Telegram Web Link
Dogoggora khee irraa baratta.
Irraa kan barattu taanan dogoggora wanti je'amu hin jiru, barnoota qofa.

Hanga barattee siif galutti, barnoonni ittuma fufa.

An irraa baradhee tee wanti beeytun.. gocha gootu keessatti jijjiirama arguudhaani.

@jechootahayyoota
Milkaa'inaafi kuufaati

Kutaa 1ffaa
Nama kamiifuu guyyaan borii haaraadha. Kanaaf socho'i! Hojjedhu. Hojiikee keessatti dogoggorri uumamuu danda'a. Kufaatiin illee akkasuma. Waanti fedhe yoo ta'e dogoggora hin sodaatiin. Yoo dogoggorte malee barachuu hin dandeessu.
Kufaatii hin sodaatiin. Kufii_ka'i, kufii_ka'i. Kufuukeetti ittin dhiphatiin, bu'aa jireenyaatu akkasi. Jireenyumatu akkasitti injifatama. Kufaatiin filannoo biraadha. Yoo Abdii kutatte kufaatii filachuukeeti. Yoo Abdii qabaattee garuu kufaatiin mudannoo keeti. Mudannoo Itti barattu. Kufuunkee gaariidha sababni isaa kufaati irree si jabeessuu danda'a.
Jireenyi akka muziqaati. Muziqaa meeloodiin isaa takka ol ka'aa, takka gad bu'aa fi gidduu galeessaan yeedaleeffamu muuziqaa miidhagaafi hawwataadha. Jireenyi dhala namas akkasumaan tola. Waa'ee maallaqaa hin yaadda'iin, mallaqni namoota hordofa. Namoonni immoo mul'ata isaanii hordofu. Yoo mul'ata qabaattee, waanti hundinuu yeroo isaa eeggatee si dhaqaba.

Join👇
@Oromotoo
ITTISNI FAYYINA NI CAALA
(Prevention is more than cure.)
Uumamni seerota akka seera harkisa lafaa (seera beekamaa), seera sochiifi kanneen biroo dhabbatoo qaba. Aduun akka iftuuf yaadichiisa hin kenninuufii; guyyaa hundumaa amanamummaan ibsiti. Roobni akka roobuuf, qilleensi akka qilleensa'uuf namni qajeelchu hin jiru. Biqiloonni karboondayoxyidii balleessanii qilleensa qulqulluu akka omishaniif namni leenjii kenneefi hin beeku. Haluma wal fakkaatuun, seeronni qaamaafi faayyaa keenya to'atan ni jiru. Qilleensi somba seenee malee sammuu ykn garaacha bira hin deemu. Dhiigatu qulqullaa'uuf somba deema malee qilleensi onnee keessa galee onnee bokoksuu hin danda'u.Seeronni kunis seerota salphaa 8 jalatti hammatamanii jiru. Kanneen eeguutiin fayyaa keenya eegganna yookaan haareffanna. Dukkubni tattaaffii umamaa haalota seera fayya cabsuun dhufan irraa sirna bilisa gochuudha. Fakkeenyaaf- hirriba gahaa rafuu dhabuu irraa kan ka'e, bututaa taana; mallattoolee biroonis ka'umsa ta'a. Seerota fayyaa uumamaan dhaabbatoo ta'an eeguu yoo dhiifne maaltu dhaqqaba? (Ministry of Healing 172.1)

👇Gorsa waa'ee fayyaa fi beekumsa waliigala sammuu keessanii beekuu barbaadduu?

@oromotoo
@oromotoo
#Xiinxala_daandii_gubbaati!😂

Namoonni ani har'a daandii irratti arge gosa lama turani. Muraasa tasgabbaa'anii daandii isaanii eeggatanii of fuuldura ilaallachaa deemaniifi hedduu ofitti odeessaa tarkaanfatanidha. Jarreen kana keessaa xiyyeeffannoonkoo, warreen ofitti odeessaa deeman irra ture. Na ajaa'iburraa kan ka'e, karaarraa xiqqo goreen ilaaluu eegale. Isaanuu gosa sadiidha! Warreen jalqabaa, warra sagalee osoo hin dhageessisiin akkanumaan afaan (hidhii) sosochoosaa keessa isaaniitti guungumaa deemani. Kanneen biroon, warreen sagalee isaanii akka meetira hedduu dhagahamuu danda'utti ofitti haasahanidha. Kan warreen sadaffaa tokkommoo, baay'ee nama sodaachisa. Isaan, sagalee qofaa dhageessisanii hin dhiisani; harka isaanii asiifi achi,...oliifi gadi naannessaa deemu. Warra afaan mallattoon walii galan sana fakkaatu!

Jarreen ofitti odeessaa deeman kana ilaalaman, deemsakoo daandiirraa itti fufe. Gaaffii guddaa natti uume. Sabni gara kamitti akka deemaa jiru na yaachisuun itti fufe. Osooman kanaan jiruu, hiriyaankoo tokko duubaan dhufee na tuqe. "Maali,... maaliif ofitti guungumaa deemta? Fageenya irraa dhagaheen dhufuuf jira. Ni maraattemoo? Harkammoo maaliif faffacaasaa deemta?" yoo naan jedhu, anuu ofitti odeessaa jiraachuukoon bare. Sanuu warreen ofitti odeessaa deeman keessaa, garee warra nama sodaachisaniin jira. Akka nahuu tokko ta'een, aritiin gara manaatti faana naanneffadhe. Xiinxalichi kana ture!

Sin yeroo daandii irra deemtan, jarreen kana keessaa kami? Deebii keessan sunumaaf dhiise. Xiinxalaa!

Xiinxala daandii gubbaati!

©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2021

~~~
@Dedroro
@jechootahayyoota
@Oromotoo
Samiiraa Muhammad jedhamti shira Abdii illeetin buqaate Finfinnee qubsiifamte harra sariin pp tumamtii Oromoo maalyakkite oboleettin teenna tun callee morma isii kana tahinnaa laata?
Inbox
Qeerroon akka ferroo Bishooftuu horaa Arsadeetti Kashakashee lola jaal marroon jechuun sagalee isaani dhageesisan jiru, injifannoon galuun baranuma!
#Irreecha2021
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
“Baallii kichaa kichaa
Oromoon tokkicha
Marrootu nubulchaa
Jawartu nu bulchaa
Baqqeetu nu bulchaa”
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Hirmaattonni Irreecha Hora Harsadee-Bishooftuu PP (Abiy Ahimed) irratti mormii yommuu dhageessisan.

Abiy Ahimed Waraana Bilisummaa Oromoo'shororkeessaa'jedhee moggaase; Qeerroon Bilisummaa Oromoo fi uummanni Oromoo bal'aan ammoo sirna PP Abiy hogganu balaaaleffatan.

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Komishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee guyyaa boruu sagantaa hundeeffamaa mootummaa haara sababbeeffachuun ganama sa’aatii 3 irraa eegalee daandiiwwan cufaa ta’an ifoomseera.

Sagantichi milkiin akka xumuramuuf qaamoleen nageenya qophii barbaachisaa taasisee gara hojiitti galuu poolisiin ibseera.

Saganticharratti preezdaantoonni biyyoota garagaraa, muummeen ministeeroota, bakka buutoonni biyyoota akkasumas preezdaantiin naannoolee, kantiboonni kutaa magaaalaa hundi keessummooni waamichi taasifameef ni hirmaatu.

Sagantichi hanga xumuramuutti daandiiwwan konkolaattootaaf cufaa ta’aanii:-

1. Addabaabaay Miyaaziyaa 27 hanga gara Ministeera Dhimma
2. Awwaareerraa gara Paarlaamaa
3. Addabaabaay Dubratootarraa gara Kaasaanchiis
4. Addabaabaay Dubartootaarraa Indaraas Hoteelii gara Kaasaanchiis Tootaal
5. Hayahuleetti Bataskaana Qidduus Uraa’ee akkasumas Edinaamoolii gara Hootela Atilaas
6. Hoteela Atilaasirra gara Hoteela Dassaaleenyi Ruwaandaa
7. Hoteela Empeerilaayii gara Hoteela Biraas
8. Garjii Hospitaala Kooriyaa daandii keessaa keessaatin gara hootela Biraas geessuu
9. Daandii Gooroo haaraa gara Hoteela Biraas
10. Boolee Mikaa’eelii gara Ruwaandaa geessu
11. Kaadiskoo addabaabaay gara Boolee Mikaa’eel
12. Bulbulaarraa gara Boolee Mikaa’eel

13. Masqal Filaawoorii gara addabaabaay Goorgiis
14. Gootaraa gara addabaabaay Masqalaa
15. Marfataa Goofaarra gara Bataskaana Qidduus Qirqoos Lagahaar

16. Marfataa Bulgaariyaa gara Hoteela Nigaat akkasumas Marfataa Bulgaariyaa gara addabaabaay Gamtaa Afrikaa
17. Mana Murtii olaanaarra gara addabaabaay Meeksikoo
18. Moollaa Maaruu gara bataskaana Qidduus Lidataa
19. Takla Haayimaanootii gara hospitaala Xiquur Anbassaa

Daandiiwwan guyyaa boruu sa’aatii 3:00 irraa eegalanii cufaa ta’aan ifoomsu ragaan komishinicharra argamee ni muul’dhisa.
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Jawar garmaamu tolaa
maa mana hidhaa oolaa
MALA HAALA JIREENYAA ITTIIN INJIFATAN HUBACHUU
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
✧ Dubbisii hiriyoota keetiif qoodi!

"Jireenyi yoo qaawa lilmoo si ta'e, ati immoo kirrii (fo'aa) ta'ii hulluuqii keessa darbi!"
Jireenyi qaawa lilmoo fakkaata. Nama akka fo'aa ta'etu hulluuqee keessa darba. Qabsoo jireenyaa keessatti salphaatti injifannoo gonfachuu hin dandeessu. Injifannoon bu'aa ifaajjiiti. Osoo ati hin ifaajin wanti ofiin ifaaja'ee mijatee sitti dhufu hin jiru. Kanaafuu, teessee wanta
mijataa eegachuu qofa osoo hin taane, kaatee waa mijeeffachuus baruu qabda. Rakkinna keessa teessee hin yaadda'in! Akkamitti akka furuu qabdu yaadi! Addunyaan kun addunyaa bira taa'anii yaadda'an osoo hin taane,
addunyaa yaada haaraa uumanii ka'anii keessatti
waa yaalaniidha. Imala sirrii irra jirtuun wanta dhaabbachatti seenuu dadhabde tokko gadi
jedhii seenuuf carraqqi! Yoo dadhabde hulluuqii keessa darbi malee hin danda'u jettee teessee hin daawwatin! Taa'anii wanti daawwatan, taa'eetuma nama dawwata. Lilmoodhaan namni uffata isaa hodhachuu barbaadu tokko, fo'aa qaawa lilmoo sanaa keessa hulluuksisuu qaba. Qaawwi lilmoo immoo baayyee qal'aadha. Ta'us uffatni hodhamuudhaaf dirqama fo'aan qaawa lilmoo sanaa keessa hulluuquu qaba.

✧ Wal'aansoo jireenyaa salphaatti gadi buustee injifattee irra taa'uu hin dandeessu. Ifaajjii
guddoo si gaafata. Si'a tokkoon kan utaalee ji'a irra qubate jira jechuun soba dubbiiti. Injifannoo gonfachuuf dursa dhamaatii si gaafata. Ciminaa fi dadhabina kee addaan baastee beekuu qabda. Waaqa, dhugaa, laphee qulqulluu, hubannaa, ogummaa fi beekumsaan jireenya kee
hoogganuu qabda. Yaa gurbaa si haa gorsuu!
• Seensumni balbala milka'inaa qaawa xiqqaa qaba. Fuuldurri isaa immoo dirree bal'aadha.
Nama malaan qaawa qal'aa kana keessa hulluuqee darbetu dirree bal'aa kanatti bahee
keessa bashannana!

✧ Kanaafuu, rakkoolee qabsoo jireenyaa keessatti si mudataniif furmaata qabaachuu qabda. Daandiin furmaataa lakkoofsa hin qabu gurbaa.
⁃ Ta'uun taa'uu miti! ⁃


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@oromotoo
@Oromotoo
🔺ᴊᴏɪɴ
2024/09/22 04:39:39
Back to Top
HTML Embed Code: