Telegram Web Link
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
"በኢትዮጵያ ተጨማሪ 179 ሰዎች በኮሮና ቫይረስ መያዛቸው ተረጋግጧል።" - ዶክተር ሊያ ታደሰ

@oromotoo
በኢትዮጵያ ተጨማሪ 179 ሰዎች በኮሮና ቫይረስ መያዛቸው ተረጋግጧል!

ባለፉት 24 ሰዓት ውስጥ በተደረገው 4845 የላብራቶሪ ምርመራ 179 ሰዎች የኮሮና ቫይረስ ተገኝቶባቸዋል፡፡ በአጠቃላይ በሀገራችን ቫይረሱ በምርመራ የተገኘባቸው ሰዎች ቁጥር 3345 ደርሷል።

@oromotoo
በኢትዮጵያ የሟቾች ቁጥር 57 ደረሰ!

ከጠቅላላው የላብራቶሪ ምርመራ ውስጥ 30 (24 ከጤና ተቋም እና 6 ከማህበረሰብ በተወሰደ ናሙና) ናሙናዎች በአስክሬን ላይ በተደረገ የላብራቶሪ ምርመራ ሲሆን በሁለት (2) ናሙናዎች (1 ከጤና ተቋምና 1 ከማህበረሰቡ) የኮሮና ቫይረስ ተገኝቶባቸዋል።

በአጠቃላይ በሀገራችን ቫይረሱ የተገኘባቸውና ህይወታቸው የለፈ ሰዎች ቁጥር ሃምሳ ሰባት (57) ደርሷል።
#DrLiaTadesse

Itoophiyaatti sa'aatii 24 darbee keessa qorannoo laabraatorii namoota 4,845'f gaggeeffameen namoonni 179 vaayrasiin koroonaa qabamaniiru.

Lakkoofsi namoota waliigalaan biyyattiitti koroonaa vaayirasiin qabamaniis 3,345 gaheera.

Sababa vaayirasii koroonaan Itoophiyaatti sa'aatii 24 darbee keessatti namoonni lama(2) lubbuun isaanii dhaabaniru.

Waliigalan Itoophiyaatti lakkoofsi namoota sababa vaayirasichan lubbuu isaanii darbee 57 gaheera.

Gama kaaniin ammoo, sa'aatii 24 dabee keessa namoonni haaraan 50 vaayirasicha irraa bayyanachuus ibsameera. Waliigalattis namoonni 545 vaayrasii koroonaa irraa bayyanataniiru.
Ethiopia (ET)

🔵 Keeziin Galma'ee
🔹 Walii gala 3,345
🔹 Haar'a 179

🔴 Du'a
🔺 Walii gala 57
🔺 Haar'a 2

❇️ Dhukubsatoota fayyani ba'an
545

🔺 Dhukubsatoota haala ulfaataara jiran
30

🔸 Dhukubsatoota yaalama jiran 2,741

🚧 Danger Rank 85
Namoonni qabamu isaani mirkanaa'e:

111 magaala #Finfinnee,
1 naannoo #Hararii,
5 naannoo #somalee
15 naannoo #Oromiyaa,
23 naannoo #Amaaraa,
9 naannoo #Tigraay,
2 naannoo #Kibbaa,
11 nannoo #Affaar,
2 magaala #Dirree_Dawaa
Har'a Namoonni #lama lubbuun isaanii darbeera

@oromotoo
@oromotoo
♻️Namoota sa'aa 24 darbee keessa vaayrasii koroonaan qabamuun isaanii mirkanaa'ee keessa 176 lammilee Itoophiyaa yoo ta'an, 3 lammilee alaati .

♻️Korniyaan isaanii 116 dhiiroota yommuu tahan, 63 ammoo dubartoota. Akkasumas umriin isaanii waggaa 2-80 gidduu kan jiraaniidha.

⚜️Waliigalan Itoophiyaatti lakkoofsi namoota sababa vaayirasichan lubbuu isaanii darbee 57 gaheera

•Kan bayyaanatan

Namoota sa'aatii 24 darbee bayyanatan 50 keessa;

41 magaalaa #Finfinnee
4 naannoo #Amaaraa
2 naannoo #Affaar

•Waliigalatti Itoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayirasicha irraa bayyanatanii 545 gaheera.


@Oromotoo
@
Oromotoo
#COVID19_OROMIA

•Nannoo Oromiyaatti namoonni dabalata 15 vaayrasii koronaatin qabamaniiru.

Namoota 15 kessaa:

3 Gujii
2 Sabbatas
7 Burraayyuu
2 Laga xaafoo
1 Sulultaa

@oromotoo
@oromotoo
👮‍♀Adminota Hundumaaf👮‍♀
""""""""""""""""""""""""""""""""""""

🙏Chanaali keenya haa tasgabbeessinu!🙏

Yeroo baay'ee osoo daqiiqaa shan waliif hin eegne wal gubbaan maxxaansina .kuni ammoo miseensii chamaalii akka ilaalu illee yeroo hin kenuuf jechuudha. dabalees nuffisiisuu danda'a

Kanaafuu,

👉🏽Yeroo promo maxxansuuf jennuu promo biroon irra jiraachuu fi dhiisuu dursiinee adda haa baafannuu , yoo jira ta'eef promon sun sa'atii 1:00 irra turuusaa ilaalaa

👉🏽Utuu inni sa'a 1 hin turin hin maxxansinaa

👉🏽Guyyaatti si'a lamaa olis hin maxxansinaa.

👉Yeroo si'a 2ffaa maxxansuuf jettan isa dura maxxansitan haquu hin dagatinaa

🙏Seeraa kana hojirraa olfachaa waliin haa fayyadaamnuu🙏

Galatoomaa
#CHINA

Magaalaa Beejiingitti guyyaa 50 booda namoonni 36 vaayrasii koroonaatin qabaman.

Weerarri vaayrasichaa gabaawwan jajjabaa magaalittiitti babal'achuu akka hin oolle shakkameera. Gabaasni kun kaleessa ega ifoomee eegalee, iddoowwan gabaa magaalattii cufamaniiru.

Naannolee ollaa 11ttis dhoorkiin labsameera. Guyyaa har'aas naannolee ollaa 10tti dhoorkin dabalataa labsameera.

Liyaa'ooniing, Heebeeyii fi Siichuwaanitti Beejiingiin walqabatee namoonni haaraan vaayrasichaan qabamaniiru.

Guyyoottan 50 oliif magaalaa Beejingittis ta'e bulchiinsota ollaatti namni vaayrasii koroonaatin qabame hin gabaafamne ture.

Maddi:- BBC
#BREAKING

Naannoo Tigraayiitti qorannoo laabraatorii sa'aatii 24 darbee namoota 316 'f taasifameen namoota 31 irratti vaayirasiin koronaa argamuu Biiroo Eegumsaa Fayyaa Naannoo Tigraay gabaase.

• Waliigalatti naannoo Tigraayiitti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 153 gahee jira.

〽️Sa'aatii 24 darbee keessa naannoo Tigraayiitti namoonni haaraan lama(2) vaayirasicha irraa bayyanataniiru; waliigalaan immoo namoonni 12 bayyanataniiru.

Maddi:- Tigray Regional Health Bureau
#COVID19

Eertiraatti namoonni vaayrasii koroonaan qabaman 96 gahee.

Eertiraatti namoota iddoo tursiisaa addaa (Adiibaaraa fi Moqii) keessa turaniif qorannoo gaggeeffameen namoonni 31 vaayrasii koroonaan qabamuun isaanii mirkaana'uu Ministeerri Fayyaa Eertiraa ibseera.

— Walumagalatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii biyyatti 96 gaheera; namoonni 39 bayyanataniiru.

— Namoonni 57 ammoo yeroo amma yaala irraa akka jiran Ministeerri Fayyaa biyyatti beeksiseera.
#WHO #BloodDonor

Weerara vaayirasi koroonaa ittisuuf biyyoonni dhiigaa gaha walitti qabu akka qaban Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksise.

Rakkoo kan furuuf namoota dhiigaa arjooman jajjabeessuun barbaachisa ta’uus dhaabbatichi ibseera.

Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti Daayirikteera Biyyoota Afriikaa kan ta’aan Dr.Mashidiiso Moo'eti erga weerarri vaayirasii koroonaa addunyaa keessatti mul’ate kaasee hir’ina dhiigaa mudachaa jiru hiikuuuf namoonni dhiiga akka arjoomaniif hojii hubannoo uumuu hojjetamuu qaba jedhan.
Chaayinaan erga Eblaatii as lakkoofsa namoota COVID-19'n qabamanii olaanaa galmeessite

Qondalooti Chaayinaa namoonni 57 haaraa vaayirasichaan qabamuu kan mirkaneessan yoo ta'u,kunis erga walakkeessa baatii Eblaatiin as olaanaadha jedhameera.

Komishiniin Fayyaa Biyyaaleessaa Chaayinaa akka jedheetti, namoonni 38 biyya keessatti vaayirasichaan kan qabaman yoo ta'u, namoonni 36 Beejingitti argamu.

Iddoowwan vaayirasichi deebi’ee argametti kaleessa irraa qabee uggurri sochii hojiirra oolfameera. Baayyeen isaaniif lafa gabaa gudduucha cufame waliin hidhata qabu jehameera.

Kana malees manneen jiraanyaa dhiheenya sanatti argaman 11 ugguramaniiru.

Amma garuu weerarri vaayirasichaa marsaa lammaffaan deebi’ee akka hin uumamne yaaddoo uumera.

Maddi:- bbc
#COVID19 |Odeeffannoo haala yeroo vaayirasii koroonaa(COVID-19) Afrikaatti:

Afrikaatti hanga ammaatti namoonni
237,027 vaayrasii koroonaan kan qabaman yoo ta'u namoonni 6,306 lubbuun isaanii darbeera, namoonni 109,721 vaayirasicha irraa bayyanataniiru.

Afrikaatti biyyootaa lakkoofsa namoota dhibee COVID-19'n qabamanii hedduu qaban sadeen :-

1. Afrikaa Kibbaatti- Kan qabaman: 65,736 Kan du'an: 1,423 Kan bayyaanatan: 36,850

2. Gibtsiitti - Kan qabaman: 42,980 Kan du'an: 1,484 Kan bayyaanatan: 11,529

3. Naayijeeriyaatti - Kan qabaman: 15,682 Kan du'an: 407 Kan bayyaanatan: 5,101 gaheera.

Gama biraan Itoophiyaan namoota vaayrasii koroonaan qabaman hedduu qabaachuun yeroo amma Afrikaa irraa sadarkaa #16ffaa qabaateerti.

📌 Of hin dagaatiina.
📌 Of eeggannoo godha.
Addunyaarratti lakkoofsi namoota COVID-19'n qabamanii miliyoona 8 ta'uufi.

Ebla 3, bara 2020 lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii miliyoona tokko ture. Ji’a lama booda garuu dachaa saddeetiin dabaluun amma miliyoona saddeet guutuuf jira.

Lakkoofsi namoota qabamanii hundi kan lakkaa'amu osoo ta'ees kana kan caaluu akka ta'ee ogeessoonni ni himu.

Sababni biyyoonni tokko tokkoos hanqina meeshaalee itti qoratanii kan qaban yoo ta'u, biyyoonni kaan ammoo keessattuu lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii gadi xiqqeessanii waan ibsaniif dhugaa jiru gutummaan hubachuun rakkisaadha.

Ragaan yuunvarsiitii Joons Hopkiins akka mul'isutti garuu lakkoofsi namoota hanga ammaatti vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa'ee mil 7.8 qaqqabeera. #BBC
#DrAbiyAhimed

Dooktar Abiy Ahimad Waltajjii marii hariiroo Somaalee fi Somaalee Laandii gidduuuutti gaggeeffamerratti argamaniiru.

Waltajjii marii hariiroo Somaalee fi Somaalee Laandii gidduutti gaggeeffamerratti Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad gaanfa Afrikaatti nageenyaa fi araaraa buusuun hundee tokkummaa naannichaa akka ta’e ibsaniiru.

Waltajjicharratti Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad haasaa taasisaniin tumsii fi nageenyii hojiirra yoo oole naannichi qabeenya misoomuu danda’u qabas jedhaniiru.

Maddi FBC
Ispeen torban dhufaarraa kaastee biyyoota Gamtaa Awurooppaaf karrashee saaquuf

Ispeen biyyoota Gamtaa Awurooppaa (EU) waliin wal keessa deemuu eegaluuf akka jirtu Ministtirri Mummee biyyattii Pedroo Saanchez himan.

Biyyoota kanneen waliin hidhanni imalaa Dilbata dhufaa irraa kaasee kan eegaluu wayita ta’u, Poorchugaal waliin qofa garuu hanag Adooleessa 1’tti daangaan cufameetuma ture jedhan.

UK karoora kana keessatti kan hammatamte ta’ulleen garuu Waajirri Komanwolziifi Haajaa Alaa UK imaloota idil-addunyaa baayyee murteessaa ta’aniin alatti ammalleen imala hundaa akka turuuf gorseera.
2024/11/20 06:26:37
Back to Top
HTML Embed Code: