Telegram Web Link
Baga geessan
Jaarraa Abbaa Gadaa

๏ฟผ

Jaarraa Abbaa Gadaa(1936-2013), maqaa dhalootaa Abdulkariim Ibraahim Hamiid jedhamuunis ni beekkama, qabsaawaa mirga Oromootif falmaa ture fi falmata mirga dhala namaati. Jaarraan umuriisaa guutuu ummata Oromootif qabsaawun dabarse.

Ittii fufaa.......
Share share godhudhaan nuu cinaa dhaabadha
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@dedroro
@dedroro
Trump yoo pilaatfoormii keenya [facebook fi instagram] fayyadamuu itti fufe badii caalu fiduu waan dandaโ€™uuf yoo xiqqaate torbee 2f uggurree jirra jechuun abbaan facebook Mark ibsee jira.

Trump aangoo irraa buโ€™uu didus sirni Ameerikaa sirna dimokraasii jabaa nama tokko qofa irratti hin irkanne tahuu isaa irraa kan kaโ€™e dirqamee masaraa keessaa torbee 2 booda ni baha. Trump diktaatara akka bulchitoota Afrikaati. Garuu sirna Ameerikaatu seeraaf malee nama tokkoof hin bitamne. Afrikaa keessatti garuu sirni seeraaf osoo hin taane nama hogganuuf bitama. Olaantummaan seeraa jechuun hundi seeraa gadi jechuudha. Trump seeraan mooโ€™atame seeraa ol tahee itti fufuu hin dandaโ€™u. Kana irraa dhalootni kan barachuu qabu biyya keenyaaf kan barbaachisu sirna olaantummaa seeraa irratti hundaaโ€™e ijaarrachuuf carraaquudha. Namni tokko hogganaas tahu seera cabsinaan jala deemuu diduu baruudha.
Konkolaataa gurraacha V8 achi fagaattee jirtu sana keessatti Jawar qabanii deemuuf kaโ€™aa jiru. Battaluma makiinaan Jawar fuudhee deemeen daqiiqaa 2 keessatti sababa qabamuu Jawar kan gubate poolisiin Oromiyaa Saajin Magarsaa "yaa Oromoo yoo at wal hin taane, kunoo an of keessaa baase" jedhee battaluma sana morma jala of rukutee of ajjeese. Itti fufa .... https://www.tg-me.com/ferhanabdulselam
Paartiin KFO ibsa harโ€™a baaseen mirgi namoomaa kabajamee hoggantoota, miseensota, deeggartootaa fi qaamoleen hawaasaa sababa ilaalcha isaanii hidhaman akka hiikaman, akkasumas wajjirootni isaa jalaa cufaman akka banaman gaafate. https://www.tg-me.com/ferhanabdulselam
Guyyaa kana maaltu tahe? Seenaa baayโ€™ee garaa nama nyaatu!

"Eegdotni Rippaabilikaa Abiy Jawaarfaatti marsanii, meeshaa nyaachifachaa yeroo itti tuutan ture. Akka yaada keenyaatti, Jawaar inuma ajjeefama, akkaataan jaraas ammoo ajjeesuuf waanuma dhufan fakkaata ture.

Yeroo kana, nuti naasuu hamaa keessa turre. Nu qofa miti; poolisoonni Oromiyaa nu marsanii turan illee akka malee rifatanii, gubatanii turan. Waca uumame keessaa sagaleen Dubartii tokko guddatee dhaga'amaa ture. Sagaleen sunis Poolisoota Oromiyaaf kan waamicha godhu ture. "Yaa poolitoota Oromiyaa, Jawaarifi Baqqalaa ajjeesuuf jedhu. Adaraa keessan seenaa Muusxafaa Huseen irra deebi'aa. Utuu ilaalluu ammas ija keenya dhabuuf deemna" kan jedhu ture. Kana gidduutti, poolisoota na fuuldura dhaabbatan keessaa muraasni uffataafi meeshaa ofirraa baasanii, bo'aa deddeemuu eegalan. Itti fufa...
โ€œErga nuti Gidduu Gala Aadaa Oromoo geenyee tilmaamaan daqiiqaa 5-10 booda Taakkalaa Uumaa eegdota baayyeetiin ajjabamee bakka nuti jirrutti dhufe. Akkuma dhufeen, Baqqalaa fi Jawaar dabareedhaan dubbisee xiqqoo erga dhaabbatee booda, Jawar fi Baqqalaa harka qabatee fageenya Meetita 30 hin caalletti achi siquun haasaa eegalan. Erga haasa'nii xumuraniis gara keenyatti dhufuun, "Reeffi Hacaaluu Finfinneetti awwaalamuu baatus, Sirni geggeessaa guddaan, geggeessaan gootaa Finfinnee irraa gara Ambootti akka taasifamuuf waliif gallee jirra. Kanaaf hangasitti Reeffi akka foolii hin godhanneef, Firiijii reeffi keessa taa'u Taakkaleen deemee fidee dhufa. Nus ammoo asumatti eegna." Jechuun kan dubbate Jawaar ture. Taakkalaanis kanarratti waliif galuu irra deebiin nutti himee, konkolaataa isaa seenuun bakka sanaa deeme.โ€ Itti fufa...
Guyyaa Jawar qabamu maaltu tahe? Itti fufa...

"Akkaataan warri Eegdota Rippaabilikaa Abiy meeshaa ittiin qabatanii jiran nama waraanaaf dhufe fakkaatu ture. Eegdonni Jawaaris kana shakkanii battaluma Jawaariin Konkolaataa keessaa baasanii Konkolaataa biraatti yeroo dabarsan argaan ture. Ajajaan Eegdota Rippaabilikaa sun nu bira qaqqabee Jawaar akka barbaadamu Eegduu Jawaaritti hime. Yoo kana Eegduun Jawaar sunis, 'Jawaar haasofsiisuu yoo barbaaddan asuma konkolaataa isaa keessatti dubbisaa' jechuun deebii yeroo laatuuf sirriittin dhaga'aa ture. Ergasii as, Jawaar foddaa Konkolaataa banee Ajajaa sana gara ofiitti waame. Ajajaan sunis konkolaataa Jawaar keessaa seenuun Jawaar bira taa'ee haasaa eegalan. Kana gidduutti, Jawaar eegdotasaa keessaa Bashiiriin ofitti waame, "meeshaa hiikkadhaa!" Jechuusaa nan yaadadha. Eegdotni Jawaaris aariidhaam ciniinnachaa meeshaa hunda kiikkachuu eegalan.โ€ Itti fufa...
Sibhat Naggaa kan waggaa 27 dhiiga Oromoo xuuxaa bahe dhumni isaa akkana tahe.
Sibhat Naggaa kan amma dhuma irratti akkanatti salphate kun nama TPLF hundeessee fi jara keessaa nama hunda caala sodaatamu ture. TPLF keessatti Mallasaa olitti kabajama. Yakka TPLF raawwataa turte namni adda dureen karoorsaa ture nama kana. Aboy (abbaa) TPLF fi OPDO ture. Cubbuun nama irratti dalagan ni turti malee nama hin dhiiftu.
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
ใ€Š GORSA 4FFAA ใ€‹

ใ€Š1ใ€‹ Barsiisaan kee inni sirriin dogoggora ati kaleessa hojjatte dha. Kanaaf isa kaleessa dogoggorteen of dhiphisuu dhiisitii irraa baradhu!

ใ€Š2ใ€‹Jal'innii fi sobni ati har'a sobaa jiraattu jireenya kee qofa balleessuu utuu hin taane du'a kee iyyuu ni fokkisiisu. Kanaaf gaarii yaadu fi gaarii gochuuf macaafa qulqulluu dubbisi!

#Galmadhugaa

https://www.tg-me.com/joinchat-SzrzXBiDiku9bKzH
Beellamni mana murtii Jawaar faa boru ganama. M/M/O Federaalaa Lidataatti argamutti gaggeeffama. Dhaddachi banaadha. Namni barbaade yeroodhaan argamee dhaddacha hordofuu danda'a. https://www.tg-me.com/ferhanabdulselam
#OromiaDevelopmentAssociation

Barattoota Mana Barumsaa Bultii Addaa, Waldaa Misooma Oromiyaa dorgomanii galuu barbaadanif.

WMO barattoota qorumsaa bara 2012 kan sababa COVID-19'n dheerachuum bara 2013 qoramanii firii gaarii galmeessisaan wal dorgomsiisuun ni simataa.

Waldaa Misooma Oromiyaa barattoota haaraa dorgomanii bara 2013 mana barumsaa bultii addaa galuu barbaadaniif ulaagalee isaan guutuu qaban ifoomse.

Haaluma kanaan

1) Dhiiraaf qabxii giddugaleessa Avereejii %89 fi isaa ol barattoota galmeessisaan,

2) Dubaraaf qabxii giddugaleessa ykn Avereejii 87 fi isaa ol barattoota galmeessisaan akka ta'ee waldichii beeksiseera.

Galmeen barattoota dorgomuu barbaadani kan gaggeeffamuu Wajjira Barnoota Godinoota Oromiyaa fi Magaalaa Finfinneetti manneen barnootaa Afaan Oromoon barsiisaanitti akka ta'ee ibsameera.
Xilahun Yaamii harโ€™a waaree booda bakka duraan itti hidhame irraa fuudhanii bakka hin beekamne geessanii jiru. Xilahun Yaamii iccitii baasuu isaatiif akka ajjeefamuu dandaโ€™u himee ture. Hordofamuu qaba.
Manni murtii, har'as irra deebiin, J/Mikaa'el Faa akka gadi-dhiifaman ajaja dabarsee jira. Asiin dura, Ajaji akka kanaa yeroo sadi kennameera. Kun afraffaadha. Manni Murtii ajaja baasu kabachiisuu hindandeenye! ~ Qondaala ABO Battee Urgeessaa irraa
2024/09/24 14:36:01
Back to Top
HTML Embed Code: