Telegram Web Link
Qeesii beekamaan biyya Ispeen Maariki'oo Anjil umrii isaa waggaa 54'tti islaamummaa fudhate.

#Marcio n masjiida 'El Salam' jedhamutti argamuun wayita shaha*adaa qabatutti haasawaa taasiseen ''Islaamummaan Rabbi tokko akka ta'e karaa ifa galaadhaan ibse, Iyyesuus Kiristoosis ergamaa Rabbi ergateedha male Rabbii miti, kana sirriittiin hubadhe. Islaamummaan amantaa haqaa ta'uu isaa bareen fudhadhe'' jedhe.

Eeyyeen amantaan haqaas karaan milkiis islaamummaa qofa. Obboleessa keenya baga Rabbi gara dhugaatti, gara ifaatti, gara diinii isa dhugaa tokkicha ta'e diinal Islaamitti si fide. Ittiin si haa milkeessu.
Haadiyyaatti Giddu-galli Hifzii Qur'aanaa Al Ansaar barattoota isaa eebbisiise
Naannoo Jiddugaleessaa Itiyoophiyaa Godina Hadiyyaa magalaaa Hosa'anaatti kan argamu Giddugalli Hifzii Qur'aanaa Al Ansaar Hifzii Qur'aanaa dabalatee barattoota simatee barnoota diinii biroo barsiisaa ture sirna ho'aadhaan eebbisiiseera.
Kana Beektuu Laata?
Jiraattonni Palestine Sababa Waraaanaatiif Iddoo Tursiisa jiran Waan Ajaa'ibaa Dalagan.

Innis Dhiiraaaf Dubartii 100 oltu Eebbifame. Qur'aana Haffazan iddoo ulfaataa fi Yeroo Ulfaataaa Keessa Taa'anii.
Ajaa'iba.
Suuraalee Qur'aanaa Keessaa Suuraan Suuratul Faadihaa(الفاضحة) Jedhamuun Beekamtu Suuraa Tami?
Anonymous Quiz
27%
A. Suuraa Anfaal
14%
B. Suuraa A'araaf
59%
C. Suuraa Towbaa
Muslimoonni kumni 60 guutuu Afriikaa irraa Qur'aanaaf jecha Daarussalaamitti walitti qabaman

Tanzaaniyaatti istaadiyooma namoota kuma 60 maan guutame keessatti dorgommmiin Qur'aanaa gaggeeffame

Spider Media: Safar 30/1446
Awwaardiifi dorgommmiin Qur'aanaa dubartoota sadarkaa Afriikaatti Taanzaaniyaa Maagaalaa Daarussalaamitti bifa adda ta'een gaggeeffameera.

Dorgommichi waltahiinsa Liigii Muslimoota Adduunyaafi Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Taanzaaniyaatiin kan qophaa'e yoo ta'u biyyoota Afriikaa irraa namoonni kumni 60 istaadiyooma guddicha magaalaaa Daarussalaamitti argamuun saganticha irratti hirmaachuu odeeffannoon Spider Media n Liigii Muslimoota Adduunyaafi Arab News irraa argate ni ibsa.
2024/09/21 05:27:17
Back to Top
HTML Embed Code: