Telegram Web Link
Forwarded from MADDA BEEKKUMSAA๐ŸŒณ (Abฤ‘eta Kฤฑ&ยช)
*Oduu Ammee*
Jawaar Mohaammad dabalatee hogganoonni KFO hidhaa gadi
dhiifamuun mirkanaa'e
**
Jawaar Mohaammad dabalatee hogganoonni paartii mormituu
Kongirasii Federaalawaa Oromoo fi namoonni isaan waliin
himatamanii mana hidhaa sirreessaa Qaallitti turan gadi dhiifamuu maatiin hidhamtootaa mirkaneessan.

Kanneen galmee Obbo Jawaar jalatti himataman keessaa Obbo Dajanee Xaafaa, Shamsaddiin Xahaa fi gaazexeessaa
Mallasaa Dirribsaa dabalatee eegdonni Jawaar Jimaata galgala dursanii gadi dhiifaman.

Jawaar Mohaammad, Baqqalaa Garbaa fi Hamzaa Booranaa dabalatee kanneen hafan ammoo halkan naannoo sa'aatii 5
mana hidhaatii bahuu intalli Obbo Baqqalaa garbaa fuula feesbuukii isheerratti beeksifte.

Gama kaaniin Paartiin Baaldaraas Dura Taa'aan dhaabichaa Iskindir Naggaafi hoggantoonni dhaabichaa galmee isaa jalatti himataman kaan hiikamuu isaa gama fuula Facebook isaarratti
barreessuun mirkanesseera. Mootummaan Itoophiyaa "dirree siyaasaa bal'isuu fi marii
biyyaalessaa hirmaachisaa ta'eef jecha" hidhamtoota kana "dhiifamaan" hiikuuf murteessuu Tajaajilli Komunikeeshinii
Mootummaa ibsa Jimaata galgala baaseen beeksiseera.

Abbaan Alangaa Federaalaa ammoo ibsa gama feesbuukiin baaseen hidhamtoonni kun marii biyyaalessaa karoorfame bu'a
qabeessa gochuuf "bu'uura labsii 943/2008tiin himatni isaanii
akka kaafamu murtaa'e" jedheera.
Odeessa guutuu asii dubbisaa:

.
========Read more===โคต๏ธl
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
Baga gammaddan!
Baga gammanne!
Gammachuu guutuu rabbi nuuf haa godhu.
Forwarded from MADDA BEEKKUMSAA๐ŸŒณ (Abฤ‘eta Kฤฑ&ยช)
Anis Karrayyuudha

Madda Oromummaan
imala namummaan
Miti naan hin jedhin
Karrayyuudha an

Karrayyuu karra haayyuu
Hortee Baarentuudhaa
Ilmaan saba guddaa
Ilmaan Oromoodhaa

Enyuummaa keessaniin
kan jiraattan boonaa
Dirree milkiif karraa
maaf godhanii foonaa?

Gootummaa kee beeku
boriif sodaatanii
Kaanaaf qaallichaa
si furaa nyaatanii

Labatni uma fufa
Anis Karrayyuudha
Dhiigni kee dhiigaa koo
Lafeen kees kan koodha

Du'a jagnaa duutan
du'a gadhee motii
Silas dur gootummaa
kan abbaa keeti
kan abbaa kootii

Deemsi keessan unuuf
baraan dirmammuudha
Godaannisan qaba
Anis Karrayyuudha

#Share
@OROMOTOO
@OROMOTOO
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
Nuuf kenneera rabbi
jabina isa guddaa
Dirra ittiin baannu
rakkoo hamaa hunda

Osuma watwaatnu
boolla qilee lixnee
Galata Waaqayyoo
seequurraa'n fagaanne

Rakkoon dabalamuus
guyyuun akka jiruu
Imimmaan roobsudhan
barri yoomuun taru

Guyyaan har'aa kuni
darbee seenaaf hafa
Boo'uu qofa miti
falli biraa kolfa

#Share
@jechootahayyoota
@jechootahayyoota
sign up to get a 10 US Dollar newcomer bonus! I made more than 200 US Dollars by watching the video here, so you can try it. https://video-dy.xyz/2600101618686888/
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
#Oduu_Gaddaa
Artistiin jaallatamaaf kabajamaa Nuhoo Goobanaa du'aan Adunyaa kanarraa boqote.

Maatiifi Firoottan akkasuma jaallattootaafi dinqisiifattoota isaaf Jajjabina hawwina

@oromotoo
@oromotoo
Weellisaan Gameessi Oromoo ##Nuhoo_Goobanaa Addunyaa kana irraa du'aan Boqote; maatii, Firoota isaaf uummta oromoof jajjabina Hawwinaa Biyyeen itti haa salphatu!
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
DHUGAADHA ITTI FAYYADAMAA!!

Linkii Asii gadii kana xuqudhaan malaqaa karaa Onlinan argachuu ni dandessuu.
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡


sign up to get a 10 US Dollar newcomer bonus! I made more than 200 US Dollars by watching the video here, so you can try it. https://video-dy.xyz/2600101618686888/
GMN-Amajji 31/2022!
Waraanni Bilisummaa Oromoo  Oromiyaa bakkoota garaa garaatti Waraana Bilxiginnaa yoo haleelu, Miseesonni RIB 7 ammoo Waraana Bilisummaa Oromootti dabalaman.

Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba bahaa, Zoonii Giddu Galeessaa fi Zoonii Kibbaa bakkoota addaa addaatti Waraana Bilxiginnaa irratti tarkaanfii fudhachuun kisaaraa guddaa irraan ga'un beekame.

Haaluma kanaan Amajjii 30/2022 Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba Bahaa Godina Arsii Lixaa, Aanaa Nageellee Ganda Goondee Gurraattiitti, Waraana Bilxiginnaa sakatta'a Waraana Bilisummaa Oromoof deeman irratti tarkaanfii guddaa fudhateen loltoota Bilxiginnaa hedduu ajjeesuun kaanis yoo madeessu akkasumas meeshaa gosa addaa addaa irraa booji'uu ajajaan Waraana Bilisummaa Oromoo naannichaa beeksisee.

Tarkaanfiima wal fakkaatuun Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii kibbaa Cibiraan 30 Booroo kaleessaa Amajji 30/2022 Magaalaa Guddoo Godina Gujii kan taatee Magaalaa Nageellee Booranaa seenuun Mooraa ykn Kaampii Waraana Bilxiginnaa haleeluun hedduu ajjeesuun kaanis yoo madeessu meeshaa adda adda Kampiicha keessa tures guutummaatti booji'uu ajajaan Waraana Bilisummaa Oromoo Cibiraan Soddom Boroo beeksise.


Haaluma wal fakkaatuun Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa Buttaan Jaagamaa Badhaanee kaleessa Amajjii 30/2022 Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ambootti Mooraa ykn Kampii Waraana Bilxiginnaa bakka addaa addaa 3tti haleele.

Sa'aa wal fakkaataatti tarkaanfii mooraa Waraana bilxiginnaa irratti kan fudhatee Waraani Bilisummaa Oromoo mooraa inni haleeles 1 Ganda Dikii, 2, Mooraa daandii ijaarsa baadiyyaa Qulliitii bakka jedhamu 3 mooraa  ganda xulleetti argamu barbadeesse jira. Kampiin Waraana Bilxginnaa Haleelaman kunneen Magaalaa Amboorra fageenya deemsan sa'aa 1:30 haga sa'aa 2:00 hin caalle kan fagaatan ta'uu Gadaa Media Network Hawaasa naannichaa irraa odeeffateera.

Tarkaanfii Waraanni Bilisummaa Oromoo fudhate kanaan loltoonni Bilxginnaa hedduun yoo du'an, kanneen mada'an ammoo konkolaata 5 Ganda Qullii irraa konkolaataa 4 Ganda xullee irraa konkolaata 2 Ganda Dikii irraa guuruun Hosptalaa Ambootti geessan jedhu jiraattonni naannoo Sanaa.

Waraanni Bilisummaa Oromoo lola kanaan meeshaa Waraana Bilxiginnaa lakkoofsaan hedduu ta'e Booji'uus ajajaan Waraana Bilisummaa Oromoo Buttaa Jaagama Badhaanee beeksisee jira.

Oduuma wal fakkaatuun Guyyaa kaleessaa Amajjii 30/2022 Godina shawa Kibba Lixaa Aanaa Ammayyaa Roggeetti Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Xoophiyaa 7 Meeshaa Bireenii ykn Falfaloo 2 akkasumas kilaashii AKM 4 fudhachuun Waraana Bilisummaa Oromootti dabalamun beekame.

Yeroo addaa addaatti ilmaan Oromoo Waraana Bilxginnaa keessa jiran hidhannoo guutuu waliin gara Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromootti dabalama kan jiran yoo ta'u Waraanni Bilisummaa Oromoos irra deeddebiin waamicha Oromummaa gochaafi jira.!



https://www.tg-me.com/oromotoo
Soommanni Ramadaanaa 1443ffaan boru ni eegala.

Soommanni Ramadaanaa 1443ffaan guyyaa boruu Bitootessa 24, 2014 ni eegala.

Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa ibsa ergeen soommanni guyyaa boruu kan eegalu taโ€™uu ibseera.

Soommanni Ramadaanaa bara kanaa guyyaa boruu kan eegalu taโ€™uu mirkanaaโ€™uu hogganaan sabquunnamtii mana marichaa Usmaan Adam ibsaniiru.

Hawaasni musiliimaa wayita soomu wal deeggaruu fi walgargaaruun taโ€™uu akka qabu manni marichaa yaadachiiseera.

Keessumaa lammiilee waraanaa fi hongeen miidhaman yaadachuu akka qaban dhaamaniiru


๐Ÿ“กMIIDIYAA๐Ÿ“ก
@jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
WALALOO JAALALAA. ''''''''''''''''''''''''''''"'''''''"''"'""""''"""""'""""
dhokseen si ilaalaa
ija koo banadhee
jaalala keetiifan
kaayyoo koo dagadhee
imaanaa koo fuutee
karaa irratti gattee
kan na caalu argattee
anaan na dagatte.
Akka har'aa mitii
bor ni jijjiirama
aduun dhihee hin hafuu
bari'uun dirqamaa
Qabsoo jireenyaatiif
utuun kufee ka'uu
yoodhuma si dhiisee
dhala keef haa kaa'uu
Waa'ee keetiif jedheen
imimmaan lolaasee
waaqayyo sin dhiisin
jedheen siif galaase
jaalladheen si dhabe
jaalladhuu na dhabii
kan harka waaqayyoo
siif haa ta'u adabi.
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
Namoota jaallatanii dhaban hundaaf

@harargetub
@harargetub
Forwarded from Qerroo media
๐’๐ˆ๐‘๐๐Ž๐Ž๐“๐€ ๐€๐…๐€๐€๐ ๐Ž๐‘๐Ž๐Œ๐Ž๐Ž ๐ˆ๐“๐“๐ˆ ๐ƒ๐‡๐ˆ๐˜๐€๐€๐ƒ๐‡๐€๐€.๐Ÿ’ช
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
๐Ÿฅ€ ษขแดœสสแด€แด€ โž€

Namoonni Si (waa'ee kee) beekan waan ta'e amanuu dadhabu. Maatiin, hiriyootni keef namoota ati jiraachuu keen qofa wal barte sagantaa ho'aa tokko irratti wal argu.

Maatii keessaa namni tokko, hiriyoota kee warra akka mataa keetti jaallatu bakka bu'ee namni tokko..namoota addunyaa hojiin si beekan dabalatee, warreen utuu imalli dheeraan hin eegalamiin dura hafuura keef ciminni, lubbuu keetiif boqonnaan as jira jechuun; Isa si uume waliin hariiroo akka qabaattuuf si gorsan keessaas inni tokko ol ka'ee jecha Si ibsu dubbachuuf namoota walitti qabaman fuuldura ni dhaabbata. Jireenyi Isaa/Ishee nuuf kana ture jedhu !
Amalaafi sabriin, sirnaafi fakkiin eenyummaa ke laphee cabsee isaan boossisa ta'a. Guyyichi guyyaa jireenyaaf kenname isa dhumaati.

โžญWaan ta'uun si ibsuuf
โžญCarraa siif kennameef
โžญJaalachuufis ta'e dhiifama gochuuf
โžญHojii sitti kennameef ๐™œ๐™ช๐™ฎ๐™ฎ๐™–๐™–๐™ฃ โž€ har'a !

๐Ÿ”–สœแด€ส€'แด€ วซแด€สŸส™ษชษชษด แดŠษชส€แด€แด€แด„สœแด€แด€; ส™แดส€ษชษชา“ สแด€แด€แด…แด€แด€ษด วซแดแด˜สœแดแดา“ษดแด€.
@jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
#Kana_Beektuu_Laata!!!

Qabsaa'ota Oromoo Achi Buuteen isaanii Dhabaman!!
1.Jaal Nadhii Gammadaa
2.Jaal Baqqalaa Dawwaanoo
3.Hayyuu Dabbasoo Guyyoo
4.Jaal Lammeessaa Booruu
5.Jaal Yooseef Bantii
6.Barsiisaa Kabbadaa Hurrisaa
7.Jaal Baroodaa fikkf.



๐Ÿ“กMIIDIYAA๐Ÿ“ก
@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA
Guyyaa Gootota Oromoo #Yuunivarsitii_Wachemo

ABDII UMMATA BAL'AA!!
๐Ÿ“กMIIDIYAA๐Ÿ“ก
@OROMOTOO
@OROMOTOO
2024/09/22 16:39:41
Back to Top
HTML Embed Code: