Telegram Web Link
Sibhat Naggaa kan amma dhuma irratti akkanatti salphate kun nama TPLF hundeessee fi jara keessaa nama hunda caala sodaatamu ture. TPLF keessatti Mallasaa olitti kabajama. Yakka TPLF raawwataa turte namni adda dureen karoorsaa ture nama kana. Aboy (abbaa) TPLF fi OPDO ture. Cubbuun nama irratti dalagan ni turti malee nama hin dhiiftu.
Fayyaa Qaama keessanii sirriitti eeggachuuf
Ciree haalaan sirriitti nyaadhaa
Laaqana giddu galeessaatti.
Irbaata immoo xiqqeessaa nyaadhaa
OKKOTEE

Icciitiif waan ifaa
dhoksaan abba fedhee
Si keessa buleetu
An dhugaadha jedhe

Si da'eeffatteetu
Hunduu wal fakkaaata
Mana si godhatee
Sobnis nama nyaata

Ilaamee huubbookoo
Kan garaankee yabbuu
Kan mudhiinkee geengoo
Kan gurri wal darbu

Gaariif gadhee sana
Isa keessa garaa
Hubachuu dadhabnee
Ciigoof dubbii baraa

Yoo feete ni dhugda
Yoo feetes ni nyaatta
Yoo feetemmoo suuta
Kan keessakee baatta

Yooma dhangalaate
Malee yaa okkote
Dhugaaf dharakee san
Maaltu hiikee boqote??

AbdiMegersa

@OROMOTOO
@OROMOTOO
Beellamni Mana Murtii Jawar fi Baqqalaa faa ifataan Kiibxata dhufu Amajjii 12, 2021 tti. Mormiin sadararkaa duraa abukaatota isaanitiin kan dhihaatu taha. Odeeffannoo jiru hordofee isin biraan gaya.
Audio
Jaal Marroon an hin duune kunoo jira jedheera https://www.tg-me.com/ferhanabdulselam
Beellamni mana murtii Jawaar faa boru ganama. M/M/O Federaalaa Lidataatti argamutti gaggeeffama. Dhaddachi banaadha. Namni barbaade yeroodhaan argamee dhaddacha hordofuu danda'a.
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Yeroo Abiy waa’ee Jawar akkana jechaa turee amma Jawar hidhee irra taa’u... https://www.tg-me.com/ferhanabdulselam
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Xilahun Yaamii ajjeechaa Hacaaluun walqabatee iccitii guddaa baasee jira. Konkolaataan Hacaaluu ajjeesuuf ittiin dhufan kan mootummaa gabatee ET-04343. https://www.tg-me.com/ferhanabdulselam
#OromiaDevelopmentAssociation

Barattoota Mana Barumsaa Bultii Addaa, Waldaa Misooma Oromiyaa dorgomanii galuu barbaadanif.

WMO barattoota qorumsaa bara 2012 kan sababa COVID-19'n dheerachuum bara 2013 qoramanii firii gaarii galmeessisaan wal dorgomsiisuun ni simataa.

Waldaa Misooma Oromiyaa barattoota haaraa dorgomanii bara 2013 mana barumsaa bultii addaa galuu barbaadaniif ulaagalee isaan guutuu qaban ifoomse.

Haaluma kanaan

1) Dhiiraaf qabxii giddugaleessa Avereejii %89 fi isaa ol barattoota galmeessisaan,

2) Dubaraaf qabxii giddugaleessa ykn Avereejii 87 fi isaa ol barattoota galmeessisaan akka ta'ee waldichii beeksiseera.

Galmeen barattoota dorgomuu barbaadani kan gaggeeffamuu Wajjira Barnoota Godinoota Oromiyaa fi Magaalaa Finfinneetti manneen barnootaa Afaan Oromoon barsiisaanitti akka ta'ee ibsameera.
Xilahun Yaamii har’a waaree booda bakka duraan itti hidhame irraa fuudhanii bakka hin beekamne geessanii jiru. Xilahun Yaamii iccitii baasuu isaatiif akka ajjeefamuu danda’u himee ture. Hordofamuu qaba.
Manni murtii, har'as irra deebiin, J/Mikaa'el Faa akka gadi-dhiifaman ajaja dabarsee jira. Asiin dura, Ajaji akka kanaa yeroo sadi kennameera. Kun afraffaadha. Manni Murtii ajaja baasu kabachiisuu hindandeenye! ~ Qondaala ABO Battee Urgeessaa irraa
Abbay Tsaayyee fi Siyyum Masfin ajjeefaman jedhan. Bara “likkiitti isin galchina” jedhe san kuni itti hin mul’atu ture. Dhiigni ilmaan hiyyeessaa garuu nama hin dhiisu. Booddeen abbootii irree salphinaan addunyaarraa galuudha. Namni waan gaarii hojjate garuu yoomuu ni faarfama.
Oduu Ammee: Kol. Gammachuu Ayyaanaa eda (Jimaata halkan) mana hidhaa Qaallittii geessan. Baay’ee miidhamaadha. Akka malee huqqatee jira. Nama nyaata argachaa ture hin fakkaatu. Nyaataan adabamuu hin oolles jedhamee shakkama. Yeroo ammaa kutaa Dajanee Xaafaa itti hidhamee jirutti makanii jiran.
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
GORSA 6FFAA

《1》Nama haasaa keetif gatii hin kennine jalaa cal jechuun deebii sirriidha. Kanaaf nama yeroo baay'ee haasaa keetiin barsiisuf dhamaatee garuu haasaan kee bu'aa buusuu dide, al takka takka immoo callisuun kee isa barsiisa waan ta'eef calluma jedhii usi!

《2》Namatti iccitii kee himuu keetin dura sirritti irra deddeebi'i itti yaadi! Sababni isaas har'a inni michuu kee fakkaatu boru deebi'e diina sitti ta'uu danda'a waan ta'eef.

#Galmadhugaa

https://www.tg-me.com/joinchat-SzrzXBiDiku9bKzH
Rakkoo baay'ee turanii dhangalaasuu yeroo wal-qunnamtii saalaa dhiiraa(Delayed ejaculation)
Gaaffii kana namoonni muraasi karaa keessaa na gaafattanii turtan.
Akkuma beekamu yeroo wal qunnamtii saalaa yeroon inni sirrii(normal) dhiirri tokko sanyii dhiiraa(ispeermii) dhangalaasu daqiiqaa 1 fi isaa oli. Darbee darbee namoonni muraasni tasumaa kan hin dhagalaasne yoo jiraatan kaanimmoo walitti fuufinsan daqiiqaa 30 olii booda dhangalaasu. Kanaaf namni tokko tokko walitti fufiinsaan daqiiqaa 30 olii booda turee yoo dhangalaase rakkoo baay'ee turanii dhangalaasuu (delayed ejaculation) ta'a. Taateen kun namoota baay'erratti darbee darbee kan mul'atu tahuu danda'a. Garuu itti fufiinsaan kan itti fufu akkasumas hiriyaan/haati manaa Keessaan kan nuffisiisuu fi isiniinimmoo yaaddoo keessa kan isin galchu yoo ta'e mana yaalaa deemtanii ilaalaamuu qabdu. Dubartoonni baay'eenis akka nuffaniif akkasumas Fedhiin isaanii akka gadi bu'u ni dubbatu.
Rakkoo kanaaf maaltu nama saaxila:-
🍀Rakkoo dhiphuu hamaa
🍀 side effect Qorsawwan dhibee garaagaraa yaalamuuf kennaman kanneen akka qoricha narvii, qorsa dhibee sammuu, dhiibbaa dhiigaa
🍀hariiroo gadi-bu'aa dhiiraaf dubartii gidduu jiraachuu, walii galtee dhabuu
🍀Alkoolii hedduminaan dhuguu
🍀Umurii gara dullumaa
Kanaaf akkuma jenne Taateen kun
*dubartii baay'ee nuffisiisaa, ykn fedhii ishee hir'isa taanaan
*Yaaddoo sammuu dhiira irratti uuma taanaan mana yaalaa deemanii ilaalamuun yaalamuun gaariidha.

#Fayyaa hin dhabinaa

Dr Nafyad Getu!
#share share godhaa
👇👇👇👇👇👇👇👇
https://www.tg-me.com/joinchat-R5ciaYWQTi3bvYFn
Wallaggaatti tajaajilli bilbilaa eegaleera!

Godinaalee Qeellam Wallaggaa fi Lixa Wallaggaatti ji'oota sadan darban oliif addaan citee kan ture tajaajila sagalee/bilbilaa har'a akka eegalee miseensonni 'Gadaa Post' maatii isaani bilbilaan dubbisan eeraniiru. Kanaan dura godinaalee kunneen keessatti tajaajilli bilbilaa akka deebi'u duula miidiyaa hawaasummaa gaggeeffamaa turuunsaa ni yaadatama.
2024/09/27 04:19:52
Back to Top
HTML Embed Code: