Telegram Web Link
Forwarded from Keyralumma

Abuu Muhammad, Abdullaah bin Amr bin Al-aas irraa odeeffamee r.a ni jedhe: Ergamaan Rabbii s.a.w ni jedhan: “tokkoon keessan hanga fedhiin isaa waan an ittiin dhufe kan hordofu ta’utti hin amanne.” Hadiisichi sahiiha. Kitaaba Hujjaa keessatti sanada sahiihaan isa odeessineerra.
Forwarded from 𝔅𝔞𝔯𝔟𝔞𝔞𝔡𝔞𝔞 ℌ𝔞𝔮𝔞𝔞 via @Feysal_bot
Assalamualyeekum Worahamtullaahi wobarakaatuhu

kabajamtootaa obboleewwan muslimaa hundi kan hundee ykn bu'uura amantaa ofii baruu barbaaddan kunoo nutis barnootawwan hundee islaamaa tahan karaa gabaabinaan qabannee isiniif dhihaanne jirra isinis carraa kanatti fayyadamuun mata-dureewwan gaditti isiniif tarreessine kanarra tuquun Kottaa gahee keessan bahadhaa isiniin jenna.

🚸Barnoota Aqiidaa 🚸

🚸Barnoota Toohidaa 🚸

🚸Barnoota seenaa/siiraa 🚸

🚸Barnoota waa'ee iimaana🚸

🚸Barnoota Toowbaa 🚸

⊱Abu Ubeeydaa Binu jarrah⊱

Kutaa 2️⃣ffaa
Kutaa 1ffaa dubbisuu hubadhaa

Sahaboota warra jannataan gammachiifaman keessaa
Tokko Kan tahe Seenaa

⊱Abu Ubeeydaa Binu jarrah⊱

Gumaacha inni godhe keessa tokko; kan guyyaa lola Badrii godhe. Guyyaa kana Abu Ubeeydaan seeyfii isaa hidhatee hiriira kaafirtootaa dhoose. Addaan dhoosiinsa nama du’a hin sodaanne, irraa naannawee, babbaqaqsee lola kaafiraa keessaa seene. Gootni tokko gaaru kaafirtoota keessaa akka inni hin lolleef fuula isaa dura dhaabbate. Yoo inni kallattii mirgaatti goru namtichi kaafiraas kallattii mirgaatiin itti dhufa. Yoo Abu Ubeeydaan gara bitaatiin dhufus, akkasuma innis bitaan itti dhufa. Dhuma irratti obsa isa fixachiisee, Akkumaa obsi isaa dhumeenis gara laafiinsa takka malee, seeyfiin mataa isaa dhahee bakka lamatti dhoosee namtichas lubbuun isaa osomaa Abu Ubeeydaan argu baate. Yaa obboleessa koo kabajamoo fi qaalii kan kitaaba kan dubbistu hoo, namni kun enyuu jettee beekuuf hin yaalin akkuma dura seensaratti sii hime mokkortii Abu Ubeeydaa herreguu mitii tilmaamuu hin dandeettu. Inumaahu ni taha jettee yaaduun si dhibaa.

Yaa obboleewwan koo! Namni Abu Ubeeydaan ajjjeese kunis, nama adunyaratti argamuu isaatiif sababa isaa tahe. Innis Abdallah binu Jarraah kan tahe Abbaa isaati. Obboleesa koo garuu asitti wanti ati hubachuu qabdu Abu Ubeeydaan ajaja Rabbiin ajaje san didee ykn jibbaa abbaa isatiif isa hin ajjeesne. Inni jibbaa shirkiitiif qofa shirkii ajjeese malee.

Wanti raajii namatti tahus Rabbiin ajaja kiyya kan ani “abbaa keessan kabajaa!.” jedhe didde jedhee balaa itti hin buusne. Inumaahuu dalagaa isaa jaalatee deeggaruun aayaa qur’aanaa tan hanga guyyaa qiyaamaatti qara’amtu suuraa Mujaadalaa aayata 22 sababa isaa buuse, Kan aayata sanirratti dalagaa isaa gaarii tahu kan ragaa bahu.

Gochii isaa kuni Abu Ubeeydaa ibsuuf, kun qofti gahaa miti. Guddinni imaana isaa, amantii islaamaati gaarii yaaduun isaa, amanamaa ummata Muhammad s.a.w tahuun isaa, kan lubbuun ilma namaa kajeeltu tahee argameera.

Muhammad Binu Ja’afer akkana jechun odeesse “Ummatni Nasaaraa gama Rasuulaa s.a.w dhufuun, “Yaa Abal Qaasim hordoftoota kee keessaa nama dalagaa isaa irraa jaalattu, dinaagdee nuti irraatti wal dhabne keessaatti nuu murteessu nuduuka ergi. Isin warrootni muslimaa nu biratti jalatamoodha.” jennan Rasuulli s.a.w “waaree booda natti koottaa. Nama jabaa amanamaa isin wajjiin ergaa.” jedhaniin. Umar Ibnu Kaxxaabis ni hawwe. Nama kana tahuufis ganamaan gara salaataa deeme. Yeroo hawwii guyyaa sanii nuuf himu Umaris; “Guyyaa tokkollee mootummaa hin barbaanne, guyyaa kana maalee. Akka namticha Rasuula s.a.w ibse kana tahuf malee Rasuulis s.a.w akkuma nuun salaatee geeseen gamaa gamana mimildhachun waa soquu eegale. Anis na haa arguuf kajeelee morma kiyya ummata keessaa ol dhedheeresse. Innis osomaa akkas mimildhatuu Abu Ubeeydaa argee yaame. Abu Ubeeydaas Nasaarota waliin akka waan wal dhaban keessatti haqaan murteessuuf isa erge.”

Kutaa 3ffaan itti fufa inshaallaah....
Forwarded from Keyralumma
#Sheyxaana arrabsuun akka dhoorkaa ta'e beektuu?

#Sheyxaana hin arrabsinaa, sharrii isaarraa Rabbitti maganfadhaa.

#Sahaabichi tokko [ r.a ]akka jedhe : Guyyaa tokko Rasuulli [s.a.w] yaabbii isaanii duubaan na yaabbisanii osoo deemanii horiin isaanii gufannaan, ani 'sheyxaanni haa badu'n jedhe achumaan Rasuulli [s.a.w] "bismillaahi jedhi malee akkas hin jedhin naan jedhan, ati yoo akkas jette guddatee hanga manaa ga'ee, humna kootiinan akkas godhe" jedha yoo bismillaah jettemmoo, xiqqaatee hanga titiisaa ta'a".

♻️BOQONNAA SAMMUU🧠
〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️

Gosoota Jihaadaa keessaa Muraasa

Jihaadin akkuma Mujaahidaa (Nama qabsoo godhuu) hunda sadarkaa fi akaakuun isaa adda adda.
➧Nafsee isaa irratti Jihaada (qabsoo) godhuu.
➧Shayxaana irratti Jihaada (qabsoo) godhuu.

➧Diinii isaa nan balleessa kan jedhu irratti jihaada (qabsoo) godhuu.

➧Munaafiqoota irratti Jihaada (qabsoo) godhuu.
➧Qalamaan Jihaada (qabsoo) godhuu.
♻️BOQONNAA SAMMUU🧠
〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️

Gosoota Jihaadaa keessaa Muraasa

Jihaadin akkuma Mujaahidaa (Nama qabsoo godhuu) hunda sadarkaa fi akaakuun isaa adda adda.
➧Nafsee isaa irratti Jihaada (qabsoo) godhuu.
➧Shayxaana irratti Jihaada (qabsoo) godhuu.

➧Diinii isaa nan balleessa kan jedhu irratti jihaada (qabsoo) godhuu.

➧Munaafiqoota irratti Jihaada (qabsoo) godhuu.
➧Qalamaan Jihaada (qabsoo) godhuu.
Forwarded from 𝔅𝔞𝔯𝔟𝔞𝔞𝔡𝔞𝔞 ℌ𝔞𝔮𝔞𝔞 via @Feysal_bot
Assalamualyeekum Worahamtullaahi wobarakaatuhu

kabajamtootaa obboleewwan muslimaa hundi kan hundee ykn bu'uura amantaa ofii baruu barbaaddan kunoo nutis barnootawwan hundee islaamaa tahan karaa gabaabinaan qabannee isiniif dhihaanne jirra isinis carraa kanatti fayyadamuun mata-dureewwan gaditti isiniif tarreessine kanarra tuquun Kottaa gahee keessan bahadhaa isiniin jenna.

🚸Barnoota Aqiidaa 🚸

🚸Barnoota Toohidaa 🚸

🚸Barnoota seenaa/siiraa 🚸

🚸Barnoota waa'ee iimaana🚸

🚸Barnoota Toowbaa 🚸
Assalamualyeekum Worahamtullaahi wobarakaatuhu

kabajamtootaa obboleewwan muslimaa hundi kan hundee ykn bu'uura amantaa ofii baruu barbaaddan kunoo nutis barnootawwan hundee islaamaa tahan karaa gabaabinaan qabannee isiniif dhihaanne jirra isinis carraa kanatti fayyadamuun mata-dureewwan gaditti isiniif tarreessine kanarra tuquun Kottaa gahee keessan bahadhaa isiniin jenna.

🚸Barnoota Aqiidaa 🚸

🚸Barnoota Toohidaa 🚸

🚸Barnoota seenaa/siiraa 🚸

🚸Barnoota waa'ee iimaana🚸

🚸Barnoota Toowbaa 🚸
Forwarded from Keyralumma
KUTAA 1️⃣8️⃣FFAA
BARNOOTA MALLATTOO LAAFINA IIMAANAA
KUTAA 1️⃣8️⃣FFAA
Kutaa 17ffaa dubbisuu Hubadhaa

0️⃣2️⃣ GUDDINA RABBII BEEKUU  MAQOOLEE FI SIFAATA ISAA
BEEKUU:
✺ Isa xiinxaluu hiika ishee hubachuu guddina Rabbii namatti beekamu kana qalbii irra tursiisuufi akka qaamni waan qalbiin hubate kana hojiitti jijjiiruuf jecha qaama hunda keessa yaasuudha. Qalbiin mootii fi dura bu’aa isheeti. Qaamni immoo loltuufi hordoftoota isaati. Yeroo inni tole qaamnis ni tolti; yeroo inni bade isheenis ni baddi.

Ragaan guddina Rabbii Qur’aanaafi hadiisa keessa baay’eedha. Muslimni yeroo kana xiinxale qalbiin isaa ni romma; lubbuun isaa Rabbii guddaadhaaf of gadi dhaba; qaamni isaas argaa dhaga’aadhaaf gadi jedha; kushuu’ii Rabbii jalqabaatiifi dhumaatiif dabalata. Kana keessaa tokko maqooleefi sifaata isaa baay’ee dhufeedha; Inni guddaa to’ataa boonaa jabaa mo’ataa olta’aadha. Inni jiraataa hin duuneedha; namoonniifi jinniin ni du’u. Inni uumama isaa cufa mo’ataadha. Kakawweenis faaruu isaatii waliin isa qulqulleesa. Maleykonnis sodaa isaa irraa isa qulqulleessu. Injifataa abbaa haaloo ba’annaati.
Ofi in dhaabataa hin rafneedha. Beekumsaan waan hunda marsaadha. Gantuu ijaa waan qomti dhoksu ni beeka.

Bal’ina beekumsa isaa ibsee ni jedhe:
“Furtuuwwan fagoo (ghaybii) Isa bira jira. Isa malee homtuu ishee hin beeku. Inni waan dachii keessa jiruu fi waan bahra keessa jirus ni beeka. Baala irraas
tokkollee inni beeku malee hin kufu. Firiin dukkana dachii keessaa jiidhaa fi gogaanis kitaaba ifa ta’e keessa jiraatu malee hin hafu.” (Al-an’aam: 59).

Guddina isaa irraa tokko waan inni ofi rraa hime:
“Isaan Rabbiin guddina isaaf malu hin guddifne. Guyyaa Qiyaamaa dachiin guutuun qabaa Isaa keessa taati;
samiinis mirga Isaatiin maramtuu dha.” (Azzumar: 67).

Ergamaan Rabbii ﷺ ni jedhan: “Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa dachii ni qaba; samii immoo mirga isaatiin ni mara. Sana boda ‘mootiin ana; eessa jiru mootoliin addunyaa?’ jedha.” Bukhaariitu gabaase.

Yeroo seenaa Muusaa kan innii
“yaa Rabbi of na agarsiisi sin ilaalaa” jennaan Rabbii immoo “Na hin argitu; garuu gara gaaraa ilaali; yoo bakka isaatti ragga’eef Na argitaa» jedhe. Yeroo Rabbiin isaa gaaraaf mul’atu daakamaa lafaan qixxaa’aa isa godhe. Muusaanis of wallaalee kufe.” (Al-a’araaf: 143)

onneen of gadi qabee qalbiinis ni romma. Ergamaan Rabbii ﷺ yeroo aayata kana qara’anii fassaran quba isaanii abbudduu birkii quba xiqqoo isa olii irra kaa’anii sana booda jedhan “gaarri dachii keessa gadi dhidhime.”
Tirmiziitu gabaase.

Hadiisichi sahiiha. Hiikti isaa immoo hangumti birkii quba xiqqoo ishee olii gubbaa jiru qofti gaaratti mul’annaan
lafa keessa gadi lixee dhabame jechuudha. Rabbii ol ta’etu beeka. “Hijaabni isaa ifaadha; odoo inni ishee saaqee silaa ifti fuula isaa uumama irraa waan ijji isaa itti dhaqqabe hundaa ni gubdi ture.” Muslimtu gabaase.

Guddina Rabbii irraa kan biraa immoo waan Ergamaan Rabbii ﷺ nuuf himaniidha: “yeroo Rabbiin murtii wahii
samii keessatti murteesse maleykonni kooluu (qoochoo) isaanii jecha Isaatiif of gadi qabuuf jecha lafa keessi.
Inni waan dirii dhagaa irra bu’eeti. Yeroo qalbii isaanii irraa saaqame ‘Rabbiin keessan maal jedhe?’ jedhu. ‘Dhugaa dubbate; inni ol ta’aa guddaadha’ jedhu.”
Bukhaariitu gabaase.

Ragooleen kanaa baay’eedha. Kan fedhame ragoolee kanaafi kan biroollee xiinxaluudhaan guddina Rabbii beekuun
wantoota dadhabina iimaanaa wallaanaa keessatti hundarra bu’aa qabaniidha. Ibn Alqayyim Rabbiin isa haa mararfatuu guddina Rabbii haasaa mi’aahaa gaarii ta’een ibse: “wantoota
biyya kamiituu Isatu to’ata ni ajaja ni dhorga ni uuma; ni soora ni ajjeesa ni jiraachisa ni guddisa ni xiqqeessa halkaniif guyyaa gara gaggalcha guyyoota kana jidduu namaatti taraa godha; biyyootiis ni jijjiira; biyya tokko dhabamsiisee kan biraa fida. Ajajni isaatiifi taayitaan Isaa samii keessatti
moggaa ishee hundarrattis dachii keessattiifi waan ishee irra jiru jala ishees jiru galaanotaafi qillensa keessattis ni raawwatama. Waan hundaa beekumsaan marseera.

Kutaa 19ffaan itti fufa insha'allaah....

♻️𝚆𝙰𝙹𝙹𝙸𝙽 𝙹𝙸𝚁𝙰𝙰𝙲𝙷𝚄𝚄𝙵
✍️𝙰𝚖𝚊𝚕𝚘𝚘𝚝𝚊 𝚃𝚘𝚛𝚋𝚊𝟽 𝚔𝚊𝚗𝚗𝚎𝚎𝚗 𝚔𝚘𝚙𝚑𝚞𝚖𝚖𝚊𝚊 𝚏𝚒 𝚔𝚘'𝚞𝚖𝚖𝚊𝚊 𝚒𝚛𝚛𝚊𝚊 𝚋𝚒𝚕𝚒𝚜𝚊 𝚗𝚊𝚖𝚊 𝚐𝚘𝚍𝚑𝚊𝚗:

𝟷.𝙽𝚊𝚊𝚖𝚞𝚜𝚊 𝚐𝚊𝚊𝚛𝚒𝚒 𝚚𝚊𝚋𝚊𝚊𝚌𝚑𝚞𝚞.
𝟸.𝚂𝚑𝚊𝚔𝚔𝚒𝚒 𝚒𝚛𝚛𝚊𝚊 𝚋𝚒𝚕𝚒𝚜𝚊 𝚝𝚊'𝚞𝚞.
𝟹.𝚁𝚊𝚔𝚔𝚒𝚗𝚊 𝚞𝚞𝚖𝚞𝚞 𝚒𝚛𝚛𝚊𝚊 𝚘𝚏 𝚚𝚘𝚚𝚚𝚘𝚋𝚞𝚞 𝚢𝚔𝚗 𝚘𝚏 𝚚𝚞𝚜𝚊𝚌𝚑𝚞𝚞.
𝟺.𝙰𝚖𝚊𝚕𝚊 𝚑𝚊𝚖𝚒𝚕𝚎𝚎 𝚋𝚊𝚕𝚍𝚑𝚊𝚊 𝚍𝚊𝚐𝚊𝚊𝚐𝚜𝚞𝚞.
𝟻.𝙾𝚋𝚜𝚊 𝚊𝚖𝚊𝚕𝚊 𝚐𝚘𝚍𝚑𝚊𝚌𝚑𝚞𝚞.
𝟼.𝙳𝚊𝚗𝚍𝚎𝚎𝚝𝚝𝚒𝚒 𝙽𝚊𝚖𝚘𝚘𝚝𝚊𝚊𝚗 𝚠𝚘𝚕𝚒𝚒 𝚐𝚊𝚕𝚞𝚞 𝚐𝚊𝚊𝚛𝚒𝚒 𝚚𝚊𝚋𝚊𝚊𝚌𝚑𝚞𝚞 𝚍𝚑𝚊.
𝟽.𝙽𝚊𝚖𝚘𝚘𝚝𝚊 𝙰𝚔𝚔𝚞𝚖𝚊 𝚊𝚖𝚊𝚕𝚊 𝚒𝚜𝚊𝚊𝚗𝚒𝚒𝚝𝚝𝚒 𝚒𝚝𝚝𝚒 𝚖𝚒𝚌𝚑𝚘𝚘𝚖𝚞𝚞 𝚍𝚑𝚊.
2024/09/28 23:25:57
Back to Top
HTML Embed Code: