Telegram Web Link
Yeroo humnoonni TPLF Maqalee galan maaltu ta'e?

Humnoonni naannoo Tigraay waraana baatiiwwan saddeetiin ol tureen booda Waxabajji 28, 2021 magaalaa Maqalee yeroo deebisanii qabatan ummanni hedduun gammachuu ibsachuuf daandiitti bahan.

Jiraattoonni magaalattii alaabaa mirmiirsaafi richiitii dhukaasaa miira gammachuu isaanii akka ibsatan dubbatu.

@bbcAfaanOromoo ..
========Read more==
Qaamoleen fedhii qaban naannoo Tigraayiif deeggarsa akka taasisaniif eeyyamni balallii laatame!

Mootummaan Ityoophiyaa qaamoleen fedhii qaban naannoo Tigraayiif deeggarsa akka taasisaniif eeyyamni balallii laatameera.

Mootummaan Ityoophiyaa qaamoleen fedhii qaban naannoo Tigraayiif deeggarsa akka taasisaniif Wiixata darberraa eegalee eeyyama balallii laachuu Qulqulleessi Odeeffannoo Labsii Yeroo aarifachiisa fuula Twiitara isaan ibseera.
#NEAEA

Qormaatni biyyaaleessaa kutaa 12ffaa guyyaa Adoolessa 12 bara 2013 irraa eegalee kennama jedhamee oduun karaa miidiyaalee hawaasaatti tamsa'aa jiru soba ta'uusaa fi guyyaan qormaatni kun itti kennamu kan hin murtoofne ta'uu Ejensiin Madaallii Barnoota fi Qarmaata Biyyaalessaa (National Educational Assessment and Examination Agency - NEAEA) ibseera.
Baqattootni Eertiraa Tigiraay jiran ajjeefamaa jiru gabaasni jedhu isa yaaddessuu UN beeksise!

UN'tti Ejensiin Baqattootaa gabaasni haleellan baqattoota Eertiraa Tigraayi jiranirra qaqqabuu agarsiisu na yaaddesse jedhe.

Itoophiyaatti dubbi himaan Ejensichaa, Dhiha magaalaa Shireetti baqattoonni Eertiraa dhibbaan lakkaa’aman ajjeefamuu gabaasonni ibsan maddeen ''onlaayiiniifi maddeen adda addaarra mirkaneeffachuu'' beeksisan.

''Gabaasota kana xiyyeeffannoon ilaalla, gabaasota kana akkuma dhageenyeen battaluma sanatti hojjattoota keenya magaalaa Shiree jiranirraa, michuuwwan nu tumsaniifi baqattoota Eertiraa gaafachuuf yaalleera'' jechuun Kireevonkoovik karaa imeelii ibsaniiru.

''Himannaa amma yoonatti nu qaqqabaa jiran sirrii ta’uusaanii mirkaneessu dadhabnus, odeeffannoo gamaggamuuf nu fayyadan sassaabuu itti fufna'' jedhan.

Torban darbe loltoonnii raayyaa ittisa biyyaa Tigiraayi bahuu hordofee toorri walqunnamtii cufamuusaatiin gabaasota kana mirkanessuuf dhibbaa ta’era.

BBC
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Seenaa Yuunivarsiitii Haramaayaa Hundeeffama irraa jalqabee hanga ammaatti Pirizdaantii Yuunivarsiitii Haramaayaa Kabajamoo Dr.Jamaal Yuusufiin itti dhihaadhaa!


👇👇👇👇👇👇
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
WAAN DUBBISNEERRAA

☞︎︎︎"Hiriyoota lamatuu wal faana imalaa ture. Inni tokko garmalee aara inni tokko ammoo qoosaa baay'isa. Guyyaa tokko otuma deemanii inni qoosu hiriyaa isaa arsinaan kaballaadhan rukute. yeroo kana inni rukutame fiigee deemee galaana maddiitti cirracha irratti " hiriyaan koo na kabale " jedhee barreesse. Achi booda galaana maddii otuu taphatuu galaanicha gidduu seena. Daakaa hin beeku waan ta'eef bishaanicha keessaa yeroo watwaatu hiriyaan isaa seenee isa baase. Yeroo kana inni Du'a irraa oole dhagaa guddaa barbaadee "HIRIYAAN KOO DU'A NA OOLCHE" jedhee bocee barreesse. Yeroo kana hiriyaan isaa "maaliif yeroon si kabalu cirracha irratti barreessitee yeroo bishaan keessaa si baasu ammoo dhagaa irratti bocce?" jedhee gaafannaan, innis deebisee akkas jedheen "jibbi kan garaati, jaalalli ammoo kan lapheeti. Yaraa darbe kaasnee wal jibbuu irra gaariin wal jaalachuu wayya. Jibbi nu balleessa, jaalalli garuu nu milkeessaa".
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
@Jechootahayyoota
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Yunvarsiitiin Finfinnee hayyoota 15f sadarkaa Proofeesarummaa guutuu laate!

Yunvarsiitiin Finfinnee hayyoota 15f sadarkaa Proofeesarummaa guutuu laateera.

Boordiin hoggansaa Yunvarsiitii Finfinnee ragaa Proofeesarummaa guutuu dhiyaate ilaaluun sadarkaa kabajaa kana raggaasiseera.

Haaluma kanaan:-

- Dooktar Fayyeera Sanbataa
- Dooktar Isheetuu Gurmuu
- Dooktar Hagos Biluutsi
- Dooktar Taammiraat Baqqalaa
- Dooktar Gazzahaanyi Maammoo
- Dooktar Kabbadaa Ammanuu
- Dooktar Salamoon Tafarraa
- Dooktar Makbib Afawarq
- Dooktar Abaabaw Fiqaaduu
- Dooktar Iyyaasuu Eeliyaas
- Dooktar Daamxee Shimallis
- Dooktar Amazanaa Taaddasaa
- Dooktar Yiliqaal Addaamu
- Dooktar Daani'eel Zawudineh
- Dooktar Tasfayee Sisaayiif sadarkaa Proofeesarummaa guutuu laateera.
Guyyaa 7ffaa OSFNA
“””””””””””””””””””””””””
Sirna Mormii Bilxiginnaa cimaa fi Yaadannoon Haacaaluu ture. Maqaa Jawaar , Baqqalaa, Abdi Raggaasaa, Kolonel Gammachuu fi kkf … dhayamaa oole!

Koreen Qopheessituu OSFNA Galatoomaa Gootoota keenya yaadachiisuu keessaniif!
Seenaa Gabaabaa Xiinxalaa Siyaasaa fi Hoogganaa olaanaa OMN obbo Jawar Mohammed,

BY AFAAN OROMO

SEPTEMBER 27, 2018

Jawar Mohammed kan dhalate bara 1985A.L.A Godina Arsii gara Daangaa Harargeedhaan waldaangessu magaalaa xiqqoo Dhummuugaa jedhamtutti dhalate. Naannoo Dhummuugaa kan jiraatu ummanni gara dhibbeentaa 90(90%) hordoftoota Amantii Musliimaa yommuu ta’an, dhibbeentaan 10 hafe immoo hordoftoota amantii garagaraati. Haa tahuu malee Dargaggeessi qaroon Oromoo kun Maatii amantiidhaan walmakaa(Abbaadhaan Musliimaafi haadha Kiristaana) irraa dhalate.

Haalli kun Dargaggeessi gameessi kun umrii dargaggummaasaatti muudannoo jireenya hawaasummaa adda addaa kan itti qorame akka tahe dubbata. Akkasumas, haalli sun; Jawar, Hariiroo walitti dhufeenyaafi waliin jiraanya hawaasa maatii amantiiwwan garagaraa hubaachuu keessatti carraa guddaa akka uumeef, akkasumas yeroo fudhatee yeroo adda addaatti amantii dhuunfaasaatiyyuu murteessuuf karaa qabsiisuuf akka yaadeefi kunis waliin jireenya dhuunfaasaafi hawaasummaatiif, akkasumas obsa horachuuf hangam akka isa gargaare hima.

Jawar hanga umriin isaa barnootaaf gahuufi asuma Magaalaa Dhummuugaa jiraate.

 
Umrii dargaggummaan Dhummuugaa jiraate keessatti akkuma dargaggoota kaawwanii Hangafootaafi maanguddoota waliin kan dabarsu akka taheefi sababni dargaggootni naannoo dhummuugaa Hangafootaafi Manguddoota waliin yeroo dheeraa dabarsaniif Beekumsa irraa argachuufi bilchina hangafootaa dhaaluuf akka tahe dubbata Leencichi Jawar Mohammed.

Haaluma walfakkaatuun Dargaggoon Jawaris Seenaa, Seera, Aadaafi Duudhaa, Safuufi Siyaasa Akaakayyuu(Abbaa abbaa isaa) irraa fi hangafootasaa irraa akka barate dubbata. Haala kanaan Dargaggeessi gameessi Jawar akka jedhutti, Hubannoofi Muuxannoo Abbaafi Akaakoo isaa waliin madaalee, Akaakoon abbaa isaa immoo isaan kanneen caala akka dargaggoo gorsuufi gahoomsuu danda’an tilmaama isaa kaaya.

haaluma walfakkaatuun; hayyuun gameessi Jawar, akka jedhutti “Dhaaloota baroota jahaatamootafi torbaatamoota keessa turaniif DINQISIIFANNAAfi KABAJA Guddaa akka qabuufi, Ummanni sun ummata tattaafataa, ofittoo kan hin taaneefi itti gaafatamummaadhaan kan socho’an” akka ta’an akka amanu dubbata.

Yommuu Umriin isaa barnootaaf gahu, Barnoota Sad.1ffaa achuma Dhummuugatti barnoota kan eegale yoo ta’u, garuu Jawar osoo barnoota M/B sad.1ffaa hin xumurin barnoota addaan kutee akka deemu ergaan jedhu itti himame Mana barumsichaa irraa. Kun taatee osoo isaafi maatiin isaa itti hin yaadin yoo tahellee, Dargaggeessi gameessi Jawar Mohammed Carraa M/B waan hundaan M/Barumsicha duraan keessa turee caalutti akka baratu carraa saaqeef.

Kunis; Gara Magaalaa Asallaatti akka imaluufi Barnoota isaa M/B Kaatoolikitti akka eegalu taasifamuu isaati. Sana M/B kaatoolikii jedhamutti waggaa 1 erga baratee booda, waggaa itti aanu gara M/B Cilaalootti jijjiirate, hanga gara Magaalaa Adaamaatti imalutti. Imalli Dargaggeessa gameessa kanaa itti aanu Magaalaa Adaamaa ta’e. Haala Kanaan Qormaata ce’umsa biyyoolessaa magaalaa Adaamatti fudhachuudhaan xumure.

Yeroon kun yeroo Leenci umrii dargaggummaa keessa itti seenuu eegaleefi QBO(Qabsoo Bilisummaa Oromoo) keessatti qabatamaan hirmaachuu eegalee dha. Baruma Qormaata fudhatu sanaadha,

~ “Alaabaa ABO qabattee deemta”

~ “Dargaggoota jeequmsaaf kakaasaa jirta” jedhamee kan hidhaa wayyaanetti darbatamee tures.

Bara 2003, Dargaggeessi Qaroon kun, barattoota Umrii xiqqeenyaatiin Qabxii hin yaadaminiifi fakkeenyummaa olaanaa qabu fide tahe argame, kanumaanis Carraa addaa kan barnootaa Koollejii qabeenya gahaa qabu kan biyya Singapore ” United World College of South East Asia” jedhamu argate. Imalli isaa inni itti aanu gara  Singapore ta’e.

As, Koollejjii United World jedhamu kana erga seenee booda Hayyuun gameessi umrii dargaggummaatti bilchaate kun haala mijataa argate tokko tokkotti dhimma bahuu eegale. Umrii ijoollummaa oftahee seenaafi aadaa, eenyummaa isaa hangaftootasaa, keessumaayyuu akaakoosaarraa barachaa guddate sana hojitti hiikuuf tattaaffii tokko tokko eegale. Barnoota Afaan Oromoos asumatti barattoota hiriyyoota kutaasaa wal
iin barachuu eegale.

Jawar, turtii waggaa 2, biyya Singapore keessatti barattoota biyyoota 60 ol keessaa dhufaniifi afaanota 100 ol dubbatan waliin walitti makamee dabarse. Haala kanaan Dargaggeessi gameessi Jawar, ilaalcha addaa, duudhaafi seenaa Magaalaa xiqqoo keessatti beeku sana, baldhifatee, guutumatti ilaalcha addunyaawa, Aadaafi Afaan hedduuminaan fayyadamuu hubate, muuxannoo guddaas godhee fudhatee jireenya isaa ammaa keessatti akka hedduu isa qarqaare dubbata.

Haata’uu malee Imala Hayyuu gameessa Jawar Mohammed keessatti, gufuufi rakkoon osoo hin mudatin as gahe jechuu miti. Imala isaa gufachiisuuf yaaliin M/B Sad.1ffaa barnoota irraa dhaabuun kan eegalte yommuu tahu, Hidhaafi dararaa mootummaa, Rakkoo jireenyaafi kkf hedduu keessa darbuu dubbata.

Dargaggeessi gameessi Jawar mohammed akka jedhutti, rakkooleefi gufuu yeroo adda addaatti na mudattu akka carraatti fayyadamuudhaan, Xiyyeeffannoo koo hunda, inumaayyuu daraan cimsee gama danda’uun Barnootatti kennuufi carraa argame kamuu akka nahin milindhe carraaquudha jedha. Kanumaan walqabatee, Koollejiin United World sagantaalee imala ykn daawwannaa barnoota iddoowwan seena qabeeyyii adda addaa, dhaabbilee adda addaatiin muuxannoo tola ooltummaa wal jijjiiruu fi koonfiransii dargaggoota gahoomsu qindeessuudhaan kan qopheessuu waan taheef, carraa kanaan fayyadamee carraa biyyoota addaa addaa kanneen akka Ameerikaa kaabaa, Eeshiyaa fi Awurooppaa daawwachuuf carroomuu dubbata Jawar.

Muuxannoo asitti argate kanneen keessaa Hedduumina addaa addunyaan qabdu, uumama addunyaa qabdu sirritti hubachuufi kan biyya ofii keessaa bahe ‘Itiyoopiyaa’dhaan walcinaa qabee madaalchisuun rakkoo biyyasaa mudachaa jiruufi dhugaa lafa jiru walcinatti akka madaaluuf carraa naaf uume jedha.

Bara 2005 erga barnootasaa turtii waggaa lamaa magaalaa Singapore xumuree booda, Haala qabatamaa biyya keessa jiru hubachuudhaan, Jawar imala isaa itti aanu gara biyya Ameerikaa kutaa kaalifoorniyaa taasifate.

Erga Biyya Kaalifoorniyaa galees, hin teenye leencichi; Barnoota isaa Digrii-1ffaa Yuunivarsitii guddaafi beekkamaa Yuunivarsitii Istaanfoordi kan handhuura magaalittii kibba Kaalifoorniyaa-Silconn Valley, naannoo mijataa kaampaaniiwwan gurguddaan akka Googler, yahoofikkf itti argamutti eegale. Amma haalli daraan mijataa, iddoo ciisichaa(Dorm) isaa dabalatee hojiilee inni booda eegale kan akka ittifayyadama marsaalee hawasaatiif haala kan mijeesseef ture. Kunis, Hayyuu gameessa kana gara addunyaa saayinsawaatti dhiyeessuu bira darbee ogeessa gameessa marsaalee hawaasaa sirnaan fayyadamu akka tahuufi riqicha qunnamtii akka babaldhifatuuf haala mijeesseef.

Haaluma kana keessa osoo jiru Dargaggeessa gameessa kana Bara 2009 taateewwan lama walfaana mudataniin. Isaanis: 1ffaan Fuudha Haadha manaasaa heddu Jaalatu ‘Arfaasee Gammadaa’ yoo tahu, ta’iin 2ffaan immoo Barnoota Saayinsii Siyaasaatiin Digrii 1ffaasaa fudhate.

Yeroo kana Dargaggeessi lafaa dhufaan kun Hirmaanna Siyaasaa, Qeeqa dhaabolee Siyaasaa, Qeeqa Mootummaa Itoopiyaafi kanneen biroo keessatti hirmaannaa argarsiisuu jalqabee jira.

Barnoota Saayinsii Siyaasaa erga Istaanfoordirraa erga xumuree booda, Hojii Shaakalaa(Internship) argatee imalasaa gara Kutaa Magaalaa Washingiton DC godhate. Hayyuun hardha Saffisnisaa namoota heddu ajaa’isiise kun yeroo kanaa eegalee qorannoo dhuunfaa irratti xiyyeeffannoo guddaa kenne, waan hedduus barreesse/hojjate hanga barnoota Digrii-2ffaasaa qo’achuuf deemutti.

Barnootasaa Digrii-2ffaa ammas Yuunivarsitii beekkamaa biraa filachuudhaan Yuunivarsitii olaanaa Kolombiyaa, kan magaalaa New Yorkitti argamutti jalqabe. Yuunivarsitichi hayyootaafi beektota qorannoo garagaraa gaggeessaniif hedduu mijataa kan taheefi Qorattoota jajjabeessuufi kunuunsuun kan beekkamuudha.

Haala kanaan Hayyuun dargaggeessi erga digrii-1ffaa isaa xumuree mumuldhachuu eegale kun deebi’ee achi buutee tahe. Xiyyeeffannoo isaa hunda gara barnootatti deebise.
Milkaa'inaafi kuufaati

Kutaa 1ffaa
Nama kamiifuu guyyaan borii haaraadha. Kanaaf socho'i! Hojjedhu. Hojiikee keessatti dogoggorri uumamuu danda'a. Kufaatiin illee akkasuma. Waanti fedhe yoo ta'e dogoggora hin sodaatiin. Yoo dogoggorte malee barachuu hin dandeessu.
Kufaatii hin sodaatiin. Kufii_ka'i, kufii_ka'i. Kufuukeetti ittin dhiphatiin, bu'aa jireenyaatu akkasi. Jireenyumatu akkasitti injifatama. Kufaatiin filannoo biraadha. Yoo Abdii kutatte kufaatii filachuukeeti. Yoo Abdii qabaattee garuu kufaatiin mudannoo keeti. Mudannoo Itti barattu. Kufuunkee gaariidha sababni isaa kufaati irree si jabeessuu danda'a.
Jireenyi akka muziqaati. Muziqaa meeloodiin isaa takka ol ka'aa, takka gad bu'aa fi gidduu galeessaan yeedaleeffamu muuziqaa miidhagaafi hawwataadha. Jireenyi dhala namas akkasumaan tola. Waa'ee maallaqaa hin yaadda'iin, mallaqni namoota hordofa. Namoonni immoo mul'ata isaanii hordofu. Yoo mul'ata qabaattee, waanti hundinuu yeroo isaa eeggatee si dhaqaba.

Join👇
@Oromotoo
Barattoota 12tiif
Share godhaa obboleeyyan keeysaniif

Rabbiin isin haa gargaaru firii keeysan lafa bada isin jalaa hin godhin. Inni irkoof tolu isin waliin haa jiraatu.
❤️Akka dhaamsaatti👇
1,Sa'aa ammaan tanaa irraa kaasaa online irraa fagaadhaa akka tasgabbooyatniif.
2,Qormaataatu hatame, yeroo isaatu dabre... ka ja'u hin dhagahinaa.
3,Barana akka tolutti akka isin hin baratin ni beeyna kanaaf suuta ja'aa waan dandeeysan yaalaa.
4, Deebiin qormaataa akka tasaa yoo isiniif ergame jarjartee itti lixxee akka sin dogongorsiifne.
5, Deebii alaa irratti irkoo takka hin godhatin haga dandeeysu yaaluuf if amansiisi.
6, yerotti fayyadamii ariitiin xumuruuf yaali. Deebii hedduu sitti ulfaate irra hin turin.
7, Ganamaan qa'ee mana barumsaa sanitti argami.
8, qormaata duraas tahee boodaas waa'ee qormaataa namootaa waliin hin odeeysin.
9, Wantoota guuttachuu qabdu duursii guuttadhu tasgabbiin bobbahi.
#Akka jabaa👇
❤️Ganama san dhiira yoo taate subhii jammaan salaati, achuma turi Qur'aana haga siif laafe qara'i, zikriilee jajjabduus godhi, du'aa'iis godhadhu, yeroo aduun ol baatee xiqqo ol jatte sunnaa lama irra buufadhu masjiidaa bahi, haadhafi abbaa kees fitti tufsiisi. Isaan yoo hin jiraannees namuma bira jirtu, akkasitti manaa bahi, haga karaa mana barumsaa deemtuus zikriilee godhaa deem, yeroo qorumsa jalqabdees "bismillaah" Yaa Rabbi na gargaari ja'iitii jalqabi. #Shamara yoo taatees bakka takkitti Subhii jammaan masjiidatti deemu san malee kanuma hordofta.
Iinshaallaah fadha Rabbiitiin irra aantanii abdii Rahmaaniin guutamaa !
❤️ @jechootahayyoota
2024/09/22 18:28:53
Back to Top
HTML Embed Code: