Telegram Web Link
γ€Šγ€ŠNama garaan madaa
Ijaatu hirriba dida》》》

πŸ‘‰πŸ‘‰ @harargetube
Ibsituu jiruukoo,
urjii yeroo dukkanaa
Faayatoo bareedduu,
mudaa hin qabne homaa

Calaqqistuu kiyya,
warqee gatii mi'aa
Biiftuukoo ganamaa,
addeessa yeroo dhihaa

Kuulleetoo bareedduu,
nadhii akka aannanii
Addunyaa guutuuni,
kan ofiif si hawwani

Tokkittiin onneekoo,
maqaakeen rukuta
Sombikoo na keessaa,
qilleensa naaf laata

Kuma naaf jiraadhu,
jaalalaan mo'iitii
Lubbuunkoos yoomillee,
kanuma siif feeti!

Share -share-join-join
πŸ‘‰πŸ‘‰ @harargetub
Yaadaaf @keraj1
Gowwaa jechuun: nama hojii gowwaa hojjatu osoo hin taane nama gowwummaa isaa dhoksuu hin beekneedha.

SOURCE translated Damma Daamuu books
By HINSEENEE

JOIN US @harargetube
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
Sammuunkee si guddisuus si balleessuus ni danda'a!
Sammuunkoo akkamitti na balleessa? Jechuu dandeessa. Dhugaa dubbachuuf namoota hedduu sammuu isaanitu isaan balleessa. Sammuun namoota hedduu haaloo, jibba, mul'ata dhabuu fi hammeenya gara garaan faalamee isaan ajjeesaa jira. Sammuun akka itti fayyadamaa abbaa sammuuti. Sammuukee wantoota gaggaariin yookiin qajeeloo ta'aniini yoo guutame, ati fayyaalessa jedhamta. Sammuun kee dhimma hin qabu akka ati feete siif ta'a. Kana jechuun of ajjeesuus, of hambisuunis harkakee keessa jira. Yeroo hundaa waa'ee hojii gaarii yaadi yeroo sana ati dhugaamatti jireenyatti jirta. Sammuun hojii gaarii hiin taaneen guutamefi ilaalcha jibbisiisaan faalame, sammuu du'aa jiraataa jiruudha. Yeroo kamuu positive ta'i. Sammuu du'aan hin jiraatin!
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota

By @Abdetuor
Forwarded from Ado
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™
😍😍😍😍😍😍😍😍😍😍😍😍😍
πŸ‘‰β€πŸ™ŒWOW KABAJAMTOOTA HORDOFTOOTA KEENYA MAAL ARGACHUU BARBAADA?????????
πŸ™CHANNELI BARNOOTA ADDA ADDA IRRA ARGATU QABANNE DHUFNERRA MAARRE JOIN JOIN QOFA TUQA!!
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸŒ²πŸŒ²πŸ‘‡πŸ‘‡
βœ…ITTI DABALUUDHAN WARREN CHANNELI KESSAN BEEKSIFACHU BARBAADAN GALMA KANA JOIN GODHA ISININ JENNA
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@ABDETUOR
πŸ™ @ABDETUOR πŸ™
@ABDETUOR
πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†
Forwarded from MADDA BEEKKUMSAA🌳
Bunaaf Nagaa hin dhabiinaa!


@OROMOTOO
@OROMOTOO
Forwarded from MADDA BEEKKUMSAA🌳
Makmaaksa
"Dhugaa fi lubbuun guyyaa Rabbii baati!"


@OROMOTOO
@OROMOTOO
Quuqamaa fakkaachuf
inni watawattu
Afaanin Oromoo
gochaan kan saggaxxuu
Dhama raasta malee
Bu'aa hin argattu

Inni afaan bal'attee
na arrabsuuf kaattu
Maalif akaakayyuu kee
waan kanan gaafattu?
Hibboon "Namichi mataa moluu mana foonii seenee"
maalif safuudhan jettu?

Anaan quuqamaa koo
Anaan yaa abbaa safuu
si mitii "suura kee qullaa naaf ergi" jedhee
kan dhudhuufu

#Share
@HARARGETUB
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
πŸ“š MAKMAASOTA OROMOO!
β€οΈπŸ’šβ€οΈ
Firoomne jedhanii waraabeessatti foon hin fe'atan.

Dhugaa fi jabbiin galgala galti.

Dawaa ofii beekan namaa kudhaamu
.


#Jechama
@jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Osuma mortuun mortuu
Hortuunis uma horti
Dumeessaan hulluuqxee
aduun ima ifti

Nan seeqa nan kolfa
bishiq bishiq jedhee
Maaltu na dallansee
rabbitu naaf godhee

Kolfa kootti inaafi
kolfi, seeqi, taphadhu
Kolfaan humna guddaa
umrii dheereffadhu

#Share
@HARARGETUB
Ibsa GaddaaπŸ“

Artisti Alii Birraa boqote.

Gaaddisa artii Oromoo, falmaa bilisummaa fi wal qixxummaa dhala namaa kan ta'e Dr. Artiist Alii Birraa du'aan boqochuun ummata Itoophiyaa maraaf addatti ammoo ummata Oromoof gadda ulfaataadha.

Alii Birraa guddina artii Oromoo qofa otoo hin taane kallattii guddina siyaas-diinagdeefi hawaasummaa ummata Oromoo akeekuun injifannoo ummanni keenya har'a gonfateef nama gumaachaa qaalii taasisedha. Gumaacha Dr. Artiist Alii Birraa taasise dhaloonni bara baraan yaadata.

Dr. Artiist Alii Birraa nama artiif amanamee ummataaf jiraate waan ta'eef sirboonni isaa Itoophiyaa biratti jaalala, sadarkaa idil addunyaatti ammoo dinqisifannaa guddaa argachuu danda'aniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Dr. Kabajaa Alii Birraaf Jannata ummata Oromoo, dinqisifattootaafi maatii isaatiif ammoo jajjabina hawwaa Sirna geggeessaa goota tokkoof raawwachuudhaaf Koreen Biiroo Aadaafi Turiizimii Oromiyaan hogganamu hojiitti galee jira.

@OROMOTOO
πŸ”ŠHARARGEE MEDIA
Photo
Kabajamoo Dr. Artist Alii Muhammad (Alii Birraa) eenyu ture?

- Artist Alii Birraa kan dhalate (bara 1940 Dh.K.D) fi kan guddate Magaalaa jaalalaa, tokkummaa kan taate dirre dawaatti.

- Maqaan haadha fi abbaan isaaf moggaasan Alii Muhammad jedhama.

- Maqaan "Alii Biiraa" jedhu bara 1963 magaalaa DirreDawaatti, yeroo dargaggoonni dandeettii muuziqaa qaban, ofii isaa Alii Mohaammad dabalatee, walitti qabamee gurmaa'anii muuziqaa Afan Oromoo taphachiisuf turetti, garee sana keessa Alii saditu ture (Ali Shebo, Ali Ahmed Ali / Ali Tuche, fi ofii isaatii Alii Mohammed) adda baasuuf, Hojii muuziqaa isa jalqabaa fi dinqisiifamaa "Birraan Bari'ee" jedhuun maqaa Alii Birraa jedhu argateera. Kana booda paaspoortii, ID isaa irratti Alii Biiraa jedhamee waamamuu eegale.

- Artiist Alii Birraa; Umurii isaa waggaa 14tti garee muuziqaa Dirredawa "Afranqalloo (The Four Children of Qallo)" jedhu keessatti hojii muuziqaa jalqabe. (Miseensonni baandichaa dargaggoonni garee B keessaa umuriin didiqqoo turan. Alii Birraan hojii isaa isa jalqabaa keessatti baay'ee beekamaa waan ta'eef garee A tti makame.)

- Artist Alii Birraa bara jireenya isaa waggaa 50 muuziqaa keessa ture. Albamii fi sirboota tokkicha hedduu hojjateera. Biyyoota addunyaa keessa naanna'ee hojiiwwan muuziqaa isaa dhiheesseera.

- Artist Alii Birraan Afaan Oromoo, Hadar, Somaalee, Amaariffa, Afaar fi afaan biyya alaa irraa afaan Ingiliffaa fi Ispeeniin sirbuu irratti dandeettii ajaa'ibaa qaba ture. Meeshaalee muuziqaas taphachaa kan ture yoo ta'u, qindeessaa sirbaa fi walaloo ture. Afranqalloon alatti garee muuziqaa adda addaa keessattis hojjetee jira.

- Afaan guddinna Afaan Oromoo keessatti gahee guddaa kan qabu yoo ta’u, artistoota hojii aartii isaa waliin itiyoophiyanota walitti hidhuudhaan, jaallachuu fi wal bira qabuun ummata Oromoo guutuu fi ummata Itoophiyaa guutuu biratti artistii gammeessa jedhaman keessaa isa jalqabaati.

-Gumaacha gaarii bara jireenya isaa keessatti taasiseef; Biyya keessaa fi biyya alaa keessatti badhaasa hedduu badhaafameera.
Fkn: Dirredawaa fi Jimmaa irraa Doktarummaa kabajaa argatee, Dirredawaatti paarkiin tokko moggaafameef, Adaamatti  daandiin tokko moggaafamefi jira. Naannoo Oromiyaatti badhaasni addaa Nishaan kennameef... Beekkamtii fi badhaasa biroo hedduu argateera.

-Kabajamoo Dr. Artist Alii Birraa haadha warraa isaanii waliin ta'uun dhaabbata naamusaa "Birra Children's Education" jedhamu hundeessuun "barnoota daa'immaniif" deeggarsa taasisaniiru.

- Dr.Artist Alii Birraa kaleessa umrii waggaa 75tti addunyaa kanarraa boqote.

Kana qofa miti....Kun gabaabinnaani...

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Channel photo updated
#Ibsa_Gaddaa!
Hawaasnii fi Bulchiinsi Olaanaan Yuunivarsiitii Riifti Vaalii oduu boqochuu Dr. Kabajaa Aartisti Alii Birraatti hedduu kan gaddine ta'uu ni ibsina.

Aartistiin beekamaa fi jaal'atamaan kun umrii isaa guutuu seenaa, aadaa, dinagdee fi siyaasaa Oromoo owwaalamee ture ol kaasee faarsuu fi dagaagsuu keessatti gahee dorgommii hin qabne tapachuun kennaa Rabbi isaaf kenne uummatasaaf gumaacheera.

Hunda caalaa xiyyeeffannaa inni dagaagina Afaan Oromoof barbaachisummaa barnootni guddina waamaraaf qabu Oromoo barsiisuu irratti kenne yoomuu kan dagatami miti.

Dr. Kabajaa Aartisti Alii Birraa hundeessitoota Baandii Afran Qalloo keessaa isa tokko yeroo tahu bara dhaloota har'aas fakkeenyummaa madaallii hin qabne ta'uun ragaa ifa jiru.

Yuunivarsiitiin keenya du'a Aartistii keenyaan gadda nutti dhaga'ame ibsaa, firoottan, maatii, dinqisiifattootaa, waahillan isaaf, Uummata Itiyoophiyaa hundaaf jajjabina hawwa!

Nagaan Boqodhu! Boolla kee bookni haa guutu.

Yuunivarsiitii Riifti Vaalii
@HARARGETUB
Dr #Gammachuu_Magarsaa waggaa lama dura waa’ee nageenyaa Oromiyaa OMN irratti akkana jechuun dubbatan!

"Qaamoleen hidhataniifi Mootummaan biyya bulchaa jiru Kan waldhabdan faayidaa ykn haqa Ummataaf yoo ta'e Ummata Keessaniif dursa laadhaa!

"Dhugaan kan waaqaati. Nageenyis akkasuma. Lafa dhugaan hin jirre nagaan hinjiru. Qaamni hidhatee bosona jiruufi Mootummaadhaaf an kan dhaamu nagaa yoo barbaaddan ummata keessan dursiisaa.

Wanti isin waldhabdaniif haqa ummataa yoo ta'e dhimmi kun kan keessan miti. Dhimma Ummataati. Kanaaf Ummata keessaniif dursa kennaa.

Dhugaan kan waaqaati. Waaqni dhugaa irratti nama hin dhiisu. Isin immoo waaqa miti. Lafa kana Oromoof kan kenne waaqa. Gaafa waaqni Oromoodhaaf lafa kana kennu isin immoo achi hin jirtan.

Yoo ni dandeessu ta'e ummata kanaaf nagaa kennaa; ummani kun nagayaan haa bulu. Ummanni kun hiyyeessa; nagaa kennaafii.

Lafa dhugaan hinjirre nagaan hinjiruu dura dhugaa irratti waliif galaa. Dhugaan isin irratti waliif galtan immoo dhugaa ummataa ta'uu mirkaneeffadhaa.

Yoo kun ta'uu baate maqaa ummataan hin nagadinaa. Eenyuyyuu.

Akka Oromoo tokkootti hamman beeku, biyya kana keessatti Rakkoon Ummata Oromoo baay'ee walxaxaadha. Namni an kana ni beeka jedhuyyuu sobaadha. Namni halkan tokkoon rakkoo walxaxaa saba kanaa koreedhaan ni hiika jedhuyyuu Sobaadha.

Qalbiin keessan dhugaa waaqaatti bula yoo ta'e, dhugaan kan waaqaa ta'uu quba qabdu yoo ta'e, dhugaan waaqaa sun, wanti isin irratti waldhabdan kan keessan miti.

Dhimmi irratti waldhabdan Ajandaa warra waldhabdan kanaa miti. Kan Ummatichaati. Dhugaan irratti wal lolaa jirtan kan saba kanaati. Dhugaa kana ummataaf #Waaqatukennee kanarratti waliif galaa!

Ummaticha Mari'achiisa. Kan ta'uu qabu kana. Abbaan dhimmaa dhimma kanaa Ummata Oromooti. Warra wal mormu kana miti. Kan Miidhamaa Jirus Ummata Oromooti!.

Rakkoon dhalate kunis dhugaa irratti waliif galuu dhabuu irraa dhufa. Dhugaan kun immoo kan waaqaa ta'uu hubachuudha. Namni Waaqa hinsodaanne waan sodaatu hinqabu".

Danuu Daamxootiin
@dedroro
@Dedroro
JEEQUMSI SAMMUU MAAL?
Jeequmsi sammuu akkaataa yaadaa,akkaataa hubannaa fi amalaa ilaalchisee nama tokko
mudachuufi qaqqabuu danda'a. Akkas jechuunis jecha gara-biraan, yaadn i, hubannoo fi amali
namoota akkanaa wal fudhachuu dhiisuu danda'a jechuudha.
Kunis waliti dhufeenya namaa wajin qabaatan, jiruu fi gammachuu jireenya isaanii hamma
malee tuga. Namoota birattis akka malee hubatamuu danda'u.
Jeequmsa sammuu qabaachuun namichaaf rakkina akkasuma maatii isaafis rakkina dha. Haa ta'u
malee waan itti qaana'an miti.
JEEQUMSA SAMMUU MAALTU FIDA?
.
#πŸ’itti fufaa..

@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA

YAADAFπŸ‘‰ @Yaadawaljijjiruufbot
Yoo hin taane akkas ta'a!

Hiriyaa gaarii, kan siif yaadu, kan isaaf yaaddu, dhukkubni kee, fayyummaan kee, gaddi kee, gammachuun kee kan isa kan ta'e qabda yoo ta'e dhugumatti ati carra qabeessa.

Yeroo tokko tokko namoonni gammachuu keenyaaf sababa ta'an, haala hin eegamneen sababa gadda keenyaa ta'uu danda'u.

Hiriyummaan afuura. Waan harkaan hin qabamne, garuu kan gochaan mul'atu. Isa kana walii kunuunsanii boriif wal abdachaa rakkoof gammachuu waliin qoodachaa jireenya waliin itti fufuun carroomudha;yookaa garuu gita abaarsaa ta'a.

Walii yaaduun hin jiru yoo ta'e; hiriyaan kee guyyaa gammachuu qofa dhufee, guyyaa gadda keef dhiphina kee hin jiru yoo ta'e, Of gaafadhu;dhuguma hiriyaa qabaa jedhi?

Umrii dheeraa waliin lakkoofsiistee, gammachuu hedduu waliin dabrsitee, kan koo kan keeti jetteenii, guyyaa nagaa sana waan hiriyaa tokkorraa eegamu raawwattee, guyyaa rakkoon si muudatu hamma feete argachuu baattuus, sagaleen iyyuu ta'u 'Abshir' siif jira yoo hin jenne, dhugumatti hiriyaa hin qabdu jechuudha.

Ilaalii;madaalii;xinxaalii hiriyaa baafadhu;qabda yoo ta'e wal jabeeffadhaa. Yookaa garuu akkas ta'a" guyyaa gabaan tolteef gatii baastu, gurgurtaaf dhiyaatta."

Hiriyummaan Afuura!
Abebe Tola

@Oromotoo
@Oromotoo
Baga
Ayyaana
Qilleetiin
Isin Gahe.

Ayyaana Gaariiβ€β€β€πŸ’―πŸ’―


@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
2024/09/22 12:22:00
Back to Top
HTML Embed Code: