Telegram Web Link
Suudii Dheeraa ammas hidhamee jira. Suudiin warra dhihoo sababa halluu keelloo uffataniif hidhamanii hiikaman keessaa tokko. Gaafa hidhame sanis nama 4n qorataa turan.
AMMEE Qaallittii:
Jawar faa har’as guyyaa 5ffaaf nyaata fudhachuu didan. Yeroo maatiin dubbisuuf dhaqanitti Jawar fi Baqqalaan bakka ciisanii ol ka’anii maatii dubbisuu hin dandeenye. Dura Hamzaatu maatii dubbise. Jarris baay’ee laafee akka jirantu mul’ata. Hamzaatu haasawa godhe. “Garaa guuttachuuf miti kan qabaoofneef. Kaayyoo keenya irratti du’uuf kutannee jirra. Nuuf hin yaadda’inaa” jedhee deeme. Akkuma kutaa hidhaatti deebi’een Hamzaanis akka gaggabe Shamsaddiin hime. Sheekkotii fi jaarsoliinis akka achi turanii fi Jawar faa nyaata akka nyaatan kadhachaa turan. Jarri garuu hanga saa’aa kanatti nyaachuu didanii jiru.
Boru hiriira PPn deeggarsa Abiyyiif waamtetu jira. Hiriira kana irratti uffata halluu keelloo uffachuun warra hidhaa jiruuf sagalee tahuun barbaachisaadha. Kana gochuuf dursa akka hin beekamnetti hiriiricha keessatti makamuu barbaachisa. Tiishartii keelloo jalaan uffattanii jaakkettii/uffata biraa gubbaan uffattanii hiriiricha keessatti makamuun booda jaakkettii ofirraa baastanii uffata halluu keelloo yoo mul’iftan hiriiricha gara ‘Oromo Yellow Movement’ tti jijjiirtan jechuudha. Kana ammoo gurmooftanii hedduminaan akkas goonaan bu’aa guddaa qaba.
Kol. Gammachuu Ayyaanaa akkana jedhe
Oduu Ammee:
Warra Qaallittii Jawar faa dubbisuu deeman yeroo ammaa poolisiin qabamanii hidhamanii jiru. Dubbiin Qaallittii hammachaa jirti. Warra hidhame addaan baafadhee isin hubachiisa.
Qaallittii:
Maatiin Jawar faa laaluuf Qaallittii dhaqanii hidhaman kan maqaan isaanii na gahe, Ibraahim, Mohammed fi Haydar dha. Hordofee isin beeksisa.
Hubachiisa:

Uffata keelloo uffattanii mana hidhaa Qaallittii dhaquun ammaaf akka hin barbaachifne wal hubachiisuun barbaachisaadha. Hidhamtoota mana hidhaa Qaallittii ilaaluuf yeroo deemtan uffatuma biraa uffadhaa. Garuu bakka biraatti keelloo uffattanii hidhamtoota siyaasaaf sagalee tahuun itti fufuu qaba. Galatoomaa!
Walii dabarsaa!
Warri reefu Qaallitti irraa qabaman Suudii Dheeraa, Haydar fi kan biroo martinuu hiikamanii jiru.



maddi////ferhanabdulselam
Namoonni yaada keessan nuf kennaa jirtan galanni keessan guddadha!

yaada fi taatewwan naanno keessanitti ta'aa jiruu hatattamaan nuf ergaa
#galatoomaa!

Kanaan nuf ergaa
👇
@QEERROO_MEDIABOT

#QEERROO MEDIA


yaadni Keessan Nuu Ijaara Nu Cimsa yaada Keessan Karaa @QEERROO_MEDIABOT irrattii nuuf kennaa.

@QEERROO_MEDIABOT.
galatoomaa
Forwarded from JAARRAA ABBAA GADAA (Qerroo Media)
Obsaa Abdiisaan irra-deebiin hidhame!

Ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaa booda hidhamee, hidhaa baatii jaha booda guyyoota muraasa dura mana hidhaatii kan hiikame barataa Obsaa Abdiisaa guyyaa har'a meeshaalee akka Laaptooppii, Moobaayilaafi waraqaa eenyummaa dabalatee ragaalee isa barabaachisan poolisii harkaa fudhachuuf gara waajjira Koomishiinii Poolisii Oromiyaa magaala Finfinnee naannoo Laanchaatti argamu deemuun fudhatee yeroo bahuuf qajeelu "si barbaanna" jedhame akka hidhame hiriyyaasaa Wabii Burqaa fuula FB isaarratti ibseera.

* Dhimma kana ilaalchisee waan haaraa yoo jiraate kan isin biraan geenyu ta'a.
Oolmaa Dhaddachaa Jaal Abdii Raggaasaa

Jaal Abdii Raggaasaa har'a mana murtiitti dhiyeessanii turan. Abbaan Alangaa waan manni murtii guuttaadhaa kootta jedhe yeroon nu hanqate jechuudhaan yeroon dabalataa nuuf haa kennamu jedhe. Haaluma kanaan Manni Murtichaa beellama gaafa 28/05/2013 tti beellameera.

Jaal Abdiin kanaan dura dhaddacha tokkorratti

"Ani hidhamaa siyaasaati; dhimmi kiyyas murtii siyaasaa barbaada waan taheef anas dadhabsiiftanii ofis hin dadhabsiisiinaa gaafuma fixattan na waamaa" jedhee ture.

Abbaan Alangaa dhimma tokkorratti ragaa yoo hin arganne tahe manni murtii karaasaatiin murtii barbaachisaa kennuu ni danda'a. Wanti adda ta'ee nama ajaa'ibu ammoo himanni Jaal Abdii Raggaasaa inni tokko hariiroo waraanaa kan gaafa Addi Bilisummaa Oromoo waliigaltee araaraa bara 2018 godhameen dura Mootummaa ADWUI/EPRDF waliin qabaacha turefaa of keessaa qaba.

Maddi: GAHSO
Garee IJOOLLEE OROMOO JOIN godhaa hiriyyoota keessanis INVITE godhaa!
👉 @VIPOFFICIA
Nama 20 Invite yoo goote #Admin taata!
@VIPOFFICIA
@VIPOFFICIA
Ethiopian grade 12+1 students need justice........! help them by making your profile picture to those photos
DID YOU KNOW - LIFE FACTS.
.
1. Be very selective when it comes to choosing friends. People now a days don't know the true meaning of friendship and loyalty.
.
2. Know your worth. Know when you have had enough. And move on from the people who keep ruining your happiness.
.
3. What comes easy, will not always last. And what will last, will not always come easy.
.
4. Letting go is never easy, but sometimes it's necessary.
.
5. You don't need to waste your time on someone who only wants you around when it fits their needs.
.
6. Stop crying over yesterday and start smiling for tomorrow.
.
7. Find someone who wants you as much as you want them.
.
8. In life, there are some people you're going to have to lose in order to find yourself.

@DEDRORO
@DEDRORO
@HARARGETUB
Heerri Mootummaa Kewwanni 90:2 ፡፡👇👇
"Barnootni qixa kamiinuu dhiibbaawwan amantaa,ilaalchota siyaasa fi aadaa irraa karaa bilisa ta'een adeemsifamuutu irra jiraata!" 👇👇

Justice for Ethiopian students
Harargee Bahaa aanaa Meettaa naannawa magaalaa Calanqoo iddoo Duuse jedhamutti Bilxiginnaan barattoota Oromoo hedduu dirqamaan gama hiriiratti oofa osoo jiranii konkolaataan gara galuudhaan lubbuu barattoota Oromoo 47 dabruun kan mirkanaa’e yoo tahu lakkoofsi barattoota du’anii dabalaa jira. Kan du’an 60 ol taheera odeeffannoon jettu kan hin mirkanaahinis dhagahamaa jira.
Barattoota Calanqotti sababa hiriira Bilxiginnaa balaan irra gahe suuraan
Jawar faa boru beellama mana murtii qabu. Lagannaa nyaataa guyyaa 7ffaarra jiran waan taheef yoo dandayan boru beellama mana murtii irratti dhiyaachuu hin oolan. Dhaddachi boruu banaadha. Kanaaf namootni Finfinnee jiran uffata keelloo uffachuun Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Lidataa jirutti argamanii dhaddacha hordofuu danda'u. Akkuma beekkamu namoonni uffata barbaadan uffachuun mirga isaanii akka tahe manni murtii hayyameera. Irratti argamaa. Hayyoota keessan jajjabeessaa. Namni argamee hangi seene seenee kan hafe yoo galmi guute nagayumaan deebi'ee bahuu qaba.
2024/09/25 17:24:42
Back to Top
HTML Embed Code: