Telegram Web Link
Filannoo Preezdaantummaa Iraaniin Ibraahiim Raaysiin injifatan!

Filannoo Preezdaantummaa Iraaniitti gaggeeffameen Ibraahiim Raaysiin injifachuu ibsame.

Abbaa Seeraa fi Abbaa Alangaa ta'uun kan tajaajilan Raaysiin % 62 sagalee argachuun injifataniiru. Baatii Hagayyaa dhufu sirna waadaa galuu ni raawwatu jedhamee eeggama.

Raaysiin faallaa biyyoota Lixaa ta'uu isaanii dubbatama. Preezdaantichi Ameerikaan qoqqoobbiin kan irra kaa'ame yoo ta'uu, bara Faranjoota 1988 dhiyeenya Teehiraanitti miidhaa sirreeffamtoota manneen amala sirreessarra qaqqabe keessa harka qabaachuun shakkamu jedhame.

Lammiileen Iraan hedduunii fi falmitoonni mirga namoomaa adabbii ajjeechaa iccittiin sirreeffamtoota kanneenirra qaqqabeef Raaysiin itti gaafatamaa taasiisu.

Yeroo sanatti sirreeffamtoonni siyaasaa manneen amala sirreessarra keessa turan kumni 5 ajjeeffamuu ragaaleen ni ibsu.

Iddoo namoonni kunneen itti awwaallaman hanga ammaatti hin beekkamne jedhame.

Maddi: BBC
#ASTU

Yunivarsiitiin Saayinsii fi Teeknoloojii Adaamaa galmeen barattoota digirii jalqabaa haaraa kan bara 2013 Waxabajjii 24 hanga 25 bara 2013 ALI ta'uu beeksiseera.

Barattootni gara Yunivarsiitichaa wayita deeman wantoota qabachu isaanirra eegamu:

• Kaardii qormaata kutaa 10ffaa fi 12ffaa (Orijinaala fi koppii tokko tokko)
• Traanskiriiptii kutaa 9ffaa hanga 12ffaa (Orijinaala fi koppii tokko tokko)
• Suuraa 3*4 afur
• Ansoolaa fi uffata siree
• Uffata Ispoortii

Odeeffannoo dabalataaf marsariitii Yunivarsiitichaa www.astu.edu.et akka mil'atan Waajjirri Rejistiraara Yunivarsiitii Saayinsii fi Teeknoloojii Adaamaa eereera.
Mubaar Qaasim jedhema jiraata magaalaa Shaashamannee ganda 01 nama qabeenya qabu ummata Oromoof oolche hardha garuu qaama mootummaan siidaan yaadannoo goota Oromoo Innis baasi mataa ofiin ijaare jalaa diiganii isa hidhaanii jiru Kanaaf sagalee ta'aaf
#SelaleUniversity

Yunivarsiitiin Salaalee galmeen barattoota digirii jalqabaa haaraa kan bara 2013 Waxabajjii 24 hanga 25 bara 2013 ALI ta'uu beeksiseera.

Barattootni gara Yunivarsiitichaa wayita deeman wantoota qabachu isaanirra eegamu:

• Kaardii qormaata biyyooleessaa kutaa 8ffaa (Orijinaala fi koppii tokko tokko)
• Kaardii qormaata kutaa 10ffaa fi 12ffaa (Orijinaala fi koppii tokko tokko)
• Traanskiriiptii kutaa 11ffaa fi 12ffaa (Orijinaala fi koppii tokko tokko)
• Suuraa 3*4 saddeet
• Ansoolaa, uffata siree, uffata boraatii
• Uffata Ispoortii

Dabalataan barattoonni bara 2012 keessatti barnoota seemisteera tokkoffaa karaa seera qabeessaan addaan kutan guyyaa kanaan akka galmaa'an Waajjirri Rejistiraara Yunivarsiitii Salaalee hubachiiseera.
Ati naaf ibsaa kooti yaa abbaa ko!

Bontu Bekele
👇👇👇👇👇👇👇
Namoonni baay’een Facebook irraa ugguramaa jiru. Oromia Media Network satalaayitii irraa adda citee jira. Sababni isaa Qoratamaa jira.
Abdo Qaadii Facebook irraa ugguramuu irra darbee computer fi telephone isaa cabsanii seenuuf akka yaalamaa jiru karaa inbox na beeksise.

Email Dejene Gutema tiis cabsuuf yaaliin taasifamaa ture. Maaltu akka deemaa jiru ifadha. Of-qopheessa, yaalii dhumaa taasisaa jiru. Akka tasaa Facebook irraa yoo ugguramne karaa telegram Wol-haa agarru
#OromiaMediaNetwork

OMN sababa hin beekamneen qilleensa irraa bu'uun dhagahame.

Tamsaasni TV OMN galgala har'a (Waxabajji 13,2021) naannoo sa'aatii 4:00 irraa eegalee qilleensarraa bu'uu miidiyichi fuula fesbuukii isaa irratti beeksiseera.

Sababa Oromiyaa Miidiyaa Neetwoorki(OMN) qilleensarraa bu'ee hanga ammaatti kan hin beekamne ta'u fi baruuf immoo qorannoo gaggeessa jiraachuu OMN fuula fesbuukii isaa irratti beeksiseera.

Via: OMN
#Filannoo2013

Dura-taa'aa Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) Piroofesar Mararaa Guddinaa dhimma filannoo baranaa ilaalchisee filannicha taajjabuuf jiila isaanii waliin gara Finfinnee kan galan Pirezdaantii Naayijeeriyaa duraanii Oluseguun Obaasaanjoo waliin marii gaggeessaniiru. Turtii isaani kanaan maal mari'atan?

👇
https://www.gadaapost.com/oduu/piroofesar-mararaa-g-2021-06-21-074418154564
Maalo Oromoo tiyya subscribe nuuf godhuudhan nuu jajabessaa isinin jenna.
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇

Watch "NEW WALALOO JAWAR MOHAMMED DAWADHAA ISININ JENNA !" on YouTube
https://youtu.be/p51FnhhOuDY
https://youtu.be/p51FnhhOuDY
https://youtu.be/p51FnhhOuDY
Filannoon UMMATA Bal'aa isaa fi Jaallan isaati!
Kanas ummanni Qabatamaan Har'a irra Deebin Mirkaneesse!

Gootota Keenya!

#FreeJawarMohammed
#ShamElection
#EthiopianElection2021
#FreeAllPoliticalPrisonerInEthiopia
Kunoo Waggaa tahee Jira Erga Interview Haacaaluu Isa dhumaa #OMN irratti ilaalle.
Erga gaafasii Waameeqa keessa dabarree?
Waameeqas Dabarsine?
Waameeqatu nurra gahe?
Dhiigni Goota kanaatis akkuma dhokfametti har'a gahee Jira.
Qaamni yakka sana raawwates Murtii tokko malee har'a gahan?

Yaa Nuhii!
Guyyaan hin dhaabbatu
Lammiin Ameerikaa Filannoo Itoophiyaa taajjabaa ture tokko kutaa ciisichaa Hoteela isaa keessatti du'e argame.

👇
https://www.gadaapost.com/oduu/lammiin-ameerikaa-fi-2021-06-22-081736078082
#Dhaddacha

Himatamtoota galmee qondaala siyaasa ABO fi barreessaa kitaabootaa Yaasoo Kabbabaa jalatti mana murtiitti dhiyaatanii turan bilisa jedhamanii guyyaa har'aa mana hidhaa irraa bahaniiru.

Isaanis;
1. Yaasoo kabbabaa
2. Efreem Galataa
3. Fiixaa Caalaa
4. Galaanaa Waaqgaarii
5. Firaa'ol Indaaluu
6. Taaddaluu Yoonaas

Madda: SQB
Filannoo baranaa fi Oromiyaa: Filannoo Paartiin Badhaadhinaa kutaalee Oromiyaa baay'ee keessatti 'qofaasaa' dorgome
••••••••••••••••••••


Kaleessa Waxabajjii 14, 2013 magaalaa guddittii Godina Shawaa Lixaa, Amboo dabalatee bakkeewwan naannoo Oromiyaa baay'ee keessatti filannoo biyyaaleessaa marsaa 6ffaa bakka paartilee morkattoota hin jirreetti, paartii biyya bulchaa jiru Paartii Badhaadhinaa qofa filannoof bakka dhiyaate jirutti ummanni ganama barii kaasee hanga galgalaatti sagaleesaa kennaa oole.

Godina Shawaa Lixaatti Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataaf kaadhimamtoota 18 akkasumas Mana Maree Naannoof kaadhimamtoota 43 galmaa'aniiru. Godina kana keessaa Buraayyuutti Mana Paarlaamaaf (M/M/B/B/U) kaadhimamaa tokko kan galmeessise Paartii Tokkummaa fi Walqixxummaa akkasumas Paarlaamaaf (M/M/B/B/U) kaadhimamaa tokko fi Mana Maree Naannoof kaadhimamaa tokko kan galmeessise Paartii Walqixxummaa fi Bilisummaa Oromoo ala Paartiin Badhaadhinaa qofa naannolee filannoo hundatti dorgomaa ta'e dhiyaateera.
#HaacaaluuHundeessaa

Albama haaraa Artiist Haacaaluu Hundeessaa "Maal Mallisaa" jedhu yeroo dhiyootti gabaarra ni oola. Fuulli Fesbuukii haaraa maqaa isaatin banameera. Dhimmoota waa'ee hojiisaa darbaniifi fuuldura dhufan, maatiisaa, hojiilee maqaasaatiin hojjetamaniifi kaanis fuula kanarraa argattu. Like, follow fi share gochu hin dagatiinaa.

👇
https://www.facebook.com/hachaluhundessaofficial

•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Hachalu Hundessa’s new album, “Maal Mallisaa”, will be coming out soon. This (below) is official facebook page of artist Hachalu Hundessa. You can get all informations about his past works and the upcoming ones through this page. Don't forget to like, follow and share.

👇
https://www.facebook.com/hachaluhundessaofficial
KFOn Mootummaan Ce'umsaa ijaaramuu akka qabu ibsuudhaan, tumsa akka godhan dhaabbilee idil-addunyaaf waamicha dhiyeesse.

[SQ Waxabajji 23/2021]

Kongiresiin Federaalawaa Oromoo (KFO) ibsa har'a baaseen filannoon Itoophiyaa fudhatama akka hin qabneefi nagaa fiduu akka hin dandeenye ibsee Mootummaan Ce'umsaa hunda hammate akka ijaaramu hojjechuusaa ibseera.

Kanaafis uummanni Itoophiyaa fi dhaabbileen idil-addunyaa tumsa akka godhan gaafateera.
2024/11/17 12:45:12
Back to Top
HTML Embed Code: