Telegram Web Link
...
Haacee ko
Leencaa ko
Tokkoffaa ko
❤️.........
@oromotoo
🅷🅰🅰🅲🅴🅴🅴 🅺🅾 ....
@OROMOTOO
Waan namaaf kennite tokko deebisee akka sii kennuuf hin abdatiin. Namni kamiyyuu akka keetti siif yaaduu hin dand'u waan ta'eef.
Ibsa KFO’n har’a baase keessatti Bilxiginnaan “Shawaa Lixaa aanaa Meettaa Walqixxee keessatti nama sangaatti camadanii qotaniiru” jedha.
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Of ta'uun jireenya fakkeessaa irraa si baraara!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬

Gaaf tokko Arbaa fi Goondaatu waliin deema turani. Karaan isaanii dheeraa waan ta'eef; karaa bulaa deemu turani. Osuma deemanii bishaan guddaa tokkotti dhufani.Riqicha guddaa tokkorra osoo ce'anii riqichi akka malee socho'e. "Inuma sochoosne kaa!" Jette Goondaan. Kan tokko ajjeeseen kan mana oole geeraruun yeelaluudha.

☞︎︎︎ Fakkeessuus ta'ee akkeessuun amaloota dhukkuba of ta'uu dhabuuti. Of ta'uu dhabuun dhukkuba sammuu kee baattee osoo jirtuu,sammuu nama biroon akka hoogganamtu si garboomsa!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
@oromotoo
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Oduun Benishaangul irraa dhufte akkana jetti.
Mootummaan Rakkoo nageenyaa Benishaangul Matakkalitti irra deddeebin mudataa jiru furuuf Hidhattoota wajjiin waliigaltee araaraa mallatteesse jedhan.

Nageenya lammiilef yaadamee taanan haalan gaaridha.

Gama biraatin ammoo Oromiyaa keessatti Waliigaltee wanti jedhamu hin yaadamu. Kunoo akkuma argaa jirru lammiileen nagayaa maqaa qaama hidhateen wajjiin hidhata qabda jedhuun akka bosonuttii naatoo tokko malee ajjeefamaa jiran.
Dhaamsi nuti qabnu, Rakkoon yeroo ammaa oromiyaan keessa jirtu Afaan qawweetin furamuu hin dandeessu. Mariidhan, wal hubannaadhan akkasumas Dhimma siyaasaa bira dabranii nageenyi ummataa iddooo guddaa argatuu qaba. Kanaafuu Waliigalteen Benishaangultti godhamte tuni itti fufuudhan Oromiyattis Hojirra oolee ummata bara hedduuf gidiraa dhaandhamaa as gahe kana haara galfiin akka kennamuuf jenna.
Kadhaa tana AAMIIN jedhaa mee!!

Yaa Rabbi Xiqqoo nuti hojjanne guddina keetin nuuf guddisi!!
Nuti Hamtuu uumama keetirratti hin yaadnu, Isa hamtuu nutti yaadu ati nurraa qabi.
Karoora Keenya akka galma gahu ati nuuf tumsi.
Beekumsaa fi Dandeettii Diina keenya ittii injifannu nuuf kenni.
Jidduu keenyatti Jaalala facaasii akka wal mararfannu nu godhi.
Saba Tokkummaan falmatee mirga ofii goonfatu nugodhi!!
________
Kadhaanis maloota qabsoo karaa nagayaa keessaa takka akka taate hin dagatinaa!!
Kanuma dhugaan
Duraa beekkanne nuti.
Mudannoo Addaa.
YAA BURREE TIYYA SUMAA?? JEDHE NAMTICHI.
Ergaa guddaa qabaa dubbisi.
___
Namtichaatu waa bitachuuf baadiyyaa irraa gara magaalaa dhufe. Afaan oromoo malee kan JARAA hin beeku. Mana nyaataa tokko seenee waan nyaatamu ajajuuf keessummeessaa yaame.
Mucaan dhufes Afaan keenya sirritti hin dubbatu garuu waan namni jedhu gurratti ni dhagaha.
Mucaan dhufnaan nyaata ajajuuf gaafatuu eegale.
Namticha: Nyaanni maaltu jira?
Mucaa: Nyaanni AAYINATA HEDDUU JIRA KAM SIIF FIDA?
Namticha: Maqaa nyaata jiruu naaf yaami nan filadhaa.
Mucaa: “BAYYA AAYINAT, XIBSII, QIQQIL, RUUZ BE SIGAA, DILOOT, PAASTAA, …” jedheen.
Namtichi: Xiqqo itti yaadee kanuma maqaan isaa bareedaa kana yoon ajajadhe hoo akkuma maqa isaa kana tahuun ooluu jedhee “DILOOT” kan jette san naaf fidimee jedheen.
Hogga mucaan ‘DILOOT’ fidee dura lafa kaahu Namtichi afaan qabatee ajaa’bee nyaata dhufeef kana ilaalu eegale.
Xiqqo turee akkana jedheen nyaatan “YAA BUBURREE TIYYA SUMAATU MAQAA JIJJIIRRATEE ASIIN NATTI DHUFEE?” “ANI OSOON ATI MAQAA KEE DILOOTITTI JIJJIIRRATUU KEE BEEKEE WAHIN SI AJAJADHAA?” jedhee isaa nyaatatti haasawu mucaan dhufee ‘Nyaadhu malee, ‘Siif hin taanee?’ jedheen.
Namtichis deebisee akkana jedheen.
Namtichi: “Nyaata kana ganda keenyatti Maqaan isaa “MACAROODHA.” Hogga waa qalle garaa keessaa baafna. An ammoo Isuman argaa jibba. Sababni isaa wanni beeylanni nyaatu cufti isuma keessatti waan walitti qabamee jiru natti fakkaata. Foolin isiitis akka malee badaadha. Isii tana dhiqanii nyaatufis Bishaan hedduu barbaachisa. Aboo xaaxan waan kanaa hedduudha jedhee itti fufe. Gaaf tokko anaa guyyaa beelan ooyruu dalagaa oole Jaartin tiyya galgala hoggan galu Macaroo tana naaf fidde. Anis beelan fuudhetan ifatti gad lakkise. Wanti dhayxeetuma kokkeetti na seentee na huute. Narra gad dabruu diddee hafuura natti kuttee lafaan na dhooyte. Nan gaggabe. Jaartin tiyya Iyyitee ollaan nutti dirmatee rabbiin lubbuu tiyya du’arraa na oolchee. Ani erga gaafasii osoo dawaadha ja’anillee isii tana hin Nyaadhu. Kanaafuu DILOOTII TEE NARRAA DEEBISII PAASTAA SAN NAAF FIDI” jedheen jedhama.
Akkasanii nutis barana “YAA BUBURREE TIYYA SUMAATU MAQAA BAREEDAA KANA BAAFATEE ASIIIN NATTI DHUFEE? Jechuu mudanne.
Baranas waanuma akkasii argaa jirra. Warruma gaditti nufixaa tureetu maqaa jijjiirratee gubbaan dhufee nufixaa jira malee BURREEN KANUMA DUR SANI.
BURREEN BURRUMA.
Waa irraa barattan jedheen Abdadha.

Galatoomaa
JOIN SHARE SHARE🙏🙏
👇👇👇👇
@DEDRORO
@OROMOTOO
@HARARGETUB
Nama dhaabbatu nama deemuutuu bira dabra❗️
"Na boodaa dhufeeti na dura dabraa?" Jattee komachuun fafa.
"Maafiin dhaabbadhe? Anaatuu firratti talisoomeef namni nan geenye na tare" jattee matuma kee komachuutu fala.

#Haalli duniyaa kamuu akkanuma. Nama taa'u laafaallee tahu namuma deemuutuu bira tara. Kanaaf kaleerraa arra, yoo lubbuun jiraatte arrarraas boru if fooyyeeysuuf ta'abi. Akkas yoo goote nama sin geenyeen caalamteeti sheenooyta odoo hin taane nama si caalu tarteeti gammaduuf jiraattaa👍


Maddi @OROMOTOO
@OROMOTOO
#Saykolojiiin_akka_jeutti

💁Cinqiin yeroo baayyee kan maddu sababa humnaa ol yaaduutiin, yeroo humnaa ol yaadnu Sammuun teenya rakkinoota hin jirre hedduu waan uumuuf.
Yaada keetiin qabii cabe
Waanan siif ta'u dhabe
Ol ilaale gad ilaale
Yaaddoonkee natti caale
Qophaakoo ufitti hasaasa
Silaa ufii hidhamee, achii si baasa
Inumaa obse malee
Cinaachatti ciisee rafu
Natti dukkaneessanis
Goota koo sirraa hafu!💔
AMALOOTA NAMOOTA MILKAA'OO
FI
NAMOOTA HIN MILKOOFNEE !!!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Dubbisuun #share Godhadhu!

sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@OROMOTOO
@OROMOTOO
Barattoota haaraa yuunivarsitii seenuuf jiraniif gorsa maalii qabdu? kara @Qeerroo_mediabot nuuf ergaa
My advice to the crazy Ethiopian regime?

Hanga dandeessan turuu yaaluun amala dhala namaati, but once you see the writing on the wall, you should also see the light at the end of the tunnel!

Duubbiin Ja fi ulfi bultee mullatti. 😉
Odeeffannoo:

Baratoonni dhalootaan Oromoo tahan Tamasgeen Gannatiifi Eliyaas Asaayyee jedhaman Matakkal caancoo jedhamurraa barumsaaf utuu deema jiranii naannoo Amaara magaalaa Chaaginiittii hidhattoonni Amaaraa mana sireeti butamanii rasaasan yoo rukkutan barataan Tamasgeen Ganna madaayee hospitaala yeroo galu barataan Eeliyaas Bakka geeffame hinbaramne.
~
Oromoon fillannoo geggeessee mootummaa ilmaan isaatiif wabii ta’uu danda’u hamma ijaarratutti barattoonni oromoo yunivarsiitiiwwan naannichaatti ramadaman gara naannoo amaaraa akka hin deemne hubachiisna.


Yaada kessaan karaa @Qeerroo_mediabot irraan nuuf kenna!!
Yaadannoof!!
Warri Har'a qabsaawaa of godhee Jawarfaa irratti Shira xaxaa jiru Bara Kana Ergamtuummaa TPLF Jalaa mataa olqabachuu hin dandeenye turan. Goototni Ilmaan Oromoo Aaarsa lubbuu, Qabeenyaa fi beekumsaa itti kaffalanii mataa isaan olqabnaan har'a gara galtee numa dhiitaa jirti.
Ilmoo Kibiritti Haadha keessaa baatee Haadha dhiitti akkuma jedhan san taate dubbiin.
Shirri hanga fedhe xaxamaa oolus dhugaan ni injifata.
Rabbiin Warra haqa isaanii dhabeef tumsa!!
#Oduu_Ammee
Yuunivarsitiin sababa filannof jecha hin cufamu.

Yuuiniversitiin sababa filannoof jecha akka hin cufamneefi guyyaa filanno sanaaf torban tokkoof boqonnaan akka kennamuu dhageenyeerra. Guyyaa boqonnaa kanatti fayyadamuunis arataan barbaade gara maatii isaatti deebi'uun fillannoo irratti hirmaachuu yoo danda'u barataan barbaade ammoo mooraa keessa taa'uun karaa online filachuu akka danda'u MOSHEn murteesseera.

📌Waamichi barattoota wagga 1ffaa filannoon dura akka ta'u odeessi nu ga'ee jira adda baasuun kan isin beeksisnu ta'a.

SABA GUDDAAF MIIDIYAA GUDDAATU MALA
📡CHAANALII📡
@OROMOTOO
@OROMOTOO

📩Yaada📩
@qeerroo_mediabot
@qeerroo_mediabot
Guyyaan Mana hidhaatii Baanee Mana Cidhaatti walgarru fagoo miti.
Jabaatanii jabeessanii qabuu feesisa. Kanaaf Jabeessaa qabaa!!
2024/09/23 05:23:43
Back to Top
HTML Embed Code: