Telegram Web Link
😢Seenaa Dhugaa😔

Gaazexeeysaan lammii Afrikaa kibbaa keeven kaarteer jedhamu. Beela guddaa bara 1993(ALA)sudaan kibbaa mudate dawwaachuuf jiila mootummaatii wajjiin achitti ergame. Guyyaa keeysaa guyyaa tokko suuraa olii tana kaase. Mucaa mataa isaa beelaaf jacha ba'achuu dadhabee kufeefi gobocor hanga mucaan du'u eegee isa nyaachuuf taa'aa jiru. Mucaa laaffatee jira gargarsa nyaataa argachuu yoo baate ni du'a. Lafee isaarra foon dhumeeti jira. Umrii kophaa tahuu hin qabnetti kophummaa mudate. Suuraan kun kaafamee jioota muraasa booda Gazexaa Neewyork Taaymisitti gurguramee maxxanfame. Namoota baayyetti gurgurame. Gaazixeeysaan jalqaba suuraa tana kasee( keeven kaarteer) beekkamtii guddaa itti arkate badhaasa hedduus itti fudhate.

Guyyaa tokko ibsa inni gaazexaa sanirraa gaazixeeysootaaf kanna ture irratti gaafii inni hin eegin takkaa gaazixeeysaan tokko isa gaafate "Mucattiin hoo akkam taate lubbuu oolchitee jirtaa?"ja'een. Ni rifate qaamni isaa ni hurke deebisuuf jacha dhabe dhaabbachuuf humna dhabe akka malee rifaatuun isa weerare. Namichi jalqaba gaafii kasees "siin baanaa bar mucattii oolchitemoi suuraa qofa nuuf fiddee dhufte?"ja'ee lammata deebisee gaafate. Miira isaa too'achuu dadhabee saganticha addaan kutee bahe odoo gaafii san hin deebisin. Guyyaa sanirraa kaasee kophaa galuu eegale ija namaa baqachuu eegale. Waa'een mucaa xiqqoo inni du'aaf kannee dhufee mataa isa nyaachuu eegale.

Badhaasa guddaa san fudhatee guyyoota muraasa booda gara baadiyyaa itti dhalatee paarkimoor deeme dhalatee waggaa 33 tti if ajjeesee reefki isaa arkame. Yakkamaa if taasisee murtii du'aa ifirratti murteeyse. Mucaa du'aaf kanne san hordofee if ajjeesuu isaas yaadannoo xiqqoo takka guyyaa tokko dura firoota isaatiif kanne.

Yaadannoon saniis akkana jatti"Waaniin qabu irraa irrisee hin kannineef. If jiraachisuuf qofaan hojii koo hojjadhe. Mucattiin beelaa wajjiin odoo wal'aansoo wal qabaa jirtuu gobociran isii nyaatee quufe taha. Mucattiin hiraata gobociraa taatee an immoo beela isiitiin badhaafame taha. Kuniis daandii du'a mucaan imaltee akkaam imalu na dirqisiise. Firoota koo nagaatti! namni yeroo beela'uus yeroo rakkatuus dhaabbattanii hin laalinaa. Yoo argitanii waan kannitaniif dhabdan wahuma qabdanirraa irrisaa gargaaraa. Madaan sammuu dawaa hin qabu madaa sammuu irraa if oolchaa" jachuun guyyaa 1 dura barreeyseefii ture.
Seenaan kun seenaa dhugaati
#Barreeysan Eeybisaa baayyisaati.
Maal akka irraa baratte if gaafadhu🤔
😍Dhaamsi itti fufa...!
@gababo
◈Guyyaa tokko Rasuulli s.a.w
Qalbii jaalalaatiin
Bilaal ibnu Rabaahatti utuu inni hin argin Dudduubbee/boodaan dhufanii qabanii

"ani eenyunni"jedhaniin
Bilaalis "umari mitii?"
"lakki umar miti"
"Abu bakarikaa"
"Ammas dogongorteetta"
"Ahaa usmaanikaa"
"Nan barre" jedhaniin
"Bareera Aliyyiidha mitii?"....Akkana jedhaa Bilaalis Nama isa qabe sana gaggaafataa ture
✦━━━━✦❘❘༻༺❘❘✦━━━━✦

◈Achi booda Rasuulli s.a.w gadi dhiisanii fuulduraan itti dhufanii
"Bilaal dhugumatti akka ana ta'e hin beekne turtee?" Jedhanii gaafatan
Bilaalis "Yaa ergamaa Rabbii akkanni isin ta'e bareecheen beeka garuu sa'atii dheeraa akka na'aammattanii ykn natti maramtanii turtan barbaadeeti malee"jedheen💖
✦━━━━✦❘❘༻༺❘❘✦━━━━✦

❤️FIDAAKA ABII WO'UMMII WODAMII WORUUHII YAA RASUULALLAAH❤️
✦━━━━✦❘❘༻༺❘❘✦━━━━✦

Miseensa Garee keenyaa taatanii barumsa guddaa akka asirraa argattan kabajaafi jaalalaan isin affeera barakallaahu fiikum

⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣
Forwarded from Al-risala-tube
irreecha.pdf
928.6 KB
📚¤ 𝐢𝐫𝐫𝐞𝐞𝐜𝐡𝐢 𝐦𝐮𝐬𝐥𝐢𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚𝐟 𝐚𝐲𝐲𝐚𝐚𝐧𝐚 𝐭𝐚𝐡𝐮𝐮 𝐧𝐢 𝐝𝐚𝐧𝐝𝐚'𝐚𝐚?
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
♻️ 𝐁𝐚𝐫𝐫𝐮𝐮 𝐤𝐚𝐧𝐚 𝐝𝐮𝐛𝐛𝐢𝐬𝐢 𝐬𝐡𝐚𝐫𝐞 𝐠𝐨𝐝𝐡𝐢, 𝐡𝐮𝐛𝐚𝐝𝐡𝐮 𝐡𝐮𝐛𝐚𝐜𝐡𝐢𝐢𝐬𝐢.....𝐠𝐚𝐡𝐞𝐞 𝐤𝐞𝐞 𝐛𝐚𝐡𝐚𝐝𝐡𝐮.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
𝐐𝐨𝐩𝐡𝐢𝐢𝐧 : 𝐔𝐫𝐣𝐢𝐢𝐀𝐡𝐦𝐚𝐝

🔗 𝐡𝐚𝐦𝐦𝐢 𝐌𝐛 1 𝐠𝐚𝐝𝐢.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
Forwarded from 𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر (Abul-mansuur Ebrahim Eda'o)
Kaayyoon keessan guddaan isa kana ta’uu qaba

Hasanaa(toltuu) namni tokko addunyaa tanarratti dalagee hin argisiisin dalagee argamuu.
Namoonni hedduun(hammi isaa hin beekamne)harka kiyyaatti Islaamummaa seenuu.
Dandeettii kiyya hunda Islaamummaa tajaajiluuf kennuu.
waan keeyrii tokko erga ani du'ee boodas ajriin isaa naaf yaa'u addunyaa tanarratti dhiisee deemuu.
manni kiyyaa fi maatiin kiyya kan namni qajeelluma keessatti fakkeenya isarraa fudhatu ta'uu.
Yeroo kiyya hunda xaa'aa fi wantoota keeyrii ta'an keessatti dabarsuu.
Kaayoon keessan maali
@tafak_or
@tafak_or
😭Guyyaa Qiyaamaa
@Gaaddisa_Dhugaa

Guyyaa Qiyaamaa Miizaanni kheeyrii teetii Akka Siif Ulfaatu Nibarbaaddaa ???.

Ok Yoo Kan Barbaaddu Tahe Risaalaa Gabaabduu Tana Dubbisii Erga Dubbiftee Booda Hiriyoota keetiif Share Godhi JZK..
Yoo Rissala tana shere hin gonee Risalaa tam shere gotaa lataa..?

Wantoota Kheeyrii tee Siduraa Balleeysan ykn Hir'isan...

1. Shirkii Hojjachuu Ykn Rabbii Tokkicha Cinaa Nama Biraa Qabuu dha.
2. Haa Naaf Arganiif kheyrii san Hojjachuu (riyaa'a).
3. Nama Hamachuu.
4. Harka , Arrabaa fi Waan Biraatiiniis Tahe Nama Miidhuu dha fi kkf.

Miizaanni kheeyrii Akka Siif Ulfaatuuf
- Laa Ilaaha Illallah Muhammadun Rasuulullah Jachuu Baay'isi

Rabbiin Akka Malaa'ikoota tti Siin Dhaadatuuf
- Erga Dilooytee Booda Dilii Sanirraa Towbadhu.

Rabbii Wajji Haasahuu Yoo Barbaaddee Quraana Dubbisi.

Hulaan Jannataa 8 ttan Akka Siif Banamtu Yoo Barbaadde Erga Salaataaf Wadda'attee Booda Jachoota Armaan Gadii kana Ja'i
- Ash-hadu An Laa Ilaaha Illallah wahdahuu Laa Shariika Lahuu Wa Ash-hadu Anna Muhammadan Abduhuu Warasuuluhuu..

Jannata keeysatti Ollaa Rasuulaa S.a.w Tahuuf
- Yataamaa Gargaari

Umriin Tee Dheeratuu Rizqiin Sitti Ballatuu Yoo Barbaadde
- Rahima kee Maxxanfadhu.

من أي ابواب الجنة تحب أن تدعى ؟
Hulaalee Jannataa Tam Irraa waamamuu Barbaadda ?

- Namni Salaanni Isa rraa Qeebalame Hulaa Jannataa rraa waamama.
- Namni Zakaan Isarraa Qeebalame Hulaa Zakkaa rraa.
- Warri Soomanaatiis Hulaa Rayyaan Ja'amtu rraa Waamama..
 Anaa fi Isiniis warra Hulaa Hunda rraa Waamamu Rabbi Nuhaa Godhu.

Yoo Risaalaa Tana Share Hin Goone Risaalaa Tam Share Goota Laata ?!

Toora Telegram Nuhordofuuf liinkii Arman gadii kana👇banaa join godhaa
www.tg-me.com/gababo
Forwarded from Faana beekumsaa (Kaayyoo Koo)
HUKMII(MURTII) IRREECHAA
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu, Kabajamtootaa fi jaalatamtoota obboloota koo!!!

Mee harra mata duree IRREECHA jettu tana gad fageenyaan haa ilaalluu!!

Ummanni Oromoo ummata seenaa fi aadaa dansaa qabu akkasumas amantiilee garagaraà hordofudha. Amantiilee kanneen keessaas ayyaanota garagaraatu jira. Akkuma muslimoonni Iidal_fixrii fi iidal_adhaa kabajnu, kiristaanonnis Qillee_cuuphaa_fannoo_fi kkfn kabaju. Warri waaqeffattootaas akkasuma IRREECHAA fi ateetee faa kabajatu.

Namoonni tokko tokko garuu akka waan irreechi amantiin wal hin qabannee fakkeessuun namoota hubannoo hin qabne gowwomsu. Warri biraan immoo irreechi ayyaana waaqeeffattootaa ta'uu beekanis garuu dhimma siyaasa ummata Oromoo kana bu'ura godhachuun , IRREECHA kan dhaqnuuf ayyaanicha kabajuuf otoo hin taane sagalee dhageessifachuu fi aadaa saba kanaa muldhifachuufi jedhanii dubbii tana xiqqeessanii bira darbuu yaalu.

OBBOLOOTA KOO
👇🏻👇🏼👇🏽👇🏾👇🏿
Dhugaa dubbachuuf ayyaana IRREECHAA irratti ummanni Oromoo kallattii mararraa waan burqanii dhufaniif , sabni kun gaddaa fi gammachuu qabu sagalee tokkoon dhageessifachuu danda'u ta'a. Kunis bu'aa siyaasaa buusu qabaachuu mala. Garuu nuti muslimoonni rakkoo keenya kan itti himannu #Rabbii tokkichatti fi akkaataa inni jaalatuun malee bakkaa fi akkaataa Rabbiin nurraa hin jaalanneen deemnee bilisummaan argannu bilisummaadha moo gabrummaadhaa!!!! . Kana isinumaaf dhiiseen irreechi shirkii ta'uu isaa fatwaa sheeka sheekkotaa sheek #Aadam_Tuulaa isin biraan gaha!!!

Abbaan Ulamaa'ii Muftii Sheikh Aadam Tuulaa dhimma IRREECHAA irratti maal jedhan??????

Irreechi Shirkiidhaa ??

Waggaa tokko dura Magaalaa Aawwadaay Masjiida guddaadhatti Sheekha sheekhoota hundaa Muftii Sheikh Aadam Tuulaatiif gaafii hedduutu dhiyaate. Gaafiilee isaaf dhiyaatte jidduu Irreechi qaphxii 1ffaarratti argama!

Gaafii 1ffaa, Irreechi Aada moo Amantii dha?
Gaafii tana Sheekhni kenya "Rabbiin sabaa fi gosa adda addaa godheetiin isin uume ja'a. Garuu irra caalaan namaa, nama Rabbi sodaatu" ja'ee deebiseef.

2ffaa, Namni Irreecha dhaqe Hukmiin isaa maali ??
Ja'amee gaafatamnaan: Muslimni osoo beekuu Irreecha dhaqe kafaree (amantiirraa bahee) jira, dafee Shahaadaa jachuu qaba ja'ee deebise!

3ffaa, Namni nama tokko gargaaree Irreechatti erge hoo ??
Jannaan: "Rabbiin hamtuurraa waldhoorkaa, gaariitti wal ajajaa ja'a. Kanaaf namni kun dilaawee jira. Dafee toowbachuu qaba" ja'een.

4ffaa, Sheekkan jaalala namaa barbaaduuf jacha "waa'ee Irreechaa" hin dubbanne yoo ??
Jannaan: "yaroof namni isa jaalatuus, booda Rabbiin nama hunda isa jibbisiisa" ja'ee deebiseef.

Dhumarratti Sheekhni kenya akkana ja'e:
"gargaarsa Rabbiitiin, gabrummaa duraan dhamdhamaa turrerraa bilisoomneerra. Garuu ammaas yoo waan Rabbiin hin jaalanne hojjanne, Rabbiin gabrummaa tan duraatirra hamtuutti nudeebisa. Rabbi sodaadhaa" ja'eeti dhaammate!!!

Ulamaa'iin tenya Rakkina Miidiyaatiif sagaleen isaanii dhagayamuu dhabde. Harra hukmiii kan nuuf kennu aktiivistoota fi weellistoota, akkasumas gaazexeessitoota ta'ee jira. Warri siyaasaa tapha siyaasa isaanii injifachuuf jecha guyyaa guyyaan ajandaa nuuf uumu. Kanaaf dhimma amantii keenyaa irratti fatwaa kan nuuf kennu #Ulamaaii teenya ta'uu qaba.
Ergaa kana obboloota keessaniif share godhaa Jzk!!!

T.me/gaaddisa_dhugaa
حَدَّثَنَا آدَمُ، قَالَ حَدَّثَنَا ابْنُ أَبِي ذِئْبٍ، عَنْ سَعِيدٍ الْمَقْبُرِيِّ، قَالَ أَخْبَرَنِي أَبِي، عَنِ ابْنِ وَدِيعَةَ، عَنْ سَلْمَانَ الْفَارِسِيِّ، قَالَ قَالَ النَّبِيُّ صلى الله عليه وسلم ‏"‏ لاَ يَغْتَسِلُ رَجُلٌ يَوْمَ الْجُمُعَةِ، وَيَتَطَهَّرُ مَا اسْتَطَاعَ مِنْ طُهْرٍ، وَيَدَّهِنُ مِنْ دُهْنِهِ، أَوْ يَمَسُّ مِنْ طِيبِ بَيْتِهِ ثُمَّ يَخْرُجُ، فَلاَ يُفَرِّقُ بَيْنَ اثْنَيْنِ، ثُمَّ يُصَلِّي مَا كُتِبَ لَهُ، ثُمَّ يُنْصِتُ إِذَا تَكَلَّمَ الإِمَامُ، إِلاَّ غُفِرَ لَهُ مَا بَيْنَهُ وَبَيْنَ الْجُمُعَةِ الأُخْرَى ‏"
‌‏.‏
Narrated Salman-Al-Farsi: The Prophet (p.b.u.h) said, "Whoever takes a bath on Friday, purifies himself as much as he can, then uses his (hair) oil or perfumes himself with the scent of his house, then proceeds (for the Jumua prayer) and does not separate two persons sitting together (in the mosque), then prays as much as (Allah has) written for him and then remains silent while the Imam is delivering the Khutba, his sins in-between the present and the last Friday would be forgiven."


Sahih Bukhari
(Friday Prayer)
Reference : Sahih al-Bukhari 883
In-book reference : Book 11, Hadith 8
yeroo dubbatan ni dhagahama.
Eega akkas jettani, inni jaallatu isa kami inni jaallatamu ho kami?
Deebii Dubbistootaafan dhiisa. Barnoota Amantii Islaamaa fi Kiristaanaa wal-bira qabdani barachuu yoo barbaaddan Chaanaali keenya armaan gadi Join gochuun nu hordofa.
👇👇👇
@Saahibuddiin28
@gababo
QABXII JAHAFFAA
Ragaawwan Wangeelaa Yesuus ergamuun(hojii jalqabuun) eega Maleekonnii fi Afuurri qulqulluun( Jibriil) ergaa Waaqa bira fidanii fi Yesuus Yohannisiin(Yahyaan) Cuuphamee ta'uu mirkaneessan.
1,Maatewos 3:13 Yesus yommus Yohannis cuuphaan akka isa cuuphuuf Galiilaadhaa Yordaanositti isa bira dhufe. 14 Yohannis garuu, "Siin cuuphamuun anaaf barbaachisa, ati immoo cuuphamuuf gara koo dhuftaa?" jedhee jabeessee isa ittise. 15 Yesus garuu deebisee, "Waaqayyo duratti waan qajeelaa ta'e hundumaa akkasitti raawwachuun waan nuuf ta'uuf, amma ana ittisuu dhiisi!" jedheen; kana irratti Yohannis isa ittisuu dhiise. 16 Yesus cuuphamee bishaanicha keessaa akkuma ba'een, kunoo, bantiiwwan waaqaa hundinuu [isaaf] banaman; achumaanis hafuurri Waaqayyoo akka gugeetti gad dhufee isa irra bu'uu isaa in arge. 17 Kunoo, sagaleen immoo, "Inni kun ilma koo isa jaallatamaa dha, gammachuun koos isatti in raawwatama" jedhee waaqa irraa in dubbate.
Osoo akkuma Kiristaanonni jedhan Waaqni Foon uffate Yesuusiin ta'e biyya lafaa fayyisuuf dhufe,Hojii jalqabuuf Hafuurri Qulqulluun(Jibril) isatti dhufuu hin eegu ture.Afuurri qulqulluunis yeruma inni dhalatu isa faana jiraachuu qaba.Maaliif ? yoo jedhame. Akka Kiristaanonni amananutti Afuurri Qulqulluufi Yesuusis koree sadan Waaqaa keessatti waan argamanuuf.Akkasumas hojii kan jalqabu gaafuma dhalate ta'uu qaba.
Keeyyanni kun nama sammuun isaa hojjatuuf Yesuus ergamaa(Raajii)Waaqaa ta'uu bifa shakkii hin qabneen ibseera.
Yoo Waaqni hojii jalqabuuf Woggoota soddoma itti fudhate,akkasumas Afuura Qulqulluun deeggaramuun isa barbaachise.Garaagarummaan anii fi ati Waaqa wajjin qabnu Maali?
2,Maatewos, Wangeela isaa keesatti,gammachuu/raaga dhufiinsa Yesuusiif dubbatame kan Kakuu Moofaa keessatti Isaayaasiin dubbatameef ragaa bahee jira.
Kunis kan akeeku: Afuurri Qulqulluun kan Yesuus irratti bu'u/qubate ta'u kan ibsuudha.
Maatewoos 12:14 Warri Fariisotaa garuu gad ba'anii, attamitti akka isa balleessan mari'achuutti ka'an.15 Yesus kana baree achii sokke; namoonni baay'eenis isa duukaa dhaqnaan warra dhukkubsatan hundumaa fayyise; 16 jarri immoo namootatti akka isa hin beeksifne cimsee isaan dhowwe.17 Kunis isa Isaayaas raajichaan dubbatame raawwachuudhaaf ta'e. 18 innis, "Ilaa hojjetaa koo isa ani fo'adhe,isa jaallatamaa kan koo tii,isa lubbuun koo itti gammade;hafuura koo isa irra nan bulcha,inni saba hundumaaf firdii qajeelaa in labsa.
Keeyyata kana irraa bakki ragaaf barbaanne"Afuura koo isa irra nan bulcha"
Isa jedhuudha. Hiikaan jecha kanaas Afuura Qulqulluu isa irratti nan erga jechuudha.
Nomoonni Yesuusiin Waaqa jettan,Yesuus osoo afuurri qulqulluun irratti hin bu'in/qubatin duratti maal jedhame waamamaa ture? Waaqa mo ? nama?
3,Keeyyata armaan gadii kanaan hojii ergamummaatti seenuu Yesuus yeroo ibsu akkana jedha Yohannis Wangeela isaa keessatti ፦
Yohannis 1:51 Itti dabalees, "Dhuguma, dhuguman isinitti hima, waaqa banamaa, ergamoota Waaqayyoos ilma namaa irra utuu ol ba'anii gad bu'anii arguuf jirtu" jedheen.
4,Mee waan luqaas Afuurri Qulquluun Yesuus irra qubatuun wal qabsiisee dubbate haa ilaallu:
Luqaas 3:21 Yeroo namoonni hundinuu cuuphamanitti, Yesusis in cuuphame; utuu inni kadhachuutti jiruus waaqni baname. 22 Hafuurri qulqulluun bifa gugeetiin mul'atee jrra bu'e; sagaleenis waaqa irraa dubbatee, "Ati ilma koo isa jaallatamaa dha; gammachuun koos sitti in raawwatama" jedhe.23 Yesus hojii isaa yommuu jalqabe, dhalatee akka waggaa soddomaa ti; hidda dhaloota isaa yeroo lakkaa'anis ilma Yoseef jedhaniin.
Mee Namoota Waaqni sadii jedhaniif gaaffii ani qabu:
Keeyyanni kun Yesuus akka Waaqa hin taane isiniif hin ibsu? Yaadni Waaqni sadii jedhus akka soba ta'e hin hubannee?
Yesuus Yoo Waaqa ta'e maaliif Afuura qulqulluun deeggaramuu barbaada?
osoo yaadni Waaqni sadii jedhu dhugaa ta'e,maaliif Yesuusii fi Afuurri Qulqulluun Yeroo tokko keessaatti qaama garaagaraa ta'uun argamu?
Waaqni maaliif eega Yesuus Afuura Qulqulluun deeggaramee booda Ati ilma koo isa jaallatamaadha jedhe?
Sanaan dura Yeuus jaallatamaa mitii?
Dabalataan Waaqaa,Ilmaa fi Afuurri Qulqulleen sadan qaama tokko jettanii
Gaaffiif deebii waa'ee muuziqaa kana sirriitti naaf dubbisaa


​​Gaafataa : Sheekha Muuziqaan Haraamaa?

Sheekha : Ee Haraama. Akka Haraam tahe siif deebisuun dura, mee Wellisaa gara Salaataa, gara Sadaqaa ka'aa jedhee Weellisu agartee? Yoo garte naaf himi.
•••
Dubbiin tanuma. Namni kamuu Muuziqaa yeroo dhageeffatu qalbiin isaa garam akka dabu ni beeka. Rasuulli (Sallallaahu Aleeyhi wossallam) "qalbiikee gaafadhu. Yoo namni Fatwaa siif godhes toltuun waan qalbiinkee itti sabatte. Diliin waan nafsee keessa si hohhooqe kan qoma keessa deddeebi'ee" jedhan. (Sahiih Al Targiib 1734)

Ulamaa'iin sadarkaa Ijtihaadaa gayan waan Ulamaan biroo irratti woliif galan faalleessanii Fatwaa kennuun ni mala. Yoo niyyaan isaanii haqa taate dogongara saniif mindaa tokko qaban. Yoo haqa qunnaman ammoo mindaa lama qaban. Sun akka isaan itti hubatani. Awaammiin/namni ilmii san hin qabne wolii galtee Ulamaa jala deemuu qaba.

Dhimma Muuziqaa irratti wolii galteen Ulamaa Haraama tahuu ibsan.

Ulamaa muraasni "yoo Muuziqaan kara hammeenyaa fi sagaggaalummaatti nama yaame Haraama, ykn Haraamaa miti" warra jedhantu jira. Isaan keessaa worri duraa ibnu Hazmi dha. Worra ammaa keessaahis Imaamu Qardaawii faadha. Ragaa fi hubannoon isaanii akkuma jirutti tahee, isaan kunneen Ulamaa sadarkaa Ijtihaadaa gayani. Akkasuma woliin Muuziqaa jaalalaa fi waan fokkataatti nama yaamu inuma morman. Haraama jedhan.

Akka kamittuu Jumhuura(wolii galtee Ulmaa) jala deemuun dirqama keenna. Abbaan fedhe as utaalee waan kana Halaalchuu hin danda'u. Ragaan Haraamummaa isaa qiyaasaan guutee jira
Badiin guddoon ibidda Jahannamitti nama qaarsitu Shirkii dha. Shirkii irraa akka baraaramnuuf ammoo ergamaan Rabbii Muhammad ﷺ kadhaa armaan gadii tana nu barsiisanii jiran.


*Allaahumma innaa na'uuzu bika min an nushrika bika shey'an na'lamuhuu, wa nastaghfiruka limaa laa na'lam*

*اللَّهُمَّ إِنَّا نَعُوذُ بِكَ مِنْ أَنْ نُشْرِكَ بِكَ شَيْئًا نَعْلَمُهُ وَنَسْتَغْفِرُكَ لِمَا لَا نَعْلَمُه*

Hikkaan isiitis:- “Yaa Rabbi! Waan beynuufi hin beynerraa sitti waa qindeessuu irraa sitti maganfanna! Badii teenya irra nuuf dabri”

Kadhaa tana qomatti qabannee yeroo hunda jechuun faayidaa guddoo qabdi.
@gababo
Waa'ee kanniisaa Qur'aanni maal jedha?

Gosti kanniisaa daraaraa guuruuf deemtu kanniisa dhaltuu ta’uu Qur’aanni jaarraa 14 dura dubbate! Qorannoon saayinsii immoo dhugaa kana dhihoo itti dhaqqabe!

Qur'aanni kana ilaalchisee akkana jedhe:
“Gaarreen irraa, muka irraa fi waan jarri (namoonni) ijaaran irraa manneen taasifadhu jechuun Rabbiin kee gara kanniisaatti beeksisa godhe. Eeganaa firiiwwan hunda irraa nyaadhu, karaa Rabbii keetii seeni, isaa siif laaffifamaa (Karaa Rabbi siif laaffiseeraa). Garaa isii keessaa dhugaatii bifti isaa wal-dhabu, kan isa keessa dawaan namaaf jirutu ba’a. Sana keessa ummata xiinxalaniif mallatootu jira” [Qur’aana 16:68-69]

Von-Frisch kan bara 1973 qorannoo amalaa fi waliin-dubbii kanniisaa irratti hojjateen badhaasa Noobelii fudhatedha. Kanniisni erga hoyruu yookii daraaraa haaraa argattee booda of-duuba deebitee hordoftoota isiitiif kallattii fi kaartaa sirrii kan ittiin bakka sana dhaqan kenniti. Kun immoo sirba kanniisaa (bee dance) jedhamuun beekama.
Hiikaan sochii ilbiisaa kan jarri jidduu kanniisa hojjattootaatti ergaa ittiin dabarsuuf itti fayyadaman kun akka saayinsiitti kan irra ga’ame footoogiraafii (photography) fi tooftaalee biraa fayyadamaniiti.
Keeyyata armaan olii keessatti Qur’aanni akka itti kanniisni ogummaadhaan karaa itti barbaaddu ibsa.
Kanniisni hojjattuun yookii raayyaan (soldier) kanniisa dhaltuudha. Suuraa Nahl, boqonnaa 16, keeyyata 68 fi 69 koorniyaan kanniisaaf fayyadame koorniyaa dhalaati. Kunis jecha ‘Faslukii’ jedhuu fi ‘Kulii’ jedhudha. Kunis kan akeeku kanniisni mana isii dhiistee nyaata/daraaraa walitti qabuu deemtu kanniisa dhaltuu ta’uudha!

Raajiin as keessa jiru:
1. Qur’aanni akka kanniisni ogummaadhaan karaa Rabbi isiidhaaf laaffise deemtu dubbachuu fi
2. Gosti kanniisaa daraaraa guuruuf deemtu kanniisa dhaltuu ta’uudha. Kun immoo Qorannoo saaysiin ammayyaa dhihoo irra gaheedha./Muhammadsalih
@Saahibuddiin28
Forwarded from Al-risala-tube
🎙𝐒𝐡/𝐌𝐮𝐬𝐚𝐚 𝐒𝐮'𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚
#Ija
.
Ija Rabbi sii kenneef Rabbiin galateeffattee beektaa?...
.
Addunyaa tanarra namootni ijaan hin agarre (blind ykn jaamaa kan ta'an) million 40. Namootni sirritti ijaan hin agarre (visually impaired) ammoo million 250. Ija Rabbi nuu kennee ittiin agarru tanaaf Rabbiin galateeffannee?...
.
Hagamii keennatu kennaa Rabbi nuu kenneef Isa galateeffanna. Rabbiin nyaata, bishaan, uffata, mana jireenyaa fikkf nuu kennee jira.
.
Guyyaa muraasaaf osoo Bishaan argachuu baannee maal akka taanu beektuu? Ni Duuna. Bishaan Rabbi nuu kenneef hagamii keennatu Isa galateeffate? Qilleensa daqiiqaa muraasaaf osoo dhabnee ni duuna. Hagamii keennatu Qilleensa Rabbi nuu kenneef Isa Galateeffanne?..
.
Rabbiin akkana jedha:

﴿وَءَاتَٰکُم مِّن کُلِّ مَا سَأَلتُمُوهُ وَ إِن تَعُدُّوا نِعمَتَ اللهِ لاَ تُحصُوهَآ إِنَّ الإِنسَٰنَ لَظَلُوم” کَفَّار”﴾

"Allaahan! isinii kennee jira; cufa waan isin Isa kadhattanii; Qananii Allaahaa yoo lakkooftan, lakkaahuu hin dandeessan; (heddumina isiitii fi hoonga dhabuu isiitiif bakka itti dhumtu hin qabdu saniif jecha lakkaahuu hin dandeessan) Ilmi namaa hedduu lubbuu isaa miidhaa fi kafraadha." {14:34}
@gababo
@SanoHaji7
Forwarded from Al-risala-tube
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
🎬𝓓𝓱𝓪𝓷𝓭𝓱𝓪𝓶𝓪𝓭𝓱𝓾 𝓶𝓲'𝓪𝓪 𝓺𝓾𝓻𝓪'𝓪𝓪𝓷𝓪𝓪 ⬆️
ཅཅཅཅཅཅཅཅཅཅཅཆཅཅཅཅཅཅཅཅཅཅཅཅཅཅཅ

#𝐀𝐲𝐚𝐚𝐭𝐚 𝐪𝐮𝐫'𝐚𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐤𝐚𝐧𝐚𝐚𝐧 𝐪𝐚𝐥𝐛𝐢𝐢 𝐭𝐞𝐞 𝐠𝐚𝐛 𝐠𝐨𝐝𝐡𝐢.

🎙𝚂𝚊𝚐𝚊𝚕𝚎𝚎 𝙰𝚓𝚊𝚊'𝚒𝚋𝚊𝚊 𝚑𝚒𝚔𝚔𝚊𝚊 𝙰𝚏𝚊𝚊𝚗-𝙾𝚛𝚘𝚖𝚘𝚘𝚝𝚒𝚒𝚗.

𝙰𝚢𝚊𝚊𝚗 𝚔𝚞𝚗 𝚐𝚘𝚛𝚜𝚊 𝚛𝚊𝚋𝚋𝚒 𝚗𝚊𝚋𝚒 𝙼𝚞𝚑𝚊𝚖𝚍𝚒𝚏 s.a.w 𝚔𝚎𝚗𝚗𝚎 𝚘𝚏 𝚔𝚎𝚎𝚜𝚜𝚊 𝚚𝚊𝚋𝚍𝚒.

🕘0:47 [1.6 𝐌𝐁 𝐠𝐚𝐝𝐢] ♻️𝐬𝐡𝐚𝐫𝐞 𝐠𝐨𝐝𝐡𝐢 𝐪𝐮𝐫'𝐚𝐧𝐧𝐢 𝐬𝐚𝐝𝐚𝐪𝐚𝐚 𝐣𝐚𝐚𝐫𝐢𝐲𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚 𝐥𝐮𝐛𝐛𝐮𝐦𝐚 𝐨𝐟𝐢𝐢𝐭𝐢𝐢𝐟.
་་་་་་་་་་་་་་་་་་་་་་་
DINQIIWWAN NABI MUHAMMAD HOJJATAN

Mata duree kana jalatti immoo dinqiiwwan Nabi Muhammad (a.s)hojjatan ilaalla.
Sababni mata duree kanaa: yeroo bayyee lammiiwwaan keenya amantii Kiristaanaa hordofan wallaalummaa irraa kan ka'e Nabi Muhammad akka dinqii hin hojjanne fakkeessuun Nabi Iisaa/Yesuus qofti akka waan dinqii hojjateetti afarsuun Waaqa/Rabbiin isa taasisuuf yaalu. Kun garuu dogongora. Nabi Muhammadii fi Nabiyyoonni isaan duraas dinqii hojjataniiru.Garuu Yesuusiin/Iisaa dabalatee Nabiyyoonni hundinuu dandeettii isaaniitiin kan hojjatan osoo hin taane,Rabbii isaani kadhachuudhaani.Fkn Nabi Iisaan/Yesuus akka humna/dandeettii isaatiin waan tokko hojjachuu hin dandeenyee fi ajaja Rabbi qofa akka hordofu Wangeela yohannis 5:30 irratti dubbateera.
Nabi Muhammad صلى الله عليه وسلم dinqiin(muujizaan) hojjatan baayyeetu jira.Keessaa muraasni
kan armaan gadiiti.
1⃣ Dinqiin inni guddaa fi kan hin dulloomne, kan fakkaataa hin qabne, Kan waa'ee addunyaa fi Aakhiraa dubbatu, kan waan darbee fi waan fuula dura dhufu dubbatu Qur'aana kabajamaadha.

2⃣Nabi Muhammad Allaah kadhachuun Ji'a( baatiin) bakka lamatti akka addaan cabxee lafa irraa buutu godhaniiru.

«3868» َ عَنْ أَنَسِ بْنِ مَالِكٍ
رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ أَنَّ أَهْلَ مَكَّةَ سَأَلُوا رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ أَنْ يُرِيَهُمْ آيَةً، فَأَرَاهُمُ الْقَمَرَ شِقَّتَيْنِ، رواه البخارى
"warri makkaa Nabi Muhammad (S.A.W.) akka dinqii(raajii)isaan argisiisu gaafatan, Ji'a bakka lamatti Addaan qoodee isaan argisiise (rabbiin kadhate)
( Bukhaari gabaase 3868)
3⃣Bishaan quba Nabi Muhammad jidduu burqe nama dhibba sadiif fayyaduu danda'eera.

3572» َ عَنْ أَنَسٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ قَالَ أُتِيَ النَّبِيُّ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ بِإِنَاءٍ وَهْوَ بِالزَّوْرَاءِ، فَوَضَعَ يَدَهُ فِي الإِنَاءِ، فَجَعَلَ الْمَاءُ يَنْبُعُ مِنْ بَيْنِ أَصَابِعِهِ، فَتَوَضَّأَ الْقَوْمُ. قَالَ قَتَادَةُ قُلْتُ لأَنَسٍ كَمْ كُنْتُمْ قَالَ ثَلاَثَمِائَةٍ، أَوْ زُهَاءَ ثَلاَثِمِائَةٍ.
[أ روه البخارى

Nabiyyiitti Sahaabonni dhufani (S.A.W.) isaa bakka Zoraa'i jiru, arka isaa weelkaa( qodaa bishaan ittiin dhiqatamu) keessa kaahe, Bishaan quba isaa jidduun burquu jalqabe, Hawaasni ( isaa wajjin) jiru hunddi ni waddaatan( dhiqannaa sagadaaf godhamu godhatan)

Qataadaan, Anasiin nama meeqa turtan ? jedheen gaafadhe jedhe, innis namoota dhibba sadi( 300) jedhe.
(Bukhaari gabaase, 3572)

4⃣Nabi Muhammad (s, a.w)
Nama lafeen isaa cabe arka isaatiin qabnaan ni fayya.

قال عبد الله بن عتيك فَانْتَهَيْتُ إِلَى النَّبِيِّ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ فَحَدَّثْتُهُ فَقَالَ: ((ابْسُطْ رِجْلَكَ)). فَبَسَطْتُ رِجْلِي، فَمَسَحَهَا، فَكَأَنَّهَا لَمْ أَشْتَكِهَا قَطُّ.

Abdallaah ibna Atiik Ni jedhe, Eargamaa Allaah biran gahe (haala miilli koo cabee jiruun), wantoota na qunnamanis isaafan hime, Innis "miila kee diriirsi naan" jedha anis Miila koo nan diriirse, innis ni haxaahe( Harka isaa irra oofe) miilli kiyyas akka waan sanaan dura dhibde( cabaa) hin qabneetti naaf fayye.
(Sahiih Bukhaari 4039)

5⃣Nabi Muhammad irratti (s.a.w.)
Dhagaan Salaama Qara'a.

قال رسول الله " إني لأعرف حجرا بمكة كان يسلم علي قبل أن أبعث إني لأعرفه الآن" رواه مسلم ٢٢٧٧
Ergamaan Allaah (s.a.w.) ni jedhe, "Ani dhagaa tokkoon beeka kan Makkatti, osoo ani hin ergamin duratti kan salaamata narratti qara'u, Yeroo ammaa kana dhagaa sana nin beeka.
( Sahiih Muslim 2277)

6⃣Nabi Muhammad s.a.w.
ulee seefitti jijjiire.

 وانقطع يومئذ سيف عُكَّاشَة بن مِحْصَن الأسدي، فأتى رسول الله صلى الله عليه وسلم فأعطاه جِذْلًا من حطب، فقال‏:‏ ‌‏، فلما أخذه من رسول الله صلى الله عليه وسلم هزه، فعاد سيفًا في يده طويل القامة، شديد المتن، أبيض الحديدة، فقاتل به حتى فتح الله تعالى للمسلمين

Guyyaa lola badari sana seefiin Ukkaasha ibnu mihsan cabnaan Ergamaa Allaah tti dhufe, Nabi Muhammad Ulee fudhani itti kennan yeruma sana seefii dheeraa, Adii fi jabaa Ta'etti jijjiirame
(Arrahiiqul maktuum fuula 199)

7⃣Nabi Muhammad s.a.w.
nama nama ijji dhukkubsate fayyisee ture.

2942 فقال: ((أين علي)). فقيل يشتكي عينيه، فأمر فدعي له، فبصق في عينيه، فبرأ مكانه حتى كأنه لم يكن به شيء رواه البخاري

Erga
maan Allaah "Aliyyiin eessa jira"? jedhe.
Sahaabonnis Ijatu isaa dhukkuba jedhan,akka namoonni isa waamanuuf ajaja dabarse, innis waamicha dhagahee dhufe, yeroo inni dhufe ija isaatti tuttufe ( rabbiin kadhachuu wajjin) yeruma sana akka nama duraan dhukkuba hin qabneetti fayye,
( Sahiih Bukhaari 2942)
 8⃣Nabi Muhammad (s.a.w.) Akkuma fuula duraan nama arguu danda'utti, gama duubatiinis nama arguu danda'a.

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ قَالَ صل الله عليه وسلم { وَاللَّهِ لَأُبْصِرُ مِنْ وَرَائِي كَمَا أُبْصِرُ مِنْ بَيْنِ يَدَيَّ
}
رواه ميلم ٤٢٣
Abbaa Hureera irraa Ergamaan Allaah ni jedhe" Wallaahi ani akkuman fuul_du
ra kiyyaan arguttan duuba kiyyaanis arga"
( Sahiih Muslim 423)
9⃣Nabi Muhammad nama ijji keessaa
ba'e itti deebisuun fayyisee jira.

، فأخذها قتادة بن النعمان، فكانت عنده، وأصيبت يومئذ عينه حتى وقعت على وَجْنَتِه، فردها رسول الله صلى الله عليه وسلم بيده، فكانت أحسن عينيه وأحَدَّهُما‏.‏ 

Qataadaa ibnu Nu'maan ijji isaa keessaa baate fuula isaa irra buute, Nabi Muhammad arka isaaniitiin kabani keessatti deebisan, yeruma sana ija isaa duraani irra caalee argame.

( Arrahiiqul Maktuum fuula 239)

1⃣0⃣Nabi Muhammad s.a.w. osoo lubbuun jiranuu samii ba'aani jiru.
(Najmi 53) Aya : 13
وَلَقَدۡ رَءَاهُ نَزۡلَةً أُخۡرَىٰ
Dhugumatti yeroo biraas isa argeera.
Aya : 14
عِندَ سِدۡرَةِ ٱلۡمُنتَهَىٰ
Qurquraa daangaa (samii torbaffaa) biratti arge.

Ragaan biraa immoo
3887 ، فَانْطَلَقَ بِي جِبْرِيلُ حَتَّى أَتَى السَّمَاءَ الدُّنْيَا فَاسْتَفْتَحَ،

Ergamaan Allaah ni jedhe" Jibriil Na fuudhe Adeeme, Amma samii Addunyaa na geessutti".....
( sahiih Bukhaari 3887)
@gababo
@gababo
Ibsaa Dhugaa:
IRRA CAALTUU DUBARTOOTAA FAAXIMAA INTALA RASUULAA S.A.W
Qophii Urjii Ahmad

----Share -----share -------share

1-Faaximaan Intala irra caalaa Ilmaan namaa Muhammad sallallaahu aleeyhi wasallam.
2- Isiin kutaa Nabiyyii s.a.w irraahi, filamtuudha.
3- Nabiyyiin s.a.w ergamuun dura dhalatte.
4- Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam isii haalaan jaalata, akkaan kabajaan, isii argu ni gammada.
5- Sadarkaa isii fii caalina isii wanni ibsu hedduutu dhufe kitaabboota hadiisaa keeysatti.

6- Faaximaan nama akkaan diina Isii jabeeysu, tiiyfamtuudha (badii irraa), Waan qabduun quuftuudha (bolola adunyaa hin qabdu), Rabbiif akkaan galata galchiituudha, Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam isiif jecha dallana (waan isii aarsuuf).
7- Deeminsa Isii kheeysati haalaan Abbaa Isii fakkaatti salallaahu aleeyhi wasallam.
8- A’ishaan Rabbi irraa haa jaalatuu akkana jetti: “Nama tokkolleen kan haasawaa fii dubbii kheeysatti Rasuula salallaahu aleeyhi wasallam fakkaatu kan akka Faaximaa hin agarre.”
9- Hoggaa Rasuula s.a.w irratti ol seente Isiif dhaabbata, Isii dhungatee akkaan isii dhiheeysa. Isiinis hoggaa Rasuulli s.a.w itti dhaqe dhaabbatteefii dhungattee dhiheeysiti.
10- Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam isii haalaan fitti dhiheeysa, Isii wajjiin taphata.
“Isiin kutaa narraa taate” je’a Rasuulli s.a.w

11- Isiin irra caaltu dubartoota ummata kanaati (ummata Muhammad s.a.w)
12- Isiin dubartoota sadarkaa guutuu gahan irraahi, dubartoota irraa afurtu sadarkaa guddinaa san gahe “Maryam, Khadiijaah, Faaximaah, Aasiyaa bint Muzaahim jaartii Fir’ownaati.”
13- Waan dubartoota biraatiin kophaa baateen kheeysaa akkasuma obboleeyyan isii kan dubartootaa Isaan irratti jaartiin biraa hin fudhamtu osoo lubbuun jiran.
14- Namni Isii rakkise, Rasuula salallaahu aleeyhi wasallam rakkise.
15- Aliyyii bin Abii Xaalib ilma adeera Abbaa Isiitu isii fuudhe. Fuudhaa fi heerumni isaanii lola Badrii Gudditti booda tahe.

16- Mahriin Isii uffata waraana ifirraa deebisuuf uffatan (sibila qoomatti gad kaayamu) kan Aliyyiiti.
17- Rasuulli salallaahu aleeyhi wasallam Faaximaa Cidha Isiitiif huccuu suufaa aadii takkaa fii qarbata tokko ammas makaddaa (baala xajji saar) takhashamte takkaa wajjiin baase.
18- Sa’ad binu Ubaadaah Rabbi irraa haa jaalatuu Aruuzaaf korbeeysa tokko qalee, kheeysummaaf nyaata afeerraa godhe. Warri Ansaaraa gariin miidhaan waa xiqqo walitti qabaniif.

19- Hoggaa Aliyyi Faaximaa irratti ol seene Rasuulli salallaahu aleeyhi wasallam wajjiin ol seenee du’aaii godheef. Akkana je’e “Yaa Allaah Isaan lamaan kheeysatti barakaa godhi, Isaanirrattillee barakaa godhi, Ilmaan Isaanii kheeysattis barakaa godhiif.”
20- Aliyyi Faaximaa irraa argate. Isaanis:
1/ Hassan
2/ Husseen
3/ Muhassin
4/ Ummu Khulsuum
5/ Zeeynab
Hunda Rabbi irraa haa jaalatu.
21- Sadarkaa Faaximaa irraa Ilmaan Isii lamaan Hassan fii Husseen Rabbi irraa haa jaalatuu irra caaloo daragaggoo Jannataati.
22- Ilmaa Ilmoon Nabiyyii gama Faaximaatin Malee hin argamne.
23- Rasuulli salallaahu aleeyhi wasallam akkana je’een “Yaa Faaximaah Ati irra caaltuu dubartoota Jannataa tahuu hin jaalattuu!”

24- Faaximaan fakkeenya dubartoota Muslimaa hundaaf. Rabbi sodaa kheeysatti, Ibaadaa kheeysatti, Abbaa Isii salallaahu aleeyhi wasallam Jaalachuu kheeysatti hidhannoo itti hidhatani.
25- Faaximaa Rabbi irraa haa jaalatuu Abbaa isii salallaahu aleeyhi wasallam booda baatii 6 turtee duute.
Maddi: Taghriidaati As-Sheekh Muusaa bin Raashid Al-Aazimii
​​Aalimni Guddaan biyya Keenyaa Sheikh Muhammad Aadam Wolloo gara ganda Akhiraa godaanan.


Innaa Lillaahi Wa'innaa Ileeyhi Raaji'uun
Sheikh Muhammad Aadam Wolloo yeroo dheeraaf Masjidal-Haram keessati barnootaa diinii barsiisaa kan turan yoo tahan, Kitaabota diinii heddu katabuun aalima guutuu addunya keessatti kabajaaafi beekamtii horatan tahuun ni beekama.


Kitaabotaa isaanii jidduu Ibsi/sharhiin Sunanu-Nasaa'ii jaldii 40 qabu hedduu beekamaadha.

Aalimni keenna guddaan yeroo dheeraaf dhukkubsatanii kan waldhaanamaa turan yoo tahan, har'a biyya Sa'uudii keessatti aakhiraman.
2024/09/28 01:29:38
Back to Top
HTML Embed Code: