Telegram Web Link
Namoonni baay’een Facebook irraa ugguramaa jiru. Oromia Media Network satalaayitii irraa adda citee jira. Sababni isaa Qoratamaa jira.
Abdo Qaadii Facebook irraa ugguramuu irra darbee computer fi telephone isaa cabsanii seenuuf akka yaalamaa jiru karaa inbox na beeksise.

Email Dejene Gutema tiis cabsuuf yaaliin taasifamaa ture. Maaltu akka deemaa jiru ifadha. Of-qopheessa, yaalii dhumaa taasisaa jiru. Akka tasaa Facebook irraa yoo ugguramne karaa telegram Wol-haa agarru
#OromiaMediaNetwork

OMN sababa hin beekamneen qilleensa irraa bu'uun dhagahame.

Tamsaasni TV OMN galgala har'a (Waxabajji 13,2021) naannoo sa'aatii 4:00 irraa eegalee qilleensarraa bu'uu miidiyichi fuula fesbuukii isaa irratti beeksiseera.

Sababa Oromiyaa Miidiyaa Neetwoorki(OMN) qilleensarraa bu'ee hanga ammaatti kan hin beekamne ta'u fi baruuf immoo qorannoo gaggeessa jiraachuu OMN fuula fesbuukii isaa irratti beeksiseera.

Via: OMN
#Filannoo2013

Dura-taa'aa Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) Piroofesar Mararaa Guddinaa dhimma filannoo baranaa ilaalchisee filannicha taajjabuuf jiila isaanii waliin gara Finfinnee kan galan Pirezdaantii Naayijeeriyaa duraanii Oluseguun Obaasaanjoo waliin marii gaggeessaniiru. Turtii isaani kanaan maal mari'atan?

πŸ‘‡
https://www.gadaapost.com/oduu/piroofesar-mararaa-g-2021-06-21-074418154564
Maalo Oromoo tiyya subscribe nuuf godhuudhan nuu jajabessaa isinin jenna.
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡

Watch "NEW WALALOO JAWAR MOHAMMED DAWADHAA ISININ JENNA !" on YouTube
https://youtu.be/p51FnhhOuDY
https://youtu.be/p51FnhhOuDY
https://youtu.be/p51FnhhOuDY
#Dhaddacha

Himatamtoota galmee qondaala siyaasa ABO fi barreessaa kitaabootaa Yaasoo Kabbabaa jalatti mana murtiitti dhiyaatanii turan bilisa jedhamanii guyyaa har'aa mana hidhaa irraa bahaniiru.

Isaanis;
1. Yaasoo kabbabaa
2. Efreem Galataa
3. Fiixaa Caalaa
4. Galaanaa Waaqgaarii
5. Firaa'ol Indaaluu
6. Taaddaluu Yoonaas

Madda: SQB
Filannoo baranaa fi Oromiyaa: Filannoo Paartiin Badhaadhinaa kutaalee Oromiyaa baay'ee keessatti 'qofaasaa' dorgome
β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’


Kaleessa Waxabajjii 14, 2013 magaalaa guddittii Godina Shawaa Lixaa, Amboo dabalatee bakkeewwan naannoo Oromiyaa baay'ee keessatti filannoo biyyaaleessaa marsaa 6ffaa bakka paartilee morkattoota hin jirreetti, paartii biyya bulchaa jiru Paartii Badhaadhinaa qofa filannoof bakka dhiyaate jirutti ummanni ganama barii kaasee hanga galgalaatti sagaleesaa kennaa oole.

Godina Shawaa Lixaatti Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataaf kaadhimamtoota 18 akkasumas Mana Maree Naannoof kaadhimamtoota 43 galmaa'aniiru. Godina kana keessaa Buraayyuutti Mana Paarlaamaaf (M/M/B/B/U) kaadhimamaa tokko kan galmeessise Paartii Tokkummaa fi Walqixxummaa akkasumas Paarlaamaaf (M/M/B/B/U) kaadhimamaa tokko fi Mana Maree Naannoof kaadhimamaa tokko kan galmeessise Paartii Walqixxummaa fi Bilisummaa Oromoo ala Paartiin Badhaadhinaa qofa naannolee filannoo hundatti dorgomaa ta'e dhiyaateera.
#HaacaaluuHundeessaa

Albama haaraa Artiist Haacaaluu Hundeessaa "Maal Mallisaa" jedhu yeroo dhiyootti gabaarra ni oola. Fuulli Fesbuukii haaraa maqaa isaatin banameera. Dhimmoota waa'ee hojiisaa darbaniifi fuuldura dhufan, maatiisaa, hojiilee maqaasaatiin hojjetamaniifi kaanis fuula kanarraa argattu. Like, follow fi share gochu hin dagatiinaa.

πŸ‘‡
https://www.facebook.com/hachaluhundessaofficial

β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’β€’

Hachalu Hundessa’s new album, β€œMaal Mallisaa”, will be coming out soon. This (below) is official facebook page of artist Hachalu Hundessa. You can get all informations about his past works and the upcoming ones through this page. Don't forget to like, follow and share.

πŸ‘‡
https://www.facebook.com/hachaluhundessaofficial
Ustaaz Ahimaddin Jabal erga filannoo keessaa bahanii booda sagaleen kennameef!

Ustaaz Ahimaddin Jabal magaalaa Jimmaa keessatti Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa seenuuf dhuunfaadhaan dorgomaa kan turan yoo ta’u, filannoon ga’uuf torban tokko yeroo hafutti dorgommii kana keessaa sababa dhuunfaatiin keessaa ba’uusaani beeksisanii turan. Yeroo ammaa kana garuu Ustaaz Ahimaddin Jabal magaalaa Jimmaa ganda Hirmaataa Markaatootti sagaleen kennameefii jiraachuun barameera.

Gorsituu Kominikeshinii Boordii Filannoo Aadde Soliyaanaa Shimallis dhimma kana ilaalchisee wayita gaafataman, Ustaaz Ahimaddiin Jabal filannoo baranaarra of baasuu isaani miidiyaa hawaasummaarra ibsuun alatti adeemsa seeraa eeggatanii Boorichatti akka hin beeksifne fi boordichis filannoo ala ta'u isaani waan hin beekneef akkuma kaadhimamtoota birootti akka isaan keessummeesse himan.
Eenyummaa keetiif sitti dhiyaadha si jaaladha malee, bu'aa biraaf gonkumaa gurra hin kennu!
By @Abdetuor
KFOn Mootummaan Ce'umsaa ijaaramuu akka qabu ibsuudhaan, tumsa akka godhan dhaabbilee idil-addunyaaf waamicha dhiyeesse.

[SQ Waxabajji 23/2021]

Kongiresiin Federaalawaa Oromoo (KFO) ibsa har'a baaseen filannoon Itoophiyaa fudhatama akka hin qabneefi nagaa fiduu akka hin dandeenye ibsee Mootummaan Ce'umsaa hunda hammate akka ijaaramu hojjechuusaa ibseera.

Kanaafis uummanni Itoophiyaa fi dhaabbileen idil-addunyaa tumsa akka godhan gaafateera.
Maalo Oromoo tiyya subscribe nuuf godhuudhan nuu jajabessaa isinin jenna.
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡

Watch "NEW WALALOO JAWAR MOHAMMED DAWADHAA ISININ JENNA !" on YouTube
https://youtu.be/p51FnhhOuDY
https://youtu.be/p51FnhhOuDY
https://youtu.be/p51FnhhOuDY
#OMN irratii Documentary waa'ee HaaceeπŸ’”πŸ’”
Coming soon
2024/09/22 18:27:39
Back to Top
HTML Embed Code: