Telegram Web Link
KUTAA 7️⃣FFAA
༆MALLATTOO LAAFINA IIMAANAA༆

KUTAA 7️⃣FFAA
Kutaa 6ffaa dubbisuu hubadhaa

❁ MALLATTOO DADHABINA IIMAANAA IRRAA KAAN IMMOO DOQNUMMAADHA.
◉ Rabbiin Ansaarota faarsee ni jedhe:
“odoma rakkoo cimaa qabanuu lubbuu isaanii irra (muhaajiroota) filatu.”

Milkaa’onni warra doqnummaa lubbuu isaanii irraa tiksan akka ta’es nuuf ibse. Iimaanni dadhabuun akka doqnummaa uumu homaa shakkii hin qabu. Inumaayyuu Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan: “yoomuu iimaanniifi
doqnummaan qalbii gabrichaa keessatti walitti hin qabamu.” Nasaa’iitu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira.

• Rakkoo doqnummaatiifi jijjiirama ajaa inni lubbuu irratti fidu immoo Nabiyyiin (S.A.W) ibsaniiru: “doqnummaa irraa
fagaadhaa; namoonni isiniin duraa kan halaakaman doqnummaadhaani. Doqnummaatti isaan ajajnaan
doqnoomani; firooma kutuutti isaan ajajnaan firooma kutan. Jallinatti isaan ajajnaanis ni jallatan.” Abuu Daawudtu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira.

◉ Doqnummaa ilaalchisee namni iimaana dadhabaa odoma waamichi sadaqaa godhamee, hiyyummaan obboleeyyan isaa Muslimaa irratti mul’attee musiibaan isaan tuqxes
waaan tokkollee Rabbiif jecha baasuutti hin dhihaatu. Waa’ee kanaa keessatti immoo dubbii Rabbii irra wanti bakkaan ga’ee dubbatu hin jiru:

• “Isin warri kun dhaga’aa! Karaa Rabbii keessatti arjoomuuf waamamtu. Isin irraa nama doynoomuutu jira. Namni doynoome kan inni dooynoomu lubbuma isaa irratti. Rabbiin dureessa; isintu hiyyeeyyii dha. Yoo duubatti deebitanis (Rabbiin) namoota biraa kan
isin hin ta’in bakka keessan buusa. Isaan ergasii akka keessan hin ta’an (Muhammad: 38).


✺ KAN BIRAA IMMOO NAMNI WAAN HIN HOJJANNE DUBBACHUUDHA:
◉ “Yaa warra amantan! Maaliif waan hin hojjanne haasoftu? Waan hin hojjanne haasa’uun keessan jibbansi isaa Rabbiin
biratti guddate.” (2-3).

• Kun gosa munaafiqummaa irraa ta’uun shakkii homaa hin qabu. Namni jechi isa gocha isaa faallesse Rabbiin biratti
arrabsamaa nama biratti immoo jibbamaa ta’a. warri ibiddaallee maalummaa namicha gaariitti ajajaa ofii hin hojjanneefi hamtuu irraa dhorgaa ofii hojjatu baruuf jiru.


✺ Rakkoo Muslima tuquun khasaaraa isaan qunnamuufi qananiin isaan irraa deemuudhaan gammaduu:
◉ Sababa ni’imaan isaanirraa deemeef gammada. Wanti inni duraan isarraa ittiin adda ta’u waan hafeef isa gammachiisa.

kutaa 8ffaan itti fufa insha'allaah...
KUTAA 6️⃣FFAA
Sagantaa barnoota Soomaa
KUTAA 6️⃣FFAA 
Kutaa 5ffaa dubbisuu hubadhaa


RAMADAANA KEESSA RAMADDI NAMOOTAA-KUTAA-1FFAA(C)


Ramaddi Afraffaa: Al-Harim (Nama umriin deeme)

Yommuu waa’ee namoota dulloomanii kaasnu, namoota gosoota lamaa dubbachaa jirra. Isaaniis; tokko nama jaarsaa sammuun irraa deeme fi wanta faaydi hin qabne kan dubbatu (al-hazyaan, kan totorra’u) yoo ta’u lamaffaan immoo nama wanta hojjatu ykn dubbatu hin hubanneedha. Namoota kanaaf soomus ta’ee bakka soomaa hiyyeesota nyaachisuun isaan irra hin jiru. Sababni isaas, haalli isaanii akka daa’ima umrii waa addaan baafachuu (tamyiiz) hin gahiniin wal fakkaata.

Garuu yeroo garii waa kan addaan baafatu ta’ee yeroo biraa immoo kan totorra’u (of wallaalu) yoo ta’ee, yeroo totorra’u osoo hin ta’in yeroo addaan baafannaa (of beeku) sanitti soomni isarratti dirqama. Akkasumas, salaanni yeroo of wallaalu
(totorra’u) sanitti isarratti dirqamaa miti

Garuu yeroo waa addaan baafatu sanitti salaatun isarratti dirqama.

Ramaddii shanaffaa: Aajiz (Qaaman dadhabaa)

Namni soomarraa dadhabaa ta’ee nama dadhabinni qaamaa isaa itti fufaa ta’ee fi jabinnatti deebi’uun kan hin abdatamneedha. Kan akka jaarsa fi nama dhukkubsataa dhukkubni isaa hin fayyine. Kan akka nama dhukkuba akka Kaansarii fi Eedisitiin qabame. Soomni isaan irratti dirqamaa miti. Sababni isaas soomu waan hin dandeenyef.

Jaarsa/jaartii qaaman dadhabaa yommuu jennu nama dulloomee waa addaan baafachuu danda’uu fi sammuun isaa nagaha ta’e garuu qaaman dadhabaa kan ta’eedha. Soomun daran qaama isaa dadhabsiisu kan danda’udha. Soomun isa/ishii irratti dirqamaa miti.  Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) waan akkana jedheef:

“Rabbiin lubbuu tokkos dandeetti ishiitin ala hin dirqisiisu.” (Suuratu Al-Baqaraa 2:286)

Garuu jaarsi/jaartiin sammuun nagaha ta’ee soomu dadhabee fi namni dhukkubsataan fayyuu hin dandeenye guyyaa tokkoon tokkoon sooma itti cabsee hiyyeessa nyaachisun bakka buusu qaba.

Nyaachisuu (Ix’aam)

Nyaachisuuf filannoon kanniin ni qaba. Takkaa namoota hiyyessoota ta’aniif tokkoon tokkoon isaanitiif  qamadii irraa gara kiloo tokkoof giraama kudhan kennu. Takkaa immoo nyaata qopheessun hanga guyyaa sooma cabseetin hiyyeesota waame nyaachisu. Fakkeenyaf guyyaa soddoma yoo sooma cabse, hiyyeessota soddoma nyaachisaa jechuudha.

Imaamu Al-Bukhaarin (Rabbiin rahmata isaaf haa godhuu) ni jedhe: Jaarsi guddaan soomu yoo dadhabe, dhugumatti Anas Ibn Maalik (RA) erga jaarsa ta’ee booda waggaa tokko yookiin lama guyyaa hundaa hiyyeessa daabboo fi foon nyaachise jira.

Ramaddii jahaffaa: Dubartii ulfaatii fi harma hoosistu

Yommuu dubartiin ulfaa yookiin harma hoosistu nyaattu, fayyaa ofiiti fi ilma ofiitif akkas gooti. Murtiin soomu haala ishitti dhagahamu irratti hundaa’a. Soomun jiruu ishii miidha irra kan buusu fi daa’ima hin dhalanne yookiin dhalate kan miidhu yoo ta’e, sooma hiikun ishiif hayyamamaadha. Garuu Ramadaanan booda qadaa baasun ishirra jira Ramadaanni itti aanu osoo hin dhufiniin duratti.

Kitaabilee wabii

Majaalisu Shahru Ramadaan (Fuula 41-45)

EssentialsOfRamadhan By Tajuddin B.Shu’aib (fuula 38-47)

Hubachiisa: Waa’ee Ramadaanaa ilaalchise gaafii yoo qabaattan sheekolii naannoo yookiin TV Africa fi Radiyoo Fatwaa kennan gaafachu dandeessu. In sha Allaah hanga danda’ameen kitaabban fiqii irraa funaanun waa’ee Ramadaana asitti dhiyeessuf nan taattafadha. Dogongora yoo argitan natti beeksisu hin dagatinaa. Barreefama armaan olii kitaaba eerame irraa fudhatamu isaa mirkaneefachu yoo barbaaddan wal qabsiistu diimtu armaan oli tuqu dandeessu. In shaa Allah torbaan ramaddi afran hafan ni ilaalla.


Kutaa 7ffaan itti fufa inshaa'llaah....
الســـــــــــــــــــــــــــلام عليــــــــــــــــــــــــــــكم
ورحمة الله وبــركاتـــــــــــــــــــــــــــــه
═══════════════

⊱Sa'aad Binu Abii Waqqaas⊱

Kutaa 1️⃣ffaa
Sahaboota warra jannataan gammachiifaman keessaa
Tokko Kan tahe Seenaa

⊱Sa'aad Binu Abii Waqqaas⊱

Sa’aad miseensa koree warra marii jahaati. Warroota kurnan osoo lubbuun ardirra jiran jannatan badhaafamanii keessaa tokko. Warroota dura nabi Muhammadin s.a.w hordofuun iddoo isaan deeman hunda waliin deeman keessaa tokko. Eessuma Nabi s.a.w Rabbitille. Goota lubbuun isaa akka leencaati. Goota duulaa dirree Al- qaadasiyyaati. Tokkoo warra magaalota hedduu lolaan cabsee baneeti. Akkasumaa tokkoo warra ibidda majuusaa, tan gabbaramtuu taate dhaamseeti.

Sa’aad binu Abii Waqqaas gosa kabajaa fi ulfinna guddaa qabduu irraa Makkatti dhalate. Innis ulfinna gosa isaaniitif qooda ganamaan taate osoo hin tuffachiisin, maqaa hamaaf osoo hin oolchin ijoollummaa isaa akka nama umriin waataraa (umriin cimoometti) yaadaa, hojii kabajaa fi jaalatamummaa ummata biratti isaaf uumtu dalagaa, osoo akka dardaraa tapha bu’aa dhabeessa ta’e hin taphatin, osoo ijoollee waliin hin hofin, guddate.

Yeroo umriin isaa ijoolletis; dandeettii waan tokko dogongoraan malee murteessuu irraa kan ka’e, akka umriin isaa nama guddaatti kabajamaa ture.

Sa’aad Binu Abi Waqqaas eela kaafirummaa fi dukkana miidhaa ummanni Makkaa itti tare, harka humna qabu qabatee, keessaa ol harkisee, gara ifa aduu qaama isaani kan bishaan shirkiitin jiidhee wal gahe, akka gooyfatan godhuuf hawwaa ture. Hawwiin isaa kun hundi osoo islaamummaatti Rabbiin Nabi Muhammadiin s.a.w hin ergi dura ture.

Yeroo ijoollummaa isaa irraa kaasee, yammuu hiriyyoonni isaa tapha fafaa taphattu inni akka nama duulli lolaa guddaan itti jirutti, Xiyya, Gooboo (kan xiyya ittiin darban) fi Gaachana dalagaa ture. Rabbi gaachana amantii Islaamaa isa godhuuf, daa’imummaan shaakala isa eegalsiise.

Sa’aad osoo hin islaamahin guyyaa sadi dura abjuu ]manaaba[ arge. Akka inni abjuu isaa san himeetti; “bishaaan tuujii guddinna irraa dukkana uumate keessatti kufe. Garba itti kufe keessaa anaa bahuuf dhidhiitataa jiruu, ifni baati wahi naaf ife. Garba itti kufe keessaa bahe ifa san jala deemun gara bakka baatiin sun irraa baatuu yoo an gahu, Namoota sadi gara ifa sanitti na dursan arge. Namoonni sunis Zeydi Binu Haaris, Abubakar Siddiiqi fi Aliyyi turan. Hangam akka isaan na dura achi turan itti siqee yoo an gaafadhu, sa’atima takkaaf akka ta’e natti himan. Yeroo kana hirribaa dammaqe. Akkuma hirribaa dammaqeen yoo an gad bahu lafti bariitee jirti. Makka keessaa hamma bubben isiillee Nabi Muhammad s.a.w islamummaatti nama waamaa jira dubbii jettu deemtunitti ummanni hafarsaa jira.”

Sababa kanarraa ka ka’e innis abjuu arge hiikachutti seene. Booda gara nabi Muhammad s.a.w jirutti deeme. Nabi Muhammadii s.a.w fi hordoftoonni isaa Gaara keessatti salaata Asrii irraa bahanii jiran ture. Booda innis osoo namoonni tokkollee, ka inni abjuu keessatti arge malee, ka biraa hin dursin ta’un islamahe.

Kutaa 2ffaan itti fufa insha'allaah....
KUTAA 7️⃣FFAA
Sagantaa barnoota Soomaa
KUTAA 7️⃣FFAA 
Kutaa 6ffaa dubbisuu hubadhaa


֍RAMADAANA KEESSA RAMADDI NAMOOTAA-KUTAA 2FFAA ❮A❯
☛Sammubani☚

➦Ramaddii 7ffaa- Karaa deemaa
Namni karaa deemu imala isaa keessatti tahayyula yoo hin niyyatin, sooma hiikun isaaf ni hayyamama. Garuu tahayyula yoo niyyate, sooma hiikun isarratti haraama. Soomun isarratti dirqama. ( Tahayyula jechuun tooftaa wanta tokko jalaa bahaniin. Karaa deemun ykn biyya biraa deemun sooma jalaa nan baha jedhe yoo niyyate, sooma hiikun isarratti haraama.) garuu namni karaa deemu tahayyula yoo hin niyyatin, yeroo imala isaa filannoo soomu fi sooma hiiku qaba. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) akkana jedha:

“Namni isin irraa ji’a kana dhaqqabee isa haa soomu. Namni dhukkubsataa yookiin karaa deemaa ta’e, guyyaa biraa irraa lakkaawwachuun (haa soomu). Rabbiin isiniif laaffisuu fedha malee isin irratti jabeessu hin fedhu…” (Suuratu Al-Baqaraa 2:185)

Namni karaa deemu yoo soome soomni isaa sirriidha ykn guutudha. Sahiih Al-Bukhaari fi Musliim keessatti Anas ibn Maalik akkana jedhe: Ergamaa Rabbii (SAW) waliin diida (imala) deemaa turre. Namni soomu nama sooma hiiku hin qeeqne (maaliif hiikta jedhee hin lolleen). Namni sooma hiikes nama soomu hin qeeqne (maaliif soomta jedhe hin lolleen).” Sahiih Al-Bukhaari

Nama karaa deemuf haalota sadiitu jira. Isaaniis:
1.Soomni isarratti kan ulfaatu yoo ta’e yookiin hojii gaarii hojjatuu irraa gufuu kan isatti ta’u yoo ta’e- haala kana keessatti sooma hiikun isaaf filatamaadha.
2.Soomni isarratti kan hin ulfaanne fi hojii gaarii hojjachuu irraa gufuu kan itti hin taane– haala kana keessatti soomun isaaf irra gaariidha (filatamaadha).

Aa’ishaan (Radiyallaahu anhaa) akka gabaastetti, Hamzaa bin Amr Al-Aslamii Ergamaa Rabbii (SAW) akkana jechuun gaafate: Osoo imala irra jiruu soomu danda’aa?’ Ergasii Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhe: “Yoo feete soomi, yoo feete hiiki.”  Sahiih Al-Bukhaari

Soomni ulfaatinni keessa yoo hin jiraatin adda soomu irra namoota waliin soomun salphaa fi hatamtamaan dirqama ofirraa buusudha.
3.Soomni garmalee itti ulfaachun gara du’aatti kan oofu yoo ta’e– haala kana keessatti sooma hiikun isa irratti dirqama, soomun dhowwamaadha.

Jaabir bin Abdullaah (RA) akkana jechuun gabaase: Ergamaan Rabbii (SAW) imala irra turan. Namoota walitti duudani (walitti qabamanii) namticha tokko gaaddiseessan arge. Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhe, ‘Kuni maaliidhaa?’ Namoonnis ni jedhan: “Namtichi nama soomu.” Ergamaan Rabbii ni jedhe: “Imala irra oso jiranuu soomun gaarummaa irraa miti.” Sahiih Al-Bukhaari

Ergamaan Rabbii (SAW) kan akkana jedhaniif imala irra osoo jiranuu soomni gara baditti (du’aatti) kan nama oofu yoo ta’ee soomun gaarii akka hin taane agarsiisuufi.
Namni soomu karaa irra jiraate sooma xumuruun kan itti ulfaatu yoo ta’e, sooma hiikun isaaf ni hayyamama.
Garuu warroonni armaan olii kunniin Ramadaana booda qadaa baasu (sooma bakka buusu) qabu.

Nama karaa deemuf hayyamni sooma hiiku yoom addaan citaa?
Dhimma lama keessatti kara deemaf hayyamni sooma hiiku ni bu’a (ni cita).
1.Guutu jireenyaa bakka san jiraachu yoo niyyate yookiin yeroo muraasaf yoo ture
Ibn Abbaas (RA) irraa akka odeefametti Ergamaan Rabbii (SAW) Ramadaana keessa duula banamiinsa (Fatih) Makkaa duule. Ergamaan Rabbii (SAW) hanga iddoo bishaanii Qudaydi fi Usfaan jidduu jiru Al-Kadiid jedhamu gahuutti ni soome. Ergasii ni hiike. Hanga jiiyni dhumatutti sooma hiiku itti fufe.” Sahiih Al-Bukhaari

Akkuma beekkamu banamiinsi Makkaa Ramadaana irraa guyyaan kudhan yoo hafu adeemsifame. Akkuma Ergamaa Rabbii (SAW) irraa beekkamu Makkaan keessatti guyyaa kudhaniif yookiin kudha tokkoof sooma hiike, garaagarummaa gabaasaa irratti hundaa’un. Yeroo hanganaa kana keessatti sooma hiikun isaa guyyaa kana caalaa soomu hiiku waliin wal hin faallessu.

kutaa 8ffaan itti fufa inshaallaah.....
KUTAA 8️⃣FFAA
Sagantaa barnoota Soomaa
KUTAA 8️⃣FFAA 
Kutaa 7ffaa dubbisuu hubadhaa


֍RAMADAANA KEESSA RAMADDI NAMOOTAA-KUTAA 2FFAA ❮B❯
☛Sammubani☚

➦Namni karaa deemu hanga yoomif sooma hiiku danda’a gaafi jedhuuf hayyoota (Aalimman) jidduu wal dhabbi jira. Maaliki fi Shaafi’ii biratti hanga guyyaa afurii. Hanbalii biratti guyyaa afur caalaa. Haanifi biratti immoo hanga guyyaa kudha shanii.

Gabaabumatti namni guutumatti magaalaa ykn ganda san jiraachu niyyate, ni sooma, sooma hin hiiku. Guutumatti achi jiraachu kan hin barbaanne (hin niyyanne) yoo ta’e garuu haajaa isaa fixachuuf kan achi turuu fi yoom akka fixatu kan hin beekne yoo ta’e, sooma hiiku ni danda’a. Rabbiin hundarra beekadha.

(Ajaa’iba: Namoonni gariin waggaa sadii ykn achi ol magaala san keessa turanii kan hin soomne ni jiru, nuti musaafira (karaa deemtota) ofiin jechuun. Kuni dogongora guddaadha. Dogongora kana beekun gocha akkanaa akka itti hin deebine ergaa kana darbarsaaf.)

2.Gara Iddoo jireenya isaatti yoo deebi’e
Iddoo jireenyaa isaatti halkan yoo deebi’e, Ramadaana irraa sooma barii san soomun dirqama. Garuu sooma kan hiiku ta’ee guyyaa adiin gara iddoo jireenyaatti yoo deebi’e, sa’aati hafe osoo soomeyyu soomni isaa guutu hin ta’u. Sababni isaas, subii irraa jalqabe sooma waan hiikef. Soomni dirqamaa (waajibaa) fajrii irraa yoo hin jalqabin sirrii hin ta’uu. Kanaafu, sooma kan hiiku ta’ee gara iddoo jireenyatti yoo deebi’e sooma guyyaa kanaa qadaa baasu qaba.” (Sahiih fiqhu sunnah-jildii 2ffaa- fuula 120-123)

Ramaddii- 8ffaa– Nama dhukkubsataa fayyuun isaa kajeelamu ykn abdatamuu
“Namni dhukkubsataan akkanaa haala sadii qaba. Isaaniis:

1.Soomni isarratti kan hin ulfaanne fi isa kan hin miine yoo ta’e, soomun isarratti dirqama. Uzrii (sababa) sooma isa hiiksisu waan hin qabneef. Fakkeenyaf kan akka qufaa salphaa, bowwoo salphaa fi kkf. Kanaaf sooma hiikun hin hayyamamu.

2.Soomni isarratti kan ulfaatu garuu isa kan hin miine yoo ta’e, sooma hiikun isaaf jaallatamaadha. Soomun isaaf ni jibbama. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) waan akkana jedheef: “Namni dhukkubsataa yookiin karaa deemaa ta’e, guyyaa biraa irraa lakkaawwachuun (haa soomu).” (Al-Baqaraa 2:185)

3.Soomni isarratti kan ulfaatu fi kan isa miidhu yoo ta’e sooma hiikun isarratti dirqama. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) waan akkana jedheef:

“Lubbuu teessanis hin ajjeessinaa. Dhugumatti Rabbiin isiniif mararfataadha.” (An-Nisaa 4:29),
“Harka keessaniin gara baditti of hin darbinaa.” (Al-Baqaraa 2:195)

Ji’a Ramadaanaa keessa osoo soomu yoo dhibamee fi sooma guyyaa sanii guutun yoo isatti ulfaate, sooma hiikun isaaf ni hayyamama. Ji’a guyyaa Ramadaana keessa sooma kan hiiku ta’ee dhibee irraa yoo fayye, soomni guyyaa sanii sirrii hin ta’u. Fajrii irraa sooma waan hin jalqabneef. Garuu sooma guyyaa kanaati fi guyyoota biroo kan hin soomne qadaa deebisu qaba.

Sababa soomatiin dhibeen isatti kan abaasu (hammaatu) yookiin dhibee irraa fayyuu kan duubatti harkisuu (tursiisu) ta’uu isaa wal’aansa fayyaatin yoo mirkaneefame, sooma hiikun isaaf ni hayyamama. Fayyaa ofii eegu fi dhibee irraa of eeguf waan ta’eef. Dhibeen kuni namarraa deemu isaa yoo abdatame, hanga dhibeen kuni isarraa deemu ni eega. Ergasii sooma irraa guyyoota hiike qadaa baasa. Garuu dhibeen isarraa deemun kan hin abdatamne yoo ta’e, sooma hiikun guyyaa hundaa miskiina (hiyyeessa) nyaachisa.” (Majalisu shahru ramadaan-fuula 53-54)

kutaa 9ffaan itti fufa inshaallaah.....
⊱Sa'aad Binu Abii Waqqaas⊱
Kutaa 2️⃣ffaa
Kutaa 1ffaa dubbisuu hubadhaa

Sahaboota warra jannataan gammachiifaman keessaa
Tokko Kan tahe Seenaa

Sa’aad Ibn Abii Waqqaas islaamahuu isaa, Rabbii fi Rasuulatti s.a.w amanuu akka dhageetteen haati isaa; dararaa hadhooytuu isa dhandhamsiiste.

Akka Sa’aad dubbatetti Harmeen isaa ta inni ardii tanarratti waa cufa keessatti jaalala isii qabuuf jedhee isii durfatu, qormaata kufaati fi hoffaltii hin qabne, kan hoffaltii fi kufaatiin isaallee jiruu guutuu mukukkula sammuu fi onnee namatti taatu dhiheessiteef.akkana jetteen

“Yaa Sa’aad mee waa si gaafadhaa naaf deebisi.” Maaltu amantii tee tan ittin ija banatte, kan abbootii keetirraa ganamaan dhaaltetti, si jibbisiisee fuula si jijjiirsisiise irraa garagalte? Jetteen.”

“Eegaa waa lama filadhu; Amantii guyyaa keessa qabatte, Muhammadii s.a.w jala deemtu irraa deebi’uu. Kun immoo ta irra gaariiti. Yoo hin taane immoo; anaa harka kiyyaan soorata siif sooree, dhaabee si guddiseettu, Sababa amantaa kee soorata lagadhee du’ee biyyee ta’a. Yoo san gaabbitee gaabbiin onnee si dhukkubsitee, dhukkubsatuu irra, Namni si balaaleffatee, nama haadha isaa ajjeese jedhee si wal akeekuu irra, waan filattu situu beeka.” jetteen.

Akkuma jettees guyyaa hedduuf nyaataa fi dhugaati didde. Hamma akka dungoo ibiddii itti qabatee baqee dhumuutti, foon isii irraa dhumee, lafee fi gogaa qofatti hafte. Lafeen isiis qal’dhattee ulee taate.

Sa’aad yoo kana cufaa waan harmee isaa yeroo yeroodhaan too’ataa ture. Harmeen isaa garuu xiiqii fi jibbiinsa amantii islaamaatiif qabdurra ka dur irra itti hammaatte.

Booda Sa’aad gochii isii kun hamma dhabee, obsa isa dhoowwee garaa muratee dhugaa sodaa Rabbii fi jaalala Rasuulaf s.a.w qabu tan onnee isaa keessa itti hime.

“Yaa deessee na dhageettaa? An jaalala jabduu sii qaba. Garuu jaalalli tee sodaa Rabbii fi jaalala Rasuulaaf qabu waa hin caaltu. An Rabbii fi Rasuula s.a.w siif jedhee hin ganu. Osoo ati lubbuu takkaa miti kuma qabaattee, kumeen sunis takka takkaan si keessaa bahaa jiraattee, amantii tiyya, dhugaa waa cufa ifa baasu, siif jedhee hin dhiisu. San irra du’a kee filadha.” jedheen.

Yoo kana haati isaa murannoo, amantiif gad jabaatuu, Rabbii fi Rasuulaaf s.a.w jedhee waan fedhe wareeguu isaa gartee, waa cufa madaaltee, garaa murattee, osoo hin jaalatiin lubbuu isiitif nyaata nyaatuu eegalte. Rabbiinis Suraa Ankabuut aayata (8) tan armaan gadii tana haala jara lamaanii irratti buuse.

وَإِن جَاهَدَاكَ عَلَىٰ أَن تُشْرِكَ بِي مَا لَيْسَ لَكَ بِهِ عِلْمٌ فَلَا تُطِعْهُمَا ۖ وَصَاحِبْهُمَا فِي الدُّنْيَا مَعْرُوفًا. لقمان: 15

Duula Badriitiifii sa’aad
Rasuulli s.a.w yeroo tokko nama muraasa basaasummaaf gara Hijaaz erge. Waraana basaasummaaf ergame keessaa Sa’aad Binu Abi Waqqaas tokko ture. Ergaa basaastummaa tanarratti Xiyya diinatti darbatuun nama yeroo duraatif, diin islaamatif jedhee xiyya darbate tahe.

Sa’aadi fi obboleessi isaa Umeyir ka umriin isaa ijoollummaarraa ganna kudha shan hin caalle, Duula badrii duuluuf iddoo Rasuulli s.a.w waraana kurfeessutti waliin argaman. Umeyir Umriin isaa xinnaa waan tureef Rasuulli s.a.w hiriira waraanaa keessaa isa baase akka hafuuf jedhee. Yeroo kana Umeyir umrii isaattu xinnaa dha malee, dheebuun inni jihaadaaf qabu waan akkaan guddoo taateef, lola kanarraa hafuuf deemuu isaa obsuu hin dandeenne. Imimmaan gadi naqee boohuu eegale. Rasuullis s.a.w yeroo kana boohichi isaa kun isa quuqeenii akka deemu eeyyameef.

Eyyama kana Umeyir qofa osoo hin taane Sa’aadis itti gammadee, obboleessa isaa kan waraana hidhachuu hin dandeenne, kan irreen hin jabaatin kanaaf meeshaa lolaa hidheefii, gammachuun gara dirree lolaatitti waliin bahan.

Booda garuu yeroo waraanni lola geessee duularra gara Madiinaa galu; Sa’aad obboleessa isaa kan dirree badritti waliin gammadaa deeman, gatee kophaa isaa gaddaan mararfataa gale. Umeyir mucaan xinnoon, kan onnee isaa malee humni isaa hin guddatin sun; wareegamee obboleessa isaa Sa’aadin gatee biraa gara mana aakeratti baqate.

Kutaa 3ffaan itti fufa inshaa'allaah.....
KUTAA 🔟FFAA
Sagantaa barnoota Soomaa
KUTAA 🔟FFAA 
Kutaa 9ffaa dubbisuu hubadhaa


֍RAMADAANA KEESSA RAMADDI NAMOOTAA-KUTAA 2FFAA ❮D❯
☛Sammubani☚

Kutaa darberraa Hadiisa achi keessatti dubbatameen wol qabata 👇👇
➦Hadiisa kana keessatti waraansa keessatti jabeenya argachuuf imalaan ala sababa of danda’a akka ta’e ni agarsiisa.

Namoota armaan olii keessaa kanneen hiikun isaanif hayyamamuu, ifatti nyaachun ykn dhuguun isaaniif kan jibbamu miti yoo sababni sooma itti hiikanii zaahira (ifa ta’e). Fakkeenyaf kan akka dhukkubsataa, jaarsa soomu hin dandeenye. Garuu sababni sooma hiiku dhokataa yoo ta’e, dhokate sooma hiika. Fakkeenyaf, dubartii heeydi (laguu) argitee, nama badii irra lubbuu baraaruf sooma hiike. Kunniin dhokatanii sooma hiiku, ifatti labsuu hin qaban.

Sababni isaas, namni wallaalan uzrii (sababa tokko) malee sooma hiikun ni danda’ama jedhe akka hin yaannef yookiin namoonni yaada badaan akka isaan hin shakkineef.

Qadaa Baasu (Sooma darbee guyyaa biraa soomun bakka buusu)-1

Garreewwan sooma hiikun isaaniif hayyamame kunnin, Ramadaanan booda qadaa baasu qabu. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) ni jedhe:

“Namni dhukkubsataa yookiin karaa deemaa ta’e, guyyaa biraa irraa lakkaawwachuun (haa soomu)” (Al-Baqaraa 2:185)

Ji’a guutu yoo sooma cabse (hiike), ji’a guutu qadaa baasu qaba. Jiiyni guyyaa 30 yoo ta’e, guyyaa 30 sooma. Guyyaa 29 yoo ta’e guyyaa 29 sooma.

Waqtiin qadaa itti baasan waggaa guutudha, jiiyni Ramadaanaa itti aanu dhufun dura. Garuu akkuma gufuun soomuu irraa nama dhowwu ka’een, qadaa baasun filatamaadha. Sababni isaas, gara keeyritti daddafuu (ariifatuu) fi hatamtamaan dirqama ofirraa buusu waan ta’eef.

Sababa tokko malee hanga Ramadaana itti aanutti tursiisun isaaf kan maluu miti. Hanga Ramadaana itti aanutti tursiisun, soomni isatti tuulamuun qadaa baasun isatti ulfaachu danda’a. Yookiin immoo tarii du’uu danda’a.

“Namni tokko hanga Ramadaanni itti aanu seenutti qadaa yoo tursiise, akkuma ajajametti Ramadanaa itti dhufe kana ni sooma. Yommuu shawwaal keessa (ji’a Ramadaanaa booda) sooma hiike, guyyoota isarra turan qofa qadaa baasa. Guyyoota sanitti homaa hin dabalu. Nyaachisuus ta’ee wanti biraas isarraa hin eeggamu waa’ee kanaa ilaalchise Ergamaa Rabbii irraa ragaan dhufe waan hin jirreef. Kuni adeemsa Abu Haniifati fi ibn Hazm.” (Sahihu Fiqhu sunnaah-jiildi-2ffaa fuula 129)

Hanga du’uu uzriin yoo itti fufe, homaa isarra hin jiru. Sababni isaas, Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) guyyaa biraa qadaa akka baasu dirqama isarratti godhe. Garuu qadaa baasu waan hin dandeenyef dirqamni irraa bu’a; akkuma nama osoo Ramadaanni hin seeniin duratti du’ee.

Haa ta’uu malee qadaa baasu osoo danda’u beekaa yoo dhiise fi ergasi yoo du’e, waliyyiin (warrii) isaa guyyoota hundaa qadaa baasu qabu isarraa soomu. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana waan jedhaniif:

“‏ مَنْ مَاتَ وَعَلَيْهِ صِيَامٌ صَامَ عَنْهُ وَلِيُّهُ ‏”
“Soomni isarra osoo jiruu namni du’ee, waliyyiin isaa isarraa sooma.” Sahiih Al-Bukhaari

Waliyyiin (warri isaa) ykn firoonni isaa, garee ta’anii guyyaa tokko guyyoota soomaa isarra jiru soomufii danda’a. Al-Bukhaarin ni jedhe, Al-Hasan ni jedhe: namoonni soddomni guyyaa tokkotti soomufi danda’u. Waliyyi kan hin qabne yoo ta’e ykn waliyyiin isaa isarraa soomu kan hin barbaanne yoo ta’e, guyyoota qadaa baasu dhiise san lakkaawun miskiinoota (namoota hiyyeessa) nyaachisa. (Majaalisu shahru Ramadaan-fuula-60)

Alhamdulillaah Rabbil Aalamiin. Dogongoraa fi hanqinna keenya Rabbiin nuuf haa araaramu.

Kitaabile wabii

1.Majaalisu Shahru Ramadaan by Ibn Useymiin (Fuula 50-60)
2.Sahihu Fiqhu Sunnaah-jildii 2ffaa fuula 120-123 fi 129 Abu Maalik
3.Sooma dhukkubsataa By Jafar Bayaan
4.EssentialsOfRamadhan By Tajuddin B.Shu’aib (fuula 52-53)

Kutaan 11ffaan itti fufa inshaa'llaah....
Sagantaa barnoota Soomaa
KUTAA 1️⃣1️⃣FFAA 
Kutaa 10ffaa dubbisuu hubadhaa

֍WANTOOTA SOOMA BALLEESSAN [A]
☛Sammubani

➦Wantoonni sooma cabsan /balleessan gosa lama. Isaaniis
A.Wantoota sooma cabsan qadaa kan barbaachisu
B.Wantoota sooma cabsan qadaa fi kaffaaraa kanneen barbaachisan

A. Wantoota sooma cabsan qadaa kan barbaachisu
1.osoo beekanuu nyaachu ykn dhuguu– karaan afaanitiin ykn funyaanitiin nyaanni ykn dhugaatin gara gahuudha. Nyaataa dhugaatiin kuni wanta nama fayyadu fi hin fayyanne, kan nama miidhu fi hin miine kan of keessatti hammateedha. Yoo kuni uumame soomni cabe ykn bade jira osoo afaan takkaa ykn habbuuqqi takkaa ta’eeyyu. Garuu foolii fuunfachuun sooma hin cabsu, fooliin garaa waan hin geenyef. Namni osoo beeku nyaate ykn dhugee qadaa baasu qaba.

Haa ta’uu malee, dagatee ykn dogongoraan yoo nyaate ykn dhugee qadaa baasun isarra hin jiru nyaataa dhugaati osoo beeku fi yaadatu yoo itti hin fufin. Ergamaan Rabbii (SAW) waan akkana jedhaniif:

‏ مَنْ أَكَلَ نَاسِيًا وَهْوَ صَائِمٌ فَلْيُتِمَّ صَوْمَهُ، فَإِنَّمَا أَطْعَمَهُ اللَّهُ وَسَقَاهُ ‏”‌‏
◉“Namni tokko osoo soomu dagatee yoo nyaate, sooma ofii haa guutu. Rabbitu isa nyaachise obaase waan ta’eef.” (Sahiih Al-Bukhaari fi Musliim)

◉Kanaafu namni tokko dagatee yoo nyaate ykn dhuge, dhiphatu hin qabu. Akkuma yaadaten ykn namni biraa isa yaadachiseen nyaata ykn dhugaati san dhiisun sooma ofii itti fufu qaba.

2.Afaaniin ala wanta garaa gahuu– karaa afaanitiin ala namni wanta tokko garaa isaa geesse, soomni isaa ni caba, qadaa baasu qaba. Fakkeenyaf, karaa taa’atiin qoricha ykn wanta biraa seensisuun sooma cabsa. Yookiin karaa funyaanitiin qoricha galchuun sooma cabsa. Karaa gurraatin qoricha galchuun wal dhabbii (kilaafaa) keessa jira.[1]

◉“Lilmoon (marfeen) akka nyaatatti itti fayyadaman, yoo namtichi fudhate soomni ni caba. Lilmoon tuni nyaata ykn dhugaati haqiiqa ta’uu haa dhiistuyyuu malee akka nyaataa dhugaatitti waan nama gargaartuuf hukmiin (murtiin) ishii hukmii nyaataaa dhugaatiti. Garuu lilmoon akka nyaatatti nama hin gargaarre, sooma hin cabsitu (hin balleessitu).” Majaalisu shahru Ramadaan-fuula 100

3.Osoo beekanuu hoqqisuu (haqqisuu)- hoqqisuu (haqqisuu) jechuun nyaata ykn dhugaati deebisuu ykn garaa keessaa gara alaatti baasudha. Haqqisuun nama tokko moo’ate ofiin yoo bahe, sooma qadaa baasun ykn kaffaaran isarra hin jiru. Hadiisa Abu Hureeyran irraa odeefame keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) waan akkana jedhaniif:

“‏ مَنْ ذَرَعَهُ قَىْءٌ وَهُوَ صَائِمٌ فَلَيْسَ عَلَيْهِ قَضَاءٌ وَإِنِ اسْتَقَاءَ فَلْيَقْضِ ‏”
◉Osoo soomu nama haqqisoon isa moo’ate, qadaan isarra hin jiru. Garuu kan of haqqisiise (osoo beeku akka haqqisu kan of taasise), sooma qadaa baasu qaba.” Abu Daawud

◉osoo beeku haqqisuu yoo jennu gochoota nama haqqisiisan raawwachuun of haqqiisisudha. Fakkeenyaf, garaan wanta keessa jiru akka baasu humnaan walitti dhiibu, quba gara kokke seensisuun of haqqisiisu, wanta tokko fuunfachuun ykn wanta nama haqqisiisu ilaalun of haqqisiisu. Haala akkanaa kana keessatti namni tokko sooma isaa qadaa baasu qaba hammi haqqise xiqqaa osoo ta’eyyu.

4.Heydii (laguu) fi nifaasa (dhiiga dahaa)–  Akka walii galtee aalimmanititti dubartiin takka laguu ykn dhiiga dahaa yoo argite, soomni ishii ni caba. Maghriiban dura daqiiqa muraasa osoo ta’eyyu laguu ykn nifaasa yoo argite soomni guyyaa sanii ni bada, qadaa baasun ishii irratti dirqama.

Kutaa 12ffaan itti fufa inshaa'llaah....
KUTAA 1️⃣2️⃣FFAA
Sagantaa barnoota Soomaa
KUTAA 1️⃣2️⃣FFAA 
Kutaa 11ffaa dubbisuu hubadhaa

֍WANTOOTA SOOMA BALLEESSAN [B]
☛Sammubani☚

➦5.Osoo beeku maniyyi (dhangala’oo saalaa dhangalaasu)– harkaan qaama hormaata kakaasanii yookiin dhungachuun ykn hammachuun ykn wanta biraa fayyadamanii dhangala’oo saalaa dhangalaasun, sooma balleessa. Hadiisa al-qudsi keessatti Rabbiin waan akkana jedheef: “Sababa Kiyyaaf fedhii foonii, nyaata fi dhugaati dhiise.” (Sahiih Al-Bukhaari)

Dhangalaa’o saalaa dhangalaasun fedhii foone (shahwaa) waan ta’eef osoo beekani fi yaadatanuu maniyyi dhangalaasun sooma cabsa. Qaada baasun isa/ishii irra jira.

Garuu maniyyi abjuun yoo dhangalaasan yookiin immoo gocha homaatu osoo hin raawwatin yaadan maniyyi yoo dhangalaasan, soomni hin cabu (hin badu). Abjuun maniyyii dhangalaasun filanno namtichaatin ala waan ta’eef. Akkasumas, wanta sammutti nama dhufe hojitti yoo hin jijjiriin namni suni hin qabamu.  Ergamaan Rabbii (SAW) waan akkana jedhaniif:

‏ إِنَّ اللَّهَ تَجَاوَزَ عَنْ أُمَّتِي مَا حَدَّثَتْ بِهِ أَنْفُسَهَا، مَا لَمْ تَعْمَلْ أَوْ تَتَكَلَّمْ ‏”‌‏”
“Dhugumatti, Rabbiin wanta nafseen isaanii itti hasaaste ummata kiyyaaf irra darbe yoo [wanta yaadan san] hojii irra hin oolchin yookiin hin dubbatin.” ( Sahiih Al-Bukhaari )

6.Islaama irraa garagaluu– namni guyyaa Ramadaanaa keessa Islaama irraa garagale (kafare), soomni isaa ni bada. Guyyaa kana keessa ta’ii guyyaan kuni erga dhumateen booda ta’ii yoo gara Islaamaa deebi’e, guyyaa kana qadaa baasun isarra jira. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) waan akkana jedheef: “Yoo Rabbiin wajjiin waan biraa gabbarte, dalagaan kee ni bada.” (Az-Zumar (39):65)

Soomni ibaadaa (gabbarrii) waan ta’eef Islaama irraa garagaluun (kafaruun) ibaada kana balleessa.

B.Wantoota sooma cabsan qadaa fi kaffaaraa kanneen barbaachisan

Namni niiti isaa waliin guyyaa adiin ji’a Ramadaanaa keessa wal-qunnamtii saalaa raawwate, soomni isaa ni caba /ni bada. Wantoota sooma cabsan keessaa kuni isa guddaadha. Kanaafi, qadaa baasu qofaa miti kaffaaras kafaluun namarra jira. Akkasumas, namni guyyaa soomaa zinaa raawwate, soomni isaa ni caba. Soomni isaa cabuu qofa mitii badii guddaas raawwate jira. Kanaafu, dhugaan tawbachuu, qadaa baasu fi kaffaaraa kafaluu qaba.

Abu Hureeyran akkana jechuun gabaase: Namtichi tokko gara Ergamaa Rabbii (SAW) dhufuun, “Ani bade”jedhe. Ergamaan Rabbiis (SAW) ni jedhan, “Maal taate?” Namtichis ni jedhe, “ [Guyyaa adii] Ramadaanaa keessa niiti tiyya irratti kufe (wal-qunnamtii saalaa raawwadhe).” Ergamaan Rabbiis (SAW) ni jedhan, “Wanta gabra bilisa ittiin baastun argattaa?” Namtichis ni jedhe, “Lakkii!” Ergamaan Rabbiis (SAW) ni jedhan, “Ji’oota lama wal duraa duuban soomu dandeessaa?” Namtichis ni jedhe, “Lakkii hin danda’u.” Ergamaan Rabbiis (SAW) ni jedhan, “Hiyyeessota 60 (jahaatama) nyaachisu dandeessaa?” Namtichis ni jedhe,”Lakkii hin danda’u.” Ergasi Ergamaan Rabbiitiif (SAW) Araq (baaldii) temirrii keessa jiru kenname.” Namtichaan akkana jedheen, “Kana fudhu, sadaqadhu.” Namtichi ni jedhe, “Namoota nu caalaa hiyyeessa ta’aniif moo? Gaarren [Madiinaa] lamaan jidduu nu caalaa namni hiyyeessa ta’e hin jiru.” Ergamaan Rabbiis (SAW) ni jedhan, “ Fudhuu maatii kee nyaachisi.”  (Sahiih Al-Bukhaari fi Musliim)

Hadiisni kuni tuqaa ijoo baay’ee agarsiisa. Tokkoffaa, namni tokko kaffaaraa wantoota sadiin armaan gadi keessa tokkoon kafaluu danda’a.

Gabricha ykn gabritti bilisa baasu. Namtichi gabricha /gabritti yoo hin qabaatin, bite bilisa baasu danda’a.
Ji’oota lama wal duraa duuban soomu
Hiyyeessota 60 (jahaatama) nyaachisu. Akkanatti jabaachun adabbii, yakka wal-qunnamtii saalaa guyyaa adii Ramadaanaa keessa raawwachuu guddaa akka ta’ee agarsiisa.

Kutaa 13ffaan itti fufa inshaa'llaah....
MALLATTOO LAAFINA IIMAANAA
KUTAA 8️⃣FFAA
Kutaa 7ffaa dubbisuu Hubadhaa

✺ MALLATTOO DADHABINA IIMAANAA IRRAA TOKKO WAAN TOKKO OGGA ILAALLU DILII/BADII QABAMOO HIN QABUU QOFA TA’A.

◉ Waa’ee wanti kun jibbamaa (makruuhamoo) mitii hin ilaalu. Namni tokko tokko yeroo hojii hojjatu hojichi
khayrii qabaa jechuu hin gaafatu; kan inni gaafatu sadarkaa dilii ni dhaqqabamoo hin dhaqqabu? Inni haraamamoo makruuhumaa qofa? Lubbuun isheen akkanaa shubhaafi
haraama keessa nama buufti. Kun immoo guyyaa tokko haraama keessa nama buusuutti geessa. Abbaan ishee kun wanti hojii jibbamaa yookiin mutashaabiha irraa waan inni haraama hin ta’iniin isa dhorgu hin jiru.

• Kun immoo waanuma Nabiyyiin (SAW) himaniidha: “namni shubahaa (waan wal fafakkaataa) keessa seene haraama
keessa seeneera; akka tiksee naannoo daangaa irra tiksuu kan isheen keessa seentee dheeduutti dhihaattuuti.”
Bukhaariifi Muslimtu gabaasan.

• Inumaayyuu namni tokko tokko yeroo fatwaa wahii gaafatee haraama ta’uun isaa itti himame haraamummaan isaa kun cimaadhamoo akkam laata? Diliin isarraa namatti dhufu hagami?’ jedhee gaafata. Namni akka kanaa waan
dhorgamaafi dilii irraa fagaachuuf xiyyeeffannoo hin kennu. Inumaayyuu inni haraama sadarkaa gadii dalaguuf
qophii qaba.

• Diliidhaan xiqqoodha jedhanii tuffachuun immoo haraama Rabbii irratti jagnoomuufi jidduu namichaatiifi diliitii
girdoon ka’uu namarratti uuma. Kanaafuu Ergamaan Rabbii (SAW) hadiisa sahiiha keessatti ni jedhan: “Guyyaa Qiyaamaa ummata kiyya irraa nama hojii gaarii hanga gaaraa Tihaamaatiin dhufanii ka’anii Rabbiin dhukkee facaafamtuu isaan jalaa taasisu nan beeka.” Sawbaan ni jedhe: ‘akka nuti odoo hin beekin isaan irraa hin taane isaan nuuf ibsaa yaa Ergamaa Rabbii. Ni jedhan: “isaan obboleeyyanuma keessan. Gosuma keessan irraayi. Halkan irraa akkuma isin waa fudhattan wahii fudhatu.
Garuu isaan ummata yeroo haraama Rabbiitiin kophaa bahan ishee keessa seenanuudha.” Ibn Maajaahtu gabaase.
Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira.

• Kanuma inni waan tokko duuba deebi’uun maleetti badii keessa seenu argita. Inni akkanaa namicha heddu duuba deebi’aa badii keessa seenurra ajaadha; lamaanuu halaaka keessa jiru. Garuu inni duraa isa lammataa kanarra
badaadha. Namni gosti kun sababaa dadhabina iimaana isaa irraa kan ka’e dilii waan xiqqootti lakkaa’a. waan
dhorgamaa tokko akka dalagetti hin lakkaa’u. Kanaafuu Abdullaah bin Mas’uud haala Mu’uminaatiifi Munaafiqaa akkana jedhee ibse: “Mu’uminni dilii isaa akka waan gaara isarratti kufuu ka’aaru jala taa’aaru sodaatuutti ilaala. Jallataan immoo dilii isaa akka tisiisa funyaan isaa irra dabrinaan harka isaatiin akkana jedhee
ofirraa deebiseetti lakkaa’a.” Bukhaariitu gabaase


❁ DALAGAA GAARII TUFFACHUU KHAYRII XIXIQQOOTTI
XIYYEEFFACHUU DHIISUU:
◉ Ergamaan Rabbii (SAW) akka nuti akkas hin taane nu barsiisaniiru. Abuu Jariir irraa odeeffamee ni jedhe: Ergamaa Rabbiitti dhufeen nan jedhe: ‘yaa Ergamaa Rabbii nuti ummata warra baadiyyaa irraa taaneedha. Waan Rabbiin ol ta’e ittiin nu fayyadu nutti himi.’ Ni jedhaniin: “dalagaa gaarii irraa waa tokkollee hin tuffatin odoma qalqalloo kee keessaa nama bishaan barbaaduuf buusuu ta’ee yookiin immoo odoo obboleessa kee haala fuulli kee itti diriiraa ta’een dubbisuu ta’eeyyuu.” Ahmadtu gabaase. Inni Silsilaa Sahiihaa keessas ni jira.

• Odoo namni tokko sihii eela keessaa bishaan baafataaruu dhugaatii barbaadee dhufnaan qalqalloo kee keessaa isaaf naqxee dalagaan kun odoma ogga ilaaltu xiqqoo ta’eeyyuu
xiqqeeffachuun hin ta’u. Obboleessa isaas fuula ifaadhaan qunnamuun akkasuma. Masjida irraa xurii adda addaa odoma qola wahii ta’eeyyuu deemsisuunis akkasuma.
Dalagaan xiqqoon kun dilii namaa araaramsiisuudhaaf sababa ta’uutu mala.

• Sila jecha Ergamaa Rabbii (SAW) hin dhageenyee? “namni wahii gufuu mukaa dugda karaa irra jiru bira dhufee ‘wallaahii kana karaa Muslimootaa irraa akka isheen isaan hin rakkifneef nan kaasa’ jedhee jannata gala.” Muslimtu
gabaase. Nafsiin isheen khayrii xiqqoo tuffattu hamtuufi hanqinatu keessatu jira.

Kutaa 9ffaan itti fufa insha'allaah...
KUTAA 1️⃣3️⃣FFAA
Sagantaa barnoota Soomaa
KUTAA 1️⃣3️⃣FFAA 
Kutaa 12ffaa dubbisuu hubadhaa

֍WANTOOTA SOOMA BALLEESSAN [C]
☛Sammubani☚

➦Aalimman dhiirsa fi niiti kaffaaraa kafaluu qaban moo dhiirsa qofatu kafalu qaba kan jedhu irratti wal dhabanii jiru. Akkaataa jamhuura (aalimman harka caalutti) osoo beekanu fi yaadatanuu guyyaa adiin ramaadaana keessa wal-qunnamtii saalaa yoo raawwatan lamaan isaanii irra kaffaaraan ni jira. Haa ta’uu malee, yoo inni isa waliin akka qunnamtuuf niiti isaa dirqiisise, isa qofatu kaffaaraa kafala.

isiin kaffaaraas ta’ee qadaas hin kafaltu, waan dirqisifamteef. Garuu yoo ishiin sababa wayitiif hin soomin, homaa ishii irra hin jiru.

Aalimman gariin immoo akki jedhan, isa qofatu kaffaaraa kafala, Ergamaan Rabbii dubartii osoo hin ta’in namticha kaffaaraa akka kafalu waan ajajaniif. Garuu ilaalchi jalqaba irra jabaadha- “lamaan isaanitu kaffaaraa kafalu qabu” kan jedhutu irra jabaadha.

Hubachiisa: Niitin ykn dhiirsi dagatanii yookiin wallaalummaan yookiin dirqiin guyyaa ramadaanaa keessa wal-qunnamtii saalaa yoo raawwatan, qadaas ta’ee kaffaaran isaan irra hin jiru. Kuni Adeemsa Abu Haniifaa, Shaafi’i fi Ahmad (Sahiihu fiqhu sunnaah fuula 109)

Kaffaaran tartiiban ta’uu qabaa? (4)
Jamhuurri (aalimman harki caalan) tartiiban deemu qaba jedhu. Ji’oota lama soomutti hin darbu gabra bilisa baasu yoo dadhabe malee. Hiyyeessota jahatama nyaachisutti hin darbu ji’a lama soomu yoo dadhabe malee.
Imaam Maalik immoo kan isatti tole filachuun kaffaaraa kafalu danda’a ilaalcha jedhu qabate.

Wal-qunnamtii saalaa irra deddeebi’uun kaffaaran irra ni deddeebi’aa?

Guyyaa Ramadaanaa keessa wal-qunnamtii saalaa raawwate ergasii kaffaraa kafalee, ammallee guyyaa biraa wal-qunnamti saalaa yoo raawwate, kaffaaraa biraa kafaluun isarra jira.
Guyyaa tokko keessatti wal-qunnamtii saalaa yoo irra deddeebi’e raawwate, kaffaaraa tokko qofatu irra jira. fakkeenyaf, guyyaa sa’aati torbatti raawwate sa’aa lamaan booda yoo itti deebi’e, kaffaaraa tokko qofatu irra jira.
Namni guyyaa ramadaanaa wal-qunnamtii saalaa raawwate, guyyaa kanaaf kaffaaraa kan hin kafalle ta’ee osoo jiru guyyaa biraa yoo itti deebi’e maal gochuu danda’a? Kana ilaalchise ilaalcha lamatu jira.
Tokkoffaa: guyyaa hundaafu kaffaaratu isarra jira. guyyaan hunduu ibaadaa of danda’e waan ta’eef. Kuni ilaalcha Maalik, Shaafi’ii fi gareeti.

Lamaffaan immoo wal-qunnamti saalaa jalqabaa irraa kaffaaraa yoo hin kafalin, kaffaaraa tokko qofatu irra jira ilaalcha jedhudha. Ilaalchi kuni ilaalcha Abu Haniifaa fi saahibota isaa, Al-Awzaa’i, Az-Zuhrii.(4)

Hadiisa kana irraa tuqaan biraa fudhatamu, namni dadhabaan kaffaaraa kafaluu dadhabe, kaffaaraan isarraa bu’a hanga kaffaaraa kafaluu danda’utti.

Gudunfaa
Namni tokko wantoota sooma jalaa balleessan beeke, irraa fagaachuf tattaafachu qaba. Wanti hin dagatamne tokko immoo namoonni ji’aa Ramadaanaa guutu wal-qunnamti saalaa halaalaa irraa fagaatan jiraachu danda’u. Wal-qunnamtiin saalaa niiti ofii waliini kan dhowwame guyyaa adii ji’a Ramadaanaa fi yeroo itikaafaa malee halkan hanga obboroo kan dhowwame miti. Halkan niiti isaatin wal-qunnamu danda’a.(Ilaali suuratu Al-Baqaraa 2:187) Garuu akkuma subhii (fajrii) irraa sooma jalqabeen hanga galgala lulluqatutti wal-qunnamtii saalaa niiti isaa waliin raawwachuu irraa fagaachu qaba. Namni tokko niiti isaa ji’a Ramadaanaa keessa dhungachuu fi hammachuu danda’a yoo maniyyiin kan hin dhangalaane ta’e ykn gara wal-qunnamti saalatti kan hin geessine yoo ta’e.(Majaalisu shahru ramadaan-fuula-99)

Xiqqaatus guddatus wantoota sooma cabsan tarreessine jirra. Alhamdulillaah Rabbil aalamiin. Yaa Rabbii nuuf araarami.

Kitaabile wabii
[1] fiqhul ibaadati– Hasan Ayyuub- fuula 440
2.Majaalisu shahru Ramadaan– ibn Useymiin fuula 98-102
3.EssentialsOfRamadhan By Tajuddin B.Shu’aib (fuula 108-114)
4.Sahihu Fiqhu Sunnaah-jildii 2ffaa Abu Maalik, fuula 103-110

Kutaa 14ffaan itti fufa inshaa'llaah....
⊱Sa'aad Binu Abii Waqqaas⊱
Kutaa 3️⃣ffaa
Kutaa 2ffaa dubbisuu hubadhaa

Sahaboota warra jannataan gammachiifaman keessaa
Tokko Kan tahe Seenaa

⊱Sa'aad Binu Abii Waqqaas⊱

Duula Uhudiifii sa’ad
Duula Uhud irratti waraanni muslimootaa ka Rasuulli s.a.w Gaara uhud irra qubsiisan, Rasuulli s.a.w akka Gaara tana gadi dhiiftani hin bu’ine jedhanii lola dura itti dhaaman isaan dhiisanii bu’an. Yeroo kana waraanni kaafiraa dirreen mijooftee fi Fardaan itti marsanii muslima gargar facaasan. Hedduun isaanii dhumnaan, hedduun isaanii baqatan. Namootni kudhan gahan garuu Nabi Muhammad s.a.w biratti hafuun diina isaan ajjeesuf itti dhihaatu irraa lubbuu isaanii tan Nabi s.a.w dursiisanii of wareeguuf, ofii du’anii Rasuula s.a.w hanbisuuf nyaapha irraa deebisaa turan. Warroota sanneen keessaa Sa’aad Abi Waqqqaas tokko ture.

Lola kanarratti Roorroon hammaatte jennaan Rasuulli s.a.w Sa’aadif Xiyya kennaafii “Yaa Sa’aad darbadhu ati Aayyoo fi Aabboo kootin furamaadha.” jedhaniin.

Sa’aad haala saniin maqaan isaa Rasuula s.a.w biratti yaamamuun ijaa fi humna nyaapha hollachiiftu taate isa jabeessite. Yeroma kana gurbaa Mushrikaa kan akkaan ummata muslimaa miidhutti jiru tokko Rasuulli s.a.w fagootti argee sa’aadin ajajeen, Sa’aadis xiyya isaa madaalee itti gadi dhiise. Xiyyi inni madaale gadi dhiise iddoma inni tilmaameef geette. Dardartichi duraan muslima qaqqalee lafatti kuffisaa ture, dabareen isaa sababa harka Sa’aadin geettee, takkattima xiyyi kallaca isaa argatteen miilaan lafarraa ol ka’ee, lafatti gadi dhahe. Yoo kana Rasuulli s.a.w hamma qaariffaan isaanii mul’attutti kolfan. Dardartichi Sa’aad xiyyaan dhahe kun; uffanni isaa irraa gargar saaqamee qaamni isaa kan saalaa badhetti bahee, du’ee raqa fakkaate.

Lola kanarratti Sa’aad akka dubbatetti “namoota lama kan Rasuula s.a.w waliin uffata a’adii uffatanii lolan arge. Namoota san kanaan duras, achii boodas takkaalle hin argine.”jedhe.

Akka Haafiz barreessetti “Namoonni sunninis; Mala’ikoota Jibriili fi Mikaa’il turan.”

Erga lola kanaatii booda Sa’aad jiruu isaa guutuu jecha Rasuulli s.a.w “ati Aayyoo fi Abboon furamaadha.” ka jedhaniin san yaadataa gammadaa ture.

Sa’aad binu abii Waqqaas onnee gootoomen, irree isaa jabeeffatee duula Rasuulli s.a.w duulan cufa hirkoo Rasuulaa s.a.w ta’ee isaani fi Rabbii diin islaamaa nuuf buuse tajaajilaa ture.

Erga du’a Rasuulaa s.a.w boodas sahaabota duuka hiriiruun diin islaamaa utubaa isaa jabeessanii gadi dhaaban. Yeroo angoo kaliifaa Abbaa Bakariitis; osoo jalaa hin laafiin irree islaamaa ta’uun, daandii Rabbitti isa geessu irra tolaan imalaa ture.

Bara bulchiinsa Umar keessa ummanni Faaris dagaaginna islaamaa cunqursuuf lolaaf ka’an. Umar dubbii kana akka dhagaheen, biyyoota bulchiinsa isaa jalatti bulan cufatti xalayaa aarifachiisaa erge.

Akkuma inni xalayaa irratti dhaame: Namni meeshaa waraanaa, Farda lolaa, Nama mala beeku, Nama haasaa godhuu danda’u, collee, walaloo qindeessuu danda’u, fi waan lolaaf ta’u kan qabu hundi akka yaamicha isaa kabajee Madiinatti dhufu ajaja baase.

Kutaa 4ffaan itti fufa inshaa'llaah....
Sagantaa barnoota Soomaa
KUTAA 1️⃣4️⃣FFAA 
Kutaa 13ffaa dubbisuu hubadhaa

LEENJII RAMADAANAA ITTI FUFSIISUUF
Sammubani

Ramadaanni buufata leenjii ol’aanaa namni tokko jireenya ofii ittiin jijjiratuudha. Ramadaanni tokko darbee ramadaanni biraa yommuu dhufu namni tokko ‘Ramadaana kana keessaa jijjirama maalii ykn akkami agarsiise?’jedhe of gaafachu qaba. Fakkeenyaf Ramadaana baranaa dheebu, beela fi dadhabbii qofaan dabarsine moo jireenya keenya keessatti jijjiramni wayii argamee jiraa? Fkn, salaata sirnaan salaatu, wanta haraamaa dhaabu, qalbiin namaaf rahmata gochuu, dallansuu too’achu fi kkf. Ramadaana kana keessa jijjirama kana fi kan kana fakkaatan yoo argine, jijjirama kanniin itti fufsiisuuf qophiidhaa ree? Jijjirama kanniin itti fufsiisuuf tarkaanfilee kanniin fudhachuu dandeenya. Isaanis;
1. Rabbiin biratti hojiin gaariin fudhatama argachuuf (qeebalamuuf) itti fufuu– “Rabbiin gabbaruu fi ajaja Isaa bakkaan gahuu jechuun hojii ibaada dirqama sitti ta’e yeroo hundaa sirna isaa eegde iklaasa fi beekumsaan hojjachuudha. Ibaadan yeroo hundaa (guyyaa guyyaan) hin hojjatamne gatii wayituu hin qabdu. Osoo ibaada yeroo hundaa hojjatameyyuu wantoota sodaachisaa lamatu jira. Jalqaba irratti, ibaadan nuti hojjannu Rabbiin gammachisuu fi itti dhiyaachuf yoo hin ta’in, iklaasa keenya miidhaa irraa buusna. Kanaafu ibaada keenya eeguuf iklaasa qabaachu keenya sirritti mirkaneefachu qabna. Lamaffaan immoo, ibaadan keenya sunnaah Ergamaa Rabbii (SAW) waliin deemu isa sirritti mirkaneefachu qabna.”

Namni yommuu hojii gaarii Ramadaana keessa hojjatu iklaasa fi sunnaah Ergamaa Rabbii (SAW) hordofuun kan hojjatu yoo ta’e, akkamitti Ramadaanni erga dhumateen booda hojii gaari san dhiisaa? Namni iklaasa qabu hojii gaarii San hin dhiisu. Kanaafu, iklaasa ofii qorachuun hojii gaggaarii Ramadaana keessa hojjataa ture, hojjachu itti haa fufu.

2. Obsa —namni tokko wayitti bahuu yoo barbaade, hadhaa jireenyaa obsaan liqimsuu qaba. Obsi bakka saditti qoodama. Isaanis; Rabbiin gabbaruu (ibaadaa Rabbii) irratti obsuu, wantoota Rabbiin dhowwe irraa fagaachun obsuu fi musiibaa (balaa) namatti bu’e obsaan dabarsu. Hojii gaggaarii Ramadaana keessa hojjataa turan itti fufsiisuuf obsi garmalee barbaachisaadha. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) yeroon kakachuun ilmi nama kasaaraa keessa akka jiran ibsa namoota waa afur raawwatan malee.

“(1). Wa-l-asr (Yeroon kakadhe).(2). Dhugumatti ilmi namaa hoongoo (kasaaraa) keessa jira. (3). Isaan amananii, hojii gaggaarii dalagan, haqa walii dhaamanii fi obsa walii dhaaman malee (warri hafan hoongoo (kasaaraa) guddaa keessa jiru).” Suuratu Al-Asr 103:1-3

Kanaafu, suura tana irra kaane namni tokko addunyaa fi Aakhiratti kasaaraa irraa baraaramuuf dhugaan Rabbitti amanuu qabu. Erga amanee booda hojii gaggaarii Rabbiin itti ajaju hojjachuu fi hojii badaa Inni irra dhowwu dhiisu qaba. Akkasumas, haqa Islamaa erga beeke fi hubate booda hojii irra oolchu fi namoota beeksisuuf tattaafachu qaba. Ammas ulaagan afraffaan kasaaraa irraa nama baraaru hojii gaarii hojjatan irratti obsa qabaachu, haqa namootaf dabarsu irratti obsa qabachu; yommuu haqa babal’isan (raabsan) balaa namoota irra namatti dhufu obsaan dabarsu barbaachisa. Akkasumas, namoonni haqa irratti obsa akka qabaatan isaan gorsuudha. Kanaafu, namni tokko hojii gaggaarii Ramadaana keessa qofa hojjate, Ramadaanni yommuu dhumatu hojii gaggaarii keessumattu hojiiwwan dirqama ta’an kan akka salaataa yoo dhiise, kasaaraa (hoongoo) irraa baraaramu danda’aa? Kanaafu, hojii gaggaarii Ramadaana keessa hojjataa turre obsaan itti fufu qabna. Yoo akkana hin godhiin jijjiramni dhufuu hin danda’u.

Kutaa 15ffaan itti fufa inshaa'llaah...
Sagantaa barnoota Soomaa
KUTAA 1️⃣5️⃣FFAA FII ISA XUMURAA

LEENJII RAMADAANAA ITTI FUFSIISUUF

3. Rabbiin kan gabbaran ji’a Ramadaanaa qofa osoo hin ta’in hanga duuti dhuftu akka ta’e beeku– Rabbiin akkana jedha: “Hanga dhugaan (duuti) sitti dhuftu Gooftaa kee gabbari.” Suurat al-Hijr 15:99

Namni osoo Ramadaana keessa Rabbiin gabbaruu duuti itti dhufte haalli isaa waa tole! Namni erga Ramadaanni deemen booda Rabbiin gabbaruu dhiise, Aayaa armaan olii faallessaa jiraa jechuudha. Rabbiin gabbaruun (ibaadan) jechuun wanta shari’aan Islaama itti ajajje fi wanta namoota irraa dhowwite guutu of keessatti qabata. Karaa biraatin ibaada (Rabbiin gabbaruu) jechuun- ajaja Rabbiitti buluu fi wanta Inni dhowwe irraa dhowwamuudha; dirqamoota Rabbiin itti nama ajaje bakkaan gahuu (hojjachuu) fi haraama (wantoota dhowwamaa) dhiisudha. Kanaafu, Rabbiin hanga duuti dhuftu Gooftaa kee gabbari jedhe erga itti nu ajaje,namni tokko Ramadaana qofa waan gaggaarii hojjate fi waan badaa irraa dhowwame, yommuu Ramadaanni bahu waan gaggaarii hojjatu san yoo dhiise fi hojii badatti yoo deebi’e, ‘Namni kuni Rabbiin gabbaraa jira’ ni jedhamaa ree? Namni tokko guyyoota murtaa’aniif ykn guyyaa duuti itti dhuftu Rabbiin kan gabbaru osoo hin ta’in jireenya isaa guutu Rabbiin gabbaruu qaba. Sababni isaas, Rabbiin jireenya nama kanaa guutuu haa xiqqatu haa guddatu wanta ittiin jiraatu kenneefi jira. Kanaafu, Rabbiin qananii lakkaawame hin dhumne isarratti oole osoo jiru namni tokko akkamitti Rabbiif ajajamu (Isa gabbaruu) didaa?

4. Adabbii hojii gaggaarii dhiisu fi hojii badatti deebi’u yaadachuu– namni hojii gaarii hojjataa ture tokko yommuu dhiisu keessa isaatti jeequmsi fi gammachuu dhabuun ni dhagahama. Sababni isaas, uumamaan qalbiin namaa yommuu hojii gaarii hojjatan ni gammaddi, boqonnaa argatti. Fuggisoo kanaa yommuu hojii gaarii dhiisanii fi hojii badaa hojjatan, ni jeeqamti, boqonnaa dhabdi. Ramadaana keessa yommuu hojii gaggaarii hojjannu fi hojii badaa dhiisnu hangam akka gammannuu fi boqonnaa sammuu argannu mee haa ilaallu. Akkasumas, erga Ramadaanni baheen booda hojii gaarii yommuu dhiisnu fi hojii badatti yommuu deebinu hangam akka jeeqamnu fi dhiphannu mee haa hubannu. Iccitiin jiiyni Ramadaana ji’a rahmataa fi gammachuu itti ta’e keessaa tokko namoonni hojii gaarii baay’isanii waan hojjatanii fi hojii badaa irraa waan dheessaniifi. Kanaafu, bartee kana itti fufsisuun maaliif gammachuu fi tasgabbii keenya itti hin fufsiisnee? Hojii gaarii dhiisu fi hojii badatti deebi’uun maaliif gammachuu fi tasgabbii Ramadaana keessa argachaa turre dhabnaa?

Namni yommuu hojii gaarii dhiisu fi hojii badaa hojjatu addunya kana qofatti osoo hin ta’in Aakhiratti adabbii hamaa adabama. Rabbiin warroota salaata dhiisanii fi fedhii lubbuu hordofan akkana jechuun akeekachiisa:

“Isaan (waarroota gaggaarii) boodas bakka bu’oota salaata dhiisanii fi fedhii lubbuu isaanii hordofantu hafe. Hallayyaa Jahannam qunnamuuf jiru. Garuu namni tawbatee, amanee, hojii gaarii hojjate, warri sun jannata seenu; homaa hin miidhamanu.” Suura Mariyam (19): 59-60

Kanaafu, hojii gaggaarii dhiisu fi fedhii lubbuu hordofuun hojii badaa hojjachuun adabbii hamatti akka nama geessu beekun, hojii gaggaarii Ramadaana keessa hojjachaa turre itti fufuu fi hojii badaa irraa dheessu qabna. Yoo akkana goone wagga waggaan jijjirama guddaa argina.

Guduunfaa
Kaayyoo Ramadaanaa keessaa inni guddaan taqwaa (sodaa Rabbii) akka horannuufi. Akkuma Xalaq ibn Habiib jedhe, ” Taqwaa jechuun ifa Rabbirraa ta’een wanta Rabbiin itti ajaje Jaalala Isaa argachuuf hojjachuu fi ifa Rabbirraa ta’een wanta Rabbiin irraa dhowwe jaalala Isaa argachuuf dhiisudha.”  ‘ifa Rabbirraa ta’een’ yommuu jedhu ‘Qur’aana fi sunnaa Ergamaa Rabbii(SAW) hordofuun hojii gaarii san hojjachuu ykn hojii badaa san irraa dheessudha. Kanaafu, ramadaanni ji’a taqwaa irratti nu leenjisuuf dhufe malee ji’a nu miidhuf dhufe miti. Nutis leenji kana hanga Ramadaanni itti aanu dhufutti ykn duuti dhuftutti itti fufsiisu qabna. Namni tokko milkaa’inna guddaa irra kan gahuu wanta hojjatu gaarii san yoo itti fufeedha.
Forwarded from GIBEMEDIA PROMOTION
Baga rabbiin iid Al-fitr kan bara 1443ffaatiin isin gahe.

Islaamni bahaa dhihaa, kaabaa kibba jirtan hundi rabbiin keeyrii ramadaana dabree nurraa qeebalee, kan bara dhufuu gammachuuf jaalalaan nuun haa gahu.

عيد مبارك!

تقبل الله منا ومنكم صالح الأعمال كل عام وأنتم بخير
⊱Sa'aad Binu Abii Waqqaas⊱
Kutaa 4️⃣ffaa

Kutaa 3ffaa dubbisuu Hubadhaa

Sahaboota warra jannataan gammachiifaman keessaa
Tokko Kan tahe Seenaa

⊱Sa'aad Binu Abii Waqqaas⊱

Ummanni biyya bulchiinsa Umar keessa jiraatan, hawwii jihaadaa ka qaban hedduun isaanii, yaamicha Amiira Mu’mintootaa awwaatanii kallattii hundaan, gootummaan bookkisaa Madiinatti wal gahan.

Ummata akka hongeen itti buutee soorata agabee, dheebotutti jihaada beelahee, dheebote kanaaf, Umar nama isaan karaa Rabbii fi Nabitin s.a.w isaan hogganee, gara galma milkiitti isaan geessu filuuf murteeffatee, ummataan waliin maritti seene. Yeroo kana ummanni afaan tokkoon Sa’aad dhihoo Rasuulaa s.a.w kan eessuma Rasuulaa ta’e filatan.

Umaris filmaata ummata kanaa jaalatee, Amaanaa fi Alaabaa diin islaamaa, Hoggansaa fi Angoo waraana kanaa Sa’aaditti ba’aa hammana gahu itti kenne.

Ajama Arabaaan lolee cabsuuf gootota onneen isaanii leenca daggalaa isaan goote walitti qabamaniif, Hoggansa Sa’aadin yoo inni Madiinaa ka’e, Umar Sa’aadiin addatti isa baasee gorsa galaa siinqii hundarraa caaltu isaa hidhe.”Yaa Sa’aad ati eessuma Rasuulaa s.a.w ta’uun sin dagin. Akkasuma sahaaabaa Rasuulaas s.a.w ta’uun sin dagin. Rabbiin jabaan cubbuu cubbuun hin dhiqu. Toltuun cubbuu dhiqa malee. Rabbi nama tokkoonille firummaa hin qabu. Waan inni dalageettu Rabbitti isa kaleessa malee. Rabbiin biratti, sadarkaa qabatinsaa fi laaffinsaan wal hin caalan. Sodaa Rabbiitiini malee. Badhaasni jannataallee haala kanaan dhufti. Amrii Rabbii kan Rasuulli s.a.w itti yoo dalagan agarteen, dirqama kee kana akka baatu.” Kana hunda erga gorseenii booda Sa’aadiin eebba godheefii geegesse.

Waraana kanniin keessaa, namoonni lola badrii irratti guumaacha diin islaamaatif godhan nama sagaltamii sagal, namoonnni dhibba sadihi fi kudhanii ol ta’an immoo warroota beey’atul Ridwaan, dhibbi sadih immoo warra Makkaan Rasuula s.a.w waliin cabse. Ijoollee sahaabotaa dhibba torbaa fi loltoota biraa waliin ta’uun, seenaa muudaa hin qabne, tan hanga har’aatti islaama boonsitu galmeessuf karaa bu’an.

Naannoo Al-qaadasiyyaa jedhamu erga waraana qubsiisee booda Sa’aad Binu Abii Waqqaas: Nama murtii karaa Rabbii fi Rasuulaa s.a.w irratti kennu, Nama boojuu qoodu, nama yaamicha karaa diin islaamaatti godhu, Nama waraanarratti dubbiidhan onnachiisee kakasuu fi akkasuma nama afaan arabaa turjumaanu ka Faarisitti filate. Basaasa qindeesse gara gandootaa fi magaalota itti duuluf deemanitti erge.

Erga gurmuu waraana tokkoo waan barbaachisu hunda qindeessee, guuttatee booda gandoota xixiqqoo naannoo Faaris jiran banuuf, waraana iddoo heddutti qoqqoodee erge. Hundinu milkaa’anii galan.

Osoo lola hin eegaliin dura ummata Faaris tolaan gara amantii islaamaatti seensisuuf namoota haasawa danda’an, bulchaa Faaris kan ta’e Kisraa fi Abbaa duulaa (ajajaa waraanaa) Rustumitillee nama erge.

Namoonni ergaman kunniin akka hojii Rasuulaa s.a.w islaamummaa fudhachuu, Yoo hin tahin gibira kennuu fi yoo filmaata isaani dhihaate kanneen didan; akka isaaniin loluuf qophaahan hubachiisaniin.

Hundi isaanitu filmaata isaanif irra tolu ka dhihaatef didanii lola filatan. Haala kanaan duulli kurfaahee, Sa’aad aayata qur’aanaa suuraa Anfaal akka qar’amu ajaja kenne.

Loolli jalqabuuf yeroon Muraasni yoo isaa hafu Sa’aadin dhibeen qabdeen. Dhibeen isa qabe kun Sa’aadin; Yaabbifi lafa taa’ulle isa dhooggee, qomaan boraati irratti hirkataa fi ciisichatti isa deebiste.

Sa’aad Rabbii gaditti qaamni isaa ta inni abdate, isa gante. Haa ta’uyyuu garuu inni abdii hin kunne. Iddoo isaa nama ajaja isaatin waraana ummata muslimaa ajaju, ka maqaan isaa Kaalid Binu Urfuxaa jedhamu bakka buufate.

Kutaa 5ffaan itti fufa inshaa'llaah
🌷Gaaffiif deebiin keenya arraa kana fakkaata irratti hirmaadhaa

🕹️Makkaatti ergamaa Rabbitti (s.a.w) aanee/booda sahaabiin Qur’aana sagalee olfuudhuudhaan dubbise/qarahe eenyu?


1️⃣. Aliyyi bin AbiiXaalib (r.a)
2️⃣. Usmaan bin Affaan (r.a)
3️⃣. Abdallaah bin Mas'uud (r.a)
4️⃣. Abuu bakir siddiiq (r.a)

Yaada Qabdanuuf ✍️
@Keyralumma_bot
🖥 Hafiz ibn hajer official 🦜 via @like
🌷Gaaffiif deebiin keenya arraa kana fakkaata irratti hirmaadhaa 🕹️Makkaatti ergamaa Rabbitti (s.a.w) aanee/booda sahaabiin Qur’aana sagalee olfuudhuudhaan dubbise/qarahe eenyu? 1️⃣. Aliyyi bin AbiiXaalib (r.a) 2️⃣. Usmaan bin Affaan (r.a) 3️⃣. Abdallaah…
Deebiin gaaffii keenyaa
Akkuma irra caalaan keessan deebiftan 3ffaa taha
3️⃣Abdallaah bin Mas'uud

Worri deebii sirrii deebiftan Maasha'allaah jazaakumullaahu keyiran rabbiin beekumsa guddaa isiniif hadabalu👍👍👍👏👏👏
Akkasuma worrooni yaaltanis jazaakumullaahu keyiran rabbiin isinirraa hajaallatu
KUTAA 9️⃣FFAA
Kutaa 8ffaa dubbisuu Hubadhaa

❁ Dalagaa Gaarii tuffachuu Khayrii xixiqqootti xiyyeeffachuu Dhiisuu:
◉ Adabbiin khayrii xiqqoo tuffachuu mindaa guddaa Ergamaan Rabbii (SAW) nu akeekan dhabsiisuunuu badiif isa ga’a: “namni karaa Muslimoota irraa waan rakkiftu wahii dabse khayriitu isaaf barreeffama. Nama khayriin isaa kun qeebalamteef immoo jannata seena.” Bukhaariitu Adab Almufradiin keessatti gabaase. Inni Silsilaa Sahiihaa keessas ni jira. Mu’aaz odoo karaa irra nama tokkoo waliin deemaa jiruu karaa irraa dhagaa kaase. Namichis ‘kun maali?’ jedha. Ni jedheen: Ergamaa Rabbiitii (SAW) jedhanuun dhaga’e: “namni karaa ta’e irraa dhagaa kaase khayriin wahii isaaf barreeffama. Namni khayriin xiqqoon wahii isaaf jirtu immoo jannata seena.” Mu’ujamul Kabiir kan Xabraanii keessatti gabaafame. Inni Silsilaa Sahiihaa keessas ni jira.


✺ DHIMMA MUSLIMAATTI DHIMMAMUU DHIISUU:
◉ Isheef jecha homaa hin socho’u; du’aa’ii hin godhuufis; sadaqaas hin kennuuf. Hin gargaarus. Inni waan addunyaa kana irratti obboloota isaa Muslimoota mudatu kan akka diinni irratti moohuu isaan mo’achuu miidhamuufi gadda isaanii ilaalchisee miirri isaa qabbanaahaadha. Mataan isaa nagaa ta’uu qofaan of ga’a.

• Kun bu’aa dadhabinni iimaanaa fideedha. Mu’uminni faallaa kanaati. Nabiyyiin (SAW) ni jedhan: “dhugumatti
Mu’uminni warra iimaanaa biraatti sadarkaa mataan qaama keessaa qabu fudhata. Mu’uminni warra iimaanaatiif akka qaamni madaa mataa keessa jiruuf
laalatu laalataaf.” Ahmadtu gabaase. Inni Silsilaa Sahiihaa keessas ni jira.


❂ Mallattoo iimaanni dadhabuu keessaa tokko haadni obbolummaa jidduu obboleeyyan Muslimaatii cituudha.

◉ Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan: “namoonni lama Rabbiif jecha yookiin Islaamummaa keessatti wal jaalatanii badii (dilii) tokkoon isaanii raawwataniin malee adda hin bahanu.” Bukhaariitu Adab Almufradiin keessatti gabaase.
Ahmadis Musnada keessatti gabaase. Inni Silsilaa Sahiihaa Keessas ni jira.

• Inni kun faanni dilii dheerataa dhufee
hidhaa obbolummaa kutuu danda’u akeeka. Kophaa ta’uun namni yeroo tokko tokko of keessatti argu sababa
iimaanni dilii hojjannaan gadi buuteefi Rabbiinis nama dilaawaa sadarkaa isaa qalbii gabroota isaa keessatti gadi kuffisa. Jidduu isaaniitti jiruu hamaa sadarkaa kufaafi haala xiqqaataa kabajaa hin qabneen jiraata. Akkasumas
Mu’uminootaan hiriyoomuunis isa dabra. Akkasuma inni Rabbiin Mu’uminoota irraa deebisus isa tara.

❂ Amantii kanaaf hojjachuu keessatti itti gaafatamummaan itti hin dhaga’amu.
◉ Isa babal’isuuf hin socho’u. Khidmaa isaatiifis hin hojjatu. Kun immoo faallaa sahaabota Ergamaa Rabbii warra ogguma islaamayanu achumaan itti gaafatamummaan itti dhaga’ameeti. Xufeyl bin Amr kunoo islaamayuu isaatiifi gara Islaamaatti ummata isaa waamuu deemuu isaa yeroo hagamii ture? Achumaan ummata isaa gara Islaamaatti waamuu deeme. Amantuma keessa seenuu qofaan akka itti gaafatamummaan guddaan irra jiru itti dhaga’amee Ergamaa Rabbii irraa gara ummata isaa deebi’uuf eeyyama
gaafatee gara Rabbiitti isaan waamuuf deebi’e. Namoonni baay’een yeroo hammaa amantii qabachuu isaaniitiifi gara amantiitti nama waamuu eegaluu isaanii jidduu yeroo dheeraatu jiraata. Namoonni sahaabaa Muhammad (SAW) irraa ta’an waan Islaamatti seenuu irraa argamu hunda kan akka kaafira warra diinaatiin diina ta’uu, isaan irraa qulqullaa’uufi isaaniin cituu raawwatu turan.

• Usaamaa bin Asaal inni dura bu’aa Yamaamaa ture yeroma booji’amee fi damee masjida keessatti hidhamee Ergamaan Rabbii Islaama isarra fidnaan sana booda Rabbiin ifaa iimaanaa qalbii isaa keessa buusee islaamaye. Umraadhaaf Makkaan deemee yeroma achi ga’u kaafiroota Qurayshiitiin “callaan qamadii tokko hanga Ergamaan Rabbii (SAW) eeyyamanutti Yamaamaa irraa gara keessan hin dhaqqabdu.” jedhe.

• Kaafiroota saniin adda cituun isaa ikoonoomiidhaan isaan cufuufi waan isaaf mijaa’u hundaa khidmaa da’awaatiif gumaachuun achumaan isarraa argamte. Sababni isaas iimaana isaa murannoo qabu sanatu dalagaa kana isarratti dirqama godhe.

Kut.10ffan itti fufa insha'allaah...
KUTAA 🔟FFAA
Kutaa 9ffaa dubbisuu Hubadhaa

❁ Ammas mallattoo dadhabina iimaanaa irraa tokko yeroo musiibaan wahii uumame rifachuufi sodaachuu:
• Yookiin immoo yeroo rakkoon wahii uumame kan qomni isaa rommu madaala gadi dhiisu sammuu dhabuufi ija samiitti ol kaasuu ta’ee argita. Yeroo balaan wahii isa tuqe ni dhama’a; qaawwi hundinuu ija isaa duraa cufama. Gaddi hundinuu isa yaabbata. Waan isatti uumame kana sammuu ragga’aafi qalbii cimaa wahiitiin fuuldura hin dhaabatu. Kun hundinuu sababa dadhabina iimaana isaati. Odoo iimaanni isaa cimaa ta’ee silaa ragga’aa ta’a. balaa guddaa kana caaluyyuu humnaafi ragga’iinsaan fuuldura dhaabata ture.


✺ Kan biraa immoo falmii qalbii gogsu baay’isuudha.
◉ Ergamaan Rabbii (SAW) hadiisa sahiiha keessatti ni jedhan:
“ummanni tokko booda qajeeluma irra turaniitii yoo falmii kennaman malee hin jallatanu.” Ahmadtu Musnada keessatti gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira.

• Falmiin ragaadhaan maleefi niyyaa gaariidhaan malee geggeeffamu karaa sirrii irraa nama jallisuutti geessa.

• Guyyaa har’aa falmii sobaa maaltu akkana baay’ise! Beekumsa qajeelfamaafi kitaaba ifaa ta’een maleetti wal falmu. Gochatti arrabsamtuu kana dhiisuudhaaf jechi
Ergamaa Rabbii (SAW) namaaf ga’a: “ani nama odoma haqa qabaatuu falmii dhiiseef mana walakkaa jannataa
keessaa isaaf of qaba.” Abuu Daawudtu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira.


❂ Kan biraa immoo qalbiin duniyaatti rarra’uu ishee jaalachuufi gara ishee qofatti haara galfachuudha.
◉ Qalbiin namichaa hanga yoo carraan duniyaa tokko kan akka qabeenyaa kabajaa sadarkaafi manneen wahii isa
tare baay’ee laalatu tokko itti rarra’a. Kana booda waan namni biraa argate waan hin arganneef jecha lubbuu isaa
gowwoomfamaa carraa dhabaatti lakkaa’a.

• Yeroo obboleessi isaa Muslimaa tokko waan isa jala tare argate immoo laalannaa baay’eefi walitti butamuu guddaatu isa mudata. Isa waanyuudhaan ni’imaan isaa irraa deemuu hawwuun isaas ni mala. Kun immoo isa Ergamaan Rabbii “qalbii gabrichaa keessatti iimaanniifi hisdiin walitti hin qabamu” jechuun irraa nu sodaachisaniidha. Nasaa’iitu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira.


❂ Sammuu isaa qofa irratti hundaa’uu:
◉ Mallattoon biraa immoo haasaa namaa fi adeemsa isaa kan sammuu qofa irratti hundaa’e fudhatee mallattoo iimaanaa tokkollee dhabuudha. Haasaa nama kanaa hanga dubbii isaa keessatti mallattoo ragaa Qur’aanaa hadiisaa yookiin haasaa salafaa keessaa dhabdu tokko achi fagaata.


✿ Nafsii isaatti xiyyeeffachuu keessatti daangaa dabruu:
◉ Waan nyaatamu waan dhugamu uffatamu mana jireenyaafi geejjibaatti akkaan xiyyeeffachuu. Warra kana
guutuutti akkaan xiyyeeffata. Huccuu irraa isa lallaafaa bituufi mana bareechuu keessatti lubbuu isaa qabsoo
cimaa qabseessa. Kana tottolchuu keessatti qabeenyaafi yeroo baay’ee wareega. Isheen immoo waan dirqamniifi dhimmi itti isaaf jiruu miti. Yeroo inni kana hojjatu immoo obboleessa isaa Muslimaa irraa nama akkaan qabeenya kanatti haajomaarutu jira. Sababni kana hunda hojjatuuf
qananii fi quufa dhorgamaa keessa daangaa dabruudhaafi. Hadiisa Mu’aaz bin Jabal keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) yeroo gara Yamanitti isa ergan isaaf dhaamanii ni jedhan: “qanani’uu irraa of fageessi! Gabroonni Rabbii warra of qanansiisanuu miti.” Abuu Na’iimtu Hilyaa keessatti gabaase.Inni Silsilaa Sahiihaa keessas ni jira.

Kutaa 11ffaan itti fufa inshaallaah....
2024/09/29 09:31:28
Back to Top
HTML Embed Code: