Telegram Web Link
👉JENNE DURIIS NUMA JENNEE
QABSAWAA ASGEENYEE
DADHABNE OSOON JENNEE
GANTUUMAAN SOBAMNEE GABRUMMAA BITANNEE
DUNEE WAAN DUUNEEFIIS DHABNEE👌
🛤🛤🛤🛤🛤🛤🛤🛤🛤

☑️Boonuus beeyna boonsuus beeynaa
raabsuu malee eenyurraa achi keenyee beeynaa
☑️Qabeenyuma keenyaan guddifne guddifachaa
Wayaa itti wayyeeysinee Waan qabnu waliin kutachaa
☑️Ilmoo keenya jennee faarsine ilma gandaa
Edaanuu inni suutuma suutaan nutti tahe gondaa
☑️Arraas akka kalee sehanii ablee guddifachaa qaranii
Maluma tokko kaleef arraas fayyadamuu fedhanii
☑️Jara moo bara kan irra haaqilaa
Jarri jaruma garuu Barri bara dhalaa

🗣BY:TR OROMO PEACE
@oromotoo
@oromotoo
Garee nama 52 of keessaa qabu araara kadhachuuf
gara Maqalee ergameen
''kaka'umsa abbootiin
amantii ofii isaaniif godhan'' jechuun sobuu yaalti Bilxiginnaan. Dhugaan jiru garuu mootummaatu ofumaaf muddamee namoota kana walitti qabatee erge. Kanas kan gorse faranjoota akka tahe bira geenyee jirra. Tigraay shaffisaan gara ofiin of bulchuutti (walaboomuutti) deemaa jiraachuu fi filmaata dhufus dhowwii tokko malee yeroo isaatti
geggeessuuf murteeffachuu ishiitiin Bilxiginnaa fi faranjoonni baay'ee rifatanii jiru.
Isa kana kadhatanii hambisiisuuf jaarsummaa ergatan. Jaarsummichi garuu waan milkaahaa jiru hin fakkaatu. Dr. D/
Tsiyoon dabalatee qondaalonni TPLF gurguddaan kan jedhaa jiran araara yoo tahe sadarkaa guutuu biyyaatti humnoota kaanis hirmaachisee tahuu qaba
kan jedhuu dha. Kun ejjennoo deeggaramuu dha.
•Hawwiin Bilxiginnaa inni guddaan kan fashale yaadni kun gama Tigraay irraa dhagahamuu isaatiini.

#Yaya_beshir
@Oromotoo
@Oromotoo
💢SEERA GAMMACHUU 5

☑️Hin jibbin

☑️Hin cinqamin

☑️Hedduu kenni

☑️Hedduu Hin eeggatin

☑️Salphisii jiraadhu
@oromotoo
@oromotoo
Kopheen lakkofsa sirrii keetii hin ta'in..
👉yoo sirra tiqqaate si dhukkubsa
👉yoo sirra ballate deemsa si kuta.

☑️Namnilleen Akkasuma.
@oromotoo
@oromotoo
📖Jechoota hayyoota addunyaa keeysaa kan fudhatame
👇👇👇👇👇👇👇👇
🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣🗣
☑️Akkuma sibiilli yoo qarame malee hin calaqqifne akkasuma namniis yoo rakkinaan qoramee bahe malee addunyaatti mul'achuu hin dandayu.
☑️Bara jireenyaa kee keeysatti yeroo dheeraa taa'umsaan dabarsitu irra, yeroo gabaabduu hojiin dabarsituutu bu'aa guddaa siif qaba.
@oromotoo
@oromotoo
Namni keenya qoosaa hammeessee bar

"Bilxiginnaan abboota ishiitti jaarsummaa kan ergatte, araarfattee as deebisuuf osoo hin taane yoo dubbiin hammaatte bakka iti dheessitu tolfachuufi"

Tokkotu comment jalatti barreesse 😎

#Jawar_Mohammed
@Oromotoo
@Oromotoo
Gaafa Baqqalaa Garbaafi Prof Iziqeel Gabbisaa konfaransiidhaaf Maqalee dhaqan, Bilxiginnaan 'gocha gantummaa' jettee farrajjee olola bante. Har'a gaafa ofii jaarsummaa na araarsaa ergattu hoo maal ofiin jetti laata?
Jawar Mohammed

@Oromotoo
@Oromotoo
"Biyyi jaarsummaan hin bulfamtu.
Osoo jaarsummaa hin taa'in dura akeeka jaarsummichi barbaachiseef maaltu akka duubaan jiru qoranna."
Geetaachoo Raddaa miseensa KHG TPLF

@Oromotoo
@Oromotoo
Himannaa fi maqa balleessiin Rizoortii Sodaree irratti baname hundee bu'uuraa akka tahe ragaan tokko kunooti.
•Kun nagahee kafaltii gibiraa Rizoortichi aanaa Adaamaatti galii godhee kan bara 2012 ti.
Karaan sobaan darban deebii nama dhiba!
Jibriil Ahmad Nuur jedhama. Guyyaa har'aa Humni
polisii addaa Haramaayaa keessatti badii tokko
malee ajjeefte.

#Yaya_beshir

@Oromotoo
@Oromotoo
#Oromiyaa

Naannoo Oromiyaatti qorannoo sa'aa 24 keessatti namoota 500 taasifameen vaayirasii koronaan namoonni 9 vaayirasichan qabamuun isaanii mirkaana'eera.

Haala waliigalaa namoota dhibee koronaan (COVID-19) qabaman:

— Namnoonni qabaman: 4 Godina Jimmaa, 2 Buraayyuu, 2 Godina Addaa Nannaawaa Finfinnee, 1 Harargee Bahaa irraati.

— Umuriin isaani (17 - 40) yoo ta'u, Korniyaan dhiira 6 fi dubartii 3 dha.

— Namoonni 2 nama vaayirasichaan qabame waliin tuttuqqii kan qabaman yoo ta'u, namoonni 6 ammoo hawaasa keessaa argaman, 1 seenaa imala qaba.

Hanga ammaatti akka naannoo Oromiyaatti namoota vaayirasii koronaan qabamu isaani mirkanaa'e 206 gaheera.
#GERD

Gibxiin maricha kan diigtu yoo ta'e ammaan boodatti sababa marii itti taasistu akka hin qabne Itoophiyaan beeksifte.

Ministirri dhimma alaa obbo Gadduu Andaargaachaw, ibsa har'a laataniin, ammas taanaan Gibxiin marii duraan agarsiiste yaada "bishaan Abbayyaa hunda anaatu itti fayyadama" jedhu ammas itti fuufaa jirti jedhaniiru.

Adeemsi jaarraa 19ffaa fi 20ffaa, jaarraa 21ffaatti kan hin adeemsifne fi kan fudhatama hin qabnedha jedhaniiru obbo Gadduun ibsa isaanitiin.

"Ammas taanaan Gibxiin mariichi akka adda citudha kan barbaaddu" kan jedhan ministirri kun, ammaan boodatti Gibxiin maricha kan diigtu yoo ta'e sababa marii itti taasistu akka hin qabne akeekkachiisaniiru.
#Hydroxychloroquine

Qoricha busaa 'hydroxychloroquine' jedhamu yaalii hatattamaa koroonaavaayirasiif oolaa ture Bulchiinsi Nyaataa fi Qorichootaa Ameerikaa [ FDA] akka dhaabbatu taasise.

Yaalii kilinikaa hanga ammaatti taasifameen qorichi kun dhibee vaayirasii kanaan dhufu yaaluuf kan dandeessisu mallattoo homaa hin agarsiifne jedhe dhaabbatichi. Pireezidant Doonaald Tiraamp boodarra qoricha kana yaalii COVID-19 kanaaf fayyadamuu qabna jechuun mormaniiru.

Ji'a Bitootessaa keessa Dhaabbanni To'annoo Nyaataa fi Qorichaa Ameerikaa (FDA) qorichi busaa kun yaalii hatattamaa koroonaavaayirasiif akka oolu eeyyamee ture.

Wiixata kaleessaa garuu qorannoon kilinikaa namoota dhukkubsatan irratti gaggeeffame qorichi busaa 'haayidiroksikilorokiin' jedhamu dhibee koraanaavaayirasii yaaluuf akka hin gargaarre agarsiisera jedhe dhaabbatichi.

Maddi:- BBC
#UPDATE

Jiilli Jaarsummaa gara Maqaleetti imale mootummaa Naannoo Tigiraay biraa mormiin isa mudate.

Jiilli kun garaagarummaa mootummaa Federaalaa fi mootummaa naannoo Tigiraay gidduutti babal'ataa jiru dhiphisuuf kan akeekkate yoo ta'u, mootummaa Naannoo Tigiraay garuu "Waltajjii Biyyoolessaa malee mariin TPLF waliin dhoksaatti gaggeeffatu hin jiru, fudhatamas hinqabu," jechuun ibsa galgala kana baaseen ibsee jira.

Waliigaltee biyyaalessaa argamsiisuuf yoo barbaadame waltajjiin sadarkaa biyyaatti waamamuu qaba, marii dhoksaan TPLF waliin gaggeeffamu hin fudhannu jechuun mootummaan Naannoo Tigiraay mormee jira.

Maddi:- ONN
GORSA GAARII
____by @ABDETUOR

Yeroo namni nama biraa sitti hamatu
gurra hin kenniiniif didi! Maaliif seete?
siinis nama kan biraatti si hamata.

Icciitii kees itti hin himatiin! Maaliif seete?

Hamachuun amalasaa waan ta'eef, icciitii
hin qabatu.

Nama tokkotti mi'aawuuf ykn
quluqulluu fakkaachuuf hiriyaakee
qulqulluu hin xureessiin! Maaliif seete?
dhugaan si gaafata.

Yeroo hunda wanta haqa qabeessa
dubbadhu! Maaliif seete?Sobni yeroo
sanaaf qofa si fayyada malee borii hin
qabu.

Yoo sobamtes hin aariin! Maaliif seete?
guyyaan dhugaan itti ifa ba'u ni dhufa
yeroo sana dhugaa inni ati dubbattu ragaa
siif ba'a.

Jette jettees hin amaniin, amantus
dabarsitee hin himiin! Maaliif seete?tarii
soba ta'ee si qaanessa.

Yeroo namni si arrabsu dabaltee hin
arrabsiin! Maaliif seete?Yeroo jalaa callistu
innuu gaabbee dhiisa.

Daftee murtoo hin fudhatiin! Maaliif
seete?yoo murtoo sana hin dandeenye ni
gaabbita.

Wanta humnikee hin dandeenye waadaa
hin seeniin! Maaliif seete?Raawwachuu
yoo dadhabde ni qaanofta.

Hiriyyaakee si jaallatu hin goyyomsiin!
Maaliif seete?waan si jaallatuuf jechakee
fudhateti.

Baayyee jaalladhu garuu hin amaniin!
Maaliif seete? Amala sitti jijjiirrata ta'a,
yeroo kana ni haalamta.

Hiriyaa isa icciitii itti himattuun yoo wal
lolte, wal lolle jettee icciitii isaa hin
baasiin!

Maaliif seete?booda araaramuun kee hin
oolu

Booda ofitti qaanfatta ykn gaddita
Waa'ee namas hin has'iin maaliif seete
irra nama malee keessa Ykn garaa nama
waan hin beeknef

Gorsi kun yoo sitti tole nama jaallattuuf

@oromotoo
@oromotoo
@All_islaam
@All_islaam
COVID-19⬇️

Dhibeen kun addunyaarra biyyoota heddu irratti kan tamsa'e yoo ta'u, namoonni miiliyoona 8.2 ol dhibee kanaan qabamaniiru. Isaan keessaa hanga ammaatti lubbuun namoota kuma 443 ol darbeera.


🌏Addunyaa🌏
• Namoonni qabaman = 8,203,454
• Namoonni du'an = 443,599
• Namoonni bayyanatan = 4,274,237

Ameerikaa(USA)🇺🇸
• Namoonni qabaman = 2,198,506
• Namoonni du'an = 118,813

Braaziil(Brazil)🇧🇷
• Namoonni qabaman = 904,734
• Namoonni du'an = 44,657

Raashiyaa(Russia)🇸🇮
• Namoonni qabaman = 545,458
• Namoonni du'an = 7,284

Hindii(India)🇮🇳
• Namoonni qabaman = 353,641
• Namoonni du'an = 11,903

🌏Afrikaa🌏
• Namoonni qabaman = 257,852
• Namoonni du'an = 6,927
• Namoonni bayyanatan = 118,272

Itoophiyaa(Ethiopia)🇪🇹
• Namoonni qabaman = 3,630
• Namoonni du'an = 61
• Namoonni bayyanatan = 738
Waxabajjii 9,2012
@oromotoo
@oromotoo
#total_new_deaths_today
✧Du'a har'a galma'ee sadarkadhaan:(6:30Pm)


1️⃣ India 2,006
2️⃣ Brazil 1,123
3️⃣ United States 717
4️⃣ Mexico 439
5️⃣ United Kingdom 233
6️⃣ Russia 193
7️⃣ Iran 115
8️⃣ France 111
9️⃣ Pakistan 110
🔟 Egypt 94

#total_new_cases_today
✧BAAYINNA NAMOOTA HAR'A QABAMANII

1️⃣ Brazil 31,633
2️⃣ United States 19,618
3️⃣ India 11,135
4️⃣ Russia 8,248
5️⃣ Chile 5,013
6️⃣ Pakistan 4,443
7️⃣ Saudi Arabia 4,267
8️⃣ Bangladesh 3,862
9️⃣ Mexico 3,427
🔟 Iran 2,563

@oromotoo
@oromotoo
#DonaldTrump

Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp haaromsa poolisii biyyattii gaggeessuuf murtoo gargaaru mallatteessan.

Murtoon kun baajata Poolsii guddisuu fi hojmaata ammayyeessuuf kan kaayyeffame ta’uu ibsameera.

Dabalataan gochaa shakkamtootarratt fudhamu to’achuu fi hordofuuf hojmaata garaaru kan of keessatte hammate ta’uu himaameera. Preezdaanti Traamp yaada baajata Poolisirratti dhiyeete kuffisaniiru jedhame. 

Murtoon Preezdaantummaa kun sababa ajjeechaa Joorji Flooydiin rakkoo siyyaasaa Waashingtan irra ga’e baraaruufii jedhame. Haala murtoo kanaan poolisoonni shakkamtootarratti tarkaanfii humnaa fudhachuu hindanda’an.

Namoonni siyyaasaa tokko tokko garuu murtoon Traamp kun murtee yeroo, kan fagoo hin adeemsifne jechuun qeeqaniiru.

Akkasumas yakka sanyummaa Poolisoonni Ameerikaa gurraachorratti raawwatan furuuf humna hin qabu jedhame. Ameerikaatti poolisooni lammiilee bifaan gurraacha ta’an irrarrti tarkaanfii humnaa olii fudhatu.

Ajjeecha Joorjii Flooyidiin walqabatee mormiin torbee sadiif itti fufeera. Sababa kanaan seera baastoonni biyyatti poolisoonni tarkaanfii madaallawaa hin taane akka hin fudhanne qajeelfama qopheessaa turaniiru.

@oromotoo
@oromotoo
#WHO

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa WHO'n qoricha ‘dexamethasone’ jedhamu dhukkubsattoota Covid-19 haala yaaddessaa keessa jiran lubbuu baraaruu danda’uuf beekkamtii laate.

Qorichi kun carraa du’uu dhukkubsattoota meeshaa ittiin harganan ykn veentileetarii jala jiran kan hir’isuu ta’uu Daayreektari Olaanaan Ddhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teedroos Adhaanoom ibsaniiru.

Argannoo kun ummata addunyaaf oduu gammachiisaadha jedhan.

Yeroo addunyaan weerara vaayrasii kanaan wallansoo cimaa keessa jirtuutti argannoon kun boqonnaa haaraadha jedhan Dooktar Teedroos Adhaanoom.

Qorichi kun qaama sagantaa yaalii qorichoota duraan turan koroonaavaayrasiif dalaguun isaanii yaalamaa jiran keessa isa tokkoodha.

Maddi:-WHO
@oromotoo
@oromotoo
@oromotoo
#COVID19 |Odeeffannoo haala yeroo vaayirasii koroonaa(COVID-19) Afrikaatti:

Afrikaatti hanga ammaatti namoonni
262,350 vaayrasii koroonaan kan qabaman yoo ta'u namoonni 7,054 lubbuun isaanii darbeera, namoonni 121,485 vaayirasicha irraa bayyanataniiru.

Afrikaatti biyyootaa lakkoofsa namoota dhibee COVID-19'n qabamanii hedduu qaban sadeen :-

1. Afrikaa Kibbaatti- Kan qabaman: 76,334 Kan du'an: 1,625 Kan bayyaanatan: 42,063

2. Gibtsiitti - Kan qabaman: 47,856 Kan du'an: 1,766 Kan bayyaanatan: 12,730

3. Naayijeeriyaatti - Kan qabaman: 17,148 Kan du'an: 455 Kan bayyaanatan: 5,623 gaheera.
2024/11/19 22:28:14
Back to Top
HTML Embed Code: