Telegram Web Link
فضل.الصلاة.على.النبي.ﷺ.tt
🌴 sadarkaa salaawaata nabi irratti buusuun qabdu keessa.. .

((من صلَّى عليَّ واحدةً ، صلَّى اللهُ عليه عشرًا)).
🌿 Namni yeroo tokko narratti salawaata buuse, rabbi ammo yeroo 10 salawaata isarratti buusaa jedhan.

#الراوي : أبو هريرة | #المحدث : مسلم
#المصدر : صحيح مسلم
Salawaanni rabbirraa gabrichatti rahmata isaaf godhuudha,
Malaa'ikarraa ammo istigfaara isaaf kadhachuudha,

#⃣ keessattuu guyyaa jum'aa haa jabaannu, ofiifis nabiifis Nabiyyiin keennaﷺ galata guddaa nurraa qaban, Rabbi nama galata dagatu fi kan dubbiseetuma bira kutu nu hin godhin.

ALLAAHUMMA SALLI WA SALLIM ALAA NABIYYINAA MUHAAMD
Forwarded from Amir
Ibn Temam Official

Sahaboota warra jannataan gammachiifaman keessaa Tokko Kan tahe
SEENAA ABUU BAKRI SIDDIIQ

Kutaa 1ffaa

“Namni tokkollee tola nuuf hin oolle. Kan tola nuuf ooleefis, Harka isaa kan nuti hin deebi’iniif hin jiru, Abbaa Bakrii malee! Abbaan Bakrii galata inni nu biraa qabu, Rabbitu nurraa galcha Guyyaa Qiyaamaa. Waa na hin fayyadne qabeenyi tokkolle akka qabeenyi Abbaa Bakrii na fayyadetti’. “Osoo jaalalle godhachuun ka naaf hayyamamuutii Abbaa Bakrii jaalallee godhadha.” jedhan Rasuulli ﷺ

Abbaan Bakrii nama sadrkaan isaa Rabbii fi Muslimtoota birattis ol fuudhame dha. Sababaa waan Nabi Rabbiiti ﷺ tumsef guyyaa namni isa xiqqeesse, Nama isa dhugoomse Nabi Rabbii, guyyaa namni isa kijibsiisee, Nama Rabbitti amane guyyaa namni itti kafare. Innii irra caalaa Sahaabaati. Wal dhabbii
tokkoon maletti.

Aduun waa hin baane, Waallee hin dhiine, Erga Ambiyootaa fi Rusultootaati. Nama Abbaa Bakrii irra gaarii taherratti jedhama.

Inni warra dura amaneeti dhiirarraa, Nama iimaanni isaa iimaana ummata Muhammadiin ﷺ madaalamee caalee argameedha. Inni nama Rabbi sodaataa fii saalfataa tahe.

Dukkana wallaalaatiifi miidhaa irraa, nama uumaan isaa qulqulluu ta’e. Inni Lubbuu isaatii fi Diinagdeen, Tajaajilaa fi Arjoomaa diin islaamaatii fi ummata Islaamaati. Nama
Nabiyyiin ﷺ isa filate akka saahiba isaa tahuuf, guyyaa Makka irra gara Madiinaa godaanan.

Erga Nabi Muhammad ﷺ du’anii booda Araboonni hedduun diin islaamaa keessaa bahan, Gandoota akka Xaa’if, Makkaa fi Madiinaa malee. Yeroo sanis Abbaa Bakriittu islaamummatti deebise. Yeroo duraatiif Sahaabaa qur’aana walitti qabeedha,
Diinagdeetti dantaa dhabaa fi Rabbiin kan hedduu Gabbaruu, sodaatu, kan heedduu of gadi qabuu fi waraanaaf hedduu duuleedha.

Koottaa! seenaa sahabticha kanaatti hidhanne bultii keenya itti fakkeeffanne miidhagfanna. Lubbuu keenya iimaanaan kunuunfanne aakiraalle jannataan badhaafamnnee, sahaabotaan olloomnaa.

Kutaa 2ffaan itti fufa... insha'allaah

Hiriyoota keessaniif Dabarsaa
Forward godhaa maatii chaanaalii keenyaa tahaan affeerraa keenya.

Join gochuun guutuu isaa hordofaa.

Join 👇👇👇👇👇👇👇
@amirtemam1
@Keyralumma
@abu_abdalah1
@hafiz_jihad
@abu_aliy_jj
@Ibnutemiya6

https://www.tg-me.com/amirtemam1
https://www.tg-me.com/amirtemam1
https://www.tg-me.com/amirtemam1
By @Ibnu_haj

Kurnan Boodaa Kan Rasuulli(saw). Itti

Marxoo jabeeffatu.

Maatii isaa Dammaqfatu ibaadatti.

**Halkan isaa ibaadaan jiraachisu.

Gahuutti jira atiiis qophaa'i jechuufi

@hafiz_jihad
Forwarded from 🔊KEYRAL-UMMA-TUBE (Hafiz Jihad)
Ergamaan Rabbii(s a w) akkana jedhaniiran:–
«Namni tokko maatii ofiitiif yaadee baasiin inni baasu akka sadaqaatti lakkaahamaaf.»
T.me/hafiz_jihad
@keyralumma
@Ibnutemiya6
የአላህ መልዕክተኛ(ሰዐወ) እንዲህ ብለዋል:–

«አንድ ሰው ለቤተሰቡ አስቦ የሚያወጣው ወጪ እንደ ሰደቃ ይቆጠርለታል።»
@hafiz_jihad @amirtemam1
@keyralumma @Abu_abdalah1
@Ibnutemiya6
Mee barruu kana sirriitti dubbisaa👇 hubannoon

- intalti dubraa takka abbaa isiitiin mobile bitachuu akka barbaaddu itti himte , abbaanis maallaqa kenneefii bitattee erga galtee abbaan akkana jechuun gaafate :

Abbaa : Erga mobile bitattee wanni ati dura goote maali ?
Intala : Eegumsa mobile kiyyaaf cover fi glass bitadhe
Abbaa : bareedaa goote garuu namni akka gootuuf si dirqe ni jiraa ?
Intala : lakkii baabaa fedhii tiyyaanin eegumsa mobile kiyyaaf jecha godhe .
Abbaa : bareedina mobile keetii si jalaan hirrisnee ?
Intala : yoo hirrises maal qaba wanni guddaan eegumsa isaati .

- Hoggaa kana abbaan intala isaa ifitti qabee akkana ja'een " yaa intala tiyya rabbiinis akkanumatti eegumsa keetiif jecha hijaaba dirqama sirratti godhe adawwiin islaamaa waan si miidhe sittin fakkeessin " ja'een .

Yaa obboleettii tiyya qaalii Hijaabni dubartii miidhuufi ja'anii olola oofan hin dhagahin isaanirra rabbii si uumeetu irra siif yaadaa .

Erga dubbistee booda Share godhuun dubartii islaamaa cufa/hunda biraan haa geenyu jzk
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
🎬 Dhandhamadhu mi'aa qura'aanaa 🌴
•┈┈┈•• ✾••┈┈┈••✾•◆❀◆•✾••
«Sodaa irraa, beela irraa xiqqoo isii, qabeenya keessanirraa, lubbuu irraa, samaraataa keessinirraa hir'isuudhaan dhugaa isin mokkorra» warra obsa qaban ammoo gammachiisi (jannataan).

―» Isaannan yeroo rakkoon isaan tuqe jedhan«innaa lillaahi wa innaa ileeyhi raaji'uun» hiikkaan, «nuti rabbiifi(gabroottan isaati), nutis gama isaa deebi'oodha(duunee gama isaa deebina, boodas ni kaafmna, ni hirreegamna, waan dalagneefis jazaa ni galfamna» isaan kanaatu obsa dhugaa qaba.

Rabbiin sodaa fii beela, qabeenya keenya hir'isuudhaan/balleessuudhaan, hiriyyaa, maatii fi nama jaalannu of biraa dhabuudhaan du'aanis ta'u shahiidummaan, bu'aalee qonnaa keenya nu jalaa hir'isuudhaan rabbiin nu qormaata, ammo warra waan kana hunda irratti obse jannata isaatiin gammachiisa.

🕘 0:47 💾 1.6 MB
♻️Dhaggeefadhu jecha rabbii, #share godhi qur'anni sadaqaa jaariyaadha lubbuma ofiitiif.
Ibn Temam Official

Sahaboota warra jannataan gammachiifaman keessaa Tokko Kan tahe
SEENAA ABUU BAKRI SIDDIIQ

Kutaa 1ffaa

“Namni tokkollee tola nuuf hin oolle. Kan tola nuuf ooleefis, Harka isaa kan nuti hin deebi’iniif hin jiru, Abbaa Bakrii malee! Abbaan Bakrii galata inni nu biraa qabu, Rabbitu nurraa galcha Guyyaa Qiyaamaa. Waa na hin fayyadne qabeenyi tokkolle akka qabeenyi Abbaa Bakrii na fayyadetti’. “Osoo jaalalle godhachuun ka naaf hayyamamuutii Abbaa Bakrii jaalallee godhadha.” jedhan Rasuulli ﷺ

Abbaan Bakrii nama sadrkaan isaa Rabbii fi Muslimtoota birattis ol fuudhame dha. Sababaa waan Nabi Rabbiiti ﷺ tumsef guyyaa namni isa xiqqeesse, Nama isa dhugoomse Nabi Rabbii, guyyaa namni isa kijibsiisee, Nama Rabbitti amane guyyaa namni itti kafare. Innii irra caalaa Sahaabaati. Wal dhabbii
tokkoon maletti.

Aduun waa hin baane, Waallee hin dhiine, Erga Ambiyootaa fi Rusultootaati. Nama Abbaa Bakrii irra gaarii taherratti jedhama.

Inni warra dura amaneeti dhiirarraa, Nama iimaanni isaa iimaana ummata Muhammadiin ﷺ madaalamee caalee argameedha. Inni nama Rabbi sodaataa fii saalfataa tahe.

Dukkana wallaalaatiifi miidhaa irraa, nama uumaan isaa qulqulluu ta’e. Inni Lubbuu isaatii fi Diinagdeen, Tajaajilaa fi Arjoomaa diin islaamaatii fi ummata Islaamaati. Nama
Nabiyyiin ﷺ isa filate akka saahiba isaa tahuuf, guyyaa Makka irra gara Madiinaa godaanan.

Erga Nabi Muhammad ﷺ du’anii booda Araboonni hedduun diin islaamaa keessaa bahan, Gandoota akka Xaa’if, Makkaa fi Madiinaa malee. Yeroo sanis Abbaa Bakriittu islaamummatti deebise. Yeroo duraatiif Sahaabaa qur’aana walitti qabeedha,
Diinagdeetti dantaa dhabaa fi Rabbiin kan hedduu Gabbaruu, sodaatu, kan heedduu of gadi qabuu fi waraanaaf hedduu duuleedha.

Koottaa! seenaa sahabticha kanaatti hidhanne bultii keenya itti fakkeeffanne miidhagfanna. Lubbuu keenya iimaanaan kunuunfanne aakiraalle jannataan badhaafamnnee, sahaabotaan olloomnaa.

Kutaa 2ffaan itti fufa... insha'allaah

Hiriyoota keessaniif Dabarsaa
Forward godhaa maatii chaanaalii keenyaa tahaan affeerraa keenya.

Join gochuun guutuu isaa hordofaa.

Join 👇👇👇👇👇👇👇
@amirtemam1
@Keyralumma
@abu_abdalah1
@hafiz_jihad
@abu_aliy_jj
@Ibnutemiya6

https://www.tg-me.com/amirtemam1
https://www.tg-me.com/amirtemam1
https://www.tg-me.com/amirtemam1
By @Ibnu_hajar

Faaydaa fi Mindaa Soomaa Ramadaanaa ilaali 👈

Namni hojii tokko yommuu hojjatu wantoonni isa kakaasanii fi dhiiban jiraachuu qabu. Keessattuu hojichi hojii nafsee irratti ulfaatu yoo ta’e, kaka’umsa cimaa barbaachisaa. Islaama keessatti wanti nama ajaa’ibu guddaan hojii tokkotti yommuu nama qajeelchu mindaa (ajrii) guddaan nama abdachiisa. Ammas hojii badaa irraa yommuu nama dhoowwu, adabbii badaan nama sodaachisa. Kuni hundi nafseen nama tuni akka qulqullooftu fi sadarkaa ol’aanaa irra geessu taasisa. Soomni hojiiwwan nafsee irratti ulfaatan keessaa tokko waan ta’eef, Islaamni faayidaa fii mindaa sooma irraa argamuun nama abdachiisun kaka’uumsa, injifannoo fi humna namaa dabala. Namoonni faayidaa fi mindaa soomaa yoo beekan kaayyoo soomaa galmaan gahu. Ta’uu baannaan, aadaa godhachuun faaydaa tokkollee osoo irraa hin argatin dabarsu. Qur’aana fi Hadiisa keessatti gabaabbinaanis ta’i dheerinaan faaydaalee fi mindaan soomaa dhufanii jiru. Yeroo darbe, aayah waa’ee soomaa dubbattu irratti xinxalline turre. Har’as itti fufuun hadiisota muraasa faayda fi mindaa soomaatiin wal qabatan ni ilaalla.

Hadiisa Abu Hureyran gabaase keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

قَالَ اللَّهُ كُلُّ عَمَلِ ابْنِ آدَمَ لَهُ إِلاَّ الصِّيَامَ، فَإِنَّهُ لِي، وَأَنَا أَجْزِي بِهِ‏.‏ وَالصِّيَامُ جُنَّةٌ، وَإِذَا كَانَ يَوْمُ صَوْمِ أَحَدِكُمْ، فَلاَ يَرْفُثْ وَلاَ يَصْخَبْ، فَإِنْ سَابَّهُ أَحَدٌ، أَوْ قَاتَلَهُ فَلْيَقُلْ إِنِّي امْرُؤٌ صَائِمٌ‏.‏ وَالَّذِي نَفْسُ مُحَمَّدٍ بِيَدِهِ لَخُلُوفُ فَمِ الصَّائِمِ أَطْيَبُ عِنْدَ اللَّهِ مِنْ رِيحِ الْمِسْكِ، لِلصَّائِمِ فَرْحَتَانِ يَفْرَحُهُمَا إِذَا أَفْطَرَ فَرِحَ، وَإِذَا لَقِيَ رَبَّهُ فَرِحَ بِصَوْمِهِ ‏”‌‏.‏

“Rabbiin ni jedhe: ‘Hojiin ilma Aadam hundi mataa isaatiif, sooma malee. Soomni Anaafi. Anatu isaan (soomaniif) mindaa kaffalaaf.’ Soomni [ibidda irraa yookiin badii hojjachuu irraa] gaachana yookiin eeggumsa. Isin keessaa guyyaa sooma isaa, namni tokko wanta fokkuu dubbachuu fi hojjachu hin qabu, iyyuu fi mormii baay’isuu hin qabu. Namni tokko yoo isa arrabse yookiin loleen, akkana haa jedhu ‘Ani nama soomu.’ Rabbii harka Isaa nafseen Muhammad jirtuun kakadhe! Fooliin badaan afaan nama soomuu keessaa bahu Rabbiin biratti foolii misk caalaa urgaa’adha. Nama soomuuf gammachuu lamatu jira. 1.Yeroo soomu hiiku ni gammada. 2.Yeroo Gooftaa isaa qunnamu sababa sooma isaatiin ni gammada.” (Sahiih Al-Bukhaari 1904 fi Muslim) 
Misk-jechuun wanta garmalee urgaa’udha.

Gabaasa biraa keessattis akkana jedha: 
“Rabbiin (Azza wa jalla) ni jedha: ‘Soomni Anaafi. Anatu isaan mindaa kafalaaf. Sababa Kiyyaaf fedhii foonii, nyaata fi dhugaati dhiise.’ Soomni gaachana. Nama soomuf gammachuu lamatu jira. 1.Yeroo soomu hiiku ni gammada. 2.Yeroo Gooftaa isaa qunnamu sababa sooma isaatin ni gammada.” (Sahiih Al-Bukhaari 1904 fi Muslim) 
Misk-jechuu
Join 👇
@keyralumma
@hafiz_jihad @amirtemam1
@Ibnutemiya6 @Abu_abdalah1
SEENAA ABUU BAKRI SIDDIIQ

Ibn Temam

Kutaa 2ffaa

Abbaan Bakrii erga bara Arbaa (Aamul Fiil) booda wagga lamaa turee biyya Makkaa gosa Teymii jedhamtu keessatti dhalate. Nama haala gaarii irratti guddifameedha. Ijoollummaa isaa irraa kaasee nama dandeettii dubbisuu fi barreessuu qabu.

Zamana jaahiliyyaa keessa cubbuu (dilii) hedduu kessatti hin argamne, Farshoos hin dhuugne. Sababaa namticha farshoo dhugee machaahee, harka isaatiin taahe sagaraa isaa laaqu erga argee laguu ofirratti godhe. Taabotaafis sujuudee (sagadee) hin beeku.


Yeroo tokko erga inni guddatee, booda Abbaan isaa Abu Quhaafaan fuudhee gama siidaan (taabonni) jirutti geessenii, siidaan kun gabbaramtuu keeti gabbari jedheenii, biraa gara
dhufetti deebi’e. Abbaan Bakri immo gabbaramtuu ykn siidaa san itti dhihaatee, “Ani Beelawaadha na nyaachisi, Dheebotaadha na obaasi, an daarawaadha na uffisi.” jedheen. Gabaramtuunis ykn siidaanis dandeetti takkayyu akka hin qabne bare. Waa takka isiin jalaa dubbachuu ykn homaa akka gochuu hin dandeenne sirritti beekee jennaan yeroma san dhakaa itti darbatee caccabsee biraa deeme.

Abbaan Bakrii gosa Teymii tan laaftuu lakkoofsi isaanii xiqoo tahe irraa waan
dhalateef, taaytaan wahiituu isaaf hin kennamne. Qabeenya xiqoo qabuun daldala eegalee, qabeenya gudda horate. Warroota dureeyyi keessatti lakkaawame. Tola oliinsa Rabbiitii fi akkasuma Amanamaa tahuu fi dhugaa dubbachuu isaatiin abbaa qabeenyaa beekkamaa tahe.

Qabeenya isaatiin warroota harka qalleyyii fi yatiima (warroota maatiin isaanii irraa du’an) fi namoota miidhaman gama qabeenyaa, humnaa fi yaadaatiinis bira dhaabbataa ture. Toliinsa isaa irraa jaalalli ummataa guyyaa irraa gar guyyaatti dabalaa dhufe. Erga Nabi Muhammadi Hamma irra jaalatamaa ummata Qureeyshii tahutti.

Nabi Muhammad ﷺ osoo hin ergamin duras Abbaan Bakrii fi Nabi Muhammad ﷺ
jaalala jabaa waliif qabaachaa turan Haala jarri lamaan itti wal fakkaatanin keessaa; Dhugaa
dubbachuu, Amaanaa namaa tiiksuu, Dalagaa gaggaarii dalaguu, Namaaf quuqamuu, Rakkoo namaatif dhiphachuu fa’a.

Nabi Muhammad ﷺ erga islamummatti haadha mu’mintootaa Kadiija intala Kuweylid yaamee, islamooftee, booda Abbaa Bakriis akkuma Rasuullii gara islamummatti yaameen islaamaye.

Erga diin islaamaa qabatee booda, Abbaan Bakrii gara amantaa islaamaatti nama hedduu yaamuu eegale. Namoota hedduttu yaaminsa Abbaa Bakriitin gara islaamummaa dhufe.
Keessayyuu; Warroonni kurnan jannataan gammachiifaman keessaa, jaha harka isaa irratti amanan.
Guyyaa Qiyaamaa Abbaan Bakrii hojii toltuu isaatii fi mindaa jara islaamsisuun argatellee qabatee dhufa.

Kutaan 3ffaan Itti fufa.....
Insha'allaah

◇◇◇|||◇◇◇|||◇◇◇|||◇◇◇||◇◇◇

Koottaa! seenaa sahabticha kanaatti hidhanne bultii keenya itti fakkeeffanne miidhagfanna. Lubbuu keenya iimaanaan kunuunfanne aakiraalle jannataan badhaafamnnee, sahaabotaan olloomnaa.

Hiriyoota keessaniif Dabarsaa
Forward godhaa maatii chaanaalii keenyaa tahaan affeerraa keenya.
Join gochuun guutuu isaa hordofaa

Join 👇👇👇👇👇👇👇
@amirtemam1
@Keyralumma
@abu_abdalah1
@hafiz_jihad
TOOHIDA KUTAA 1️⃣3️⃣FFAA
                 By
   Ibnu_surur
DURA KUTAA 1️⃣2️⃣FFAA DUBBISUU KEE HUBADHU

BADII (MIIDHAAWWANII) FI ADABBII SHIRKIIN FIDU

1️⃣. Nama osoo hin tawbatin du’e Rabbiin hin araaramuuf: Rabbiin Qur’aana keessatti akkana jedha Dhugaatti Allaah badii isaatti qindeessuu (shirkeessuu) gonkumaa dhiifama hin godhu, kana irraa kan hafe badii kamiiniyyuu nama fedheef ni dhiisa” (Suuratu Nnisaa’:116)

2️⃣. Islaamummaa keessaa nama baasa, dhiiga fi horii isaa hallalcha: Rabbiin Qur’aana keessatti akkana jedha: “Yeroo ji’oonni kabajamoon dabran mushrikoota bakka argitanitti ajjeesaa; isaan booji’as; isaan marsaas;” Suuratu At-Tawbaa 5

3️⃣. Rabbiin dalagaa (Ibaadaa) nama isatti waa qindeessu irraa hin fuudhu Dalagaan Nama tokkoo shirkii yoo of keessaa qabaate rabbii ol tahe biratti fudhatama tokkollee hin qabu, wanti inni dur dalages jalaa bada. Daaraa bubbeen fuute jalaa taya. Rabbiin akkana jedha: “Nutis gara dalagaa isaan dalaganii feenee (dhufnee) dhukkee (daaraa) faca’aa isa goone ”Suuratul Furqaan 23 “(Yaa Muhammad) Sirratti buufameera; akkuma
warra siduraa irratti bu’etti; yoo waan biraa Rabbitti yagutoomsite, dhugumaanuu hojiin kee bu’a dhabeessa ammas warra hoongaye irraayis ni taata” (Suuraa Az-Zumar: 65)
Jannata seenun irratti haraama. Jahannam
keessatti abad tura. Namni shirkii qabu Nama karaa islaamummaa irraa baye jannata hin seensifamu ibidda keessa zalaalamii teessifama. Rabbiin akkana jedha:  “Dhugumatti namicha Allaahitti qindeessu Allaah dhugatti jannata isa irratti irmii(haraama) taasisee jira, itti galli isaas ibidda, ‘zaalimootaf’ (warra daba, miidhaa, badii, dalaganiifis, ykn miilteessitootaf Rabbi biratti) kan isaan gargaarus takkaa hin jiru. (Al-Maa’idah: 72). itti fufa ..............✍️Insha'allaah

Komii fi Yaada Qabdan 👇
@Ibnu_surur ✍️ kanaan nuun gahaa
             ┇┇ JOIN ┇┇
     --------> @abu_abdalah1 <--------

     -------->   @hafiz_jihad   <--------

     -------->  @ibnutemiya6   <--------

     -------->  @keyralumma   <--------
   
     -------->  @amirtemam1   <--------

-------->🔹️🔷️ ☝️ⓙⓞⓘⓝ👆 🔶️🔸️<--------
👉Yommuu Sodaa fi Rakkoon Cimu-Kutaa 6ffaa
By @Ibnu_hajar

Guduunfaa Duula Khandaq/Ahzaab
“Yaa warra amantan! Yeroo hoomaan (loltuun) waraanaa isinitti dhufee ergasii bubbee fi hoomaa [malaykotaa] isin hin argine isaanitti ergine, qananii Rabbii isin irra jiru yaadadhaa. Rabbiin wanta isin hojjattan Argaa ta’eera. Yeroo gara gubbaa keessanii fi gara-jallaa keessaniin isinitti dhufan, yeroo ijjis [sodaa irraa kan ka’e] dabde, qalbiinis kokkee geessee fi waa’ee Rabbii ilaalchisee yaada [adda addaa] yaaddan, [yaadadhaa].” Suuratu Al-Ahzaab 33:9-10

“Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa yeroo diinonni isaanii isaaniin loluuf walitti qabamanii fi shira isaan baasan san isaan irraa deebisuu fi moo’achuun qananii fi tola gabroota Isaa amanan irratti oole dubbata. Kuni bara Khandaqi. Kunis ji’a shawwaal keessa bara 5ffaadha. Sababni gareen gamtooman (Ahzaab) itti dhufaniif: gareen hoggantoota gosa yahuudaa Banii An-Nadiir jedhaman kan Ergamaan Rabbii (SAW) Madiinaa keessaa gara Khaybar baabse, walitti qabamuun gara Makkaa deeman. [Gareen hoggantoota Bani An-Nadiir] kunis Sallaam ibn Abi Al-Huqayq, Sallaam ibn Mishkam, Kinaanah ibn Ar-Rabii’i fi kanneen biroo of keessatti qabachuun gara Makkaa deemanii hoggantoota Qureeshotaatin wal gahan. Nabiyyi irratti lola akka banan kakaasan. Mataa ofii irraa gargaarsaa fi deeggarsa isaaniif (Qureeshotaaf) waadaa galan. Qureeshonnis kanaaf tole jechuun deebii deebisaniif. Ergasii [hoggantoonni Banii Nadiir] gara Ghaxafaan deemuun gara lolaatti waaman. Isaaniis (Ghaxafaan) deebii ni deebisaniif. Qureeshonni gosoota ishii garagaraa irraa dhiirotaa fi namoota isaan hordofan waliin ni baate. Hoogganaan isaanii Abu Sufiyaan Sahkru bin Harb ture. Ghaxafaan immoo Uyayna bin Hisn bin Badrin hoogganamte. Walitti qabaan isaanii gara kuma kudhanii ni gahu. Yommuu Ergamaan Rabbii (SAW) adeemsa isaanii dhagayu, naannawa Madiinaa gara bahaatti aanu booyi akka qotan Muslimoota ajaje. Kunis akeekkaa Salmaan Al-Faarisitini (radiyallahu anhu). Muslimoonni booyi kana qotu keessatti ni hojjattan, humna guddaa baasan. Ergamaan Rabbiis (SAW) isaan waliin hojjataa, biyyee kaasaa fi qotaa ture. Qonna isaa kana keessatti mallattoolee fi ragaaleen baay’een ifa ta’an argamanii jiru.
Mushrikoonni dhufanii baha Madiinaa Uhuditti dhiyaatu qubatan. Isaan irraa gareen biroo iddoo olka’aa Madiinaa irra qubatan. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe,
“Yeroo gara gubbaa keessanii fi gara-jallaa keessaniin isinitti dhufan”
Ergamaan Rabbii sallallahu aleyh wassallam sahaabota isaanii waliin ni bahan. Isaan lakkoofsan gara kuma sadii ni gahu, “Lakkoofsi isaanii dhibba torbas” jedhamee jira. Nabiyyii fi sahaabonni dugda isaanii gara [gaara] Sala’aa garagalchuun fuula isaanii immoo gara diinotatti garagalchan. Booyin qotame bishaan of keessaa hin qabu. Booyin kuni garee lamaan jidduu ta’uun warra faradoo fi lafoo deeman akka isaan (Muslimoota) hin geenye ni dhoowwa. Ijoollee fi dubartoonni iddoo eeggamaa Madiinaa keessa ta’an. Banii Qureyzaan gosa yahuudaa taate, mooraa cimaa kibba-bahaa Madinaatti qabuu turan. Nabiyyii (SAW) waliin walii galtee fi eeggumsa qabu turan. Isaan gara loltoota dhibba saddeeti ni ta’u. Gosa Bani An-Nadrii irraa Huyayy ibn Akhxab gara isaanii deemuun hanga wali galtee [Nabiyyii] diigaanii fi garee gamtoomanitti dabalamanitti isaan sossobee amansiise. Rakkoon ni guddate, dhimmi ni cime, haalli ni dhiphate
Isaan (Gareen gamtooman) Nabiyyii (SAW) fi sahaabota gara ji’a tokkoo ni ugguran (ni marsan). Garuu isaan bira hin gahan. Amr ibn Wudd Al-Aamiriyy fi dhiiroota isa waliin jiran gara Muslimootaatti qaxxaamuran malee lolli isaan jidduutti hin adeemsifamne. Ergamaan Rabbii (SAW) [Muslimoota irraa] loltuu faradoo gara isaatti [akka bahan] waaman. Ni jedhame, eenyullee isatti achi hin baane. Ergasii Aliyyiin ni ajaje. Innis itti bahe. Yeroo muraasaaf erga waliin qabsaa’anii booda Aliyyi Amrin ni ajjeese. Kunis mallattoo injifannoo ta’e. Continue ...

Join 👉 @hafiz_jihad @keyralumma
@Ibnutemiya6 @amirtemam1
@Abu_abdalah1
SEENAA ABUU BAKRI SIDDIIQ

Ibn Temam

Kutaa 3ffaa

@amirtemam1 @amirtemam1

Erga Abbaan Bakrii islaamawee booda, Qureeyshiin dararaa fi hammeenya cimaa dhandhamsiisaani turte. Guyyaa sahaabonni namni lakkoofsaan soddomii saddeet
kan gahan Nabi Muhammadiin ﷺ biratti walitti qabamanii Jennaan, Abbaan Bakrii Nabi Muhammadiin kaanee islaamummaa keenya kana fuuldura Qureeyshitti ifa haa goonu jedheen.

Nabi Muhammad ﷺ yaa Abbaa Bakrii
nuti lakkofsi keenya xiqqoodha jedhee dide. Abban Bakrii of duuba deebii didee, Rasuula ﷺ kadhaan garaa laafifatee, amansiisuudhan yeroma san Sahaabonni fi Nabi Muhammad ﷺ wal qabatanii gara ka’baa deeman. Erga ka’abaa gahanii booda Abbaan Bakrii gara waltajjiitti olbahee ummata naannoo sanii gara islaamummatti yaamuu eegale.

Mushriktoonis battalumatti sochii ummata muslimaa arginaan, Abbaa Bakrii fi muslimtoota reebuu eegalan. Reebicha guyyaa saniitiin akka carraa ta’ee Abbaan Bakrii
miidhamni guddoon isa qaqqabde. Keessattuu nama Utbaa binu Rabii’aa jedhamuun hamma fuulli isaa jijjiiramee wallaalamutti tumame.

Boodaarra warri gosa isaa dhufanii dararaa jalaa isa baraaranii gara mana isaa geessan. Yeroo kanatti Abbaan Bakrii du’aa fi jiruun isaa waan addaan hin baraminiif, warri isa fide gosti isaa gara Qureeyshii deemun Abbaan Bakrii yoo kan du’uu, nullee Utbaa Ilma Rabii’aa hin dhiifnu, Ni ajjeefna, Dhiiga keenya dhiigaan deebifanna jedhanii dhaaddatan.

Gara mana Abbaa Bakrii deebi’anii dubbisuuf yaalanuu, inni garuu gaggabbii irraa kan ka’e dubbachuu hindandeenye hanga galgalaatti. Waan Raajii namatti ta’u immoo akkuma if baree gaggabsuu isaa irraa dammaqee
haasawuu eegaleen, sagaleen jalaqaba afaan isaati baate, Haadha isaatin “Nabi Muhaammad ﷺ maal tahe kan.” jedhu ture. Haati isaas; “An hin beeku.” jetteenii deebisteef.

Abaan Bakarii garuu obsa dhabe. Hamma
Nabi Muhammad ﷺ maal akka ta’an barutti, nyaataa fii dhugaatii dhiisuu Rabbiif waadaa seene. Deemiiti Ummu Jamiilin Faaximaa intala Kaxxaab naaf gaafadhu jedheen.
Waan Rasuulli ta’e ﷺ Haati isaa tole jettee gara mana Faaximaa deemtee, “Abbaan Bakrii; Nabi Muhammed ﷺ maal tahe jedhee si gaafata.” jetteen.

Faaximaanis haati Abbaa Bakrii yeroo sanitti
islaama waan hin tahiniif basaasummaaf dhufte jettee isii waan shakkiteef, Nabi Muhammadii fi Abbaa Bakriitis eessaa fi maalitti akka jiran hin beeku jettee deebisteef.
“Garuu yoo ka si gammachiisu taate, si waliin deemee ilma kee gaafachuu danda’aa?.” jetteenii gaafii dhiheessiteef.

Hayyama haadha Abbaa Bakrii akkuma argatteen waliin gara mana Abbaa Bakrii deemte. Akkuma mana geessee Abbaa Bakrii argiteen, sagalee ol fuutee iyyaa “Rabbii
kiyyatti kakadhe! warroonni akkana sirratti dalagan kun kafirootaa fi warra karaa Rabbii irraa maqe. Aniin kun ni kajeela akka Rabbiin isaan irraa haloo (gadoo) siif bahu.” jetteen.

Innis ka isa dhibe: waa’ee isaa osoo hin taane
kan Nabi Muhammad ﷺ waan ta’eef, “Nabi Muhammad ﷺ maal ta’e?.” jedhee gafateen. Faaximaanis “Haati kee nu dhageessi Akkamitti sitti himuu danda’a.” jetteen. Abbaan Bakrii deebisuudhaan.” haadha kiyya irraa homaa hin sodaatin.” jedheen. Isiinis “Nabi Muhammad ﷺ nagaha qaba hin dhiphamin. Hamtuun isa hin
qunnamne.” jetteen.

Abbaan Bakrii deebisee essaa akka inni jiru gaafateen. Isiinis akka ganda Arqam binu abii
Arqam akka jiru itti himte.

Kutaa4ffaan Itti fufa.......

◇◇◇|||◇◇◇|||◇◇◇|||◇◇◇||◇◇◇

Koottaa! seenaa sahabticha kanaatti hidhanne bultii keenya itti fakkeeffanne miidhagfanna. Lubbuu keenya iimaanaan kunuunfanne aakiraalle jannataan badhaafamnnee, sahaabotaan olloomnaa.

Hiriyoota keessaniif Dabarsaa
Forward godhaa maatii chaanaalii keenyaa tahaan affeerraa keenya.
Join gochuun guutuu isaa hordofaa

Join 👇👇👇👇👇👇👇
@amirtemam1
@Keyralumma
@abu_abdalah1
@hafiz_jihad
@Ibnutemiya6
By Ibnu_hajar

Keyral umma

Umar yeroo hundumaa
Takkaan dhaabne hojiisaa
Kan dhabe gargaareeti
Miskiina saa Nyaachisaa

Kayiriitti Nama waamee
Badiirraa sodaachisaa
Argameen beeku jetta
Jagnummaan Akka isaa

Haqa biyyaa Eeggataa
Wolqixxummaa diriirsaa
Mirga uumamaa labsee
Gabrummaa dhabamsiisaa

Halkan Rafee hin beeku
Rakkataadhaaf cinqamaa
Manasaa dhiisee bahee
Ganda Yatiimaa deemaa

Nyaata duddatti baatee
Miskiinotaaf muddamaa
Lafti dhihuudhaaf kaanaan
Umartu Eeggatamaa

Ilma Namaarra darbuun
Beelladootaaf ergamaa
Sheexanninuu sodaasaaf
Karaa jijjiiree deemaa

Gooftaan Nuufa laaffisu
Nu hundaaf umarummaa
Miseensa hojii gaarii
Hordofaa keyral ummaa
Continue ...........
SEENAA ABUU BAKRI SIDDIIQ

Ibn Temam
Kutaa 4faa

Abbaan Bakrii akkuma Nabi Muhammadﷺ essaa akka jiru bareen, “hanga ijaan argutti nyaatas hin sooradhu, dhugaatis hin dhugu, ka’aati bakka inni jiruun na gaha.” jedheen. Hanga namni rafuu eeganii fuudhanii deemaniin.

Nabi muhaammadis Abbaa Bakriitif waan dhiphamaa turaniif, Akkuma isa argeen Nabi Muhammadﷺ itti maramee Abbaa Bakrii dhungate. Sahaabonnis dabaree dabareen ka’anii dhungataniin. Booda Abbaa Bakriitin ati Aabbaa fi Aayyoo kiyyaan furamaadha hin yaaddawin.

Ani homaa hin taane Waan kaafirtichi fuula na balleesse malee. Isiin kun immoo haadha kiyya kan ilma isiitif tola ooltuu kan taatee. Akka Rabbiin naaf qajeelchu du’aa’ii naaf godhiif, islaamummatti naaf yaami jedheen. Nabi Muhammadis du’aa’ii godheefii islaama taate.

Guyyaa tokko kaafirtichi maqaan isaa Uqbaa ilma Abbaa Mu’eeyxi kan jedhamu ka’abaa fuulduratti Rasuula ﷺ uffata isaatiin eega hudhee booda abbaan bakrii dhufee.

“Sila ni ajjeftani? gurbaa Rabbiin kiyya Allah jechuudhaaf dhugumatti haala isinitti dhufee jiruun, ragoowaniin Rabbii keessan biraa!.” jedhaa irraa baase (suuraa gaafir)

Bilaal Ilma Rabaha kan bilimsoomse abbaa bakriiti.

Abbaan Bakrii osoo karaa deemaa jiruu, Gabricha sanyii gurraachaa kan ta’e Bilaalii ilma Rabaaha kan kaafirtichi Umayyaa ilma Kalaf ta’e reebicha gara jabeenyaatin ho’a Makkaa keessatti adabaa jiruu arge. Lubbuun isaa dararaa irraa kan ka’e bahuuf dhihaattus inni “Ahadun Ahadd.” jechuu irraa haara
hingalfanne. ‘Sila Rabbii kee hin sodaattuu, Rahmata isaa hin gootuu?.” jedheen Abbaan Bakrii.


Yeroo kana Umayyaan ilmi Kalafis; “situu na jalaa balleesse. Yoo kan dandeessu taate mee dararaa kana jalaa isa baasi.” jedheeni itti dhaadate. Abbaan Bakriitis dararaan kun diin Rabbii irraa isa kafarsiisa jedhee takkaa immoo ni ajjeesa jedhee, Ziqayyaa; albuuda Ziqiyaa irraa taate (qarshii yeroo san Makka keessatti tajajiltu) isii torbaa kafaluun bitate. Abbaan Bakrii kan isa biteef deebisee gabroomfachuuf osoo hin taane, Bilisoomee akka dhiibbaa
tokko malee jiraatufi.

Booda Umar waa’een Abbaa Bakrii yoo biratti kaafamu, “Inni caalaa keenya! akkasuma caalaa keenya kan ta’e, Bilaal ilma Rabaaha nuuf bilisoomse.” jedhaan. Ummanni munaafiqtootaa Abbaan Bakrii wanti Bilaaliin
bilisoomseef, waan inni galata biraa qabuufi malee Rabbiif jecha isa hin bilisoomsine jedhan.

Achumaan Rabbiin jecha munaafiqootaa kan kijibsiiftu ayaata qur’aanaa suuraa laylii keessatti buuse.

“Namni Rabbiin sodaatu immoo ishee irraa fageeffamuuf jira. Kan qabeenya isaa qulqulleeffachuuf kennu. Haala isa bira nama tokkoof galanni galfamu hin jirreen (kan
kennatu). Fuula Gooftaa isaa ol aanaa ta’e barbaachaaf malee (hin kennu).” Jedhee isaan sobsiise.

Kutaan 5ffaan itti fufa insha allaah...


◇◇◇|||◇◇◇|||◇◇◇|||◇◇◇||◇◇◇

Koottaa! seenaa sahabticha kanaatti hidhanne bultii keenya itti fakkeeffanne miidhagfanna. Lubbuu keenya iimaanaan kunuunfanne aakiraalle jannataan badhaafamnnee, sahaabotaan olloomnaa.

Hiriyoota keessaniif Dabarsaa
Forward godhaa maatii chaanaalii keenyaa tahaan affeerraa keenya.
Join gochuun guutuu isaa hordofaa

Join 👇👇👇👇👇👇👇
@amirtemam1
@Keyralumma
@abu_abdalah1
@hafiz_jihad
@Ibnutemiya6
SEENAA ABUU BAKRI SIDDIIQ
Ibn temam
Kutaa 5ffaa

Nabi Muhaammad ﷺ dararaan isaafi
sahaabaatti, guyyaa guyyatti hammaataa deemaa jiraachuu argee jennaan, Sahaabota godaansaaf ykn kool galtummaaf gara biyya
mootii Habashaa kan mirgi namaa akkaan biratti eegamaa taahetti akka godaanan hayyameef.

Abbaan Bakriis godaansaaf
ka’ee yeroo inni barkal gimaad jedhamu gahe, Namticha maqaan isaa ibni Diginnaa kan jedhamu caalaa /sayyida/ gosa qaarraa kan tahe fuulatti dhufee, gara Abbaan Bakrii
deemutti jiru isa gaafate. Innis “warra biyya Makkaatu akka an Rabbii kiyya gabbaru na dhoorga. Kanaaf gara Rabbii kiyya itti bilisaan gabbaruu danda’utti deemaa jira.” jedheen.

Ilmi Diginnaatis haala isaa kan gaarummaa, amanamummaa fi haqa namaa eeguu isaa waan beekuf, “namni akka keetii kun biyyarraa baqachuun isaan hin maltu. Ati nama nama
ofitti qabu, nama nama kabaju, kan aanaa maxxanfatu, kan miskiina gargaaru, kan keessummaa kabaju. Kanaafuu an nagaa si gochuu fedha. Tika kiyya keessatti jiraadhu.”
jedhee fuudheeni gara ummata gosa qureeyshii geesseenii lallabee;

“an Abbaa Bakrii tika kiyya keessatti nagaha
godheeniin jira. Isinis nagaha isaa godhaa.” jedheen. Ummanni qureeyshis; “eega jette haa ta’u. Garuu Rabbii isaa yeroo gabbaru mana isaa keessatti haa gabbaru. Akka ilmaan keenyaa fi dubartoonni keenya yeroo inni gooftaa isaa gabbaru arganii nurraa islaama hin taaneef jecha.” jedhaniin.

Ilmi Diginnaatis dhaamsa qureeyshii fuudhee Abbaa Bakriitin geenyaan, Abbaan Bakriis dhaamsa tole jedhee irraa fudhate.
Yeroo gabaabaa booda garuu masjiida ijaaree itti salaatuu fi qur’aana ol kaasee qara’uu eegale. Yeroo qur’aana qara’u waan booyuuf jecha dubartii fi ijoolleen laaluu eegalan.

Halli kun garuu ummata qureeyshii waan rifachiiseef battalumatti ilma Diginnaatiin, “Abbaan Bakrii haala inni tika kee jala jiruun tuquu hin jaalannu. Kabajaa keetif jennee, garuu ijoollee keenyaafii dubartoota keenyarratti waan nu sodaachiseef; jecha gara mana isaatti akka deebi’ee, Rabbii isaa gabbaru nurraa taasisi.” jedhaniin.

Ilmi Diginnaatis Abbaa Bakrii bira deemee, “ati waan irratti walii galle ni beekta. Kanaaf mana keetitti deebitee Rabbii kee gabbaruu ykn immoo tika kiyya jalaa bahuu keessaa tokko filadhu. Haala tika kiya jala jirtuun namni si miidhee, akka Arabni saniin maqaa kiyya balleessitu hin fedhu.” jedheen.

Abbaan Bakriis “ani Rabbii kiyya
dhoksaan gabbaruu hin fedhu. Ifa baasee ykn dirree baasee gabbara. Kanaaf ati tikummaa kee narraa kaafadhu ykn fudhadhu. An tika Rabbii fedhaa.” jedhee deebiseef.

Siddiqi Maalif jedhame ?

Ummanni Makkaa dubbii nabi Muhammad ﷺ kan Israa’ii fi Mi’iraaj imala halkan tokko keessatti Makkaa irraa gara beytal Maqdasi fi beytal Maqdas irraa immoo gara samii taasifamte dhagahanii, dubbiin machaahanii Makkaan waliin gahan. Ummanni Qureeyshii akkuma dhagahaniin oduu sobaati jedhanii Nabi Muhamadiin ﷺ biratti walitti qabamanii, waan imala sanii irraa dhugaaf soba isii
beekuuf gaafii egalan. Hammamuu imala isaa irratti waan isa adeemsa keessatti innillee inumaayyuu himeef waan arge garuu isaan hin dhugoomsine Ummanni qureeyshii gara Abbaa Bakrii deemanii dubbii saahiba keetii kana ni amanttaa? jedhanii gafatan.

Abbaan Bakriitis beeksisa ykn wahyii samii irraa itti buutee ni amanee, akkamitti imala Israa’ifi Mi’raaj hindhugoomsine?
jedhee deebiseef.
Rasuulli ﷺ akka ummanni Makkaa hin amanin hubatanii Jibriiliin ummanni kiyya nan dhugoomsine jedheen. Jibriilis Abaa Bakriitu sidhugoomsa jedheen inni Siddiiqi. Siddiiqi
jechuun dhugoomsaa jechuudha.

Kutaa 6ffaan itti fufa... insha allaah

◇◇◇|||◇◇◇|||◇◇◇|||◇◇◇||◇◇◇

Koottaa! seenaa sahabticha kanaatti hidhanne bultii keenya itti fakkeeffanne miidhagfanna. Lubbuu keenya iimaanaan kunuunfanne aakiraalle jannataan badhaafamnnee, sahaabotaan olloomnaa.

Hiriyoota keessaniif Dabarsaa
Forward godhaa maatii chaanaalii keenyaa tahaan affeerraa keenya.
Join gochuun guutuu isaa hordofaa

Join 👇👇👇👇👇👇👇
@amirtemam1
@Keyralumma
@abu_abdalah1
@hafiz_jihad
@Ibnutemiya6
Yommuu Sodaa fii Rakkoon cimu-kutaa 6ffaa. 👉By @Ibnu_hajar

dukkaanas ta’ee wanti biraa isaaniif hin hafne. (Bubbeen dukkaana isaanii buqqiste darbiti.) Ibidda bobeefachu hin dandeenye, homaas hojjachuu hin dandeenye. Kanaafu, gareen gamtooman (Ahzaab) kunniin kasaaranii achi deeman. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe:
“Yaa warra amantan! Yeroo hoomaan (loltuun) waraanaa isinitti dhufee ergasii bubbee fi hoomaa [malaykotaa] isin hin argine isaanitti ergine, qananii Rabbii isin irra jiru yaadadhaa.”
Mujaahid ni jedha: Suni bubbee bahaa turte.” Yaanni kuni hadiisa biraatin ni deeggarama: “Bubbee bahaatin injifannoon naaf kenname, ummanni Aad bubbee dhiyaatiin badan.” Sahiih Al-Bukhaari-4105
“hoomaa isin hin argine” kuni malaykota agarsiisa. Malaykonni isaan (garee gamtooman) ni sochoosan, qalbii isaanitti sodaa darban. Hogganaan gosa hundaa akkana jechaa ture: “Yaa ilmaan ebaluu ebaluu gara kootti.” Isaanis isa biratti walitti qabaman. Sodaa Rabbiin qalbii isaanitti darbe irraa kan ka’e innis ni jedha: “Of haa baraarru, of haa bararru!”
Sahiih Muslim akka gabaasetti, Ibraahim At-Taymiyy akka gabaasetti, abbaan isaa ni jedha: Nuti Huzeyfaa ibn Yamaan (radiyallahu anhu) bira turre. Namtichi tokko akkana isaan jedhe: Osoo Ergamaa Rabbii (SAW) waliin wal qunname silaa isa waliin nan lolaa ture, qabsoo ol’aanaa qabsaa’a ture. Huzeeyfaanis ni jedheen, “Dhugumatti ati kana ni hojjattaa? Yeroo duula Ahzaab halkan garmalee qorraa fi bubbee Ergamaa Rabbii (SAW) waliin ture. Ergamaan Rabbii (Sallallahu Aleyh Wassallam) ni jedhan: “Sila namtichi oduu namootaa naaf fidee Guyyaa Qiyaamaa na waliin ta’u jiraa?”

Nu keessaa eenyullee deebii hin deebisneef. Yeroo lammafaa fi sadaffaaf irra deddeebi’e. Ergasii Nabiyyiin (SAW) ni jedhe: Yaa Huzeyfaa! Ka’ii oduu namootaa nuuf fidi.”
Yommuu maqaa kiyyaan na waamu, dhaabbachuu malee filannoo biraa hin qabu. Ni jedhe, “Oduu namootaa naaf fidi. Garuu isaan natti hin dammaqsin.” Kanaafu, anis hanga isaan bira gahuu akka waan handarii keessa deemuu gara fuunduraatti deemu itti fufe. Yommuu achi gahu, Abu Sufiyaan ibiddaan dugda ofii hoo’isa. Xiyya kiyya isatti darbuu barbaade. Ergasii jecha Ergamaa Rabbii (SAW) “Isaan natti hin dammaqsin” jedhu nan yaadadhe. Osoo isatti xiyya darbadhee, silaa nan rukutaa ture. Ergasii akka waan handarii keessa deemu gara duubaatti deebi’e. Ergamaa Rabbiitis(SAW) nan dhufe. Erga deebi’ee booda garmalee qorradhe. Ergamaa Rabbiittis nan beeksise. Shaarbi (uffata) ittiin salaataa ture irraa kan hafe natti uwwise. Hanga subiitti nan rafe. Yommuu bariisifadhu, Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan: “Yaa nama baay’isee rafu, ka’i.” Sahiih Muslim 1788
Jechi Rabbii olta’aa: “Yeroo gara gubbaa keessanii fi gara-jallaa keessaniin isinitti dhufan.”
“Gara gubbaa keessanii” kunniin garee gamtoomaniidha (ahzaaba). Huzeeyfa irraa akka gabaafametti, “gara-jallaa keessanii”, isaan kunniin Bani Qureyzaa dha.[1]
“yeroo ijjis [sodaa irraa kan ka’e] dabde, qalbiinis kokkee geessee”

Sodaan garmalee cimuu irraa kan ka’e, ijji isaanii wanta hunda irraa gara diina isaan marseetti dabde. Diina kana ilaalu malee wanta biraa ni dagatte. Mufassiroonni gariin ni jedhu, hiikni “zaaghatil Absaaru”, ijji teessuma ishii irraa dabde, kana jechuun ciminna sodaa irraa kan ka’e bobaaste.

Sodaa irraa kan ka’e namni wanta fuundura isaatti eeguu fi sodaatu ilaalu malee homaa kan hin ilaalle ta’e. Kuni uumama namaa keessatti wanta mul’atuudha. Namni yommuu sodaatu, ijji isa gara kamittu ni garagalti, wanta gara kanaattis, gara dhuma isaattis. Tasa balaan isatti bu’uu sodaachu irraa kan ka’e ijji ni bobaasti.
“qalbiinis kokkee geesse.” Sodaa fi naasu irraa kan ka’e qalbiinis kokkee geesse. Kuni ciminna sodaa agarsiisa. Garmalee sodaachu fi dhiphachuu irraa kan ka’e qalbiin akka waan isaa keessaa bahu hedduu taate. Namni garmalee yommuu sodaatu, qalbiin isaa akka duraani hin hargantu, hin dhikkistu.[2] ..... join. 👉 @hafiz_jihad
@Ibnutemiya6
Join 👉 @keyralumma
@Amirtema
@Abu_abdalah1
UUMAMA NAFSEE, QALBIIFI MIIRA KEESSA KAAYAME
                        BY
        Muaz yakub

     Kutaa 3ffaa fi isa xumuraa
_Mu’minnis kaafirris, namni gaariinis badaanis yeroo rakkoo hundii isaaniitu gara Rabbii dheessu. Garuu yeroo toltu, kan Rabbitti amanuu fi Isaaf of gadi qabu mu’imina (nama amane) dha. 

_Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoonni gara uumama qulqulluutti (fixraatti) akka deebi’aniif balaa fi rakkoo adda addaa isaanitti buusa. Ni jedha: “Dhugumatti [Ergamtoota] gara ummattoota siin duraatti erginee jirra. Akka isaan gadi of qabaniif hiyyummaa fi dhukkubaan isaan qabne jirra.” (Suura Al-An’aam 6:42)

Gara Gooftaa isaanii deebi’uun akka Isaaf of gadi qabanii fi ajajaman, hiyyummaa, dhukkubaa fi balaa adda addaatin Rabbiin isaan qabe. Yoo gara Isaatti deebi'anii araarama kadhatan gammachuu fi tasgabbii argatu.

Guduunfaa

➦ Rabbitti amanuun, Isaaf of gadi qabuun, ajajamuu fi gara Isaatti deebi'uun uumama qulqulluu (fixrah) namni hunduu irratti uumameedha.
➦ Garuu uumamni qulqulluun kuni fedhii lubbuu, badii, gaflaa fi wantoota garagaraatin ni haguuggama.
➦ Rakkoon, sodaan cimaa fi dhiphinni huguuggi kana ni saaqu (ni kaasu). Namoonni hunduu yeroo rakkoo fi sodaa cimaa gara Rabbii dheessu.
➦ Rabbiin subhaanahu wa ta’aala Isatti amanuu fi Isaaf ajajamuu keessa tasgabbii godhee jira. Jeeqamuu fi dhiphachuu immoo Isatti amanuu diduu fi Isaaf ajajamuu irraa of tuulu, keessi isaa ni jeeqama. Dhiphinni fi sodaan isa marsa.

👌Barumsa dabalataatiif channel kana JOIN godhaa nu hordofaa.👇

      --------> @abu_abdalah1 <--------
     
      -------->   @Keyralumma  <--------

     -------->  @ibnutemiya6   <--------

     -------->  @hafiz_jihad      <--------
   
     -------->  @amirtemam1   <--------

-------->🔹️🔷️ ☝️ⓙⓞⓘⓝ👆 🔶️🔸️<--------
Guyyoonni kurnan maayii/boodaa Ramadaanaa galgala harraa jalqaba
★★★★★★★★★★★★★★★★
A'ishaa(r a) irraa akka dabarfameetti:- Nabiyyiin(s a w) guyyoonni kurnan boodaa Ramadaanaa wagga jalqabu marxoo/mudhii isaanii jabeeffachuun, halkan ammoo "ibaadaa" dhaan jireessan. maatiwwan isaaniitis ibaadaa dhaaf hirribaa kaasan bukhaariitu gabaase

Sababa dhukkuba koronaatin tahaajjudaa fi i'itikaafni waan hin jirreef kaka'uumsa dhabuun guyyoota caalaa ta'an kanniin osoo sirnaan hinfayyadamiin akka dabran godhuun boor akhiraarratti gabroonni Rabbii cicciimoo ta'an galata(mindaa) hojii isaanii yeroo argatan nu ammoo akka gaabbinu taana! Kanaafuu kun akka hintaanef of dammaqsuun, namni martuu ofumaaf akka dalagu beekuun haga lubbuun isaa jiirtu hojii kheeyrii ta'ee irraa wanni tokko akka isa duubatti hin haanbisnee amanuun haga Rabbiin isa dandeessise dalagee khaatimaa/xumura tolfachuu dhaafi kheeyrii Ramadaana keessa jiru maraa argachuu dhaaf kutannoon hojjachuun barbaachisaa dha!

Halkan guutuu-haga suhuurri gahu namni danda'e salaata qofaan dabarsuu kakana hindandeenne ammoo halkan qoqqooduun zikrii, du'aayii fi istigfaara akkasumas “haga dandeennuun” salaata sunnaa Raka'a 2/2 dhedheeraa ta'an salaatuu dhaan dabarsuu qaban.

Guyyoota kurnan (halkan isaani) guutuu Laylatul-Qadii yaaduun ibaadaa dhaan namni dabarsee shakki tokko malee fedhii Rabbii tin Laylatul-Qadriin ni argata.
👉 Share gochuu indagatinaa
2024/09/30 11:42:21
Back to Top
HTML Embed Code: