Telegram Web Link
"Oromoon, Bara darguu maqaa "Sargoo Gabbii",jedhuun dhumaa turre. Bara wayyaanee/IHADIG maqaa "ABO"tiin dhumaa turre.Bara bilxiginnaa immoo maqaa "SHANEE" tiin nufixaa jiran. Nuti Oromoodha. Bara dhufaa dabraa maqaa nutti moggaasanii nu ajjeesun Dhaabbachuu qaba." JAAL RAGGAATUU ROOBAA #OMN irratti!
Itoophiyaa bakka hundaan ibiddi itti qabatee jira. Lolli Affaarii fi Somaalee gidduutti deemaa ture jabaatee yoo xiqqaate namni 100 dhumuu miidiyaan kun gabaasee jira.
Amma wanti hunduu ifa. Nagaa Oromoo deebisuuf “Haacaaluu akka sareetti ajjeesanii, Jawaar M. fi Baqqalaa G. fa’aa hidhanii, ABO fi KFO filannoorraa ari’uudhan ‘alagaa wajjin nagaa Oromoo eegsisna’ jechuun, “Sabni Oromoo’ jedhamu baduu qaba, balleessuu qabna” jechuudha. Bilxiginnaan dheengaddas diina Oromooti, har’as diina Oromooti, boruttillee diina Oromooti!
The power of Art
Tattaaffin Murni PP Onnee Ummata keetii keessaa si baaftee akka sidagatan godhuuf goote hin milkoofne, Hin Milkaa'usi.
Akka Dagatamuu taatutti hin qabsoofne!
Yoomiyyuu Onnee Saba kanaa keessa JIRAATTA!
Umrii dheertuu siif haa Kennu Rabbiin!!
Si jaalanna, Sikabajna, Si mararfanna.
Atii fi Jaallan kee Hundi Hoogganoota Keenya!
❤️❤️❤️
Qabxiin seensa Yuunvarsiitii ifoome
#SHE

Finfinnee, Bitootessa 30, 2013 (FBC) - Qabxiin seensa Yuunvarsiitii ifoomeera.

Haaluma kanaan
🔵 Saayinsii uumaamaan
dhiiraaf 380,
dubartoota 368 yoo ta'u,
🔵Saayinsii Hawaasaan
dhiiraaf 370,
dubartootaaf 358 fi isaa ol ta’uu Ministeerri Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa olaanoo beeksiseera.
OF͟I͟T͟T͟I͟_A͟M͟A͟N͟A͟M͟U͟M͟M͟A͟A͟


Ofitti amanamummaa:-jechuun waa'e keenyaa dandeytii gahaa,bekkumsaa fi amantaa qabnu irraa ka'udhaan yeroo rakko fi dhibbaa adda addaa keessa jirru murtii sirrii ta'e murteessudha.
Ammas beekomsa, kabajaa, fi dandeyti ofii beekudha. Dandeytidhafi beekomsan qabuun rabbi irrati hirkadhe waan takko nin dande'a jatte yaadudha.

_namni ofitti amanamummaa qabu waan boru(fuula duraa) yeroo yaadu gaggaarin kan itti mullatu . Sababa irrati hunda'udhan maaltu dhufaa tilmaama kessa galche rakkoo fi gufuu keessa dabree bakka yaade san gahudhaf kan hojjetu( tattaaffi) godhudha. Ofii isaatis sadarkaa sirrii taetti if jaalata.

_namni ofitti amanamummaa hin qabne ammoo wanti inni mokkaru(shaakalu) galma waan ga'u itti hin fakkaatu. Waan fuula duraa yeroo yaadu hamaa fi badaa qofa tae itti mullata. Humna ofii baase itti fayyadamuu sodata. Gufuu fuula dura dhufuu taa'u sodaatudhan waan takka dalaguufi mokkaruu irraa if qusata. sababa kanaanis wan barbaade heddu takka dhaba.
S͟a͟b͟a͟b͟o͟o͟t͟a͟ o͟f͟i͟t͟t͟i͟ a͟m͟a͟n͟a͟m͟u͟m͟m͟a͟a͟ n͟u͟ d͟h͟a͟b͟s͟i͟i͟s͟a͟n͟ k͟e͟s͟s͟a͟a͟

_kaayyoo dhabuu
_of jibbuu
_saalfachuu fi dogongora sodachuu
_hanqina ofii ilaaluu
_qeeqa namootaa
_namoota gammachiisuf carraaquu
_rabbitti hirkachuu dhabuu
Namoota hunda gammachiisuu yoo barbaadde gaggeessaa ta'un sin barbaachisu
Deebi'ii ICE CREAM gurguri.
kaayyoo kee jala deemi
Malee nama hin laallatin
#WhereIsMohammedDeksiso?

#MohammedDeksisoEessaJira?
Osoo kaanif Iyyinuu kanas Dhabamsiisan
Nama Gaddisiisa.
📚 MAKMAASOTA OROMOO!
❤️💚❤️
Firoomne jedhanii waraabeessatti foon hin fe'atan.

Dhugaa fi jabbiin galgala galti.

Dawaa ofii beekan namaa kudhaamu
.
☞︎︎︎"Ija ballaa ta'uu caalaa kan nama gaddisiisu,
Osoo laalu(arguu) dandenyu mul'ata (kaayyoo) dhabuu keenya
☞︎︎︎"Ati yoo ofitti amanamummaa qabaachu baatte Yeroo hunda karaa ittin mo'amtu barbaadda
Haceen Galaa yoomillee nyaatamee hindhumne Oromoof kaa'ee, nu ol dhaabee jiraachisuuf ofii kufee bool'a lixe! Gumaa Haacaaluu Hundeessaa dachaa godhee dhaloonnis, waaqnis haa baasu! Rabbi qooda isaa kan jannataa haa godhu! Jechii fi gochikee galaa dhalootati. Rest In peace yaa qaroo!💔
Oromoon yaroo walitti qabamtee maaltu uumama waan je,uu yoo laale ...

👉Sirnaa gadaa lafa qabataa
👉Goota achii keesa uumama
👉Hayyuu dhaamsa dabarfataa
👉Ilmaan oromo akka oromumaa isaani
Of baran godhaa
👉Kan gawwoomsa jiraachisa turan san
Akka of baree gara oromummaa isaati
Deebi,uu godhaa
👉Waan dhaban waliin barbaadatan
👉Kheroora jiruuf jireenya saani kan fuul
Duraa tumatan

🙏Waan khana teheef nutii warrii garree Qaanqee bilisummaa oromo irrati waliiti dhufnees yaada fii adeemsa khana mirkaneesufii tanaaf warrii online irra jirtan yaada deema jiru khana akka anaafi jatee fudhatuun dhaamasa kiyyaa

Caaya Qaanqee bilisummaa oromo
Haa jabeesinuu galatooma 🙏🙏🙏
Qabsoon itti Fufa!!
Jawar Bahuu qaba!!
ጃወር መፍታት ኣለበት
Karaa dandahame hundaan namuu itti mudduudha falli jiru
#Oduu_Simbirtuu
Magaalaa Naqamtee keessatti dhukaasni meeshaa gurguddaa gaggeeffamaa jiraachuu dhagahame.
[SQ-Ebla 11/2021]
Magaalaa Naqamtee keessatti kutaa magaalaa hunda keessatti yeroo amma agalgala kana naannoo sa'aatii 8:00 pm irraa eegalee sagaleen dhukaasaa magaalicha dhuunfatee jiraachuu maddeen keenya SQtti himan.
Jeneral Baacaa Dabalee guyyaa lama dura ummata lixaa irratti tarkaanfii fudhachuu qabna jedhee dirqama fudhatee magaalaa Naqamtee galuun isaa ni yaadatama.
Dhukaasni yeroo ammaa Magaalittii keessatti tahaa jirus Ummata magaalaa irratti waraanni Baacaan hogganamu akka dhukaasa banee jiruu fi ummata naga airratti tarkaanfii fudhachiisaa jiru maddeen keenya nuuf himaa jiru.
Miidhaa qaamni waraanaa qaqqabsiise akka arganneen kan isin biraan geenyu taha.
Waraanni Eritrea guyyaa har'aa Wallaggatti ummata nagaa 3 ajjeeseera #OromiaGenocide!
Namaa qulquluu tokkoo hidhurraa yakkamaa kumatamaa hidhaa basuu wayaa.Sababniis issaas namaa qulquluu sanii hidhuu isaanitiif ummaanii fi biyyoonii adduunyaan heduun irraatii dulluu.
2024/09/24 07:24:20
Back to Top
HTML Embed Code: