Telegram Web Link
Forwarded from Ahlu Sunnaa wal-jama'aa (Allahan Qaba)
😥Guyyaa kabajamaa guyyaa addaa kana maatii ifiirraa fagaatanii Iida dabarsuun akkam namatti ulfaata,akkamitti nama jibbisiisa? Mee yeroo maatii tee irraa fagaattee namoota biraatii wajjiin Iida dabarsituuhuu akkatti nama jibbisiisaa; #Bakka namni itti quba sin qabne bakka namni tokkolleen dhufee baga iidaan si gahe itti siin hin janne; mana dukkanaa mana hidhaa san keeysatti kophaatee guyyaa akkanaa yeroo dabarsituhoo...!
#Barri kuniis dabree barrii tokko ka bara kana akka seenaatti dubbannu dhufuun isaa hin oolu. Umruma nuhaa dheereeysu malee

Waa maraafuu baga ittiin isin gahe

#Abbaa keenya ykn jawwee keenyaafii fakkaattoota akka isaatiis bakkuma jiranitti itti haa tolu😢

😢 #Iid mubarak iida gammachuu iida jaalalaa isiniif haa tahu.😢
💖💖💖💖💖💖💖💖💖💖

Iid
Mubarak

Iid
Mubarak.


Hordoftoota amantaa Isilaamaa mara baga ayyaana Id al Ada’aa (Arafaa) waggaa 1441 ffaa tiin isin gahe.

Eid Mubarak!
ﻋﻴﺪ ﻣﺒﺎﺭﻙ

@OROMOTOO
@OROMOTOO
Qabsaa’onni mana hidhaa jiran #Jawar fi #Baqqalaa dabalatee ergaa IID MUBAARAK jettu erganii jiru. IID MUBAARAK isiniin jedhan. Ergaa isaanii dhuma irratti Team Culullee mana hidhaa irraa jedhanii barreessan. Guutuu isaa OMN irratti isinii dhiheessina.

Via #Ferhan_Abdulselam

@OROMOTOO
@OROMOTOO
Yaadadhaa, waamichi uggura daandiiwwanii Qeerroon taasise Wiixata, Adoolessa 27, 2012 [Hagayya 03,2020] eegala. Haanga Qeerroon labsii baasee dhaabbateera jedhutti itti fufa. #Abiy_Must_Go



@OROMOTOO
@OROMOTOO
#FilannooTigraay

Naannoo Tigraayitti paartileen shaniifi dorgomtoonni dhunfaa 11 galmaa'an

Komishiniin Filannoo Naannoo Tigraay sagantaa galmee dorgomtootaa guyyaa Wiixataa hanga Kamisa darbeetti baasee tureen, paartiilee siyaasaa shaniifi dorgomtoota dhunfaa 11 galmeessuu beeksiise.

Paartiileen filannoo irratti hirmaachuuf galmaa’an TPLF, Baayitoonaa, Saalsaayi Wayyaane Tigraayi, Dhaabbata Bilsummaa Tigraay fi Dhaabbata Dimokraasii Asiimbaa jedhamaniidha.

Paartiin mormituu Naannoo Tigraay keessa socho’u ‘‘Baayitoonaa’ dhiibbaa motummaa federaalaa irraa dhuufuu’’ fi uggura motummaa Tigraayiin taasifamaa jiru’’ dandamachuun filannoo irratti hirmaachuuf murteessineerra jechuun ibsa baasee ture.

Paartiin Arenaa fi dhaabbanni Dimookraasii Tigraay gama isaanitiin filannoon naannichi gaggeessuu seera maleessa jechuun akka hinhirmaanne beeksisaniiru.

Ibsa Komishinichi kenneen galmeen filattootaafi guyyaan filannoon itti gaggeefamu kan murtaa’e yoo ta’u, dhiheenyatti ifa akka taasifamu Komishinarri Komishinii filannoo naannichaa Muluworqi Kiidaanamaariyaam ibsa kennaniin himan.

Har'aa kaasees sagantaa paartilee filannoof dorgomanii bahuun imaammata isaanii irratti marii ni taasiisuu jechuun Komishinar Muluworqi BBC Tigrinyaatti himan.

Maddi: BBC

@OROMOTOO
@OROMOTOO
@OROMOTOO
Walaloo mana hidhaarraa ergamte keessaa
=====================

Yakka tokko hin qabnu
Oromummaaf hidhamnee
Warra nama ajjeesuun
Ajjeestota jedhamnee
Warra shiraan guddatan
Garagalchoo yakkamnee
Yaa rabbi dhugaa hin gatin
Situ homaa hin dadhabnee

Oromoo situ uumee
Oromummaan ulfinaa
Wanta ittiin nu uumte
Akkamiin mulqinaa?
Gaafa Oromummaan salphatu
Heerri uumaa cabu
Gaafa nagaan ba’ee
Du’ee awaalcha dhabu
Gaafa dhugaa dubbateef
Barbaadamee hidhamu
Gaafa sabaaf dhaabbannaan
Shororkeessaa jedhamu

Viv #farhan

@OROMOTOO
@OROMOTOO
@OROMOTOO
@OROMOTOO
Nama rabbii isaa hin sodaanne sodaadhu.
Jech. Arabootaa



@OROMOTOO
@OROMOTOO
😍Sagantaan na bira jirtu akka malee nama gammachiisti gammachuufii taphaan guuttamnee wal geenyee buhaaraa jirra. #Namootaan jaaladhuufii wajjiin taa'uu hawwuu wajjiiniin wal gahee taa'utti jira !
#Garuu garaankoo gammachuu walii galaa na goonfachuu didee jira,ilkaan na koflullee garaan na gubataa jira, fakkeeyseetumaan buhaaru jira nama gammachuu qabu fakkkaachaatumaan taa'u jira!
Akkamittiin gammachuu guutuu argadha silaa odoo isaan mana hidhaa jiranii,......? Mee isinoo maaltu isin bira jira yoo isiniif mijjate photo teeysan naaf ergaa !
Hordoftoonni amantii muslima baga iida arafaatin isin gahe.

Iida tana rakkataa naannoo keenya jiru gargaarudhaan rakkoo keenya ammoo rabbitti ol himachuudhan yeroo fatanaa tana mana keenya teenyee haa dabarsinu
.




@OROMOTOO
@OROMOTOO
YAADAF NUUF KENNUDHAAF👉 @ABDATUBOT
"Perfection" means
Doing the best ,

but "Confidence" means
Knowing how to handle the worst.!!

SIRROOMINNI:
~waan baay'ee gaarii ta'e hojjechuu(dalaguu) dha. Garuu,

OFITTI AMANUUN:
~waan gadhee (badaa) akka itti to'atan beekuudha.


@OROMOTOO
@OROMOTOO
@OROMOTOO
Namoota Afur(4) irraa of fageessi. Isaanis:

1. Kan sitti kijibu
2. Kan sin kabajne
3. kan sitti fayyadamu fi
4. Kan gad si qabu.


@OROMOTOO
@OROMOTOO
@OROMOTOO
YOUR FUTURE
IN YOUR HAND

👉 fuuldurri kee
harka kee keessa jira.
👉 Guyyaan dhufu isa har'a ni
Caala.
" Jijjiiruufis jijjiiramuufis jijjiirama barbaachisa."

[Prof. Mihretu Shanqo]

@OROMOTOO
@OROMOTOO
Goota falmuu dhiifnee
Qeerroon Galee ciifnee
Oromiyaa Dachii Goota
Gantuu fi Yartuu Akkam Goggootaa !

Jabaadhu #QEERROO‼️
Qeerroo icciitiin injifannoo keenya maali yaadadhaa!
~dhugaa qabna
~tokkummaan qabsoofna
~tarsiimoon masakamna
~naamusaan sochoona
Kanafuu
~qabeenya barbadeessu
~qaama nageenyaan walitti bu'uin
~sabaafi amantii tuquun akeeka diina bakkan gaha malee nunfayyaduu
Warra waan akkasii yaalu to'adhaa!!
If you need knowledge , keep adding something new to your mind every day.

But if you need wisdom , keep deleting a few things from your mind every day.




@OROMOTOO
@OROMOTOO
Sammuu hidhamaan addunyaa hiikamaa keessa Jiraachuurra ,

Sammuu hiikamaan addunyaa hidhamaa keessa Jiraachuu wayyaa.




@OROMOTOO
@OROMOTOO
WAAMICHA ULFINAA....!

Waamicha ulfinaa
Irraa hafuun salphinaa
Diinaa ulee hin ta'inaa
Labsii Qeerroo hin cabsinaa

Kan labsii cabsee argame
Lallaba qeerroo didee
Jireenya itti hadheessina
isatu Gabrummaa fidee

Qabsaa'aan faayidaaf jedhee
Ijjannoo ofii hin jijjiiruu
Osoo dhugaa arguu
Daandii sirrii hin micciiruu


#Roobee_Baalee irraa!

@OROMOTOO
@OROMOTOO
2024/10/01 07:30:35
Back to Top
HTML Embed Code: