Telegram Web Link
Good News ‼️

Sagaleen Oromoos Addunyaatti dhahamtee jirti.

Seeneetiin USA 🇺🇸 har'a waltajjichii gaggeessan irratti dhugaa jirtu dubbataniiru.
"Abiyyi qeerrootu aangootti fide garuu Abiyyi deebi'ee qeerruma san ajjeesuu, hidhuu eegalee, qeerroon isa aangootti fidde amma gariin Abiyyiin ajjeefamaniiru, gariin hidhaa jiru, gariin Roorrootu bosonatti baqqachiise" jachuun dhugaa Oromoo dubbachuun irratti mar'achaa oolan. Abiyyi rakkina Ethiopia 🇪🇹 bira dabree rakkina gaafna Afrikaa (Horn of Africa) akka ta'eetti irratti mari'achaa oolan. Rakkoo jirtu Addunyaa hubatte jirti Abiyyi aangoo irraa bu'ee gocha suukkanneessaa duguuggaa Sanyii (Genocide) ummata nagaa irratti raawwateef mana murtii yakkaa Idil-Addunyaa (International Cirminal court) dhaabbachuun gaafatamu dhufaa jira‼️
#DrGedionTimotiwos

'Obbo Baqqalaa Garbaa, Jawar Mohammad fi Hamzaa Adaana lagannaa nyaataa guyyaa hedduuf yeroo geggeessaa turanitti, waldhaansa fayyaa akka argataniif ajaja manni murtii dabarse Abbaan Alangee Federaalaa Dr. Geediyoon Ximootiyoos akka hojiitti hin hiikamne taasisuun wadhaansa Hospitaala Laandmaarkitti argachuuf turan gufachiisaniiru,' jechuun iyyannoon garee Abukaatota dhiheessee bu'uura godhachuun Manni Murtii Federaalaa Dr Geediyoon irratti murtii balleessummaa dabarse.
#Saykolojiiin_akka_jeutti

💁Hanga feete ilma kee gorsitus; inni jecha kee osoo hin tahin: gochuma kee jala deema!!

@oromotoo
#Saykolojiiin_akka_jeutti

💁Funyaan fi ijji namaa yoomuu taanan guddachuu hindhaabu

@oromotoo
Qormaata kutaa 8ffaa (Ministirii)...!

Biiroon Barnoota Oromiyaa qormaata kutaa 8ffaa bara 2013 barattoota kuma dhibba 5 fi kuma 46 ol qoruuf qophii xumuruusaa beeksise.

Hogganaa Itti aanaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Obbo Efreem Tasammaa akka himanitti, biirichi barattoota kuma dhibba 5fi kuma 46fi 102f (546,102) qormaata kutaa 8ffaa qoruuf qophii xumureera.

Qormaanni kuniis manneen barnoota kuma 9 fi 206 keessatti kan kennamu tahuullee himan.

Qormaanni kutaa 8ffaa kun manneen barnoota Oromiyaa hunda keessatti Waxabajjii 8 hanga 10, bara 2013tti kan kennamu tahu Obbo Efreem dubbataniiru.
Yuunivarsitiin hawaasaa waamicha godheera jedhamuun odeessii sosocha'aa jiru kijibadha


@OROMOTOO
Harka fuune joolen teenya
👇👇👇👇👇👇👇👇
👉Gondar universitin.

isin geyse lakk kanan nu qunnamuu dandeechu
👌👌👌👌👌👌
🤙0910577844
🙏🙏 Akkam jirtu ijoollee wari yuniversity Debre Tabor issinga,ee👉 0924206727🙏0914958791 nu dawala Harergee Hirna irraa
Oromoo Minnesota jirtuu?
======================
Nama kana Hundi keessanuu ni beektu. Senator John Hoffman ( Oromoo Faranjii). Woggoota Dheeraaf Dhimma Oromoo akka Dhimma isaa godhee Sagalee nuuf ta’aa ture. Senator John Hoffman Filannoo itti aanuuf dorgomuuf qophii irra jira.

Nama ofii sagalee ta’uu irraa darbee Dhimma Oromoof bilbilaa fi Qaaman Aangawoota Naannoo fi Federaalaa Ameerikaa deemaa dubbisaa jiru kanaaf:-

1- Yeroo Filannoo isaa campaign isaa volunteer gochuun

2- Website isaa jala deemtanii Deeggarsa hangam akka nu bira qabu agarsiisuuf Maallaqa donate gootanii akka bira dhaabbattan.
Akkanatti Fira baay’ifatan.

Galatoomaa!!
Hiriyoota Lamatu Meeshaa baayyee ulfaatu of bira ka'anii taksii eegu turan. Daqiiqaa xiqqoo booda Taksiin dhufe. isa Booda kontoraata Qarshii 500'niin walii galanii meeshaa isaanii irratti fe'atanii keessa galanii deeman. Karaa dheeraa erga ittiin deemaniin booda Mana isaanii ga'ani Meeshaa isaanii Taksii irraa erga buufatanin booda. Amma deemuu dandeessa jedhaniin. Shufeeriin taaksii sunis herrega koo naaf kennaati nan deema jedhe. Isaanis hin kenninu deemi jedhaniin,Gurbaanis karaa hanga kana isiniif meeshaa keessan fe'ee dhufee, boba'aa hanga kana fixee Akkamitti herrega koo Na diddu naaf kennitan malee hin deemu jedhee. Isaanis Ishi Akka siif kenninu barbaadda taanaan Sirbi jedhaniin. Innis maal qoostu hojjedheen sin gaafachaa jiraam Sirba hin beeku qarshii koo naaf kenna jedheen. Isaanis Eshi Ililililili jedhiiti ililchi jedhaniin. Shufeeriin taksii sunis baayyee aaree hin ililchu jedhaa rabbi biraan argadha jedhee taksii isaa fudhatee deeme. Erga fagaateen booda bilbilli wayii barcuma dudduubaa irraa waamuu eegale. Gurbaanis naasuudhaan konkolaataa isaa dhaabee Bilbilicha yoo ilaalu iphone 11Dha isa booda kaasee hello yeroo jedhu, Hello dhiifama Obboleesso nutti hin qabamiin konkolaata kee keessatti bilbila dagannee buune jedhaniin, eenyu isin yeroo jedhuun, nuti hiriyoota Amma meeshaa nuuf feetee dhuftee Sirbi, ililchi malee herrega kee hin kaffallu jenneedha dhiifama wajjin jedhaniin. Sana booda Gurbaanis Maarree Ammaka Ililchuun jedhee hamma gurri isaan duudutti Bilbila keessaan ililililili jedhee ililchee irratti cufe jedhama.
Maal jechuun barbaadee....
Garaan kee qulqulluu haa ta'u malee, Waaqni dafqa hiyyeessaa lafatti hin balleessu. Hin bubbulti malee kara hin beekamneen dachaa godhee siif deebisa.
Akkasumas dafqa namaa hin nyaatiin rabbi dachaa godhee si Adaba.


@OROMOTOO
@DEDRORO
@HARARGETUB
"Qabsoon oromoo Kan guddate dhiiga ilmaan Oromootiin malee gumaata alagaatiin miti.Alagaan funyaan dhaabeef qabsoon oromoo hin quucaru."

Jawaar Mohammad
#BoongaaYuuniversitii

Filannoo biyyoolessaatiin walqabatee Waxabajjii 10-17 yeroo boqannaa ta'a.
Qormaata Miidii booda hojiin baruufi barsiisuu idilee kalendarii bu'uura godhachuun kan itti fufuufi filannoodhaaf yeroo torban tokko hafe qofa barataan fedhii qabu deemee filannoo irratti hirmaachuu danda'a.
Barattoonni haaraan(fresh) Waxabajjii 28-30tti Mooraa ni seenu jedhameera!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA
📡CHAANALII📡
@OROMOTOO
#YuuniversitiiArsii
Yuuniversitiin Arsii Waxabajjii 7-20/2013 Yuunivarsiitiin gosa tajaajilaa kamuu waan hin kennineef Waxabajjii 7 irraa eegaltanii barattoonni gara maatii keessaniitti akka deebitanu beeksisa guyyaa harraa ba'een akeekkachiiseera!
t’s been 315 days since Hachalu’s assassination & 314 days since over 50 thousand Oromo political prisoners have been unlawfully detained.
FREE THEM ALL!
# FreeAllOromoPoliticalPrisoners
# StarvingForJustice
# OromoProtests
# JusticeforHachaluHundessa
# Plus178candidatesbehindbars
# FreeColonelGemechuAyana
# FreeJawarMohammed
# FreeBekeleGerba
# FreeAbdiRegassa
# FreeKennasaAyana
# FreeDejeneTafa
# FreeMichaelBoran
# FreeMeleseDirribsa
# FreeHamzaBorana
# FreeShemsedinTeha
# FreeLammiiBeenyaa
# FreeDawitAbdeta
# FreeYohannesGerba
# FreeDararYohannes
# FreeBatteeUrgessa
# FreeSulxaanSoleeman
# FreeAduulaaBaqqalaa
# FreeTakiluuGammachuu
# FreeBilisummaaMulataa
# FreeJimaaNagoo
# FreeFayyeeraaGuluu
# FreeBadhaasaaFarajaa
# FreeGaaddisaaBaqqalaa
# FreeWoldu
# FreeShamsaddiin
AND MANY MORE
#Waan_barbaaddurraa_ijakee_hinkaasiin!
~~~~
Fakkii sammuun qalamasaan kaasee of keessaa qabu agartuu yaadaan ilaaluun, shaakala guyyuu namoota kaayyooti.
Namoonni kaayyoo, warreen galma isaaniif mudhii hidhatanii manaa bahan, yeroo hundumaa ijasaanii galmasaanii irraa hinkaasani. Isaan warreen addaati; warreen kaayyoof jiraatan malee, warreen laayyoo miti. Eeyyeen, isaan jara addaati!

Maarree atis yaa nama kaayyoo, waan barbaadduurraa ijakee hinlibsatiin; waan ilaalaa jirtus argachuuf sirriitti dhama'i. Kan ati argachuuf dhamaa'aa jirtu sun, isuma ati argaa jirtu sanadha; waanuma dursitee itti abjoottee dhugaa gochuuf jirta; waanuma dura bocasaa sammuu keessaa qabdu, fakkeettiisaa ganamaa galgala addunyaa sammuukee keessatti argaa jirtu sana argachuuf jirta. Guddaa mil'atee xiqqoo, xiqqoo mil'attee guddaa argatta osoo hintaane, hammuma isa sammuukee keessatti argaa jirtuu sana argachuuf jirta. Isa argaa jirtu sana irraa maaliif ijakee kaastaree? Harka hinkenniin malee!

Hin dagatiin! Hammi ati ijakee galmakeerra kaawwattu, hammantaa dandeettii fakkii kaasuu sammuukee irratti hundaa'a. Xiyyeeffannoo guddaan ati galmakeerra gootu faayidaa hedduus siif hiixata. Eeyyeen, aangoo waa uumuu sammuu dammaqsa, xiyyeeffannaa daraan dabala, nama dabalatee waantota fiixaan ba'insaaf nama gargaaranitti nama firoomsa, sammuunis si'aayaa akka ta'u godha. Sammuun si'aayemmoo, galmaan nama gaha. Galma geesse jechuunis, waan addunyaa sammuukee keessaa harkaan qabattee jirta. Kana caalaa waanti nama gammachiisu hinjiru. Gammachuu dhugaadha! Kanaafuu, dandeettii dirree sammuu keessatti waan barbaaddu mil'achuukee cimsadhu.

Galma ofii mil'achuun waan fedhan sana harkaan akka qabatan nama gochuu keessatti gahee hintilmaamne qaba. Adeemsi galma ofii ittiin mul'atanis burjaajessaa miti, salphaadha. Kanaafuu, wanti gochuun sirra jiraatu ofitti dhiyeessitee galmakee mil'achaa yeroo hundumaa akka isa dhumatee harkakee jiruutti deddeebi'uudha.
Fakkeenyaaf: Mana jireenyaaf hawwataa ta'e tokko ijaarrachuuf deemta haajennu. Manni kun isuma ati ammaan kana dirree sammuukee keessaa qabdudha waan ta'eef mil'achuu hindhiisiin. Hurrii yaadaa of jalaa bakka dhabamsiisiitii, achii as ofitti dhiyeessii mee manicha ilaali. Yommuu ilaaltu, karra manakee kanaa kaasee hanga biqiloota mooraasaa keessa dhabamanii jiran, akkaataa kamiin akka ijaaramee kaasee hanga hirama keessa isaatti sitti argama. Bakka meeshaan garagaraa taa'u, bakka ciisichaa, bakka taa'umsaafi keessummaan buufatu, manakee ijaarrachuuf jettu keessaa sitti nimul'ata. Bakka dhaqna itti dhiqatan, bakki mana fincaaniifi kanneen biroon sitti argamu. Kun hundi agartuu yaadakeetiin dirree sammuukee keessaa sitti mul'achuu kan danda'anidha.

👉Hurrii yaadaa of jalaa kaasi. Kan ijakee qabe of jalaa dhabamsiisi. Keenyan akka ati fagootti hinargine si godhu san of jalaa buqqisi. Gufuu kayyookeetti abidda qabsiisi. Kunneen summii siif kaayyookee gidduuti! Gufuu kana bakka dhabamsiifnaan, yeroo hundumaa ijjikee iddoo waan barbaaddurraa gara bira hinmul'atu. Gufuun gubate sun karaarraa sii ka'uu qofaaf sin fayyadu; yeroo gubatu anniisaa ifaa siif kenna; qaqqaammattees ittiin qorra dabdee galte ofirraa dhorkita. Eeyyeen, gufuu jireenyakee dhabamsiisi malee bira hindarbiin.
👉Ijjikee galmakeerra haata'u! Kun taanaanimmoo, yoo kuftellee iddoo kufte sanatti ijjikee miidhama kufinsakee osoo hintaane, iddoo deemuuf manaa baaterra jira. Yoo arrabsamte waa'ee arrabsoo miti kan sitti mul'atu; gammachuu isa argachuuf deemtu argachuuti. Beelli si hindhaabu; anniisaa isa argaa jirtuutu fuulduratti si oofa. Garuu waan harkaan qabachuuf hiixatterraa ija kaafnaan, hallayyaafi gufuu hedduutu karaakeerra ija sitti babaasa, waan hedduutus si qabata. Qabees si hingadhiisu. Ati namni kaayyoo, nama laayyoo taatee hafta. Kanaaf furmaanni, xiyyeeffannaakee waan barbaaddurra gochuudha.
~~~

Waan barbaaddurraa ijakee hinkaasiin!


©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2021
Adaree biyyoo, Orofrikaa
~~~~
@Oromotoo
@Dedroro
@Harargetub
“Dhugaa Oromoo karaa dhugaa qofaan!” Jedhe leencichi! Dhugaan keenyayyuu kumaa kitilaan sagalee dhabee gaaraa fi laga ciisee jira. Galaana dhugaa osoo qabnuu, dolool’oo sobaatin wal hinburjaajessinu! Haqa qabna, ni falmanna, ni moona! Eeyyee dhugaa Oromoo, karaa dhugaa qofaan!💯
MADDA BEEKKUMSAA🌳
Photo
“Bada Bakar Waaree yaa ba’eessa nama,
Osoo si deessee haatee marraa lama” …

EENAA BAKAR WAAREE Lolli Calanqoo lolaa ittisa imala gabroomfattoota nafxanyaa ture. Lolli kun Amajjii 6 bara 1887 humna Minilikiin hogganamuufi ummata Oromoo, Oromiyaa bahaa jiraatan kanneen gooticha Bakar Waaree tiin hogganamu giddutti taasifame. Bakar Waaree kan dhalate Aanaa Jaarsoo bakka Laga Mixee jedhamutti. Bakar Waaree gumii bultumaa tan Raabaa fi Doorii Bareentummaa Addeellee maadheftattee Fugug bulchitu keessatti qondaala guddaa Birmajii yeroo sanaa ture. Keessattuu dhaddacha mooraa Fugug tan teessuma man-bultii gorguddoo kudha lamaan Alaa: Nuunnu, Meettaa,Diiramu, Goollo, Buubbu, Abbay, Galaan Abbaadho, Ere, Kaako, Arroojjii, Gutayyu keessatti haala sochii siyaasaa fi hawaasummaa irrattii addaa durummaadhaan murtii (hoggansa) kennaa kan ture.

Gootichi kun nama cimaa gootummaa, hayyummaa fi dandeettii hoggansaa jalqabummaan horatee ture. Gootichi kun seenaa fi faaruu Oromoo keessatti bakakyyuutti faarfamaa jira. Fakkeenyaaf, warrii dubartootaa (haawwan) eenyummaa gooticha kanaa ibsuudhaaf helle keessatti akkas jedhanii faarsan:-

“Bada Bakar Waaree yaa ba’eessa nama,
Osoo si deessee haatee marraa lama” …
Warrii dhiirootaa immo dhiichisa keessatti akkas jechuun faarsan:-

“Innaawaa gamnummaa dubbiin jalan galtuu,
Yoo arjummaa taatees dhaabbee biraan galtuu,
Gootummaan duranii roorroon ittiin galtuu,
Bakariin tuttuqaan killee dhagaan loltuu”
Bakara Waaree, seenaa qabsoo Oromoo keessatti waan hedduun yaadatama. Keessayyuu, Oromootni Oromiyaa Bahaa keessa jiraatan ilmaan ykn ijoolleen Qalloo afran /afran Qallo/ jachuuniis(Daga, Oborraa, Baabbile, Ala) fi ijoolLeen Anniyaa sadachaa fi kodheellee lola weerartoota nafxanyaa ofirraa ittiisuuf godhamu irratti hogganaan waraana saba Oromoo(murti guutoo) eenyu akka tahuu eega marii godhatan booda abbaan duula kan isaan hogganu akka Bakar Waaree tahu filatan.

Mariin kun kan taasifame eega ergaan miila qallaa Abbaa Gadaa yeroo sanii Wadaay Galmoo Kormoosoo irraa mooraa fugugitti isaan geesse booda ture. Fillannoo kana irrattiis sooreeyyiin beekkamoon gosoota bakka bu’an kan argaman yammuu tahu isaaniis Anniiyya irraa Hargaaya, Afran Qalloo irra, Wedaay Galmoo Kormoosoo, Orfoo, Katabee Wadaay Dugaa fi Mareenyi yommuu tahu kana keessahiis Hargaayaa fi Wadaay Galmoo Amiir Abdulaahii(amiira adaree) waliin tahanii haala walii gala waraana kanaa akka hogganan gaafatan.Tahuus Amiirtichi tole hin jenne. Sababniis yeroo sanatti Amiirtichi Abbaa isaa Kan deeggarsa oromoo qabu mootummaa Gibxii waliin angoo irraa fonqolchee gara angooti dhufuun isaa yeroo xiqqoo waan taheef haala waliigala waraana sanii hogganuu hin dandeenye.

Adeemsa qophii leenjii waraanaatiin wal qabatee gareen waraanaa ykn loltootni weerartoota nafxanyootaa kanan loluuf qophaa’aniis bakka sadiitti qodamu. Isaaniis:-
=> Gareen tokkoffaan Garee murtii guutoo jedhamu yammuu tahu gareen kun akkuma maqaa isaarraa hubannutti garee isaa ol’aanaafi hanga murtiin isaanii guutamuufittii humna diinaa dura dhaabbachuun kan falmatu jechuu dha. Garee kanaafiis leenjiin kennamu baayyee cima jedhamee himama fkn waraanaa(eeboo) fi gaachena qabatanii farda yaabbatanii arihuudhaan osoo fardii fiigaa jiruu farda garaajala naannahuudhaan hiddii lafaa akka kaasan gochaa leenjiin kennamaafi jedhama.
Hogganaan waraana murtii guutoo Bakar Waareetiis leenjii garee kanaa waliin akka fudhate himama. Iddoon leenjiin itti kennamaafii turees Aanaa gurawaa raada yaayyaa bakka gambeella jedhaamutti fi fiinxee gara mul’ataa bakka dabbaal mootii gaaraa jedhamtutti nama maqaan isaa lallabaa lihoo jedhamuun akka leenjiifaman himama.

=> Lammaffaan, garee Raaree jedhamtu yammuu tahu gareen tuniis akkuma garee murtii guutootti tan fardaan leenjite taatullee leenjiin garee kanaa kennamu akka leenjii garee murtii guutootiif kennamuttii cimaadhaa miti jedhama. gareen kuniis leenjii iddoon itti fudhate Aanaa Gurawaa naannoo rakkoo barzaalaa bakka raaree
jedhamtuttii yammuu tahu leenjiisaan garee tanaatiis Riyyaa jedhamuun beekkama.

=> Saddaffaan, Garee qeerroo jedhamtu........
Kutaa 2ffaan ittii fufaa.......
Share share godhaa.
#QERROO_MEDIA
👇👇👇👇
@OROMOTOO
@OROMOTOO

@DEDRORO
@DEDRORO
Injifannoon lola Adwaa oromootani !!!
Lola bara 1896 xaaliyaniifi minilik jidduutti gageefameratti kan shoora
guddaa tabatee lolttoota oromoo warreen fardootti.
Suura kana daawwadha .
*Oromo Calvary.
Photo credit combridge university
htts:// www.repository, cam uk/discover
2024/09/23 01:29:54
Back to Top
HTML Embed Code: