Telegram Web Link
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
Jireenya keeysa jirtu jaaladhu; ykn jireenya jaalattuuf hojjadhu💪

💔Waa lama waliin jaalachuun hin tahu. "Jiruu gaariis niin jaaladha; harka maradhee taa'uus niin jaaladha" jachuun waan hin malle.

Dheebuu bahuuf bishaan dheebuu si baasu barbaadi. Hawwii qofaan dheebuun baha odoo jattuu dheebuun hin du'in.
Muka jigeetti qottoon baay'eedha jedhan!!!
Barattoonni wagga tokkoffa bara kana yuunivarsitii garaa garaa irratti ramadamtan marti waamichi gidduu kana waan godhamuuf qophii keessan xumuruun akka eegdan isin beeksisaa wanta haarawa mudatu mara hordofuun isiniin kan geenyu ta'a.

SABA GUDDAAF MIIDIYAA GUDDAATU MALA
📡CHAANALII
@OROMOTOO
@OROMOTOO


📩Yaadaf📩
@Qeerroo_mediabot
@Qeerroo_mediabot
Jireenyi biyya lafaa
Gaariis hamaas baata
Gaafa lubbuun jiru
Bofni gondaa nyaata

Goondaanis yeroosaa eeggatee
Du'aa bofaa
Dabreen wal soorratu
Eenyullee jiraateen hafu qofaa

Diriiraan ni micciirama
Yeroo eeggatee jijjirama

Kan bara darbe kolfu
Ni boo'a barana
Kolfaaf boo'aashees dhiisnee
Haa taajjabnuu jarana


@HARARGETUB

@OROMOTOO
Gaagurri damma hin qabne
Kan gagaafi kan jiisaati
Gatiin ilma namaa immoo
Akkuma hojiisaati
Madaalliin hojii keetii
Gaariis haa ta’u hamaa
Qodaa namaaf safarteen
Bulee siif safarama
Wal qixxee waamamaaree?
Kan gudunfeefi kan hiike
Dhiyaate lafarratti - fagaate Waaqarratti
Ni argatta gatii kee
Waan hin kaa’iin fuudhuudhaaf
Hin hiixatiin yaa tiruu
Ingirdaada facaaftee
Garbuu haamuun hin jiru!
NAN DHABE
Samii ilaallaan ol fagaate
lafaa jennaan na tuffate

baalli mukaa mata raasa
icciti koo maaf basaasaa

biiftun baanan barii ba'ee
dhugaa argachuuf kufeen ka'e

nan barbaadee ifa keessa
hin mul'ataa gaddidunsaa
maaf hin arguu an teessosa?

@OROMOTOO
@OROMOTOO
Bara kana keessaa wanti anis/atis/nutis dhabneefi keessaa ofdhabne keessaa tokko nama gatii nama kanfalchiisu osoo intaane nama gatii namaaf kanfaludha. Michuun harki caalaan bu'aa irratti xiyyeeffatee nama wajjin deema. Kan nama wajjin rakkachuu barbaadu, ba'aa namaa nama wajjin baachuu barbaadu, nama wajjin daaruu barbaadu, rakkina isa tokkoo rakkina mataa isaa godhatee kan baatuu barbaadu lakkoofsaan yaraadha.

Ekeleen maal naaf godhaa/ekeleen maal na affeeraa/ekeleen maal naaf kenna jechuurra kan darbe miti. Barri nuti keessa jirru kun bara lakkoofsa bilbilaa nama tokkoo waan namaaf laataniif gatiin shaayii itti gaafatamaa jirudha.Mana fincaanii nama geessee bara namni bu'aa nama irraa eeggatu. Bara namni harki caalu garaa isaa malee, garaa obboleessa isaa inilaalle. Bara fokkuu wayiiti. Garuumee namatu bara balleessemoo baratu nama balleessee? Ana dabalatee baay'een keenya bara komataa oollahoo. Lamaaniifuu sababa akkamii qabna? Barri barruu inqabne riimootii ittiin nama jijjiirtu maal irratti baattii? Namni waan baay'ee jijjiiruu danda'u. Barri lakkoofsa rabbiiti. Bara wajjin yoo jijjiirame waan baay'ee jijjiiruuf humna guddaa qaba. Duratti wal yaaduunis, waliif yaaduunis nijira. Amma kun marti injiran jechuurra gaaddidduu isa kaleessaatu mul'ata yoo jenne wayya.
Abdii Ab
Namaaf gatii kaffali!
👇👇👇👇👇👇
@OROMOTOO
@DEDRORO
@HARARGETUB
@JECHOOTAHAYYOOTA
#HaacaaluuHundeessaa

Sagantaan ibsa miidiyaa yaadannoo waggaa tokkoffaa Artiist Haacaaluu Hundeessaa (Hachalu Hundessa's commemorative event press conference) biyya Ameerikaa kutaa bulchiinsa Miniyaapolisitti gaggeeffamu eegaluuf galmi guuteera. Daqiiqaa muraasa booda karaa fuula fesbuukii 'Oromia 11' fi 'ማለዳ Media' dabalatee miidiyaalee Oromoo kanneen biroo irratti kallattiin ni darba.
#Qondaala [👤: Fayyisaa Furii]

Osoo gaafa wallaalan
Kan beekutti dhiisani
Osoo gaafa bitatan
Daldaltuutti dhiisani
Osoo diina buqqisuu
Qeerrichatti dhiisani
Osoo gaafa siyaasaa
Hayyichatti dhiisani
Osoo gaafa araaraa
Jaalalatti dhiisani
Osoo gaafa dubbatan
Afooletti dhiisani
Osoo gaafa hoggansa
Nama sirritti dhiisani
Silaa waa hin rakkatan
waan ofii hin dhabani!
YAADANNOO WAGGAA 1ffaa HAACAALUU HUNDEESSAA ILAALCHISEE IBSA MIIDIYAA (PRESS CONFERENCE)

Sagantaa yaadannoo Aartiist Haacaaluu Hundeessaa guyyaa har'a magaalaa Miniiyaapolisitti gaggeeffamuuf dargaggoon Oromoo qophii xumuranii jiru. Sagantaa har'aa kana irratti, miidiyaaleen Oromoo hundi kallattiidhaan ni tamsaasuu.

Kaayyoon sagantaa har'aa kun qophii guddicha (Grand Commemorative Event) kan baatii July 30-31, 2021 qophaa’aa jiru ilaalchisee ibsa miidiyaa addunyaaf kennuudha.

Sangantaan guddichi kun kaayyoo gurguuddaa sadii of keessaa qaba:

1⃣ Waggaa tokkoffaa isaa yaadachuu. [1 Year Memorial]

2⃣ Maqaa, hojii fi gootummaa Haacaaluu Hundeessaa barabaraan akka jiraatuu fi hojii inni dalage hunda akka addunyaatti beekamtii qabuu fi mul’achuu danda’u sirna saayinsaawaa diriirsuu [Preserving and institutionalizing his Legacy]

3⃣ Haga danda’ame boqonnaa gaddaa keessaa bahuudhaan gara sadarkaa itti aanuutti cehuu. [Thinking Beyond National Grieving and Trauma]

Henok G. Gebisa (PHD)
#BREAKING_AMMEE!
-Ameerikaan murtee daqiiqaa muraasa dura beeksifteen Itoophiyaarratti uggura VISA labsuu beeksiftee jirti!

-Barreessan Ameerikaa Antony Blinken daqiiqaa muraasa dura akka beeksisetti “Guyyaa har’aatirraa eegalee qaamolee Tigraayitti sarbama mirga namoomaa raawwatan irratti uggura VISA labsuun tarkaanfin seeraf dhiyeessuu fi yakka raawwatameef itti gaafama fudhachiishu itti fufa” jedhee jira!
#YAADACHISA

Barattoonni qormaata seensa barnoota olaanoo fudhachuun komii dhiheessanii turan sirreeffama godhame har'a caamsaa 16/2013 kaasanii marsaariitii ministeera saayinsii fi barnoota olaanoi seenuun ilaaluu ni danda'u.
#NEAEA
Qormaatii biyyalessaa kan bara 2013 caamsaa 29/2013 jedhamee oduun faca'aa jiru soba.

Dayirektaari koominikeeshinii MOSHE Redi Shifaa guyyaan qormaati itti kennamu hin murtoofne jechuun himanii jieru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA
📡CHAANALII📡
@OROMOTOO
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Nama kana waaman godhun wallaaleem ❤️🌳❤️
Miidhagina ❤️💚❤️
..

..

..
@vipofficia
@vipofficia
@vipofficia

☝️☝️☝️☝️☝️

Barattootaaf groupi banameedha. Itti dabalamaa Saahiban kessan hundaa Add itti godhaa!!

..
..
Lahullum tamari yeta kafate Gruop new #Join argu
..
..
..
..
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Wolgahii Seeneetii Ameerikaa har’aa irratti Dhimmi Oromoo akka Ajaa’iba ka’e!
===================================
U.S. Senator Chris Coons Gaafii Ajaa’iba kaase. Qabsoon Qeerroon Oromoo godheen Abiyyi gara Aangoo bahe , haa ta’u malee Qeerroon gara Aangoo isa fide hedduun kuun hidhaa , kuun Bosona seena jiru.
Cee’umsi Itoophiyaa eessatti gufatuu eegale jedhee Gaafii kaase?

Namni kuni dhiyeenya Itoophiyaa deeme Abiyyi wojji ergaa President Joe Biden geessuun ni yaadatama.

Dhugaan Afaan Qaban funyaaniin baati jechuun kana!
2024/09/23 03:13:23
Back to Top
HTML Embed Code: