Telegram Web Link
Yoomiyyuu garaa koo keeysaa hinbadu waan oromoon koo tahe Yemen magaalaa san'aatti sagalee haataanuu lammiiwan keenya kanaaf
Ah yaalammiikoo 😭😭😭😭
Ati Yoomiyyuu Jiraatadha!
Yartuun galaafattus ati Seenaa bara Baraan jiraatu Lafa keessee Dabarte Jirta.
Meeqaatamiitu Jira kan osoo Lubbuu jiruu du'e.
Ati ammoo Jiraa kee dhiisii du'aan keetuu Jiraa meeqa Caala!
#Qaalii Keenya
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Walootii mana oromootaa akkatii guddaan argaa.
Bakka jirtanitti baga Ramadaanaan isin gahe! Yeroon harka diinaa keessaa baatan fagoo miti!
Baga baatii Ramadaanaatiin nu gahe! Baatii irraa milkoofnu nuuf haa godhu! Kan baranaa kan bara hedduu nu haa taasisu.
"Bagan kufes, bagan ka'es; kan na qaluuf Billaa fide dhufee fi kan na kaasuf Dullaa fidee dhufe addaan baafadhe" jette saani boollatti kuftee.

Makmaasa
Gorsa!!
Sodaa sababa hin qabne hin sodaatin.
Sodaan akkasii sun akka ati bakka yaadde (galma) hin geenye gufuu sitti taha. Akka ati humna ykn dandeettii qabdu sirritti hi fayyadamne si godha. Akka ati fuuldura hin deemne waardiyaa tahee sochoo'uu si dhoorka. Kanaafuu sodaa sababa hin qabne kan kaayyoo keetirraa si danqu hin sodaatin.
Namoonni Injifataanii galma isaanii gahan hundi dursa Sodaa keessa isaanii jiru waan injifataniifidha.
Atis Hin sodaatin!!


@OROMOTOO
@OROMOTOO
Diinaan falmaa jirtaa
Mana kiraa teessee...
Hundaafuu maalgodhuu
Baga hadha geessee
Wolaloo hurguftee......
Akka dhukaasa qawwee
Diina hollachiiftee
Nuuf jiraadhu awwee
Baga geesse naa jedhaanii goota koo kan.................. horaa bulaa galatoomaa
Himatamtoota galmee Obbo Jawaar jala jiranirratti ragaa abbaa Alangaa dhaggeeffachuuf dhaddachi har'a taa'amuuf ture adda cite.
...
Manni murtii Federaalaa dhaddacha yakkaa Lidataa olmaa beellama darbe irratti iyyata abbaa Alangaa kan ragaaleen golgaa duubatti naaf haa dhihaatan jedhu kufaa taasisuun, ragaaleen mullinaan dhihaatanii jecha ragummaa akka kennataniif, har'atti beellama bulfachuunsaa ni yaadatama.

Guyyaa har'aas himatamtoonni galmee Obbo Jawaar Mohammad jala jiran beellama mana murtii Federaalaa dhaddacha yakkaa Lidataatti, himannoo isaanitti banameef ragaa abbaa alangaa dhaggeeffachuuf mana murtiitti dhihaataniiru.

Manni murtiichaas ragaa dhaggeeffachuuf dhaddacha erga saaqee booda, ragaa dhaga'uun akka dhaabbatu ajajni mana murtii walii gala Federaalaa irraa sababa dhufeef, dhaddachi akka addaan citu taasifamuu Abukaattoon hidhamtoota siyaasaa Oromoo Obbo Gammachuu Guutamaa OMN-tti himan.

Akka Obbo Gammachuun jedhanitti, sababa Abbaan Alangaa murtee mana murtii Federaalaa dhaddacha yakkaa Lidataa mormuudhaan ol iyyannoo fudhateef jecha, guyyaa har'aa dhaddachi addaan cituuf dirqameera. Haa ta'u malee garuu, Abbaan Alangaa ol iyyannoo fudhachuusaa hanga ammaatti Gurmuun abukaatoos ta'e himatamtootni akka quba hin qabne dubbatu.

Xalayyaan ajaja mana murtii walii gala Federaalaa kun guyyaa afur dura kan barreeffame ta'us, Abbaan Alangaa amma yoonaa xalayyaa kana isaan hin qaqqabsiisin jiraachuunsaa, akka nuti irratti qophoofnee falmiif of hin qopgeessineef itti yaadamee kan taasifamedha jechuun himatamtootni muffii isaanii dhaddacha irratti akka dubbatanii turan Obbo Gammachuun himaniiru.

Xumurattatis guyyaa borii jechuunis Eebila 6,2013tti ol iyyannoo abbaa Alangaa fudhateef ilaalamuuf, mana murtii walii gala Federaalaatti beellamni jiraachuusaa Abukaattoon hidhamtoota siyaasaa Oromoo Obbo Gammachuu Guutamaa himaniiru.
Bakka goonni Oolu gadheen maalin beekti.
Oromummaan faaya gaafa jennu lafaa kaaneetii miti.! Suuraan kun deebii gahaa qaba ❤️
Much respect and bigg love 😘
Bilbillii appilikeeshinii daqiiqa 3 keessatti ijaa ilaaluun vaayrasii
koroonaa qoratu hojjetame

Dhaabbanni Jarmaan bilbilaa
appilikeeshinii daqiiqa 3 keessatti ijaa ilaalee suuraa kaasuun (iskaan)
gochuun vaayrasii koroonaa qoratuu hojjechuu beeksise.

Appilikeeshiin daqiiqa 3 keessaatti qorannoo vaayrasii koroonaa adda
baasaa jedhamee kun %95 bu’aa qabeessadha jedhameera.

Appilikeeshiniichi bilbilaa sochootu ammaya’aa (bilbila ismaartii) irratti
fayyadamuuni vaayrasicha akka adda baasuu kan himameera.

Hanga ammattis namoota kuma 70 irratti yaaliin taasifamuu
dhaga’ameera.

Appilikeeshinicha dhaabbileen daldalaaf oolchaniif baatiitti doolaraa
Ameerikaa 570 kaffaluun irra eegama jedhameera.

Maddi:-Rooyiteers
Jibuutiitti bidiruun dhidhimuun lubbuun godaantota 34 darbe-IOM
==========================
Bidiruun erga qarqara galaana Jibuutiitti dhidhimteen booda, yoo xinnaate namoonni 34 du’usaanii Dhaabbanni Gotaantoota Idil-Addunyaa (IOM) hime.
Bidiruun namoota ‘nama dadabarsaniin oofamaa turte’’ namoota walitti bu’insa Yeman baqataa turan 60 qabttee kan turte yoo ta’u, osoo gara Jabuutiitti imalaa jiranuu balaan kun mudate, akka IOM’tti.
Bidiuun tun sababii maaliitiin akka dhidhmte wanti barame akka hinjirres himeera.
Dhaabbatichi imala balaafamaa dargaggoonni Afriikaa hojii barbaachaaf jecha Gaanfa Afriikaa irraa gara Biyyoota Galoo Galaanaatti taasisan isa yaaddessuu himeera.
Sababii weerara Covid-19n daangaalee baayyeen waan cufamaniif ammoo hedduun gara biyyasaaniitti akka deebii’aniif dirqamulleen kaaseera.
Kana malees hedduun Yeman keessatti danqamuun ‘‘haaloota balaafamoo’’ keessa jiraataafi akka gara biyyaa saaniitti deebiifamaniif ammoo namoota nama daddabarsaniif kanfaluuf dirqamulleen IOM ni hima.
Baati
Oromoo hundi Eebla 15 baga geenye!
Galatni gootota Oromoo kufaniif!
Galatni qabsaa'ota qabsoo bilisummaaf gatii kafalaa jiraniif!
Haqa qabna ni Injifanna!
Qajeelfama ABO irraa kenname keessaa tokko.

Namni hundi bakka jirutti haala isaaf danda’ameen galgala jal-bultii guyyichaa (Ebla 14, 2021) Yaadannoo Gootota Wareegamtoota Keenyaaf dungoo qabsiisuu fi Faaruu Wareegamtootaa “Maal dhaamanii, Jaallewwan Qabsoof Kufanii …?” jedhu dhaggeeffachuu fi faarfachuudhaan yaadachuu.
Barattoonni Oromoo Yuunversiitii Jimmaa yaadannoo Guyyaa Gootota Oromoo taasisan.

[SQ Ebla 14/2021]

Guyyaa har'aa (Ebla 14/2021) barattoonni Oromoo Yuunversiitii Jimmaa jal-bultii Guyyaa Gootota Oromoo kabajatan.

Barattoonni kunniin yaadannoo Gootota Wareegamtoota Oromoo erga taasisanii Qabsoo Bilisummaa Oromoo galmaan ga'uudhaaf kaayyoo goototaa irratti cichanii itti fufsiisuuf irbuu haareffatan.
Kan Finfinnee akkana yoo ta’ee Oromiyaa guutuu keessa maaltu akka jiru beekuun nama hin dhibu
===================================
-Hanga amma Finfinneetti nama 200,000 qofatu filachuu galmaa’e!
-Nama Miiliyoona 2 galmaaya jedhamee eeggamaa ture.

-Galmeen filattoota xumuruuf torbeen 1 qofti Kan hafe yoo ta’u buufanni Filannoo 186 ta’u magaala Finfinneetti hanga ammaa hin banamne.

-Rakkoo nageenyaan Wol qabatee guutuu biyyatti keessatti hanga ammaa buufannii Filannoo 24,000 ta’u hin banamne!
Yuunversiitii Madda Walaabuutti barattoonni Oromoo Guyyaa Gootota Oromoo kabajatan.

[SQ Ebla 14/2021]

Barattoonni Oromoo Yuunversiitii Madda Walaabuu guyyaa har'aa jal-bultii Guyyaa Gootota Oromoo kabajataniiru.

Ilmaan Oromoo Oromiyaa keessatti Guyyaa Gootota Oromoo jal-bultii kabajaa jiru. Sababa rakkoo nageenyaatiin haalaan walitti dhufanii kabajuun hanqatus, namuu haala isaaf mijateen Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo kabajataa jiru
2024/09/24 05:13:44
Back to Top
HTML Embed Code: