Telegram Web Link
✍Kana yaadadhu!✍

Hojii ykn adeemsa keetitti hin qaana'in . Yoo kishni kee duwwaa ta'e namni tokkolleen si hin nyaachisu.

Qeeqni(haasawni) keessan daabboo
Naaf hin bitu jedhiinii,
Maal naan je'anii isaanii bira dabri.

@OROMOTOO
@OROMOTOO
Finfinnee Taakkala Uumaa faan bulchan
keessatti Nafxanyaanβ€œα‹¨αˆ€αŒ«αˆ‰αŠ• αŒ¨αˆ­αˆ°αŠ“αˆ αŒ€α‹‹αˆ­
α‹­α‰€αˆ¨αŠ“αˆ"Jechaa oolte. Kan Haacaaluu geessineerra Jawaartu nu hafa jechuu. #Eegaa wanti irra deddeebidhaan
hammeenya sirna Abiy Ahmad nurratti ijaaraa jiruu yeroo haasooynu warreen nu hin amanne amma hoo gurraa fi qalbiin isaanii sanumaa laata? 😒Ati ammallee abiy numa amantaa? ammallee isumarraa abdii qabdaa? Jaalattuus jibbutuus abiy oromiyaa qofarratti humna isaa laallachaa jira,tigraayiif amaaraa sodaadhaaf oliif gaditti raata'aa jira. #Haccee goota san nafxenyaan arra du'a isaatuiin qoosaa jirtii. 😒Ah ni salphanne barana. Odoo keenya jannuu salphisee nu tuffate Abiy #Odoo dhiiyni oromoo bariif barratti dhangala'uu akka nama hin dhageenyee gurra cufatee akka nama hin agarree ija isaa qabatee taa'utti jira ! Haatii ilmaanii arraas salphachuma jirti. Daa'imniis yaataamahuma jirti. Nuti yoom oromummaa isaa qofarraa haajaa qabna kabajaa Oromoof laatuu isaatti haaja qabna malee !
#Abiy_ni_kufa Oromoof oromiyaan itti fufa.
@OROMOTOO
@OROMOTOO
"jarri beekkumsaaniis qabeenyaaniis nu hin caalan,garuu waan takka ta isaan nu caalaniiniitu jira saniis #hanga_hin_geenye_if_godhanii_mullachuu_isaaniiti " ja'e Tamaam Waarituu...!
😍Kana jachuun isaa:-odoo nu caalaa hiyyeeyyii tahanii jiraniiti akka dureeyyootaatti humnaan nu saamanii sooreeyyii if fafakkeeysan,akkasuma ammaas odoo bekkumsaan nun geenye akka nama beekkumsa nurra qabuutti humnatti fayyadamnii nu cunqursanii nama waa beeku if fakkeeysanii if mumullisan jachuu isaati. Maalumaatu jacha isaa kana akkatti bareeche !
#Gaafa tokko beeytoota keenya kanaafiis dabarumaaf jiraatti.
#Kanuma abdiin keenyaas oluma
sabni keenyaas numa bilisooma.
😍Dhaamsi itti fufa...!
πŸ‘Yeroo hedduu takka sheenawuun kee hin hafu waan jarjartee gootuu kheeysatti.
🀐Callisuu keetiif wanti komatamtuuf namni garaa kee baruu waan dhabeef si komata malee badii qabatamaa sirratti qabaateetii miti. #garuu waan si afaanii bahe keeysatti komatamtuus ragaatu sirratti jira.
#Komii callisuu keetiif komatamte guyyaa tokko dubbattee namaaf addaan ni baafta,komii saniis firraa ni kuffifta. #Komii waan dubbatterratti komatamte garuu deebistee sirreeysuun ni ulfaata. Waan afaanii baastee dubbatte deebistee arraabuun cinqii guddoo si feesisa

#Waan dubbattee dogongorteef malee dogongora dubbachuu dhabdee garatti qabatteef hin sheenooytu namaanillee hin arrabsamtu,hin komatamtulle...Waan baastee dubbatturra waan liqimsitee qabattu baayyisi....!
😍Dhaamsi itti fufa....!



@OROMOTOO
@OROMOTOO
Ganda jaalalti hin jirre haajamtee metira 1 deemtee dhaquurra ganda jaalalti jirtu Kilometira 11 miilaan deemtee achitti haajaa tee fixachuutu irra salphata.
#Nama hin jaalanne sagaleen haajaa itti himachurra guyya guutu barreeyfamaan irratti ergaa ooltee haaja tee fixachuutu irra salphata
#Eegaan isaan jibbeen sagalee isaaniille jibbe ja'e tokko....😍😘
#Lafa jaalaala oolaa😁
"Milkaa'ina khee namarra hin eegin. Abdiin namaa fagoo si hin geeysu. Tarii arra si kabajee bor si salphisa. Arra si wajjiin koflee bor nyaara sitti guura. Arra waadaa siif galee boru si gana. Rabbi yoo abdatte garuu karaan fagaatus bakka yaadde ni geeysa. Ibidda kheeysatti waadamteeti warqee taata. Nama Rabbi abdatutti aduun hin dhiitu''Naaf dhumee jira...kanarra karaan hin jiru''gaafa ati jattu ", "lakkii kan kee ganaadha ganaan jireenya si jalqabsiisa" siin ja'a. Ati hammeenya,jallina,jibbaafii,hinaaffaa dhiistee waan qajeelaa yaannaan Rabbiin gatii khee siif kafala galgala tokkotti seenaa kee jijjiira. Gaarii yaadii gaarii hojjadhu. Gaarummaan khasaaraa hin qabu!" Leta qana'ii
😍Dhaamsi itti fufa....!
#Tuuti hedduun takka wallaaltee odoo hin taane hifatteeti karatti hafte.
#Tuuti hedduun takka dadhabdee odoo hin taane fadhii lubbuu irra aanuu dadhabdeeti karatti hafte.
#Tuuti hedduun takka hawwii malee hojitti jijjiiruu dhabdeeti karatti hafte.
πŸ€”yeroo takka takka karoora guddaafii ol aanaa tahe tokko yeroo karoorsitu akka waan namni karoora akka keetii karoorsu hin jirreee sitti fakkaateeti akka waan adda taateetti if yaadda,garuu dhugaan jiru sanii miti ilma namaa tahee ka uumame cufti karoora gurguddoo hedduu numa qabanii garuu hojitti hiikuun wal caalan malee !
#maaloo tuuta olii sanirraa akka hin taane if dirqi lammiikoo !


@OROMOTOO
@OROMOTOO
@OROMOTOO
@DEDRORO
@DEDRORO
"Yeroo takka sooriyaa keeysatti konkolaachisaan konkolaataa fe'iinsaa oofu tokko imalaa tokkoof liiftii(koortoo) kenne. Namichi imalaaniis duuba konkolaataa irra taa'uudhaan imala jalqaban. Bakka imalaan taa'e tana bira sanduuqa reeyfaa tokkootu fe'amee ture. Odoo deemaa jiranii roobni roobuu jalqabe. Imalaan sanduuqni reeyfaa kun guddaa tahuu arkinaan rooba duraa achi keeysa seene. Imalaan biraa tokkoos dabalataan duubaan fe'ame. Sanduuqa reeyfaa bira taa'ee teeysuma itti fufan. Imalaan lammaffaa kun isa malee namni biraa achirra waan jiru hin seene. Imalaan sanduuqa reeyfaa keeysa seene san roobni akka caame laaluuf harka isaa sanduuqa keeysaa as baase imalaan lammaaffaa fe'ame harka isaa agarraan akka malee rifate. Reefki akka waan lubbuu godhatee ka'eeti sahe. Konkolaataa irraa utaalee mataadhaan aspaaltii irratti kufuun du'e" seena tana Ali al xanxaawitu odeeyse
πŸ˜”Lubbuun takkalleen guyyaa duutuufii akka itti duutu hin beeytu.

#Yoo_lubbuun_jiraanne
πŸ˜”Dhaamsi itti fufa...!


@OROMOTOO
@OROMOTOO
@DEDRORO
@DEDRORO
-----------------------------------------
-----------------------------------------
πŸ‘"Odoo humaa hin beeyne beekkamtee mullachuurraa;odoo namni sin beeyne barattee guddachuutu wayya !"
#Jacha khana☝️ jabeeysiituma naaf qabadhumee ati wahumaafiin siin ja'aatii.....!
🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿
😍Dhaamsi Itti fufa..!


CHANNALI KEENYA JOIN GODHUU HIN DAGATINAA ISININ JENNA
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@DEDRORO
@OROMOTOO
@OROMOTOO
@JIRUUDHA
@OROMO7
@DEDRORO
πŸ”ŠHARARGEE TUBE OFFICIAL
HAYYE HORDOFTOOTA KEENYA CHANNALI KEENYA JOIN GOCHUU HIN DAGATINAπŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡

@HARARGETUB
@HARARGETUB
β­•β­•β­•β­•β­•β­•β­•β­•
πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†
https://www.tg-me.com/harargetub
JAARRAA ABBAA GADAA
ODEEFFANNOO WALIIGALA AFAAN OROMOOTIIN
;#SHARE GOOCHUDHAN GUUDINA AFAAN OROMOOTIIF HAA TUMSINU!!❀❀
CHANNALI KEENYA JOIN GOCHUU HIN DAGATINA
πŸ”ŠπŸ”ŠπŸ”ŠπŸ”“πŸ”‘ JOINπŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
β¬‡β¬‡β¬‡β¬‡βœ… πŸ‘‰πŸ‘‰ @DEDRORO
@DEDRORO
https://www.tg-me.com/dedroro
.....Akkam akkamgaa?....

Jireenya kana keeysatti amala bakka dheeyxe fakkaachuu horadhu.
#Yeroo magaalaarraa baadiyya deemte haala warra magaalaa magaalumatti dhiisiitii haala warra irra dheeyxee saniin jiraadhu. Waan isaan siif kannan nyaadhuutii dhugi.
#Magaalaarraa ziyaaraa maatiifi firaa tahuu ykn haajaadhaaf tahuu baadiyyaa deemanii"an kana hin nyaadhu,an san hin dhugu,nuti warri magaalaa waan akkanaa tana nyaachuus dhuguus hin beeynu bar,haalli akkanaafii akkasii haala warra baadiyyaati malee haala kheenyaa miti bar" jajachuun guddina ykn magaalawuu odoo hin taane wallaalummaafi doofummaadha.
#Namni kabajaa qabu baadiyyaa dhaqeeti maatii ifiitii wajjiin shumoofi shuroo nyaachaa,baaduufi itittuu habbuuqacha, baaqilaaf hatara soorachaa gammachuufii gadda isaanii wajjiin qooddata ka waan isaan itti isaan itti fidan takkallee hin xiqqeeyfanne.
#Gariin ammoo baatuma takkaafii lamaaf isaan biraa magaalatti galeeti deebi'ee isaan biratti galee "bargaa an tana nyaachuu irraanfadhe,san nyaachuu irraanfadhe,tan dhuguu dhiisee maarre maarre"ja'a ka duraan jala ciisee fitti guuraa ture. Bargaa gariin nyaatuma magaalatti nyaatee akkasitti dhaadheeysaa oolu sanuu maqaa isaa yoo gaafatte hin beekuu ammaas irra hedduun isaanii warri akkas godhatu san warruma akkanaati.
πŸ™Maatiifii firoottan ifii haala isaan irra jiranirratti wajjiin jiraachuun gootummaadha.
😍Dhaamsi itti fufa...!


@OROMOTOO
@OROMOTOO
@DEDRORO
@DEDRORO
Dhuga 4rran Adunyaa irra jirtuu😳

1. Arraban ilkee teenya hunda tuquu hin dandeeyu 😱

2. Gawwaan Barreefama kana Eega duubbise booda Arraban ilkee isaa tuquuf yaalu jira.😧

3. Amma hundii keesan kofaltan🀣. Sababniinis atis warra gawoome irraa wan taatef πŸ˜ŠπŸ˜‡

4. Barreefama kana Hariyoota kee 5nif erguuf yaadu jirta.sababniinis Kobaa kee wan gawoomu hin feenef jecha

Kofalte amma nu calista πŸ‘ tuqii sheer godhii🀣🀣

@OROMOTOO
@OROMOTOO
@DEDRORO
KANA BEEKTUU LAATA?
βœ…Ummanni roomaa ilkaan ofii qulqulleessuuf fincaan akka fayyadamaa turan.
βœ…Nama tokko jaalachuuf ykn jibbuuf daqiiqaa 4 keessatti murteesita.
βœ…Sammuun ilma nama laafaa akka dhadhaa ta'uu.
βœ…Leenci waggaa 25 qofa akka adduunyaa irra turu.
βœ…Osoo ijji ilma namaa dijiitaal kaameeraa tahee,megapixel 576 qabdi.
βœ…Hantuutni gamoo 5ffaa irraa utaaluu dandeessi osoo hin miidhamin.
βœ…Daa'imman dandeettii waa urgeeffachuu ga'eessota caala qabu.
βœ…Osoo ija keenya hin cufamin haxxifachuu hin dandaahamu.
βœ…Sammuun keenya guyyaa caala halkan kaka'umsa qaba.
βœ…Ati yeroo dhalattu lafee 300 wajjin dhalatte,garuu yeroo ga'eessa taate lafee 206 qofa qabda.
#Join_Us & #Share πŸ™


@OROMOTOO
@DEDRORO
@OROMOTOO
JECHOOTA GORSAA FI BARSIISOO ARMAAN GADII QALBEEFADHU
---------------------------------------------------------------------
1. Yeroo namni nama biraa sitti hamatuu gurra hin keniniif didin! #Maaliif seete? Innis boru nama kan biraatti si hamata.

2. Iccitii kees itti hin himattin! #Maaliif seete ? Hamachuun amala isaa waan ta'eef, iccittii hin qabatu.

3. Nama tokkotti mi'aawuuf ykn qullqullu fakaachuuf hiriyaa kee qullqullu hin xureessin! #maaliif seete ? Dhugaan si gaafata.

4. Yeroo hunda waanta haqa qabessaa dubbadhu! #maaliif seete? Sobni yeroo sana qofaaf si fayyada malee bori hin qabu.

5. Yoo sobamte hin aarin! '#maaliif? yoo jette' guyya itti dhugaan ifa ba'uu ni dhufa gaafas dhugaanatti dubaattu ragaa sif ba'a

6. Jette jettee hin amaniin , amantus dabarrsitee hin himiin ! #Maaliif seete? tarii soba ta'e si qaanessa.

7. Waa'ee namaa hin haas'aiin ! #Maaliif seete? Irra namaa malee keessa nama waan hin beekneef.

8. Hiriyaa jallattu hin gowwommsin! #Maaliif seete waan si amanuuf jecha kee dhaagaa.

9. Hiriyaa kee bay'ee jaaladhu garuu hin amaniin ! #Maaliif seete ? Amala sitti jijiirrachuu danda'a, yeroo kana ni hamatta.

10. Dafftee murrtoo hin fudhattin ! #Maaliif seete ? Yoo murrtoo sana hin dandeenye ni gaabbiita.

11. Waannta hummni kee hin dandeenye waadaa hin seenin ! #Maaliif seete? Yoo waanta sana raawwachuu hin dandeenye ni qaanoffta.

12. Yeroo namni si arrabbsu deebitee hin arrabbssin ! Maaliif seete dubbii baay'etti ykn jecha cimaatti waan ceetanuuf.
#Join_Us & #Share πŸ™

πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@OROMOTOO
@OROMOTOO
@OROMOTOO
@DEDRORO
@DEDRORO
πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†
βœ’ Time means a lot to me because, you see, I, too, am also a learner and am often lost in the joy of forever developing and simplifying. If you love life, don’t waste time, for time is what life is made up of. βœ’
Bruce Lee
#Join_Us & #Share πŸ™


@OROMOTOO
@OROMOTOO
@OROMOTOO
OF BEEKUU
πŸ’‘Of beekuuf murtoo hin qabdu taanaan yoo of beektes murtoo hin murteessitu.
πŸ’‘Of beekuun beekumsa beekumsa caaluu dha.
πŸ’‘Albuudni namni itti fayyadamee fiixuu hin dandeenye of beekuudha.
πŸ’‘Addunyaa kana irra namoonni baay'een osoo of hin beekiin beekaa fakkaatanii taa'u.garuu beekaa waan fakkaatteef waan beekte sitti hin fakkaatiin.
πŸ’‘Barachuun beekuu hin ibsu. Beekuun garuu barachuu ni ibsa.
πŸ’‘Barachuun osoo of beekuudha ta'ee namoonni baratan hundumtuu beekaa ta'u turan.
πŸ’‘Of beekuun filannoo hin qabu.
πŸ’‘Foormulaan of beekuu waan tokko qofaadha. Innis of wallaalluun dhukkuba qoricha argachuu hin dandeenyeen qabamuu akka ta'e beekuudha.
πŸ’‘Namoonni of beekan seenaa addunyaa keessatti hirkattuu ta'anii hin beekan.
πŸ’‘Hirkattumman diina of beekuuti.
πŸ’‘Of wallaaluun foormulaa qaba.foormulaan isaas Gad-aantuummaa Γ— Hirkattummaa Γ— Of awwaaluu = Of wallaaluu dha.
πŸ’‘Osoo of hin beekiin namootni du'an addunyaan kun rakkoo guddaa har'aa keessatti akka kuftu taasisaniiru.
πŸ’‘Warri addunyaa kanaaf ga'ee isaanii osoo hin taphatiin darban, dhaloota dhufu irra itti gaafatamummaa dachaa ka'anii darbu.
πŸ’‘Osoo of hin beekiin du'uun osoo hin dhalatin du'uu wajjin tokkuma.
πŸ’‘Of beekuun jireenya kessaa hin argamu. Jireenyatu of beekuu keessaa argama malee.
πŸ’‘Kan ati of beekuu dandeessu gaafa akka of hin beekne barte dha.
πŸ’‘Of wallaaluun of awwaaluu dha.
πŸ’‘Of beekuu keessaa of beekuu kan biraatu madda malee of wallaaluutu madda miti
πŸ’‘Waa'ee keef har'uma abbaa murtii sirrii ta'uudhaan murteessi.
Egaa jireenya keenya keessatti waan hundumaa kan dursu of beekuudha. Otoo of hin beekiin waa beekuuf tattaafachuun rakkisaa dha. Kanaafuu waan hundaa dura of beekuun gaarii dha.
#Join_Us & #Share πŸ™


CHANNALOOTA KEENYA JOIN GODHADHA NUU HORDOFAA JENNA.
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@OROMOTOO
@OROMOTOO
@OROMOTOO
@DEDRORO
πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†
Forwarded from MADDA BEEKKUMSAA🌳 (Allahan Qaba)
JAARRAA ABBAA GADAA
ODEEFFANNOO WALIIGALA AFAAN OROMOOTIIN
;#SHARE GOOCHUDHAN GUUDINA AFAAN OROMOOTIIF HAA TUMSINU!!❀❀
CHANNALI KEENYA JOIN GOCHUU HIN DAGATINA
πŸ”ŠπŸ”ŠπŸ”ŠπŸ”“πŸ”‘ JOINπŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
β¬‡β¬‡β¬‡β¬‡βœ… πŸ‘‰πŸ‘‰ @DEDRORO
@DEDRORO
https://www.tg-me.com/dedroro
2024/10/01 07:29:03
Back to Top
HTML Embed Code: