Telegram Web Link
Haalli obbo Baqqalaan keessa jiru baay’ee yaachisaadha. Haakimni dhuunfaa akka hin yaalle dhoorkamuun waan akka salphaatti laalamuu qabuu miti. Haakimni dhuunfaa yaalii barbaachisu akka jaraaf hin kennine danqanii jiru. Haakimoonni dhuunfaa “homaa gochuufii hin dandeenyu. ija keenya duratti akka waa tahan hin barbaannu. kanaaf itti gaafatamummaa nurra jiru ofirraa buufne” jedhanii jiru. Maarree amma mootummaatu waldhaana jennee eegna moo? Oromoo hoggantoota kee osoo laaltu hin dhabin!
Awwadaay- Meeshaa waraanaa gurguddaa kana ganda keessa oofanii ummata sodaachisuuf yaalaa jiru. Mootummaa sodaattuu akkanaa arginee hin beeknu!
ABOn ibsa baase. Mootummaan humnaan hiriira mormii dhoorkuu balaaleffate
Hirira mormii Dirree Xayyaaraa
AMMEE:
Hakiimoota dhuunfaa Baqqalaa waliin Ambulansii seenan irraa bilbila(mobile) isaanii fudhatanii “ajaja oliiti dhufeedha” jechuun Baqqalaa hospitaala mootummaa geessaniiru. Lubbuun Baqqalaa harka ormaa keessa galteetti!
Oksijiinii Oromoo!
AMMEE:

Dr. Ililliin hidhamte. Yeroo ammaa hospitaala waraanaatti hidhamtee jirti. Dr. Ilillii hidhanii obbo Baqqalaa fudhatan.
Bineensi Hacaaluu nyaatee Baqqalaa nyaachuuf marseerani!
Ijji addunyaa Itoophiyaa irra jirti. Bob Menendez, senaatarri Ameerikaa kun hidhamtoota siyaasaatiif baay’ee yaadda’uu ibsee dirreen siyaasaa Itoophiyaa keessatti cufamuun yaaddoo guddaa tahuu hime.
Obbo Baqaalaan hospitaala waraanaa kan mootummaatti erga geeffamee booda Ambulaansii keessaa bu’uu didee yaala malee gara Qaallittii deebisan. Ajajni manni murtii akka hospitaala dhuunfaatti yaalamu kaleessa ajaje akka haqamee hospitaala mootummaatti yaalamu gaafatamus kufaa taasisee jira.
Gad lakkifamteerti.
Dr Ilili Kabajaa Siif Mala!
Yaa Haadhaayee
Akkasitti guddifatti
Laastikii bishaan keessaa dhugame qushaashaa keessaa guurtee walitti qabdee gurgurtee Waan Rabbi isiidhaa kenneen jiraatti.
Rabbumti ba'aa kana sirraa hafuudhu!
🟢𝐒𝐡𝐚𝐫𝐞 𝐀𝐧𝐝 𝐉𝐨𝐢𝐧
Waltajjichi Cufaa kaleessa Dr. Abiyyi, Jaal Daawid, Dr, Mararaa, obbo Shimalis gaggeessa turun mirkanaa'eera!! Hoogganoonni (ABO, KFO, PP) paartii sadanii Kaayyoo waltajjicha kaleessa Waajjira Mootummaa Naannoo Oromiyaa Finfinneetti argamutti gaggeessa ooltan san ummataaf ifa godhaa!! Amma booda golatti walii galle jadhanii gadi ba'uun hin danda'amu!! Kan wareegama kafalaa jiru Qeerroofi ummata Oromooti wanti hundi ummataaf ifa ta'aa deemuu qaba!!

Nan Sobee ?
“Hanga gaaffiin keenya deebi'utti filannoon hin jiru. Hooggantoonniifi miseensonni gameeyyiin bakka hidhaa jiranitti, akkasumas waajjiraaleen hedduun bakka nu jalaa cufamanii jiranitti karaa ittiin sochoonee filannoorratti hirmaannu hin qabnu.
Kanarratti boordii filannoofi mootummaaf gaaffii dhiyeessineerra. Jarri kun garuu hanga yoonaa homaayyuu nuun hin jenne.'' Prof Mararaa.
BBC AO
2024/09/24 23:24:21
Back to Top
HTML Embed Code: