Telegram Web Link
Forwarded from Keyralumma
◎M𝕦𝕜𝕟𝕚
Worqii ykn dahabaan wolbiratti yoo ilaalle Mukki gatii hinqabu
──━━━━━❪✺❫━━━━━──
👌G𝕒𝕣𝕦𝕦
Utuu ka'ee bishaan nunyaatee worqii of harkaa qabnu darbannee muka qabannu barbaanna
Qabannee bishaan sana keessaa bahuuf jecha
──━━━━━❪✺❫━━━━━──
◈A𝕜𝕜𝕦𝕞𝕒 𝕜𝕒𝕟𝕒
bu'aa namni tokko nuuf qabu Yeroo sanatti nuuf galuu dhabee eega turree booda nuuf galuutu mala
──━━━━━❪✺❫━━━━━──
Namni hundinuu waan wolfayyadu hindhabu
Nama wojjin jiraattu tokko
Waan inni tolche erraa jaalladhuu waan inni dogongoremmoo erra dabriif
──━━━━━❪✺❫━━━━━──
Jireenya keenya keessatti erra woliif darbuun woliif obsuun wolsirreeffachuun hedduu nubarbaachisa
👌dirqama keenyas👌
──━━━━━❪✺❫━━━━━──
─━❪BARNOOTA❫━─
☾︎MALLATTOO LAAFINA IIMAANAA☽︎

─━❪KUTAA 2️⃣FFAA❫━─
♡︎Dura kutaa 1️⃣ffaa dubbisuu
keessan hubadhaa♡︎

•═══════════•
❂:::::::::::::❁DURSA❁:::::::::::❂
❂ بِسْمِ اللّهِ الرَّحْمـَنِ الرَّحِيمِ ❂

✺ Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin

◉ Dhugumatti faaruun hunduu kan Rabbiiti; Isa ni faarsina. Gargaarsas isa irra barbaanna. Dhiifamas Isa irraa barbaanna. Hamtuu lubbuu keenyaatii fi diliiwwan dalagaa keenyaa irraa Rabbitti maganfanna Nama Rabbiin isa qajeelche wanti isa jal’isu hin jiru nama inni jallise immoo wanti qajeelchu hin jiru Dhugaan gabbaramaan Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee hin jiru jechuu ragaan ba’a Muhammadis ﷺ gabricha isaatii fi ergamaa Isaa ta’uu ragaan ba’a.


• Rabbiin ol ta’e ni jedhe subhaanahuu wota'alaa:
۞ “Yaa warra amantan! Dhugaa sodaa isaa Rabbiin sodaadhaa; Muslimoota taatan malees hin du’inaa.” ۞ (Aali Imraan: 102).

۞ “Yaa namootaa! Gooftaa keessan Isa lubbuu tokko (Aadam) irraa isin uumee ishee irraas cimdii ishee (Hawwaa) uumee isaan lamaan irraas dhiirotaa fi dubartoota baay’ee tamsaase sodaadhaa Rabbii ittiin wal kadhattanii fi firummaas (kutuu) sodaadhaa. Dhugumatti Rabbiin isin to’ataa dha.” ۞ (Annisaa’i: 1).

۞ “Yaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaa; jecha sirrii dubbadhaa. Dalagaalee keessanis isiniif tolcha; badiiwwan keessaniis isiniif araarama. Namni ajaja Rabbii fi ergamaa Isaatiif ajajame dhugumatti milkii guddaa milkaa’eera.” ۞ (Al-ahzaab: 70-71).


❁ KANA BOODA:
◉ Mallattoon dadhabina iimaanaa waan ummata wal ga’ee jidduu Muslimaatti faffaca’e irraayi. Namoonni baay’een gogina qalbii isaanii himatu. Jechoonni isaanii kun ni deddeebiti: goginatu qalbii kiyya keessaa natti dhaga’ama; mi’aan ibaadaa homaa natti hin dhaga’amu. Iimaanni kiyya akkaan gadi kufuun beeka Qur’aana qara’uun homaa mallattoo wahii narratti hin uumu.

Bifuma salphaanin badii keessa seena
jedhu Hedduun namootaa mallattoon dhukkubaa (badii) isaan irratti ifee mul’ata Dhukkubni kun bu’uura musiibaa cufaati hanqinaafi balaa hundaafuu sababa ta’a.

Kutaa 3ffaan itti fufa inshaa'llaah.....
الســـــــــــــــــــــــــــلام عليــــــــــــــــــــــــــــكم
ورحمة الله وبــركاتـــــــــــــــــــــــــــــه
═══════════════

⊱ABDURAHMAAN BIN OOWFI⊱

Sahaboota warra jannataan gammachiifaman keessaa
Tokko Kan tahe Seenaa

⊱ABDURAHMAAN BIN OOWFI⊱
─━❪KUTAA 1️⃣FFAA❫━─

Isaannan Rabbiin milkii isaanii garaa haadhaa keessatti barreesse keessaa, Abdurahmaan bin Oowfi tokko.

Tokkoo warra saddettan dura islaamawaniiti, tokkoo kurnan warra jannataati, tokkoo jahan koree mariiti.

Osoo Nabi Muhammad s.a.w lubbuun jiran tokkoo warra fatwaa kennaniiti. Kan tola kana cufaan islaamummaa keessatti Rabbiin isa badhaase kun Abdurahmaan Binu Oowfiiti.


Islaamahuu Abdurahmaan Binu Oowfii
Abdurahmaan Binu Oowfii jalqaba barii diin islaamaa warra saddeettan amanee keessaa isa tokko. Erga Abu Bakri Siddiiq amanee guyyaa lama booda innis Muhammadiin s.a.w dhugoomsee, osoo isaan ganda Gaara safaa jalatti argamu, gara ganda Arqam Binu Arqamitti hin galin islaamummatti seene.

Erga Islaamummaatti seenee inni dararaa fi hammeenyi of nama wallaalchistu ummata mushrikaa kan Makkaa irraa isatti hammaattullee, Innis hamma jabeenna dararaa fi hammeenya sanii islamummaatti ka dur irra jabaatuu eegale.


Godaansa Abdurahmaan Binu Oowfii
Inni warroota gara Habashaatti godaanan keessaa tokko. Erga oduu sobaa ummanni Makkaa islaamahee Nabi Muhammad s.a.w waliin salaatuu jalqabe jedhu dhagahee gara Makkaatti deebi’e. Garuu dubbiin soba ta’u isaa erga Makka gahe hammeenyaa fi dararaa isarra gahaa ture, dachaan itti dabalamte isa simatte jennaan beeke. Boodas yeroo lammaffaaf deebi’ee gara biyya Habashaatti godaane.

Nabi Muhammad s.a.w godaansa gara Madiinaa akkuma hayyameen, warra duraa irraa ta’uun Abdurahmaan Binu Oowfiitis gara Madiinaa godaane.

Erga ummanni Makkaa gara Madiina godaane, Rasuulli s.a.w Muhaajiraa fi Ansaara walitti obboleewwan godhe. Akka carraa ta’ee Abdurahmaanis Sa’aad Binu Rabii’in walitti obboloome.

Sa’aad badhaadhinna diinagdeetin Ansaarota keessatti maqaa qabeessa ture. Diinagdee isaa cufa iddoo lamatti hiree qooduufi, niitii lamaan qabu keessaallee takka obboleessi isaa Abdurahmaan binu Oowfii ta jaalate filatee, akka gad dhiisuuf waadaa seeneef.

Abdurahmaan tola arjoomina Sa’aad erga galatoomfatee, qabeenyaa fi haadha warraalle itti didee, akka magaalatti daldalaaf isa qajeelchu gaafateen. Sa’aadis akkuma fedha Abdurahmaan isaaf godhe.

Erga Abdurahmaan hojii daldalaa eegalee booda guyyaa tokko, isaa Urgooftu urgeeffatee deemu, kan fuulli isaa gamachuu irraa ife, Rasuulli s.a.w fuulatti dhufaniin. Foolee urgooftuu isaa dinqisiifataa, “Abdurahmaan maal argatte!?.” jedhanii gaafataniin. Abdurahmaanis akka fuudhe itti hime. Ammas Rasuulli s.a.w mahrii hangam takka kennee akka fuudhe gaafataniin. Abdurahmaanis warqii hammi isii killee geettu, akka kennee fuudhe himeef.


Kutaa 2ffaan itti fufa inshaa'llaah...
─━❪BARNOOTA❫━─
☾︎MALLATTOO LAAFINA IIMAANAA☽︎

─━❪KUTAA 3️⃣FFAA❫━─
♡︎dura kutaa 2️⃣ffaa dubbisuu
keessan hubadhaa♡︎

𖣔 MATA DUREEN WAA’EE QALBII MATA DUREE YAACHISAADHA.

➯ Qalbi jechuun akka Lughaa Arabaatti garagaggalaa jechuudha Sababa inni yaadaan yeroo yerootti jijjiiramuuf onneen qalbii jedhamee moggaafame.

◉ Wanti qalbiin(1) qalbii jedhameef waan inni ariitiidhaan garagaggaluufi. Ergamaan Rabbii (S.A.W) ni jedhan: ۞ “sababni qalbiin qalbii jedhameef garagaggaliinsa isaa qofa irraayi. Fakkeenyi qalbii akka qoochoo (goflaa) hundee mukaatti fannifamtee qilleensi duraafi duubatti garagaggalchuuti.” Ahmadtu gabaase inni sahiih Aljaami’iin keessas ni jira ۞

• Gabaasa biraatiin immoo “fakkeenyi qalbii akka qoochoo lafa gammoojjiitti qilleensi duraafi duubatti garagalchuuti.” Ibn Abuu Aasimtu kitaaba Sunnaa keessatti gabaase Sanadni isaa sahiiha.

◉ Inni akkuma Ergamaan (S.A.W) Rabbii (S.W) “qalbiin ilmaan Aadam garagaggaluu keessatti okkotee akkaan wacee garagaggalu irra ariifataadha” jedhan akkaan garagaggala. Gabaasa biraatiin ni jedhan: “qalbiin garagaggaluu keessatti distii ishee akkaan wacite irra cimtuudha.” Ahmadtu gabaase.

Rabbiin ol ta’e Isatu qalbii akka fedhe garagaggalcha; ishee jijijjiira.

• Abdullaah bin Amr bin Al-aas irraa odeeffamee (r.a) ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii (S.A.W) jedhanuun dhaga’e: ۞ “Qalbiin ilmaan Aadam hundinuu jidduu qubbeetii lamaan qubbeetii Rahmaan irraa ta’aniiti. Akka qalbii tokkichaa bakka fedhetti isa jijijjiiruuti.” ۞ Sana booda Ergamaan Rabbii (S.A.W) ni jedhan: ۞ “yaa Rabbii qalbii garagaggalchitu! Qalbii keenya gara siif ajajamuutti garagalchi.”۞ Muslimtu Gabaase.

• Odoma qalbii kana Rabbiin bakka fedhetti jijijjiiraa ta’uu Guyyaa Qiyaamaa immoo nama qalbii nagaadhaan (qaban saliimiin) gara Rabbii dhufe malee eenyunuu ibidda irraa bilisa hin ba’u. Badiin warra qalbiin isaanii zikrii Rabbii irraa gogeef mirkanaa’eera. Wareegni jannataa immoo nama Rahmaaniin ghaybiitti sodaatee qalbii gara Isaa deebituu taateen dhufeef mirkanaa’eera.

• Kanaafuu Mu’umina irratti qalbii isaa hordofuun bakka dhukkubni ishee jiru baruun sababa dhukkubichaa baruuniifi odoo haguuggiin ishee irratti hin moo’in dura wal’aansa keessa seenuun dirqama ta’a. Dubbiin kun akkaan cimaadha; akkaataanis sodaachisaadha. Rabbiin qalbii goggodduu cufamtuu dhukkubsattuu jaamtuu qollofamtuu gadi gombifamtuufi kedda’amtuu irraa nu sodaachiseera.

◉ Barnoota itti aanu keessatti mallattoolee dadhabina iimaanaa sababa isaafi wal’aansa isaa barachuuf yaalla. Rabbiin anaafi obboleeyyan kiyya Muslimaa hojii kanaan fayyaduufi nama isa raabsuu keessatti hirmaates mindaa guutuu isa
mindeessuun kadha. Qalbii keenya laaffisee ishee sirreessuuf Rabbuma qofatu kadhatama. Inni gargaaraa ta’uun toleera Inni gahaa keenya isarratti hirkachuunis toleera.

kutaa 4ffaan Itti fufa insha'allaah
KUTAA 2️⃣FFAA ABDURAHMAAN

⊱ABDURAHMAAN BIN OOWFI⊱

Sahaboota warra jannataan gammachiifaman keessaa
Tokko Kan tahe Seenaa

⊱ABDURAHMAAN BIN OOWFI⊱
─━❪KUTAA 2️⃣FFAA❫━─
Kutaa 1ffaa dubbisuu Hubadhaa

Sadarkaa Abdurahmaan Binu Oowfii
Rabbitti kakadhee sadarkaa sahabdicha kabajamoo kanaa waanin jedhee isa ibsu hin beeku. Jecha itti dhabe; jecha sanuu ka qalamni barreessuu irraa hifate. Sadarkaa isaa hedduu irraa, tan guddattee, sadarkaa kamiinuu hin madaalle arge. Mee eennu namni nabiyyii s.a.w nabiyyoota hundaa caalu ka salaachisu ta’ee ka argame? Garuu Abdurahmaan Binu Oowfii guyyaa duula tabuuk Imaama ta’uun Nabi Muhammadiin s.a.w dura dhaabbatee ummata salaachise.

Akka Mugiiraa irraa odeeffametti “Rasuulli s.a.w fincaanif jecha ummatarraa fagaate. Waqtiin salaata fajriiti. An weelkaa bishaanii qabadhee waliin deeme. Booda Rasuulli s.a.w an bishaan buusaafii, inni shanacha isaa, fuula isaa al sadii sadii dhiqate. Booda dhumdhummee isaa dhiqatuuf yoo inni kooti ol harkisu itti toluu dide. Kootii isaa baafatee dhumdhummee isaa dhiqachuun wuduu’a isaa xumuree,yoo nuti gara ummataa deebinu, Abdurahmaan Bin Oowfii ka salaachisu ta’ee ummanni salaatatti jira. Anaa fi Rasuullis s.a.w duubaan hidhannee erga salaata xumurree booda; Rasuulli s.a.w waqtiin salaataa darbuu irra, ummatni osoo isaan hin eegin salaatuu isaanii akka gaarii dalagan itti himuun gammachiisan.”

Oduu Abii Sa’iid nuu gabaase “guyyaa tokko wal dhabbiin Abdurahmaan Binu Oowfii fi Kaalid jiddutti uumamte. Kaalid waan kana obsuu dadhabee Abdurahmaanin waa jedhe. Dubbiin deemte Rasuula s.a.w bira geette. Rasuulli s.a.w arrabsamuu Abdurahmaan dhagahanii jennaan, sahaabota tiyya narraa hin arrabsinaa Osoo isin sadaqaa ziqaya hammi isii gaara Uhud geettu kenattanii, ganaa (shanacha) sahaaboonni koo kennatan hin geettu.” jechuun darajaa sahaabota isaanii nuuf himan.

Sa’iid Binu Zeyid akka Rasuula s.a.w irraa nuuf dubbatetti, “Nabin Rabbii s.a.w osoo Abba Bakrii, Umar, Usmaan, Aliyyi, Zubeeyr, Xalhaafii Abdurahmaan faa waliin Gaara gubbaa jiran, Gaarri sosocha’uu eegalte. Rasuullis s.a.w Gaara miilan gadi dhiitaa “gadi dhaabadhu namuu sirra hin jiru. Anaa, Siddiiqi fi shahiide malee jedhan’.

Duula badrii keessatti warroota duulan cufa Rabbiin (SW) waan feetan dalgaa, an isinii araaramee jira jechuun qur’aana isaa keessatti dubbate. Isaannan Rabbiin qur’aana isaatin faarse osoo isaan lubbuun jiran, warra Rabbiin waan feetan dalagaa jedheen keessaa Abdurahmaan Binu Oowfi sahaabdicha duraati.


Kutaa 3ffaan itti fufa inshaa'llaah....
Forwarded from Chaanaalii via @Feysal_bot
🌹 Chaanaalota babbareedoo fi jaalatamoo barnoota irraa argachuu dandeessan isiniif qabannee dhiyaannee jirra.
Maarree isinis Chaanalii keessan Chaanalii gurguddaa irratti beksifachuuf karaa kanaan nu qunnamaa Keyralumma bot
🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏
─━❪BARNOOTA❫━─
☾︎MALLATTOO LAAFINA IIMAANAA☽︎

─━❪KUTAA 4️⃣FFAA❫━─
Kutaa 3ffaa dubbisuu hubadhaa

❂ MALLATTOOLEE DADHABINA
IIMAANAA

⊱Dhukkubni dadhabina iimaanaa mallattoolee heddu qaba Isaan irraa gariin⊱:

✺ DILII KEESSA SEENUUFI HARAAMA DALAGUU:
◉ Warra dilaawoo irraa nama dilii hojjatee isheerra turutu jira Ammas isaan irraa nama gosa dilii baay’ee hojjatutu jira Dilii keessa seenuu baay’isuun waan sana gara aadaatti jijjiiree wanta beekamaa wahii taasisa. Sana booda suuta suutaan fokkinni ishee qalbii irraa deema Ergasii dilaawachi ishee dirree baasee hojjachuun hadiisa isa ummanni kiyya hundinuu diliin isaaniif araaramoodha warra dirree ishee baasan malee Dirree ishee baasuu irraa tokko namichi halkan keessa hojii wahii hojjatee Rabbiin isa dhoksee bullaan ganama yaa abalu ani halkan edaa waan akkasii akkasiin hojjadhe jedha Rabbiin immoo haala isa satareen isa bulche inni immoo ganama sitrii Rabbii of irraa saaqaa ka’a jedhu keessa seena Bukhaariitu gabaase.


✺ QALBIIN GOGUUN ITTI DHAGA’AMUU:
◉ Hanga namoonni qalbiin isaa gogee dhagaa gogaatti jijjiiramee homaayyuu isa hin jiisu wanta tokkoonuu hin jijjiiramu jechuu yaadu tokko ga’a Rabbiin ol ta’e ni jedhe Ergasii booda onneen keessan ni gogde Isheen gogiinsa keessatti akkuma dhagaati yookiin goginaan ni caalti. Albaqaraa 74.

Namichi qalbiin isaa goge gorsi du’aa janaazaa arguu janaazaa ofumaa isaatiif baachuuniifi awwaaluun homaa isa hin jijjiirtu Adeemsi inni qabrii jidduu deemu adeemsa isaa kan jidduu dhagootaa deemuun wal fakkaata

❂ IBAADAA SIRREESSANII HOJJACHUU DHIISUU:
◉ Yeroo salaataa Qur’aana qara’uu du’aa’iifi kkf sammuun bakka biraa yaaduun hiika zikrii jedhamuu xiinxaluu dhiisuu bifa irra deddeebi’aa taatiyeessaa ta’een qara’a Kun immoo yeroo isa tiksee qara’eedha Odoo du’aa’ii murtaa’e wahii kan sunnaadhaan dhufte yeroo murtaa’aa keessa aadeffatee hiika du’aa’ii kanaa homaa hin xiinxalu Rabbiin qulqullaa’ee ol ta’e immoo du’aa’ii qalbii dagattuu irraa hin qeebalu Tirmiziitu gabaase Inni Silsilaa sahiihaa keessas ni jira.

✺ HOJII KHAYRIIFI IBAADAA IRRAA
TAATIAAYUU ISHEE DHIPHISUUDHA.
◉ Yeroo ishee hojjatus isheen sochii gogduu ruuhii hin qabneedha Rabbiin Munaafiqoota dubbatee ni jedhe
yeroo gara salaataa dhaabatan taatiyaa’aa dhaabbatu Annisaa’i 142.

• Yeroon khayriifi ibaadaa isa darbinaan gadduu dhabuunis kana jala seena Kun immoo namichi ajrii argachuudhaaf xiyyeeffannoo kennuu dhabuu isaa akeeka Odoma danda’uu hajjii tursiisa Odoo inni taa’uu lolli isa taree deema Salaata jamaa’aatiifi salaata Jumu’aa irraa booda hafa Dhugumatti Ergamaan Rabbii SAW jedhaniiru ummanni wahii saffii tokkoffaa irraa booda hafuu hin dhiisanu hanga Rabbiin ibidda keessatti booda isaan aansutti Abuu daawudtu gabaase Hadiisichi Sahiih Attarghiib keessa jira.

• Namni akka kanaa yeroo salaata dirqamaa irraa rafeyyuu dhiphinni wahii homaayyuu qoma isaatti hin dhaga’amu Akkasumas yeroo salaanni sunnaa raatibaa isa tare yookiin zikriin inni aadeffate wahii isa tare qadaa baasuufi waan isa darbe bakka buusuu fedhii hin qabu Akkasuma waan sunnaa ta’e hundaafi wantoota fard alkifaayaa ta’an cufa beekaa dabarsa Salaata iidiittis hirmaachuu dhiisuu isaatu mala Kana waliin beektoleen gariin isheetti
hirmaachuun dirqama jedhaniiru Salaata kusuufaa kan yeroo jiiniifi aduun gaaddiddaa’e salaatamutti hin hirmaatu Bakka janaazaa dhaquufi itti salaatuu irratti homaa hin xiyyeeffatu Walumaa galatti inni waan mindaa Aakhiraa argamsiisu irraa duuba deebi’aadha Isarraa of ga’aadha

Kun immoo faallaa jecha Rabbiiti ۞Dhugumatti isaan nabiyyoonni toltuu keessatti kan daddafan ta’anii kajeellaa fi sodaan guutamanii kan Nu kadhatanii fi Nu sodaatan ta’aniiru. Al-ambiyaa’i 90.۞

• Ammas mallattoo dadhabina iimaanaa kan ta’e Khayrii hundarrattuu taatiyaa’uu sunnaa raatibaa salaata laylii yeroodhaan gara masjidaa deemuufi sunnaa biraa Kan akka salaata adduhaa hojjachuu irraa taatiyaa’uu Salaata tawbaatiifi salaata istikhaaraa dhiisii warri dubbatamee dabre kunuu sammuudhuma isaa irra hin dhufu.


Kutaa 5ffaan itti fufa insha'allaah.....
QOPHII RAMADAANAA
KUTAA 1️⃣FFAA
By Sammubani ✍️

✺ QOPHII RAMADAANAA
➪ “Akka lugaatti sooma jechuun wanta tokko irraa of qabuufi hidhuudha. Fakkeenyaf dubbii irraa, nyaata irraa fi kkf irraa of qabuu danda’a. Akka shari’aatti sooma jechuun fajrii (subii) irraa eegalee hanga aduun seentutti wantoota sooma balleessan irraa of qabuudha. Asitti wanta biraatif kan soomu osoo hin ta’in niyyaan isaa Rabbiin gabbaruuf ta’uu qaba. “

✺ QOODAMIINSA SOOMAA
◉ Soomni bakka lamatti qoodama. Isaaniis;
➪ Sooma waajibaa (dirqamaa) fi
➪ Sooma taxawwu’a (sooma fedhii, dirqama kan hin taane)

Sooma dirqamaa fi gosoota isaa:
◉ soomni dirqamaa bakka saditti qoodama. Isaaniis:
➪ Yeroo isaatin dirqama kan ta’e. Kuni sooma ji’a Ramadaanati.
Sababa isaatin dirqama kan ta’e. Kuni sooma kaffaaraa. Fakkeenyaf, namni tokko guyyaa adiin ji’a Ramadaanaa keessa niiti isaa waliin yoo wal qunnamti saalaa raawwate, ji’a lama wal duraa duuban soomu qaba. Kuni kaffaraadha.

➪ Sooma namni tokko mata ofii irratti dirqama godhu. Kuni sooma nazrii (qodhaa, waadaa seenu). Fakkeenyaf, Rabbiin kana yoo naaf godhe, Isaaf jedhe guyyaa kudhan nan sooma jedhanii ofirratti dirqama gochuu (waadaa seenu).

➪ Sooma ji’a Ramadanaa
Soomni Ramadaanaa nama Musliima ta’e, umrii saalfannaa gahe, aaqila ta’ee, iddoo jireenya jiraatu hunda irratti dirqama. Soomni harkaana (utubaalee) Islaamaa keessaa tokkoodha. Qur’aanni, Sunnaa fi waligalteen ummataa dirqama ta’uu isaa ni agarsiisu.

✪ “Yaa warra amantan! Akka isin Rabbiin sodaattaniif jecha soomni akkuma warra isiniin duraa irratti barreefametti (dirqama ta’etti) isin irrattis barreefameera.”  Suura Al-Baqaraa 2:183

Barreefamni armaan gadi gabaabinnan kitaaba ‘Majaalisu shahru Ramadaan’ irraa fudhatame.

◉ Fadlii (Gaarummaa, tola) Ji’a Ramadanaa Beekaa yaa obboleyyan kiyya soomni caaltu ibaadaa keessaa tokko, fadlii soomaa ilaalchise hadiisni baay’een dhufe jira.  Fadlii soomaa keessa tokko Rabbiin sooma ummata hunda irratti barreesse jira, isaan irratti dirqama godhe jira. (Aaya armaan olii ilaali).

• Fadlii soomaa ji’a Ramadaanaa keessaa kan biraa araarama cubbuuti fi haaqamu badiitif sababa ta’a.  Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

“‏ مَنْ صَامَ رَمَضَانَ إِيمَانًا وَاحْتِسَابًا غُفِرَ لَهُ مَا تَقَدَّمَ مِنْ ذَنْبِهِ وَمَنْ قَامَ لَيْلَةَ الْقَدْرِ إِيمَانًا وَاحْتِسَابًا غُفِرَ لَهُ مَا تَقَدَّمَ مِنْ ذَنْبِهِ ‏”
“Namni iimaananii fi ihtisaaban Ramadaana soome, cubbuun isaa kan darbee ni araaramamaaf. Namni iimaana fi ihtisaaban Leylatul Qadr dhaabbate, cubbuun isaa kan darbee ni araaramamaaf.” Sahiih Musliim

➪ Iimaanan yommuu jedhu- Rabbitti amanee, mindaa Rabbiin gabroota gaggaarii Isaatif qopheessetti amane (Jannatatti amanee), dirqama soomaatti jibbe osoo hin ta’in gammadee fi ihtisaaban namni soome yookiin Leylatul Qadrii dhaabbate, cubbuun isaa ni araaramamaaf.

➪ Ihtisaaban yommuu jedhu immoo mindaa Rabbii barbaade fi kajeele hojii gaarii kana hojjataa malee na argaaf ykn beekkamtiif ykn kabajaaf ykn faarufi ykn qabeenyafi miti. Hojii gaarii hojjatu hunda Rabbiin irratti herreegata, mindaa hojii gaggaari nama irraa osoo hin ta’in Rabbiin irraa eeggata.

♡ Hojiin kheeyrii (gaggaariin) nuti hojjannu hundi kanniin lamaan irra naanna’u qabu.

Abu Hureeyran (RA) akka gabaasanitti Ergamaan Rabbii (Salallahu Aleyh wasallam) akkana jedhu:
الصَّلَوَاتُ الْخَمْسُ وَالْجُمُعَةُ إِلَى الْجُمُعَةِ وَرَمَضَانُ إِلَى رَمَضَانَ مُكَفِّرَاتٌ مَا بَيْنَهُنَّ إِذَا اجْتَنَبَ الْكَبَائِرَ
“Salaanni shanan, Jum’aa irraa jum’atti, Ramadaana irraa Ramadaanatti cubbuu isaan jiddu raawwatamaniif kaffaaradha yoo namtichi badii gurguddoo irraa fagaate.” (Sahih Musliim)
Kaffaaraa-jechuun cubbuu/badii namarraa harcaasu

➪ Asitti wanti dagatamuu hin qabne namtichi badii gurguddoo kan akka zinaa, hannaa fi kkf irraa yoo fagaatedha. Badii gurguddoo akkanaa yoo raawwate tawbaa dhugaa isa barbaachisa. Yoo dhugaan tawbate badiin isaa ni araaramaaf.

Kutaa 2ffaan itti fufa inshaa'llaah....
🛑 Wantoota 10 kurnan kana godhuun Ramadaana simadhu

➊ Rabbiin Ramadaanaan si gahee warra irraa fayyadamu kessaa akka si godhu du'aa'ii heddummeessuun simadhu.

➋ Wayta siin gahe Rabbi baay'istee galatoomfachuu fi gammachuun simadhu.

➌ Ji'a guutuu ibaadhaan dabarsuuf, badiirraa fagaachuuf murannoo dhaan murteessuun simadhu.

➍ Gaaffiiwwan sooma ilaalchisan kan qabdu ammummarraa akka sii deebi'an warra beekkumsa qabu gaafachuun simadhu.

➎ Qur'aana ji'a san keessatti akkamitti akka fixxu karoora baasuun simadhu.

➏ Warra sitti mufatan dhiifama gaafachuun. Akkasumas warra itti mufatte dhiifama gochuufiin simadhu.

➐ badii kee lakkoofte gara Rabbii tawbaa qulqulluu gochuun simadhu.

➑ salaata yeroo fi jama'aan saffaa awwalaa irratti salaatuf karoora baasun simadhu.

➒ maatiwwan kee kunuunsuufi fakkeenya gaarii ta'uuf kutannoo dhaan murteessuun simadhu.

➓ Ramadaanarraa fayyadamuuf wantootaa fi namoota sigufachiisan goonkumaa irraa fagaachuun simadhu.

“Nama Ramadaana dhaqqabee badiin isaa hin dhiifaminiif harkii isaa biyyee hammaartuu haa taatu.” Rasuul(saw)
─━❪BARNOOTA❫━─
☾︎MALLATTOO LAAFINA IIMAANAA☽︎

─━❪KUTAA 5️⃣FFAA❫━─
Kutaa 4ffaa dubbisuu hubadhaa

❂ MALLATTOO DADHABINA IIMAANAA
❂ QOMNI ISAA DHIPHACHUU HAALLI ISAA JIJJIIRAMUU UUMAMNI ISAA WALITTI HIDHAMUU DHA.

◉ Akka waan namicha irra ba’aan guddaan inni ittiin deemu jiruuti. Namichi waan xiqqoo wahii irratti haalli isaa jijjiiramee uff! jechuu baay’ata. Sochii namni naannoo isaatii godhu cufaanuu qomni isaa dhiphachuutu itti dhaga’ama. Bal’inni nafsii isa irraa deemti. Ergamaan Rabbii (S.A.W) waa’ee iimaanaa ibsanii ni jedhan: “iimaanni obsaafi qoma bal’achuudha.” Mu’umina immoo akkana jedhanii ibsan: “inni namaan waliif ta’a namnis isaan wal bara. Nama namaan wal hin barreefi ittiin wal hin baramne keessa khayriin hin jiru.

✺ AAYATOOTA QUR’AANAATIIN HOMAA JIJJIIRAMUU DHABUUDHA.
◉ Wareega isaatiin dinniina isaatiin ajajaafi dhorgaa isaatiinis ta’ee ibsa isaa kan waa’ee Qiyaamaatiin hin jijjiiramu. Namni iimaanni isaa dadhabaa Qur’aana
dhaggeeffachuu irraa ni taatiyaa’a. lubbuun isaa Qur’aana qara’uu itti fufuu hin dandeessu. Hanguma Mus-hafa
banuun cufuutti dhihaata.


✺ YEROO ZIKRII FI DU’AA’II RABBIIN DAGACHUU:
• Zikriin isarratti ulfaata; yeroo harka isaa du’aa’iif ol fuudhe dafee walitti deebisee deema. Rabbiin ol ta’e immoo akkana jedhee Munaafiqoota ibse:
“xiqqoo malee Rabbiin hin faarsanu (hin zakkaranu).” (Annisaa’i: 142).


✺ YEROO WANTOONNI RABBIIN DHORGE HOJJATAMU DALLANUU DHIISUU:
• Sababni isaas balalli inaaffii qalbii isaa keessaa dhaamteetti. Qaamnis hamtuu dhorguu irraa onteetti. Hiriyaa isaa gaariitti hin ajaju; hamtuu irraa hin dhorgu. Fuulli waa’ee Rabbiitiif jecha takkumaa hin jijjiiramtu. Ergamaan Rabbii (SAW) qalbii dadhabina kanaan dhukkubsate hadiisa sahiiha keessatti akkana jedhee ibse: “mokkoroon (fitnaan) akka salleenii muka tokko tokkoon walitti fidamuu qalbii irra dhufti. Qalbiin ishee dhuge kamuu (kan isheen baay’inaan keessa seente hundinuu) qabxiin gurraattiin ishee irra buuti.” Kana booda itti fufee akkuma Ergamaan Rabbii (SAW) dhuma hadiisaa keessatti (“Akka kubbaayyaa gadi gara galee gurraacha burree kan waan qalbii isaa keessa seene san malee gaarii gaarummaa isaa hin beekne hamtuus hamtuu ta’uu isaa hin beekne ta’a” jedhan San ta’a.) Muslimtu gabaase.

◉ inni kun qalbii isaa irraa gaarii jaallachuufi hamtuu jibbuun deemeera. Wantoonni kun isa biratti wal qixxaatteetti. Maaltu gaariitti ajajuufi hamtuu irraa dhorguutti isa kaasaree? Inumaayyuu badii lafarratti hojjatamu dhaga’ee isa jaallatee diliin fakkaataa nama isarratti hirmaatee isa mirkaneessee isarratti ta’a. Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan: “yeroo diliin lafa irratti hojjatamte namni isheetti
hirmaatee ishee morme akka nama irraa fagaatee ta’a. Namni ishee irraa fagaatee ishee jaallate immoo akka
nama isheetti hirmaatee ta’a.” Abuu Daawudtu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira.

badii kana jaalachuun isaa kun hojii qalbiiti. Isatu dilii nama itti hirmaatee isarratti fide.


Kutaa 6ffaan itti fufa inshaa'llaah......
Yeroo Kana Hubadhu Mee
🌎.Namoota Seenaa Adduniyaa kanaa keessatti milkaaan kamiiyyuu iccItiin milkaa'ina isaanii yoo qoratamu,kaayyoo karoorfatan dursanii ciminaan irratti qophaa'uu fi kutannoon hojjachuu isaani ta'uu hubanna.Fkn Barataan barumsa isaa keessatti dorgomaa fi adda durummaan beekamu tokko iccitiin milkaa'ina isaa osoo yeroon barnootaa hin ga'in dursee itti qophaa'uu isaati.Namni ispoortii fiigichaatiin addunyaa irratti qaphxii olaanaa galmeessuun beekamu tokko bu'uurri milkaaina isaa odoo yeroon dorgommii hin ga'in dursee shaakaluu ykn qophii cimaa godhuu isaati.Fakkeenyi kana fakkaatu qabatama jiruu yeroo keenyaa keessattis hedduudha.Dhugaan beekamuu qabu, namni qophii godhe hundi qophiin isaa sirriidha jechuu miti. Akkasuma namni qophaa'e hundi galma gaa jechuu miti.Qophiin godhamus namarraa namatti garaagarummaa qaba.Milkaa'inni nama kamiiyyuu kan hundaa'u hanguma sadarkaa ifaajuu fi qabsaa’uu isaatiini.Dhimmi xiinxala barbaachisu;yoo namni jiruu isaa karooraan bulchu tokko milkaa'uun isaa dirqama hin ta'in, inni karoora tokko malee jiruu isaa gaggeessu,kan qophii ykn sagantaan jiruu isaa hogganuu hin qabne,qabaachuufiis gonkumaa hin yaadne ni milkaa'a jedhamee ni yaadamaa? Yeroo ammaa Kana baatii shaabaanaa murteessituu taate keessa jirra.baatii Ramadaanaatti seenuuf qaccee irra geenyee jirra.Kanaafuu xiqqo dhaabbannee gadi fageenyaan itti yaaduu nu barbaachisa, qophii dhugaa qabaachuu fi qophaa’uus qabna.Ramadaana baatii quraaanaa, kan araaramaa ,kan gabrichi rabbii ibidda jahannam irraa itti bilisoomfamu,Baatii halkan murtii {leeylatulqadir}keessatti argamtutti seenuudhaaf shaabaanni buufata xumuraati.Namni dorgommii adda addaa tan bu'aa adduniyaatiif jecha taasifamtu injifannoodhaan galuuf sirritti qophii taasisa.Inni fuulduree rabbiitti guyyaa akiraa milkaa'uu barbaadu ammo qophii akkamii taasisuu qaba jettanii yaaddu mee? Inni biyyee dachii irra jirtu barbaaduu fi Urjii samii keessa jirtu barbaadu wal qixxaataa? Dhaloonni salataa ayyaana Iidul Fixrii irraa eegalanii turtii ji'a jahaa akka rabbiin dalagaa keeyrii isaan irraa fuudhu kadhatan,Jahan xumuraa ammo akka rabbiin ramadaana dhufuun isaan ga'u kadhatan.Dhaloota Salataa biratti baatiin ramadaanaa guyyaan,halkan,sa'aan,daqiiqaan fi sekendiin isaa iddoo addaa qaba.Nuti hoo Yeroo ramadaana keessa saniif yeroo akkamii keennuuf teenya Laata?
Kanaan dura hoo bakka akkamii kennaa fi turre? 👇👇
◎ Gaaffiif deebiin keenya arraa kana fakkaata irratti hirmaadhaa

➾ Salaanni dura ergamaa rabbii irratti dirqama taate salaata kami ?

1️⃣ :Salaata subhii
2️⃣ :Salaata zuhriiti
3️⃣ :Salaata asrii
4️⃣ :Salaata magriiba


Yaada Qabdanuuf ✍️
@Keyralumma_bot
🖥 Hafiz ibn hajer official 🦜 via @like
◎ Gaaffiif deebiin keenya arraa kana fakkaata irratti hirmaadhaa ➾ Salaanni dura ergamaa rabbii irratti dirqama taate salaata kami ? 1️⃣ :Salaata subhii 2️⃣ :Salaata zuhriiti 3️⃣ :Salaata asrii 4️⃣ :Salaata magriiba Yaada Qabdanuuf ✍️ @Keyralumma_bot
Deebiin gaaffii keenyaa
Akkuma irra caalaan keessan deebiftan 2ffaa taha
2️⃣Salaata zuhriiti

Worri deebii sirrii deebiftan Maasha'allaah jazaakumullaahu keyiran rabbiin beekumsa guddaa isiniif hadabalu👍👍👍👏👏👏
Akkasuma worrooni yaaltanis jazaakumullaahu keyiran rabbiin isinirraa hajaallatu
KUTAA 3️⃣FFAA 
QOPHII RAMADAANAA
Sagantaa barnoota sooma
KUTAA 3️⃣FFAA
Kutaa 2ffaa dubbisuu hubadhaa

Sooma keessatti obsi gosa sadii walitti qabame. Obsa Rabbiif ajajamuu, obsa wanta Rabbiin dhoowwe irraa dhowwamuu fi obsa wanta Rabbiin murteesse waliinii. Kanaafu namni soomu warroota obsan (saabiriin) keessaa ta’utti haqa godhataa jechuudha. Dhugumatti Rabbiin ni jedha: “…Warri obsan mindaan isaanii kan isaaniif kennamu lakkoofsa maleedha.” Suura Az-Zumar 39:10

Karaan sadaffaan: Soomni gaachana. Kana jechuun eeggumsa fi girdoo nama soomu dubbii faaydi hin qabne fi jecha fokkuu irraa eegudha. Kanaafi ‘jecha fokkuu dubbachuu hin qabu, iyyuu fi mormii baay’isuu hin qabu.’ Jedhe. Soomni ibidda irraa isa tiiksa.

Karaan afraffaan: fooliin badaan afaan keessaa bahuu Rabbiin biratti misk caalaa urgaa’adha. Sababni isaas, ashaaraa (mallattoo) soomati. Foolin kuni Rabbiin biratti urgaa’a fi jaallatamaa ta’uun dhimmi soomaa Rabbiin biratti guddaa ta’uu ragaa agarsiisudha. Hatta wanti namoota biratti jibbamaa ta’ee Rabbiin biratti jaallatamaa fi urgaa’a ta’a, sababa soomatin Isaaf ajajamuu irraa waan maddeef.

Karaan shanaffaan: nama soomuf gammachuu lamatu jira: yeroo sooma hiiku fi yeroo Rabbiin qunnamu. Yeroo sooma hiiku qananii ibaadaa soomaatin dhaabbachuu waliin gammada. Namoota meeqatu osoo hin soomin mindaa soomaa dhabe. Nyaataa dhugaati, wal-qunnamti saalaa yeroo soomaa dhowwamaa turan waliin ni gammada sooma waan hiikef.

Gammachuun yeroo Gooftaa isaa qunnamuu immoo yeroo sooma isaatiin mindaan baay’ee fi guutuu ta’ee Rabbiin biratti argatu ni gammada. Yeroo mindaan garmalee barbaadamaa itti ta’ettii fi akkana jedhamu ni gammada.

“‏ إِنَّ فِي الْجَنَّةِ بَابًا يُقَالُ لَهُ الرَّيَّانُ يَدْخُلُ مِنْهُ الصَّائِمُونَ يَوْمَ الْقِيَامَةِ لاَ يَدْخُلُ مَعَهُمْ أَحَدٌ غَيْرُهُمْ يُقَالُ أَيْنَ الصَّائِمُونَ فَيَدْخُلُونَ مِنْهُ فَإِذَا دَخَلَ آخِرُهُمْ أُغْلِقَ فَلَمْ يَدْخُلْ مِنْهُ أَحَدٌ ‏”‏ ‏.
Jannata keessa balbala Ar-Rayyaan jedhamu jira. Guyyaa Qiyaamaa warroonni soomaa turan isa keessaan seenu. Warra sooman malee namni biraa isaan waliin hin seenu. Akkana jedhama: ‘Warroonni soomaa turan eessa jiruu akka balbala kanaan seenaniif?’ Yommuu cufti (hundi) isaanii seenan, balballi kuni ni cufama. Sana booda eenyullee isa keessaan hin seenu.” (Sahiih Musliim)

Hadiisa jalqabaa keessatti namni soomu nama isa arrabsuu fi lolaaf itti dhufe, nan sooma jedhe ofirraa haa deebisu. Kana kan jedhuuf arrabsoo fi lolli akka hin daballeef. Akkasumas isa funduratti cal’isuun dadhabaa akka itti hin fakkaaneef. Namni soomu akka waan akkana jedhuuti: ‘Ani wanta ati na arrabsiteen sitti deebisuu hin dadhabne, garuu ani nan sooma. Soomni kiyya dubbii badaa sitti deebisu irraa na dhoowwa.’
Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedha.


“Hojiin gaarii fi hamtuun wal hin qixxaa’an. [Wanta baddu] ishii toltuu taaten deebisi. Yoo san inni gidduu keetii fi gidduu isaa dinummaan jiru akka jaalalloo firaa ta’uu [argita].” (Suuratu Fussilat 41:34)

Yaa obboleyyan kiyya! Fadliin sooma tan argamtu yoo namni soomu sirnaan soomedha. Sooma keessan eegu fi daangaa isaa tiiksuuf carraaqaa. Kana irratti hanqinna keessaniif gara Rabbii deebi’uun araaramaa kadhaa. Yaa Rabbii sooma keenya eegi. Shafa’aa nuuf taasisi. Nuuf, haadhaf abbaa keenyaa fi Muslimoota hundaaf araarami. Nageenyi Rabbii Nabiyyi keenya Muhammad, maatii Isaatii fi sahaaboota isaa irratti haa jiraatu.

Kitaabilee wabii
1.Sahiihu Fiqhu As-Sunnaah- Abu Maalik-jildii-2ffaa, fuula 87-88
2. Majaalisu shahru Ramadaan– ibn Useymiin fuula 14-18


Kutaa 4ffaan itti fufa inshaa'llaah....
عائلتي العزيزة إخواني وأخواتي في هذه القناة:

بارك الله في رمضان لنا ولكم ، ويوفقنا جميعًا في صيامه ، على إقامة صلاته ، وتلاوة القرآن ، والتأمل فيه ، والعمل بموجبه ، والعمل على رد المجد والعزة. شرف المسلمين.


My dear family, my brothers and sisters in this channel:

May Allah bless Ramadan for us and for you, and may He help us all in fasting its days, to establish its night prayer, to recite the Quran and ponder upon it, to act according to it, and to strive to restore the glory and honor of the Muslims.
KUTAA 6️⃣FFAA
༆MALLATTOO LAAFINA IIMAANAA༆
KUTAA 6️⃣FFAA
Kutaa 5ffaa dubbisuu hubadhaa

❁ MALLATTOO DADHABINA IIMAANAA
❁ MUL’ACHUU Jaalachuu inni kun bifa heddu Qabu. Isaanis:
◉ Hogganaa ta’uu fedhuu: itti gaafatamummaafi rakkoo isaa homaatti lakkaa’uu dhiisuudha. Inni Ergamaan
Rabbii (SAW) irraa dinniinan isa kana: “isin hogganaa ta’uu irratti bololuuf jirtu; isheen immoo Guyyaa Qiyaamaa
gaabbii ta’uuf jirti. Isheen hoosiftuun toltee kan guute immoo baddeetti.” Bukhaariitu gabaase.

• Jechi inni hoosiftuun tolte jedhu jalqabni ishee namichatti ni tola jechuudha. Sababni isaas qabeenya kabajaafi qananiitu wajjin jira waan ta’eef. Jechi gu’uutti fedhame immoo dhuma ishee jechuudha. Sababni inni fokkataa ta’eef immoo dhumarra ajjeechaa shaaramuufi Guyyaa Qiyaamaa hordoffi idhaan barbaadamuutu jira waan ta’eef. Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan: “yoo feetaniif waa’ee hoggantummaatiifi maal akka isheen taate sinittin hima.
Jalqabni ishee komiidha; lammaffaan ishee gaabbiidha; sadaffaan ishee immoo nama haqa hojjateef malee
Guyyaa Qiyaamaa azaaba ta’a.” Xabraaniitu Kabiir keessatti gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira.

• Odoo wantichi bakka namni isa caalu itti hin argamnetti qabsaa’ee gorsaafi haqaan dhaabbatee waajiba hojjachuufi
itti gaafatummaa baay’achuu ta’ee silaa akkuma Yuusuf hojjate san waa tole waa kabajame jenna ture. Garuu dubbiin yeroo baay’ee jiru immoo jeequmsa ol aantummaa barbaachaa, nama isa caalu dursuu warra haqa qaban haqa isaanii irratti jibbuufi dhaabbata da’awaa sana irratti dhuunfaa moo’uudha.

✺ Taa’icha keessatti dura ta’uu:
◉ haasaa keessatti filatamuufi dhaggeeffataa kan biraa irra horachuufi ajajni kan isaa ta’uu fedhuudha. Taa’icha keessatti fuuldura ta’uun isa Ergamaan Rabbii (SAW) irraa nu dhorganiidha: “dura taa’uu irraa eeggadhaa.” Bayhaqiitu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira.

◉ Sababa jaalalli of guddisuu:
lubbuu isaa dhukkubsattuu taate keessa guutteef jecha yeroo inni alaa ol seene namni isaaf ka’ee dhaabbachuu jaalachuu: Ergamaan Rabbii (SAW) dhugumatti jedhanii jiru: “namni gabroonni Rabbii isaaf ol ka’ee dhaabachuun isa gammachiise mana ibidda irraa ta’e haa qopheeffatu.” Bukhaariitu Adab Almufradiin keessatti gabaase.

• Kanaafuu yeroma Mu’aawiyaan Abdullaa bin Zubeeriifi Ibn Aamir bira dhufu ibn Aamir ka’ee dhaabbate Ibn Azzubeer ni taa’e. Mu’aawiyaan Ibn Aamiriin ni jedhe: taa’i! ani Ergamaa Rabbiitii (SAW) jedhanuun dhaga’e: “namni namoonni isa jalaa ka’anii dhaabbachuufii jaallate taa’icha isaa ibidda irraa haa qopheeffatu.” Abuu Daawudiifi Bukhaariitu Adab Almufradiin keessatti gabaasan. Inni Silsilaa Sahiihaa keessas ni jira.

• Namoonni akka kanaa odoo sunnaan hojiirra oolchamee inni dhiifamee mirgarraa eegalamee dallansuutu itti dhufa. Yeroo bakka ta’e seene namoonni isa jalaa ka’anii bakka sana taa’u malee hin jaalatu. Kun immoo odoma Ergamaan Rabbii (SAW) “namni tokko nama biraa kaafatee ergasii bakka
isaa hin taa’in” jedhanuuti. Bukhaariitu gabaase.

Kutaa 7ffaan itti fufa inshaa'llaah.....
KUTAA 4️⃣FFAA
Sagantaa barnoota Soomaa
KUTAA 4️⃣FFAA 
Kutaa 3ffaa dubbisuu hubadhaa


RAMADAANA KEESSA RAMADDI NAMOOTAA-KUTAA-1FFAA(A)

Nama barbaachisummaa (ulaagaalee) kanniin guutef soomni isa irratti dirqama. Ishiin/inni Musliima, aaqila (waa hubachuu kan danda’u) ta’uu, umrii saalfannaa kan gahe ta’uu, fayyaa qabaachu, imala (adeemsa) irra kan hin jirre (iddoo jireenyaa kan jiraatu) ta’uu, dubartiif laguu fi nifaasa (dhiiga dahaa) irraa qulqulluu ta’uu qabdi. Namtichi/ dubartiin barbaachisummaa armaan olii guunnan soomni isa/ishii irratti dirqama fi sirriidha. Dhugumatti ramaddi hundaa tokko tokkoon ilaalun irra gaariidha.  Isin qophiidha? Kanaafu obsaan dubbisaa.

Ramaddii tokkoffaa: Kaafira (nama Musliima hin taane)

Kaafiraaf (nama Musliima hin taanef) soomni isarratti dirqamaa miti. Osoo soomeyyu soomni isaa sirrii hin ta’u warra ibaadaa (Rabbiin gabbaran) keessaa waan hin taanef. Haa ta’uu malee ji’a Ramadaanaa keessa Musliima yoo ta’e, guyyoota Ramadaanaa hafan ni sooma, warroota soomni dirqama irratti ta’e irraa waan ta’eef.

Garuu guyyoota darban qadaa baasun (bakka buusun) isarratti dirqamaa miti. Rabbiin waan akkana jedheef:

“Warra Kafaraniin jedhi, yoo kufrii irraa dhoorgaman wanti darbee isaaniif araaramama…”  (Suurat Al-Anfaal 8:38)

Ramaddii lamaffaa- Sabiyyii

Sabiyyii (mucaa xiqqaa ykn mucayyoo xiqqoo) hanga umrii saalfannaa gahuutti soomni isa/ishii irratti dirqamaa miti. Ergamaan Rabbii (SAW) waan akkana jedhaniif:

رُفِعَ الْقَلَمُ عَنْ ثَلاَثٍ عَنِ النَّائِمِ حَتَّى يَسْتَيْقِظَ وَعَنِ الصَّغِيرِ حَتَّى يَكْبُرَ وَعَنِ الْمَجْنُونِ حَتَّى يَعْقِلَ أَوْ يَفِيقَ ‏”‏
“Namoota sadii irraa qalamni ka’ee jira (hojiin isaanii hin katabamu): Nama rafee irraa hanga hirribaa dammaqutti, nama xiqqaa irraa hanga guddatutti, maraataa irraa hanga waa hubatutti yookiin of beekutti.” ( Sunan Nasaa’i)

Garuu warrii isaa shakaalaaf soomu yoo danda’e soomatti ajajuu danda’u. Ibaadaa ijoollee keessatti leenjisa garmalee barbaachisaa isaaniif ta’a. Umrii saalfannaa geenyan carraa leenjisu waan hin argannef. Sahaabonni ijoolle isaani xixxiqoo soomsisaa turan. Gara masjiida fiidun meeshaa taphaa itti kennuun beela isaan dagachiisu.

Haa ta’uu malee warri ijoollee ammaa dhimma kana irraa daguu keessa jiru. Ijoollee isaanii soomatti hin ajajan. Inuma gariin isaanii ijoolleen isaanii soomu osoo barbaaddu, ‘Isaanif rahmata gochuudha.’ Jechuun soomuu irraa dhoowwu. Haqiiqaan isaaniif rahmata gochuun dirqamoota Islaamatiin akka dhaabbatan isaan shaakalsiisu fi sonoota Islaama barsiisudha. Nama kana irraa isaan dhowwee yookiin daangaa darbee nafsee ofiitii fi tan isaanii miidhe jira. Eeti, yoo soomanii miidhaa irratti argee yeroo san sooma irraa isaan dhoowwun rakkoo hin qabu.

Umrii Saalfannaa Dhiiraa

Seera Islaama keessatti umriin saalfannaa al-buluugh ykn Tamyiiz jedhamuun beekkama. Dhiirri dhimmoota sadii keessaa tokkoon umrii saalfannaa gaha.

Tokkoffaan: Ihtilaamaan maniyyii (dhangala’oo saalaa) dhangalaasu yookiin sababa kanaan alaatiin maniyyi dhangalaasu. “Ihtilaama jechuun (wet dream, abjuu jiidhaa)- abjuu fedhii saalaa kakaasu fi maniyyi akka dhangalaasan nama taasisu argu. Namni osoo rafuu maniyyi dhangalaase salaatun dura ykn Qur’aana tuquun dura ghusula (nafa guutu dhiqachuun) isarratti dirqama.” (A Dictionary of Islamic words and expression)

Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan:

غُسْلُ يَوْمِ الْجُمُعَةِ وَاجِبٌ عَلَى كُلِّ مُحْتَلِمٍ ‏”‌‏.
“Gusulli (nafa dhiqachuun) Guyyaa Jumm’aa nama muhtalama ta’e (umrii saalfannaa gahe) hunda irratti dirqama.” Sahiih Al-Bukhaari

Lamaffaa: rifeensi gaggabaan naannoo qaama hormaatatti biqiluun mallattoo umrii saalfannaati. Inni/ishiin kana arginaan umrii saalfannaa gahe jira /geesse jirti osoo abjuu jiidhaa arguu baateyyu /baatteyyu.  Kuni umrii isaanii irraa waggaa 13 ykn 14 tti mul’atu danda’a. Warrii isaanii mallattoo kana isaanitti beeksisu qabu.

Kutaa 5ffaan itti fufa inshaa'llaah..
KUTAA 4️⃣FFAA ABDURAHMAAN

⊱ABDURAHMAAN BIN OOWFI⊱

Sahaboota warra jannataan gammachiifaman keessaa
Tokko Kan tahe Seenaa

⊱ABDURAHMAAN BIN OOWFI⊱
─━❪KUTAA 4️⃣FFAA fi isa xumuraa ❫━─
Kutaa 3ffaa dubbisuu Hubadhaa


Gootummaa Abdurahmaan Dirree Lolaatitti
Abdurahmaan gootummaa dirree lolatinis gaachana diin islaamaa ta’uun, humna fi diinagdee isaa wareega ture. Guyyaa lola Badrii Amrii ilma Usmaan ibnu Ka’ab kan goota mushrikaa Makkaa tahe, ajjeesuudhaan gumaacha diin islaamaatif godhe.

Guyyaa duula Uhudis, Yeroo miilli namaa na baasi jettee baqattutti, inni garuu akka Qeerransa daggalaatti onnoomee, diina falmaa ture. Hamma qaamni isaa iddoo diigdamaa ol waraanamtutti, Nyaata xiyyaa fi guraadee mushrikaa of godhe. Ka iddoon waraanama garii guddinnarraa harka namaa seensistutti qaamni isaa diin islaamaatif jecha ciccirame.


Hajaa Dhabuu Lubbuu Isaa Fi Diinagdee Isaatirraa
Guyyaa tokko waan inni sooma ooleef yeroo furiinsaa nyaata fidaniif. Akka nyaata argeen sahaabdota isa dura du’an kan akka Mus’ab binu Umeyrii yeroo inni du’e waan isaan awwaalan dhaban san yaadatee, nyaata didee boohe. Uffanni Mus’abiin ittiin awwaalan, gara mataa olharkisan miila hanqatee, yoo miilatti gadi harkisan immoo mataa irraa mulqama. Qaama isaa wal hanqatee waan ittiin awwaalan dhabanii rakkataa turan fa’a yaadatee, garaan isa dadhabee sagalee isaa ol kaasee boohe.

Maal akka ta’e isa gaafatanii jennaan; dhugumatti sodaannee jirra addunyaan nutti bal’atte Rabbiin miindaa Aakiratti nuu kennuuhedu asumarratti ariifachiisee nuu kenninnaa.

Guyyaa tokko Usmaan bara angoo isaa funyaan hamma dhiigni irraa dhaabachuu didutti yeroo dheeraaf funuunaanii ture. Yeroo kana nama Hamraan jedhamu naaf yaamaa jedhee yaamaniif. Erga Hamraan dhufee booda Barreessi waan an sitti himu jedhee ajajeen. “Na booda Angoon akka Abdurahmaanif kennamtu dhaamsa koo barreessi.” jedheeni Hamraanis barresse.

Erga geesse booda Hamraan gara Abdurahmaan Binu Oowfii deemun isa gammachiisuf jedhee akka Usmaan angoo isaaf dhaame itti hime.


Uf Gadi Qabiinsa Abdurahmaan
Abdurahmaanin gammachiisuf dubbiin itti himan, garuu isaa yaada itti buuste. Jidduu qabrii fi menbaraa dhaabachuun akka Usmaaniin dura Rabbi isa ajjeesu “Yaa Rabbii dhugumaan ati ka mootee, Angoo Usmaani fi waan bulchiinsi isaalle taate, dhuguma amriin teeti! Akka Usmaan dura an du’u naaf awwaadhu.” jedhee angoo jibbiinsarraa ka ka’e, angoo qabatee jiraachu irra du’a isaa filate.

Akkuma kadhaa isaa Rabbiinis awwaateefii kadhaa isaa booda ji’a jaha turee Usmaanin dura du’e.

Sa’aad ilma Hasan ka gosti isaa teymi akkana jedhe “Abdurahmaani fi gabroonni isaa, uffanni isaanii fi nyaatni isaanii garaagarummaa hin qabuu ture.” jedhee nuuf gabaase.


Du’a Abdurahmaan
Waa tolee jiraa Abdurahmaan Binu Oowfitif. Isa angoo irra du’a filachuun “Rabbi na ajjeesi.” jedhee du’a kadhate. Dhugaa yooma dubbatanuu namni hin amanu, hamma jedhanitti seenaan isaa himaafu kan ulfaattu dha. Goota sanis biyyeen dandeettee of keessatti liqimsite. Goota wareegamaa ka ardii irra osoo lubbuun jiru, jannatni akka badhaasa isaa taate itti himame kana. Lubbuun sahaabdota nabii Rabbi s.a.w Abdurahmaaniin of biraa dhabuu itti obsitee, erga inni umrii 75tti du’e booda Sa’aad binu Waqqas kan eessuma Rasuulaa s.a.w ta’e fa’atu reeffa isaa baadhatanii, Usmaan Binu Affaan irratti salaachisuun addunyaa kanarraa isatti nagaha dhaamanii, gara mana aakeraa ka Nabi Muhammadiyyuu s.a.w irraa hin hafinitti geggessan. Haala kanaan Aliyyi fa’a ta’anii Madiinatti bakka qabrii baqii’i jedhamtutti sahaabdicha guddaa ulfaataa kana awwaalan.
KUTAA 5️⃣FFAA
Sagantaa barnoota Soomaa
KUTAA 5️⃣FFAA 
Kutaa 4ffaa dubbisuu hubadhaa


RAMADAANA KEESSA RAMADDI NAMOOTAA-KUTAA-1FFAA(B)

Sadaffaa: umriin isaa waggaa 15 (kudha shan) gahuu.  Namni tokko umrii waggaa 15 geenyan, inni namticha yookiin ishiin namtitti (dubartii) taatee jirti. Yeroo kana irraa eegale wanti namticha/namtitti irratti dirqama ta’e isaa/ishii irrattis dirqama.

Naafin ni jedhe: Ibn Umar (Radiyallahu anhumaa) akkana jechuun natti hime:
Ergamaan Rabbii (SAW) Guyyaa lola Uhud fuundura isaatti akka of dhiyeessu na waame. Ani yeroo san umriin koo waggaa 14 ta’ee osoo jiru. Lola keessatti akka hirmaadhu naaf hin hayyamne. Garuu yeroo ani waggaa kudha shanii lola Khandaqiif na dhiyeesse. Lola keessatti akka hirmaadhu naaf ni hayyame.” Naafin ni jedhe:Ani Kaliifaa yeroo sanii kan ta’e Umar bin Abdul Aziiz bira deemun hadiisa armaan olii itti odeesse. Umaris ni jedhe: Kuni haddi (daangaa) nama xiqqaa (ijoollummaa) fi nama guddaa (dhiirummaa) jidduu jiruudha. Hojjatoota isaatiif nama waggaa 15 gaheef mindaa akka muraniif barreesse.” (Sahiih Al-Bukhaari )

Hadiisni armaan oli kan agarsiisu waggaan 15 umrii seeraa gurbaa ykn intala Muslimaati. Dhimmoota amantii fi addunyaa isaa/ishiitiif umrii itti gaafatamummaa horatu/horattuudha. Wanta hojjatu /hojjattu hundaaf ni qabama/qabamti.

Umrii Saalfannaa Intalaa

Dubartiinis wanta dhiirti ittiin umrii saalfannaa gahuu ittiin haa geessuyyu malee dhimmii afraffaan itti dabalama. Innis; Laguu (heydii) arguudha. Osoo intalli waggaa 12 taateyyuu, laguu arginaan umrii saalfannaa geesse jirti, qalamni itti gaafatamummaa ishii irra yaa’u ni jalqaba (kana jechuun wanta hojjattuuf ni qabamti). Guyyaa adii Ramadaanaa keessa umrii saalfannaa yoo gahe, sooma isaa ni guuta ykn itti fufa yoo kan soomu ta’e. Yoo kan hin soomne ta’ee guyyaa sanii fi guyyoota hafan ni sooma, warroota soomni irratti dirqama ta’e irraa waan ta’eef. Osoo umrii saalfannaa hin gahiin dura guyyaa hin soomne san qadaa baasun isa/ishii irratti dirqamaa miti.

(Yeroo ammaa namoonni umrii kudha shan gahanii namoonni hin soomne ykn hin salaanne ni jiru, umrii saalfannaa hin geenye jechuun. Akkasumas umrii saalfannaa hin geenye jechuun dubartiin laguu argitee hin soomne ykn hin salaanne hin dhabamtu. Tarii kunii wallaalumma irraa ta’uu danda’a. Dubartiin waggaa kudha lama geette laguu yoo argite soomu fi salaatun ishii irratti dirqama akkuma armaan olitti hubanne. Mallatoolee umrii saalfannaa agarsiisan keessaa tokko waan argiteef. Dhiirris mallatoolee armaan olii sadan keessaa tokko yoo arge soomu fi salaatun isarratti dirqama.)

Ramaddii sadaffaa- Maraataa

Nama maraataa aqliin (sammuun) irraa deemte soomun isarratti dirqamaa miti. Aqlii ibaadaa ittiin hubatuu fi niyyatu waan hin qabneef soomni isaa sirrii hin ta’u. Ibaadan niyyaa malee hin taatu Ergamaan Rabbii (SAW) waan akkana jedhaniif “Dhugumatti hojiiwwan hunduu niyyaani. Nama hundaafu wanta niyyate qofatu isaaf jira…” (Sahiih Al-Bukhaari) 

Garuu yeroo garii of beeke yeroo biraa immoo kan maraatu yoo ta’ee, yeroo maraatetti osoo hin ta’in yeroo of beeke sanitti soomni isarratti dirqama. Osoo soomu yoo dhukkubsate soomni guyyaa sanii jalaa hin badu osoo of beeku niyyaa sirriin sooma waan jalqabeef.

Maraatan guyyaa sooma Ramadaanaa yoo of beeke guyyaa hafee ni sooma. Akkuma ijoolle umrii saalfannaa hin geenye fi kaafiraa guyyoota darban qadaa baasun isarratti dirqamaa miti.

Kutaa 6ffaan itti fufa inshaa'llaah.....
2024/09/29 07:30:47
Back to Top
HTML Embed Code: