Telegram Web Link
Wixata dabre Wallagga Lixaa, Aanaa Najjoo keessatti dhukaasa banameen namoonni 3 ajjeesaman!

Godina Wallagga Lixaa, Aanaa Najjoo keessatti, Wixata darbe, dhukaasa banameen namootni meeshaa waraanaa hin hidhatin sadii ajjeefaman jedhan, bulchaan Aanaa Najjoo.

Bulchaan Aanichaa Obbo Taliilaa Tarraffa, “Ajjeechaa kana ABO Shaneetu raawwate” jechuun himatan.

Namni bakka sana akka turan dubbatan ammoo, “Waan gamaafi gamanaa dhukaasamaa tureef qaama ajjeese adda hin baafanne” jechuun ibsan.

Kan mootummaan “ABO Shanee” ittiin jedhu, hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromootti, Dubbi-himaan Zoonii Lixaa Bilisummaa Guutaa, “nuti ajjeechaa kana hin raawwanne” jechuun haalanii jiru.
Tigraay keessatti Helikoptarri RIB lafa kufusaa L/Janaraal Baacaa Dabalee dubbatan!

Qindeessaa Damee Ijaarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa kan ta'an Letenaal Janaraal Baacaa Dabalee har'a ibsa waajjira isaanitti gaazexeessitootaaf kennaniin tibbana Helikoptarri Raayyaa Ittisa Biyyaa Naannoo Tigraay keessatti balaliirra osoo jiru lafa kufusaa dubbataniiru.

Letenaal Janaraalichi waa'ee dhimma kana wayita ibsan miseensonni garee ABUT akka waan Helikoptarii kana rukutanii lafa buusan odeessisaa jiran odeeffannoo sobaati jechuun haalaniiru.

L/Janaraal Baacaa ibsa kanaan, "Helikoptara keenya kan isaan rukutanii lafa buusan miti, rakkoo teeknikaa mataa isaatin lafa bu'eera, kun ammoo waan mudatudha" jedhaniiru.
XIYYEEFFANNOO!
-Dhimmi siyaasa Oromoo ammatti dhimma hooggantoota isaati. Dhimmi Jawaar M. fa’aa dhimma agartuu ija Oromoo dhaloota kanaati. Wanti hundi YEROOdhan safarama, yeroodhan madaalama! Ajandaan Oromoo ammatti dhimma JawaarM. fa’aatirra caalu hinjiru.

-Dhimmi Jawaar Mohaammad fa’aa dhimma waa hunda egeree siyaasa Oromoo murteessudha! Hidhaa fi ajjeechan Oromoorratti kallattii maraan labsame, kufaatin diinagdee fi saamamuun mirga lafaa fi Lafee Oromoo marti iccitiin isaa hidhamuu hooggantoota siyaasa Oromoo kana keessa jira!

-Sabni hooggansa hinqabne waan qabu takkayyuu hinqabu! Kaayyon diinota keenyaa inni guddaan saba Oromoo guddaa kana hooggansa dhabsiisudha. Barootafis shira kana itti xiyyeeffatanii hojjatanii ija nu jaamsaa turan!

-Injifannoo fi kufaatii keenya kan murteessu hooggantoota hooggansa keenya. Nuti Oromoon kana beekuu qabna. Dhimmi hooggantoota keenyaa dhimma ija keenyati, dhimma agartuu keenyati.

-Egeree Hiree Oromoo fi Oromiyaa boru murteessuf har’a taatota siyaasa keenyaa hoogg
-Egeree Hiree Oromoo fi Oromiyaa boru murteessuf har’a taatota siyaasa keenyaa hooggantoota keenya wajjin haa falmannu! Dhimma isaanii akka dhimma dhuunfaa keenyatti ilaallee itti gaafatamummaadhan sadarkaa hundatti sagalee keenya isaanif haa dhageessifannu! Karoora jechaa fi gochaadha wal makeen haa falmannu! Dhimmi Jawaar M. fa’aa dhimma agartuu ija Oromootati!
-#FreeJM_and_AllPoliticalPrisoners!-
This is mohammed Deksiso. Jimma University graduate of 2021. Ethiopian security forces arrested him while he was returning to his home after released on bail form prison. His whereabout is unknown still now.
Odeessi keessoo PPtti dhufu akka adeessutti
Damnaqeen Mokonnen MM Ethiopia 🇪🇹 ta'uuf dhagaan inni darbaa hin jirre hin jiru...🙂
Gaafa Obboo Bekele Gerba waa’ee Alagaa
- Irraa hin bitinaa
- Itti hin gurgurinaa
- Woliin hin daldalinaa
- Afaan keenyaan yoo hin dubbanne Hariiroo hawaasummaa addaan kutuudha jedhu ganda #Habashaatii woca guddaatu ka’e.
Maaliif beektu?
Eeyyee ,osoo waan harka qabnu Hubannee biyyi suni akka Sabaati akka miila irratti nuuf sagaddee Waaqa Oromoo Nagayaan nu oolchi,Nagayaan nu bulchi jechisiisuun heddu salphaadha.

Ameerikaatti #BLM Jijjiramaa guddaa fidaa Kan dhufe ummanni gurraachi biyya kanaa humna isaa hubachaa dhufee ,Humna isaa gara Hojiitti waan Jijjiree fi toftaa armaan olii kana waan fayyadameef.

Wonti harkaa qabnu hedduudha. Itti haa yaadnuu!!
# namoonnii kunniin baruumsa ykn qabeenyaa dhabanii miti kan bosona galan,oromummaa qofaf!
Yaa rabbi Jawaar dabalatee warra dhugaaf dhaabatee hidhame mara nuuf baasi, Warra Haqa barbaacha bosona deeme ilmaan Oromoo milkeessi!
Finfinnee keessatti Masgiidni ammaaf maqaa isaa ibsuun hinbarbaachifne tokko kaleessaa fi har’a qofatti deeggarsa Uummata Wallootif gara qarshii 700,000 olii walitti qabe.
-Dhugaa rabbii rakkoo Oromoo kana keessatti deeggarsi hawaasni Musliimaa addatti kaka’uumsa ofiitin kaleessa godhaa ture, har’as itti jiru yoon dubbachuu dhiise cubbuu ta’ee natti dhagaa’ama! Galatoomaa!

@DEDRORO
@DEDRORO
INTERNEETA FI BIYYA CHAAYINAA.
Bara 2015 dura
))))))**((((((
* Bara 2015 tti Namooni biyya chaayyinatti Intarneeti fayyadaman ummata America harka lamaan walqixa.

Biyyatiitti Namoota mil 640 oltuu Interneti fayyadama.

*Biyyii chaayinaa iddoo yaala namoota haraaraa fayyadama interneeti(Internet addiction) qabanif qophaahe qabdi.

Namoota biyya chaayinaatti Internet fayyadaman harki 80% dargaggoota umrii 10-40 jidduuti.

Jiddu galeesaan biyya chaayinatti kaardii mobaayila itti fayyadama interneetiif guutamu ji'aan 800$ million (Qr. 42,400,000,000) yoomu tahu Secondii tokkotti ammoo $300 (Qr. 15,900) dha.
HOJII FI DUBBII
____________
→ Gaggeessaan dubbii fi hojiin isaa wal hin fakkaanne namicha mataa moluu, kan qoricha rifeensa biqilchu gurguru ta'a. Daldaltichi ofii mataan isaa moluu dha. Garuu qoricha moluu mataa namaatti rifeensa biqilchu gurguruu barbaada.
→ Namni kuni maammiltoota horachuu ni danda'a jettee yaaddaa? Anaan garuu natti hin fakkaatu.
→ Mul'anni gaggeessaa gara karoora qindataatti (SMART) ol guddachuu qaba.
SMART:
➾ S - Specific (Murtaawaa)
➾ M - Measurable (Safaramaa)
➾ A - Acheavable (Kan Bira gahamu)
➾ R - Reliable (Dhugoomuu)
➾ T - Time bounded (Daangaa Yeroo)


@OROMOTOO
@OROMOTOO
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
Hubadhu

Deemuf dura kee ilaali

Dubbachuuf itti yaadi

Hojjachuuf karoorsi

Bilisoomuf qabsaa'i

Jaalachuuf dursii itti yaadi

Jaalannaan madaali

Jibbitus madaali

Milkaa'uuf moo obsi

Diinaf fira kankee adda baasii beeki

Yoo sitti tole 💚 yookaan 👎
Naaf xuqaa

Admiin channal qunnamuuf 🤝
@Abdetubot

@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
###Wantoota dhiifamuu qaban###

🦋Nama hundumaa gammachiisuu dhaabuu

🦋Jijjiirama sodaachuu

🦋Waan darbe keessa jiraachuu

🦋Humnaa ol yaaduu

🦋Adda ta'uu sodaachuu

🦋Dogoggoruma hundarratti of ceephahuu

🦋Namoota biroof jettee gammachuukee hundasaa balleessuu

🦋An gaarii miti jedhanii yaaduu

🦋Callisanii yaadanii dhiphachuu

#things_to_avoid
@Jechootahayyoota
@jechootahayyoota
Share and join🙏
# Gocha_suukanneessaa
Haadha manaa fi Abbaa Manaa mana isaanii keessatti W/bahaa Saasiggaatti waraanni RIB ajjeesuun dhagahame.
[SQ-Ebla 27/2021]
odeessa bubbulee SQ qaqqabeen Godina wallagga bahaa aanaa saasiggaa magaalaa Gabaa jimaataatti RIB gocha suukanneessaa maatii tokko irratti raawwachuun Mana isaanii keessatti ajjeesuun biraa deemeera.
Aanaa Saasiggaa Gabaa Jimaataatti Guyyaa gaafa 22/04/2021 RIB uummata walgahii waamuun "WBO isintu qallabaa jira,karaas isintu itti agarsiisa "jechuun uummata doorsifnaan namni obbo Ashannaafii Shoroo xiichaa jedhamu sodaa tokko malee dhugaa jirtu waraana Abiyyiin bobbaafamee walgahii isaan baaseef osoo hin jilgeenfatin "WBO yoo ta'e bosona jira dhaqaa achumatti barbaadaa.Nuti uummata nagaa hojjennee dafqinee jiraannu dha maaf nu gidirsitu ?" Jechuu isaa qofaaf halkanuma guyyaa kana mana jireenyaa isaanii cabsanii itti seenuun waraanni guyyaa wal gahii isaan kaayaa ture RIB ajjeesuunbiraa deemaniiru.
1-Obbo Ashannaafii Shoroo fi
2:-Aadde Messelech Fiqaaduu
manuma isaanii keessatti rasaasa itti roobsuun RIB waan gaaffii guyyaa gaafateef halkan ajjeefaman.
Obbo Ashannaafii Shooroo fi aadde Masselecha ijoollee afur walirraa horatanii kan qaban turan.
Maatii fi firoottan isaaniif jajjabina,warra wareegameef ammoo jannata hawwina
Dhiigni isaanii dhangalahe qabsaa'ota bilisummaaf qabsaa'an kumaatamaan biqilcha !
Gumaan isaanii dhiigaan baha !
Ijoollee kana ni yaadattan jedheen yaada. Ijoollee haadhaa fi abbaa daa'imummaan dhaban. Ijoolleen kun mana keessa jiraatan dhabanii dirretti bahanii ture. Oromoon ijoollee kana mana bareedaa argitan kana ijaaranii kennaniifii imimmaan irraa haqan. Saba arjaa!.
Warri mana kana ijaaruu keessatti qooda fudhattan mara rabbiin addunyaa dhuma hin qabne kan isin bira darbitee firoottan keessan mara geessu isiniif haa kennu. Galatoomaa
#Eertiraan_yuuroo_Mil121_dhabde!
-Gamtaan Awurooppaa Yuuroo Miliyoona 121 Eertiraadhaf kennuuf ture biyyoota birootii qqooduf murteessuu isaa beeksisee jira.

-Bu’uuruma kanaanis Yuuroo Miliyoona 18 Buqqaatota Tigraay Suudan keessa jiraniif, yuuroo miliyoona 63 ammoo deeggarsa Mootummaa ce’uumsaa Suudaniif, Mil. 20 ammoo buqqaatota Afrikaa Bahaatif kennuuf har’a beeksisee jira.

-Tarkaanfin itti aanu eenyu biraa fi maalif akka ta’e ifa. Rabbi kanuma caala abbaa Irreewwan dhiiga xuuxoo fi dhiiga dhangalaasoo haa qaanessu. Kan ABIY AHMEDis carraan kanuma!
-Waraanni Suudan ganama har’aa halkan keessaa sa’a 11:00 hanga guyyaa sa’a 4:00tti daangaa Itoophiyaa canse seenun Gondor aanaa Matammaa guutumaan guututti too’achuu isaa bulchaan aanaa matammaa Radio Jermaniif ibsee jira!

-Waraana kanaanis miidhamni qabeenyaa fi lubbuu dhala namaatirra ga’uun ibsameera. Abiyyi ammas ‘Tivrraa Itoophiyaan balaxxagaa jirti” jechaa jira. Ugum🙄 #AbiyMustGo #Abiy_Ahmed_is_a_war_criminal
2024/09/24 05:15:33
Back to Top
HTML Embed Code: