Telegram Web Link
Dhaadannoo hiriira guddichaa (1)
Ibsa KFO

Lubbuu Miseensotaafi Lammilee Keenyaa Miidhamuuf Mootummaan Itti Gaafatamummaa Fudhata

Ibsa Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) Irraa Kenname

Paartiin keenya, Kongiresiin Federaalawaa Oromoo heera biyya kanatiin hundeeffamee kaayyoosa qabsoo karaa nagaatiin fiixaan baafachuuf kan socho’a jirudha. Imaammati, sagantaan siyaasaafi ejjennoon keenya hawwaasa biratti fudhatama waan qabuuf, bara 2005 irraa eegalee paartiin aangoorra jiru miseensotaafi deeggartoota paartii keenyaa maqaa shoroorkeessa jedhuun xureessee himanna irratti banuudhaan hiraaraa erga turee booda, kan du’an du’anii, kanneen baraaramanimmoo aarsaa Qeerroo/Qarreefi hawaasi keenya kanfalaniin walakkeessa bara 2010-tti mana hidhatii hiikamanii turan.

Yeroo sanarraa jalqabee sirna diimookraasii diriirsuufi Itoophiyaa haaromte ijaruuf abdataa yoo turrellee, walakkeessa bara 2011-tii as tarkaanfii duuchaa Paartiin Bilxiginnaa fudhatuun, nama adamsuun, hidhuufi ajjeesuu isaa irraa kan ka’e caasaan hooggansaafi miseensoti KFO qaama ol’aanaarraa eegalee hanga sadarkaa daka ga’uutti jiran raawwii yakka tokko malee waan hidhamaniif, abddin keenya cooligeera; mirgaafi bilisummaa saba keenyaa kabachiisuuf qabsoo boqonnaa haaraas gaafateera. Kaayyoon hidhamtootaa, miseensotaafi lammiilee keenyaa kan dhuunfaafi paartii qofaa kan hintaane ta’uu kan hubatan miseensotiifi lammiileen keenya, kunoo erga Kora Lagannaa Nyaataa eegalanii guyyootni kudha shanaan darbanii jiru. Lubbuun isaanii sadarkaa balaarra bu’urra ga’ee jira. Akkuma ibsa baasaafi iyyata garaa garaatiin addeessaa turretti, lammiileen kunneen nyaata erga dhaabanii turuurraa kan ka’e miidhaan guddaan qaamaafi saammuu isaaniirra gahaa waan jiruuf, gaaffilee armaan gadii mootummaafi uummataaf irra deebinee dhiyeessuuf dirqamneerra.

1. Miseensoti keenya yeroo amma Kora Lagannaa Nyaataa godhaa jiran, haalli isaan keecha jiran dhibee cimaafi lubbuu isaaniitiif yaaddoo cimaa waan qaqqabsiiseef, mootummaan tarkaanfii lubbuu baraaruu saffisaan fudhatee dirqamasaa akka bahu gadi jabeessinee gaafanna. Lammiileen kunneen deeggarsa wal’aansa fayyaa malu argachuu dhabuun lubbuun isaanii yoo miidhame mootummaan FDRI seeraanis ta’ee seenaadhaan itti gaafatama.

2. Mootummaan FDRI miseensotaafi lammiilee keenya himannaa sobaatiin hidhaman haal-duree tokko malee akka hiiku cimsinee gaafanna.

3. Guutummaan Ummattoota Itoophiyaa, keessattuu Sabni Oromoo akkasumas Hawaasi Addunyaa dhumaatii uummata biyya keenyaa irratti duumessaa’ee jiru tooftaa garaa garaatti fayyadamuun akka dhaabuuf dhiibbaa gochuun, mootummaan tarkaanfii badii fudhataa jiru akka dhaabu paartiin keenya qabsoo mirgaafi bilisummaa godhaa jiru akka dhugoomuuf cinaa akka dhaabbattaniifi akka deeggartan waamicha ulfinaa isiniif gooneerra.

Qabsoon Nagaa uummataan godhamu ni mo’ta!
Kongiresii Federaalawaa Oromoo (KFO)
Finfinnee: Guraandhala 5, 2013
Dhaadannoo hiriira guddichaa (2-4)
Dhaadannoo hiriira guddichaa (5-10)
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Hiriira Mormii Arsii Lixaa Gadab Hasaasa.
Ergaa Ariifachiisaa:

Warri amma dura hardkoorii jedhamtanii hidhamtanii turtan halkan kanaaf bakka jijjiiradhaa karaa irraa maqaa.
Akkana Tokkummaan!

ABO fi KFOn har’a ibsa baasaniin hiriira nagayaa boru (Sanbata Xiqqaa) waamame deeggaran. Mootummaan Hiriirtota irratti miidhaa akka hin geessine akeekkachiisan. Hidhamtoota lagannaa irra jiran rakkoo isaan mudattuuf itti gaafatamni kan mootummaa tahuu himan.
Bilxiginnaan hiriira waamame jeequuf duula qulqulleessuu waamtee mitii? Rakkoon hin jiru! Tarsiimoon deemna! Qeerroo fi Qarree, haraa qabadhaa bahaa. Isaan fakkaadhaa. Nutis gabrummaa qulqulleessina. Inumaayyuu haala nuu mijeessan. Magaalaa qulqulleessina jedhaa yoo isin gaafatan. Achumaan sagalee keessan dhageessifadhaa!
AMMEE:
Obbo Baqqalaa Garbaa baay’ee laafee haalli inni keessa jiru kan sodaachise tahuu irraa kan ka’e akka hospitaala geeffamu gaafatamus manni hidhaa akka hospitaala hin geeffamne dhoorkee jira.
Hubachiisa:
Qeerroo fi Qarree,
Viidiyoo waraabuu fi suuraa kaasuun baay’ee barbaachisaa tahuu hubattanii haala mijeeffachuudhaan bifa isin hin saaxilleen sochii boru gootan suuraa fi viidiyoo waraabdanii erguu hin dagatinaa.
Nama akkanatti qabsoo hogganee aangoo irratti isaan baase har’a gananii hidhan. Ummatni Oromoo hogganaa isaa wareegama kamuu kafalee baafachuu qaba.
Hubachiisa:
Hiriira yeroo baatan haguuggii afaanii (Mask) godhadhaa!
Duula Gabrummaa Qulqulleessuu
2024/09/25 05:21:00
Back to Top
HTML Embed Code: