Telegram Web Link
#COVID19

Magaalaa Beejiingitti guyyaa 50 booda namoonni 36 vaayrasii koroonaatin qabaman. Weerarri vaayrasichaa gabaawwan jajjabaa magaalittiitti babal'achuu akka hin oolle shakkameera.

Gabaasni kun kaleessa ega ifoomee eegalee, iddoowwan gabaa magaalattii cufamaniiru. Naannolee ollaa 11ttis dhoorkiin labsameera. Guyyaa har'aas naannolee ollaa 10tti dhoorkin dabalataa
labsameera.

Liyaa'ooniing, Heebeeyii fi Siichuwaanitti Beejiingiin walqabatee namoonni haaraan vaayrasichaan qabamaniiru.

Guyyoottan 50 oliif magaalaa Beejingittis ta'e bulchiinsota ollaatti namni vaayrasii koroonaatin qabame hin gabaafamne ture.

Maddi: BBC
#DrLiaTadesse

የኮሮና ቫይረስ (ኮቪድ-19) ስርጭትን ከመከላከል ጎን ለጎን የፀረ-ተህዋሲያን መድሃኃኒት በጀርሞች እንዳይላመዱ ጥንቃቄና ቁጥጥር እንዲደረግ የጤና ሚኒስትሯ ዶክተር ሊያ ታደሰ አሳሰቡ።

ሚኒስትሯ ማሳሰቢያውን የሰጡት የፀረ-ተህዋሲያን ብግርነት መቆጣጠር እና መከላከል ቀንን አስመልክተው ባስተላለፉት መልዕክት ነው።

ቀኑ "የፀረ-ተህዋሲያን ብግርነት መቆጣጠር እና መከላከል በኮሮና ቫይረስ (ኮቪድ- 19) ወረርሽኝ ወቅት" በሚል መሪ ሃሳብ በአገር አቀፍ ደረጃ ለስምንተኛ (8) ጊዜ ተከብሯል
Ministeerri Fayyaa FDRI meeshaalee laabraatoorii Birrii miiliyoona 1.3 olii deeggarsaan argate.

Dhaabbanni Fichisiisaa fi Alergii Reey har'a meeshaalee laabraatooriif oolan ministeerichaaf laatera. Meeshaaleen kanneen qorannaa laabraatoorii vaayrasii koroonaaf kan tajaajilanidha.

Ministeericha bakka bu'uudhan obbo Yaa'iqoob Sammaan, dhaabbaticha bakka bu'uun ammoo itti aantuu hoji gaggeessaa kan ta'an Yoordaanoos Biraanuun walharkaa fuudhaniiru.

Maddi:- fbc
Faraansaay vaayrasii koroonaa injifadhe jette❗️

Pireezidaantiin Firaansi Imaanu’eel Maakroon haasaa Uummata isaaniif taasisaniin waraana turee Firaansi injifannoon xumurtee jirti ta’uus garuu waraanni kun marsaa duraati malee kan xumura miti jedhan.

Uuggurri turees akka ka’uu Firaansi murtessuun kaaffee, reestoorantiiwwaan adda addaa tajaajila kennuu akka qaban heyyamameera.

Guutuu biyyatti keessatti iddooleen tajaajila uummataa kennan hundi maamiilootaaf banaa akka ta’u akkasumas gara biyyaa keessa galuu fi gara biyyoota Awurroopaa garagaaras imaluun heyyamameera.
#OduuAmmee

Mana Maree Naannoo Sabaaf Sablamoota Kibbaatti bakka bu'oota Sabaa Wolaayittaa ta'uun kanneen filamanii turan Mana marichaa gad dhiisuun keessaa of baasaniiru.

Murtii kana irra gahuuf kan isaan dirqisiise, karaa heerri Mootummaa isaaniif heeyyamuun gaafii Ummanni Wolaayittaa Naannoo ta'uuf qaban karaa seera qabeessaan gaafachaa turuu eeruun, gaafii isaaniitiif deebii waan dhabaniif tarkaanfii kanatti seenuutu himame.
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
#DrLiaTadesse

Itoophiyaatti sa'aatii 24 darbee keessa qorannoo laabraatorii namoota 5,636'f gaggeeffameen namoonni 176 vaayrasiin koroonaa qabamaniiru.

— Lakkoofsi namoota waliigalaan biyyattiitti koroonaa vaayirasiin qabamaniis 3,521 gaheera.

— Sababa vaayirasii koroonaan Itoophiyaatti sa'aatii 24 darbee keessatti namoonni sadii(3) lubbuun isaanii dhaabaniru.

— Waliigalan Itoophiyaatti lakkoofsi namoota sababa vaayirasichan lubbuu isaanii darbee 60 gaheera.

— Gama kaaniin ammoo, sa'aatii 24 dabee keessa namoonni haaraan 75 vaayirasicha irraa bayyanachuus ibsameera. Waliigalattis namoonni 620 vaayrasii koroonaa irraa bayyanataniiru.
"በኢትዮጵያ ተጨማሪ 176 ሰዎች በኮሮና ቫይረስ መያዛቸው ተረጋግጧል፤ የ3 ሰዎች ህይወት አልፏል።" - ዶክተር ሊያ ታደሰ

@oromotoo
በኢትዮጵያ የሟቾች ቁጥር 60 ደረሰ!

ከጠቅላላው የላብራቶሪ ምርመራ ውስጥ 28 (17 ከጤና ተቋም እና 11 ከማህበረሰብ በተወሰደ ናሙና) ናሙናዎች በአስክሬን ላይ የተደረገ የላብራቶሪ ምርመራ ሲሆን አንድ (1) ናሙና የኮሮና ቫይረስ ተገኝቶበታል። በተጨማሪ 2 በህክምና ማዕከል ውስጥ በህክምና ላይ የነበሩ ሰዎች ህይወት አልፏል። በአጠቃላይ በሀገራችን ቫይረሱ የተገኘባቸውና ህይወታቸው የለፈ ሰዎች ቁጥር ስልሳ (60) ደርሷል።

ህይወታቸው ያለፈ ሰዎች ዝርዝር ሁኔታ ፦

1. የ60 ዓመት ወንድ የአዲስ አበባ ነዋሪ በህክምና ማዕከል በህክምና ላይ የነበሩ።

2. የ19 ዓመት ወንድ የአዲስ አበባ ነዋሪ በህክምና ማዕከል በህክምና ላይ የነበረ።

3. የ32 ዓመት ወንድ የአማራ ክልል ነዋሪ ፤ በአስክሬን ምርመራ ቫይረሱ የተገኘበት።
#DrLiaTadesse

Itoophiyaatti sa'aatii 24 darbee keessa qorannoo laabraatorii namoota 5,636'f gaggeeffameen namoonni 176 vaayrasiin koroonaa qabamaniiru.

— Lakkoofsi namoota waliigalaan biyyattiitti koroonaa vaayirasiin qabamaniis 3,521 gaheera.

— Sababa vaayirasii koroonaan Itoophiyaatti sa'aatii 24 darbee keessatti namoonni sadii(3) lubbuun isaanii dhaabaniru.

— Waliigalan Itoophiyaatti lakkoofsi namoota sababa vaayirasichan lubbuu isaanii darbee 60 gaheera.

— Gama kaaniin ammoo, sa'aatii 24 dabee keessa namoonni haaraan 75 vaayirasicha irraa bayyanachuus ibsameera. Waliigalattis namoonni 620 vaayrasii koroonaa irraa bayyanataniiru.

@oromotoo
@oromotoo
Beekumsa waliigalaa
Kutaa 33ffaa.

Abbaa Gammachiis ( Onesmos Nasib ) Eenyu?


-Bara 1856 Hurrumutii dhalate.

Bara 1860 Abbaan irraa du'e, baruma sana keessa butamee , gurgurame, maqaan isaa 'Nasiib' jedhame.

Bara 1870 Nasiib Masawwaatti Luba ta'e.

Bara 1872 Nasiib Masawwaatti cuuphamee 'Onesimoos Nasiib' jedhame.

1876 Onesimos Nasiib Ergamaa Wangeelaa akka ta'uuf barumsaaf gara biyya Suweedinitti ergame.

Bara 1876-1881 Mana barumsaa Mission Johannelund keessa ture.

Bara 1881 Gara Masawwaatti deebi'ee, Mihiret Ha'iluu fuudhe.

Bara 1882 Gurmuu nama torba wajjiin karaa Sudaan biyya Oromootti lixuuf abbale.

Bara 1884 Karaa Shawaa Mootummaa Minilik keessa darbee Jimmaan dhaquuf abbale.

1886 Imukkutti deebi'ee Macafaa Qulqulluu Afaan Oromootti hiikuu jalqabe.

Bara 1887 Macaa Faarfannaa ( Galata Waaqayy Gooftaa Maccaa) Imukkutti maxxanse.

Bara 1888 Mihiretii fi ijoolleen ishee Onesimoos jalaa ni du'an.

Bara 1891 erga ijoolleef haati manaan isaa jalaa du'anii Imukkutti gara Gelebitti godaanee, Dimboo Garbaa fuudhe.

Bara 1893 Maacafa Qulqulluu Kakuu Haaraa Imukkutti maxxansiise.

Bara 1894 Ammoo Jalqa Barsiisaa Imukkutti maxxansiise.

Bara 1897 Macaafa Qululluu Kakuu Moofaa Hiikee xummure.


Bara 1899 Guutummaan Macaafa Qululluu, Katekismos, Garaan namaa mana Waaqayyoo yookis bultii Seexanaa, Si'alama Oduu Shantamii Lama, gada Krishonaatti maxxanfaman.

Bara 1900 Onesimoos Asmaraatti godaane.

Bara 1900-1903 Onesimoos gurmuu saba Oromoo warra Mandara Asmaraa keessa jiraniif Barsiisaa fi Lallabaa Wangeelaa ta'e.

Bara 1904 Onesimoos Najjootti mana barumsaa Afaan Oromoo bane, Macaafa Qululluu namootaaf dubbise.

Bata 1905 Qeesonni Bataskaanaa Kidane Mihiretii Onesimoos irratti ka'anij isa hammeessan.

Bara 1906 Onesimos Naqamteetti hammeeffamee, Abun Maatewos isa abaare.

Bara Onesimoos mana ofii isaatii keessatti namoota barsiise.

Bara 1908 Onesimoos ammas in hammeeffame.

Bara 1912 Abun Maatewos abaaree hojii isa dhowwe, Onesimoos iyyachuuf gara Finfinnee dhaqe, barsiisonni Habashaa Onesimoos irratti ka'anii, Macaafa isaa guban.

Bara 1915 Onesimoos yeroo gabaabduuf boqonnaa argate.

Bara 1916 Liji Iyyaasuun hojiidhaaf eeyyama kenneef, Onesimoos gara Naqamteetti deebi'ee mana barumsaa ijoollee durbaaf bane.

Bara 1919 Fitawuraarii Turaan Onesimoos hammeesse.

Bara 1929 Onesimoos Najjootti bariisaa ta'e.

Bara 1930 Manni sagadaa warra Wangeelaa Najjootti ijaaramee eebbifamee, Onesimoos Najjoo dhaqee hojii achitti jalqabame ilaale.

Bara 1931 jaban Ilma Oromtichaa imila jireenyaa isaa akkasiin dabarsee Naqamteetti boqote.


Madda: Kitaaba Abbaa Gammachiis, Onesimoos Nasiib, Kan Tasgaraa Hirphoo barreesse keessaa akka salphaatti namaaf qabamuu danda'utti kan Caabotame.


Waxabajjii 2/2012/(6414ALO)
Iyyaasuu Tarrafaa Fayisaa
Oromiyaa.
@oromotoo
@oromotoo
Odeeffannoo waliigalaa COVID-19⬇️

Dhibeen kun addunyaarra biyyoota heddu irratti kan tamsa'e yoo ta'u, namoonni miiliyoona 8 ol dhibee kanaan qabamaniiru. Isaan keessaa hanga ammaatti lubbuun namoota kuma 437 ol darbeera.

🌏Addunyaa🌏
• Namoonni qabaman = 8,066,804
• Namoonni du'an = 437,296
• Namoonni bayyanatan = 4,174,782

Ameerikaa(USA)🇺🇸
• Namoonni qabaman = 2,174,666
• Namoonni du'an = 118,122

Braaziil(Brazil)🇧🇷
• Namoonni qabaman = 873,963
• Namoonni du'an = 43,485

Raashiyaa(Russia)🇸🇮
• Namoonni qabaman = 537,210
• Namoonni du'an = 7,091

Hindii(India)🇮🇳
• Namoonni qabaman = 342,841
• Namoonni du'an = 9,914

🌏Afrikaa🌏
• Namoonni qabaman = 247,198
• Namoonni du'an = 6,588
• Namoonni bayyanatan = 114,285

Itoophiyaa(Ethiopia)🇪🇹
• Namoonni qabaman = 3,521
• Namoonni du'an = 60
• Namoonni bayyanatan = 620

@oromiapost
@Oromiapost
"በኢትዮጵያ ተጨማሪ 109 ሰዎች በኮሮና ቫይረስ መያዛቸው ተረጋግጧል፤ የ1 ሰው ህይወት አልፏል።" - ዶክተር ሊያ ታደሰ
@oromotoo
"Itoophiyaatti namoonni dabalataa 109 vaayirasichan qabamuun isaanii mirkaana'ee; lubbuun nama 1 darbeera." Dr Liyaa Taaddasaa

@oromoto
@oromotoo
በኢትዮጵያ ተጨማሪ 109 ሰዎች በኮሮና ቫይረስ መያዛቸው ተረጋግጧል!

ባለፉት 24 ሰዓት ውስጥ በተደረገው 5,102 የላብራቶሪ ምርመራ 109 ሰዎች የኮሮና ቫይረስ ተገኝቶባቸዋል፡፡ በአጠቃላይ በሀገራችን ቫይረሱ በምርመራ የተገኘባቸው ሰዎች ቁጥር 3,630 ደርሷል።

@oromotoo
#DrLiaTadesse

Itoophiyaatti sa’aatii 24 darban keessatti qorannoo laabiraatoorii namoota 5102'f godhameen namootni 109 vaayirasichaan qabamuun isaanii mirkanaa'ee jira. Kanumaan baay'inni namoota vaayirasichaan qabamuun isaanii mirkanaa'e 3,630 ga'eera.

🩸 Haala dhukkubsattootaa:-

— Namootni vaayirasichaan qabaman hundinuu lammiilee Itoophiyaati. Koorniyaadhaan dhiirota 60 fi dubartoota 49 yoo ta’an umuriidhaan waggaa 1- 78 gidduu kan jiranidha.

— Bakki irraa argaman 81 Magaalaa Finfinnee, 9 naannoo Oromiyaa, 4 naannoo Somaalee, 4 naannoo Kibbaa, 3 naannoo Amaaraa, 3 naannoo Tigraay, 3 naannoo Affaar, fi 2 naannoo Hararii irraati.

— Odeeffannoo biraatiin namootni 118 kan fayyan yoo tahu, Walii galaatti hanga ammaatti namootni 738 dhibee kana irraa fayyaniiru.

Sababa vaayirasii koroonaan Itoophiyaatti sa'aatii 24 darbee keessatti namni tokko lubbuun isaanii dhaabaniru. Waliigalan namoonni 61 lubbuun darbeera.
#ETHIOPIA

#COVID_19UPDATES

Waxabajjii 9/2012

#DrLiaTadesse, minister of Health

🔺Har'a kan qabaman..........109

🔺 Waliigalan kan qabaman ...........................3,630

🔹Har'a kan bayyanatan.......118

🔹Waliigalan kan bayyanatan............................738

🔺Har'a kan du'e.......................1

💠waliigalan kan du'e.............61

🔷Dhukkubbii cimaarra kan jiran......................................... 32

@oromotoo
@oromotoo
@oromotoo
#BREAKING

Sababa vaayirasii koroonaan Itoophiyaatti sa'aatii 24 darbee keessatti namni tokko lubbuun darbeera.

Haala nama lubbuun isaanii darbee:

1⃣ Koorniyaan Dubartii lammii Itoophiyaa umriin ganna 45; jiraattuu magaalaa Finfinnee; ergaa lubbuun darbee booda qorannoo reeffaaf samuuda fudhatameen vaayirasichaan qabamuun ishee kan mirkaana'eedha.

Waliigalan Itoophiyaatti lakkoofsi namoota sababa vaayirasichan lubbuun isaanii darbee 61 gaheera.

Itoophiyaatti guyyaa tokkotti namoonni 118 dhibee vaayrasii koroonaa irraa bayyanachuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

— Itoophiyaatti namoota 118 sa'aatii 24 darbee fayyaan keessaa namoonni 115 magaalaa Finfinnee, 3 naannoo Tigraay irraa kan fayyaan yoo ta'u, Walii galaatti hanga ammaatti namootni 738 dhibee kana irraa fayyaniiru.
2024/11/20 00:29:07
Back to Top
HTML Embed Code: