
በጎፈሬህ ስሪት ላባ
አዶ አዶየ ዉብ ቀዘባ
አዳ የከለቻ ተሸላሚ
ያዱ ግንባር ተቀዳሚ
የአዲስ ዘመን መፀዉ አደይ
አዳ...አዱኛን እልል እሰይ
የምታሰኝ...የምትሰኝ
አዱ አዱኛ
አባ ቢሌ
የአካ ኪሌ
የአባ ቢሌ
ለካ አንተ ነህ
ገዳ ገዳም
የአለም ሰላም
ገዳ ቢሊሱማ ሳቃ
ፈካ ጉራቻ አካ ዋቃ
የመፀሃፍት አምላኩ አኒ
ያለበሰህ ድርብ ካኒ
የጥቁር ፈርኦን ልሳን
የአዴ አዳ ፀሃይ ብርሃን
የአዱሊስ አዱኛ ኪዳን
አባ ገዳ አባ በአል
የቅድመ አክሱማዊት ቃል
የአስርቱ በሮች መሰላል
የማለዳ ንጋት ፀዳል
የኦሩስ ኦሪሳ ተምሳል
ለካ አንተ ነህ
አገ ኦጋ
ጂገ ሎጋ
ያኢ ቢያ አባ ቃሉ
የማይቀለበስ ቃሉ
ርቱእ ጀማ
የተባልከዉ አባ ሱማ
እንደ አክሱማ
ያደ ኦሮሞ ሻማ
አባ ገዳ ኢልመ ገልማ
ለካ አንተ ነህ::


፨ሎሬት ፀጋዬ ገ/መድህን
@yetebeb
@yetebeb
Gurraattii!

Mil'annaa ija kootii
Akeeka qaamaaf qalbii
Hunduma keessaa filee
Si na badhaase rabbi

Filannoo koo ta'uu kee
Bareechitee beektaa
Maaf alaala dhaabbatee
Onnee koo madeessita

Natti siqii na hubadhu
Na ilaali na madaali
Na fuunfadhu na dhandhami
Na qiciitii na calali

Fagaattee fuullee gamaa
Maaf alaal dhaabbatta
Onneen koo mada'eeraa
Qorichaaf barbaadamta!!!!!
please
JOIN&SHARE
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
Miltoo koo

Kufee kan nan dhiisne
bakkeetti na mil'attee
muufoo kan hin beekne
baraan wal-fakkaattee

Hunda bira kan jirtu
otuu addan baasin
tajaajila kee maraaf
kaffaltii otuun jedhin

fira nama hundaa
kan xiqqaafi guddaa
kan qallaafi furdaa

Miiltoo koon siin jedha
koodee hiriyaa koo
kan fagaattee hin beekne
narraa guyyaa tokkoo

Si boochisee
yoon si dhiigsu
kukkutee cicciree
yoon si ciibsu

Takkaa otuun lolin
kan nafaana taatu
an jechan siif dhabaam
umrii kiyya guutuu

Miiltoo koo
ati hundaan adda
Nama boqochiisuf
Kennaa cimaa qabda

Shira takkan qabdu
ifa keessi keetuu
miirri koo muusa'an
maqaa keen jabaatu

Immimmaan koo haqxee
kolfaan bakka buusta
cabaa koo dhidhiibdee
utaalchoof na kaasta

Xiqqaattus kun siifi
na dhageessaa Haloo
miiltoon koo gaarraamin
Walaloof walaloo
@dera_zreal
Join & share

@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
Jaalala

#7

Dammako walalaako
Bareedduu koo yaa lubee
An akkaman siif ta'aa
Jaalalli kee na gubee

Hin jedhiin obboleesso
Da'oo godhattee shaamaa
Yoo gurrikee dhaga'eef
Ergaa tokkon siif dhaamaa

Jaalalli nama hin gubuum
Ni qabbaneessaa #nabsee
Namatuu nama gubaa
Seera jaalalaa cabsee!
@dera_zreal

@dinnee_didaa
@Dambalii_Jaalalaa
ANI
Kolfi kolfi naan jedhaa akkan waan gammadee
Boo’i boo’i naan jedhaa akkan waanan gaddee
Boo’ichi dhugoomee gabrummaarrayin maddee
Boo’uu malee gammaduu,
yooman takkaa Argee?

@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
SiifTa'eera...
Bidiruu jaalalaan
Onneetti naimaltee
Xiyyaara samiirraan
Nafakoo abuurtee
Deemsa fageeffattee
Hiddakoo qabattee
Somba hargansuukoo
Dhuunfaa kee godhattee
Tarkaanfii deemsakoo
Kallattii jijjiirte
Taatee jireenya koof
Warqee gatiin guddaa
Marsitee naqabdee
Kallattii koo hundaa
Qimmiiddaan naqabde
Hidhaa kiyya muddaa
Qalbiikoo waa'ee keen
Jabeessitee hiitee
Akkan biraa laalleef
Natti daangessitee
Hidhaa fi labsiifaa
Narratti labsitee
Afaan kee mi'aawee
Suusii natti ta'ee
Alkooliima malee
An fayyaan machaa'e
Osoon qoosuuf deemuu
Of gatuurran ga'e
Gurri sagalee kee
Ijji koo si arguuf
Yaadni koo waa'eekee
Dhufee natti haguuguuf
Sombikoos qilleensa
Diddeetti hargansuuf
Dafiina dhaqqabii
Ta'inaaf gaaddisa
Fageenya xiqqeessii
Godhinaan gameessa
Hidhaa narraakutii
Walitti nuhidhi
Sakaallaa qofaa koo
Waliin nu sakaali
Ilkaan kee natti seeqaa
Libsii naanilaali
Anaan sakatta'ii
Gola keetti nagalchi
Nakaa'i iddoogaarii
Akkan kaane achii
Jaalalaan nahidhii
Dhungoon na hadoochi
Guyyaa argaa keenyaa
Kana haa ta'u gochi.
@dera_zreal
JOIN my channel
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@Dambalii_Jaalalaa
@Dambalii_Jaalalaa
2024/06/27 07:54:52
Back to Top
HTML Embed Code: