Telegram Web Link
Kennaan Nama Hundaa Adduma Addaan Uumamaan Waan Nuuf Laatametu Nu Waliin Guddatee Hojiidhaan Muldhata. Hundi Immoo Kennaa Isaa Kana Itti Hin Fayyadamu. Inni Biraan Immoo Kennaa Isaa Kana Daran Bilcheessuf Iyyuu Hedduu Tattaafata.

@OROMOTOO
@OROMOTOO
Itoophiyaanota qofa miti, Afrikaanonni hundi ishii sirraa haa baratan. Qabsaaโ€˜aa jechaan si'i. Hiikni jecha falmataa jedhuu sii. Kan sabni ittiin dhaadatu, kan diinni kirkiree sodaatu, kan sabni irratti mormii hingabne, kan diinni dura hindhaabanne. Kan saba tokkoomsu, kan diina bittinneessu. Kan mandaratti hin waamamne, kan addunyaan sagal ajaayibsiifatte. Kan BBC fi Aljazeeran, kan Rooyitersii fi New times ragaa ba'eef. Kan Oromoo addunyaatti muul'ise, kan Wayyaanee Obaman faarsite daaraa godhe. Kan siyaasa Oromoo addunyaarratti bittinnaaโ€˜e Finfinneetti deebise, kan baankii fi taankii yaadan cabse, kan Habashummaa biyyoorra deebisee, Oromummaa ol baase. Nama jechaa fi nama gochaa. Nama waan godhu beeku, nama akkamitti akka godhu beeku, nama yoom akka godhu beeku.


#SHARE_SHARE_JOIN_JOIN
@OROMOTOO
@OROMOTOO
@OROMOTOO
EID MUBARAK!!

HORDOFTOOTA AMANTII MUSLIMAA HUNDAAF BAGA GUYYAA JAALLATAMAAFI KABAJAMAA TAE EID ALFAXRIITIN ISIN GAHE

@OROMOTOO
@OROMOTOO
NAMA TA'UU!!!!

Namicha imaltuu tokkotu gaaftokko gatii geejjibaa qusachuuf murteeffate. Innis dooniyaa keessa seenuudhaan akka meeshaatti fe'amuu barbaade. Kanaaf mucaa isaatiin "Ani akka meeshattin dooniyaa kana keessa seenee ciisa, atimmoo meeshaadha jedhitii irra keessatti na feesisi."jedheni. Mucaan isaas gorsa abbaa isaa fudhatee akka jedhan godhani. Gatiin geejjiba nama tokkoo qarshii 10 ture. Mucaan isaas kan isaa erga kanfalatee booda " Meeshaa dooniyaa keessa jiru kana immoo meeqaan naaf feeta?" Jedheen." Gatii baasuufi buusuu waliin qarshii 30 " jedheen gagaaraan konkolachisaa.
Mucaan waan godhuufi waan jedhu waan dhabeef xiqqoo callisee "Lakki naaf hin ta'u" jedhe . Konkolachisaan muddamsa irra waan jiruuf osoo isaan waaliif hin dhiisee deeme. Imaltichis erga konkolaataan deeme dooniyaa keessaa bahe"Ilmakoo meeshaa ta'u u irra nama ta'uu wayya"jedhen jedhama.

Eeyeen meeshaa ta'uu irra nama ta'uu wayya!!
Eeyee nama ta'anii dhalatanni meeshaa ta'anii jiraachuun:Dhaloota gatii hin malle kaffalchiisa;egeree dhalootaaf gufuu ta'a.
Atis murteeffadhu gaั‚ฮนฮน naะผarraa ะฒarะฒaadaะผฯ… ฤธanา“alanฮนฮน( ะฒaaั•aanฮนฮน) ั•odaaา“ ะผeeั•ะฝaa ั‚a'ฯ…ฯ… ฮนrra gaั‚ฮนฮน naะผarraa ะฒarะฒaadaะผฯ… ฤธanา“alanฮนฮน(ะฒaaั•aanฮนฮน) naะผa ั‚a'ฯ…ฯ… wayya.
Atiis gatii sirra barbaadamu baasii nama ta'iin dhamsa kooti.

Eeyyeen Nama ta'i!!



@Jechootahayyoota
@Jechootahayyota
HUNDI YEROO ISATTI TAHA !!

Al tokko tokko yeroo kan yaadde yaaltee siif milkaa'uu didu ni rakkatta,ni cinqamta,
ni yaaddofta,wanti hundi si harkaa bitaacha'ee eega har'allee naaf hin dabrin(darbin) yoomillee naaf hin dabartu(darbu) jettee abdii kutatta.Yaalii keetiis ni dhaabda.
Mee firii muka asii gadii kana ilaali:muka tokko irra,damee tokko irraa fi qaccee tokko irratti rarraafamanii osoo jiran yeroo garaagaraatti bilchaatu.kana jechuun firiin inni hin bilchaatin sun osoo hin bilchaatin hafa jechuu osoo hin taane yeroo isaa eeggatee bilchaata jechuudha.Keetis kanuma.Yeroo isaatu hin gahin malee siif darbuun hin oolu.kanaaf abdii hin kutaatin yaalii keetis hin dhaabin.


Share share godhuu hin dagatinaa !!!!!
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@oromotoo
@Oromotoo
EEYYEN! ANIS ABJUUN QABA!
โ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌ
โžฅ Wanti ati kun "hin danda'amu baay'ee ulfaataadha" jettu caaladhumattiyyuu sitti ulfaata. Faallaa kanaa wanta ulfaatu kamuu kutannoodhaan itti deemnaan baay'ee salphaadha.

โžจ Injifannoon kee harka kee keessa jira. Abjuun kees hiika qaba. Waan abjootte immoo hiika itti kennuuf ammuma irraa dhama'i! Dhamaatii fi milkaa'inni kee hiika abjuu keeti.

โžจ Abjuu kee of keessatti awwaaltee hafta taanaan ati ofiifuu hin taatu. Osoo ofiif hin taane namaaf ta'uun hin jiru waan ta'eef. Ofiif yoo taate kaaniif taata.

โžจ Jalqabni Milkaa'ina kee garuu anaa miti, isaa miti, ishee miti, isaan miti, nu'is miti, si'uma si'i mataa keeti. SITU SIIF HIIKA QABA. Hiika ofiif kenni namaa gaditti of hin ilaalin, namni ati ofii ol gootu hundinuu akkuma kee ji'a 9 tti dhalatee yeroo sana Maaliin si caala ture mee? Nuti hundinuu yeroo dirra lafaa kanatti dhufnu homaanuu wal hin caallu. Eegas booda namni akkaataa tattaaffii isaatiiniif akkaataa ilaalcha isaatiin wal caaluu jalqaba malee.

โžจ Kanaaf gabaabamatti wanti jechuu barbaadu, ilma namaa kana hundaaf yeroon wal qixa kenname. Siifi diina keetiifis wal qixa kenname, akkasumas atiif nama ati ofii olitti ilaaltuufis waluma qixa kenname.

โžจ Diina ofiitii gadi ta'anii diina ofiitti hajamuu caala wanti nama jibbisiisuu fi hamilee nama buusu hin jiru.
Kanaaf teessee diina keetii gaditti ofi hin yaadiniitii yeroo walqixa siif kennamte kana isaa olitti fayyadamuuf yaali yoos caaluu dandeessaati.

โžฆ hunda caalatti Channal youtube gadii kana subscribe Godhaa waan baayyee hubatta Subscribe Godhaa qophilee baayee Eegaluuf deeman Subscribe godhaa
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
https://youtu.be/p51FnhhOuDY
https://youtu.be/p51FnhhOuDY
https://youtu.be/p51FnhhOuDY


๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@OROMOTOO
@OROMOTOO
#HIN_QABU

Henook Makartii namni jedhamu seena tokko dubbata.
Jaarsa tokkotu hiriira irraa dhaabbatanii otoobusii eeggatu, isaan booda immoo dargaggeessa tokkotu dhaabata. "Dhiifama abboo laayitarii(qabsiistuu ibiddaa) qabduu?" Jedhee isaan gaafata. Dargaggeessichi tamboo ittiin qabsiifachuuf ture. Deebiin jaarsaas gabaabaa ture. "Hin qabu" jedhe dheekkamsaan. Xiqqoo itti yaadee booda dargaggeessichi nama biroo gaafatee irraa qabsiifate. Daqiiqaa muraasa jaarsi boorsaa(giiphii) isaanii keessaa laayitarii baafatanii ittin tamboo qabsiifatan. Sila isin gaafannaan laayitarii hin qabu naan hin jennee? Utuu qabdanii maaf na dhowwattanii jedhee gaafate. Jaarsi deebii kennaniif "Maal seete?" Jedhanii jalqaban. "Maal seete, laayitarii yoon siif kenne; tarii waliin dubbii eegalla. Waliin dubbii yoo eegalle immoo, otoobusii keessatti wal bira teenya ta'a. Wal bira teenyaan immoo oduun keenya itti fufuu hin oolu. Mucaa gaarii waan fakkaattuuf sin jaaladhan ta'a. Yoon si jaaladhe immoo bakkan bu'utti si buuseen, mana keenyaa irbaata si affeeran ta'a. Mana koo yoo dhufte immoo intala koo waliin wal barta ta'a. Intala koon yoo wal barte immoo tarii wal jaalattu ta'a. Yoo wal jaalattan immoo maaltu beeka dubbiin cimee dhuma irratti wal fuutu ta'a. Argitee? Ani immoo nama laayitarii bitachuu hin dandeenyetti akka heerumtu hin barbaadu. Kanaafu hin qabu garuu qaba."Maal jechuu barbaade beektuu? Yeroo baay'ee wantoonni sadarkaa sadarkaadhaan isa tokko irraa isa tokkotti ce'u, dhuma irratti bakka hin barbaachisne ga'u. Otoo isaan tarkaanfii hin eegalin dursinee achumatti akka dhaabatan yoo goone booda gatii hin barbaachisne baasuu irraa oolla. Malee immoo hiyyeessi durba hin fuudhuu miti. HAlKAN GAARII QABAADHAA!

Dubbisi dubbisuun waa baruufi!
#Share๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@OROMOTOO
@OROMOTOO
Dhimmi seenaa fi eenyummaa keenyaa dhimma waloo keenyaati. #share

โ˜‘๏ธ Odaa Oromoo Shanan fi bakka argama isaanii.

1. Odaa Nabee(Shawaa bahaa)
2. Odaa Bisil(Shawaa lixaa)
3. Odaa Bulluq( Horroo Guduruu Wallaggaa)
4. Odaa Roobaa(Baalee)
5. Odaa Bultum(Harargee Lixaa)

Dubbisi dubbisuun waa baruufi!
@OROMOTOO
@oromotoo
@OROMOTOO
Ibsituu jiruukoo,
urjii yeroo dukkanaa
Faayatoo bareedduu,
mudaa hin qabne homaa

Calaqqistuu kiyya,
warqee gatii mi'aa
Biiftuukoo ganamaa,
addeessa yeroo dhihaa

Kuulleetoo bareedduu,
nadhii akka aannanii
Addunyaa guutuuni,
kan ofiif si hawwani

Tokkittiin onneekoo,
maqaakeen rukuta
Sombikoo na keessaa,
qilleensa naaf laata

Kuma naaf jiraadhu,
jaalalaan mo'iitii
Lubbuunkoos yoomillee,
kanuma siif feeti!

Share -share-join-join
๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰ @harargetub
Yaadaaf @keraj1
โœง BEEKUMSI humna siif kenna. AMALLI GAARIIN garuu kabaja siif kenna.

โ—ˆ Amalli gaariin obsa qabaachuu si barsiisa.
โ—ˆ Amalli gaariin waan si hin madaalle si tuffachiisa.
โ—ˆ Amalli gaariin gorsee si deebifata.
โ—ˆ Amalli gaariin milkaa'ina biraan si gaha.

โž  Amalli gaariin akka ati of sirreessitu sitti hima. Beekumsi qabaa barbaada. Beekumsi akkaataa qabataa wallaalan burqaa oftuulummaan irraa maddu ta'a.

โœง BEEKUMSI humna siif kenna. AMALLI GAARIIN garuu kabaja siif kenna.


@oromotoo
@oromotoo
#Ani_Uumamuun_Narra_Hin_Turre_Hin_Jedhin

Dhugaan ati beekuu qabduufi amanuu qabdu, sababaan dhalachuu keeti. Namni lafa kana irratti akkasumaan sababa malee dhalate hin jiru. Uumaan gaafa nu uume tokkoo tokkoo keenya ga'umsa dhokataa waliin nu uume. Namni kamiyyuu waan dhalateef qaba. Waan dhalateef sanaaf immoo ittiin of jijjiiree dhaloota akka jijjiiruuf dirqama qaba. Hundi keenya kennaa wajjin dhalanne qabna. Kennaa keenyatu adda adda malee. Namni dhalatee, guddatee, du'uuf miti kan uumame. Dhalootaaf waa kaa'ee akka darbuuf. Addunyaan keenya Tekenoloojiin guddatte kun uumamaan akkas hin turre. Namoonni uumaan kennaa adda addaa isaaniif kenneen akkas guddatte argamte. Namoonni guddina addunyaa kanaaf sababa ta'an hedduudha. Atis sababaan uumamte waan taateef, waan uumamte sanaaf gumaata godhii darbi. Ati akkasumaan hin dhalannee dhaloonni dhufu gaariis, hamaas gootu kan ati gooteen si himataa jiraata. Kanaaf nama tuffatamaa yookiin nama waa gochuu hin dandeenye miti ati. Ati nama jabaadha nama dhiibbaa uumuu danda'u. Ati humna qabda jijjiirama ofii keefi biyya keetiif nama fiduu dandeessudha.
@oromotoo
@oromotoo
@oromotoo


Nu argachuuf๐Ÿ‘‰ @Abdetuor
Namoonni nu faana channel keenya irratti hojjechuu barbaaddan nu dubbisaa.
1. Nama dubbisu ta'u qabda
2. Afaan Oromoo sirnaan qubeessuu qabda
3. Afaan Inglizii fi Afaan Amaaraa yoo beekte bareedaadha. Wallaaltes, Afaan Oromoo beekta taanaan ni dandaa'ama
4. Online torbanitti guyyoota sadiifi isaa ol nama argamuu danda'u yoo taate filatamaadha. Namni ulaagaa kana guute nu faana hojjechuuf karri keenya banaadha Asumaan nu dubbisuu dandeessu.
#Hubachiisa
Akkuma beekamu hojiin keenya kaffaltii hin qabu. Nutis kaffaltii tokko hin qabnu. Waan beeknu ha barsiifnuudha. Kanaaf kaffaltii nurraa hin eeginaa. Kun dirree itti Lammiif tola oolluudha. Galatoomaa!!


@OROMOTOO
@OROMOTOO
@OROMOTOO

๐Ÿ”ด NU ARGACHUUF๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰ @Abdetuor
๐Ÿ“– Dubbisuu

โœ Wantoota sammuun keenya akka gabbatan godhan keessaa inni tokko dubbisuudha.
Namoonni baay'een yommuu muka'aan 'game' ykn 'social media' fayyadamu, yeroon jedhu social media irraa waantoota fayyadan dhiisanii wanta hin barbaachisnetti yeroo gubu jechuu kooti. Akkasumas namoota dubbisan yeroo argan "Nii marraatta" namana jedhu. Garuu isaan ofii fayyaa waan jiran itti fakkaata!

Namoonni bebbeekamoon addunyaa digirii hin qaban garuu waan dubbisaniif sadarkaa guddaa irra gahaniiru, fkn Abreham Liinkan, yeroo tokko yeroo dubbatan kitaaba tokko liqeeffachuuf jecha km 12 akka lukaan deemaa turan himama. Mee yaadaa? Akkasumas John F. Keeneedii hojii isaa seenuun dura gaazexaawwan 40 dubbisa! Biilgeet, Opraah Wiinfreey kunneen hunduu dubbisa akka malee jaallatu. Egaa atis Yeroo kee gara caalu dubbisuutti dabarsiin dhaamsa kooti.

ยฉ Ifaa G Galataatiin
@oromotoo
@Oromotoo

๐Ÿ™Guyyaa Bareedduu Qabaadhaa!
Isin Jaalannaโคโคโค
Lafa kanarra wanti ati qabaachuu hin dandeenye hin jiru eerga sammuudhaan qabaachuu dandeessa jettee fudhattee booda.

-Roobart Kooliyer

DHUGAA WAA'EE KEESSAN

Ati nama gadi fageenyaan gaarii dha.Jireenya ajaa'ibaa, milkaa'ina, gammachuu, fi xiiqiin guutametu siif mala.Hariiroo gammachiisaa, fayyaa gaarii, hojii hiika qabu, fi of danda'uu maallaqaa qabaachuuf mirga qabda. Kunniin mirga dhaloota keeti. Jireenyi kee kan hammachuu yaadame kana.

Milkaaโ€™inaaf kan qophaaโ€™ee fi ofitti amanamummaa, of kabajuu fi boonsaa dhuunfaa sadarkaa olaanaa akka qabaattuuf kan qophaaโ€™edha. Ati nama addaati; seenaa dhala namaa lafarra jiru hundumaa keessatti namni sirriitti akka kee taโ€™ee hin beeku.Dandeettii fi dandeettiiwwan hin fayyadamne guutummaatti ajaaโ€™ibsiisaa taโ€™ee fi yeroo sirriitti hiikamtee fi hojiirra oolchitu, jireenya keessatti waan barbaaddu hundumaa siif fiduu dandaโ€™u qabda.

Seenaa dhala namaa hunda keessatti yeroo guddaa keessa jiraachaa jirta.Carraa baayโ€™ee itti fayyadamtee abjuu kee dhugoomsuu dandeessuun marfamtee jirta. Daangaan dhugaa waan ta'uu dandeessu, hojjechuu dandeessu ykn qabaachuu dandeessu daangaa ati yaada mataa keetiin of irratti kaa'uu qofa.Egereen kee daangaa hin qabu jechuun ni danda'ama.

Share share hin dagatinaa๐Ÿ™
@Oromotoo
@Oromotoo
@Oromotoo

๐Ÿ™GUYYAA GAARIIโคโค
Channel name was changed to ยซMADDA BEEKKUMSAA๐ŸŒณยป
Wantoota gammachuu kee ugguran 7:

1) Of jibbuu/of komachuu
2) Kan darbe gadhiisuu dadhabuu
3) Dhiifama gochuu dadhabuu
4) Eenyu akka taate kunuunsuu dhiisuu
5) Namoota biroo akka siif mirkaneessan barbaaduu
6) Namoonni biroo eenyu akka taate akka si ibsan gochuu
7) Mudaa kan hin qabne ta'uuf yaaluu
โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”
๐Ÿ–‹๏ธ@Oromotoo
@Oromotoo ๐Ÿ–Œ๏ธ
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
Addaa addummaan keenya kan dhufe gaafa osoo afaan tokko haasofnu woliif galuu dadhabneedha.

Yadaaf ๐Ÿ‘‰ @Abdetuor
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
Hiriyyaa si jaalatuu
Gowwoomsuuf hin
Yaadin, waan si jaalatuuf
Siif gowwoomaa beeki!

By @Abdetuor
๐‰๐€๐‹๐€๐€๐‹๐€ (๐‹๐Ž๐•๐„)

๐Ÿ’•๐‰๐š๐š๐ฅ๐š๐ฅ๐š ๐›๐ข๐ญ๐ฎ๐ฎ ๐ก๐ข๐ง ๐ฒ๐š๐š๐ฅ๐ข๐ง ๐ฃ๐š๐š๐ฅ๐š๐ฅ๐ฅ๐ข ๐ข๐ฌ๐ข๐ง ๐ก๐š๐š ๐›๐ข๐ญ๐ฎ๐ฎ ๐ฆ๐š๐ฅ๐ž๐ž.
๐Ÿ’•๐˜๐ž๐ซ๐จ๐จ ๐ฐ๐š๐ฅ ๐Ÿ๐š๐ค๐ค๐š๐š๐ญ๐š๐š ๐ค๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐ง๐š๐ฆ๐š ๐ฅ๐š๐ฆ๐š ๐ฒ๐จ๐จ ๐ฃ๐š๐š๐ฅ๐ฅ๐š๐ญ๐ญ๐ž ๐Ÿ๐ข๐ฅ๐š๐ง๐ง๐จ๐จ๐ง ๐ค๐ž๐ž ๐ข๐ฌ๐š ๐๐ฎ๐ซ๐š๐š ๐จ๐ฌ๐จ๐จ ๐ก๐ข๐ง ๐ญ๐š๐š๐ง๐ž ๐ข๐ฌ๐š ๐›๐จ๐จ๐๐š๐ซ๐ซ๐š ๐ฃ๐š๐š๐ฅ๐ฅ๐š๐ญ๐ญ๐ž ๐ญ๐šโ€™๐ฎ๐ฎ ๐ช๐š๐›๐š.
๐ฌ๐š๐›๐š๐›๐ง๐ข ๐ข๐ฌ๐š๐š๐ฌ ๐จ๐ฌ๐จ๐จ ๐ข๐ฌ๐š ๐๐ฎ๐ซ๐š๐š ๐๐ก๐ฎ๐ ๐š๐š๐ง ๐ฃ๐š๐š๐ฅ๐ฅ๐š๐ญ๐ญ๐ž ๐ญ๐šโ€™๐ž๐ž ๐ข๐ฌ๐š ๐ฅ๐š๐ฆ๐ฆ๐š๐Ÿ๐Ÿ๐š๐š ๐จ๐ง๐ง๐ž๐ž๐ง ๐ค๐ž๐ž ๐ก๐ข๐ง ๐ค๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐ฎ๐ฆ๐ฌ๐ข๐ข๐ฌ๐ฎ ๐ญ๐ฎ๐ซ๐ž.


โญ๏ธ๐‰๐€๐€๐‹๐€๐‹๐€ ๐‰๐„๐‚๐‡๐”๐”๐:-

โœ…๐๐š๐ซ๐ž๐ž๐๐ข๐ง๐š ๐›๐š๐ซ๐›๐š๐š๐๐ฎ๐ฎ ๐ฆ๐ข๐ญ๐ข
โœ…๐…๐š๐š๐ฒ๐ข๐๐š๐š ๐›๐š๐ซ๐›๐š๐š๐๐ฎ๐ฎ ๐ฆ๐ข๐ญ๐ข.
โœ…๐„๐ฃ๐ฃ๐š๐š(๐Ÿ๐ž๐๐ก๐ข๐ข ๐Ÿ๐จ๐จ๐ง๐ข๐ข) ๐›๐š๐ซ๐›๐š๐š๐๐ฎ๐ฎ ๐ฆ๐ข๐ญ๐ข.
โœ…๐˜๐ž๐ซ๐จ๐จ ๐Ÿ๐š๐ฒ๐ฒ๐š๐š ๐ช๐š๐›๐š๐ง๐ข๐ข๐Ÿ ๐ฒ๐ž๐ซ๐จ๐จ ๐ ๐š๐ฆ๐ฆ๐š๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ ๐ช๐จ๐Ÿ๐š ๐ฐ๐š๐ฅ ๐ก๐š๐š๐ฆ๐ฆ๐š๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ ๐ฆ๐ข๐ญ๐ข.
โœ…๐–๐š๐š๐ง ๐ฃ๐š๐š๐ฅ๐ฅ๐š๐ญ๐š๐ฆ๐ญ๐ž๐ž๐Ÿ ๐ฃ๐š๐š๐ฅ๐ฅ๐š๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ ๐ฆ๐ข๐ญ๐ข.
โœ…๐๐š๐ฆ๐ง๐ฎ๐ฆ๐ญ๐ข ๐ฐ๐š๐ฅ ๐ฃ๐š๐š๐ฅ๐ฅ๐š๐ญ๐š๐š๐Ÿ ๐ฃ๐š๐š๐ฅ๐ฅ๐š๐œ๐ก๐ฎ ๐ฆ๐ข๐ญ๐ข.
โœ…๐–๐š๐š๐ง ๐ฌ๐ข๐›๐ข๐ญ๐ž๐ž๐Ÿ ๐š๐ญ๐ข๐ฌ ๐ ๐ฎ๐ฒ๐ฒ๐š๐š ๐ž๐ž๐ ๐๐ž๐ž ๐ฅ๐ข๐ช๐ข๐ข ๐๐ž๐ž๐›๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฎ ๐ฆ๐ข๐ญ๐ข.
โœ…๐๐ข๐Ÿ๐š ๐ง๐š๐ฆ๐š ๐ฌ๐š๐ง๐š๐š ๐ข๐ฅ๐š๐š๐ฅ๐ฎ๐ฎ ๐ฆ๐ข๐ญ๐ข.
โœ…๐๐š๐›๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐š ๐›๐จ๐ซ ๐›๐š๐๐ฎ ๐ข๐ฅ๐š๐š๐ฅ๐ฎ๐ฎ ๐ฆ๐ข๐ญ๐ข.


โญ๏ธ๐‰๐€๐€๐‹๐€๐‹๐€ ๐ƒ๐‡๐”๐†๐€๐€ ๐‰๐„๐‚๐‡๐”๐”๐

โœ…๐–๐š๐š๐ง ๐ก๐ฎ๐ง๐๐š๐ซ๐ซ๐š๐š ๐ช๐ฎ๐ฅ๐ช๐ฎ๐ฅ๐ฅ๐ฎ๐ฎ ๐ค๐š๐ง ๐ญ๐šโ€™๐ž
โœ…๐…๐š๐ค๐ค๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐ฎ ๐จ๐ฌ๐จ๐จ ๐ก๐ข๐ง ๐ญ๐š๐š๐ง๐ž ๐๐ก๐ฎ๐ ๐š๐š.
โœ…๐ƒ๐ก๐ฎ๐ ๐š๐š ๐ฃ๐š๐š๐ฅ๐š๐ฅ๐š๐š๐ญ๐ข๐ข๐Ÿ ๐ฃ๐ž๐œ๐ก๐š ๐ก๐ข๐ฒ๐ฒ๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š ๐ฃ๐š๐š๐ฅ๐ฅ๐š๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ ๐›๐จ๐ซ ๐ฐ๐š๐ฃ๐ฃ๐ข๐ง ๐ก๐จ๐ซ๐š๐ญ๐ฎ.
โœ…๐˜๐ž๐ซ๐จ๐จ ๐ ๐š๐๐๐š๐š, ๐ ๐š๐ฆ๐ฆ๐š๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ, ๐ซ๐š๐ค๐ค๐ข๐ง๐š๐š ๐ฐ๐š๐ฅ ๐›๐ข๐ซ๐š ๐๐ก๐š๐š๐›๐›๐š๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ.
โœ…๐Š๐š๐ง ๐จ๐Ÿ๐ข๐ข๐Ÿ ๐ก๐ข๐ง ๐š๐ซ๐ ๐š๐ง๐ง๐ž ๐ง๐š๐ฆ๐š ๐ฌ๐š๐ง๐š๐š๐Ÿ ๐ก๐š๐ฐ๐ฐ๐ฎ๐ฎ.
โœ…๐Ž๐›๐›๐จ๐ฅ๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š ๐ค๐ž๐ž๐ญ๐ข๐ข๐Ÿ ๐๐š๐›๐š๐ซ๐ฌ๐ข๐ญ๐ž๐ž ๐ฅ๐ฎ๐›๐›๐ฎ๐ฎ ๐ค๐ž๐ž ๐ค๐ž๐ง๐ง๐ฎ๐ฎ.
โœ…๐‘๐š๐ค๐ค๐ข๐ง๐ง๐ข ๐ก๐š๐ซโ€™๐š ๐จ๐›๐›๐จ๐ฅ๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š ๐ค๐ž(๐ฃ๐š๐š๐ฅ๐š๐ฅ๐ฅ๐ž๐ž) ๐ข๐ซ๐ซ๐š ๐ ๐šโ€™๐ž ๐›๐จ๐ซ ๐š๐ค๐ค๐š ๐ฌ๐ข๐ซ๐ซ๐š ๐ ๐ฎ ๐›๐ž๐ž๐ค๐ญ๐ž ๐ก๐š๐ซโ€™๐š ๐ซ๐š๐ค๐ค๐ข๐ง๐š ๐ข๐ฌ๐š๐š ๐ก๐ข๐ซ๐ฆ๐š๐š๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ.
โœ…๐๐š๐ฆ๐š ๐ฃ๐š๐š๐ฅ๐ฅ๐š๐ญ๐ญ๐ž๐ž๐Ÿ ๐ค๐š๐›๐š๐ฃ๐š, ๐ข๐Ÿ๐ญ๐จ๐จ๐ฆ๐ข๐ง๐š ๐ค๐ž๐ง๐ง๐ฎ๐ฎ ๐๐ก๐š.


๐Ÿ”ฐ๐Š๐š๐ง๐š ๐ก๐ฎ๐ง๐๐š ๐œ๐š๐›๐ฌ๐ข๐ญ๐ž๐ž ๐ฃ๐š๐š๐ฅ๐š๐ฅ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐๐ž๐ž๐ฆ๐ญ๐š ๐ญ๐š๐š๐ง๐š๐š๐ง
๐ฃ๐š๐š๐ฅ๐š๐ฅ๐ข๐œ๐ก๐ข ๐ก๐ฎ๐ง๐๐ž๐ž ๐ก๐ข๐ง ๐ช๐š๐›๐ฎ ๐›๐จ๐ซ ๐›๐ฎ๐ช๐ช๐šโ€™a
โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”โ”
๐Ÿ–‹๏ธ @OROMOTOO
@OROMOTOO
#Gorsa

๐—š๐—ข๐—ฅ๐—ฆ๐—” ๐—ฆ๐—”๐—Ÿ๐—ฃ๐—›๐—”๐—” 5 ๐—๐—”๐—Ÿ๐—ค๐—”๐—•๐—”๐—”๐—™ ๐Ÿ“๐Ÿ“Œ


๐Ÿƒ๐Ÿฝ ๐™ท๐™พ๐™น๐™น๐™ด๐™ณ๐™ท๐š„ ๐š€๐™พ๐™ต๐™ฐ

Namoonni baayโ€™een yaada qaroo taโ€™e qabaachuu isaaniitiin illee, dhimma kana irratti hubannoo gadi fagoo qabaachuu isaaniitiin walitti makame, gonkumaa hojii mataa isaanii hin jalqaban. Yookaan waan walakkaa karaatti jalqaban dhiisu.

Yeroo baayสผee sababni isaa garmalee suuta jechuu, hojii barame fi tasgabbaaสผaa taสผe dhiisuu sodaachuu ykn dadhabina qofa taสผuu isaati. Yoo yaada guddaa hojjechuuf deemu maddisiifte โ€“ humna horadhuutii tarkaanfii fudhadhu.

Eeyyee, murtoo jireenya jijjiiru gochuun tooftaa barame tokkotti cichuu caalaa ulfaataadha. Garuu gatii qaba.

๐Ÿค ๐š†๐™ฐ๐™ป๐šƒ๐™ฐโ€™๐™ธ๐™ธ๐™ฝ๐š‚๐™ฐ ๐š„๐š„๐™ผ๐™ธ

Naannoo abbootii qabeenyaa irratti yaada waliigalaa mul'atu keessaa tokko abbaan daldalaa "lukkuu kophaa isaa" ta'ee rakkoo hunda ofuma isaatiin dandamatudha.

Garuu dhugaan jiru kanarraa fagoodha. Waan hundumaa irratti ogeessa ta'uu hin dandeessu, yeroo tokko tokkos yaada sana akka raawwatamu kan godhu hundeessaa kee ti. Hiriyaan kee akkuma kee kaayyoo waloodhaaf fedhii yoo qabaate, kaayyoo kee galmaan gaโ€™uuf gumaacha guddaa gochuu dandaโ€™u.

๐Ÿง˜๐Ÿฝ ๐š‡๐™ธ๐šˆ๐šˆ๐™ด๐™ต๐™ต๐™ฐ๐™ฝ๐™ฝ๐™พ๐™พ ๐™บ๐™ด๐™ด ๐™ด๐™ด๐™ถ๐™ธ

Ifatti fakkaata, garuu yeroo tokko tokko dubbachuu caalaa hojjechuu salphaadha. Yeroo tokkotti sochiiwwan haaraa kudhan tokko fudhachuuf qoramuun kee hin oolu. Garuu milkaa'uuf waan tokko qofa irratti xiyyeeffachuu qabda.

Laaptooppii fi saamunaan miiccaa qixaan gurguruun hin danda'amu. Abbootiin qabeenyaa sababoonni harka kennatan baayโ€™eedha โ€” hangam akka darban irratti xiyyeeffachuu mannaa, ammallee hangam deemuu akka qaban ilaaluu barbaadu. Injifannoo xixiqqoo walitti aansuun dhuma irratti milkaaโ€™ina guddaa fiduu dandaโ€™a.

๐Ÿ™Œ ๐š†๐™ฐ๐™ฐ๐™ฝ ๐™ฑ๐™ด๐™ด๐™บ๐šƒ๐š„ ๐™ท๐™พ๐™น๐™น๐™ด๐™ณ๐™ท๐š„, ๐š†๐™ฐ๐™ฐ๐™ฝ ๐™ท๐™พ๐™น๐™น๐™ด๐šƒ๐š„๐š‚ ๐™ฑ๐™ด๐™ด๐™บ๐™ธ

Bu'aa waan waadaa galeef qofa hojii daldalaa kamiyyuu jalqabuu hin qabdu. Kanaa mannaa, wanta dhuunfaatti jaallattu gochuu qabda. Ta'uu baannaan rakkoon jalqabaa akka ati dhiistu si taasisa.

Daldalli ciminaa fi dandeettii kee irratti ijaarame carraa milkaaโ€™ina guddaa qabaata. Daldala buโ€™aa qabu uumuu qofa osoo hin taane, adeemsa bulchiinsa isaa keessatti gammaduu fi guddina isaa guyyaa guyyaan gammachuu argachuun barbaachisaa dha.

โŒ ๐™ณ๐™พ๐™ถ๐™พ๐™ฝ๐™ถ๐™พ๐š๐™ฐ๐™ฐ ๐™ท๐™พ๐™น๐™น๐™ฐ๐™ฒ๐™ท๐š„๐š„ ๐™ท๐™ธ๐™ฝ ๐š‚๐™พ๐™ณ๐™ฐ๐™ฐ๐šƒ๐™ธ๐™ธ๐™ฝ

Hundaafuu warra homaa hin goone qofatu hin dogoggore. Waan karoorfatte hanga hojjettutti buโ€™aan carraaqqii kee maal akka taโ€™u gonkumaa hin beektu. Yeroo baayyee immoo jalqaba irratti qofa sodaachisaadha.

Kakaโ€™umsa tarkaanfii fudhachuu caalaa sababa argachuun baayโ€™ee salphaadha. Garuu, akkuma muuxannoon agarsiisu, namoonni yeroo baayโ€™ee dogoggora hojjetanitti osoo hin taane carraa dhabaniif ni gaabbu. Kana malees, balaa fudhachuuf fedhii qabaachuun abbaa qabeenyaa tokkoof amala barbaachisaa dha.

Gorsa kamtu gatii guddaa qaba jettee argatta? Abbootii qabeenyaa haaraa ta'aniif gorsa akkamii kennitu? Chaanala Asii gadiitti kanattii dabalama yaada kennaa โฌ‡๏ธ

๐Ÿ–‹๏ธ @OROMOTOO
@OROMOTOO
@OROMOTOO

YAADAF๐Ÿ‘‰ @Abdetuor
2024/09/21 12:51:37
Back to Top
HTML Embed Code: