Telegram Web Link
♻️Muslima dhugaa

βœ…Dachee irratti gabrichaa fi bakka bu'aa (khaliifa) Allaahaa (S.W) akka ta'e itti dhage'ama.

βœ…Dhugaa jiraattu godhuuf. tola ooluu fi wantoota gaariiwwan babaldhisuuf. yunivarsii tana bareechiisuuf ambaasaaddara Allaahaa (S.W) isa angoon kennameef ta'ee isaa itti dhageessisa.

βœ…Wantootnni yunivarsicha keessa jiran hunduu isaaf tajaajiltoota kaayyoo isaa kan hangafaatiif gar gaartoota ta'uu isaanii ni hubata.

βœ…Allaahaan (S. W) isa bira kan jiru ta'uu isaatii fi madda gar gaarsaa fi madda humnaa kan kophaa akka ta'e amantaa gad dhaabbate qaba.

βœ…kaayyoon isaa gabricha Allaahaan (S. W) ittiin gammaduu fi gabricha Allaahaan (S. W) jaalatu kan sirrii ta'uu dha.

βœ…Wanta Allaahaan (S. W) ajaje onnee qulqulluun dalaga.

βœ…Kan inni dhoorke irraa fagaata. ni eeggatas.

βœ…Kaayyoon isaa kan nama dinqisiisu. Kunis namoota Allaahaa (S. W) wajjin wal qunnamsiisuu. dachee samii wajjin walitti sufuu dha. itti fufa... ✍️ Nuhordofaa πŸ‘‡

@Keyralumma
@Ibnutemiya6
T.me/hafiz_jihad
SOOMANA JECHUUN MAAL JECHUUDHA?

βœ…Soomanni akkaa hiikkaa afaaniitti uf qabuudha.

Fakkenyaaf Rabbiin s.w. qodhaa haadha iisaa kan taate maryam yeroo nuuf dubbatu akkana jedha ''innii nazartu lirrahmaani sowman '' hiikkaan "ani uf qabuu rahmaaniif qodhaa godhee jira" jechuudha.

βœ…Hikkaan soomanaa akka shari'aatti: guyyaa guutuu fajriin bahurraa kaasee hanga aduun seentutti waan sooma balleessurraa (nyaata,dhugaatii,wal qunnamtii saalaa godhuu) irraa ibaadaa Rabbii itti niyyatanii uf qabuudha .

Hiikkaan soomaa kana yoo ta'e soomni baatii ramadaanaa maali?πŸ‘‡

βœ…Soomanni baatii ramadaanaa, utubaa tokko kan utubaalee islaamaa irraa yoo ta'u dirqama islaamaa kan quraanaa, hadiisaa fii ijmaa'aan mirkanaayee jirudha.

βœ…Rabbiin Qur'aana isaatiin soomanni dirqama ta'uu isaatiifi maaliif akka dirqama ta'e akkas jechuun nuuf hime ''isin yaa warri amantan soomanni akkuma warra isin duraa irratti barreffametti isin irrattis barreeffamee jira akka Rabbi sodaattaniif jecha.'' Suuraa baqaraa 183

βœ…Nabiin keenya s.a.w. akkas jechuun dubbata "islaamummaan waa shanirratti ijaaramte...” jedheeti isaan keessaa "soomana ramadaanaati" jedhe,(bukhaariif muslimtu odeesse).

Hadiisowwan waayee kanaarratti hedduutu jira Muslimtoonnis soomanni Ramadaanaa dirqama tahuurratti waliif galan, namni waajibummaa isaa morme kaafira tahurrattis walif galan.

Baatiin Ramadaanaa seenuuf guyyoota muraasatu hafe kanaafuu wol barsiisaa wolirraa haa barannu jechaa.....

Kabajamtoota hordoftoota keenya sagantaa itti aanu kan sadarkaa baatii ramadaanaa jettuun wolitti deebina.

Barumsa waan ramadaanaa hanga xumuraatti argachuuf channel keenya asii gadii 
    ‡️J    O    I    N‡️ godhaa nu hordofaa.
     @abu_abdalah1      @keyralumma
Barumsa waan ramadaanaan wol qabatee yaada yoo qabaattan πŸ‘‰πŸΎ @Ibn_Yakub
T.me/hafiz_jihad
Barnoota Soomaa

Kutaa 2ffaa

Guddina sadarkaa Ramadaanaa

Baatiin ramadaanaa sadarkaa gurguddoo hedduu qabdi.
Sankeessaa;-
1-inni ji'a qur'aanni isakeessatti buufame tahuu, kun waan jiini kun ittii sadarkaa guddaa argate keessaa kan hangafaati.
2-Isa keessa hulaan jannataa ni banamti.
3-hulaan ibidda jahannam ni cufamti.
4-Isa keeysa sheyxaanni ni hidhamti,
kanarratti abii hureyraan r.a. nabiin s.a.w. akkana jedhan jedhe ''yeroo ramadaanni dhufe hulaaleen jannataa ni babbanamti,hulaaleen ibidda jahannam ni cuccufamti,sheyxaanonni ni hidhamti.'' Bukaarii fii muslimtu odeesse.

5-Isa keessa halkan murtii tu jira. Isiin ji'a kuma tokkorra caalti, Rabbiin s.w. akkana jedhe, ''nuti isa (qur'aana) buufne halkan murtii keysatti. maaltu sibeeysise halkan murtii maal akka taate?
halkan murtii ji'a kumatokkorra caalti. malaaykaalee fii ruuhis (Jibriilis) isii keessatti hayyama Rabbi isaaniitiin (gama dachii) gadi bu'an. isiin nagaya hanga fajriin bahutti (bari'utti).'' Suuraa qadrii.


6-Nabiin keenya s.a.w. akkana jedhan __''isiniif dhufe jiini ramadaanaa, ji'a barakaa heddummaatu, kansoomana isaa Rabbiin dirqama isinirratti godhe, isa keessa hulaan samii banamti,hulaan jahiim (ibidda azaabaa) nicufamti, isa keessatti shiftootiin sheyxaanaa nisakaallamti, isa keessatti halkan baatii kuma caalu tokko Rbbiif taheeti jira, namni toltuu isii hongayee dhugumaan kasaare.'' Nasaaiyyiitu odeesse.

7-nami iimaanaa fii abdii Rabbiitiin soomane araarama argata.
8-namni iimaanaa fii abdii Rabbiitiin dhaabbate (salaate) araarama argata.

9-Namni iimaanaa fii abdii rabbiitiin leylatulqadri dhaabbate (salaate) araarama argata.
Abii hureyraan nabirraa odeessee akkana jedhan jedhe ''salaanni shaman tuun hanga taaniitti, jum'aan hanga jum'aatti, Ramadaanni hanga Ramadaanaatti hayxuudha (Balleessarraa araarama namaaf taati) yoo badii gurguddorraa fagaatame.” Bukhaariifii muslimtu gabaase.

10-umraan isa kessaa hajji nabiin wajji godhatetti qixxoyti. Nabiin s.a.w. akkana jedhan ''umraan Ramadaana keessatti taate hajjii naan wajji taatetti qixxaatti'' muslimtu odeesse

11-Ibidda jahannamirraa namni bilisoomfamu ramadaana keessa heddudha. Abii umaamaan nabirraa odeessee Akkana jedhan jedhe '' yeroo soomana furan hunda warra Rabbiin ibidarraa bilisoomsuutu jiraa'' Ahmad tu odessee.

12-muslima hundaaf kadhaa qeebalamtuutu jira guyyaa Ramadaanaa hunda. Nabiin s.a.w. akkana jedhan ''Halkaniif guyyaa ramadaanaa keessa rabbiin warra ibidda azaabaarraa bilisoomsu qaba. ammas muslima hundaaf kadhaa qeebalamtuu taateetu jira halkaniif guyyaa ramadaanaa keessatti.'' Bazzaartu odeesse.

13-inni boojuu (Badhaasa) mu'iminaati nabiin s.a.w. akki jedhan ''jiini ramadaanarra isaaniif caalu mu'imintootatti hindhufne, jiinii ramadaanarra hamaa munaafiqootatti waa hindhufne, kun akki itti tahuu dandaye mu'iminni ibaadatti jabaataa munaafiqni ibaadarraa laafa, tanaaf milkii mu'imintootaa hoongoo munaafiqootaati'' Ahmad odeesse.
βœ…Dabalataaf....  β“™β“žβ“˜β“....πŸ‘‡
@abu_abdalah1
@keyralumma
@ibnutemiya6
@hafiz_jihad
Barnoota waan ramadaanaa irratti yaada yoo qabaattanπŸ‘‡
@Mzfirst
T.me/hafiz_jihad
Barnoota Soomaa
Kutaa 3ffaa
SADARKAA SOOMANAA
1-galanni soomanaa lakkoofsaan malettii heddummaatee galfama.
2-soomanni haalaa amala hamaa hundarraa nama tiiksa.
3-Namni soomanaa yeroo soomana isaa furuu fii guyyaa fuula Rabbii isaa dhaqus soomana isaatiin nigammada.
4-Fooleen afaan nama soomanaa Rabbi biratti hafuura miskiirra urgooyti.
βœ…πŸ‘† πŸ“–__ Galanni nama soomanuu lakkoofsaan malletti hedduu tahee galfamaaf. Nabiin s.a.w.akkana jedhan "Dalagaan ilmaan aadam hundinuu dacha godhamtiif. Toltuun takkaa faakkaattuu isii kudhanirraa hanga dhibba torbaatti (heddummeyfamtiif). Rabbiin s.w. akkana jedha "soomana malee inni naafi anumaatu isarratti galata galcha, anumaa jecha fedhii isaatii fii nyaata isaa dhiisee soomane waan taheef jecha"__ muslimtu odeesse.

5-Nama soomanuuf hulaa jannatarraa taateetu jira, tan isaan malee namni biro hinseenu.
βœ…__Nabiin s.a.w. "Jannata keessa hula takka tan rayyaan jedhamtuutu jira, guyyaa qiyaamaa warra soomanaatu seena, isaan malee nam tokkolleenuu hinseenu,yogguu isaan seenan nicufamti, tokkolleenuu hinseenu."__Bukharii fi muslim.

6-Soomanaa fii qur'aannii guyyaa qiyaamaa ni araarsan saahiba isaaniitiif.

7-Soomanni ibidda namarraa ittisa.
βœ…__Nabiin s.a.w. akkana jedha "soomanni (gaachana), jogola jajjabeeffamaadha ibidarraa ( nama ittisa)"__Ahmad odeesse.

8-Soomanni hula toltuu guddoodha.
βœ…Nabiin s.a.w. mu'aaziin akkana jedhe "mee hulaalee toltuutti siqajeelchuu?" eeyyeen naqajeelchaa yaa ergamaa Rabbii jennaan ''Soomanni wantaadha, sadaqaan akka bishaan ibidda dhaamsutti dilii dhaamsiti" jedheen. Tirmiziitu odesse.

9-Soomanni ibaadaa keessaa hiriyaa hinqabu .
βœ…Nabiin abbaa umaamaatiin akkana jedhan "soomanatti jabaadhu inni fakkii hinqabu"ibnu hibbaantu odeessee albaaniin sahiiha godhe.

10-Hanguma namni soomana heddummeesse Rabbiin ibidda azaabaarraa isa fageessa.
βœ…Nabiin s.a.w. akkana jedhan "gabricharraa guyyaa tokko karaa rabbi keessatti soomanee rabbiin fuula isaa waggaa torbaatam ibiddarraa isa fageessu malee kan hafu hintaane"bukhaariif muslimtu baase.
Barnoota Soomanaa kutaa 4ffaa mata duree
SOOMANNI RAMADAANAA YOON FARDII(DIRQAMA)GODHAME?
Jettuun hanga wol arginutti nageenyaafi rahmata rahmaan keessa jiraadhaa isiniin jechaa....
βœ… DABALATAAF
CHANNEL KEENYA β“™β“žβ“˜β“ πŸ‘‡
@abu_abdalah1
@keyralumma
@ibnutemiya6
@hafiz_jihad
Barnoota waan ramadaanaa irratti yaada yoo qabaattanπŸ‘‡
@Mzfirst
http://T.me/hafiz_jihad
2024/09/30 17:20:15
Back to Top
HTML Embed Code: