Telegram Web Link
Waan jedhu wallaale! “Yoo jarri (Jawar, Baqqalaa, Hamzaa) hatattamaan mana yaalaa ammatti hin geeffane, Farhaan jara dhabuu keenyaa beeki” naan jedhe namni reefu ijaan arge booyaa yeroo natti dubbatu. Gadda hamaa keessa jirra! Carraan Oromoo yeroo mara kana tahuun onnee nama madeessa!
AMMEE:

Gara Jabina Abbaa Alangaa walii Galaa

Manni Murtii Olaanaan Federaalaa har’a bulchitoota Mana hidhaa Qaallittii qaamaan waamee Obbo Baqqalaa hospitaala dhuunfaa akka geessan ajajee ture. Haaluma kanaan bulchiinsi Qaallitti Obbo Baqqalaadhaan “qophaayi” jedhee, doktoroota isaanis karaa maatiitiin yaamsisee yeroo Obbo Baqqalaa baasuuf jedhu, Abbaan Alanagaa Federaalaa konkolaataan kamiyyuu akka mana hidhaa Qaalittii keessaa hin baane waan uggureef deemuu hin dandeenye. Kanaafu har’as shira Abbaa Alangaa Waliigalaatiin xaxameen Obbo Baqqalaan yaala hatattamaan isa barbaachisu osoo hin argatin hafee jira.
Hayyu Dureen ABO, Jaal Daawud Ibsaa miidiyaa DW (Deutsche Welle) irratti dubbachuun ABO’n filannoo dhufu irratti akka hin hirmaanne beeksisee jira. Sababnis filannoo irratti hirmaatanii dorgomuuf karaan hundi kan cufame tahuudha. Ejjannoo sirriiti!
Yeroo ammaa kanatti namni Oromoo tahe Finfinnee keessatti akkanatti gargaamuu danda’aa? Mee dhugaa haa dubbannu! Gabrummaa keessa jirtu kanarraa hubadhu. ABiN fi EZEMA faa dhaaf dachiin baldhatte. Kan biraa haa hafuu PPn Oromiyaallee Finfinnee sodaattee naannoo Oromiyaa keessatti hiriira durgoo fi dirqii baafti. Mee kanuma dirqii sanuu Finfinneetti haa baaftuu!
Sababa duula twitter’tiin website’iin Oromocause .org fi Oromocause .com hallellaan saybarii waan irra gaheef ammaaf hojiin ala tahee jira. Sababa kanaaf link biraa isiniif qopheessine. Link tokko tweet’ii 100, kan 2ffaa 75 qaba. Waliigalatti 175 qophii jira. Isa hafu itti guutaa jira. Hojiin hojjataa jirtan hojii onnachiisaadha. Itti jabaadhaa!
Yoo miilaa malee
Cinaachi hin fiigu
Yoo hiddaa malee
Xannachi hin dhiigu
Alagaa beekna
Kan gaafa kolfaa
Ayi lammii ofii
Kan gaafa golfaa!
.
.
Itti hin darbatiin
Qottee hallayyaa
Qajeelaa ta'us; kabeelaa ta'us
Lammii kee wayya!

#share gochuun wal biraan naaf ga'aa
Dhugaan....
~
Utuu gadi qabanii ol ka'a
Ni guddata - tulluu ta'a
Gabaabsuuf yaallaan dheerata
Gogsuuf jennaan jiidhee lata
Yoo quucarsan ni dagaaga
Dhoqqee dibnaanuu miidhaga
Awwaalle jennaan mul'ata
Afaan qabnaan - funyaaniin dubbata!

Dhugaan ilmoo Waaqa guddaati
Waaqni mootii nama hundaati!
#share
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Ilhan Omar - walgahii kaleessaa goote irratti haalli hidhamtoota siyaasaa Oromoo hedduu na rifaasiseera jetti. Akkasumas dheengadda haadha warraa Jawar Arfaase Gemeda waliin akka haasoftee haalli hidhamtoota siyaasaa Oromoo ammallee akkuma baay'ee na yaaddessetti jira jetti. Dubbii Amb Fitsum Araggaa akka waan hidhamtootni yaala argatanii kijibee Ameerikaa dogongorsiisuuf yaale kijiba tahuu sirriitti hubattee jirti.
#AMMEE :
Jawar fa'a amma gara hospitaalaa geeffamaniiru!
Qabsaa'onni keenya ganama kana Ambulaansiidhan Mana sirreessaa Qaallittiitirraa gara Hospitaala dhuunfaa LaandMaarkittii geeffamanii jiru. Rabbiin waa hunda laaffisee, yaala isaanif haata'u!
Otoo Oromoo Miliyoona 60 keessaa, onnee Oromoo miliyoona 59 baqaqsitanii, keessa keenya ilaaltanii dhiiga ''JAWAAR'' jedhamu nu keessatti argattu!💛
Yeroon Tol
BALAAY ZALLAQAAN kaasa
Dhiira rooroo hin sarmine
BALAAY ZALLAQAAN Kaasa
Dhiira diinaa hin sarmine
BALAAY ZALLAQAAN Kaasaa
Alagaa garaa gubee
lammiikoo garaa raasaa

*Haacaaluu hundeessaa*
A D A W A A 💪
Ka'een BAALCHAA koo faarsaa
Ka'een BAALCHAA Koon kaasaa

Goota biyyasaaf duulee
Isa tuulamaa ka'ee
Reeffa faranjii tuulee

Ka'een BAALCHAA Koon faarsa
Goota biyyasaaf duulee

Isa tuulamaa ka'ee
Isa finfinnee ka'ee
Reeffa faranjii tuulee

*Haacaaluu hundeessaa*

A D A W A A💪
GARASUU ya ilma dhukii
Ilma walee walisoo
Enyuu abbaashiirraan seensa
Sittan bahe anisoo

*Haacaaluu Hundeessaa*

A D A W A A💪
Ijoolleen garasuu jirtuu ?
Garasuu dhukii jirtuu ?
Ijoolleen badhasaa jirtuu ?
Badhasaa magarsaa jirtuu ?
Abuna phexiroos jirtuu
Jirtuuuuuu....

*Haacaaluu hundeessaa*

A D A W A A
Adawaa fi Minilik
dhugaan jirtu kanuma!
𝐋𝐞𝐞𝐧𝐜𝐚 𝐨𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 𝐠𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐠𝐚𝐚𝐟𝐚 𝐫𝐨𝐨𝐫𝐫𝐨𝐨 𝐥𝐢𝐤𝐞 𝐠𝐨𝐝𝐡𝐚𝐚 𝐧𝐚𝐟𝐱𝐚𝐧𝐲𝐚𝐚𝐧 𝐡𝐚𝐚 𝐠𝐮𝐛𝐚𝐚𝐭𝐭𝐮👍👍
💚💚💚
#BREAKING
Oromoon hundi sagalee isaa kan dheebote Gaazexeessaa Guyo Wariyo Aba-Jirma Sanbata asdeemu kana irraa kaasee gara #OMN deebi'ee hojii kan eegalu ta'a.
Baga nagayaan deebite leenca.
Guyo Wariyo Barreeffama armaan gadii kana barreesseera.👇👇👇👇

Sanbata irra jalqabne OMN irratti wal argina.

OMN Horn(Gafaa Afrikaa) Jedhamna.

Miidiyaa irraa retired godhuuf ykn sooraama ba’uuf murteessee ture. Garuu yeroo Ummatni akka jabaa nuu barbaaduuf nuu Odeeffatuu kanatti ta’uu hin qabu jedhe Miidiyaatti deebi’uuf murteesse jira. Miidiyalee 4 irra waamichi naaf godhamus OMN jibbaachuu hin dandeenye. Jaallowwan tiyya gameeyyii kanneen akka Abreham Birru faa waliin dhiyoottuu OMN irratti wal argina.

Dhugaa Oromoo karaa dhugaan qofa (OMN)

Dhiirti walitti deebi’uuf jirti!
AMMEE: Dhiibbaa hayyootaa fi jaarsolii biyyaatiin Jawar faa lagannaa nyaataa har’a guyyaa 39ffaa irra jiran boru guyyaa 40ffaa irratti akka dhaaban murteessan. Keessattuu Daraartuu Tulluu miila irratti kuftee ummata hunda boochisuun seenaa dalagde. Haadha milkii jedhamtee jirti.
2024/09/24 21:26:39
Back to Top
HTML Embed Code: