Telegram Web Link
Xalayaa Guyyaan Isaa '01/06/2013' Ta'e Kan 'Komishinii Mana Sirreessaa Federaalaatirraa Bahe' Jedhamee Hafarfamaa Jiru Ilaalchisee Hubachiisa Kenname
Kunoo bulchiinsi mana hidhaa Xalayaan lagannaa Nyaataa soba jedhamee bahe sun qaama hin beekamneen fake (fakkeessaa) akka tahe ifoomsee jira. Jawar faa haala hamaa keessa jiraachuu mootummaan amanuu isaa kuni ragaa guddaadha.
Garee IJOOLLEE OROMOO JOIN godhaa hiriyyoota keessanis INVITE godhaa!
👉 @VIPOFFICIA
Nama 20 Invite yoo goote #Admin taata!
@VIPOFFICIA
@VIPOFFICIA
Bara dhugaan dide
Namaaf liqimfamuu
Liqimsuudha dirqiin
Kan fedhe haa dhumuu

Sobniis haa lallabuu
Sagalee ol kaasee
Dhugaa dhabamsiisuuf
Jumlaadhaan ukkaamsee

Dhugaan nama dhabee
Yoo tahees hadiyyoo
Bira numa gaha
Irraan hafu kaayyoo


#Jawar
❤️❤️❤️❤️
Masarat Dhaabaa ganama kana humnootni mootummaa mana isiitii fuudhanii yeroo ammaa kutaa Boolee waajjira poolisii naannoo Kaarraa Maarraatti hidhanii jiru.
@OROMOTOO
Kaarra Miillee
“Kan magaala Assela ganama har'a”
Malkaa Bal'oo.
Mana barnootaa Sad.2ffaa Haramayaa.
“Godina harargee lixaa Aanaa mi'eesso magaalaa mi'eessoo guyyaa har'a hirirri didda gabrumma gaggefamaa jira”.
Ammee:
Jawar fa’aaf doktorri dhuunfaa akka hin seenne dhoorkan. Dubbiin tun shira guddaa of keessaa qabdi. Doktorootni dhuunfaa yeroo irraa yerootti lubbuu isaanii baraaruuf yeroo tattaaffii irra jiranitti mootummaan jara irraa fageessuuf yaaluun Jawar faa irratti shira yaadaa jiraachuu agarsiisa.
‼️ Oduu Ammee ‼️
Haakimoonni Jawaarfaa halkan kana waamamanii hattamaan gara Qaallittii deemaniiru. Maal akka uumame hin beeknu. Har’a waaree booda akka hin seenne dhoorgamanii deebi’uun isaanii ni yaadatama. Amma maal uumamee akka waamaman hin beekne. Rabbi waan gaarii nu haa dhageesisuu!
Oromoo ka'ii hayyoota kee dhaqqabi.

Yaadaaf👉 @QEERROO_MEDIABOT
Oduu Ammee:

Sababni eda doktorri hatattamaan gara Qaallittiitti waamameef, Jawar of dadhabee garaan akka deebisuu godhaa ture. Amma sun irraa dhaabbatus baay’ee kan duraan caala laafuu isaatu himama.

Dajanee Xaafaa, Boonaa Tibbilee, Arafaat Abubakar fi Shamsaddiin Xaahaa hospitaala jiru.

Akkasumas tahee Jawar, Baqqalaa Garbaa fi Hamzaa Booranaa lagannaa nyaataa guyyaa 15ffaas itti fufanii jiru.
AMMEE:
Hiriirri Nagayaa Qeerroon waame guyyaa Sanbata Xiqqaa tahuun beekkame. Guutuu Oromiyaa keessatti hiriirri nagayaa kan waamame.

Dhaadannoolee Dhageessifaman
1. Hidhamtoonni siyaasaa hundii gadi haa lakkifaman
2. Ajjeechaan Hacaaluu nuuf haa qoratamuu! Yakkamtoonnii seerattii haa dhiyaatan!
3. Waajjiraaleen ABO fi KFO haa banaman!
4. Filannoon Oromoon keessa hin jirre Oromiyaa keessattii hin gaggeeffamu!
5. Jijjiirama dhiiga keenyaan fidne dabarsinee hin laannuu!
6. Cunqursaa kaleessaa keessattii hin deebinuu!
7. Filannoo sobaa irrattii Oromoon hin hirmaatuu!
8. Sirni Nafxanyaa nurratti hin deebi’u!
9. Ajjeechaan nurraa haa dhaabbatu!
10. Hoggantoonni siyaasaa nuuf jecha hidhamani! Nuuf jecha dararaman! Nuuf jecha beela’an!
11. Nuy Oromoon tokko, addaan nun qoodinaa! Sobaan nun diiginaa! Gantootaan hin diigammu!
Hiriir Guddicha Qeerroon waamame.
Sanbata Guraandhala 6, 2013 (ALI) Yookan Guraandhala 13, 2021.
2024/09/25 07:17:33
Back to Top
HTML Embed Code: