Telegram Web Link
Magaalaa Dambi Doollootti uummata fuuldura addabaaba'ii irratti ajjeechaa dargaggoo tokkorratti raawwatame hawaasa gaddisiise!

Jiraataa magaalaa Dambi Doolloo kan ta'e namni OMN dubbise tokko akka jedhutti, har'a ganama toora sa'a 5 hanga 6 gidduu mana manarra deemuun poolisiin humna addaa Oromiyaa 'humnaan' gara Addabaaba'itti uummata yaasuun, "Abbaa Torbee qabnee jirra ija keessan duratti ajjeesna" jechuun, dargaggoo Amaanu'eel Wandimmuu jedhamu harkasaa walitti hidhanii fuuldura uummataa erga dhaabanii booda, rasaasa itti roobsuun ajjeesuu isaanii miira gaddaan hima.

Boodarra uummatni hedduu miira keesaa galuudhaan, utuu poolisiin dhowwuu reeffa achii kaasanii kafanuun har'a waaree booda kana sa'a 8 booda Bataskaana Sillaasee magaalaa Dambi Doolloo ganda 07 keessatti awwallachuu hima.

Dhimma kana ilaalchisee Biiroon Kominikeeshinii Magaalaa Dambi Doolloo "maqaa abbaa torbee jedhamuun lubbuu namaa kan baasaa ture irratti tarkaanfiin fudhatame" jechuun toora FB irratti ibseera.
Hordaftooni Amantaa Islaamaa hundaan baga ayyan idi al faxiriin isin gaye Edi Mubarak

goototta mana hidhaa keessa jiran namootta Amantaa Islaamaa hoordafaan hundan baga ittin isin gaye.
#jawarMohamed
#hamzaboorana
#shamsadiin taha fi k.k.f.katan hundan Edi Mubarak
Ayyaanni Iid Al Faxirii waggaa 1442ffaan karaan akka kabajamu qaamni hundi ga’ee isaa akka ba’u waamichi dhiyaate

Ayyaana Iid Al faxirii Waggaa 1442ffaa nagaan akka kabajamuuf hawaasa Muslimaas ta’ee lammiileen biyyattii hundi shooraa isaa ba’uu akka qabu Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Finfinnee waamicha dhiyeesse.
Manni marichaa ergaa baga geessanii Ayyaana Iid Al Faxirii waggaa 1442ffaa dabarse

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa ergaa baga geessanii Ayyaana Iid Al Faxirii waggaa 1442ffaa dabarseera. Ayyaannichi ayyaana gammachuu, badhaadhinaa, jaalalaa fi fayyaa akka ta’u hawweera. Ayyaanni Iid Al Faxirii ayyaana hordoftoota amantaa Islaamaa biratti duudhaa afuuraa babal’isuun hordoftoota amantaalee biroo waliin walta’uun kabajamu ta’uu Manni Marichaa ibseera.
KANA BEETU LAATA?

Chaayinaa keessatti barattoonni qormaata irratti nama biraa irraa dalagan ykn dalaysiisan mana murtii dhiyaatanii hanga waggaa 7 hidhamuu danda'u....😱😱

@jechootahayyoota
@jechootahayyoota
KANA BEEKTU LAATA?


​​Biqiltuun dacheen qabdu keessaa, dhibbeentaan 85% bishaan garbaa(Ocean) keessatti akka argaman beektu laataa?!!!πŸ™ŠπŸ™Š



@jechootahayyoota
@jechootahayyoota
Waan hundumaa amanuudhaaf hin ariifatiin,sababiin isaas sobni dhugaa irra ariifatee gurra si lixa waan ta'eef.

Imala daandii Milkii


@jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
Of ta'uun jireenya fakkeessaa irraa si baraara!
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬

Gaaf tokko Arbaa fi Goondaatu waliin deema turani. Karaan isaanii dheeraa waan ta'eef; karaa bulaa deemu turani. Osuma deemanii bishaan guddaa tokkotti dhufani.Riqicha guddaa tokkorra osoo ce'anii riqichi akka malee socho'e. "Inuma sochoosne kaa!" Jette Goondaan. Kan tokko ajjeeseen kan mana oole geeraruun yeelaluudha.

☞︎︎︎ Fakkeessuus ta'ee akkeessuun amaloota dhukkuba of ta'uu dhabuuti. Of ta'uu dhabuun dhukkuba sammuu kee baattee osoo jirtuu,sammuu nama biroon akka hoogganamtu si garboomsa!
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
@oromotoo
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
Forwarded from πŸ”ŠHARARGEE MEDIA
Watch "NEW QAMAR YUSUF 2021" on YouTube
https://youtu.be/Lbn8Yg1dBeY
Oduun Benishaangul irraa dhufte akkana jetti.
Mootummaan Rakkoo nageenyaa Benishaangul Matakkalitti irra deddeebin mudataa jiru furuuf Hidhattoota wajjiin waliigaltee araaraa mallatteesse jedhan.

Nageenya lammiilef yaadamee taanan haalan gaaridha.

Gama biraatin ammoo Oromiyaa keessatti Waliigaltee wanti jedhamu hin yaadamu. Kunoo akkuma argaa jirru lammiileen nagayaa maqaa qaama hidhateen wajjiin hidhata qabda jedhuun akka bosonuttii naatoo tokko malee ajjeefamaa jiran.
Dhaamsi nuti qabnu, Rakkoon yeroo ammaa oromiyaan keessa jirtu Afaan qawweetin furamuu hin dandeessu. Mariidhan, wal hubannaadhan akkasumas Dhimma siyaasaa bira dabranii nageenyi ummataa iddooo guddaa argatuu qaba. Kanaafuu Waliigalteen Benishaangultti godhamte tuni itti fufuudhan Oromiyattis Hojirra oolee ummata bara hedduuf gidiraa dhaandhamaa as gahe kana haara galfiin akka kennamuuf jenna.
Kadhaa tana AAMIIN jedhaa mee!!

Yaa Rabbi Xiqqoo nuti hojjanne guddina keetin nuuf guddisi!!
Nuti Hamtuu uumama keetirratti hin yaadnu, Isa hamtuu nutti yaadu ati nurraa qabi.
Karoora Keenya akka galma gahu ati nuuf tumsi.
Beekumsaa fi Dandeettii Diina keenya ittii injifannu nuuf kenni.
Jidduu keenyatti Jaalala facaasii akka wal mararfannu nu godhi.
Saba Tokkummaan falmatee mirga ofii goonfatu nugodhi!!
________
Kadhaanis maloota qabsoo karaa nagayaa keessaa takka akka taate hin dagatinaa!!
Mudannoo Addaa.
YAA BURREE TIYYA SUMAA?? JEDHE NAMTICHI.
Ergaa guddaa qabaa dubbisi.
___
Namtichaatu waa bitachuuf baadiyyaa irraa gara magaalaa dhufe. Afaan oromoo malee kan JARAA hin beeku. Mana nyaataa tokko seenee waan nyaatamu ajajuuf keessummeessaa yaame.
Mucaan dhufes Afaan keenya sirritti hin dubbatu garuu waan namni jedhu gurratti ni dhagaha.
Mucaan dhufnaan nyaata ajajuuf gaafatuu eegale.
Namticha: Nyaanni maaltu jira?
Mucaa: Nyaanni AAYINATA HEDDUU JIRA KAM SIIF FIDA?
Namticha: Maqaa nyaata jiruu naaf yaami nan filadhaa.
Mucaa: β€œBAYYA AAYINAT, XIBSII, QIQQIL, RUUZ BE SIGAA, DILOOT, PAASTAA, …” jedheen.
Namtichi: Xiqqo itti yaadee kanuma maqaan isaa bareedaa kana yoon ajajadhe hoo akkuma maqa isaa kana tahuun ooluu jedhee β€œDILOOT” kan jette san naaf fidimee jedheen.
Hogga mucaan β€˜DILOOT’ fidee dura lafa kaahu Namtichi afaan qabatee ajaa’bee nyaata dhufeef kana ilaalu eegale.
Xiqqo turee akkana jedheen nyaatan β€œYAA BUBURREE TIYYA SUMAATU MAQAA JIJJIIRRATEE ASIIN NATTI DHUFEE?” β€œANI OSOON ATI MAQAA KEE DILOOTITTI JIJJIIRRATUU KEE BEEKEE WAHIN SI AJAJADHAA?” jedhee isaa nyaatatti haasawu mucaan dhufee β€˜Nyaadhu malee, β€˜Siif hin taanee?’ jedheen.
Namtichis deebisee akkana jedheen.
Namtichi: β€œNyaata kana ganda keenyatti Maqaan isaa β€œMACAROODHA.” Hogga waa qalle garaa keessaa baafna. An ammoo Isuman argaa jibba. Sababni isaa wanni beeylanni nyaatu cufti isuma keessatti waan walitti qabamee jiru natti fakkaata. Foolin isiitis akka malee badaadha. Isii tana dhiqanii nyaatufis Bishaan hedduu barbaachisa. Aboo xaaxan waan kanaa hedduudha jedhee itti fufe. Gaaf tokko anaa guyyaa beelan ooyruu dalagaa oole Jaartin tiyya galgala hoggan galu Macaroo tana naaf fidde. Anis beelan fuudhetan ifatti gad lakkise. Wanti dhayxeetuma kokkeetti na seentee na huute. Narra gad dabruu diddee hafuura natti kuttee lafaan na dhooyte. Nan gaggabe. Jaartin tiyya Iyyitee ollaan nutti dirmatee rabbiin lubbuu tiyya du’arraa na oolchee. Ani erga gaafasii osoo dawaadha ja’anillee isii tana hin Nyaadhu. Kanaafuu DILOOTII TEE NARRAA DEEBISII PAASTAA SAN NAAF FIDI” jedheen jedhama.
Akkasanii nutis barana β€œYAA BUBURREE TIYYA SUMAATU MAQAA BAREEDAA KANA BAAFATEE ASIIIN NATTI DHUFEE? Jechuu mudanne.
Baranas waanuma akkasii argaa jirra. Warruma gaditti nufixaa tureetu maqaa jijjiirratee gubbaan dhufee nufixaa jira malee BURREEN KANUMA DUR SANI.
BURREEN BURRUMA.
Waa irraa barattan jedheen Abdadha.

Galatoomaa
JOIN SHARE SHAREπŸ™πŸ™
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@DEDRORO
@OROMOTOO
@HARARGETUB
Forwarded from Qerroo media
πŸ™ŒWOW KABAJAMTOOTA HORDOFTOOTA KEENYA MAAL ARGACHUU BARBAADA?????????
πŸ™CHANNELI BARNOOTA ADDA ADDA IRRA ARGATU QABANNE DHUFNERRA MAARRE JOIN JOIN QOFA TUQA!!
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸŒ²πŸŒ²πŸ‘‡πŸ‘‡
βœ…ITTI DABALUUDHAN WARREN CHANNELI KESSAN BEEKSIFACHU BARBAADAN GALMA KANA JOIN GODHA ISININ JENNA
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@ABDETUOR
πŸ™ @ABDETUOR πŸ™
@ABDETUOR
πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†
NAMA jaalattuf jattee
RABBI ifitti hin mufachiisin
=>sababni issas
Qalbiin nama atti jaalattu sanifi keetis harkka saa jira waan tahefi.
Addunyaan tun boru akka diigamtu yoo siif himamellee, har'a sanyii gaarii tokko facaasuu hin dhiisin!
Kaaba shaggaritti hordoftootni Amantii waaqeffanaa osoo sagantaa tra jiranii ugguramuun hidhaman.

[SQ -Caamsaa 19/2021]

Godina kaaba shaggar Aanaa Dagam Magaalaa Hambisoo jedhamutti Caamsaa 18/2021 humni waraanaa pp waaqeffattoota galma Tulluu Adalgisa jedhamutti sagantaa waaqeffannaa irra turan namoota 11 qabanii hidhanii jiru.

Ammaan duras bakkuma kanatti hordoftoota waaqeffaannaa bakka sagantaa gaggeessaa jiran irraa qabanii hidhuun hanga ammaa namoonni 4 mana Hidhaa keessatti kan dararamaa jiran tahuus barameera.

Murni Afaan Qawween aangoo dheereffachuuf carraaqu duudhaa Oromoo fi Oromummaa balleessuuf Yeroo hedduu irra deddeebiin kan hojjetaa turee fi ammas itti jiru dha.
PPn barreesitootaa fi Artistoota Oromoo dabalatee namoota duudhaa Oromoo waaqessan dhabamsiisuu fi mana hidhaatti darbuun dararaa irraan gahaa jiraachuu ammaan duras gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.
2024/09/23 10:31:34
Back to Top
HTML Embed Code: