Telegram Web Link
إنشاءالله
Bataskaanni gara masjiidatti jijjiiramuun muslimootaaf tajaajila kennuu eegale
~~~~~
Biyya Kanaadaa magaalaa Otaawaa kallattii kibbaatti kan argmuufi waggoottan 120 oliif hordoftoota amantaa kiristiyaanaatiif tajaajila kennaa kan ture akkasumas lakkoofsi namoota isa daawwachuuf garas deemanii yeroodhaa gara yerootti dabalaa kan dhufe bataskaanni umrii dheeraa qabu kan ''St. Margaret Mary Church'' jedhamuun beekamu kan waldaa kiristaana Kaatolikii ture gara masjiidaatti jijjiiramuun muslimootaaf tajaajila kennaa jira.

Manni Maree Olaanaa Islaamaa Kaanaadaa bataskaana yookaan waldaa amantoota kiristiyaana Kaatolikii kibba magaalaa Otaawaa kan daandii 'Fairbairn' irratti argamu kana bituun guutummaan guutuutti gara masjiidaatti jijjiruun muslimootaaf tajaajila akka kennu godheera.
Allaahu Akbar
Mootaroonni kunneen gumaacha imaamotaaf taasifameedha
Dhaabbanni tola ooltummaa, gargaarsaafi misoomaa idil-addunyaa 'Ummah Welfare Trust' biyya Lixa Afriikaa Seeraaliyoonitti (Sierra Leone) imaamota masjiidaa 44'f deeggarsa biskileetii taasiseera.

Deeggarsi kunneen rakkoo geejjibaa imaamota masjiidaa kanneen mudatu furuuf baay'ee barbaachisaa ta'uu irraan kan ka'e tumsicha taasisuu odeeffannoon Spider Media n dhaabbaticha irraa argate ni ibsa.

Ummah Welfare Trust ALA bara 2001 UK keessatti kan hundeeffame yoo ta'u seerota sheri'aa Islaamaa bu'uureffachuun hojiilee tola ooltummaa, gargaarsaafi misoomaa bal'aa sadarkaa adduunyaatti hojjatuun dhaabbata guddaa beekamuudha.
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Maashaa Allaah Masjiida Room
~~~~~
Baasii doolaara miliyoona 54 oliin ijaarame. Namoota kuma kudha lama (12,000) ol of keessatti qabata. Minaaraan isaa meetira 43 kan dheeratu yoo ta'u keessaafii alli isaas baay'ee miidhagaadha.

Masjiidni isin argitan kun magaalaa guddittii biyya #italy (Xaaliyaanii) kan taate magaalaa Rome keessatti argama.

Bara 1974 lafti kun ijaarsa masjiidichaatiif mootummaa Italy irraa kan kenname yoo ta'u baasiin ijaarsa masjiida kanaa mootii Sa'uudii duraanii Fayisal fi godaansaan biyyattii keessa kan jiraatu ilma mootii Afgaanistaan Muhaammad akkasumas haadha warraa isaa Aadde Raaziyaa dhaan kan haguugameedha. Ijaarsi masjiidichaa sababoota garaa garaatiin harkifatullee bara 1994 xumuramuun tajaajila kennuu jalqabe.

#Mashallah yaa mana Rabbii, yaa giddugala ilmii, yaa bakka haara galfii
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
2024/09/21 03:23:09
Back to Top
HTML Embed Code: