Telegram Web Link
Barnoota Telegram kutaa 8ffaa – waa’ee Bot baradhu

Telegram irratti Bot faayyadamuun Appii playsore fi website kamirraayyuu jiru buufachuu fi suuraa barreeffama qabu irraa barreeffama isaa qofa karaan ittiin fudhachuu dandeenyu. 1. Bot Appii barbaadne ittiin buufannu Appii update ta’an argachuu fi buufachuun namoota tokko tokkoof rakkisaadha. update gochuuf akkasumas kan update ta’e playstore irraa buufachuuf email qabaachuun dirqama ta’a. Akkasumas bilbila keenya…

https://oromiasamsung.com/barnoota-telegram-kutaa-8ffaa-waaee-bot-baradhu/
Duulli itti fufe!

Akkuma Facebook fi Telegram Afaan Oromootin hojii akka eegalan gochuun milkaa'e, kan Google Afaan Oromootis milkaa'uf jira. Hundi keenya hojii seena qabeessa kana irratti haa hirmaannu.

Hundi keenya hirmaachuf filannoo 3 qabna

1. Jechaa fi Hima Afaan English gara Afaan Oromootti hiikuu yoo dandeesse kanarratti hirmaadhu. kana hin dandeessu yoo tae,

2. Kanneen Namootni biroo hiikan gulaaluu irratti hirmaadhu. kanaas hin dandeessu yoo ta'e

3. Maxxansa akkanaa #Share taasisuudhaan guddina Afaan keetif tumsi. guyyaa Duulli kun milkaa'e Ati of duuba deebitee waan share goote yoo laaltu SEENAA dha. Guyyaa share gochuu keetitti gammaddu dhufaa.. hin dagatin!!

Hiikkaa Google Afaan Oromoo irratti hirmaachuuf ✔️
👉 https://oromiasamsung.com/hiikkaa-google-afaan-oromoo-irratti-hirmaachuuf/
Youtube irraa Vidiyoo download gochuuf Software filatamoo 3

Vidiyoo youtube akka feenetti daawwachuu ni dandeenya, garuu kallattiin akka barbaannetti buufachuu hin dandeenyu. Dirqama addatti sooftweerii nu tajaajilan kan biroo faayyadamuu qabna ykn online irratti marsaariitii vidiyoo download godhan gargaaramuu qabna. Vidiyoo download gochuuf kan gargaaran Sooftweeronni hedduun ni jiru. Sooftweeronni kunneen baay’een isaanii bilisaan kan argaman yoo ta’u kanneen kafaltii barbaadaniis ni jiru.…

https://oromiasamsung.com/youtube-irraa-vidiyoo-download-gochuuf-software-filatamoo-3/
Channel Raya Stduio deebi’uuf mallattoo hawaasa Oromoo barbaada

Channel guddichi sirboota Aadaaf seenaa Oromootaa maxxansuun beekamu Raya Studio’n onkololeessa 8/2020 irraa kaasee guututti cufamee jira. Raya Studio’n waggoota kurnan darbaniif Aartii Oromoo guddisuu irratti kan hojjataa ture yommuu ta’u, waggoota shanan darbaniif Youtube irratti sirboota qabsoo finiinsan dhibbaan lakkaayaman maxxansaa tureera. Raya Stduio Youtube irratti deebisuuf duula godhamaa jiru irratti hirmaadhaa. Hirmaachuf liinkii…

https://oromiasamsung.com/channel-raya-stduio-deebiuuf-mallattoo-hawaasa-oromoo-barbaada/
Channel Raya Stduio deebi’uuf mallattoo hawaasa Oromoo barbaada

Channel guddichi sirboota Aadaaf seenaa Oromootaa maxxansuun beekamu Raya Studio’n onkololeessa 8/2020 irraa kaasee guututti cufamee jira. Raya Studio’n waggoota kurnan darbaniif Aartii Oromoo guddisuu irratti kan hojjataa ture yommuu ta’e, waggoota shanan darbaniif Youtube irratti sirboota qabsoo finiinsan dhibbaan lakkaayaman maxxansaa tureera. Raya Stduio Youtube irratti deebisuuf duula godhamaa jiru irratti hirmaadhaa. Hirmaachuf liinkii…
raya-stduio-deebiuuf-mallattoo-hawaasa-oromoo-barbaada
https://youtu.be/HCZoXY67v-E
Mana suphaa mobaayilaa banachuuf meeshaalee barbaachisan 14

Addunyaa yeroo ammaa keessatti Mobaayilli harkaa Technology ariitin guddataa jiruudha. akkuma biyya keenyatti yoo ilaalle faayyadamtoonni mobaayila harkaa Mill. 44.5 darbee jira. kun immoo akka biyya keenyattiis ta’ee, akka addunyaatti ogeeyyiin dhuunfaa fi dhaabbileen Technology hojii kana irratti bobba’an akka baay’ataniif sababa ta’eera. Maxxansaa har’aa keessatti Mobaayila miidhame suphuuf (Rakkoo Hardware furuuf) meeshaalee barbaachisoo ta’aniin…

https://oromiasamsung.com/mana-suphaa-mobaayilaa-banachuuf-meeshaalee-barbaachisan-14/
Laptop chaarjii irra godhanii faayyadamuun Baatirii ni miidhaa?

Baatiriin Laptoppii qaamolee barbaachisoo Laaptoppii keessaa isa tokko dha. Garuu namoonni baay’een yeroo Laptoppii bitan dandeettii kompiitarichaa, RAM fi CPU malee waa’ee baatirii isaaf yogguu xiyyeeffannaa kennan hin mul’atu. Yeroo Laptoppii faayyadamnu chaarjii itti goonee faayyadamuu moo erga chaarjiin Laptopichaa dhumee chaarjiitti gochuu wayya? Deebiin gaaffii kanaa salphaa waan hin taaneef, Deebii isaa salphaatti hubachuuf…

https://oromiasamsung.com/laptop-chaarjii-irra-godhanii-faayyadamuun-baatirii-ni-miidhaa/
Pireesidantoota Afrikaa Dureeyii Sadarkaa 1_10 (Top 10) tahanif Seena Pireesidantii Sobhuza kan hadhaa warra 70 fudhee gababinaan Vidiyoo har'aa keessatti isinif bifa nama hawwatuun dhiheessinera itti dhihaadha
https://youtu.be/sj5Jlx1N8rk
Waa’ee Vaayirasii bilbilaa hangam beektu?

Qiinqanii (virus) jechuun koodii kompiitaraa ykn kan progiraamaa yemmuu ta’u, yeroo hedduu kan uumamu namoota ogummaa kompiitaraa gad fageenyan qabaniin hojjatama. Vaayirasiin gosoota hedduutu jira. isaan keessaa: Spyware virus, Malware virus, Ransonware virus, Adware virus, Trojan virus fi kkf.. jedhamuun waamamu. Hundi isaanii akkuma maqaa isaanii hojiin isaanitiis wal adda. Hojiin Vaayirasii Maali? Bilbila keenya…

https://oromiasamsung.com/waaee-vaayirasii-bilbilaa-hangam-beektu/
Bilbila keenya osoo namatti hin kennin dura waan beekuu qabnu

Iccitiin dhuunfaa keenyaa akka hin mul’anneef bilbila keenya osoo namatti hin kennin dura of eeggannoo barbaachisu taasisuun ni gorfama. keessaafuu yeroo ammaa kana nama bilbila keenya nu harkaa fuudhu hunda amanuu hin qabnu. sababni isaa Appiiwwan badii daqiiqaa lamaafi sadi hin caalle jiddutti bilbila keenya keessa awwaalamuu waan danda’aniifidha. Aappiwwan badii bilbila keenya keessa seennan…

https://oromiasamsung.com/bilbila-keenya-osoo-namatti-hin-kennin-dura-waan-beekuu-qabnu/
Karoota sadiin passwordi Facebook keessanii isin jalaa itti hatamu

Warri Facebook namaa hatu maloota ijoo asii gadii 3’n keessaa tokko faayyadama. isin ammoo sadeenuu sirritti hubadhaa irraa of tiksaa. 1. Mala Hawaasummaa (Social Engineering) Malli kun salphamatti dadhabina keessanitti faayyadamuun akkaawuntii Facebook keessan bananii seenu jechuudha, inniis karaalee hedduu of keessaa qaba muraasni isaanii:- Passwordi keessan tilmaamuu. kana jechuun lakkoofsa bilbila keessan itti yaalu,…

https://oromiasamsung.com/karoota-sadiin-passwordi-facebook-keessanii-isin-jalaa-itti-hatamu/
Bilbila networkii fi interneetii hojjachuu dideef furmaata; Bilbilli tokko rakkoo netoorkii qaba kan jennu yoo kanneen armaan gadii agarsiisedha. No service, Emergency call, Registration failed, Invalid SIM fi kkf...

Furmaata
👉 https://oromiasamsung.com/bilbila-networkii-fi-interneetii-hojjachuu-dideef-furmaata/
Ogeessa IT fageenya jiru irraa leenjii gahaa fudhachuu yoo barbaaddan karaa softweera kanaan wal quunnamuu ni dandeessu. Ogeessi isin barbaaddan fageenya taa’ee Kompiitara/Laptop keessan keessa galee, osoo isin argaa jirtanii guututti too’achuu (control) gochuu danda’a.

Dabalataan, bilbila harkaa Android ykn iphone faayyadamtanii kompiitara keessan to’achuu ni dandeessu. yoo barbaaddan bilbila tokkoon bilbila biroo kan fagoo jiru too’achuus ni dandeessu. Hiriyaan kee tokko rakkoo bilbilaa yoo sitti himate 'akkas godhi kana godhi' jechuu irraa karaa kanaan bilbila isaa keessa galuun rakkoo isaa sirreessufi dandeessa.

https://oromiasamsung.com/teamviewer-maali-akkamitti-itti-faayyadamna/
Hordoftoota Keenyafi Maamilota Keenya Ji'oota muraasa darban Barnoota Technology akka isin nurraa eegdanitti isiniif dhiheessuu dhabuu keenyaf DHIIFAMA isin gaafanna. Namoonni hedduun hanga ammaatti gama keessatiin akka nuuf barreessaa jirtan quba qabna. Gama keessatiin isiniif deebifnee waan hin dandeenyef asumaan yaada gabaabduu kana isinif himna. Hundi keessan waan tokko nuuf hubadhaa NUTI dhaabbataa miti. Osomaa ta'uu hojiin nuti hojjannu hojii dhaabbataa oliiti. Marsaariitiin dhimma Technology irratti fuulleffatu kan akka oromiasamsung.com marsaariitii Ethiopia irraa darbee Afrikaa Bahaa keessa hin jirreedha. Osoo dhaabbata hin tahin hangana deemun keenya baay'ee nu gammachiisa. Guyyaa gara dhaabbatatti jijjiiramne fagoo akka deemnu abdii qabna.

Nuti Dandeettii Technology qabnu irraa Hawaasa keenyaf qooduu barbaanna. Ilmaan Oromoo hedduun akka Addunyaa Dijitaalaan wal baran barbaanna. Hojii gaggaarii hojjachuun namoota birootif Fakkeenya akka ta'an barbaanna. Online irratti hojii uumtota akka ta'an barbaanna. Addunyaan garam deemaa jirti kan jedhu akka sirnaan hubatan barbaanna. Kana milkeessuf Nuti fedha keenyan yeroo keenya kenninee hojjataa turree.. Ammaas itti fufna.

Youtube irraa maaf baddan Gaaffi jedhuuf; Youtube irratti Barsiisaan kana dura vidiyoolee tech (waa'ee bilbila harkaa fi App) nuuf dhiheessaa ture yeroo gahaa waan hin argatiniif adda kutuu dandeenye, Akkasuma strike 2 fi copyright 1 waan nurra jiruuf xiqqoo dhaabbachuun dirqama nutti tahee jira.

Ammaas irra deebin Dhiifama jechaa yogguu Nuti barnoota adda kunne dhaabbata tahuu dhabuu keenya beektanii akka obsaan nu eeggattan isin gaafanna. Galatoomaa!

Official website
https://Oromiasamsung.com/

Facebook
https://facebook.com/Oromosamsungpage/
Youtube
https://youtube.com/Oromosamsung/
Twitter
https://twitter.com/Oromosamsung/
Telegram
https://www.tg-me.com/Oromosamsung/
Linkedin
https://linkedin.com/in/Oromosamsung/
Tumblr
https://Oromosamsung.tumblr.com/
Dandeettiin Qophinaan Barreessuu kee maal fakkaata? Jechoota Afaan Oromoo 100 daqiiqaa 1tti ni barreessitaa?

Guyyaa jalqaba Kompiitara/Laptop faayyadamnu qubeelee Gabatee cuqoo (keyboard) irra jiran bakka isaan jiran dafnee baruuf rakkanna. Qubee, lakkoofsa fi symbol adda addaa bakka isaan jiran yoo barre dafnee qophinaan barreessuu barbaanna. Kanaas yoo dandeenye osoo Gabatee cuqoo (keyboard) hin ilaalin barreessuu hawwina. Kuni haaluma ilma namaati sadarkaa barbaadu irra yoo dhaqqabe sadarkaa itti aanu hawwa.

Maxxansa Har'aa keessatti Marsaariitii/website 'Qophinaan Barreessuu' barachuuf isin gargaaran 2 isiniif fidnee jirra... kunoo

https://oromiasamsung.com/keyboard-irratti-qophinaan-barreessuu-barachuuf-marsaariitii-filatamoo-2/
Koompiitaroonni akka laptop yeroo ammaa kanatti tajaajila hedduu kennaa jiru. Barataa kaasee hamma hojjattoota mootummaatti ittiin tajaajilamaa jiru. Mana taa'anii fageenyatti barachuufi Hojiilee adda addaa online irratti dalaguuf kan itti gargaaramaniis baay'edha. Namoonni hedduunis sababa Laaptooppin ulfaatinaa guddaa hin qabneefi fudhatanii iddoo tokko irraa iddoo biraatti sochoosun waan danda'amuuf ni filatu.

Laaptooppiiwwan asii gadii dhimmoota garaa garaatif itti faayyadamuu ni dandeessu. Fakkeenyaf; Warra hojii dagaagsaa (Developer), Warra hojii saxaxaa (Design) fi Warra Tapha (Game) taphachuu irratti bobba'anif ni faayyada.

Dhimma Laptop kanneen waliin wal qabatu hunda hubachuuf.. https://oromiasamsung.com/laptop-filatamoo-6-kan-bara-2021/
Bilbila siif bilbalamu osoo harkaan hin tuqin kaasuf sababootni si barbaachisan hedduun jiraachuu danda'u. Fakkeenyaf; Yeroo harki kee lameen hojii qabee jiru, Yeroo konkolaataa ykn saayikila oofaa jirtu, yeroo Tapha taphachuuf 'Playstation Hand' harkaan qabattee jirtu fi Kkf.. Sababa fedhe haa tahuu yeroon Ati osoo Mobaayila hin tuqin bilbila bilbilamaa jiru itti kaasuu barbaaddu jiraachuu danda'a.

Fkn; Ati baay'ee Busy taate yoo jenne, yeroo sanatti bilbilli siif bilbilame haa jennuu. Bilbilli bilbilamaa jiru sakandii muraasa keessatti ofumaan kaafama. kan Nama gammachiisu immoo ofumaaf 'Loud Speaker' siif taha. yeroo kana Ati bilbila kee irraa Meetira muraasa fagaatte taanan Nama bilbile sanaan wal dhagayaa haasayuu dandeessa.

Kuni akkamitti ta'a? Liinkii kana tuquun guutuu hubadhaa. https://oromiasamsung.com/bilbila-siif-bilbilamu-osoo-harkaan-hin-tuqin-kaasuf/
🔔 Chaanaala @Oromosamsung kana irratti wantoota bu'aa qaban qofatu maxxansama! promotion, beeksisa seeran alaa, gowwoomsaafi burjaajjii irraa bilisa. waa'ee Technology irratti beekumsa dabalataa argachuuf nu faana bu'i, Chaanaala kana PIN godhadhu, Teessoo kee qabadhu, Nagayaan taa'ii baradhu. Guyyaa si faayyadu qaba.. stay here!!

➙ Gorsaa fi Leenjii waa'ee Technology irraa
➙ Barnoota Bilbila Amayyaa, Kompiitaraa fi Laptopi
➙ iccitiilee interniitaa fi Gaaffii gaafatamuuf Deebii
➙ Hojiilee online irratti hojjataman fi kan biroo

Kaayyon keenya: Maxxansa Technology Afaan saba bal'aatin raabsudha!! Ati maxxansa keenya dubbisuun Nuti fuul-duratti akka tarkaanfannu nu taasisa. Fooyyofnee akka argamnuuf dubbisuu qofaan nu gargaari!!

Our legal site
www.oromiasamsung.com/
2024/06/30 19:07:47
Back to Top
HTML Embed Code: