Telegram Web Link
Hachalu Hundessa

Warri Shaashee jirtuu?
Maal Mallisaa Shaashamannee gaheera.

Albamni Hacee si'aawinaan eeggachaa turtan isin bira dhufeera - daandiwwan magaalaa Shaashamannee keessatti gurguramaa jira. Orijinaala bitadhaa seenaaf olkaawwadhaa!

Odeeffannoo magaalota kaanis isin biraan geenya obsumaan nu eeggadhaa.

Albamni kun gama maraanuu olkahee mul'achuun 'trend' akka godhu duulaa.
#Yuuniversitii_Raayyaa

Barattoonni Yuuniversitii Raayyaa hundumtuu Mooraa gadhiisanii waldayaa dhaqqabniiruu!!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA
📡MIIDIYAA📡
@OROMOTOO
Barattooti haaraan yuunivarsitii Tigraay ga'e haala amma jiruun osoo gara mootummaan furmaati hin laatamin achi deemuun dandeenyu jedhan.

Sa'atii ammaa kana maaltu mudachuu akka danda'u kan hin beekamnedha. Akkas ta'uu waliin barataan konkolaataa yaabee sammuu ittiin gara Tigraayi imalu hin qabu. Kanaaf Gama mootummaatiin ykn MOSHEn furmaati akka lafa ka'amus cimsinee kan gaafannu ta'a.

Barattooti naannoo Tigraayitti ramadaman barattoota biraa irraa barumsaanillee boodatti hafuu akka hin qabne yaadachiisaa dhimma kana irratti ministeerri saayinsii fi barnoota olaanoo furmaata hatattamaa barattoota biyyattii mara keessaa gara Tigraay deemuuf qophaawaa turaniif lafa kaa'u qaba.

Barattooti sa'atii ammaa mooraa keessa jiran haala isaan keessa jiran addaa baafachuuf kan yaalle yommuu ta'u, nuuf milkaa'uu hin dandeenye.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA
📡MIIDIYAA📡
@OROMOTOO
@OROMOTOO
Dhimma barattoota Naannoo Tigraay.

Yeroo ammaa kana barattooti yuunivarsitii naannoo Tigraay keessatti argaman sababa netwoorkiin addaan citee jiruuf haala isaan keessa jiran adda baasuu hin dandeenye.

Maatiin barattootaas sababa kana irraan kan ka'e yaaddoo keessaa galanii akka jiran nutti himanii jiru.

Waxabajjii 22/2013 naannoo sa'ati 1:00 irraa kaaseeti neetworkiin badee badee kan jiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA
📡MIIDIYAA📡
@OROMOTOO
@OROMOTOO
Hachalu Hundessa

Warri Shaashee jirtuu?
Maal Mallisaa Shaashamannee gaheera.

Albamni Hacee si'aawinaan eeggachaa turtan isin bira dhufeera - daandiwwan magaalaa Shaashamannee keessatti gurguramaa jira. Orijinaala bitadhaa seenaaf olkaawwadhaa!

Odeeffannoo magaalota kaanis isin biraan geenya obsumaan nu eeggadhaa.

Albamni kun gama maraanuu olkahee mul'achuun 'trend' akka godhu duulaa.
Qaamoleen fedhii qaban naannoo Tigraayiif deeggarsa akka taasisaniif eeyyamni balallii laatame!

Mootummaan Ityoophiyaa qaamoleen fedhii qaban naannoo Tigraayiif deeggarsa akka taasisaniif eeyyamni balallii laatameera.

Mootummaan Ityoophiyaa qaamoleen fedhii qaban naannoo Tigraayiif deeggarsa akka taasisaniif Wiixata darberraa eegalee eeyyama balallii laachuu Qulqulleessi Odeeffannoo Labsii Yeroo aarifachiisa fuula Twiitara isaan ibseera.
#NEAEA

Qormaatni biyyaaleessaa kutaa 12ffaa guyyaa Adoolessa 12 bara 2013 irraa eegalee kennama jedhamee oduun karaa miidiyaalee hawaasaatti tamsa'aa jiru soba ta'uusaa fi guyyaan qormaatni kun itti kennamu kan hin murtoofne ta'uu Ejensiin Madaallii Barnoota fi Qarmaata Biyyaalessaa (National Educational Assessment and Examination Agency - NEAEA) ibseera.
Baqattootni Eertiraa Tigiraay jiran ajjeefamaa jiru gabaasni jedhu isa yaaddessuu UN beeksise!

UN'tti Ejensiin Baqattootaa gabaasni haleellan baqattoota Eertiraa Tigraayi jiranirra qaqqabuu agarsiisu na yaaddesse jedhe.

Itoophiyaatti dubbi himaan Ejensichaa, Dhiha magaalaa Shireetti baqattoonni Eertiraa dhibbaan lakkaa’aman ajjeefamuu gabaasonni ibsan maddeen ''onlaayiiniifi maddeen adda addaarra mirkaneeffachuu'' beeksisan.

''Gabaasota kana xiyyeeffannoon ilaalla, gabaasota kana akkuma dhageenyeen battaluma sanatti hojjattoota keenya magaalaa Shiree jiranirraa, michuuwwan nu tumsaniifi baqattoota Eertiraa gaafachuuf yaalleera'' jechuun Kireevonkoovik karaa imeelii ibsaniiru.

''Himannaa amma yoonatti nu qaqqabaa jiran sirrii ta’uusaanii mirkaneessu dadhabnus, odeeffannoo gamaggamuuf nu fayyadan sassaabuu itti fufna'' jedhan.

Torban darbe loltoonnii raayyaa ittisa biyyaa Tigiraayi bahuu hordofee toorri walqunnamtii cufamuusaatiin gabaasota kana mirkanessuuf dhibbaa ta’era.

BBC
Mootummaan balali'insawwan deeggarsa dhiyeessuuf gara Tigiraayitti taasifaman hayyame
EESSA JIRTA? #lyrics


Alkan guyyaa ijarraa na hin baddu
Ciisee ka'u waanuma keen yaada
Tokkitti koo kan dur dabarsine
Mudoo keenya yaadadheetan gadda

Fessa eessa jirta
Maaloo koottu na wal'aanta (X2)

Waadaa naaf galte san ni yaadatta laata
Moo jiruun sitt hoee na dagatte laata
Hangan lubbuun jiru addunyaa tanarra
Furtuun gammachuu koo suma harka jira
Isa naan jette san akkam goote adaraa
Afuura kee dhabeen barbaacha keen Joora

Eessa eessa jirta
Maaloo koottu na wal'aanta (X2)

An an an simalee (X3)
An an halli natti hin tolle

Alkan guyyaa ijarraa na hin baddu
Giisee ka'u waanuma keen yaada
Tokkitti koo kan dur dabarsine
Mudoo keenya yaadadheetan gadda

tessa eessa jirta
Maaloo koottu na wal'aanta (X2)

Imaanaa quddaadha innin sitti kenne
Nama jiru keessaa si qofatti amane
Siti abdii godhadhee akkas of gatuun koo
Gatii na baasise jeeqame jiruun koo
Waa naan jedhi anis abdiin mura
Bar faana kee dhabeen barbaachakeen
joora

Eessa eessa Jirta
Maaloo koottu na wal'aanta (X2)

An an an simalee (X3)
An an haalli natti hin tolle

An ammallee (X3)
Halli natti hin tolle

@OROMOTOO
@OROMOTOO
BAALIYYOO
🎧💿🎤🎹
''Sagalee keetan hawwe
Taliilakee qabbanaa
Garaa na raasa anaa
Akka baaroo sheekanaa.''

Warri Baalee Roobee jirtuu? Maal Mallisaa isin bira gaheera.

Orijinaala qofa bittanii dhaggeeffachuun amanamummaa Haacaaluuf qabdan agarsiisaa.
Gatiin CD 💿 tokkoo qarshii 100 qofa.
MAAL MALLISAA
#lyrics

Hoofan hadha biyaa
Hoofan abbaa biyyaa
Hoofan barata koo
Hoofan barattuu koo
Hoofan qotee bulaa
Hoofan abbaa biyyaa

Karaa baay'ee qabna
Yoom nu dhibe karan irra deemnu
Silaa numa deemna numa deemna
Maalif galma hin geenyu
Karaa nu qabe moo garaadha laa
Maaf gahuu dadhabne
Duunee gumaa dhabne
Lammikoo ammawoo nuu game
Rooroon nutti hammaatte
Sabakoo ammawoo nuu game
Duunee gumaa dhabne
Lammikoo ammawoo nuu game

Akka waan lollee lolchisuu
Tasuma hin dandeenye
Akka dina lolle ofirraa
Qoladhuu dadhabnee
Gara laafnee buluu keenyaan
Dinaaf salphaa tane
Jaarraa tokkoof du'aa turre
Kunoo har'as duune
Maal mallisaa maal mallisaa
Maali egaa malisaa
Maal mallisaa maal malisaa
Maali malli mallisaa

Tokko hin dusa tokiko hin ajiesisa
Dhufaa darba nuyi numaan cabsa
Keenya ammallee sanuma
saneen isaa
Maal mallisa keenya maal
mallisaa

Karaa baay'ee qabna
Yoom nu dhibe karaan irra deemnu
Silaa numa deemna numa deemna
Maalif galma hin geenyu
Karaa nu qabe moo garaadha laa
Maf gahuu dadhabne
Duunee gumaa dhabne
Lammikoo ammawoo nuu game
Rooroon nutti hammatte
Lammikoo ammawoo nuu game
Rooroon hin hammaatte
Lammikoo ammawoo nuu game
Hayyuuf goota meeqa arjoomne
Kunoo har'a geenye
Anoleef Calanqoora tarraan
Bishooftuuti raaji taane
Garaa lafnee buluu keenyaan
Dinaaf salphaa taane
Waggaa dhibbaf du'aa turre
Kunoo har'as duune

Mal mallisaa maal mallisaa
Maali egaa mallia
Maal mallisaa maal mallisaa
Mali malli maliaa

Tokko hin du'a tokko hin ajjeesisa
Dhufaa darbaa nuyi numaan
cabsa
Keenya ammallee sanuma
Saneen isaa
Maal mallisaa keenya maal
mallisaa

Maal mallisaa maal malisa
Maali egaa mallisaa
Mal mallisaa maal mallisaa
Maali malli malisaa

Harargeen mancaa qaraan (2)
Jidda farda leenjise
Roorroon daangaa dabaraan
Qeerroon falma murteesse (2)
Addaggeen safuu hin beektu (X2)
Addarra dhaaban malee
Falmadhu Qeerroo suma
Abdiin sabaa yoomillee
Si beekuuf bar shororkaawu
Kanaf garaa jabatu
Irreef humna qabanin
ijibbaata falmatu
Sin miti farda keeyyuu
Hin beeku bareechani
Gaafa gaarreen Adawaa
Gaafa Maqalee sani
Gameessakoo yaa Abba Daamaa
Yaa Abbaa Daalee yaa Abbaa
Shaanqoo
Soori fardakee qopheessi
Eebookee qari soroorsi
Gaachana fannoora buusi
Roorroo didee sirra marse
Maalif duuta mana teessee

Alaa eega hin abjootin
Abju hin taane
Kaafadhu fardakeen falmi
Araat kiloof situ aane (2)
Alaa eegaa hin abjootin
Abjuu hin taane
Kaafadhu mancaakeen loli
Araat kilof situ aane

@OROMOTOO
@OROMOTOO
Hojjettoonni isaa sadii kan ajjeefaman MSF Tigraay bakka hedduutti hojii adda kute!

Waxabajjii 24, bara 2021 hojjattoonni gargaarsaa sadii Tigraay keessatti ajjeefamuu hordofee jaarmiyaan ‘Doctors Without Borders (MSF) qorannoon atattamaa akka gaggeeffamu gaafate.

Itti dabaluun hojjattoonni gargaarsaa nageenyi isaanii eegamee akka hojjatan jaarmiyaan kun cimsee gaafateera.

Hojjattoonni gargaarsaa isaa ajjeefamuu hordofee MSF hojii Tigaay iddoowwan akka Abi Addi, Addigiraatifi Aksum, giddugaleessaafi baha Tigraayitti dalagu yeroof addaan kutuu beeksiseera.

Jaarmiyaan kun akka jedhutti gartuun gargaarsaa MSF kutaalee Tigiraay biroo keessa jiran garuu ofeggannoon gargaarsa dhiyeessuu itti fufu jedhee ibse.

Daarektarri hojii gargaarsaa MSF Teresa Sansiristovaal ajjeechaan hojjattoota gargaarsaa sadiirra qaqqabe akka qoratamu gaafatan.

(BBC)
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Seenaa Yuunivarsiitii Haramaayaa Hundeeffama irraa jalqabee hanga ammaatti Pirizdaantii Yuunivarsiitii Haramaayaa Kabajamoo Dr.Jamaal Yuusufiin itti dhihaadhaa!


👇👇👇👇👇👇
2024/09/22 04:34:27
Back to Top
HTML Embed Code: