Telegram Web Link
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
Baga torban Irreechaa geessan!
@jechootahayyoota
@jechootahayyoota
Kana beektuu...!

Aardii bal'oon addunyaa
👉 Eeshiyaa.
Garbi guddaan addunyaa
👉 Paasifik
Lagni Guddaan addunyaa
👉 Laga Amaazoon
Lagni dheeraan addunyaa
👉 Laga Naayil
Channeliin telegramii guddaan
👉 @JECHOOTAHAYYOOTA

👇👇👇👇👇👇
@OROMOTOO
@OROMOTOO
Bunaaf Nagaa hin dhabiinaa!


@OROMOTOO
@OROMOTOO
Makmaaksa
"Dhugaa fi lubbuun guyyaa Rabbii baati!"


@OROMOTOO
@OROMOTOO
#lakkoofsa_yaalaa_barbaachisoo
1. Dhiibbaa dhiigaa: 120 / 80
2. Dha'annaa onnee: 60 - 100
3. Teempireechara: 36.8 - 37
4. Hafuura baafachuu: 12-16
5. Himoogilobiinii: dhiirota (13.50-18) .
Dubartoota ( 11.50 - 16 ) .
6. Koolestroolii: 130 - 190
7. Pootaasiyeemii: 3.50 - 5
8. Soodiyeemii: 135 - 145
9. Tiraayigiliisaayidii: 220
10. Hammi dhiiga qaama keessa jiru: liitira 5-6
11. Sukkaara: daa'immaniif (70-130) .
Ga’eessota: 70 - 115
13. Seelii dhiiga adii: 4000 - 11000
14. Pilaateetii: 150,000 - 400,000
15. Seelii dhiiga diimaa: miliyoona 4.50 - 6..
16. Kaalsiyeemii: 8.6 - 10.3 mg/dL
17. Vitamin D3: 20 - 50 ng/ml (naanogiraamii mililiitira tokkotti) .
18. Vitamin B12: .
200 - 900 pg/ml ta’a
Gorsa warra umrii bira geessan:
kan *40* jedhamu.
kan *50* jedhamu.
kan *60* jedhamu.

*Gorsa jalqabaa 😘
Dhukkubni ykn dhukkuba kamiyyuu yoo sitti hin dhaga’amnellee waggaa waggaan qoraanno gochuu qabda.
*Gorsa lammaffaa
Yeroo hunda bishaan dhugiii yoo dheebuu ykn hin barbaachifnellee... rakkoon fayyaa guddaa fi irra caalaan isaa hanqina bishaan qaama keessaa irraa kan ka'edha.

* Gorsa sadaffaa 😘
Yeroo ati dhimma kee isa olaanaa irra jirtuttillee ispoortii hojaadhu...qaamni socho'uu qaba, yoo deemsa qofaan...ykn dambalii...ykn ispoortii gosa kamiinuu ta'ellee.

* Gorsa afraffaan 😘
Hanga danda'ametti, yoo baay'ee barbaachisaa ta'e malee konkolaataa hin fayyadaminaa...Wanta barbaadde (masjiida, mana gurgurtaa, nama daawwachuu...) ykn galma kamiifuu miila keetiin ga'uuf yaali.

* Gorsa ja'affaa 😘
Yaaddoo dhiisi....
Haalota jeequmsaa keessatti of hin hirmaatinaa... hundi isaanii fayyaa hir'isuun ulfina lubbuu irraa fudhatu.


@OROMOTOO
@OROMOTOO
Abbaan qabeenyaa tokko konkolaataa isaa dhaabee dhimma wayiif gamoo tokko seenee gaafa ba'u, Gommaa tokko irraa biloononni afur hatamanii arga. Baayyee aaree naannoo sana irra deddeebin sakatta'uf ni dhaba. Waan godhu dhabee konkolaataa isaatti hirkatee yoo dhaabbatu maraataan karaa sana darbaa jiru tokko nama kana argee "Maal taateeti kan akkasitti aartee?" jedhee gaafate. Namichis ija tuffiin ilaalaa "Biloonii gommaa koo isa tokko hundumaa na jalaa hataniiti" jedhee deebiseef.

Maraataan kun xinnoo erga seeqee booddee "Akkas taanan salphaadha. Maalif gommaa sadan hafan irraa biloonii tokko tokko hiiktee isa arfaffaa ittiin hiitee hin deemtu?" jedheen. Abbaan qabeenyichaa baayyee dinqisiifamuun "Ati akkamitti kana beekuu dandeesse? Ati maraataa mitii?" jedheen. Maraatichis deebisee "Maarree yoo ta'e, ani maraatudha malee gowwaa mitiim" jedhee bira darbee deeme.

Gaafa gadi jette lafa tuffatamaa irraa albuuda gatii jabaa argatta. Warqeen biyyee keessaa ba'a. Nama hin tuffatin tarii rakkoo keetif falli isaa nama tuffatte sana bira jiraachuu danda'aatii.

Maddi:- Gola Fuul-barruu
Yoo waa irraa baratte #Share godhi.

@OROMOTOO
@OROMOTOO
Namootni akka ati jijjiirramte haasa'u. Garuu, sababbiin jijjiirramuu keetii akka isaan ta'e hin beekan. Kanaafuu yeroo si jaalatan kan jaalatu, yeroo si jibban kan hin dhiphanne laphee qulqulluu fi garraamii qabaadhu. Bara jireenya kee keessatti wanta beektu hunda dubbachuun sirraa hin eeggamu ta'a. Garuu, wanti baruun sirraa eeggamu jiruu kee xiyyeeffannoon jiraachudha.

Lafa kana irratti nama ta'uudha malee nama fakkaachuun ni salphata akkuma jedhamu, atis garaa guutun nama ofitti amanuu fi of ta'u ta'i.

Iyyoota naannoo kee jiraniif gurra hin kennin. Raachonni naannoo haroo jiran baayyisanii waan iyyaniif haroon kan isaaniti jechuu miti. Kabaja isaaniif jedhanii kan callisan qurxummiilee hedduun haroo keessa ni jiruutii.

Looreet Tsaggayee G/Madiin
@OROMOTOO
@OROMOTOO
Kennaa Guddicha

Uumama addunyaa kanarra jiru keessaa dhalli namaa isa qaamaan baay'ee dadhabaadha. Akka simbirroo hin balali'u, akka harriixxaa (biichee) baay'ee hin fiigu, akka naachaa bishaan daakuu ykn akka qamalee muka yaabuu hin danda'u. Ija akka allaattii samii keessaa ykn qeensaafi ilkaan cimaa hanga adurree daggalaa hin qabu. Namni qaamaan kan ofin gargaarree, waas ofirraa ittisuu kan hin dandeenyee fi ilbiisni xiqqoon ajjeesuu kan dandeessudha.

Haata'u malee, kennaan guddichi uumamaan dhala namaatiif kenname dandeettii yaaduuti. Dhalli namaa naannoo mataasaa uummachuu danda'a. Bineensonni garuu naannoosaaniitti madaqu. Wanti nama aarsu garuu kennaa guddaa kanatti namoonni dandeettii guutuun fayyadaman muraasa ta'uu isaati. Jireenyakee keessatti dandeettii yaaduukee hin fayyadamtu taanaan akkuma waan osoo hin akeekkatiin rasaasa dhukaastuuti.


✍️#Elema B Gudeta
#Share
@OROMOTOO
@OROMOTOO
Ani nin jiraadha, Ati du'i.

Hegesias namni jedhamu tokko falaasaa warra lixaati. Falaasamni isaa inni tokko "Jireenyi dhukkubbiifi rakkina malee gammachuu baay'ee waan hin qabneef of ajjeesaa kan jedhudha!" Barataa Hegesias ta'uun barumsa of-ajjeesuu hordofuu jechuudha. Namni baay'eenis barumsa isaa kanaaf jecha abdii kutee of ajjeeseera.

Dhugaadha duuti galma isa dhumaa falaasamaati. Kana jechuun garuu jireenya jibbitee of ajjeesta, yookan of ajjeesista utuu hin taane kaayyoo jiraattuuf sanaaf hanga dhumaatti, hanga du'aatti deemta.

#Socrates nu barsiisa. "Yeroon itti gargar baanu dhufe. Hundi keenyayyuu karaa keenya qabannee deemna. Ani gara du'aa, isin gara jireenyaa!isa kamitu akka dhugaa tahe Waaqa qofatu beeka" jedhee kaayyoo isaatiif du'e.

Haa ta'u malee Hegesias kun waggaa 75 jiraate. Kaayyoo ofii jiraataa kaayyoo namaa galaafata. Namni akka falaasaa kanaa ammallee ni jira. Hundaafuu barnoota, wantoota, waan hunda adda baasaa! Nama akka #Hegesias irraa of eegaa!

#Share
@OROMOTOO
@OROMOTOO
Ibsa Gaddaa📍

Artisti Alii Birraa boqote.

Gaaddisa artii Oromoo, falmaa bilisummaa fi wal qixxummaa dhala namaa kan ta'e Dr. Artiist Alii Birraa du'aan boqochuun ummata Itoophiyaa maraaf addatti ammoo ummata Oromoof gadda ulfaataadha.

Alii Birraa guddina artii Oromoo qofa otoo hin taane kallattii guddina siyaas-diinagdeefi hawaasummaa ummata Oromoo akeekuun injifannoo ummanni keenya har'a gonfateef nama gumaachaa qaalii taasisedha. Gumaacha Dr. Artiist Alii Birraa taasise dhaloonni bara baraan yaadata.

Dr. Artiist Alii Birraa nama artiif amanamee ummataaf jiraate waan ta'eef sirboonni isaa Itoophiyaa biratti jaalala, sadarkaa idil addunyaatti ammoo dinqisifannaa guddaa argachuu danda'aniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Dr. Kabajaa Alii Birraaf Jannata ummata Oromoo, dinqisifattootaafi maatii isaatiif ammoo jajjabina hawwaa Sirna geggeessaa goota tokkoof raawwachuudhaaf Koreen Biiroo Aadaafi Turiizimii Oromiyaan hogganamu hojiitti galee jira.

@OROMOTOO
@OROMOTOO
MADDA BEEKKUMSAA🌳
Photo
Kabajamoo Dr. Artist Alii Muhammad (Alii Birraa) eenyu ture?

- Artist Alii Birraa kan dhalate (bara 1940 Dh.K.D) fi kan guddate Magaalaa jaalalaa, tokkummaa kan taate dirre dawaatti.

- Maqaan haadha fi abbaan isaaf moggaasan Alii Muhammad jedhama.

- Maqaan "Alii Biiraa" jedhu bara 1963 magaalaa DirreDawaatti, yeroo dargaggoonni dandeettii muuziqaa qaban, ofii isaa Alii Mohaammad dabalatee, walitti qabamee gurmaa'anii muuziqaa Afan Oromoo taphachiisuf turetti, garee sana keessa Alii saditu ture (Ali Shebo, Ali Ahmed Ali / Ali Tuche, fi ofii isaatii Alii Mohammed) adda baasuuf, Hojii muuziqaa isa jalqabaa fi dinqisiifamaa "Birraan Bari'ee" jedhuun maqaa Alii Birraa jedhu argateera. Kana booda paaspoortii, ID isaa irratti Alii Biiraa jedhamee waamamuu eegale.

- Artiist Alii Birraa; Umurii isaa waggaa 14tti garee muuziqaa Dirredawa "Afranqalloo (The Four Children of Qallo)" jedhu keessatti hojii muuziqaa jalqabe. (Miseensonni baandichaa dargaggoonni garee B keessaa umuriin didiqqoo turan. Alii Birraan hojii isaa isa jalqabaa keessatti baay'ee beekamaa waan ta'eef garee A tti makame.)

- Artist Alii Birraa bara jireenya isaa waggaa 50 muuziqaa keessa ture. Albamii fi sirboota tokkicha hedduu hojjateera. Biyyoota addunyaa keessa naanna'ee hojiiwwan muuziqaa isaa dhiheesseera.

- Artist Alii Birraan Afaan Oromoo, Hadar, Somaalee, Amaariffa, Afaar fi afaan biyya alaa irraa afaan Ingiliffaa fi Ispeeniin sirbuu irratti dandeettii ajaa'ibaa qaba ture. Meeshaalee muuziqaas taphachaa kan ture yoo ta'u, qindeessaa sirbaa fi walaloo ture. Afranqalloon alatti garee muuziqaa adda addaa keessattis hojjetee jira.

- Afaan guddinna Afaan Oromoo keessatti gahee guddaa kan qabu yoo ta’u, artistoota hojii aartii isaa waliin itiyoophiyanota walitti hidhuudhaan, jaallachuu fi wal bira qabuun ummata Oromoo guutuu fi ummata Itoophiyaa guutuu biratti artistii gammeessa jedhaman keessaa isa jalqabaati.

-Gumaacha gaarii bara jireenya isaa keessatti taasiseef; Biyya keessaa fi biyya alaa keessatti badhaasa hedduu badhaafameera.
Fkn: Dirredawaa fi Jimmaa irraa Doktarummaa kabajaa argatee, Dirredawaatti paarkiin tokko moggaafameef, Adaamatti  daandiin tokko moggaafamefi jira. Naannoo Oromiyaatti badhaasni addaa Nishaan kennameef... Beekkamtii fi badhaasa biroo hedduu argateera.

-Kabajamoo Dr. Artist Alii Birraa haadha warraa isaanii waliin ta'uun dhaabbata naamusaa "Birra Children's Education" jedhamu hundeessuun "barnoota daa'immaniif" deeggarsa taasisaniiru.

- Dr.Artist Alii Birraa kaleessa umrii waggaa 75tti addunyaa kanarraa boqote.

Kana qofa miti....Kun gabaabinnaani...

@OROMOTOO
@OROMOTOO
Profeesar Istiifan Hoowkiin yeroo tokko gorsa ijoollee isaaf dabarseen wantoota sadan armaan gadii tasumaa akka isaan hin daganne ittiin jedhee ture.

1. Gadi gara luka keessanii osoo hin taane, ol jettanii gara urjiiwwanii ilaaluu akka hin daganne.
2. Sababa kamiiniyyuu hojirratti hin dhibaa'inaa. Hojiin sababaa fi hiikaa jireenyaa siniif kenna. Jireenyis hojii malee duuwwaadha.
3. Jaalatamuuf carraa kan qabdan yoo ta'e, inni carraa akka salphaatti argamu ta'uu dhiisuu isaa hubattanii kabajaatii qabadhaa.

Nama Saayinsii guddaa bara keenyaa Istiifan Hoowkiin Saayinsii keessatti namoota barri keenya akka yaadatamu taasisan keessaa isa tokkodha. Atihoo?

Baayyina namoota barreeffama kana dubbisanii ilaaleen seenaa guutuu nama kanaa guutuu isaa siniif dhiyeessa.

Ani Kaachuu dha
#Share
@Oromotoo
@Oromotoo
Dr #Gammachuu_Magarsaa waggaa lama dura waa’ee nageenyaa Oromiyaa OMN irratti akkana jechuun dubbatan!

"Qaamoleen hidhataniifi Mootummaan biyya bulchaa jiru Kan waldhabdan faayidaa ykn haqa Ummataaf yoo ta'e Ummata Keessaniif dursa laadhaa!

"Dhugaan kan waaqaati. Nageenyis akkasuma. Lafa dhugaan hin jirre nagaan hinjiru. Qaamni hidhatee bosona jiruufi Mootummaadhaaf an kan dhaamu nagaa yoo barbaaddan ummata keessan dursiisaa.

Wanti isin waldhabdaniif haqa ummataa yoo ta'e dhimmi kun kan keessan miti. Dhimma Ummataati. Kanaaf Ummata keessaniif dursa kennaa.

Dhugaan kan waaqaati. Waaqni dhugaa irratti nama hin dhiisu. Isin immoo waaqa miti. Lafa kana Oromoof kan kenne waaqa. Gaafa waaqni Oromoodhaaf lafa kana kennu isin immoo achi hin jirtan.

Yoo ni dandeessu ta'e ummata kanaaf nagaa kennaa; ummani kun nagayaan haa bulu. Ummanni kun hiyyeessa; nagaa kennaafii.

Lafa dhugaan hinjirre nagaan hinjiruu dura dhugaa irratti waliif galaa. Dhugaan isin irratti waliif galtan immoo dhugaa ummataa ta'uu mirkaneeffadhaa.

Yoo kun ta'uu baate maqaa ummataan hin nagadinaa. Eenyuyyuu.

Akka Oromoo tokkootti hamman beeku, biyya kana keessatti Rakkoon Ummata Oromoo baay'ee walxaxaadha. Namni an kana ni beeka jedhuyyuu sobaadha. Namni halkan tokkoon rakkoo walxaxaa saba kanaa koreedhaan ni hiika jedhuyyuu Sobaadha.

Qalbiin keessan dhugaa waaqaatti bula yoo ta'e, dhugaan kan waaqaa ta'uu quba qabdu yoo ta'e, dhugaan waaqaa sun, wanti isin irratti waldhabdan kan keessan miti.

Dhimmi irratti waldhabdan Ajandaa warra waldhabdan kanaa miti. Kan Ummatichaati. Dhugaan irratti wal lolaa jirtan kan saba kanaati. Dhugaa kana ummataaf #Waaqatukennee kanarratti waliif galaa!

Ummaticha Mari'achiisa. Kan ta'uu qabu kana. Abbaan dhimmaa dhimma kanaa Ummata Oromooti. Warra wal mormu kana miti. Kan Miidhamaa Jirus Ummata Oromooti!.

Rakkoon dhalate kunis dhugaa irratti waliif galuu dhabuu irraa dhufa. Dhugaan kun immoo kan waaqaa ta'uu hubachuudha. Namni Waaqa hinsodaanne waan sodaatu hinqabu".

Danuu Daamxootiin
@dedroro
@Dedroro
JEEQUMSI SAMMUU MAAL?
Jeequmsi sammuu akkaataa yaadaa,akkaataa hubannaa fi amalaa ilaalchisee nama tokko
mudachuufi qaqqabuu danda'a. Akkas jechuunis jecha gara-biraan, yaadn i, hubannoo fi amali
namoota akkanaa wal fudhachuu dhiisuu danda'a jechuudha.
Kunis waliti dhufeenya namaa wajin qabaatan, jiruu fi gammachuu jireenya isaanii hamma
malee tuga. Namoota birattis akka malee hubatamuu danda'u.
Jeequmsa sammuu qabaachuun namichaaf rakkina akkasuma maatii isaafis rakkina dha. Haa ta'u
malee waan itti qaana'an miti.
JEEQUMSA SAMMUU MAALTU FIDA?
.
#💁itti fufaa..

@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA

YAADAF👉 @Yaadawaljijjiruufbot
Gaafa na bira dhuftu...

Elaa yaa nama koo. Gaafa na bira dhuftu wallaalummaan koo anayyuu na miidheeraatii waanuman xinnoo beeku qofa narraa fudhadhu. Dadhabinni koo sis jilba si buusaatii jabina jabina waan urgooftu qofa narraa dhaali. Jibbi koo jireenya koo dukkana hamaa godheera. Isa dhiisitoo jaalalan qabda jettee yaaddu qofaaf xiyyeeffanoo kenni. Balleessaawwan koo irraa baradhuu malee isaan irra hin deebi'in. Nama waanan ta'eef gaarummaa xinnooshee hin dhabuutii isa narraa fudhu.

Adaraa kee gaafa na bira dhuftu na beekuuf hin dhufin kan beektu hundi sin fayyaduutii. Narraa waa beekuf koottu. Xinnooshees taatu narraa waa beekuuf koottu.

Obboloota koo sinan jaaladha!
🙏Halkan Gaarii!!
@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota

Yaadaf👉 @yaadawaljijjiruufbot
Yoo hin taane akkas ta'a!

Hiriyaa gaarii, kan siif yaadu, kan isaaf yaaddu, dhukkubni kee, fayyummaan kee, gaddi kee, gammachuun kee kan isa kan ta'e qabda yoo ta'e dhugumatti ati carra qabeessa.

Yeroo tokko tokko namoonni gammachuu keenyaaf sababa ta'an, haala hin eegamneen sababa gadda keenyaa ta'uu danda'u.

Hiriyummaan afuura. Waan harkaan hin qabamne, garuu kan gochaan mul'atu. Isa kana walii kunuunsanii boriif wal abdachaa rakkoof gammachuu waliin qoodachaa jireenya waliin itti fufuun carroomudha;yookaa garuu gita abaarsaa ta'a.

Walii yaaduun hin jiru yoo ta'e; hiriyaan kee guyyaa gammachuu qofa dhufee, guyyaa gadda keef dhiphina kee hin jiru yoo ta'e, Of gaafadhu;dhuguma hiriyaa qabaa jedhi?

Umrii dheeraa waliin lakkoofsiistee, gammachuu hedduu waliin dabrsitee, kan koo kan keeti jetteenii, guyyaa nagaa sana waan hiriyaa tokkorraa eegamu raawwattee, guyyaa rakkoon si muudatu hamma feete argachuu baattuus, sagaleen iyyuu ta'u 'Abshir' siif jira yoo hin jenne, dhugumatti hiriyaa hin qabdu jechuudha.

Ilaalii;madaalii;xinxaalii hiriyaa baafadhu;qabda yoo ta'e wal jabeeffadhaa. Yookaa garuu akkas ta'a" guyyaa gabaan tolteef gatii baastu, gurgurtaaf dhiyaatta."

Hiriyummaan Afuura!
Abebe Tola

@Oromotoo
@Oromotoo
Baga
Ayyaana
Qilleetiin
Isin Gahe.

Ayyaana Gaarii💯💯


@Jechootahayyoota
@Jechootahayyoota
2024/09/21 09:51:41
Back to Top
HTML Embed Code: