Telegram Web Link
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Mul'ata keessan namoota Ijaarama sammuu guddataa fi qajeelaa qabu qooda malee namoota Sammuu Ego fi ijaarama sammuu dhaabbata qabu hin qoodiin.

Jireenya kee keessatti gaaffiin baay'ee bu'uura ta'e "Ani eenyu.? Mul'anni koohoo maalii?!

Hojii maneen kee inni guddaan adunyaa kana irra hamma jiraattutti mul'ata dhokataa uuman kee si keessa kaa'e barabaaddee argachuu fi fiixaan bahinsa isaaf irratti hojjeechuu dha. Mul'ata mataa keetii barabaadee argachuuf fi irratti hojjechuudhaa yoo baatte umurii kee guutuu garba mul'ata nama biroo taatee jiraatta jeechudha. Sammuu kee jijjiiruu yoo dandeesse, Jireenya kee jijjiiruu dandeessa!" Wiiliyaam Jeemsi

Misooma sammuu kee irratti hojachuuf itti gaafatamummaa kan qabu si qofa.

Mul'anni kee baay'ee gati jabeessadha Jireenya kee kessatti mul'anni ati baastee ittin hin hojjenne addunyaaf bu'aa hin qabu. Dhaloota kana fayyadu isa ati baastee ittiin hojjette qofadha.


Namoota mul'ata fi kaayyoo ofi beeku akka tannu Rabbii nu garagaruu.

@jechootahayyoota
Caaccuulee Tiyaatiraa

1. Yoomessa (setting)
Yoomessi yeroo bartaphichaa, bakkaafi haala haawasummaa of keessatti qabata.

2. Waliin Dubbii (Dialogue)
Waliin dubbii jechuun haasaa qooddattonni lamaa fi isaa ol taโ€™an godhanidha.  Waliin dubbiin bar-taphee kessatti karaa lamaan /holooloofi walaloon/ dhiyaachuu dandaโ€™a.

3. Qooddataa (character)
Namfakkileen ykn qooddataa jechuun namoota ykn bineensota tartibni gochaa 
irratti ijaaramu fi kan addunyaa waraqaa irratti argamani dha. 

4. Ergaa (Theme)
Ergaan idaโ€™ama yaada taphee guutuu ykn dhaamsa waliigalaa taphee tokkoti. Ergaan kan kallatidhaan darbu osoo hin taanee al kalattidhaan kan mulโ€™atudha.

5. Jaargocha (plot)
Jaargochi seenaa bu'uuraa taphee keenyaa yemmuu ta'u duraa duba taateewwaniiti.

Odeeffannoo nama fayyadudha jettanii yoo amatan waliif qoodaa!
Hiriyoota keessan garee kanatti affeeraa
โœ๏ธ Kaachuu
@OROMOTOO
@OROMOTOO
Mirkaneeffadhu

Bari'uu isaa otuu hin beekin Maashoo kee hin dhaamsin. Guyyaadha ifaa qabattee yeroon itti nama barbaaddu darbeera. Amma aajaa guddaan eenyummaa kee isa si keessa jiru barbaaddee argachuudha.

Maal ta'uun barbaada?
Kaleessa maal irran ture?
Har'ahoo maalirran jira?
Moggasa nama jedhamu cinaatti wanti addaa ani qabu maalidha?
Yeroo koo maalinan dabarsaa jira?

Deebii gaaffilee kanneen hanga argattutti yaa gaafannu, yaa barbaadnu. Ergamni jireenyaa inni guddaan barbaadanii of argachuudha. Namootni hedduun maashoo isaanii dursanii dhaamsuun dukkana keessa jooraa jiru.

Yoo waa irraa baratte #Share godhi
โœ๏ธ Kaachuu
@Jechootahayyoota
Warraa har'aa jiraachuu keenyaaf aarsaa kaffalaan. Silaa yeroo hundaa keessattiyyuu yoo Qubee Afaan Oromoon kataabnu cufaa goota yaadachuu malleedha.

"Qubeen Keenya kan barreessinee ittiin Gumbii seenaa dhaloota dhaalchifnu malee kan ittiin wal madeessinee egereef gargaar wal fageessinu tahuu hin  qabu"
  Nagaa keessa turaa!
    ABUUBAKAAR MUUSSAA!
      Jaawwii Jiillee
@Harargetub
@Harargetub
Forwarded from Qerroo media
๐’๐ˆ๐‘๐๐Ž๐Ž๐“๐€ ๐€๐…๐€๐€๐ ๐Ž๐‘๐Ž๐Œ๐Ž๐Ž ๐ˆ๐“๐“๐ˆ ๐ƒ๐‡๐ˆ๐˜๐€๐€๐ƒ๐‡๐€๐€.๐Ÿ’ช
Ati Qormaata kutaa 12 NAN KUFE jettee aartaayii? Animmoo mufachuu kee fi of dhiphisuu kee kanatti nan kolfe! Baay'en sitti gaddes!

@Jechootahayyoota
๐Ÿ’ฅ๐Ÿ’ฅ๐Ÿ’ฅ๐Ÿ’ฅ๐Ÿ’ฅ๐Ÿ’ฅ๐Ÿ’ฅ๐Ÿ’ฅ๐Ÿ’ฅ
Mee waa'ee namoota kufanii milkaa'an tokko sin yaadachiisa; na hordofi!
โ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌ
โ ROBERT KIYOSAK dureessa Ameerikaa keessaa tokko. Garuu Robert yaalii investimentiin yeroo meeqaaf meeqa nama kisaaredha.

โ TOMAS EDISEN balbii elektrikaa hojjechuuf si'a 10,000 yaalee kufee nama milkaa'eedha.

โ ABRAHAAM LINKEN Pireezidaantii Ameerikaa ta'uuf waggaa 22ffaa isaa irraa eegalee dorgomee moo'amaa waggaa 52ffaa isaatti pireezidantii Ameerikaa tahe.
Isaan kunii fi kanneen biroo obsumaan irra deddeebi'an malee waan kufaaniif karoora isaanii hin fannifne.

โ Kanaafuu abdii kutachuutti wanti si oofu diina kee isa karaatti si hambisuu barbaadu qofaadha.
Hin gowwomin ati michuun amanamaan waaqa kee gadiitti karoora kee akka ta'e hubachuun yoo kuftellee hin gadhiisin wajjin kufii ka'i!

โ Utuu waan meeqaaf abdatamtuu haalatti amantee karaa dhaabbattee haftaa?Matumaa hin ta'u! Ati karaatti hin haftu! Haala yeroon jijjiirutti hin hirkatin! Ati sichi ija baay'ee godhatta; balballi milkaa'inaa hedduun siif banama.

โ Haala ilaaltee abdii hin kutatiin abdii hin kutatin ammas abdii hin kutatiin !!!

Haalli har'aa hin amanamu:
โžฒ #Har'a hiyyessa yoo taate bor ni sooromta.
โžฒ #Har'a uffata gahaa hin qabdu yoo tahe bor irraa hafaa qabaatta.
โžฒ #Har'a miilla qullaa deemta yoo tahe bor kophee jijjirtee keewwaattam!
โžฒ #Har'a hojii hin qabdu yoo ta'e bor hojjetaa hedduu qacarta!
โžฒ #Har'a baasii geejjibaaf yoo dhabdeyyuu bor konkolaataa kee yaabdee adeemta!
โžฒ #Har'a nama si jaallattu hin qabdu yoo ta'eyyuu bor baay'ina fira keetif dhiphatta!
โžฒ #Har'a utuu biyyi kolfuu yoo boosseeyyuu bor yeroo biyyi boo'u kolfuuf jirta!
โžฒ #Har'a gurguddoota biyyaa hin beektu yoo ta'eyyuu bor nama guddaaf beekamaa taata.

Kanaafuu haala keessa jirtutti gammadi wal'aansoo qabi, moo'ichi nama wal'aansoo qabu bira jira.

Moo'ichi guddaan immoo aarii fi dafqaan utuu hin taane karaa OBSAA argama.

Kanaafuu abdii kutuu caalaa obsa uffachuun daawwaa milkoomina keetiti.

Obbolee koo ABDII HIN KUTATIN! NEVER GIVE UP!

โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†โ˜†
๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™
@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA
Waan faayidaa qabu dhaggeeffadhu.Sababa barbaadi, yaada gaari dubbadhu. " dubbiin namootaa akka biyyeeti; yoo qilleensa keessa hin balali'in miila jalatti dhiitama. Kana gochuu hin dandeessu taanaan, ofuma keef jiraadhu. Arrabni hin callisu" jedha ogeessi tokko.

Miidhamni hundinuu sadarkaa bilchina haaraati. Wanta jibbitu hundarraa fagaadhu. Waamicha si aarsu tuffadhu. Ergaawwan si miidhan haqi. Waan jaalattu haala ittiin argachuu dandeessu yaalii argadhu.

Waan abdii kee haaressu barbaadi. Waan kamuu dhiisuun fedhii keeti malee hiree kee miti. Yeroon filannoowwan hedduu yoo siif kennite wanta ejjennoo keef malu gara keetti dhiyeessi.

Yeroo ofitti amanamummaa qabnu keessatti immoo, ija qalbi cufnee waan eenyummaa keenya guutuudhaan hin argine ilaaluuf ija sammuu banuun dirqama.


@JECHOOTAHAYYOOTA
Nama sababaa tokko malee si jibbuuf bakka hin kannin, yeroo fi inarjii(energy) kee firraa hin fixin.

Nama si boodaa si dubbatu, dantaa dhabiif duraanuu wan hundaan waan si booda jiruuf si boodaa si dubbataa.

Nama tokko waliin of hin madaalin, dandeettii fi kannaan Rabbi siif kanneehu lakkaawamee hin dhumuu.

Waan dhumuuf of hin hiraarsin(Adunyaan guutuun dhumtuudha), waan qabduun gammadii jiraadhu.

Naaf gala gorsootan kanneen itti hojachuun ni ulfaata, garuu hanga dandeesse numa yaali.

Aartee jacha badaa hin dubbatin; yeroo muraasa booda Ati waan si aarse san irraanfachu malta,garuu jachi ati dubbatte waggaa dheeraa turuu mala, Lafee nama cabsuu mala!


@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Guyyaa Gaarii!!!
#Waamicha
#Yuunivarsitii_Waachaamoo

Barattoonni Yuunivarsitii Waachaamootti ramadaman maraaf waamichi taassifameera bifuma kanaan guyyaan waamichaa

Barattoota waggaa 1ffaa.
Gurraandhala 15-16/2015

Barattoota Riimiidiyaa
Gurraandhala 21-22/2015

Barattoota Withdraw guuttan
Gurraandhala 17-18/2015

@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA
MAALTU AKKA NATTI DHAGA'AME AMMA ARGITEETTA!
Naappooliyoon mootichi yeroo biyya Raashiyaa weerare mudannoo barumsaaf ta'u tokko qaba ture. Mee isiniifan qoodaa na hordofaa.
Loltoonni isaa naannoo cabbiin haguugame tokkotti lola irra otoo jiranii akka tasaa Naappooliyoon isaan irraa adda ba'e. Isa ta'uu isaa baranii loltoonni Raashiyaa duukaa bu'anii ari'uu eegalan. Lubbuu isaa oolfachuuf jara jalaa baqatee dukkaana xiqqoo suufiin itti gurguramu tokkotti ol lixee, dhoksee lubbuu isaa du'a akka oolchu abbaa dukkaanaa sana kadhate. Namichis garaa laafeefii, gogaa hoolaa walirra nam'ee jiru tokko jala akka seenu itti hime. Naappooliyoonis gogaa hoolaa sana jala seene.
Kanaan otoo jiranii loltoonni Raashiyaa booddeedhaan ari'aa turan dhufanii humnaan balbala dukkaanichaa cabsanii itti seenan. "Diinni keenya eessa jira? Eessa dhoksite?" jedhanii namicha gaafatan. Namichis akka isa hin argiin itti hime. Kutaa dhiphoo sana keessa barbaadanis argachuu hin dandeenye. Fiixee qawwee isaaniin gogaa hoolaa sana tuttuqanis nama keessaa hin argine. Abdii kutanii bakka biraa barbaacha deeman. Naappooliyoonis otoo hin miidhamiin gogaa sana jalaa ba'e.
Yeroo xiqqoo booda loltoonni isaa gurguddoon gara isaa dhufan. Naappooliyoon loltoota isaa wajjin mana isaatii ba'uuf kaanaan abbaan dukkaanaa gaaffii tokko gaafachuu fedhe.
"Gaaffii akkanaa si gaafachuu koof dhiifama naaf godhi. Ati mootii addunyaa kana irratti sodaatamaa fi jabaadha. Amma garuu diina kee baqattee gogaa hoolaa gidduu ciiste. Kana ta'uu isaaf, miira akkamiitu sitti dhaga'ame?" jedhee gaafate. Naappooliyoonis battalumatti fuulli isaa jijjiirame. Aarii guddaadhaan itti iyyee, "Akkamitti gaaffii akkanaa na gaafatta?" jedhe. Namicha gad baasanii ija isaa hidhanii akka isa ajjeesan loltoota isaa abboome. Isaanis ajaja mootichaa fudhatanii, gad baasanii ija isaa hidhan. Namichi akka malee rifatee hafuurri isaa addaan ciccituu eegale. Naappooliyoon achi irraa hiiqee, "Rasaasa kee qopheeffadhu! Itti dhukaasuuf qophaa'i" jedhee ajaja kenne. Namichi lubbuun keessaa ba'uu geessee turte. Otoo du'a isaa eeggachaa jiruu sagalee faana miilla namaa suuta jedhee gara isaa dhufu dhaga'e. Namichi gara isaa deemaa ture sun harka isaa hiixatee wanta ija namichaa hidhe sana irraa hiike. Yeroo ija isaa banatee ilaalu Naappooliyoon ture. Gurra namichaatti jedhee, "Yeroon gogaa hoolaa sana keessa seene maaltu akka natti dhaga'ame amma argiteetta!" jedheen.
Jeemsi Terber akkana jedha, "Dheekkamsaan gara boodaa ykn sodaadhaan gara fuula duraa hin ilaalin; naannoo kee hubannaadhaan ilaali!" jedha.
Ergaan seenaa kanaa ifaadha. Haga ofii argutti namni haala sodaachisaa namni tokko keessa jiru hin hubatu. "Kan dheebotee argetu dheebuu namaa namaaf beeka!" jedha mitii Oromoon? Nama tokko hubachuuf kophee namichaa keessa dhaabannee ilaaluutu barbaachisa!

โœEebbisaa Baayisaa.

๐Ÿ’ฅnama biyya Oromootu barreesse.
Madda: Istiiv Andiriyaas
DeemsiIttiFufa

#Share_join_share
@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
โค๏ธ๐€๐Ÿ๐š๐š๐ง๐ข๐ง ๐จ๐ฌ๐จ๐จ ๐ก๐ข๐ง ๐ญ๐š๐š๐ง๐ž, ๐จ๐ง๐ง๐ž๐ž๐๐ก๐š๐ง ๐ค๐š๐ง ๐ฌ๐ข ๐ฃ๐š๐š๐ฅ๐š๐ญ๐ฎ๐ฎ๐Ÿ ๐ข๐๐๐จ๐จ ๐ค๐ž๐ง๐ง๐ข

๐‘ด๐’–๐’„๐’‚๐’š๐’š๐’๐’๐’ ๐‘๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘’๐‘’๐‘‘๐‘‘๐‘ข๐‘ข ๐‘“๐‘– ๐‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘ฆ'๐‘’๐‘’ ๐‘›๐‘Ž๐‘š๐‘Ž โ„Ž๐‘Ž๐‘ค๐‘ค๐‘Ž๐‘ก๐‘ก๐‘ข๐‘ , ๐‘–๐‘›๐‘›๐‘– ๐‘—๐‘Ž๐‘Ž๐‘™๐‘Ž๐‘™๐‘Ž ๐‘–๐‘ โ„Ž๐‘–๐‘–๐‘“ ๐‘ž๐‘Ž๐‘๐‘ข ๐‘ฆ๐‘’๐‘Ÿ๐‘œ๐‘œ ๐‘–๐‘๐‘ ๐‘ข๐‘ข๐‘“ ๐‘—๐‘’๐‘โ„Ž๐‘œ๐‘œ๐‘ก๐‘ข๐‘š๐‘Ž ๐’๐’๐’“๐’Ž๐’‚๐’ ๐‘“๐‘Ž๐‘ฆ๐‘ฆ๐‘Ž๐‘‘๐‘Ž๐‘š๐‘Ž. ๐‘ฎ๐’‚๐’“๐’–๐’– ๐’Š๐’Ž๐’Ž๐’๐’ ๐’ˆ๐’‚๐’“๐’Ž๐’‚๐’๐’†๐’† ๐’๐’‡ ๐’„๐’‚๐’‚๐’๐’‚๐’‚ ๐’Š๐’”๐’‰๐’†๐’† ๐’‹๐’‚๐’‚๐’๐’‚๐’•๐’‚. ๐ผ๐‘ โ„Ž๐‘’๐‘’๐‘› ๐‘—๐‘’๐‘โ„Ž๐‘œ๐‘œ๐‘ก๐‘Ž ๐‘๐‘Ž๐‘๐‘๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘’๐‘’๐‘‘๐‘œ๐‘œ (๐’”๐’Š๐’ ๐’‹๐’‚๐’‚๐’๐’‚๐’…๐’‰๐’‚, ๐’๐’–๐’ƒ๐’ƒ๐’–๐’– ๐’•๐’Š๐’š๐’š๐’‚, ๐’”๐’Š๐’ ๐’‚๐’๐’‚ ๐’‰๐’Š๐’ ๐’‹๐’Š๐’“๐’‚๐’‚๐’…๐’‰๐’–, ๐’ƒ๐’‚๐’“๐’†๐’†๐’…๐’Š๐’๐’๐’Š ๐’Œ๐’†๐’† ๐’‚๐’…๐’…๐’‚, ...) ๐‘Ž๐‘˜๐‘˜๐‘Ž ๐‘›๐‘Ž๐‘Ž๐‘› ๐‘—๐‘’๐‘‘โ„Ž๐‘ข๐‘ข๐‘“ ๐‘—๐‘’๐‘ก๐‘ก๐‘’๐‘’ ๐‘‘โ„Ž๐‘–๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ž ๐‘๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘Ž๐‘ก๐‘ก๐‘– ๐‘‘โ„Ž๐‘–โ„Ž๐‘Ž๐‘Ž๐‘ก๐‘ก๐‘’๐‘’, ๐‘–๐‘ ๐‘Ž ๐‘“๐‘ข๐‘™๐‘‘๐‘ข๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘ก๐‘ก๐‘– ๐‘š๐‘ข๐‘™'๐‘Ž๐‘โ„Ž๐‘ข๐‘ข ๐‘’๐‘’๐‘”๐‘Ž๐‘™๐‘ก๐‘’. ๐ผ๐‘›๐‘›๐‘– ๐‘”๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘ข๐‘ข, ๐‘Œ๐‘’๐‘Ÿ๐‘œ๐‘œ ๐‘™๐‘Ž๐‘š๐‘Ž๐‘Ž ๐‘ ๐‘Ž๐‘‘๐‘– ๐‘Ž๐‘˜๐‘˜๐‘ข๐‘š๐‘Ž ๐‘›๐‘Ž๐‘š๐‘Ž โ„Ž๐‘–๐‘› ๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘”๐‘–๐‘›๐‘’๐‘’ ๐‘๐‘Ž๐‘™๐‘™๐‘–๐‘ ๐‘’๐‘’ ๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘Ž ๐‘‘๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘๐‘’๐‘’๐‘“. ๐ผ๐‘ โ„Ž๐‘’๐‘’๐‘› ๐‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘ฆ'๐‘–๐‘ ๐‘›๐‘Ž๐‘Ž๐‘› ๐’Ž๐’–๐’„๐’‚๐’‚๐’ ๐‘Ž๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘’๐‘’ ๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘Ž ๐‘“๐‘Ž๐‘”๐‘Ž๐‘Ž๐‘โ„Ž๐‘ข๐‘ข ๐‘“๐‘– ๐‘—๐‘–๐‘๐‘๐‘ข๐‘ข ๐‘’๐‘’๐‘”๐‘Ž๐‘™๐‘’. ๐พ๐‘Ž๐‘› ๐‘—๐‘Ž๐‘Ž๐‘™๐‘Ž๐‘ก๐‘Ž๐‘› ๐‘‘โ„Ž๐‘Ž๐‘๐‘ข๐‘ข๐‘› ๐‘›๐‘Ž๐‘š๐‘Ž ๐‘‘โ„Ž๐‘ข๐‘˜๐‘˜๐‘ข๐‘๐‘ ๐‘Ž ๐‘ค๐‘Ž๐‘Ž๐‘› ๐‘ก๐‘Ž'๐‘’๐‘’๐‘“ ๐‘–๐‘‘๐‘‘๐‘œ๐‘œ ๐‘–๐‘—๐‘Ž๐‘Ž๐‘› ๐‘–๐‘ โ„Ž๐‘’๐‘’ โ„Ž๐‘–๐‘› ๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘”๐‘–๐‘›๐‘’๐‘ก๐‘ก๐‘– ๐‘๐‘Ž๐‘ž๐‘Ž๐‘ก๐‘’. ๐ผ๐‘ โ„Ž๐‘’๐‘’๐‘› ๐‘—๐‘Ž๐‘Ž๐‘™๐‘Ž๐‘โ„Ž๐‘ข๐‘ข๐‘“ ๐‘œ๐‘ ๐‘œ๐‘œ โ„Ž๐‘–๐‘› ๐‘ก๐‘Ž๐‘Ž๐‘›๐‘’, ๐‘—๐‘Ž๐‘Ž๐‘™๐‘Ž๐‘™๐‘™๐‘’๐‘’๐‘› ๐‘˜๐‘–๐‘ฆ๐‘ฆ๐‘Ž ๐‘—๐‘’๐‘โ„Ž๐‘œ๐‘œ๐‘ก๐‘Ž ๐‘๐‘Ž๐‘๐‘๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘’๐‘’๐‘‘๐‘Ž๐‘Ž ๐‘›๐‘Ž๐‘Ž๐‘› โ„Ž๐‘Ž๐‘Ž ๐‘—๐‘’๐‘‘โ„Ž๐‘ข ๐‘—๐‘’๐‘ก๐‘ก๐‘’๐‘’๐‘ก๐‘– ๐‘˜๐‘Ž๐‘› ๐‘‘โ„Ž๐‘–๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ž ๐‘๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘Ž๐‘ก๐‘ก๐‘– ๐‘‘โ„Ž๐‘–โ„Ž๐‘Ž๐‘Ž๐‘ก๐‘ก๐‘’. ๐ท๐‘ข๐‘๐‘๐‘–๐‘–๐‘› ๐’‡๐’‚๐’‚๐’๐’๐’‚๐’‚ ๐‘—๐‘Ž๐‘™๐‘Ž๐‘Ž ๐‘ก๐‘Ž๐‘Ž๐‘ก๐‘’, ๐‘œ๐‘“ ๐‘—๐‘Ž๐‘Ž๐‘™๐‘Ž๐‘โ„Ž๐‘–๐‘–๐‘ ๐‘ข๐‘ก๐‘ก๐‘– ๐’๐’‡ ๐’‹๐’Š๐’ƒ๐’ƒ๐’Š๐’”๐’Š๐’Š๐’‡๐’•๐’†. ๐ป๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘˜๐‘ข๐‘š๐‘Ž๐‘Ž๐‘› ๐‘˜๐‘Ž๐‘› ๐‘—๐‘Ž๐‘Ž๐‘™๐‘Ž๐‘ก๐‘ก๐‘ข๐‘ข ๐‘“๐‘– ๐‘˜๐‘Ž๐‘› ๐‘–๐‘ โ„Ž๐‘’๐‘’ ๐‘—๐‘Ž๐‘Ž๐‘™๐‘Ž๐‘ก๐‘ข ๐‘œ๐‘“ โ„Ž๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘˜๐‘Ž๐‘Ž ๐‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘ ๐‘ก๐‘’.

๐‘ถ๐’ƒ๐’ƒ๐’๐’๐’†๐’†๐’•๐’•๐’Š ๐‘›๐‘Ž ๐‘‘โ„Ž๐‘Ž๐‘”๐‘Žโ„Ž๐‘–๐Ÿง๐Ÿฝโ€โ™€๏ธ ๐‘Œ๐‘œ๐‘œ๐‘š๐‘–๐‘ฆ๐‘ฆ๐‘ข๐‘ข ๐‘—๐‘Ž๐‘Ž๐‘™๐‘Ž๐‘™๐‘™๐‘’๐‘’๐‘› ๐‘˜๐‘’๐‘’ ๐‘Ž๐‘˜๐‘˜๐‘Ž ๐‘ ๐‘– ๐’Š๐’๐’‚๐’‚๐’‡๐’– ๐‘œ๐‘ ๐‘œ๐‘œ โ„Ž๐‘–๐‘› ๐‘ก๐‘Ž๐‘Ž๐‘›๐‘’, ๐‘Ž๐‘˜๐‘˜๐‘Ž ๐‘ ๐‘– ๐‘Ž๐‘š๐‘Ž๐‘›๐‘ข๐‘ข ๐‘“๐‘– ๐‘ ๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘–๐‘ก๐‘ก๐‘– ๐‘ ๐‘– ๐‘—๐‘Ž๐‘Ž๐‘™๐‘Ž๐‘ก๐‘ข ๐‘ก๐‘Ž๐‘Ž๐‘ ๐‘–๐‘ ๐‘–. ๐’€๐’†๐’“๐’๐’ ๐’‚๐’Ž๐’Ž๐’‚๐’‚ ๐‘˜๐‘Ž๐‘›๐‘Ž ๐‘‘โ„Ž๐‘–๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘– ๐‘Ž๐‘“๐‘Ž๐‘Ž๐‘›๐‘–๐‘› ๐‘ž๐‘œ๐‘“๐‘Ž ๐’˜๐’‚๐’“๐’’๐’Š๐’Š ๐‘ ๐‘–๐‘ก๐‘ก๐‘– ๐‘ข๐‘“๐‘“๐‘–๐‘ ๐‘ข ๐‘ฆ๐‘’๐‘Ÿ๐‘œ๐‘œ๐‘‘โ„Ž๐‘Ž๐‘“ ๐‘ ๐‘–๐‘๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ž ๐‘ก๐‘ข๐‘Ÿ๐‘Ž. ๐‘Š๐‘Ž๐‘›๐‘ก๐‘Ž ๐‘๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘โ„Ž๐‘Ž ๐‘‘โ„Ž๐‘ข๐‘“๐‘’ โ„Ž๐‘Ž๐‘›๐‘”๐‘Ž ๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘”๐‘Ž๐‘ก๐‘ข๐‘ก๐‘ก๐‘– ๐‘ž๐‘œ๐‘“๐‘Ž. ๐พ๐‘Ž๐‘›๐‘Ž๐‘Ž๐‘“๐‘ข๐‘ข ๐’‹๐’†๐’„๐’‰๐’๐’๐’•๐’‚ ๐’‚๐’‡๐’‚๐’‚๐’๐’Š๐’•๐’•๐’Š ๐’‰๐’Š๐’ ๐’‚๐’Ž๐’‚๐’๐’Š๐’. ๐‘‚๐‘๐‘๐‘œ๐‘™๐‘’๐‘’๐‘ ๐‘ ๐‘œ๐‘œ ๐‘‘๐‘ข๐‘๐‘๐‘–๐‘–๐‘› ๐‘ก๐‘ข๐‘› ๐‘ ๐‘–๐‘–๐‘“๐‘–๐‘  ๐‘Ž๐‘˜๐‘˜๐‘Ž ๐‘”๐‘Ž๐‘™๐‘ก๐‘’ ๐‘Ž๐‘๐‘‘๐‘–๐‘–๐‘› ๐‘ž๐‘Ž๐‘๐‘Ž. ๐‘‚๐‘ ๐‘œ๐‘œ ๐‘–๐‘™๐‘Ž๐‘Ž๐‘™๐‘ก๐‘ข๐‘ข ๐‘Ž๐‘˜๐‘˜๐‘Ž ๐’ƒ๐’๐’๐’'๐’‚๐’•๐’•๐’Š ๐’‰๐’Š๐’ ๐’…๐’‰๐’‚๐’’๐’๐’†.

๐’š๐’๐’ ๐’Š๐’”๐’Š๐’๐’Š๐’•๐’•๐’Š ๐’•๐’๐’๐’† ๐’๐’ƒ๐’ƒ๐’๐’๐’๐’๐’•๐’‚ ๐’Œ๐’†๐’†๐’”๐’”๐’‚๐’๐’Š๐’Š๐’‡ ๐’”๐’‰๐’‚๐’“๐’† ๐’ˆ๐’๐’…๐’‰๐’‚. ๐‘ฐ๐’“๐’“๐’‚๐’‚ ๐’‰๐’‚๐’‚ ๐’ƒ๐’‚๐’“๐’‚๐’•๐’‚๐’.
YEROO ๐‘๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘’๐‘’๐‘‘๐‘‘๐‘ข๐‘ข ๐‘–๐‘ ๐‘–๐‘›๐‘–๐‘–๐‘“ โ„Ž๐‘Ž๐‘ค๐‘ค๐‘’๐‘’๐‘Ÿ๐‘Ž.
๐‰๐จ๐ข๐ง ๐ฎ๐ฌ๐ž
๐Ÿ›’ @JECHOOTAHAYYOOTA ๐Ÿ””
๐Ÿ›’ @JECHOOTAHAYYOOTA ๐Ÿ””
YAADA KESSAAN COMMENTI JALATTI NUUF KENNUU HIN DAGATINAA๐Ÿ‘โค๏ธ
Galma aadaa keenyaa
Eegaa seena keenyaa
Kallachaa tokkummaa
Hundee bilisummaa
Afaan Oromoo
Hundee Oromummaa
Gurratti mi'aawaa
Yaa'aa sagalee kee
Cirracha bishaani
Baay'innii jecha kee
Kan rafee dammaqsaa
Weeyduf walaloon kee
Lakka'amee hin dhumu
Hibboo fi makmaaksii kee
Galata guddaa dhaloota bira qabda!
Goota foontu du'a malee hojiin hin du'u"
Adeeroo Ali lubbuun kee haa jannatu

@jechootahayyoota
@jechootahayyoota
๐ŸŒ™Hordoftoonni Amantaa Muslimaa Hundi keessanuu Baga Ayyaana Id Al-adhaatin isin gahe
Ayyaanni kuni โคต๏ธ
๐Ÿ‘‰ kan milkaa'inaa๐ŸŒ™
๐Ÿ‘‰ kan barakaa๐ŸŒ™
๐Ÿ‘‰ kan badhaadhaa๐ŸŒ™
๐Ÿ‘‰ kan baranaa๐ŸŒ™
๐Ÿ‘‰ kan bara egeree๐ŸŒ™
Isiniif haa tahu yoo jedhu Maatiin Channalin keenya JECHOOTAHAYYOOTA Gammachuu guddaatu nutti dhagahame๐ŸŒŸโญ๏ธ


Taqabalallaahu minnaa wamiinkum Saalihal A'amaal
Happy Id Al-adha to all Muslims
Taqabalallahu minnaa wamiinkum Saalihal A'amaal.

@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA
Barumsa 10 #Steve_Jobs irraa, kan barreesse #Walter_Isaacson

1. Mul'ata qabaadhu. Steve Jobs Apple maal akka ta'u barbaaduuf mul'ata ifa ta'e qaba ture. Oomisha addunyaa kana jijjiiran uumuu kan barbaade yoo ta'u, sun akka ta'uuf balaa fudhachuuf fedhii qaba ture.

2. Quuqama qabaachuu. Steve Jobs hojii isaaf quuqama guddaa qaba ture. Oomisha uumuu ni jaallate, namoonni itti fayyadamanii fi itti gammadan arguus ni jaallata ture. Fedhiin isaa daddarbaa kan ture yoo ta'u, gareen isaa waan guddaa akka hojjetan kakaase.

3. Gaaffii kan qabu ta'uu. Steve Jobs ofii isaatii fi garee isaa irraa gaaffii gaafachaa ture. Waan gaarii barbaada ture, namoota hamma daangaa isaaniitti dhiibuu hin sodaatu โ€‹โ€‹ture. Kun qormaata ta'uu danda'a, garuu Apple oomishaalee kalaqa addunyaa irratti argaman tokko tokko akka uumuuf gargaareera.

4. Nama mudaa hin qabne ta'i. Steve Jobs nama mudaa hin qabne barbaadu ture. Dizaayinii oomishaa irraa kaasee hanga akkaataa gabaaf dhiyaatanitti wanti hundinuu mudaa kan hin qabne akka taสผu barbaada ture. Xiyyeeffannaan bal'inaan kennamu kun Applen oomishaalee kalaqa qofa osoo hin taane, babbareedoo fi fayyadamtootaaf mijatoo ta'an akka uumuuf gargaareera.

5. Balaa fudhachuu. Steve Jobs balaa fudhachuu hin sodaanne. Applen milkaa'uuf waan adda ta'e hojjechuuf fedhii qabaachuu akka qabu beeka ture. Yaada haaraa irratti dhaabbaticha irratti falmuuf fedhii kan qabu siสผa taสผu, yeroo baayสผee injifata ture.

6. Garaa kee amanadhu. Steve Jobs instinct garaachaa cimaa qaba ture. Yeroo baayสผee yeroo namoonni kaan hin beeknettillee wanta sirrii taสผe ni beeka ture. Faallaa midhaanii deemuu kan hin sodaanne siสผa taสผu, yeroo baayสผee murtoo faallaa yaada namaa faallaa fakkaatu murteessa ture.

7. Jijjiiramaaf fedhii qabaachuu. Steve Jobs yaada isaa jijjiiruu hin sodaanne. Yeroo hunda barachaa fi guddachaa kan ture yoo ta'u, yeroo hunda karaa haaraa Apple fooyyessuu danda'u barbaada ture.

8. Nama wal qunnamsiisu guddaa ta'i. Steve Jobs nama qunnamtii guddaa qabu ture. Mulโ€™ata isaa haala kakaโ€™umsaafi amansiisaa taโ€™een ibsuu dandaโ€™a ture. Akkasumas dhaggeeffataa guddaa kan qabu siสผa taสผu, yeroo hunda yaada haaraa dhagaสผuuf fedhii qaba ture.

9. Gad of deebisuu. Steve Jobs daldalaa milkaa'aa ture, garuu gad of deebisee ture. Waan hundumaa akka hin beekne ni beeka, yeroo hundumaas namoota kaan irraa barachuuf fedhii qaba ture.

10. Bashannanaa. Istiiv Joobs hojii isaa kan jaallatu siสผa taสผu, namoonni kaanis hojii isaaniitti akka gammadan barbaada ture. Apple keessatti aadaa bashannansiisaa fi kalaqa ta'e uume, namoonnis akka of ta'an jajjabeesse.

Share
Join
Join | โžฃ @jechootahayyoota ยฎ
Join | โžฃ @jechootahayyoota ยฎ
Dhiirotaafโ€ฆ 3Cโ€™s
======================================
Rakkoo dafanii dhangalaasuu yeroo saal-qunnamtii hedduminaan rakkoo fayyaa qaamaa waliin Kan wal-qabate osoo hin-taane rakkoo xiinsammuuti.
Kana hambisuuf tooftaawwan xiinsammuu kana sadan fayyadami.
The three mental C's:-
1. Of -tasgabbeessi(calmness) . Baay'ee hin dhiphatin. Kana dura si mudateera yoo tahe isa Yeroo darbee yaaddee sammuukee hin dhiphisin.

2. Ofitti amanamummaa qabaadhu(Confidence).
Ani hin danda'u, na sodaachisa hin jedhin. Ofitti amanamummaa guutuu qabaadhuu godhi.

3.miirakee to'adhu(control)
Garmalee miira keessa hin galin. Miirakee amma dandeessu to'adhu, yoo dandeesse Yeroo wal qunnamtii saalaa gootu yaadakee waan-biraarra godhi.

Fayyaa hin dhabinaa
Dr Nafyad Getu

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Read every day
Milkaa'inaafi Kufaatii:

~ Nama kamiifuu guyyaan borii haaraadha. Kanaaf socho'i! Hojjedhu.
~ Hojiikee keessatti dogoggorri uumamuu danda'a. Kufaatiin illee akkasuma. Waanti fedhe yoo ta'e dogoggora hin sodaatiin.
~Yoo dogoggorte malee barachuu hin dandeessu.
Kufaatii hin sodaatiin. Kufii_ka'i, kufii_ka'i.
~ Kufuukeetti ittin dhiphatiin, bu'aa jireenyaatu akkasi. Jireenyumatu akkasitti injifatama. Kufaatiin filannoo biraadha.
~ Yoo Abdii kutatte kufaatii filachuukeeti. Yoo Abdii qabaattee garuu kufaatiin mudannoo keeti. Mudannoo Itti barattu.
~ Kufuunkee gaariidha sababni isaa kufaati irree si jabeessuu danda'a.
Jireenyi akka muziqaati.
~ Muuziqaa meeloodiin isaa takka ol ka'aa, takka gad bu'aa fi gidduu galeessaan yeedaleeffamu muuziqaa miidhagaafi hawwataadha.
~ Jireenyi dhala namas akkasumaan tola.
~ Waa'ee maallaqaa hin yaadda'iin, mallaqni namoota hordofa.
~ Namoonni immoo mul'ata isaanii hordofu. Yoo mul'ata qabaattee, waanti hundinuu yeroo isaa eeggatee si dhaqqaba.


@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Read every day
Kitaaba "The Millionaire Fastlane" kan #MJ_DeMarco barreessee keessaa barnoota kudhan:

1. Daandiin suuta jedhu kiyyoodha. Daandiin suuta jedhu daandii mormii xiqqaa qabuudha. Daandii namoonni baay'een itti deemanidha. Garuu daandii gara giddu galeessatti geessuus. Yoo miliyeenara ta'uu barbaadde daandii saffisaa fudhachuu qabda.

2. Maallaqni galma miti. Maallaqni meeshaadha. Meeshaa xumura tokkotti geessudha. Kaayyoon dhugaa bilisummaadha. Bilisummaa maallaqaa, bilisummaa yeroo, fi bilisummaa bakka. Dhuguma sooressa taสผuu yoo barbaadde, qarshii mataa isaa irratti utuu hin taสผin, wantoota kana irratti xiyyeeffachuu qabda.

3. Karoora si barbaachisa. Milkaa'uu yoo barbaadde karoora si barbaachisa. Karoora galma kee, tooftaa kee fi yeroo kee ibsu. Karoora malee kaayyoo malee qofa naanna'aa jirta. Ati immoo baayyee fagoo hin deemtu.

4. Cimtee hojjechuu qabda. Naanna'uun hin jiru. Yoo miliyeenara ta'uu barbaadde cimtee hojjechuu qabda. Saสผaatii dheeraa fi hojii cimaa hojjechuuf fedhii qabaachuu qabda. Karaan gabaabaan hin jiru.

5. Balaa fudhachuuf fedhii qabaachuu qabda. Wanti mirkanaa'aa jedhamu hin jiru. Milkaaโ€™uu yoo barbaadde balaa fudhachuuf fedhii qabaachuu qabda. Kufaatiidhaaf fedhii qabaachuu qabda. Sababni isaas kufaatiin qaama milkaa'inaati.

6. Ciminaan hojjechuu qabda. Yeroon abdii kutachuu barbaaddu ni jiraata. Yeroon itti dhiisuu barbaaddu ni jiraata. Milkaaโ€™uu yoo barbaadde garuu cichuu qabda. Yeroo wanti cimaa taสผettillee itti fufuu qabda.

7. Pozaatiivii ta'uu qabda. Milkaaโ€™inaaf ilaalchi gaariin barbaachisaa dha. Yoo yeroo hunda negative ta'e, gonkumaa galma kee galmaan hin ga'u. Ofii fi dandeettii milkaa'ina qabdutti amanuu qabda.

8. Namoota yaada gaarii qabaniin marfamuu qabda. Namoonni ati ofitti marsitu milkaa'ina kee irratti dhiibbaa guddaa qabu. Yoo namoota negative ta'aniin marfamte gadi si harkisuuf jiru. Namoota gaarii sitti amananii fi dandeettii milkaaโ€™ina kee irratti of marsuun si barbaachisa.

9. Barachuuf fedhii qabaachuu qabda. Addunyaan yeroo hunda jijjiiramaa jirti. Akkasumas, qaxxaamuraa sana dura turuu yoo barbaadde, barachuuf fedhii qabaachuu qabda. Jijjiirama wajjin walsimsiisuuf fedhii qabaachuu qabda.

10. Obsa qabaachuu qabda. Milkaa'inni halkan tokkotti hin argamu. Yeroo, hojii cimaa fi of kennuu gaafata. Yoo obsite dhumarratti galma kee galmaan geessa.

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Read every day
Seenaan qonnaan bulaa buqqee (dabaaqula) dhaabee tokko jira. Qonnaan bulaan kun sababa tokko malee firii buqqee xiqqoo gaanii fuullee irraa tolfame keessa kaa'e. Firiin buqqee gaanii keessa kaa'ame kunis, qixuma bocaafi gita gaanichaatiin guddate. Guddinni firii buqqee kanaa, gaaniidhaan waan daangeffameef, daangaa darbee guddachuu hin dandeenye. Atis daangaa ilaalchi ofiikeef qabdu siif kaa'e dabartee guddachuu hin dandeessu. Ilaalchi ati ofiikeef qabdu guddina yookiin milkaa'ina kee murteessa. Kanaf daangaa ilaacha kee bal'isi.

Galgalaa milkii qabaadhaa!!

@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
Read every day
2024/09/21 07:46:03
Back to Top
HTML Embed Code: