Telegram Web Link
Forwarded from Faana beekumsaa (Kaayyoo Koo)
DUBBISII XUMURI

Mul’ata Kee Cimsachuu Yoo Barbaadde Dubbisii Itti Fayyadami

Osoo agartuu yoo hin hubatin sitti himuun bu'aa hin qabu.

Jiraachuun kee eenyuunuu yoo hin fayyadin du'uun kee eenyuunuu hin miidhu.

Kayyoo malee namni jiraatuu jiruu horiitiin garaagarummaa hin qabu.

Biyyi tiyya maal naa gootee osoo hin tahin ani biyya tiyyaaf maalin godhe jedhi.

Jiruma tana keessaa osoo du'ee jechuu irra waan yeroo duutu si fayyadu qopheeffadhu.

karoorfachuu qofa osoo hin taane karoora kee hojiitti jijjiiri.

Carraaqachuun bu'aa qaba osoo siree irrattis taatee.

Teessee haasahuu qofarra cal'istee deemuutuu caala.

Gowwaa ta'anii quufuu irra qaruutee ta'anii beelahuutu caala.

Beekkumsi kee nama yoo hin fayyadin wallaalli kee eenyuunuu hin miidhu.

Lafti nama irraa qotee nyaatuu osoo hin ta'in ka irra ciisee nyaatu komatti.

Suuta suutaan ka tarkaanfatu bakka guddaa gaha.

Mul 'ata dheeraa namni qabu nama hundaa caala osoo gabaabaa taheellee.

Nyaachuuf qofa yoo jiraatte harreedhaan garaagarummaa hin qabdu.

Saba keetiif Yoo Bu'aa hin buufne eenyuufuu Bu'aa buusuu hin dandeessu Kanaafuu Kabajamtoota Ummata Oromoo Hundi keessan Chaaneelii youtube Saba Oromootiin baname kana subscribe gochuu hin dagatinaa
👇👇👇👇👇👇
https://www.youtube.com/channel/UCTFiNAQOHXblA19rrpUi_8A

@Gaaddisa_Dhugaa
Forwarded from Faana beekumsaa (Kaayyoo Koo)
Forwarded from Faana beekumsaa (Ibnul Islam)
KANA BEEKI
==========
☞Namni sin jaaladhaa siin jedhu hundi
Jaalallee sitti hin fakkaatin.
☞Akkuma dhiitetti waan haftuu sitti hin
fakkaatiin...

☞Barri dhufaa jiru kan darbe waliin tokko sitti
hiin fakkaatiin..
☞Kan Bokoke hundi quufee sitti hin
fakkaatiin...ITTI FUFA

HUNDA ISAA DUBBISUUF @GAADDISA_DHUGAA IRRAA ARGACHUU DANDEESSU

@GAADDISA_DHUGAA
●JECHOOTA HAYYOOTAA●

《Addunyaan; akka harmee teetii miti,tan ganama itti waccee itti iyyitee,garuu galgala irbaataaf si yaamtu. Dhiiroo addunyaan dirree irratti si gattee beelaan duuta !》
((....))

By Qilleensi Nasrii Bubbise
#Jechoota__gootota__oromoo keessaa muraasa.

."Ofumaaf dhamaatu malee ana rasaasni
nan danda'u.
Jecha Agarii Tuluu
. Garbummaa irraa duuti bilisummadha"
Jecha Elemoo Qilxuu

. Garbummaarra du'an filadhe kanaafan
fincilee daggalatti gale.....ITTI FUFA

Dabalata isaa dubbisuuf @Gaaddisa_dhugaa irra galtanii argachuu dandeessu

@GAADDISA_DHUGAA
#COVID19 #COVID19Ethiopia

Ityoophiyaatti sa'aatii 24 darban keessatti qorannoo laabraatorii 21,456 gaggeeffameen namoota dabalataa 1,778 irratti vaayirasichi jiraachu mirkanaa'e jira. Kun lakkoofsa waliigalaa 35,836 taasiseera.

Akkasumas lubbuun namoota 20 kan darbe yoo ta'u, waliigalaan namoonni vaayrasichaan lubbuun isaanii darbe 620 qaqqabeera.

Gama biraan namoonni dabalataa 228 dhibee kanarra bayyanachu isaanin walqabate lakkoofsa waliigalaa namoonni bayyanatan 13,536 gaheera.
Forwarded from 𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر (Abul-mansuur Ebrahim Eda'o)
Isaan bar Ummata colleedha

Mu'aawiyaa binu Abii sufiyaan guyyaa tokko bakka Aqiil binu Abii xaalib(obboleessa Aliyy) namni jedhamu tokko bira jirutti ummata biyya Shaamiin akkana jedhe;
تَبَّتْ يَدَا أَبِي لَهَبٍ
Suuraa jettu tana qaraatanii mii?jedhee warra biyya shaam gaafate?
Warri shaamis;ee qaraane jedhee deebiseef
Achumaa mu'aawiyaan Aqiilii kana qubaan muldhisee,akkana jedhe;
"Abii Lahbiin baanan sun bar abbeeraa namicha kanaatii"jedheen(ittiin cooraa jira)

Achumaa Aqiilis akkana jedhee warra biyya shaam gaafate;achuma keessatti
وَامْرَأَتُهُ حَمَّالَةَ الْحَطَبِ
Bakka jedhu qaraatanii
warri shaamis;ee jedhee deebiseef
Achumaan aqiil
"Intalti qoraan baattu sun abbeertitti mu'aawiyaatii"jedhe jedhan.
@tafak_or
@tafak_or
Kokkolfaa jannata seena

➦Nu'eymaan binu Amri jedhama(Radiyallaahu Anhu) warra Duula Badrii keessatti hirmaannaa qabu irraahi,Ammas akkaan nama kolfisiisuudhaan beekama jedhan,ergamaan Rabbii(SAW) akkana jedhaniin;
"Osoo kolfu jannata seena jedhan"

Sahaabaan Rasuulaa haqa Rabbii fi haqa lubbuu isaanis takkaa hin daganne.

@SanoHaji7
➦Shamara takka durba jedhee fuudhe yoo mana geessu garuu durbummaa irraa dhabe maal naa wayya

Sheekh ibnu baaz karaa kanaan deebii kennan.
(ﺍﻟﺸﻴﺦ ﺍﻟﻌﻼﻣﺔ ﻋﺒﺪ ﺍﻟﻌﺰﻳﺰ ﺑﻦ ﺑﺎﺯ )

Kuni sababa qabaachuun ni mala,durbummaan sagaagalummaan alattis karaa biraatiinis irraa deemuun ni mala,yoo duubni isaa keeyrii qabaate niyyaa Rabbumatti tolutu irra bareeda.
ﺃﻭ ﻛﺎﻧﺖ ﻗﺪ ﻓﻌﻠﺖ ﺍﻟﻔﺎﺣﺸﺔ، ﺛﻢ ﺗﺎﺑﺖ ﻭ ﻧﺪﻣﺖ ﻭ ﻇﻬﺮ ﻣﻨﻬﺎ ﺍﻟﺨﻴﺮ،
➠Sagaagalummaa dalaydee,booda sheenoftee towbaa Rabbitti deebitee wanti gaariin isiirraa muldhachuun ni mala,kuni homaa dhiibbaan qabu.
ﻭ ﻗﺪ ﺗﻜﻮﻥ ﺍﻟﺒﻜﺎﺭﺓ ﺯﺍﻟﺖ ﻣﻦ ﺷﺪﺓ ﺍﻟﺤﻴﺾ؛ ﻓﺈﻥ ﺍﻟﺤﻴﻀﺔ ﺍﻟﺸﺪﻳﺪﺓ ﺗﺰﻳﻞ ﺍﻟﺒﻜﺎﺭﺓ، ﻛﻤﺎ ﺫﻛﺮﻩ ﺍﻟﻌﻠﻤﺎﺀ؛
➠Xuriin laguu humnaa ol itti ta’uunis durbummaan irraa deemuun ni mala,akka ulamaa’ii n jedhanitti,Innis humnaa ol yoo ta’e durbummaa ni deemsisa.
ﻭ ﺃﺣﻴﺎﻧﺎ ﺗﺰﻭﻝ ﺍﻟﺒﻜﺎﺭﺓ ﺑﺒﻌﺾ ﺍﻟﻮﺛﺒﺎﺕ ﺇﺫﺍ ﻭﺛﺒﺖ ﻣﻦ ﻣﻜﺎﻥ ﺇﻟﻰ ﻣﻜﺎﻥ،
➠Yeroo garii durbummaan utaalchaanis deemuun ni malti,yoo isiin bakka tokkorraa gara bakka tokkootti utaalte.
ﺃﻭ ﻧﺰﻟﺖ ﻣﻦ ﻣﺤﻞ ﻣﺮﺗﻔﻊ ﺇﻟﻰ ﻣﺤﻞ ﺳﺎﻓﻞ ﺑﻘﻮﺓ
➠Ammas yoo isiin bakka gooba(ol ka'iinsa) qabu tokkorraa gara bakka dhooqaatti gadi buutes osoon beekin irraa deemuun ni mala.

➠Durbummaan sagaagalummaa qofaan namarraa deemti jennee yaaduun nurra hin jiraatu.
➠Yoo intalti sun sababa durbummaa dhabdeef sitti himatte,yookiin dirqamameeti siin jette,yookiin wallaalaan waan kana dalagee amma Rabbii kiyyatti towbaa deebi'ee jira siin jette homaa dhiibbaa hin qabu.
➠kanaan isii xureessuu fi isii xiqqeessuu hin qabnu,inumaa isii dhoksuu qabnaahu malee.
➠Yoo isii waan amantu taate akkasumatti hanbifattee wajjiin jiraatta,Yoo hin amanin immoo osoo badhetti baastee ishee hin saaxilin gadi dhiisuu qabda.

Fataawaa Ibnu baaz irraa...
📚‏[ ﻣﺠﻤﻮﻉ ﻓﺘﺎﻭﻯ ﺍﻟﺸﻴﺦ ﺍﺑﻦ ﺑﺎﺯ، ﺭﺣﻤﻪ ﺍﻟﻠﻪ ‏( 20/286 )]
@tafak_or
@gababo
Hatticha Waa Hatuuf Bahee ofumaafuu Hatamee Gale !!

HAtticha tokkootu halkan dukkanaa mana Imaam Maalik ibn Diinaar seene.. Imaam maalik isa arkaa jira.. garuu hattichi ofirraa hin arkine..
Mana imaam Maalik keessa nannaanawee, waan fudhatu dhabee.. hattichi ofirraa bahuuf gara gallaan.. Imaam Maalik itti lallabe, "waan addunyaa kan barbaaddu dhabdee.. kan aakhiraatoo ni feetaa??" ja'een.. Hattichiniis baay'ee ajaa'ibeetuma.. "ee, niin fedha" je'een..
Imaam Maalik "haaya koottu, wuduu'a kee tolfadhuu, raka'aata lama salaati.." ja'eeniituma of biratti salaachise..
HAttichi salaata sagadee hanga Salaatni Subhii gahuu imaam Maalik bira ture.. Yeroo Salaatni subhii gahe, Imaam Maalik of wajjiin fuudhee gara masjiidaa deemeen..
Umanni salaata irratti imaam Maalik wajjin agarraan.. Eenyu Aaalimtichi guddaan keessummummaa imaam Maalik bira bulee, arra salaata isa wajjiin dhufe kun ja'anii gaafii itti taheeti.. gaafatan.. "Yaa Imaam.. eenyu kan si wajjiin jiru kuni??" ja'aniin..
Imaam Maalikiis " Kuni bar Eda nu hatuuf dhufeeti, isumaahuu Hannee!!" ja'een..
hamtuu namni dalageef oofaa namarra baastee daran amantiirraa nama hin arihin.. Gorsa kee xiqqaa tokkoon namni badii hojjatulleen gama kheeyrii deebi'uutu mala..!! hayyummaan nama yaami.
T.me/gababo
Forwarded from TIKVAH-ETHIOPIA (Tsegab Wolde)
ችሎት!

አቶ እስክንድር ነጋን ጨምሮ በ7 ተከሳሾች ላይ አቃቤ ህግ ክስ መሰረተ።

ክሱ በ2 የተከፈለ ሲሆን፥ ከአቶ እስክንድር ነጋ እስከ 3ኛ ያሉ ተጠርጣሪዎች ላይ በሽብር ወንጀል ነው ክስ የተመሰረተው።

ቀሪዎቹ ከ4ኛ እስከ 7ኛ ተከሳሾች ላይ ደግሞ የእርስ በእርስ ግጭት በመፍጠር ወንጀል ነው ክስ የተመሰረተው።

ክሱ በፌደራል ከፍተኛ ፍርድ ቤት ነው የተመሰረተው። በአሁኑ ወቅት ችሎቱ ጉዳያቸውን እየተመለከተ ነው።

Via Tarik Adugna (FBC)
@tikvahethiopiaBot @tikvahethiopia
SEENAA AJAA’IBAA TANA DUBBISAA MEE !!

dubbisaa sana booda "share" godhaa.

Intala takkaa fi jaarsi isii waliin jiraachaa
turan, Intalti tun yeroo hunda salaata
subihiitif jaarsa isii kaastee akka salaatu
gooti.
.
Guyyaa tokko intalti tun jaarsa isii kana
subihiif erga kaastee booda waan xiqqo
tureef jama'aan tokkoffaa duraa dhumee
jama'aa lammaffaa wajjiin salaatee osoo
taa'utti jiruu imaamni itti dhufee "ati
jaarsa abaluutiimii (maqaa isii yaamee)?"
je'ee gaafatae. Gurbaanis ajaa'ibee maqaa
jaartii tiyyaa akkami beyte? je'ee gaafate.
Imaamtichinis eda manaamaan arge .,.
.
nuti warri jama'aa duraa salaate hundi
jannata seenne, intalti takkaas nu wajjiin
jirti, ani intalti tun eenyu je'ee
gaafannaan jaartii tee akka taate naaf
himan " je'een.
.
Gurbaanis haalaan gammadee jaartii
isaatif himuuf fiigaa hoggaa mana gahu
waan inni hin yaanneetu isa qunname.
maali-----maali-----maali laata???
.
Hoggaa inni mana gahu jaartiin isaa osoo
sujuudarra jirtuu ruuhiin isii gama rabbii
isii deemte ...
osoo sujuudarra jirtuu duute ,...
.
guyyaa boruutis osuma sujuudarra jirtuu
kaati!!!
.
aaahhh!!! ...nuti hoo laata osoo maal
daleeynuu du'uuf deemna laata???
.
YAA RABBI Nutii waan fokkottuu dalaguu mitii
osoo waan bareedduu dalagaa jirruu addunyaa tanarraa nu kaasi!!!
.
obboleysa kiyya !! seenaa bareedduu tana SHARE gootu malee bira hin dabrin !!.

`·.💌Join💌 Join 💌Join 💌👇
✯••┈┈┈┈••✦❤️✦••┈┈┈┈••✯
https://www.tg-me.com/gababo
📖 Hikmaa Qur'aanaa keessaa, kana beektaa? 📖
෴෴෴෴෴෴෴෴෴෴෴

|1| «Malaa'ikaa keessaa kan qur'aan nabiyyii keenyatti s.a.w geesse jibriili.
➦Innis irra caalaa malaa'ikaa ta'e.»
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

|2| «Qur'aannis rasuula keenya Muhamed s.a.w irratti buufame.
➦Isaanis irra caalaa rasuulaa ta'an.»
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

|3| «Qur'aannis gara ummata keenya ummata muhaamed s.a.w buufame.
➦Ummanni keenyas irra caaltuu ummataa taate.»
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

|4| «Qur'aannis baatii ramadaanaa keessaa buufame.
➦Baatiin kunis irraa caalaa baatii hundaa ta'e.»
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

|5| «Qur'aannis halkan leeylatul qadrii keessa buufame.
➦Halkan tunis irra caaltuu halkan hundaa taatee.»
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

❝ Osoo qur'aanni qalbii kan kee keessa qubatee, Rabbiin imaanaan si badhaasee, atis irra caalaa namaa taata.

Rabbiin qur'aanaan sadarkaa keenya ol nuuf haa fuudhu.❞
Beekkumsaa fi hikmaa isaa nuuf haa dabalu.

━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
SEENAA BAAYYEE NAMA GADDISIISU, KAN NAMA BOOCHISU.
SEENAA HAADHAA IRRAA.....
Dubbisaa Share waliif godhaa
Haadha ilmaa takkaatu ture. Ija tokko qofaatu arga, ijji 2ffaa hin argitu turte. Mucaan ishee akkuma oli guddachaa dhufeen ija takkattii qabaachuu haadha isaa kana garmalee jibbe, itti
qaanaye. Keesumaayyuu isaa ishee wajjiin jiru akka namni biroo argu tasuma hin fedhu ture. Guyyaa tokko mana barumsaa inni itti baratu keessatti ayyaana haadhaatu kabajama ture. Inni sababa haati isaa ija takkattii qabduuf ishee qabatee deemuu hin barbaadne waan ta'eef sagantaan akka jiru itti hin himne. Haata'uu malee isheen warra ollaa irraa dhageessee, mucaan koo osoo ani jiru kophaa dhaabbataa
jettee dhokattee gara mana baruumsa isaa adeemte. Inni tasuma dhufuu ishee waan yaadee hin turreef, gaafa ishee argu fuulli isaa gurraachayee cilee fakkaate. Akkuma isheen bira geesseen maaliif dhufte? maaliif nama keessatti na qaanessita? Amma dafii na biraa deemi ittiin jedhe. Isheen
immiimaan dhangalaasaa gara mana isheetti galte. Guyyaa 2ffaa yeroo inni baruumsatti deebi'u barattootni tokkoo tokko heyehey kkk harmeen tee ija takka qabdii? ittiin jedhan. Innis
dallansuu dhaan galee kana booda ani kan gammadu yoo si arguu dhiise qofa ittiin jedhe. Sana booda carraa barnootaa biyya biroo argatee deeme. Bakkuma deemetti Waggaa hedduu lakkoofsisee baruumsas eebbifamee fuudhee maatii horate. Isheen ilma isa malee waan hin qabneef yaadaan
baay'ee miidhamtee isa iyyaafachutti kaate ammas. Namni gaafa bakka inni jiru eeruuf, na hin argin jedheera garuu isa takka argee yoo du'e woyya jettee isa bira deemuuf kaate.Gaafa tokko balbala isaa namni rukutee jennaan, ijoolleen isaa balbala jalaa banan, innis gadi dhufe. Daa'immaan isaa keessaa isheen takka dheessitee baqatte, innis eessaan asi dhufte si arguu hin fedhu siin hin jennee jedheen. Ammaas imimmaan ishee harcaasaa tarii mana nama biraa dhufe ta'aa?
jettee deebitee galte.
Osoma jedhuu keessi isaa gammachuu dhabaa dhufnaan haadha manaa sobee hojii woyiitiifan biyya biraa deema jedhee gara haadha isaa dhufe.

Harmeen isaa ishoo ilma koo baga dhufte, ana garmalee na dhukkubee guyyaa muraasatti akka du'u doktoriin natti himeera. Hunduma caalayyuu ati guddattee sadarkaa kana naaf gahuun galata rabbiif galcha.
Kana booda m/barumsaas ta'ee bakka ati jiraattus dhufee si hin rakkisu.Garuu icciitii hanga har'aa siif hin himin tokko har'a siif hima. Ilaamee ilma koo gaafa ati daa'ima xiqqaa turte yeroo san. , Balaan tasaa si mudatee ijji kee takka jaamtee turte.Akka haadha tanteetti, akka ati ija takkaan guddattu waan hin
barbaadneef, doktoriitti himee akka ija koo baasee siif kennu godheera. Ilma koof kana godhuuf yoomiyyuu ni boona. Aariif dallansuu kan kee akka ati barattee nama taatuuf irra darbeera. Ammas sijaaladha. Kana booda haati koo nama keessatti na qaanessiti jettee hin yaadin.. Nagayaatti jetteen.
Ilmoo akkasii nu hin taasisin.
Yaa ilmoo namaa Haati;
1.ji'a sagal guutuu dhukkubii hammamii wajjiin garaatti nama
baatti
2. Yeroo ati daa'imaa hin raftu,hanga ati raftutti
3. Erga dhalattee jalqabdee hanga fuutee/heerumtee biraa
baatutti dursa si nyaachiftee, yoo argatte si booddee nyaatti
4. Gaafa ati halkaniif guyyaa boossu , obsaan si wajjiin dabarsitee si guddifti
5. Si barsiiftee adunyaatti si dabalti.
🤲Adaraa haqa haadha keetii jabeessi.

Obboleewwan keessaniif Share godhaa
www.tg-me.com/gababo
@Gaaddisa_dhugaa irraa
KAFALTII BADII ISAA
•••••••••••••••••••••
Abbaan Seenaa seenaa isaa akkanatti dubbata!

Barataa yunivarsiitii ture.
Yunivarsiitii keessatti mucayyoo takka wajji wal baranne. Booda jaalala haraamaa ishee wajji jalqabe. Yeroo dheeraaf ishee wajji ture. Waqtii tokko irratti hiriyyaan koo tun narraa ulfoofte. Ulfaahuu ishee yommuu natti himtu arrabsee ufirraa geggeessee ari'een.
Walitti dhufeenya ishee wajji qabus guyyaa sana irraa jalqabee adda kute.

Waan tahe hunda obboleessa ishee bira deemtee himatte. Obboleessi ishees na bira dhufee na dubbisuuf yaale. Anis akka ishee hin beekne itti himee "nama ishee ulfeesse deemtee haa barbaadattu" jedheetiin itti baacee isa geggeesse.
Homaa tokko iyyuu gochuu waan hin dandeenyeef gaddee qofa na dhiisee na biraa deeme.

Guyyaa sana yommuu gara mana jireenyaa kootti deebi'ee galu harmeen koo lafatti jigdee booyaa turte. Ni rfadhe. "Harmee koo maal na jalaa taate?" jedheen Gaafadheen. Of wallaalte lafatti jigde. Yeroo 3 walfaana of-wallaalte lafatti kufaa lafaa ol-kaati. Xumura irratti ishee tasgabbeesse maaltu akka uumame ishee gaafadhe.
"Obboleettiin kee mucaa ollaa irraa ulfooftee jirti" naan jette. Of tohachuun dadhabe. Yaa Allah!

Gara mucaa jedhame bira deemee gaafadheen. Deebiin isaa hanga onnee koo eeboon na waraananitti natti dhaga'ame. "Deemtee nama ishee ulfeesse haa barbaadduu siif hin beeku " naan jedhe. Deebii ani Obboleessa hiriyyaa kootii saniif deebise innis tokko tokkoon osoo hin jijjiirre naaf deebise. Homaa gochuu waan hin dandeenyeef ittin dhiise.

Waggootiin muraasni ni dabran.
Bultii ijaarachuu barbaadee bultii ijaaradhe. Halkan haadha manaa koo wajjiin walqunnamu haati manaa koo akka kabajaa ishee gatattee jirtu bare. "Maaloo naaf dhoksi eenyuttuu nan himin Rabbiin siif haa dhoksuu" jettee na kadhatte. Nan booye. Keessa kootti "yaa Rabbi kiyya gahe gahe maaloo gahe naan jedhi" jedhee warwaadhe. Eenyuttuu hin dubbanne nan cal'ifadhe.

Haati manaa koo mucayyoo bareedduu taate takka naaf deesse.
Baay'ee bareeddii turte.
Mucayyoon too umrii 9 guuteeraaf.
Guyyaa tokko imimmaan imimaa gara manaatti deebite. Yommuu sagalee ishee dhaga'u bakkee taa'uu ol ka'ee itti gadi bahe.
Waardiyyaan dhaabbata naannoo keenyatti argamuu tokko dirqiin ishee gudeedee akka jiru bare.

Kuni hundi bu'aa dalagaa kiyyaa ture. Hiriyyaan too sun obboleessa qabdii turte. Obboleessi ishee natti gadde. Anis obboleettii koo irra waan gaheen akka gaddu taasifame.
Hiriyyaan too sun gara fuulduratti abbaa manaa godhatti. Abbaan manaa ishee waan tahe yommuu beeku ni gadda. Anis kinoo haadha manaa kootiin akka gaddu taasifame. Abbaan hiriyyaa kooti sun natti gaddanii turan. Anis har'a akka abbaatitti waan mucayyoo koo irra gaheen akka gaddu taasifame.

"Aljazaa'u min jinsil amal" jedhamaa mii!!!

Yaa Rabbi dalagaa fokkattuu hunda irraa nu tiksi!

www.tg-me.com/gababo
Forwarded from Deleted Account
​​Rabbiin warra jaalatu himee; Ati kam kheeysa jirta?

Rabbiin ol tahe akkana je’e:
وَأَحْسِنُوا إِنَّ اللَّهَ يُحِبُّ الْمُحْسِنِينَ
“Tolchaa (Ibaadaa teeysan, haala kheeysan, dalagaa teeysan, tola olaa) Rabbiin warra toltuu dalagu jaalata.”
Al-Baqaraa: 195
Al-Ihsaan jechuun Hadiisa kheeysatti Nabiin ﷺ akki je’e: Rabbi gabbaruudha akka Isa argaa jirtutti, yoo atii arguu baattes inni si arga.

Ammas Rabbiin akki je’e:
إِنَّ اللَّهَ يُحِبُّ التَّوَّابِينَ وَيُحِبُّ الْمُتَطَهِّرِينَ
“Allaah warra towbaatu (badii irraa gama Rabbii deebi’uu) ni jaalata ammas warra qulqulleeyfatu jaalata.”
Al-Baqaraa: 222

Ammas Rabbiin ol tahe akkana je’e:
وَاللَّهُ يُحِبُّ الصَّابِرِينَ
“ Rabbiin warra Obsu jaalata”
Al-Imraan: 146
Ammas Rabbiin akkana je’e:
فَإِنَّ اللَّهَ يُحِبُّ الْمُتَّقِينَ
“Rabbiin Al-Muttaqiin (warra Isa sodaatu) jaalata.”
Al-Imraan: 76

Ammas Rabbiin akkana je’e:
فَتَوَكَّلْ عَلَى اللَّهِ إِنَّ اللَّهَ يُحِبُّ الْمُتَوَكِّلِينَ
“ Allaah irratti irkadhu, Allaah warra Isarrati Irkatu jaalata.”
Al-Imraan: 159
فَاحْكُمْ بَيْنَهُمْ بِالْقِسْطِ إِنَّ اللَّهَ يُحِبُّ الْمُقْسِطِينَ
“Jidduu Isaaniitti haqaan murteeysi Allaah Al-Muqsiixiin (warra haqaan murteeysu) jaalata.”
Al-Maa’idaa: 42

Ammas akkana je’e:
إِنَّ اللَّهَ يُحِبُّ الَّذِينَ يُقَاتِلُونَ فِي سَبِيلِهِ صَفًّ
“ Rabbiin warra karaa isaa kheysatti tarree galee lolu jaalata.”
As-Saff: 4

Warri Rabbiin akka jaalatu Qur’aana kheeysatti dubbate:
1-Al-Muhsiniin: warra Ibaadaa, akhlaaqa, dalagaa hunda kheeysatti tolchanii dalagan. Warra tolchu.
2-At-Tawwaabiin: warra badii irraa gama Rabbii deebi’uun badii dhiisu.
3-Al-Mutaxxahiriin: Warra qulqulleeyfatu gubbaa fii kheeysa ifillee warra qulqulleeysu.
4- Al-Muttaqiin: warra Rabbi sodaatu. Warra badii dhiisuun Azaaba Rabbi ifirraa eegu.
5- Al-Mutawakkiliin: Warra Rabbi qofarratti irkatu.
6- Al-Muqsiixiin: Warra haqaan muru. Warra haqni yoo kan isaanirratti muru taates ifirratti muru.
7- Warra Karaa Rabbii kheeysatti tarree galanii lolan.
8- Warra Obsu Jaalata.

Sheekh Aliyyi Ax-Xanxaawii Rabbi rahmata haa godhuufii akki je’e:

<<Sa Rabbiin na jaalataa?
Rabbiin gabroottan Isaa akka Jaalatuu fii sababaalee Isaan jaalatuuf Qur’aana Kheeysatti himee jira…
Sammuu tiyya kheeysan oofa ifii kiyya achii kheeysatti nin arga moo hin arguuf….
Wannin Arge Rabbiin “Al-Mutaqqiin” warra Isa sodaatu jaalata, ifii tiyya jara kana keeysatti hisaabuuf hin jeynoomu!
Ammas Rabbiin warra obsu jaalata, Laafni Obsa kiyyaatin yaadadhe..!
Ammas Rabbiin “Al-Muhsiniin” akka jaalatun arge, Tana ani haalaanin irraa fagoo tahu if arge..!
Ammas Rabbiin warra Jihaada godhu jaalata, Hifannoota kiyyaa fii akkan itti hin jirreen if arge..!
Hoggaan lakkaawu waan Rabbiin na jaalatuuf hin argu je’eetiin sodaadhe, Dalagaa tiyya nin fattashe…
Dalagaan tiyya ammoo hedduun isii kheeyrii irraa booda aanuu, cubbuu, badii fii dogongora hedduun guuttamte…
Hogguma kana jechi Rabbii ol tahee tokko naaf dhufe:
إِنَّ اللَّهَ يُحِبُّ التَّوَّابِينَ
“Rabbiin warra towbatu ni jaalata”
Hogguman aayata tana yaadadheen Isiin tuni anaa fii warra akka kiyyaatiif jechuun naaf galte. San booda:
أستغفر الله وأتوب إليه
“Araarama Allaah barbaada, Badii irraa gama Isaatiin deebi’a”
“Araarama Rabbiitin kadhadha, badiirraa gama Isaatin deebi’ee Towbadha”
Jechuuttin seene, Akkaan warra Rabbiin jaalatu kheeysa seenuuf.
Obbo Jawaar Mahaammadfaarratti himannaan baname!

Obbo Jawaar Mahaammad, Baqqalaa Garbaa, Hamzaa Booranaa dabalatee namoota 18 irratti himannaan baname. Himatamtoonni Mana Murtii Olaanaa Federaalaa dhaddacha yakkaa heera mootummaa fi shororkeessummaa 1ffaatti dhiyaataniiru.

Himannaan irratti banames seera yakkaa 1996 bahe keeyyata yakkaa 240 irra darbuun walitti bu'iinsa sabummaa fi amantaa bu'uura godhate kakaasuu, labsii yakka shororkeessummaa ittisuu fi to'achuuf ba'e 1176/2012 irra darbuu, labsii burjaajjii teelekoom ittisuuf ba'e 761/2004 fi labsii bulchiinsa meeshaalee waraanaa lakkoofsa 1177/2012 irra darbuudhani.
TOKKICHUMMAA WAAQAA KAKUU MOOFAA KEESSAATTI
Mata duree darbe keessatti tokkichummaa waaqaa kan kakuu haaraa keessa ilaallee dabarsine.Amma immoo tokkichummaa Waaqaa kan kakuu moofaa keessatti dubbatame ilaalla.
Osoon mata dureetti hin seenne qabxii barbaachisaa tokko kaasuun barbaada:
Keeyyatni armaan gadii kun Kiristaanota dhugaa barbaadan gara dhugaatti deebisuuf baayyee gargaara(muteessaadha).Akkasumas Muslimoota Obboleewwan keenya Kiristaanaatti da'awaa( waamicha Islaamummaa) godhan bayyee fayyada kanaafuu qabxii kana xiinxallaan akka dubbiftan isin gaafadha.
Keeyyaticha keessatti akka Waaqni hin geeddaramne( hin jijjiiramne) ibsameera.Kan jechuun karaa biraatiin: Waaqni yeroo tokko nama ta'ee, yeroo biraa Waaqa hin ta'u jechuudha.
Kistaanaonni yeroo nuti Muslimoonni " Yesuus gaafa Biyya Lafaa jiru rakkate, beela'e, namaan tumame, Seexanaan qoratamee jira.Duuba akkamitti yoo Waaqa ta'e rakkoowwan kun isa mudata"? jennee yeroo gaafannu. "Yesuus bifa lama qaba. bifa namummaafi bifa Waaqummaati, yeroo inni rakkoowwan kana mudates yeroo namummaa sana " jechuun nuuf deebisu.
Kuno akkuma armaan gaditti argitan Macaafni isaani immoo Waaqni hin geeddaramu jedha.
Jecha Kiristaanota kan Waaqni in jijjiirama jedhutu sirriidha mo?
jecha Macaafa kan Waaqni hin jijjiiramu jedhutu sirriidha?
Dubbiin walfaallessu lama yeroo tokko keessatti dhugaa hin ta'u,isa kamtu dhugaadha? isa kamtu soba?deebii Kiristaanota barreeffama kana dubbisaniifan dhiisa,Keeyyatichi kan armaan gadii kana.
(Macaafa Milkiyaas raajchaa Boqonnaa 3 Lakkoofsa 6 irratti) Itti fufees, "Ani Waaqayyo waanan ta'eef, hin geddaramu; kanaaf yaa ilmaan Yaaqoob isin raawwattanii hin badne."
Dabalataan ergaan kanaan walfakkaatu.Kan akka Waaqni nama hin taane ibsu keeyyata armaan gadii kana keessatti ibsameera.
Macaafa Hosa'e Raajichaa Boqonnaa 11 lakkoofsa 9 irratti. " Ani dheekkamsa koo isa boba'aa gad hin dhiisu, deebi'ee Efreemin hin balleessu; ani Waaqayyoo dha malee, nama miti; ani isa qulqulluu si gidduu jiruu dha, ani ija aariitiin hin dhufu."
Amma immoo gama mata duree keenyaa yoo deebinu:
Keeyyata armaan gadii kana keessatti Waaqayyoon tokko qofa akka ta'e lafaa kaahera.
1, ( Seera Ba'uu Boqonnaa 20 lakkoofsa 1. irratti. ) 1 Waaqayyo dubbii kanatti fufee jiru hundumaa in dubbate; 2 inni, "Ani Waaqayyo, gooftaa kee isa mana garbummaa biyya Gibxii keessaa si baasee dha. 3 "Waaqayyolii kan biraa tokko illee ana bukkeetti hin qabaatin!
Keeyyata kana keessattis Waaqni akka tokko ta'eefi akka qaama biraa Waaqaa wajjin gabbaruun hin barbaachifne dubbatameera.
2,( Seera Ba'u. Boqonnaa 23 Lakkoofsa 13 irratti )" Wanta ani sitti hime kana hundumaa hubadhu, waaqayyolii biraa hin waammatin, maqaan isaaniis afaan kee irraa hin dhaga'amin!"
3,(Seeraa Kessa Deebii Boqonnaa 6 lakkoofsa 4 irratti.)4 Yaa Israa'el dhaga'i! Waaqayyo gooftaan keenya Waaqayyo isa tokkicha! 5 Ati Waaqayyoon gooftaa kee garaa kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaanis jaalladhu! 6 Dubbiin ani har'a si abboomu kunis garaa kee keessa haa taa'u! 7 Isas keessa deddeebi'ii ijoollee kee barsiisi! Yeroo mana kee keessa teessu, karaa irra yeroo adeemtu, yeroo ciiftu, yeroo kaatus waa'ee isaa dubbadhu!
4,(Seera kessa deebii Boqonnaa 4 Lakkoofsa Doddomii sagal 39 irratti."Kanaafis har'a gooftichi ol waaqa irratti, gad lafa irrattis Waaqayyo akka ta'e, kan biraas akka hin jirre beekaa, yaadattis qabadhaa!"
5,(Seenaa baraa isa duraa Boqonnaa kudha Torba 17 lakkoofsa 20 irratti. )" "Yaa Waaqayyo, akkuma nuyi gurra keenyaan dhageenyetti iyyuu kan akka keetii tokko illee hin argamu, si malees Waaqayyo kan biraa hin jiru."
6,(Macaafa Faarfannaa Boqonnaa 16. Lakkoofsa:4 irratti. " Warri Waaqayyoon dhiisanii kan biraa fudhatan, miidhama of irratti in baay'isu, dhibaayyuu dhiigaa isaaniif dhi'aatu ani hin dhibaafadhu, afaan kootiinis maqaa isaanii hin dha'u."
keeyyata armaan gadii kana keessatti immoo akka Waaqni isa jalqabaa ta'e.Waaqni ofumaaf dubbateera.Yeroo tokko tokko Kiristaanonni jecha Waaqni dubbate kana akka jecha Yesuusitti fudhachuun kan dogongoran argina.Dubbiin dhugaa fi qabatamaa immoo kee
Waan Dhaga'an Hunda Odeessuun Kijiba Guddaa irraahi:


- Ergamaan Rabbii (saw) akkana jedhan: {Namaaf Waan Dhaga'e hunda Haasa'uunuu kijibaaf isaaf Geessi}.
-Muslim tu Gabaase

🎯عَنْ خُبَيْبِ بْنِ عَبْدِ الرَّحْمَنِ عَنْ حَفْصِ بْنِ عَاصِمٍ قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: ((كَفَى بِالْمَرْءِ كَذِبًا أَنْ يُحَدِّثَ بِكُلِّ مَا سَمِعَ)). روه مسلم.

-Waan Agartee fii Dhageesse hunda Hin odeessin. Garii isii qabadhu.
#Wancii

Abbootiin qabeenyaa Oromoo Proojaktii Wanciif deeggarasa Birrii biiliyoona 1.2 taasisuuf waada galaniiru. Abbootiin qabeenyaa Oromoo 300 sagantaa galii walitti qabuu ‘maaddii biyyaaf’ irratti hirmaataniiru.

Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa sirnicharratti argamuun haasaa taasisaniin. Abbootiin qabeenyaa misoomaa naannoo akkasumaas guddina biyyaaf ga’een isaan taasisaan jaalala biyyaa qabaachuu isaanii kan muldhisudha jedhaniiru.

Haroon Wancii Finfinneerraa fageenya Kiiloo Meetra 150 irratti kan argamtu yoo taatu, gaarreeniin kan marfamtee fi bishaan ho’aa kan qabdudha.
2024/09/28 03:14:54
Back to Top
HTML Embed Code: