Telegram Web Link
#Sirna_Eebba_Kitaabaa
           (#Xiyya)
Barreessaan: Dachaasaa Ga'eeraa

Kitaabni kun, Waxabajjii 3, 2015 (Sanbata duraa) waaree booda sa'aa 7:00 irraa eegalee, Magaalaa Naqamtee, Faarmilaanditti eebbifamuuf jira. Sagantichi qophiilee garagaraan kuulamee nu eeguutti jira. Maarree, hirmaachuun kun nuuf mijatu hunduu affeeramnee jirra.     

Haa eebbifannu!🙏🏻

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!
Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
Weebsaayitii Waldaa Misooma Oromiyaa
Oromia Development Association official Website

https://wmoda.org.et/oda/?page_id=67
Kitaabni takkaa dubbisee natti tole, yeroon irra deebi'u immoo caalaatti natti tola. Bifa haaraanis waan addaa irraa argadha, irra baradhas! Kunoo amma "#Irbooricha" waliin lammata wal argannee jirra. 'Kitaabichi kitaaba addaati' jedhee hin quufu. Hin quufamus! 'Namni Afaan Oromoo dubbisuu danda'u hundi, osoo kitaaba kana of harkaan gahatee'n jedha.

Kitaaba ajaa'ibaa kanaafi barreessicha (Wabii Kabbadaa Barkeessaa ) walitti akka dubbiftan si affeereera. Affeeramaa!🙏🏻

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!
Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
#Yakka_Manneen_Raabsa_Kitaabaa

Kitaabni tokko dubbisaa isaa bira gahuuf, bu'aa ba'iifi sadarkaalee garagaraa keessa darba. Jalqaba irratti, barreessaan kitaaba qabatee hawaasatti bahuuf jedhu, haalaaan dhimbiibee qopheessa. Irra deddeebi'ee erga calalee booda, ni gulaalchisa. Haala kanaan gahumsa maxxanuu irra yoo gahe, gara mana maxxansaa galee maxxanfama. Sana booda, raabsaaf haalatu mijeeffama. Kunis, karaalee sagantaalee eebba kitaabaafi manneen raabsa kitaabaati, kan ta'u! Akkanaan raabsamee dubbisaa isaa dhaqqaba!

Kanarraa waan arginu, hojichi hojii nama tokkoo qofaa akka hin taanedha; hojii dabooti! Kun galma gahuuf: barreessaa, gulaalaa, mana maxxansaafi raabsaa gaarii barbaada. Barreessaan hojichi jaatanii dhalootaa ta'uu beekee, hojii qulqulliina qabu qabatee as bahuu akka dirqamaatti ilaaluu qaba; kan gulaalu xiyyeeffannoo guddaa itti kennuutu irraa eegama; manneen maxxansaas qulqullinaafi amanamummaan baasuutu irra jiraata. Kana booda, dalagaan hafu kan raabsitoota kitaabaati; isaan immoo, riqicha ta'anii kitaaba qophaa'e kana dubbisaatiin gahu. Hidhata kana keessaa tokko yoo hir'ate, hojichi hir'uu ta'ee argama.

Yeroo baay'ee, qeeqni qulqulliina dhabuu barreeffamaafi gulaala kitaabaan wal qabaatee, barreessitootaafi namoota quuqama Ogbarruu Oromoo qaban baay'een yeroo ka'u ni argina. Kun, waan ka'uufi qeeqamuu qabudhas! Mata duree ijoo barreessaan kamuu irratti xiyyeeffachuu qabu akka ta'e nan amana. Ta'us, kitaabni tokko haala qulqullina qabuun barraa'ee maxxanuu qofaan dalagicha fiixaan hin baasu. Waan hafu tokkotu jira. Kunis, waan armaan olitti kaasuuf yaale, dhimma raabsa kitaabaati. Kun immoo, gara mana raabsa kitaabotaatti akeeka. Ijoon dubbii keenya har'aas kanadha!

Anaaf manni kitaabaa mana biraarraa addadha. Eeyyeen, manni kitaabaa riqicha hojii hayyuufi dhaloota wal quunnamsiisudha. Kun kana ta'ee osoo jiruu, hojjettoonni mana raabsa kitaabaa tokko tokko kaayyoo ganamaa mana kitaabaa jijjiiranii jiru. Bakka hannaafi sobaas godhaniiru! Booda kanammoo, walirraa dhaalan ta'ee rabbi haa beekuutii, baay'eetu manca'ee argamaa jira. Haala wal fakkaatanis socho'uu eegalani. Jalqaba irratti, gaafa barreessaan tokko kitaaba beeksisuu eegalu dursanii keessaan isa dubbisu. Dubbisaan kitaaba nama kanaa akka haalaan iyyaafachaa jirus itti himu. Sanaan booda, kitaaba baay'isanii harkaa fuudhu. Gidduudhaan, barreessaan kitaabichaa haala kitaabnisaa itti jiru yeroo gaafatu, akka haalaan deemaa jiru itti himu. Boodarra  irra deebi'ee yeroo gaafatu garuu, dubbiin faallaa ta'a. Gurgurri kitaabichaa iddooma duraa sanarratti akka dhaabbate itti himu. Achumaan bilbila jalaa kaasuu dhiisu. Ergaa barreeffamaas (Text) hin deebisani. Turanii yoo deebisaniif immoo, akka hin gurguramne itti himu. Soba!

Dhumarra, barreessichi waan godhu dhabee manichuma kitaabaa yeroo deemu, kitaabni tokkoyyuu hin jiru; gurguramee dhumee jira. Yeroo kanallee sobichi ittuma fufa; nama biraarra akka jiru itti himu. Ammas yeroo biraatti beellamuufi. "Yeroo biraa deebi'ii koottu. Kitaabasaa walitti qabeen si eega, ni fudhatta. Yoo dhumatee jiraate immoo, qarshiisaa qopheesseen si eega" jedhuun.

Barreessichi akkuma jedhe sana godha. Gaafa jedhame yoo deebi'u ammammoo, guyyaa lama yookaan sadii booda akka dabarsuuf itti hima. Akkanaan lakk. herregaa (Account No.) illee irraa fuudha. Guyyicha garuu qarshiin galuuf hin jiru. Kan sanaan boodammoo yoo jiraate: bilbila jalaa cufachuu, text deebisuu dhiisuufi arraba haaraadha. Ta'ii kanaan booda, barreessaan itti deebi'ee gaafatu xiqqoodha. Itti dhiisee taa'a!


Kana hunda namarraa odeeffadheen miti, itti dhiyaadhee argeeni. Fakkeenyaaf:-Ana dhabalatee barreessitoota walitti dhiyaannu 10 gad hin taane, manni kitaabaa ammaaf maqaa osoo hin dhahiin darbu tokko akka olii kana godheera. Manneen raabsa kitaabotaa akkana godhan keessaa ijoon: Buraayyuu, Amboo, Adaamaafi Finfinneetti kan argamanidha. Yeroon tokko tokkoon maqaa dhahee saaxilu dhiyootti ni dhufa. Ammayyuu namummaa caalchifadheen yoo irra darbame malee, hamminniifi gochaan isaanii nama hin dhiisisu.
Nan yaadadha, waan hiriyaakoo tokkoon jedhame. Sababa kitabasaa yookaan qarshii kitaabichaa dhorkateef, irra deddeebi'ee akka kennuufiif gaafate. Boodarra manni kitaabaa tokko akkana jedhee deebii kennaafii; "Yeroo si ilaalan, situ kitaaba sana barreesse osoo hintaane, waan kitaabichi si barreesse fakkaatta. Atis barreessaa ofiin jettaa! Kanaan booda, akka text natti hin goone. Ta'uu baannaan...!"

Manni raabsa kitaabaa tokkommoo, cirumaa walitti qabatee fudhatee bade.  Eessa buuteen isaas hanga yoonaa hin beekamne. Dhokateema jiraachaa jira. Muu!

Isa dhugaati, kan isaanii dubbatamee hin dhumu. Baay'ees nama gaddisiisa! Osoo homa hin balleessiin arraba, jibbaafi saammii ofitti bitachuun nama dhukkubsa.

Kun hamma furmaata hin argannettis, meeluun Ogbarruu keenyaa akkuma itti fufetti. 'Waldaan Barreessitoota Oromoo waan danda'uun osoo dhimma kana cina dhaabbateen' jedha. Barreessitoonnis, yeroo kitaaba keessan mana raabsa kitaabaa galchitan, kana yaada keessaa hin dhabiinaa. Nama afaan laaffifatee sinitti dhiyaatu hunda hin amaniinaa. Ilaaluun gaaruma!

      Kanarra na haa gahu!

Yaada 'furmaata' ta'a jettan immoo waa jedhaa...

Yoon irraa goreera ta'e, na ofkolchaa!

#Yakka_Manneen_Raabsa_Kitaabaati

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!
     Abdiisaa Ejjetaati


@Orobook
#Sirna_Eebba_Kitaabaa
(#Kankoo_Anaaf:- Diinayaas Warquu Abeebeetiin)

Kitaabni kun Waxabajjii 4, 2015 (Dilbata boruu) sa'aa 6:00 irraa eegalee Burraayyuu, Hoteela Guuteetti kan eebbifamu ta'a. Irratti argamuun kan nuuf mijatu hundinuu affeeramnee jirra. Maarree, haa eebbifannu!

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!
     Abdiisaa Ejjetaati


@Orobook
Forwarded from Lalisaa Indiris
Seedaa

Seedaan adda. Barruu waldaa keenya madaaluufi Ogbarruu Afaan Oromoofillee galtee haaraa ta'u.

Barreessitoota gurguddoo (hangafoota) hirmaachiseera.
Forwarded from Galaa Sammuu
✍️
"Haalotatu akkan barreessu na taasisa. Ta'iiwwan, ayyaana aartii keessakoo jiru yoo naaf hin dammaksine hin barreessu. Sababnisaa osoo ayyaanni aartii naaf hin dhufin barreessuun of sobuudha. Aartiin ofumaaf nama filatti malee ofiif aartii hin filatani.

Fakkeenyaaf yeroon ijoollee ta'ee harmeekoo waliin xuwwaa maaramii bilillee qabadhee deemu, yeroo dubartoonni farsoo dhuganii haalli isaanii jijjiiramu ilaaleen, halkan ija qalbii kiyyaan suuraa kaasaa buleen ganama barreessa. Yoon barreessuu baadhe keessikoo nagaan argatu.

Yeroo hedduu wacaafi hokkora keessa taa'ullee isaan dagadhee nan barreessa. Iddoo calleensaan guutamen filadha. Bosona, ededa lageeniifi gaarreen waliin hidhata addaan qaba. Uumamni, mukni, laftiifi lagni firakoo dhiyoodha. Isaan waliin afaanan ittiin walii galu waanan qabu natti fakkaata.

Magaalaafi lafa wacaa baay'ee hin jaaladhu. Ta'us garuu iyyiifi hokkorri barreessuu nan dhorkani. Iyya gabaa walakkaas, bakka boo'ichaas taa'ee nan barreessa. Yeroo tokko tokko qalamaan qofa osoon taane qalbiinis taa'een qubee kuulladha.

Aartiin ayyaanaan nama filatti. Kennaas nama gaafatti. Amma osoon ka'ee akka Xilahuun nan sirba jedhee namni na gateetu deema. Tiyaatirri kiyya hedduun uummata keessaayi. Ijoollummaa kiyyarraa kaasee waanan argaa guddadhetu raaceta ogbarruu naaf ta'e.

Yeroo baay'ee nama waliin walii galuuf nan rakkadha. Nama bira taa'ee yaadaan yeroon badu, namni ni koora na se'a. Ani garuu waanan arge akkamiin akkan barreessutu sammuu keessa na naanna'a.

Namootatti beekkamtiifi qabeenyaaf waanan barreessu itti fakkaata. Beekkamtiifi qabeenyi waan tokko. Kennaa qabaniin dhugaa hubatan, uumama addunyaa dinqisiifachaa barreessuun, miixuu keessa ofii obbaafachuun waan biraati."

Looreet Tsaggaayee Gabramadin (Luuccoo Roobalee Qawweessaa Dabal)🥰

Odaa guddaa Afrikaa!

© Galataa Tsaggaa Naggasaa tiin.
Waggaa 74 booda!

Waaqayyo haalotas, bartee fi saayiinsii qorannoon mirkanaa'e ni jijjiira. Fedhus murtoosaa fiixaan baasuuf aduu ni dhaaba.

Biyya #Indii keessatti maanguddoon maqaan isaanii #Erramatti_Mangayamma jedhaman waggaa 74 booda abbaa warraashee waliin bara dheeraaf dhala dhabanii turan daa'ima lakkuu godhatan.

Rikeerdiin kana dura biyyuma sanatti maanguddoo waggaa waggaa 70, kan lakkuu godhataniin qabamee ture #Mangayamma tiin cabeera.

Seenaan kun qoosaaf utuu hintaane humna Waaqayyoo keessatti abdii godhatanii turuu nama barsiisa. Har'as gadameessa dhala dhabeef Waaqayyo jira.

#Hojii Waaqayyoo fi ogummaan ofii yoo walbira qabamu hanga samii fi lafaati!

Via Yeeyyis Birruu

@Orobook
Oduu: Badhaasni Haacaaluu Hundeessaa marsaa lammaffaa Wax 29 kan gaggeeffamuu ta'uu ibsame

Badhaasni Haacaaluu Hundeessa marsaa lammaffaa bakka kaadhimamtoonni fi keessummoonni argamanitti Waxabajjii 29, 2023 magaala Finfinnee hoteela Skaaylaaytiitti kan gaggeefamu ta’uu koreen badhaasichaa beeksise.

Kaayyoon Badhaasni Haacaaluu Hundeessaa artistootaa fi namoota ogummaa aartii keessa jiran dorgomsisee badhaasuun artistoota lafaa dhufan jajjabeessuu fi beekamtii kennuu ta’uu korichi ibseera.

Badhaasni kuni bara darbe qabiyyeewwan gosa 10 artistoota dorgomsiisee badhaasee kan ture yoo ta’u bara kana immoo weelistoota, barressitootaa, shubbistootaa fi ogeeyyii warraabbii fi gulaallii suur-sagalee dabalatee qabiyyeewwan 12 moo’attoota badhaasuuf qophaa’ee kan jiru ta’u korichi dabalee addeesseera.

Dorgommii kanarratti kan hirmaatan weellistootaa ol dhufaa jiranii fi namoota ogummaa kana duuba jiraniidha. Ulaagaalee kaa’aman keessaa albamni dorgommichaaf dhiyaatu kamiyyuu weelluuwwan shanii fi sanaa ol walumaagalatti dheerina daqiiqaa 30 qabu ta’uu qaba jedhame.

https://oromoo.addisstandard.com/oduu-badhaasni-haacaaluu-hundeessaa-marsaa-lammaffaa-wax-29-gaggeeffamuufi/
10 lessons from the book "The Science of Getting Rich" by Wallace D. Wattles:

    1. There is a science to getting rich. It is not just about luck or hard work. There are specific principles that can be followed to achieve financial success.

    2. Your thoughts create your reality. What you think about most will eventually manifest in your life. If you want to be rich, you must think thoughts of wealth and abundance.

    3. You must have a clear and definite purpose. What do you want to achieve with your wealth? Once you know what you want, you can begin to take steps to make it happen.

    4. You must believe that you can be rich. If you don't believe it's possible, it will never happen. Believe in yourself and your ability to achieve your goals.

    5. You must take action. Thinking about being rich won't make you rich. You must take action and take steps towards your goals.

    6. You must be willing to work for it. There is no such thing as a get-rich-quick scheme. You must be willing to put in the hard work and effort to achieve your goals.

    7. You must be persistent. There will be setbacks and challenges along the way, but you must not give up. Keep going and never give up on your dreams.

    8. You must be grateful. When you are grateful for what you have, you open yourself up to receiving more. Be thankful for the small things in your life, as well as the big things.

    9. You must help others. When you help others, you are also helping yourself. The more you give, the more you will receive.

    10. You must be patient. It takes time to build wealth. Don't expect to get rich overnight. Be patient and consistent, and you will eventually achieve your goals.

These are just a few of the lessons that can be learned from the book "The Science of Getting Rich." If you are serious about achieving financial success, I encourage you to read the book and put its principles into practice.


Thank you for reading!🙏🏻
And the whole book is here👇


@Orobook
#Hubannaan_Fala
Kitaabni tokkommoo; "Yoo qajeelfamoota kitaaba kana keessatti kennaman, guutummaa guutuutti hojiirra hin oolchitu ta'e, hin dubbisiin. Nama biraaf kenni yookaan bakka bittetti geessiitii qarshiisaa deeffadhu!" jedha, seensa irratti. Silaa osoo ani hin dubbisiin akkana jedhaatii, osoo hin dubbisiinimmoo akkamiin qajeelfamoota inni jedhu kana beekuu danda'a? Yooman dubbisee fixeyyuummoo, akkamiinan guutuutti hojiirra oolchaa? Kanan keessaa fudhadhuufi hin fudhanne ni jira. Yaadni ani qeeqee darbus ni jiraata. Akkana taanaan, akkamiiniree!

'Kana mannaa' jedheen hiriyaakoo tokkoof kennuuf jedhe. Yeroon geessuufii, "Dubbiftee?" naan jedhe. 'Lakki'n jedheeni. Maaf kolfee dhiisaree! "Waan hin dubbifne akkamiin na affeertaree?" naan jedhe,  kokkolfaama. Xiqqo akka natti dhagamuu tokkos ta'e. Boodarra, waan na mudaten itti hime. Amma akka duraa sana kokkolfaa miti, fuula isaa akka gudunfuu tokko ta'eetu; "Yoo lola kiyya hin barbaaddu ta'e narraa fuudhii deemi!" naan jedhe.

Dhuguma isaatis! Waan ofii hin argine akkaminan nama affeera! Kun dogoggorakooti. Kanaafuu, jalqaba ofii dubbisee ilaaluu akkan qabun murteesse. Yeroo dubbisu kana garuu, 'guutummaatti fudhadhu' isa jedhu kana akka dirqamaatti ilaaluu hin qabu. Murtoon dhumaa kana naaf ta'e.

︎Dubbii qoosaa fakkaatu kana keessaan, ergaan qaba! Yeroo kitaaba tokko dubbifnu, guutummaatti kitaabicha ta'uuf yaaluu haa dhiifnu. Hubannaan dubbisuun gahaadha. Hubannaan dubbisuu keessa: beekumsa, ogummaafi kalaqatu jira, argamas! Kunimmoo, dubbisanii darbuu yookaan fudhachuu qofaan galma hin gahu.

Akkanuma, yeroo dubbifnu qeequun gaariidha. Kana keessaa waan namaa liqimfamuufi hin liqimfamne adda baafnee fudhanna. Malee, waanuma jedhame hunda akka jedhametti fudhachuun faayidaa isaarra miidhaa isaatu caala. Fakkeenyaaf:-kitaabni tokko yookaan namni haasahaa nama oonnachiisu gochaa jiru tokko; "Waan hundumaa ni dandeessa; ka'i!" yoo naan jedhe, waan ani dursee beekuu qabu tokko ni jira. Kunis, waan hundumaa sana keessaa waan muraasa ani irratti xiyyeeffachuu qabudha. Muraasa sana keessaammoo, kanan amma eegaluu qabu adda baafachuun qaba. Kana qofaanis hin dhaabbatu, waanan adda baafadhe sana fiixaan baasuuf haal-dureewwan na barbaachisan qopheeffachuutu narra jiraata. Kana kan dursu!

Asirratti kan hubachuu qabnu, kitaabni yookaan namichi "Waan hedduu gochuu ni  dandeessa" jedhe dogoggora qaba jechaa hin jirru. Yoo balleessaan jiraate nu bira ta'a. Kunis, yeroo nuun jedhamu yookaan dubbifnu kana, "Waan hunduma keessaa malan filachuu qaba?...Waanan filadhe keessaammoo kan dursuu qabu kami?....Kanan amma qabadhe kana fiixaan baasuuf immoo, haal-dureewwan na barbaachisan maal fa'i?" jennee gaafachuu qabna. Kana keessattis, qaamni jalqaba gaafatamuu qabu matuma keenya.

Gabaabumatti, yeroo kitaaba dubbifnu yookaan gorfannu: gaafachuu, xiinxaluufi qeeqa nutti dhagahamu kaasuu qabna. Kana keessaan jijjiiramni sirriin dhufa. Yoo hin taane garuu, nama biraa taanee hafna. Namni biraan kunimmoo barreessaa kitaabichaa, nama nu gorse sana yookan oonnachiisaa ta'uu mala. Kunimmoo, eenyummaa adda hirame nutti gata. Akkanaan, abbuma fedhetu akkaafi gara barbaadetti nu oofaa oola. Kanaaf falli hubachuudha! Eeyyeen, hubachuun fala!


        #Hubannaan_fala!

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!
        Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
#Torban_Hacee....!

Haqakeef deebii dhabus
Sabni siif iyyee wacee
Takkumaa sin daganne
Nukeessa jirta Hacee....

Kichuutti si kutanis
Jaarraaf tura bu’aankee
Maqaankee boollaa oli
Jiraa caala du’aankee

Qaalii ilma marartoo
Gooticha onneen tulluu
Maqaakee osoo-n kaasin
Takkumaa oollee-n bullu

Sitoo gootummaan ka’ee
Wal-tajjiirraa geeraree
Firatti onnee horee
Gola diinaa weeraree...

Girdoo gabrummaa jaarraa
Dhaloota kanaaf saaqee
Sitoo diina qaanessee
Shira-shee waliin laaqee

Akkamiin dagatamtaa?
Sin dagannu tasumaa
Ekeraan awwaalamtus
Maqaan kankee asumaa

Ofiif xiqqoo jiraattus
Dirra lafaa kanarra
Ba’aa guddaa salphifte
Ishee; isaaf anarraa

Seenaa ormaan dhokate
Soqxee golaa baafteetta
Oromoof orumummaa
Bakka kufee kaafteetta

Irbuu gootota kalee
Hin sharafne; baatteeta
Galfata galmaan ga’uuf
Lubbuu kankee laatteetta

Ati ija keenya duraa
Nu hin baddu libsuufuu
Jechatu nu hanqata
Oolmaa kankee ibsuufuu

Gungummii garaa keenyaa
Fuularraa nu hubattee
Haqa keenyaaf of laattee
Rasaasaan nuuf gubatte..

Osooti hin dhalannee~Faffacaanee dhumneerra
Haamtuu diinaan haamamnee
Afaan guunnee hin dubbannu~Injifannoo Aduwaaf
Farda Siidaa saamamne

Dungoo qabsoo Oromoo
Tirikaan keenya suma
Sit dhaloota barsiise
Lagannaa mana gumaa

Didaa harqoota alagaa
Oomishteetta dhaloota
Furtuu rakkina sabaa
Nuuf keesseetta maloota

Hojiin kee mirgisaadha
Baraanuu kan hin guune
Gootni seenaan jiraata
Hacee ati hin duune

Oolmaa keetu addadha
Yoomuu-n badu nu keessaa
Gootummaa qixa-n qabneen
Onnee gubbaa nu teessa

Siidaa yoomuu hin jigne
Maqaa keetiin dhaabdeetta
Dhalootatu si faarsa
Galmee gootaa yaabdeetta

Qaalii afaan tokkichaan
Sabni bal’aan galatu
Leenci akka kee silas
Hin dhalanne; hin dhalatu!

Gootummaakee leellifna
Seenaa keetiin dhaadanna
Waggaaf torbaniin miti
Guyyaarraa si yaadanna!

✍️.... Riyaad Raayyaa

@Orobook
Forwarded from Dr. Abdisa Ejeta Official Channel (Abdisa Ejeta)
Gootaaf Yaadannoo Malee Boo'ichi Hin Maluuf!

Kan seenaa hojjetes ta'e seenaarratti hojjete, seenaan inuma yaadata. Garaagarummaan jiru garuu, akkamitti akka yaadatudha. Kan dhugaaf jiraatee dhugaaf wareegameen, "Namicha dhugaaf dabarsee of kenne, kan faallaa kanaammmoo kan dhugaa dabarsee kenne," jedhee qabata seenaan. Tokko garaasaaf jiraate, inni biraan immoo dhalootaaf rakkoofi gidiraa hamma gaaraa gahu baate. Faallaa! Akkuma akki jireenya jarreen kanaa adda ture, bakki seenaan isaaniif kennus gargari. Seenaan hinsobu, hinfakkeessu. Kanaafi kan bakkiifi akkisaa gargar ta'eef.

Jiraachuun, seenaa waliin hidhata walirraa adda hin baane qaba. Dhaloonni seenaa qoratuufi sakatta'u maaliif akka jiraatu beekuufi du'u ni beeka. Dhaloota akkanaatus "Jirra!" jedhee jiraachuusaa, "Hin jirru!" jedhees quuqamasaa ibsachuufi himachuu danda'a. Nutis egaa, akkuma Haceen "Jirtuu?" jechaa jiraa jiraattootaa olkaasaa ture sana, isa yaadachuun "Jirra" jennaan. Kan jirutu goota yoomuu jiraatu yaadata mitiiree? Eeyyeen! Kan jiru kaleessaan har'a jiraata, har'aan immoo kaleessa yaadata; yaadatees yaadachaa jiraata, dhalootaafis yaadannoo hiikaafi seenaa qabu olkaafnudha. Bakka jirrutti goota keenya ni yaadanna. Yeroo tokko lama qofas osoo hintaane, hamma yaadachuu dandeenyu hundaani.

Yeroo yaadannoo kanas egaa, yaadannooma malee boo'icha qabannee miti. Boo'ichi gootaaf hinmalu waan ta'eefi. Boo'ichi dirqama yoo ta'eemmoo waaniifi warreen boonyuuf danuu qabna. Gootaaf garuu boo'ichi hinta'u,....hin malus! Du'a gootaa du'uun carroomuudha! Yeroo hedduun jiraatti du'u kana keessatti, du'anii waanin yaadataman qabachuun salphaa miti. Kanaafi kan yaadannoon warreen du'aanii jiraachaa jiraniif, boo'ichimmoo warreen jiraatti du'aniif kan malu. Kanaafuu, guyyaan kun guyyaa itti Hacaaluuf boonyu osoo hintaane, guyyaa itti isa yaadannuufi yaadachuu keenyas jechaafi gochaan olkaafnudha.

Bakkaafi haala jirru hundumaa keessa teenyee goota keenya Artistii Hacaaluu Hundeessaa yaadachuun kan inni hiika guutuu qabaatu, yoo kaayyoo wareegamuusaa beeknee argamne, Hacaaluu lubbuun jiru yoo taane, ilmaaniifi maatiisaa cinaa yoo dhibamuu baanne, Hacaaluu duubaan dhufaa jiran yoo harka qabne, gootota lubbuun jiran yoo harkarra qabanne, sagaleesaa keessaan sagaleen Eebbisaa Addunyaa, Daadhii Galaan, Usmaayuu Muusaa....fi kanneen biroo haqa Oromoof sagalee ta'anii yoo nutti dhagahame, yoo gootummaan Abdiisaa Aagaa, Jeneraal Taaddasaa Birruu, Waaqoo Guutuu, Jaarraa Abbaa Gadaa, Wareegamtoota Shinniggaa...fi gootota biyya Oromoof biyyoo ta'anii hunda sagaleesaa kiilolee kana keessaan nutti dhagahamedha. Eeyyeen, yoo kunneeniifi kan kana fakkaatan nurraa calaqqisan yaadannoo dhugaafi hiika qabeessa qabaanna. Yoos, gootni dhugaa dhugaadhaan yaadatama. Ta'us qaba!

Gootni waan isarraa eegamu dalagee darbee, imaanaa dhalootatti laata; dhaloonni seenaa beekummoo imaanaa dhugaadhaan galma gaha. Dhugaadhaan, imaanaa galmaan haageenyu!

Yoomuu si yaadanna Haceekoo! Boollakees daadhiin haa guutu!


Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii
Waxabajjii 29, 2022
Adaree Biyyoo

@Orobook
2024/09/25 01:38:02
Back to Top
HTML Embed Code: