Telegram Web Link
Siluma duuba laaluun
Dogoggora ta'eeti malee
Namni bu'aasaaf ala
Buleen beeku yoomillee

Kan ati itti siqxee
Rakkoo isaa hubatte
Namni namaaf jettee
Kan dandeessus furte
Humnaaf hamma malees
Isa kan amante

Namni bu'aan quufu
Kun sin gowwomsinii
Kan hojjetten gaabbin
Kan darbes hin yaadin

Abaarsi furmaata miti
Kan qote abbaatu haammata
Caba ofii of cabsan
Abbaat sossobata

Akka feetes cimi
Hayyuu jabaas ta'i
Harka si kabajeef
Yoomuu gaarii ta'i

๐Ÿ™‹โ€โ™‚โœ @Abdii16


@Abdii_Official
Xinnookoo tolan beekne
Himamsas hin dhageenye
Faranjiikoo dhimmituu
Kennayyuu kan jibbitu


๐Ÿ™ @Abdii16

@bashannanaafibeekumsa
Sitti himeera

Goota garaasaan ganne
Maxxanneetu kuffisa
Waanuma arge waan hawwuuf
Garan qabu onneensaa
Kan harra argeef tolee
Oolmaasaas irraanfachaa
Kan caalus argachuudhaaf
Yoo dhabes barbaaddachaa
Bu'aa yerootiif jedhee
Garaasaatiif of bitaa
Dhumnisaa garuu fafa
Deemee karaatti of kuta

Jedhee fakkeenyaan kaasee
Waan hunda siif ibseera
Kanan sittimes gattee
Waadaan keenyas cabeera

Turtii eenyullee hawwu
Wolii wojjin turre
Hamma kanaan duraas
Badiikee hin agarre
Jaalala naaf qooddee
Guutuu na gooteetta
Sobaan na jaallattus
Ifa naaf taateetta
Onneekoo keessa seentee
Balfa jiru kan baafte
Hammam balleessitullee
Naaf yaadannoo kan taate
Maalan godhee iftuuko
Daandiirra kan na buufte
Sadarkaa na geessistes
Deebitee kan kuffifte
Milkaaye jedheen ture
Gaafati cina kiyyaa
Ammagaa zeeroo ta'e
Abdiinkoos shiishaaf gaayyaa
Firarraa na kutteetta
Fira haaraa naaf uumtee
Suusii firakoo gootee
Eenyummaakoos kan fuute

Jiraadhuu bara quufi
Hamaa sittin abboomu
Baayyeesaas sin jaalladha
Eebbas siifin doqnoomu
Ifi ifa hin dhaamne
Addunyaaf eebba ta'i
Nagaa sirraan fudhatin
Kan yaaddeefis milkaa'i

==================

โœ @Abdii16

@Abdii_Official
BEENU SIN GAGGEESSA.

Beenu sin gaggeessa
Barsiistu jaalala
Mee narraa fagaadhu
bahi biyya kanaa
Situ na barsiise icciita
Jaalala
Isa na madeesse
gubaa onnee jalaa.

Dhaabbanna dhabuunkee
Hallayya si buusa
Sobdees hin kakatiin
Wayirraa si buusa
Dubbii hundee hin qabne
Hin kaa'atiin borsaa.
Of ta'ii jiraadhu boriifu
sin gorsa.

Maatiikee yoo ta'e
siif hin jiraatani
Bor situ rakkata
dhimmakee  hin qabani
Jireenyakee borii
qarshiidhaan gurgurte
Lafa lixxu dhabde
hin hafu boo'uunke

Beenu dhaqii laali isa
sirbituufi Kateeke facaaste
Gatii gaarii bitteef ittiin haa
Jiraatu gammade abbaanke
Marii lafa jalaaan dubbi bilcheesite
Waadaa wajjiin qabnu
Hundeesa gogsite.


Akkakeefoo sila an
dhaabadheen hafa
Eenyut eenyuun gadi
Isa kamtu naafa?
Ija hin qabu seete nan arga
Waan hunda๐Ÿ˜ก
Anis argadheera gooftaan
qaba durba.
Akkakee hin barbaaddu
Jaalalarra birri
Yoomu hin jijjiiramu
Kaayyoon nama sirrii.


Beenu sin gaggeessa ati
kankoo mitiโœ‹
Kan gubdee na waaddu hammuma yoomiitti?
Garaakoo kutadhe
Lammaffa siin yaadu๐Ÿ™…
Si jaallachuus miti
argaakee hin barbaadu.๐Ÿ™ˆ

Nama baankii jennaan
hin oomisha seete?๐Ÿ˜
Qarshiidhaan hojjetaa
Silaayyu onneenke?๐Ÿ’š
Beenu sin gaggeessa
dhaqi uffata miicii
Maalimmo jedhamtaa
hojjettuumo niiti?๐Ÿ™†๐Ÿ™†๐Ÿ™†๐Ÿ™†

BEENU SIN GAGGEESSA
BAHI ONNEEKOO KEESSA.๐Ÿ™Œ



@ยฅรธล‹รคลŸร‘ฤ•mฤ™.
โ€‹โ€‹Bakkeewwan Akkamii Irraa of Qusachuu
Qabnaa? Rabbi lafa nagaa isin haa oolchu!!!!

=====================


1. Mana puulii, jootenii, teenisii.... fi
taphoota kana fakkaatan dargaggoonni itti
dabarsan yeroof dhiifnee mana teenyee
kitaabota dubbisuu.
2. Bakkeewwan waaqeffannaa amantaa gara
garaa deemuu irra mana ofii taa'anii
amantaa ofii geggeeffachuu.
3. Gabaa fi bakkeewwan bittaaf gurgurtaa
namni itti heddummatu/rukkatu haga
dirqama hin taanetti fayyadamuu dhiisuu.
4. Mana cidhaa fi ceremony adda addaa
namni itti baay'atu irratti hirmaachuu irraa of
qusachuu.
5. Manneen boo'ichaa ykn sirna awwaalchaa
garagaraa irraatti argamuu dhiisuu.
6. Geejjiba hawaasaa (public transportation)
haga dirqama nutti hin taanetti fayyadamuu
dhiisuu.
7. Manneen nyaataaf dhugaatii (haga
dirqama hin taanetti) manneen sirbaa
(guyyaas ta'e halkanii) irraa hafuu.
8. Walga'ii, afooshaa fi gurmaa'inaalee biroo
namni itti baay'atu irraa yeroof fagaachuu.
9. Manneen fiilmii fi agarsiisa adda addaa
(cinema) keessatti hirmaachuu dhiisuu.
10. Waldorgommii taphootaa gosa kam iyyuu
(kubbaa, wal'aansoo, fiigicha....) irraa
fagaachuu.
11. Hospitaala (Yoo ofii dhukkubsanne,
yokaan hin dhukkubsachiifnu ta'e, nama
gaafachuu dhiisuu).
12. Manneen dubbisaa (Library) keessatti
baay'atanii dubbisuu irra mana ofiitti kitaaba
fudhatanii galanii qofaa ofii dubbisuu.


ยฉ Dr. Gurmeessaa Hinkoosaa

Fayyaan Faaya.

Gabaasa dabalataaf oduu waayee koronaa Ethiopia keessatti ta'aa jiru ilaaluuf.

๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
https://youtu.be/6IQpoHkuezI



โœ @Abdii16

@Abdii_Official
Hudhama jaalalaa

โ€‹โ€‹Duumessaa'eef hin roobu
Dhiisuufis carraa qaba
Jaalalakoo siif ibsuuf
Jechaaf akkaataan dhaba
Obsi hamma yerootti
yeroon waa hin jijjiirtii
Kan abdatan utuu jiruu
Kan jibban deddeebitii
Gaafa karooraaf ka'u
Hin yaadamneetu ta'a
Hojiinsaa gaarii waan ta'eef
Hawwii bakkaan nii gaha.

Asoosama hudhama jaalalaa irraa.

โœ @Abdii16

@halluutube
An ilma abbaa eenyuuti?

Gammachuu keessa taa'een,
Gammachuu biraatiif bolala.
Gadda injifachuuf fakkeessee,
Gammachuu irratti bana olala.

Gammachuun nan dheessine,
Gammadaadha yoo na laalan.
Gaddi keessakoo na haguugee,
Duuba mee, eessa haa na yaalan?

Hundatti na qinqineessee,
Qalbiituu hunda na jaalata.
Tokkolleen nan qabbeessu,
Keessikoo bolalaan laalata.

Gaafa silaa kophoome- hidhata,
Hidhamnaan bilisummaa hawwa.
Oowwa ibiddaa keessatti dhaamocha,
Qorra ligide keessatti oowwa.

Qalbii sablatti na beeyxi,
Bishaan akka hancabbiiti.
Tana waan biraatii hin himu,
Takkaa dallansuma RABBIITII.

Dhugaan jirtu garuu,
Roorrootuu itti na oofee,
Mana gammachutti na galche.
Malee an ilma abbaa hiraar,
Gaddaatuu na dhalche!

Eebboo Kemite
@EebbisaaAbduramaan
Bitooteessa 18_2020
Hirna,Oromiyaa!
Siree irrattiin si miidhe!

Arrabakoorraa waraabeen,
Gorarakoo si obaasa.
Akka sitti hin dhangagooyne,
Quluu jaalalaan siif qoraasa.

Jaalalli foolii hin qabu,
Akka bishaaniiti, bu'aawaa.
Jaalalli dhamdhama hin qabne,
Akka buusaa-
Soogidda maleetti, bushaawaa.

Atiis anaaf qilleensa,
Siiniin argadha hafuura.
An siin malee hin dalagu,
Siituu jiruu tiyya abuura.

Jaalalli,
Jiruu mi'eessa.
Boru si garsiisuuf,
Arra si hamileessa.

Ati jabeenya ilkaankeef,
Afaanii hin dhabdu hancaa.
Ani nageenyakeef qacaramee,
Harkaa hin dhabu mancaa.

Bareedinni fuulakee,
Qalbii nama buta.
Seeqa ilkaankee,
Hojii nama kuta.

Isa ati itti hasaastee,
Jechaan na kilaafa.
Gaafa ati namaa seeqxe,
Ani immoo sitti hinaafa.

Kan si dubbisu hunda,
Ari'ee fixe katachee.
Osoon faana si hordofuu,
Aduun na maxachee.

Galgala namni hin dhufu,
Anumaa wajjiin bulta.
Ani guyyaa mana hin dhufu,
Halkan bobo'aa dhiiraa na ulta.

Hoysaa harka keetiituu,
Humna kiyya hir'isa.
Dhungoo qofaan gaggabeen,
Imaanaan rafee kar'isa.

Ani hin beeku sitti idaa'amee,
Guyyaa dalagaafiin luflufaa.
Eenyuu si ulfeesse? Jabo,
Arrabnikee hancufa tuftufaa.

Arra naaf gale akkaan,
Manatti si hidhe.
Bakka biraatii mitii,
Siree irrattiin si miidhe.

Eebboo Kemite
@EebbisaaAbduramaan
............Dhiisi natti ha hafuu......

Utuu naaf bilbiluu baatte wayyaam luubbu.......
Maalif yoo jeette guuyyan kun haa darbuu........
Hammaa nagaan bu'ee biiyyi jeeqamu dhaabuu........
Naaf biilbiluuf jeette waa na jala taate booda hammaan gaabbuu.

Dhiisi natti ha haafu........

An yaadan si qaba akkamiin si irranfaadhuu???????
Fagaadhe deemus mana koorra si yaadu hn dhaabuu.......
Ilaame luubbuko Ba'aani galuufu waaqayon kadhaadhuu!!!!!!!!!
Anaf jeette baate si dhaabuu gonkuma hn feedhuu!!!!!!!!

Dhiisi natti haa hafuu.....

Garaa qulquulludhaan waal jaalacha jiirra......
Fagaadhe deemus yeroo hunda yadni koo suma bira......
Fagaadheso hn hafuu gonkuma an siirra.....
Jaalalli keenyas kan dhugaati, waqniis nuu waalin jira!!!!!!!!

Dhisii natti ha haafu.......

Lubbuun jiraachun ke inni naf gahadha......
Akka warraa kaani baate karaatti yoo hafteemo maal abbakon goodha????
Waan ofiiko dhiisi natti ha haafu naf hn hin bilbiilini......
Garuu, Yoomiyyu tanan onneke keessa anan na hn baasiini....



................. Y-irra....................
................... waan ofiikofโคโค dambiitti kan argaamtuf!..........

Teessee shaggar qarree
biyya tufaa munaa
laphee koo na corta
akka suusii bunaa!

Gara jabeettiidha
fageenyi hin dachaatu
garaan suma yaada
Aduu dhiitee baatu!

Onneen si dheebotti
akka daadhii mootii
baay'een si jaaladha
ati lubbuu kooti!

Ishee koof,
Ajaalallee kee irraa!
Sin jaladha!


jettee barreessitee jalallee kee ishee ishee shaggar jiraattuuf message hin barreessineef taanaan jaalachuu kee nan shakka!

Br__. ๐Ÿ‘‰ YOOSEN_GEETAHUN

JOIN ๐Ÿ‘‰ @oroart
Charlie Chaplin
Koomeediyaanii beekamaan Chaarli Chaapliin waggaa 88 addunyaa kanarra jiraate keessatti himoota ajaa'ibaa afur(4) nuuf gumaacheera.
1๐Ÿ‘‰ Rakkinoota keenyaan alatti, addunyaa kanarra wanti barabaraan turu hin jiru.
2๐Ÿ‘‰ Rooba keessa deemuu nan jaalladha sababni isaas namni tokkollee imimmaankoo arguu hin danda'u.
3๐Ÿ‘‰Guyyaan nuti jireenya keenya keessaa dhabne inni guddaan guyyaa nuti hin kolfineedha.
4๐Ÿ‘‰Doktaroota/hakiimota gaarii ja'an(6) addunyaa...:
a) ๐€๐๐ฎ๐ฎ
b) ๐›๐จ๐ช๐จ๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ
c) ๐’๐จ๐œ๐ก๐ข๐ข ๐ช๐š๐š๐ฆ๐š๐š
d) ๐๐ฒ๐š๐š๐ญ๐š
e) ๐จ๐Ÿ๐ค๐š๐›๐š๐ฃ๐ฎ๐ฎ
f) ๐‡๐ข๐ซ๐ข๐ฒ๐ฒ๐จ๐จ๐ญ๐š
๐Ÿ™Michuuwwan keessan chaanalii kana affeeruuf๐Ÿ‘‡
@FayoFaye
@FayoFaye
Jaalalli lubbuu tokko keessatti garuu foon lama jalatti haguugamee kan argamuudha.

:- Aristotle
________
@dhalootaafi
Kaardii moofaa qabattee addunyaa haaraatti makamuu hin dandeessu.

Albert Einstein
_____________
๐Ÿ–‹๏ธ@abdi_megersa๐Ÿ–Š๏ธ
Namni tokko waan gammachuu siif kennuuf qofa jaalatta yoo ta'e; namticha akka waan ati hin jaalanne godhameetu lakkaawwama.

:- Algazi
_______________
@abdi_megersa
Sababa malee yoo jaallatte gonkumaa sababaan hin jibbitu,anis sababa malee waanin si jaalladheef sababaan sin hin jibbu.

@abdi_megersa
#Miooftuu
~
Qorri ni hammaata
naannoo gara barii
Harki kee sabbata
morma kootti marii
~
Hoo'a qaama keetin
qaama koo hoo'isii
Qorra narraa maqsuun
natti dhaamochiisii
~
Gorora kee na obaasi
dheebuun koo hammaadhaa
Hidhii koo goggogeef
falli Hidhii keedhaa
~
Gaafa na hammattu
gammachuun koo adda
Akkan si araaduf
sobdee narraa badda
~
Mi'ooftuu koo boontuu
nadhii damma daamuu
Adda bareedni kee
sin gitu bar namuu
~
Walalaan dammaayyuu
amma keen miyaa'uu
suma allaanfachaa
duuti koo yaa ga'uu
~
ยฉ #Kaachaalluu
@Walaloon_Jaalala
@Dambalii_Jaalalaa
DUBBII KANA HUBADHAA
~~~~~~~~~~~~~

๐Ÿ‘ฉโ€๐Ÿ’ป*Nama cimaa ta'i jechuun hin kufin jechuu miti,kuftee ka'uu danda'uu qabda.

๐Ÿ˜‚*Gammadaa ta'i jechuun hunda qabaadhu jechuu miti,waan qabdutti gammadi jechuudh malee.

๐Ÿ’‚*Diina kee jaaladhu jechuun diinni gaariidha jechuu miti,jibba caalaa Jaalalli hunda caala jechuudha malee

โœ*Hojii jaaladhu jechuun hojiin ati amma hojjataa jirtu gaariidha jechuu miti,Boru akka hojiin gaariin si eeggatu hojii harโ€™a hojjataa jirtu jaaladhu jechuudha malee.

๐Ÿค—*Dhiifama godhi jechuun hin miidhamne jechuu miti,Garaa keessatti haaloo kaawwachuun rakkina biraa waan qabuuf malee.

๐Ÿ™‡*Callisi jechuun hin dubbatin jechuu miti,kan biraas dhaggeeffachuuf gurra kenni jechuudha malee.

๐Ÿฅž*Abbaa garaa hin ta'in jechuun hin nyaatin jechuu miti,Haqa nama biraa hin Nyaatin jechuudha malee.

๐Ÿ—ฃ*Hin dallanin jechuun ati miira hin qabdu jechuu miti,dallansuu kee irraa dafii deebi'i jechuudha malee.
JOIN
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/gaaddisa_dhugaa
AMALOOTA NAMOOTA MO'ATOO TORBA (7)

1. Abdii hin kutani. Yoo kufan ka'uu akka danda'an beeku

2. Waan gaarii fi cimina ofii isaanii fi kan nama biraa arguu danda'u. Hir'inaa isaaniirratti, hir'ina namaa irratti hin
xiyyeeffatan. Waan qabanii fi waan danda'anirratti xiyyeeffatu.

3. Namoota (hiriyyoota) gaarii ta'an naannoo isaaniitii qabaatu. Hiriyyoota kaayyoo, ergama fi ilaalchaan waltumsuu danda'an of biraa qabu.

4. Waa'ee doggoggora darbee deddeebi'anii yaadanii of hin
dhiphisan, garuu irraa baratu.

5. Yeroo kaayyoof jedhanii miidhamni dhiphinni, rakkiinni irra ga'u waan isaan miidhe caalaa waan miidhama sana keessaa argatan yaadu.

6. Kufaatii isaanii dhoksuuf hin dhama'an, akka barumsa argatanitti yaadu.

7. Murtoo murteessuuf dudduuba hin deebi'an. Murtoon jireenya keessatti barbaachisaadha, namoonni mo'atoon ni murteessu.

@dhalootaafi

Via : Dr. Gurmeessaa
Saayikooloojiin_akka_jedhutti
Namootni persantii 90% ol ta'an namoota hiriyaa dhugaa jedhanii waaman waliin yeroo dheeraaf hiriyyummaan turuu hin danda'an.
______________________
๐Ÿ“–@abdi_megersa
2024/06/29 22:11:32
Back to Top
HTML Embed Code: