Telegram Web Link
ماشاءالله
Tola Rabbiitiin Xumurre الحمدلله
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Giddu-galli Hifzii Qur'aanaafi tarbiiyaa Ja'afaru Xayyaar barattootasaa eebbisiise.
Bulchiinsa magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Furiitti kan argamu Giddu-galli Hifzii Qur'aanaafi tarbiiyaa Ja'afaru Xayyaar Haafizootaafi barattoota sagantaa gannaatiin simatee barsiisaa ture sirna ho'aadhaan eebbisiiseera.

Bara 2011 kan hundaa'e giddugalichi hanga ammaatti walumaagalatti dameewwan garaa garaatiin barattoota 1,100 barsiisee eebbisiiseera.

Sagantaa eebba barattoota kana irratti bakka buutonni majlisa Federaalaa, ulamaa'onni, ustaazonni, keessummoonni waamichi taasifameefi maatiin barattoota eebbifamanii akkasumas hawaasni hedduun argamaniiru.

Barattoota qabxii olaanaa galmeessisaniif badhaasni garaa garaas kennameera.
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Imala Ijoollee Guddisuu fi Daa'imman Tiksuu F/waa Islaamaa
Miidhaa Sabboonummaan Guutuu Addunyaatti fide
''Nabiyyii saba keenyaan ala ergamu hin qeeballu jedhu turan''
**
Miidhaan  guddaan  addunyaa  kana  irratti  uumame sababa  sabboonummaa  akka  ta’e  eenyunuu  ni  hubata. Innis  waraana  addunyaa  lammaffaa  kan  lubbuu  namoota miliyoona  shantamaa  olii  baase,  namoota  lakkaa’uuf  hin mijoofne  bakka  bu’an  dhabamsiise,  qabeenya  baay’ina isaa  tilmaamuuf  ulfaatu  barbadeesseedha.  Sababni  isaa sabboonummaa  biyya  Jarmanii  keessatti  daangaa  darbee gara  of  tuuluutti  jijjiirameedha.  Lammiin  Jarmanii  Ad*olf Hit**lar  walakkeessa  jaarraa  digdammaffaa  keessa Heeraan*vook  jedhamuudhaan  kan  beekamu  doktiriinii sabboonummaa  labsaa  ture.  Ijjannoo  sabboonummaa  isaa kana  irraa  kan  ka’e  yeroo  sana  kan  armaan  gadii  jedhee ture:

"Nama  akka  qamalee  leenjisanii  akka  inni  abukaatoo  ta’u  karaa agarsiisuun  yakkamaafi  maraatuu  nama  godha.  Akkasumas gochi  kun  cubbuu  hojjachuufi  seera  ittiin  bulmaata  keenyaa cabsuudha."

Ilaalcha sabboonummaa  hangana  isa  keessatti guddateen  “Ardii  Awrooppaa  keessa  sanyiin  qulqulluun Jarmanoota qofa; isaanis Aariyaanotaati” jedhaa ture.

Dhiphina guddaa sabboonummaan ummata Jarmanii keessatti uume kana ilaali. Akka seera isaaniitti namni saba Aariyaanotaa hin ta’in hunduu qamaleedha. Namni qamaloota kana waa barsiisee akka saba Jarmanii nama ta’een falmu godhe yakkamaa ta’uu bira darbee cubbuu Rabbiin wal nama lolchiisu hojjachuudha. Waraanni addunyaa lammaffaa sababni isaa sabboonummaa kana ta’uun maddoolee seenaa hunda keessattuu ibsameera.  Bu’urri of tuulummaa sabaa ulfaataa kana Yah*uud*ota akka ta’e maddoolee baay’eetu dubbatan.

Anis odeeffannoo ana bira jiru isiniin haa ga’u: bu’urri sabboonummaa namoota hunda biraawuu ni jira. Garuu of tuuluu guddaa akka kanaatiin sabni kamuu Yahu*ud*ota hin dursine. Isaantu yaada Awrooppaa keessa babal'isee addunyaa waliin gahe jechuu dandeenya. Kanumti Naa*zistii Jarmaniifi Fa*ashistii Xaaliyaanii yaada Yahu*ud*otaa kana irraa burqe. Yahu*udo*nni amantii isaanii irraa eegalanii akka ilmaan Rabbii ta’an labsaa turan. Kun sabboonummaa isa hanga dhumaatti daangaa tare ta’uu wajjin kijiba kana caalu addunyaan keessummeessitee hin beektu:

👉 Yahu*udo*nniifi Kiristaanonni
"Nuti ilmaan Rabbiitiifi jaalallee Isaati" jedhan. Atis "maaliif badii keessaniin isin adaba? Dhugumatti isin nama Inni uume irraayi” jedhi. [Almaa’idaa: 18]

Dabalatas akka saba Rabbiin biratti filatamoo ta’aniifi yoo ummata biraa irratti badii fedhe raawwatan yakka hin taane labsu. Qabeenya saba biraa fudhachuun isaan irratti yakka hin ta’uus wal barsiisan. Isa kana Qur'aannis nutti himeera.

"Warra kitaabaa irraa nama yoo ati qabeenya guddaan isa amante isa siif deebisutu jira. Ammas isaan irraa kan yoo maallaqa warqeetiin isa amante hanga yeroo dheeraa isaaf eegdutti isa siif hin deebifnetu jira. Kun waan isaan “wallaaltota [qabeenya isaanii nyaachuu] keessatti badiin nurra hin jiru” jedhaniifi odoo beekanuu Rabbi irratti kijiba odeessaniifi. [Aali Imraan: 75]

Of tuuluun guddaan kun isaan biratti argamuudhaaf sababni guddaan ergaa Kakuu Moofaa (Tawraat) keessa jiru isaan jijjiirratanii barreessan ykn jal'isanii hiikaniidha. Of tuuluu kana keessaa tokko nabiyyii saba keenyaan ala ergamu hin qeeballu jedhu turan. Sababa kana yeroo nabi Muhammad [saw] Araba irraa ergaman osoma nabiyyii ta’uu beekanii itti kaf*aran.

Yahuudonni of tuulummaa isaanii kana Talmuud keessatti barreessan. Kitaabni kun yeroo booda gara Afaan Awrooppaatti hiikame. Of tuulummaan Jarmanii inni guddaan asirraa jalqabe. Itti fufa...
Bal'ina isa kanaatiif Kitaaba Oromummaafi Islaamummaa jedhu kan Ustaaz Injinar Gali Ababor n barraahe fuula 218 irraa kaasaa dubbisaa.
السلام عليكم ورحمة الله وبركاته

1. Guyyaa guyyaan Qur'aana dubbisi.

2. Tahajjud salaati.

3. Salaata keessatti waan qaraatu hubadhu.

4. Maqaa fi Amaloota Rabbii 99 baradhu.

5. Siifi Rabbiin jidduutti Hojii Gaggaarii dhoksaan qabaadhu.

6. Keessattuu Sujuuda keessatti Duaa'ii haalaan Kadhu.

7. Namoota Rabbiin yaadatan bira jiraadhu.

8. Du'a Yaadadhuu itti Qophaa'i.
Manneen barnootaa 1,363 barattoota tokkollee hin dabarsine.
Ministirri Barnootaa  bu'aa qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa ilaalchisee ibsa kenneera.

Ministirri kun bu'aan qormaata kanaa galgala har'aa kan ifoomu ta'uu ibse.

Qabxiin giddu galeessaa dhiirotaa - 30.66

Qabxii giddu galeessaa dubartootaaf - 28

Qormaata biyyoolessaa bara kana barattoonni 36,409 darbaniiru.

Qormaata waliigalaa barattoonni dhibbeentaa 5.4 darbaniiru.
< Hanga Allaah qabannee imalletti eenyuyyuu nu hin dhaabu

Hanga Rabbiin of gargaarsifannee, isatti hirkannee adeemnetti wanti kamiyyuu daandii keenya irraa nu hin dhaabu. >

Perezidaantii Turkiyyee Recep Tayyip Erdoğan
Breaking news
Aww
Odeeffannoo hanga ammaatti nu bira gaheen Qormaata biyyoolessaa bara kanaa irratti akka magaalaa Roobettii fi dhaabbata RMSECtti Barattoonni qabxii dabriinsaa kutaa 12ffaa argatan.
           ☑️ Natural science dhaan
ALIMRAN AWEL  536
mahmud 467
Muraad. Umar 453
Ramadaan huseen  448
Nuraddiin seyfuu. 437
Bilaal 395
Boonsaa 395
ibraahim 386
Amiin Muhaammad  381
Hayaat nagaash.  381
A/shakuur Amaan 373
caalaa Amaan 367
Ridwaan 353
Muhaammad abdurahmaan 352


    ☑️     Social science dhaan


Caalaa asnaawoyyii.    462
Momed sulxan  350
Abdurazzaaq. 441
Jafar  said    331
Awwal huseen.  312
Duraan
Yeroo biiftuun baatu kilaba halkanii bakka dhugaatiitiin ba'an ture.
Amma garuu
Salaata fajrii booda masjiidaan ba'a

Wallaahii akkanatti oolmaa eegaluun waan akkam bareedeedha. Islaamummaa keessatti jireenya jiraachuun dhugummatti carroomuudha.

Shaampiyoonaa buunyaa/booksii, Raagbii Idil-addunyaa, obboleessa keenya dhiheenya kana islaamummaa fudhate Soonii Wiiliyaams. Kan inni fuula X isaa irratti katabe irraa.
*بِسۡـــمِ اللّٰهِ الرَّحْمٰنِ الرَّحِيْمِ*

*اَلسَّـــــلَامُ عَلَــيــْكُمْ وَرَحْمَـــةُاللّٰهِ وَبَرَكَـاتُهُ* ‌‌‌‌‌‌‌‌‏

*رَبَّنَا ھَبْ لَنَا مِنْ اَزْوَاجِنَا وَذُرِّيَّاتِنَا قُرَّةَ اَعْيُنٍ وَّاجْعَلْنَا لِلْمُتَّقِيْنََ إماما*

*Yaa Rabbii keenya haadha manaa fi sanyii keenya keessaa jajjabina ija keenyaaf nuuf kenni qajeelotaaf fakkeenya nu taasisi.*

*اے ہمارے رب! ہمیں اپنی بیویوں اور اولاد سے آنھکوں کی ٹھنڈک عطا فرما اور ہمیں متقین کا امام بنا۔*

*( الفرقان : 74 )* .
2024/09/21 01:18:27
Back to Top
HTML Embed Code: