Fuulaa Telegram keenya kanan Nu hordoofa.
https://www.tg-me.com/kenyaantube
Yeroo dhiyootti waan haaraa qabannee dhufa jirraa.

Seenaa Dr Hayilee Fidaa
Kutaa 1ffaa
...
Doktor Hayilee Fidaa (1939-1979) nama siyaasaa yoo ta'u
hogganaa Warraaqsa Sooshaalistii Guutuu-Itoophiyaa (irra
caala maqaa Amaariffaa "ME'ISOON" jedhamuun
beekkama) ture. Gumaachasaa keessa inni guddaan Dargii
bakka bu'uun Sagantaa Warraaqsa Dimokiraatawaa
Biyyooleessa baasuu isaatini. Kana malees, Dr Hayileen
qorannoo adda addaa qubee Afaan Oromoorratii fi caasluga
Afaan Oromoorratti godheen beekkama.
Seenaa Duubaa
Hayilee Fidaa Wallagga keessa magaalaa Arjootti dhalatee
Naqamtetti guddate. Hayileen barnoota sadarkaa tokkoffaa
Mana Barumsaa Arjootti yoo baratu sadarkaa giddu
galeessa (kutaa 5-8) ammoo Naqamtetti mana barumsaa
yeroo sana Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Hayila
Sillaasee I jedhamutti barate. Barnootasaa ittuma fufuun,
sadarkaa lammaffaa Finfinneettii Mana Barumsa Jeneraal
Wiingeetitti barate qaphxii olaanadhaan xumure. Kana
booda barsiisaa ta'ee qacaramuun Dadaritti waggaa tokko
barsiisaa ture.
Bara 1961tti, Hayileen Yuunivarsiitii Finfinnee galee barnoota
ji'ooloojii baratee qaphxii guddaadhan eebbifame. Dr
Hayileen barata cimaa ture; barnoota sadarkaa lammaffaa A
kudhanii fi B lamaan xumure. Yuunivarsiititti ammoo qaphxii
4.0 fiduudhan barata kabajaa ta'ee (great distinction)
eebbifame. Erga eebbifamee booda, achuma Yuunivarsiitii
Finfinneetti , Dippartimentii Ji'ooloojitti Gargaaraa
Eebbifamaa ta'ee akka barsiisaatti qacarame. Yuunivarsiitii
Finfinnee keessatti erga waggaa tokko barsiisee booda
barumsa digirii lammaffaa itti fufuuf gara Firaansi deeme.
Dr Hayileen Firaansitti jalqaba barumsa Ji'oofiiziksii , itti
aansee waggaa lamaaf ammoo Sosooloojii baratee
eebbifame. Hayileen sochii Tokkummaa Barattoota
Itoophiyaa kan Yuurooppi keessatti godhurraan kan ka'ee fi
mootummaa Hayilasillaasee waan balaaleffatuuf, paaspootii
fi iskoolaasrhiippinsaa jalaa haqame. Sababa kanaaf biyyatti
deebi'uu waan hin dandeenyeef, wagga lamaaf mana
barumsaa Firaansi tokkotti qacaramee barsiisaa ture. Ittii
aansee, paaspoortii dhoksaadhan imbaasin Itoophiyaa kan
Jarmanii keenneefin gara Jarmanii deemee, Yuunivarsiitii
Hambargitti waggaa lamaaf barsiise. Amajjii 1975 erga
Warraaqsi dhoo'ee booda gara Itoophiyaatti deebi'e.
Sochii Siyaasaa
Yeroo Firaansi turetti, Hayileen Maarkisizimii Sooviyeetii
fudhatee ture; Rene LaFort akka jedhetti Hayileen miseensa
Paartii Koministii Firaansi ture. Waamicha Dargiin
Itoophiyaanonni baratan gara biyya isaanitti deebi'anii akka
tajaajilan godhe fudhachuun, Hayileen bara 1975 keessa
gara biyyaatti achas deebi'e. Nagadee Goobazee, kan
achuma Firaansitti barachaa ture wajjin naannoo
Yuunivarsiitii Finfinneetti "mana kitaabaa tarkaanfataa"
bane; kunis kitaabota Maarkisizim-Leeninizimii lammii
biyyaattiitif dhiyeessuf ture. Manni kitaabaa dulloomaa fi
dadhabaa ture kun barattootaan guuttame, kitaabonni
haaraa dhufan battalumatti gurguramanii dhumu ture.
Oduma baayyee hin turin Hayileen Dargiin biratti qofa odoo
hin taane hogganaa Dargii Mangistuu Hayilamaariyam biratti
beekkame, Dargiin yeroo sana deeggartoota siivilii fi gorsaa
Maarkisizim-Leeninizimii barbaada ture. Muddee 1975,
barreessan Dargii kutaa Biiroo Dhimma Ijaarsa Uummataa
kan Yeroo (kan Ingiliffaan POMOA jedhamu) dhaabe,
Hayilee Fidaas hogganaa godhe. Kaayyon POMOA Dargiin
deeggarsa ummata biratti akka argatu gochuu qofa odoo
hin taane siviloota bitaa warra kaan dhqqabuu ture.
Hogganaa kutaa kanaa ta'ee odoo jiruuti kan Dr Hayileen
Sagantaa Warraaqsa Dimokiraatawaa Biyyoolessaa kan
qopheesse, dookimentin kunis dhaadhannoo Itiopiya Tikdem
(Itoophiyaan haa dursitu) jedhu kan Dargiin akka kallattiitti
itti fayyadamaa ture garuu kan ifa hin turin bakka bu'e.
Tokkummaa warraaqsa hojjattootaa, qonnaan-bulaa fi
burjaa xixiqqaa tarkaanfataatin, fiiwudaalizimii,
impeeriyaalizimii fi kaappitaalizimiin barbadaa'anii
dhumarratti Rippabiliika Dimokiraatawaa Ummataa....

Kutaa 2ffaa
Itoophiyaa uummame. Mangistuun Warraaqsa
Dimokiraatawaa Biyyoolessaa fudhatamee hojiirra
hooluusaa hiriira Ebla 20, 1976 irratti beeksise.
Haa ta'u malee, POMOAn mormitoota siivilii wajjin
walqunnamtii uumuu dadhabe. Namoota Duula irratti
hirmaatan kan hojii baadiyyaatti irratti ramadaman dhiisanii
gara magaalaatti deebi'anii wajjin mormitoonni Dhaabaa
Warraaqsaa Ummattoota Itophiyaa (kan Ingiliffaan EPRP
jedhamu) deeggaran; kunis lakkoofsa miseensotasa fi
dhiibbaa inni uumu dabale. MEISON Dargii yoo deeggaru,
EPRPn Dargiin sochii uummataa humna waraanatin akka
ukkaamse dubbachuun balaaleffate. Karaan sooshaalistii
inni qajeelton mootummaa uummataa kan dhugaa
hundeessuf qabsaawuu itti fufuu malee Dargii isa nama
hacuucu akka hin fudhanne ifoomsan.
Shoora Dargiin Warraaqsa Itoophiyaa too'achuu keessatti
tabachuu qabu irratti garaagarummaa hadhaawaa
qabaataniyyuu, MEISON fi EPRP "sagantaa walfakkaatu
baasan". Akka Ottaways, kan mormii kana ijaan arge
jedhutti, "Itoophiyaanonni hedduun, warrumti baratanillee
hubachuu hin dandeenye".
Ottaways akka jedhanitti:
Beektonni Itoophiyaa hunduu Maarkisizim-Leeninizimii
keessa of galchuuf dirqaman. Barreessitoonni kun
pirofeesaroota yuunivarsiitii kan mormii siyaasaa kanaan
baayyee jaanja'anii fi hubachuuf jecha kitaabota duriii
hedduu dubbisani arganiiru. Barattoonni yuunivarsiitii
waggaa sadaffaa fi afraffaa barruu Addis Zamanirra
jiranii fi paamfiletii dhoksaan maxxanfaman hiikanii nuu
kennan garuu mormiin dhaabota siyaasaa adda addaa
gidduu jiru maal akka ta'e hubachuu akka hin dandeenye
dubbatu. Hoggantoonni hojii hiikaa Ejensii Oduu
Itoophiyaa keessatti hojjatan hiikaa dhaamsota
mootummaa kan tiyoorin guuttaman kan Biiroo
Siyaasaarraa dhufan akka hin hubanne dubbatu.
Haala kana keessatti, Hayilee Fidaa walitti hidhata Dargii
wajjin qabu cimse. Hagayya 1975, Hayileen Sisaay Haptee
kan Koree Dhimma Siyaasaa Dargii ture wajjiin rakkoo
Eertiraa keessa jirurratti biyyoota Arabaa ja'a wajjin
mari'achuuf bobba'e.
Jechaan kan wal moo'uu dadhaban mormitoonni kun gara
tarkaanfii humnaatti ce'an. Namni jalqaba tarkaanfin irratti
fudhatame Tiyoodor Baqqalaa yoo ta'u gaafa Gurraandhala
25 1977 ajjeefame. Tiyoodor Baqqalaa miseensa MEISON fi
hogganaa Tokkummaa Hojjattoota Guutuu-Itoophiyaa ture.
Kun jalqaba Goolii Diimaa ture, yeroo kanas namoonni
dhibbatamatti lakkaawwaman yoo du'an moo'amuu EPRPtin
xumurame. Namoonni goolii kana jalaa ba'an Finfinneedhaa
gara Tulluu Asiimbatti baqatan.
EPRP baqatuyyuu, haalli jiru Hayilee Fidaafis ta'ee MEISONf
hin fooyyofne. Adoolessa 10 1976, fonqolchi Mangistuu
aangorraa buusuf godhame fashale, Sisaay Haptee guyyaa
sadi'i booda gargaartotasaa 17 wajjin ajjeefame. Kana
booda dhuma bara 1976 keessa, mormiin Mangistuu fi
MEISON gidduutti uummame. Kana booda Mangistuun
miseensota MEISON kan mootummaa keessa jiran
aangoorraa kaasuu jalqabe. Filannoo ministerotaa
Bitootessa 11 1977 godhamerratti MEISON aangoo
tokkoyyuu odoo hin argatin waan hafeef haalli jiru ittuu
hammaate. Waxabajjii 14 hoggansi POMOA MEISONirraa
fudhatame. Hayilee Fidaa fi miseensonni MEISON tarkaanfin
itti aanu hamaa akka ta'u waan baraniif dafanii tarkaanfii
fudhatan: Hagayya 19 hoggantoonni MEISON 19 fi
kaadiroonni 500 ta'an ifatti socho'uu dhiisanii lafa jala
socho'uutti geeddaran; Finfinneedhaa baqatanii gara
baadiyyaatti baqatan. Mangistuun haasaa guyyaa shan
booda godherratti MEISON balaleffate. Hagayya 26 Hayilee
Fidaa fi hoggantoonni MEISON kaan naannoo Finfinneetti
qabamanii Gibbii durii kan biiroon Dargii keessa jiru
keessatti hidhaman. Hoggantoonni MEISON baayyen
dhukaasa humnoota Dargii fi isaan gidduutti godhameen
du'an. Nagadee Goobazee qofatu gara Yamanitti baqatee
lubbuun hafe.
Hayilee Fidaa mana hidhaa keessatti yeroo dheeraaf hanga
dhumarratti ajjeefamutti haala hamaa keessa jiraachaa ture.

Kuta 3ffaa
Haalii ajjeechaasaa ifa miti, garuu Andaargachoo Xurunash
Hayileen erga hidhamee waggaa lama booda, bara 1979tti
ajjeefame jedhe.
Hayileen dura ta'aa Tokkummaa Barattoota Itoophiyaa kan
Yuurooppi ture.
Qorannoo Afaan Oromoo
Dr Hayileen qubee Afaan Oroomoo uumuu keessatti ga'ee
guddaa qaba. Yeroo Yuurooppi jiru, Hayileen miseensa
garee barattoota Oromoo kan qorannoorratti xiyyeeffatu fi
kan Garee Qorannoo Barattoota Oromoo jedhamuu ture.
Gareen qorannoo kun barattoota Oromoo biyyoota akka
Firaansi, Jarmanii , Iswiidin , Tokkummaa Sooviyet , Hangaarii
fi Yugoslaaviyaa keessa jiraatan hammata. Gareen kun
Afaan Oromoo afaan barreeffamaa akka ta'uuf qorannoo
bal'aa godhe. Haaluma kanaan, gareen kun bara 1972 barruu
qorannoosaa kana kan Languages in Ethiopia: Latin or Geez
for Writing Afaan Oromoo, Tatek, 1972 maxxanse. Barruun
kunis Afaan Oromoo qubee Laatiniitiin barreessun filatamaa
akka ta'e seera ittiin Afaan Oromoo Laatiniidhaan
barreeffamu bu'uura kan kaa'e ture. Qorannoo kanarratti Dr
Hayileen gumaacha guddaa qaba.
Dr Hayileen, itti fufuudhaan qubee Afaan Oromoo haaraa
kanatti fayyadamuun kitaabota lama walitti aansuun
maxxanse. Kitaabni inni jalqabaa Hirmaata Dubbi Afaan
Oromoo kan jedhamu yoo ta'u qorannoo caasluga Afaan
Oromooti. Kitaabni kun kan maxxanfame bara 1973,
magaalaa Paarisitti . Kitaabni inni lammataa ammoo Barra
Birraan Barih e jedhama
gama kiyyan seenaan baayyee kan natti tooleefi kan
oromoon hundu beekuu qabuudha. kanaafuu haayyoonni
keenyaa seenaa DR.HAYILEE FIDAA afaan oromoon
baarreessuun sinirra jirra Gaaddisaa Dhaabaa yuuniversiitii
finfinneerraa

Seenaa Baroo Tumsaa
Kutaa 1ffaa
An Oromo Politician
(1942-1977) sabboonaa Oromoo fi qabsaawa mirga
namummaa ti. Baaron kabajamuu mirga Oromootif falmaa
kan ture yoo ta'u qabsoorratti lubbuunsaa dabarte.
Seenaa Isaa
Baaroo Tumsaa bara 1942 Lixa Oromiyaa godina Wallagga
Lixaa naannoo Gimbii ganda karkarroo jedhamtu keessatti
abbaasaa obbo Tumsaa Silgaa fi harmeesaa aadde
Naasisee Ciratoo jedhaman irraa dhalate.
Abbaansaa fi harmeensaa walitti aansuun du’aan irraa adda
baanaan Baaroon obbolootasaa lamaan Raaheel fi
Nagaasaa Tumsaa wajjin mana duwwaa keessatti hafe.
Yeroo sanatti obboleessi isaa obbo Guddinaa Tumsaa
hojiidhaan magaalaa Naqamtee keessa jiraachaa waan
turaniif, qophummaa obboleessasaanii jibbuudhaan dhaqanii
bakka jiraatan magaalaa Naqamteetti isa fidan.
Barnoota Isaa
Baaroon barumsa isaa sadarkaa tokkoffaa fi lammafaa
achuma magaalaa Naqamteetti erga xumuree booda,
barumsasaa sadarkaa olaanaammoo kolleejjii Waldaa
Makaana Yesuus Bishooftuutti argamurraa xumure. Itti
aansuudhaan Yuunivarsiitii Finfinnee seenudhaan barnoota
faarmaasiistiin digirii jalqabaa bara 1966tti fudhate. Itti
fuufuudhaan utuu hinturiin yunivarsiitichumarraa seeraan
digiriisaa jaaalqabaa fudhate. Baaroon egaa turtiisaa
yunivarsiitii keessatti barattoota jijjiirama barbaadanii wajjin
waliigaluudhaan sochii cimaa taasisaa ture. Barattoota
kutannoodhaan saba isaaniif qabsaa’aa turanis sadarkaa
garaagaraatti ijaaraa ture. Ijoolleen Oromoo muummee
barnoota addaa addaarratti ramadamtee akka biyyaasheef
hojjechuu qabduttillee gurmeessaa ture. Bara 1964-1965
waldaa Yunivarsiitii kolleejjii Finfinnee irratti pirezidaantii
ta’uudhaan hojjete. Bara 1966 immoo waldaa waliigaltee
Yuunivarsiitii Finfinneerratti barreessaa ta’uudhan hojachaa
ture.
Qabsoo Keessa Seenuusaa
Baroota kana keessatti baay’inni barattoota Oromoo
yuunivarsiitii keessatti haa xiqqaatuyyuu malee, warruma
jiran kanaa wajjin wal arguudhaan mirga uummata Oromoo
kabachiisuurratti maree taasisaa tureera. Wal’aansoon
barattoota yuunivarsiitiin jalqabame kun utuu hinturiin ifatti
ba’uudhaan namoota hedduu sochooseera. Sochiin kunis
kana qofaaf utuu hintaane, uummanni Oromoo akka inni
mirgasaaf falmatuuf karaa baaseera. Baaroon itti
fufuudhaan namoota paarlaamaa keessa hojjetanii wajjin
wal argee mariyachuun warra akka Maammoo Mazammirfaa
wajjin ta’uun Waldaa wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa
keessatti mormii fiyuudalizimii baadiyyaa keessattis
baballisuun sochii mormii bara 1966 keessa turerratti haala
mijeessuun shoora olaanaa taphatera.
Finfinneefi magaalota kanbiroo keessatti yaada ‘lafti
qoteebulaaf’ jedhu irratti dargaggoota hedduu
gurmeessuudhaan bittaan warra nafxanyootaa akka
gabaabbatu taasisuuratti gumaacha guddaa taasiseera.
Wallaansoon bara 1966 ka’e kun duula guddina waliin jedhu
uumee keessumaayyuu naannoo Oromiyaa keessatti
fudhatama argateera. Fudhatama argachuusaatiif
sababnisaa Baaroo ture. Baaron goota humna dargaggootaa
ijaaruun sirna Nafxanyootaa barbadeessuuf kutatee ka’e
ture.
Baaroon bara 1966 barnootasaa erga xumuree booda biiroo
eegumsa fayyaatti miindefamee hojjechuu jalqabe. Waajjira
kana keessa amma turetti loogii bara dheeraaf mana hojii
sana keessaa ture qorachuudhaan qajeelfama ture sana
jijjiiree namoota hedduudhaaf bu’aa ta’eera. Sobdootaafi
warreen malaamaltummaadhaan jiraatanis qaanessaa
tureera.
Haalli Baaro ofi garee hojjetootaa kanaa namoonni itti
hintolin Baaroo hojiirraa ariyani. Miindaasaarra ariyatamuun
cinatti akka shororkeessituu addaatti fudhatamee tureera.
Haata’u malee dabni irratti raawwate kun Baaroon
wallaansoosaatti akkanni cimu isa taasise malee dugda
duubatti isa hindeebifne. Yeroo mara mootummaan bara
sanaa Oromoorratti miidhaa dhoksaa waan taasisuuf, akka
sabni Oromoo walitti dhufanii mariyatan waan
hinbarbadneef Waldaan Maccaafi Tuulamaa akka cufamu
taasisaniiru. Kun kan isa gaddisiise Baaroon ummanni