Telegram Web Link
Yaada yoo qabaattan ykn waantota foyyessuu qabnu @QEERROO_MEDIABOT fayyadamuun nun gahuu ni dandeessu!
SHare fi invite gochuun nu gargaaraa!! Join us ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@HARARGETUB
@DEDRORO
@OROMOTOO
@OROMOTOO
Ragaan waraanni Eertiraa Masgiida Al Najjaashii haleeluu agarsiisu Gaazexaan biyya Jarman kun akka Muddee 22, 2020 gabaasetti, namoota 81 kan baqatanii Maagiida Al Najjaashii keessa turan waraanni Eertiraa ajjeesuu dubartiin dheessitee duโ€™a jalaa hafte bilbilaan gaazexaa kanatti himtee jirti.
JAAL ABDII RAGGAASAA
Abdii Raggaasaa godina Shawaa Lixaa Dirree Incinniitti bara 1969 dhalatan.
Maqaan dhalootaa isaanii Takluu ture, booda gaafa qabsootti seenan maqaan Abdii jedhu moggaafameef.
Barnoota sadarkaa duraa mana barumsaa Dirree Incinniitti, sadarkaa lammataa ammoo Ambotti baratan.
Barnoota sadarkaa lammataa erga xumuranii booda Kolleejji Poolisii galuun Sandaafaatti barnoota 'Intalajansii' ykn tikaa baratan.
Bara mootummaa Dargii waggaa tokkoof ministira haajaa alaa keessa qondaala tikaa ta'anii dalaganii turan.
Yeroosuma sagantaa barnoota al-idileetiin yuunivarsiitii Finfinnee galanii muummee barnoota saayinsii siyaasaa barachuu eegalan.
Osoo qondaala mootummaa Dargii ta'anii hojjetaa turanii Adda Bilisummaa Oromoo waliin qunnamtii uummachuun, namoota ijaaruu dabalatee hojii adda addaa hojjetaa turan.
Bara 1991 kufaatii mootummaa Dargiin booda guutummaan guutuutti ABO'tti makamuun hanga ABO'n chaartara keessaa bahuutti qondaalaa tikaa ABO ta'uun tajaajilaa turan.
'Zoonii Kibbaa jechuun Abdii Raggaasaa jechuudha'
Bara 1992 ABO'n chaartara keessaa bahuun dura Waraanni Bilisummaa Oromoo zoonii Dhihaa gama Wallagga akkasumas zoonii Bahaa gama Harargee keessa socho'aa ture.
ABO'n chaartara keessaa bahuu hordofuun loltoonni TPLF zooniiwwan lamaan kanarratti xiyyeeffatee waraanaa fi hogganoota ABO adamsuu eegale.
Hoggannoonni dhaabichaa gariin ajjeefamanii, gariin ammoo yoo hidhaman gariin ammoo gara biyya ollaatti baqatan.
Haaluma kanaan Obbo Abdii Raggaasaa bara 1993 biyyaa bahanii gara Naayiroobii imalani.
Erga ABO'n chaartara keessaa bahe bakki waraanni ABO itti gadi of dhaabe Zoonii Kibba lafa Booranaa iddoo Solooloo jedhamutti.
Zoonii Kibbaa kana gadi dhaabuu keessatti ammoo Abdii Raggaasaa nama shoora olaanaa taphate dha.
Namni bara 1993 jalqaba zoonii Kibbaa saaqee bara 1991-92 hogganaa waajjira ABO Nageelle Booranaa kan ture nama Mulugeetaa Baqqalaa Hirphaa jedhamudha.
Namni kun baruma san kan wareegaman. Ergasii booda Abdii Raggaasaa, Olqabaa Lataa fi namoonni kaan gara Soloolootti imaluun Zoonii Kibbaa qubatanii leenjii eegalan.
"Waraanni kun hidhannoos, waan nyaatuufi uffatus osoo hin qabaatiin hamilee itti horee hogganaa waraana kana jiraachisedha jaal Abdiin.
Oromoo Booranaa naannoo daangaa Itoophiyaafi Keeniyaa jiraatu biratti Abdiin nama gootummaan beekamuufi daran jaalatamudha.
Bara 1998 kora hatattamaa ABO'n Moqadishuutti godhateen miseensa gumii sabaa ta'anii filataman.
1998 hanga 2004 miseensa gumii sabaa ta'anii Zoonii Kibbaa turan. Bara 2004 kora sabaa sadaffaa Eertiraa Asmaraatti taa'amerratti miseensa Shanee Gumii [Hojii Raawwachiiftuu] ta'uun filaman.
Bara 2005 gara Eertiraa imaluun hanga 2018 ajajaa waraana Bilisummaa Oromoo ta'anii hojjetaa turan.
Bara 1999 wayita dirree qabsoo zoonii Kibbaa jiran dhukkuba sombaa daran dhukkubsatanii sadarkaa du'aaf of eeguurra gahanii turan.
Yeroos qullubbii adii qorichaaf ta'ullee bitachuuf humna dhabne, qoricha aadaa Booranaa lafa jalaa qotamu Awaachoo jedhamuun akka wayyaa'an himu jaalli qabsoo isaanii gaafas waliin turan.
Ergasii dhukkuba sanarraa guutummaatti akka hin fayyineefi bara 2018 osoo gara biyyaa hin deebi'iin ji'oota muraasaaf wal'aansaaf gara Faransaay deemanii turan.
Maatiin isaanii ammallee achuma Faransaay jiru.
Jaalleen qabsoo isaanii waggoota dheeraa akka waliin turan nutti himanis, "Abdiin akkuma maqaa isaati" jedhu.
"Qabsaa'ota birattis, hogganoota birattis nama jaalatamu, akka hogganaa waraanaatti lolee kan lolchiisu, ajajuu qofa osoo hin taane hojjetee kan hojjechiisudha" jedhu.
Mootummaan Itoophiyaa hogganoota ABO durii kaasee addatti barbaachaa ture keessaa tokko Abdii Raggaasaati jedhu namni kun.
"Humna leenjiifi hidhannoo addaa qabu bobbaasee, akkasumas karaa Imbaasii Itoophiyaa Naayiroobii jiruu yeroo adda addaa hidhuuf yaalii gochaa ture" jedhu.
Jaal Abdiin yeroo ammaa mana hidhaa jiruu
# Free_Abdii_Raggaasaa
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
โค๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡

https://www.tg-me.com/joinchat-R5ciaYWQTi3bvYFn
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
Jireenyi gabaabduu dha. Waan taateef jireenya nama biraa jiraachuudhaan hin qisaasessin.
________________________
๐ŸŒง๏ธ@Jechamoota๐ŸŒง๏ธ

https://www.tg-me.com/joinchat-SzrzXBiDiku9bKzH
๐Ÿ“งinbox jecha jawar ๐Ÿ“ง
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
#jecha_jawar

"Nama Oromoo ganee dabarteef hin argine ka salphate malee"


#jecha_jawar

#QEERROO MEDIA CHANNEL

Yaadaf
@QEERROO_MEDIABOT
Ijoo dubbii Itoophiyaa fi ollaa isii:
โƒ Eertiraan naannoo Tigraay keessa jiraachuu kantiibaa Maqalee (PP) dubbachuun isaa akka Eertiraan lola Tigraay irratti hirmaataa jirtu Itoophiyaan ofirratti ragaa baate. Kan hanga harโ€™aa osoo addunyaan agartu waakkataa turte amma ifatti ofitti ragaa bahuu caala wanti wal dhahu hin jiru.
โƒ Ummatni Suudaan lafa teenya deebifanne jechuun dheengadda hiriira gammachuu bahanii lafa dhiitaa turan. Gama Itoophiyaatiin garuu akkuma callifametti jira.
โƒ Hanga harโ€™aatti Itoophiyaa fi Egypt Abbayaa irratti walii galuu hin dandeenye.
Kaampaanii maqaa GreenComm jedhuun Ameerikaatti galmaahe, gaaza naannoo Somaaleetii baasa jedhee Itoophiyaa waliin walii galtee doolaara Ameerikaa bilyoona 3.6 mallatteessee ture booda kaampaanii odeeffannoo sobaa funaanee marsariitii isaa irra kaayachuun kaampanii cimaa of fakkeessuuf yaale tahuu Quartz Afrika erga gabaasee booda amma walii galteen sun haqamuuf akka murtaaโ€™e gabaafame. Dhaabbatni malaan maallaqa saamuu yaade kun xalayaa liqii doolaara milyoona 100 akka Itoophiyaan barreessituuf gaafatee ture. Sana booda ammoo dhaabbilee gurguddoo addunyaa irraa liqii bilyoona hedduu fudhachuuf karoorfatee ture. Tahullee dharri jaraa dhuma irratti itti beekamee jira.
Buโ€™aan qormaata kutaa 8ffaa naannoo Oromiyaa ifoome

Buโ€™aan qormaata naannoo kutaa 8ffaa naannoo Oromiyaa beekkamuu Biiroon Barnootaa naannoo Oromiyaa beeksise. Qormaatni Sadaasa 30 hanga Muddee 2, 2013tti guutummaa Oromiyaatti kennamee ture buโ€™aan isaa beekkameera. Waraqaan deebii kallattii Oromiyaa hunda irraa Manneen Barnootaa kuma 8 ol-irraa aanaatti, aanaa irraa godinatti, godina irraa BBOtti sassaabamee torban 3 keessatti kenama

@OROMOTOO
@OROMOTOO
#ASTU

Guyyaa har'a Yunivarsiitii Saayinsii fi Teeknolojii Adaamaatti balaa ibidda mudate ture birmannaa hawaasa Yunivarsiiticha godhaniin miidhaa osoo hin geessisiin to'atameera. Sababa ka'umsa balaa kana ammaaf kan hin beekamne yoo ta'u, miidhaa qaama namas ta'e qabeenya hin geessisne.
Dhimma haleelamu masjiida Nashaashii ilaalchisee majiliisi Itoophiyaa maal jedhe?

Masjiidi Finfinneerra kiiloomeetira 790 fagaate magaalaa Wuquroo jedhamtu keessatti argamu kun lola Tigraay keessa tureen haleelamee, keenyan isaa gariin jigee mul'ata.

Akkamiin akka haleelamee fi eenyuun akka haleelame akkasumas miidhaan hagam akka irra gahe wanti beekamu hin jiru.

Dhimma kana irratti kan gaafataman, pireezidantii itti aanaan Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Dr Jeylaan Kadir, dhimmicha dhagahanis garuu bal'inasaa adda baafachuuf hojjechaa jiraachuu himan.

"Haga ammaatti odeeffannoon qulqulleeffanne hin jiru. Waan miidiyaarraa dhageenyuun addatti odeeffannoo biraa hin qabnu," jedhu Dr Jeylaan.

"Koree garas imalee qorannaa gaggeessu qindeessaa jirra. Haga koreen kun achi deemee odeeffannoo guutuu nuun ga'utti kana jennee dubbachuu hin dandeenyu" jedhan.

Mana Maree dhimmoota Islamummaa naannoo Tigraay irraa odeeffannoon akka hin jirres himan.
BBCโ€™nis kunoo dhugaa baase. Masgiida Al Najjaashii kan barbadeesse waraana Bilxiginnaa fi waraana Eertiraati.

โ€œDhaabbatni tola ooltummaa biyya Beeljiyeem mandheeffate Muddee 18 akka gabaasetti [masgiidni Al-Najjaashii] dura barbadeeffameeti booda waraana Itoophiyaa fi Eertiraatiin saamameโ€ jedha BBCn. Namoonni Masgiida kana badii irraa hambisuuf yaaluu isaaniitiin duโ€™uus gabaaseera.
Gaazexeessaan Reuters, Kumarraa Gammachuu gadi lakkifame. Reuters humna waan qabduuf Itoophiyaa itti dhaadattee huutee harkaa fuute. Gaazexeessaa OMN Mallasaa Dirribsaa garuu badii tokko malee kunoo jiโ€™a 6 hidhaa jira.
Namoonni chanela keessaniif member baayyifachuu barbaaddan

Promotion VIP


1000member ---- 150 birr
2000member ---- 300 birr
3000member ---- 450 birr
4000member ---- 600 birr

Karaa @ABDETUOR quunnamuun yeroo gabaabaa keessatti hojjechiifachuu dandeessu.
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
โ˜ž๏ธŽ๏ธŽ๏ธŽ"๐‡๐ฎ๐ฆ๐ง๐ข ๐ ๐ฎ๐๐๐š๐š๐ง ๐๐ข๐ข๐ง๐š ๐จ๐Ÿ๐ข๐ข ๐จ๐Ÿ๐ข๐ญ๐ญ๐ข ๐Ÿ๐ข๐ซ๐จ๐จ๐ฆ๐Ÿ๐š๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ ๐ง๐š๐ฆ๐š ๐๐š๐ง๐๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐ข๐ฌ๐ฎ ๐ฃ๐š๐š๐ฅ๐š๐ฅ๐š ๐ช๐จ๐Ÿ๐š๐š๐๐ก๐š. ๐‰๐š๐š๐ฅ๐š๐ฅ๐ฅ๐ข ๐ฆ๐ž๐ž๐ฌ๐ก๐š๐š ๐š๐ญ๐ข ๐ฒ๐จ๐จ ๐จ๐Ÿ ๐ก๐š๐ซ๐ค๐š๐š ๐ช๐š๐›๐š๐š๐ญ๐ญ๐ž ๐ฒ๐ž๐ซ๐จ๐จ ๐ก๐ฎ๐ง๐๐ฎ๐ฆ๐š๐š ๐ข๐ญ๐ญ๐ข๐ข๐ง ๐ฆ๐จ๐จ๐ญ๐ฎ๐ฎ ๐๐ก๐š!"


#jechootagamna


https://www.tg-me.com/joinchat-SzrzXBiDiku9bKzH
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
โ˜ž๏ธŽ๏ธŽ๏ธŽ ๐–๐š๐š ๐ก๐ฎ๐ง๐๐š ๐๐ฎ๐ซ๐š ๐จ๐Ÿ๐ข๐ข๐Ÿ ๐›๐š๐ค๐ค๐š ๐ฅ๐š๐š๐๐ก๐ฎ ๐ค๐š๐ง ๐ฌ๐ข๐ซ๐ซ๐š ๐ฌ๐ข๐ญ๐ญ๐ข ๐š๐š๐ง๐ฎ ๐ฐ๐š๐š๐ง ๐ก๐ข๐ง ๐ฃ๐ข๐ซ๐ซ๐ž๐ž๐Ÿ!

โ˜ž๏ธŽ๏ธŽ๏ธŽ ๐Ž๐Ÿ ๐›๐ž๐ž๐ค๐ข ๐ค๐š๐ง ๐ฌ๐ข๐ซ๐ซ๐š ๐ฌ๐ข๐›๐ž๐ž๐ค๐ฎ ๐ฐ๐š๐š๐ง ๐ก๐ข๐ง ๐ฃ๐ข๐ซ๐ซ๐ž๐ž๐Ÿ

โ˜ž๏ธŽ๏ธŽ๏ธŽ ๐๐š๐ฆ๐ง๐ข ๐ค๐š๐š๐ฒ๐ฒ๐จ๐จ ๐จ๐Ÿ๐ข ๐›๐ž๐ž๐ค๐ฎ ๐ฃ๐š๐š๐ฅ๐š๐ฅ๐š๐ง ๐ก๐ข๐ง ๐ค๐ฎ๐Ÿ๐ฎ ๐ค๐š๐š๐ฒ๐ฒ๐จ๐จ ๐จ๐Ÿ๐ข ๐ ๐š๐ฅ๐ฆ๐š๐š๐ง ๐ ๐š'๐ฎ๐ฎ๐Ÿ ๐ค๐ฎ๐Ÿ๐š ๐ฆ๐š๐ฅ๐ž๐ž!

ยซยซยซยซยซยซยซยซยซยซยซยซยซยซยซยซโœชยปยปยปยปยปยปยปยปยปยปยปยปยปยปยปยปยป


https://www.tg-me.com/joinchat-SzrzXBiDiku9bKzH
V.ฤจ.Pโคโคโค GROUP
GROUP KEENYA JOIN GODHAA
โˆšBashannanaaf
โˆšAadaa keenya
โˆšseenaa keenya
โˆškolfaa oluuf
โˆšNo Tata just fata
@for_dreamer
Kolfaa galee
โˆšHiriyoota kee affeeri
Channelii
@DEDRORO
@OROMOTOO
"ADD MEMBER" GODHUU HIN DAGATINA
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/vipofficia
#WollegaUniversity

Yunivarsiitiin Wallaggaa akkaataa qajeelfama Ministeerri Saayinsii fi Barnoota Olaannoo baaseen barattoota bara 2012 sababa rakkoo nageenyaatin barumsa addaan kutanii gara maatiitti deebi'an hunda Amajjii 03/2013 registaala muummeetti 'report' akka godhan (akka galmaa'an) waamicha dhiyeesseera.
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
ใ€ŠGORSA 1FFAAใ€‹

ใ€Š1ใ€‹Osoo waa baay'ee qabduu akka homaa hin qabnetti of hin lakkawiin osoo homaa hin qabaatiinis;waa baay'een qaba jettee of hin sobiin.
ใ€Š2ใ€‹Osoo waan baay'ee beekuu qabduu;akka waan hunda beektutti of hin lakkawiin
ใ€Š3ใ€‹Namni baay'een waan deeggareef sobaaf harka hin dhahiin


Ittii fufaa.........
Share share join
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
https://www.tg-me.com/joinchat-SzrzXBiDiku9bKzH
#Hordoftoota Amantaa Kiristiyaanaa maraan baga guyyaa dhaloota Goofta Yesuus Kiristoos isiin ga'ee .

โœจใ€‚ ๐ŸŒŸ
ใ€‚ ๐ŸŽ„ ใ€‚ใ€‚
โœจ ๐ŸŽ„๐ŸŽ„ใ€‚ ใ€‚ โœจ
โœจ ๐ŸŽ„๐Ÿ”ด๐ŸŽ„ โœจใ€‚
ใ€‚ ๐ŸŽ„๐Ÿ”ด๐ŸŽ€๐ŸŽ„ ใ€‚โœจ
ใ€‚ ๐ŸŽ„๐ŸŽ€๐ŸŽ„๐Ÿ”ด ๐ŸŽ„ใ€‚ใ€‚
โœจ ๐ŸŽ„๐ŸŽ„๐ŸŽ€๐ŸŽ„
ใ€‚ใ€‚๐ŸŽ„๐ŸŽ„๐Ÿ”ด๐ŸŽ„๐ŸŽ„ใ€‚ โœจ
๐ŸŽ„๐ŸŽ„๐ŸŽ€๐ŸŽ„๐Ÿ”ด๐ŸŽ„
๐ŸŽ„๐Ÿ”ด๐ŸŽ„๐ŸŽ„๐ŸŽ€๐ŸŽ„๐ŸŽ„
โœจ๐ŸŽ„Happiness ๐ŸŽ„โœจ
๐ŸŽ„ ๐ŸŽ„ And luck ๐ŸŽ„๐ŸŽ„
๐ŸŽ„๐ŸŽ„๐Ÿ”ด๐ŸŽ„๐ŸŽ„๐ŸŽ€๐ŸŽ„
๐ŸŽ„๐Ÿ”ด๐ŸŽ„๐ŸŽ€๐Ÿ”ด๐ŸŽ„๐ŸŽ„๐ŸŽ„
๐ŸŒฒ๐ŸŽ„๐ŸŽ
๐ŸŽ ๐ŸŽ ๐ŸŒฒ๐ŸŒฒ ๐ŸŽ
๐ŸŽ ๐ŸŒฒ๐ŸŒฒ ๐ŸŽ
merry christmas ๐Ÿ’‹๐Ÿ’‹๐Ÿ’‹๐Ÿ˜Šโ˜ƒ๏ธโ˜ƒ๏ธโ˜ƒ๏ธโ˜ƒ๏ธ๐Ÿ’‹
๐Ÿ’‹๐ŸŽ๐ŸŽ๐Ÿ’‹๐Ÿ’‹๐ŸŽ๐ŸŽ

@OROMOTOO
@OROMOTOO
@DEDRORO
2024/09/27 09:36:04
Back to Top
HTML Embed Code: